Books
Books
قاموس الجمل المتكررة في المحتوى
Suuraa Faatihaa Suuraa baqaraa Suuraa Aali imraan Suuraa Annisaa'a Suuraa Al-Maa'idaa Suuraa Al-an'aam
المختصر المفيد للمسلم الجديد
Gabaabfamaa bu'a qabeessa Muslima haaraaf Qopheessaan Muhammad A-shihrii 2020 - 1441 Maqaa Rabbii rahmata godhaa mararfataa taheetiin. Duree
صفة الوضوء والصلاة (مرئي)
Akkamittin Wuduu'a Godhadha? M sagalee 1 sagalee Azaanaa 2
يومي الأول في الإسلام
Guyyaa kiyya jalqabaa islaamummaa keessatti Maqaa Rabbii Rahmata godhaa akkaan mararfataa ta'eenin eegala. Seensa Faarun kan Rabbii nabiyyi Isaa muhammadiin (rahmanni Rabbii fi nageenyi isaa isaanirratti haa jiraatu) rahmata aalamaatiif ergeeti, Rabbii tokkicha malee haqaan gabbaramaan akka hin jirre ragaan ba'a, Inni shariika hin qabu, gooftaa warroota jalqabaatii fi warroota boodaa kan tahe, ammas Muhammad gabricha Rabbii fii ergamaa Isaa tahuu ragaan ba'a, iini xumuraa nabiyyootaafi ergamtootati, Rabbiin rahmataa fi nageenya hedduu hanga guyyaa qiyaamaatti isaan irrati haa buusu, booda…
من خلقني؟ ولماذا؟
Eenyutu na uume? Maaliif? Wanti hundi Uumaan jiraachuu agarsiisa Samii, Dachii fi uumamtoota gurguddoo isaanin marsuun hin dandayamne irraa wantoota isaan keessa jiran eenyuutu uume? Sirna ogummaa cimaa bal'aa ta'e kan Samii fi Dachii keessa jiru kana eenyutu hojjete? Eenyutu ilma namaa uumee gurra, ijaa fi sammuu isaaf kennee beekumsa horatee akka haqa irra gahu danda'aa isa taasise eenyu? Hojii sirrii dhokataa meeshaalee qaama keeti fi qaamolee uumamtoota lubbu qabeeyyii ta'an keessa jiru kana mee akkamitti ibsita? Eenyutu isii uume? Uumamni guddaan kun seera waggoota irraa waggootatti…
الإسلام دين رسل الله
Islaamni amantii Ergamtoota Rabbiiti. Islaamummaa jechuun Rabbii uumama uumeefi isa bulchuuf ajajamuudha, akkasumas jaalalaafii kabajaan Isa tole jechuudha. Bu'urri islaamaa Rabbitti amanuu fi Inni uumaa akka ta'ee fi wanni biroo uumama akka ta'e amanuudha, akkasumas Inni kophaa Isaa osoo hiriyaa hin qabaanne gabbartii akka haqa godhatuu fi Isa malee dhugaan gabbaramaan akka hin jirre amanuudha, Isaaf maqaalee gaggaariifii sifaata olaantuu taatetu jira, Isaaf guutamiinsa daangaa hin qabne kan hir'inni itti hin dhaqqabneetu jira. Inni hin dhalle hin dhalannes, wanni tokkolleen fakkaataa Isaaf…
الإسلام دين رب العالمين
Maqaa Rabbii Rahmata godhaa akkaan mararfataa ta'een. Islaamummaan Amantii Rabbii Aalamaati Rabbiin kee Eenyu? uumama kana keessatti kun gaaffii irra guddaadha; gaaffii irra yaachisaa, deebii isaa baruun, ilma namaa irratti dirqama ta'eeti. Rabbiin keenya isatu samii fi dachii uumee, samiidhaa bishaan buusee, nu'ii fi lubbu qabeeyyii isa sooratuuf nyaata akka ta'uuf jecha, fireewwanii fi mukkeewwan ittiin baase. Inni isaa nu uume, abbootii keenyaa illee uume, waan hundaa uume. Inni galgala fi guyyaa uumee; galgala yeroo rafuu fi boqonnaa taasise, guyyaa immoo yeroo soorataa fi jireenyaaf…
مقدمة وغلاف المنتقى من موسوعة الأحاديث النبوية
Maqaa Rabbii Akkaan Mararfataa Akkaan Rahmata Godhaa Ta’eetiin. Duree Galanni Rabbii mootii Aalamaatiif haa galu. Nagayaaf rahmanni Rabbii nabiyyii keenya muhammad irratti haa bu'u, akkasumas firaafii saahibban isaanii hunda irratti haa bu'u, warra hanga Qiyaamaatti qajeellorratti isaan hordofe hunda irrattis haa bu'u. Itti aansuudhaan: Irra caalaan waan muslimni itti jabaatuu qabuu, dubbisuu, xiinxaluu, barachuu fi itti hojjachuu keessatti, -Eega Qur'aana Rabbiitii- Sunnaa Ergamaa Rabbiiti Nagayaa fi Rahmanni Rabbii isaanirratti haa jiraatu. Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu-…
Akkaataa Salaata Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu.
Kitaabni Akkaataa salaata Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- jedhu kitaaba Kabajamoon Sheykh Abdul-Aziiz bin Baaz -Rabbiin rahmata isaaf haa godhu- akkaataa salaata Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkaataa salphaa fi karaa sirrii ta'een, keeyyattoota sirrii irratti hundaa'uun gabaabsanii kaa'anidha, Muslimaaf salaata isaa keessatti qajeelfama akka ta'uuf jecha, ruknii salaataa fi akkaataa salaataa wuduu'a irraa hanga salaamataatti isa keessatti ibseera, ragaa fi ibsa walitti makuun, irra guddaa ibaadaa keessatti Nabiyyitti -Rabbiin…
Naamusaalee imalaa fi seerota isaa:
Faaruun kan Rabbii Gooftaa Aalamaati, nagaa fi Rahmanni Nabiyyii keenya Muhammad irratti haa jiraatu, akkasumas maatii fi sahaabota isaanii hunda irratti haa jiraatu. Itti aansuudhaan: Kun ergaa gabaabaa naamusaalee imalaa fi seerota isaa keessatti qophaa'eedha, Ergaa kana keessatti irra guddaa waan nama imala irra jiru barbaachisuu ibsuuf yaallee jirra. hojii qulqulluu isaaf jedhamee hojjatame akka taasisuu fi Muslimoota hunda akka ittiin fayyadu Rabbiin qofa kadhanna. Inni jalqabaa: Naamusaalee imalaati:
Ibsa Gabaabaa Akkaataa fi Seerota Umraa
Faaruun kan Rabbii Gooftaa Aalamaati, nagaa fi Rahmanni Nabiyyii keenya Muhammad irratti haa jiraatu, akkasumas maatii fi sahaabota isaanii hunda irratti haa jiraatu. Itti aansuudhaan: Kun ergaa gabaabaa ibsa akkaataa umraa, murtii fi naamusa isaa irratti ta’e dha. Irra caalaa waan namni tokko sirna Umraa ittiin raawwatu ibsuuf yaalii goonee jirra. Rabbiin hojii kana qulqulluu isaaf jedhee dalagame akka godhuu fi Muslimoota hunda akka isaan fayyadu kadhanna.
Cuunfaa akkaataa Hajjii itti raawwatanii
Faaruun hundi kan Allaaha gooftaa Aalama hundaati, rahmataa fi nageenyi Nabiyyii keenya Muhammad irratti haa jiraatu, akkasumas firoota fi sahaabota isaanii hunda irratti haa jiraatu. Itti aansuudhaan: Kun ergaa gabaabaa akkaataa Hajjii itti raawwatan ibsuudha, ergaa kana keessatti irra baay'ee waan namicha Hajjii raawwatu barbaachiisuu ibsuuf yaallee jirra. Rabbiin hojii qulqulluu isaaf jedhamee hojjatame akka isa taasisuu fi Muslimoota hunda akka isaan fayyadu isa kadhanna. Seensa
Ergaa gaggabaabaa lama Zakaa fi Sooma ilaalchisee
Kitaabni kun dirqama Zakaatiifi Soomaa ibsa. Akkasumas seeraafi faayidaalee isaan lamaanii addeessa. Haqa Rabbiin gabroota isaa irraa qabus ni yaadachiisa. Akkasumas ibsa seera Zakaa, gosoota qabeenya zakaan irraa ba'uu, sadarkaa Ramadaanaa, seera Soomaa fi naamusaalee isaa of keessatti hammateera. Kun hundinuu akkaataa beekumsaa kan bu’uura sharii’aa fi qajeelfama tarbiyaa walitti qabateeni.
Ani Muslima
Barruun kun isalaamummaan maal akka ta'e, Muslimni eenyu akk ata'ee fi akkamitti Muslima Dhugaa taata isa jedhu ibsa, Akkasumas bareedina Islaamummaa ibsuu, garii Adabootaa gaggaarii fi Amaloota ol aanoo ta'an, sadarkaa dubartootaa, haqa firaa, ollaa fi hawaasaa of keessatti qabateera, Akkasumas Islaamummaan waan gaggaarii jedhame hundatti akka waamee fi waan gadhee irraa malee akka hin dhoorgines ni ibsa.
Ergamaa Islaamaa Muhammad -Rabbbiin Rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu
Kitaabni "Ergamaa Islaamaa Muhammad Rabbiin Rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu" jedhu seenaa Nabi Muhammad -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hidda dhalootaa fi guddina isaanii irraa kaasee hanga gaa'ela isaanii barakaa ta'eetti, akkasuma jalqaba wahyii fi jalqabbii ergaa isaanii isa dhumaa ga'uutti irraa dubbata. Akkasumas mallattoolee nabiyyummaa isaanii fi ragaalee dhugummaa isaaniis ni ibsa, akkasuma shari’aa isaan fidanii fi gahee inni mirgaa fi kabajaa ilma namaa eeguu keessatti qabus ibsa bal'aa itti kenna. Akkuma ejjennoo mormitoota isaatii fi ragaalee…
Ofii kee gaafattee beektaa? Eenyutu si uume? Maaliif? Du'a booda maaltu jira?
Kitaabni kun gaaffii maaliif argamne jedhuu fi uumama irratti xiyyeeffata, ragaa sammuutiin Uumaan ogummaa fi guutummaa guutuu qabu jiraachuu isaa mirkaneessa, Akkasumas galmi jireenyaa Rabbiin qofa gabbaruu akka ta’ee fi Islaamummaan amantii dhugaa kan tiikfame ta’uu isaa ibsa, akkasuma Ergamaa Rabbii Muhammaditti amanuu fi barsiisa isaa hordofuutti waamicha taasisa, Shirkii irraas ni akeekkachiisa, Aakhirattis herregnii fi mindaan jiraachuu isaas ni mirkaneessa.