آداب السفر وأحكامه
Naamusaalee imalaa fi seerota isaa: Faaruun kan Rabbii Gooftaa Aalamaati, nagaa fi Rahmanni Nabiyyii keenya Muhammad irratti haa jiraatu, akkasumas maatii fi sahaabota isaanii hunda irratti haa jiraatu.
Naamusaalee imalaa fi seerota isaa: Faaruun kan Rabbii Gooftaa Aalamaati, nagaa fi Rahmanni Nabiyyii keenya Muhammad irratti haa jiraatu, akkasumas maatii fi sahaabota isaanii hunda irratti haa jiraatu.
Itti aansuudhaan:
Kun ergaa gabaabaa naamusaalee imalaa fi seerota isaa keessatti qophaa'eedha, Ergaa kana keessatti irra guddaa waan nama imala irra jiru barbaachisuu ibsuuf yaallee jirra.
hojii qulqulluu isaaf jedhamee hojjatame akka taasisuu fi Muslimoota hunda akka ittiin fayyadu Rabbiin qofa kadhanna.
Koree Barnootaa Waldaa Tajaajila Barnoota Islaamaa Afaanota garaagaraatin
Inni jalqabaa: Naamusaalee imalaati:
Nama Hajjiif yookaan gabbartiiwwan birootif imala ba'uuf wantoota armaan gadii kana irratti xiyyyeeffachuun barbaachisaadha:
Yeroo imalaa, yaabbii, waahelaa fi karaan baay’ee yoo ta'e karaa bakka barbaadu ittiin gayu keessatti Rabbii ol ta'e irraa filannoo barbaaduudha qaba, akkasumas kana ilaalchisee namoota muuxannoo fi gaarummaa qaban mariisisuudha qaba, Hajjii fi Umraan immoo, toltuu ta’uun isaanii shakkii hin qabu, Akkaataan istikhaaraa(filannoo itti barbaadan) raka’aa lama salaatanii ergasii waan Nabiyyii irraa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhufeen kadhachuudha.
Nama Hajjii fi umraa raawwatu irratti hajjii fi umraa isaatiin fuula Rabbii ol ta'ee fi isatti dhihaachuu barbaaduun dirqama ta'a, akkasumas bu’aa adduunyaa ykn dhaaddannaa, ykn maqaa horachuu ykn na argii fi na dhagayii yaaduu irraa of eeggachuun isarratti dirqama ta'a; Sababni isaas sun hojiin baduu fi fudhatama dhabuu isaa keessatti waan sababaa ta'uuf jecha. Rabbiin ol ta'e akkana jedhe: ﴾Jedhi: “Ani namuma akka keessaniiti, kan haqaan gabbaramaan keessan gabbaramaa tokkicha qofa ta’uu wahyiin gara kiyyatti godhamuudha. Kanaaf namni Gooftaa isaatiin wal ga’uu kajeelu dalagaa gaarii haa hojjatu; Gooftaa isaa gabbaruu keessattis tokkollee hin qindeessin"﴿. [Suuraa Al-Kahf: 110]. Akkasuma Hadiisa Al-Qudsiyyii keessatti: (Ani shirkii irraa irra dureessa (sooressa) shariikotaati, namni hojii tokko hojjatee isa keessatti ana waliin waan biraa qindeesse, ani isaa fi shirkii isaas dhiiseera) [1]. [1] Muslimtu lakkoofsa (2985) irratti gabaase.
3. Nama Hajjii raawwatuu fi Nama Umraa raawwatu irratti seerota Umraa fi Hajjii, akkasumas osoo hin imalle duratti seerota imalaa barachuun dirqama ta'a; Dirqama akka hin dhiifneef jecha, yookaan waan haraama ta'e keessa akka hin galleef jecha. Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedhan: «Rabbiin nama toltuu isaaf fedhe hubannaa amantii isaaf kenna» [2]. [2] Bukhaariin lakkoofsa (3116) irratti, Muslim immoo lakkoofsa (100) irratti gabaase.
4. Namni Hajjii ykn Umraa raawwatu Hajjii fi Umraa isaaf qarshii halaal filachuudha qaba; Sababni isaas Rabbiin gaarii waan gaarii malee hin qeeballe waan ta'eef jecha, akkasumas horiin haraam sababaa du'aa'iin qeebaltii dhabuu waan ta'eef jecha.
5. Badiilee fi yakkoota hunda irraa toobachuudha, yoo namoota kan miidhe ta'e, kabajaa isaanii tuquu ta'us yookaan qabeenya isaanii balleessuu ta'us, yookaan waan birootiinis ta'u haqa isaanii isaanif deebisee irraa bilisa ta'uudha qaba.
6. Nama imala ba'uu barbaaduuf dhaamsa isaa, akkasumas waan nama biraa qabuu fi waan namni isa biraa qabu barreessuun jaallatamaadha; Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedhan: «Namni muslimaa tokko osoo waan dhaammachuu barbaadu qabuu wanti inni dhaammachuu barbaadu sun barreeffamee yoo ta'e malee halkan lama buluun haqa isaaf hin ta'u» [3]. Dhaamsa sana irratti rageessuu qaba, liqiis of irraa kaffalu qaba, akkasumas amaanaa isa bira jiru gara warra isaatti deebisu qaba, yookaan amaanaan sun isa bira turuu yoo barbaade isaan hayyamsiisuu qaba. [3] Bukhaariin lakkoofsa (2738) irratti, Muslim immoo lakkoofsa (1627) irratti gabaase.
7. Nama imala ba'uuf waahela gaarii filachuu keessatti tattaafachuu fi waahelichi ammoo barattoota beekumsa shari'aa irraa akka ta'u bololuun jaallatamadha; Kun sababaa milkaa'ina isaati fi imala isaa hajjii fi umraa keessatti sababaa dogongora keessa bu'uu dhabuu isaa waan ta'eef jecha; Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waan akkana jedhaniif jecha: «Namtichi amantii hiriyaa isaa irratti ta'a, tokkoon keessan nama hiriyaa taasifatu haa ilaalu» [4]. Akkasumas jecha isaanitiif jecha, Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu: «Mu'uminatti malee nama biraatti hin waahiloomin, nyaata keetis nama Rabbiin sodaatu malee namni biraa hin nyaatin» [5]. [4] Abuu Daawuudiitu lakkoofsa (4833) irratti gabaase. [5] Abuu Daawuud, lakkoofsa (4832) irratti, Tirmiiziin immoo lakkoofsa (2395) irratti gabaase.
8. Nama imala ba'uuf maatii isaa, firoota isaa, olloota isaa fi hiriyoota isaatti dhaammachuun ni jaallatama, Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedhan: «Namni imala ba'uu barbaade nama of boodatti hanbisee deemuun akkana haa jedhuu: Astowdi'ukumullaahallazii Laa Yudii'u Wadaa'iah» jechuunis: Rabbii Amaanaa isa bira ka'ame hin balleessinettin amaanaa isin kenna, jechuudha [6]. Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Sahaabota isaanii keessaa namni tokko imala ba'uu yeroo barbaade akkana jechuun itti dhaammatan ture: «Astowdi'ullaaha Diinaka Wa Amaanataka Wa Khawaatiima Amalik» jechuunis: Amantii kee, Amaanaa keeti fi booddee hojii keetii Rabbittin amaanaa kenna, jechuudha [7]. Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- imaltoota irraa nama dhaamsa isaan irraa barbaadeen akkana jedhu ture: «Zawwadaka Allaahu Al-Taqwaa, Wa Ghafara Zanbak, Wa Yassara Lakal khayra Haysu maa kunta», jechuunis: Rabbiin sodaa Isaa sinqii siif haa taasisu, badii kee siif haa dhiisu, bakka deemtu hundatti khayrii siif haa laaffisu, jechuudha [8]. Namichi imala ba'uu barbaadu wahii gara Nabiyyitti dhufuun-Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Yaa Ergamaa Rabbii naaf dhaamaa jedhe, isaanis akkana jedhaniin: «Sodaa Rabbii fi yeroo gaara irratti ol baate hunda "Allaahu Akbar" akka jettun siif dhaama», yeroo inni deemetti akkana jechuun du'aa'ii godhaniif: «Yaa Rabbi lafa isaaf mari, imalas salphisiif» [9]. [6] Xabraaniitu, lakkoofs (823) irratti gabaase. [7] Ahmad immoo Musnada isaa keessatti, lakkoofsa (4524) irratti gabaase. [8] Tirmiiziin immoo, lakkoofsa (3444) irratti gabaase. [9] Ahmad immoo Musnada isaa keessatti, lakkoofsa (9724) irratti gabaase.
9. Imala keessatti bilbila(sibiila sagalee kilkil jedhu dhageessisu), meeshaalee muuziqaa fi saree waliin hin ba'u; Sababni isaas Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Hadiisa Abii Hureyraatiin keessatti -Rabbi irraa haa jaallatu- waan akkana jedhaniif jecha: «imaltoota saree fi bilbilli isaanii waliin jiru malaa'ikoonni waliin hin deemanu» [10]. [10] Muslimtu lakkoofsa (2113) irratti gabaase.
10. Yoo haadha manaa takkoo ol qabaate, ishee takkoo waliin imala ba'uu yeroo barbaade, gidduu isaanitti hixaa buusee tan hixaan ba'eef waliin imala ba'a; Sababni isaas Aa'ishaan -Rabbiin ishee irraa haa jaallatu- waan akkana jetteef jecha: «Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- yeroo imala ba'uu barbaadan haadhotii manaa isaanii gidduutti hixaa buusanii, isaan keessaa kan hixaan ba'eef waliin ba'u ture» [11]. [11] Bukhaariin lakkoofsa (2593) irratti, Muslim immoo lakkoofsa (2770) irratti gabaase.
11. Yoo isaaf laafe guyyaa Khamisaa jalqaba guyyaa irratti imala ba'uun isaaf ni jaallatama; Sababni isaas Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waan akkas hojjataniif jecha. Ka'ab bin Maalik -Rabbi isa irraa haa jaallatu- akkana jedhe: «Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Khamisa malee yeroo biraa imala ba'uun isaanii baay'ee muraasa ture» [12]. [12] Bukhaariitu lakkoofsa (2949) irratti gabaase.
12. Yeroo imalaa fi waan birootif manaa ba'utti du'aa'ii ba'iinsaatiin du'aa'ii godhachuun isaaf ni jaallatama, yeroo ba'iinsa isaa akkana jedha: «Bismillaah, Tawakkaltu Alallaahi, Walaa Hawla Walaa Quwwata Illaa Billaah, Allaahumma innii A'uuzu Bika an Adilla aw Udalla, aw Azilla aw Uzalla, aw Azlima aw Uzlama, aw Ajhala aw Yujhala alayya» [13]. [13] Abuu Daawuudiitu lakkoofsa (5094) irratti gabaase.
13. Yeroo yaabbii isaa, yookaan konkolaataa isaa, yookaan xayyaara, yookaan wantoota yaabbatan biroo yaabbatetti akkana jechuudhaan du'aa'ii imalaatiin du'aa'ii gochuun isaaf ni jaallatama: «Allaahu Akbar, Allaahu Akbar, Allaahu Akbar, eegasii akkana jedha: {Subhaanallazii Sakhara Lanaa Haazaa Wa maa Kunnaa Lahuu Muqriniin, Wa innaa Ilaa Rabbinaa Lamunqalibuun} [Zukhruf: 14]» [17] Allaahumma innaa nas'aluka fii safarinaa haazaa al-birra wattaqwaa, waminal amali maa tardaa, Allaahumma hawwin alaynaa assafara, waxwi annaa bu'udahuu, Allaahumma antassaahibu fissafari, wal khaliifatu fil ahli, Allaahumma innii A'uuzu bika min wa'asaa'issafari[14], waka'aabatil manziri[15, wasuu'il munqalabi[16] fil maali wal ahlI....» jiechuunis: Rabbiin waan hunda irra guddaadha, Rabbiin waan hunda irra guddaadha, Rabbiin waan hunda irra guddaadha, Inni kana nuuf laaffise qulqullaa’e; nuti isa danda’oo hin turre, Nuti gara Gooftaa keenyaa deebi’oodha, yaa Rabbi, imala keenya kana keessatti toltuu fi sodaa kee, akkasumas hojii irraa immoo waan ati jaallattu si kadhanna, yaa Rabbi imala kana nuuf laaffisi, fageenya isaas nurraa mari, yaa Rabbi situ waahela imalaati, maatii keessattis bakka bu'aadha, yaa Rabbi, rakkina imalaa, hammeenya haalaa fi akkasuma qabeenyaa fi maatiitti deebiin hammaachuu irraa sittin maganfadha, jechuudha [17]. (1) Wa'asaa'i Assafar jechuun: rakkina isaa jechuudha. Al-Ifsaah an Ma'aanii Assihaah (4/284). (2) Haalli hammaachuu fi gadda irraa kan ka'een caccabuudha. Al-Ifsaah An Ma'aanii Assihaah (4/284). (3) (Al-Munqalab) jechuun: deebi'iinsa jechuudha. Al-Ifsaah an Ma'aanii Assihaah (4/284). [17] Ahmadiitu Musnada isaa keessatti, lakkoofsa (6374) irratti gabaase.
14. Waahela malee kophaa isaa imaluu dhabuun isaaf ni jaallatama; Sababni isaas Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waan akkana jedhaniif jecha: «Namoonni waan ani kophummaa irraa beeku osoo beekanii, silaa yaabbataan(imalaan) tokko kophaa isaa halkan hin deemu ture» [18]. [18] Bukhaariitu lakkoofsa (2998) irratti gabaase.
15. Imaltoonni isaan keessaa nama tokko ajajaa godhachuu qabani; Yaada isaanii kan walitti qabu akka ta'uuf jecha, akkasumas walii galteef kan affeeru akka ta'uu fi haajaa isaanii argachuuf akka isaan gargaaruuf jecha. Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedhan: «Namoonni sadii yeroo imala ba'an isaan keessaa nama tokko ajajaa haa godhatani». [19] Abuu Daawuudiitu lakkoofsa (2608) irratti gabaase.
16. Waan Rabbiin isa irratti dirqama taasise raawwachuu, wantoota haraama ta'an irraa fagaachuu fi naamusaalee gaggaarii qabaachuu irratti bololuu qaba, Nama gargaarsa barbaadu ni gargaara, nama barachuu barbaadu ni barsiisa, qabeenya isaatin arjaa ta'uun, faaydaa dhuunfa isaa keessatti, akkasuma faaydaa fi haajaa obboleewwan isaa keessatti isa baasa.
17. Haajaan isa mudachuun waan maluuf baasii fi wantoota imala keessatti itti haajamu heddummeessee qabachuu qaba.
18. Nama namatti madaquu fi kan namnis isatti madaqu akka ta'uuf jecha imala isaa hunda keessatti fuula hiikkataa fi ifaa fi nama qulqulluu ta'uu akkasuma waahiloota isaatti gammachuu naquu keessatti bololaa ta'uutu barbaachisaaf.
19. Haala badaa fi yaada isaa faallessuu keessatti wantoota hiriyoota isaa irraa isa mudatu irratti obsuudhaan, haala irra gaarii ta'een isaan waliin jiraachuun barbaachiisaadha; Isaan gidduutti kabajamaa fi ulfaataa akka ta'uuf jecha.
20. Imaltoonni yeroo bakka tokko qubatanitti gariin isaanii gara garitti maxxanuun jaallatamaadha, gariin Sahaabota Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-, yeroo bakka tokko qubatan gaarranii fi laggeen keessa gar gar baba'anii qubatu ture, Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedhaniin: «Gaarranii fi sululula keessatti faca'uun keessan sheyxaana irraayi» [20]. booda sanaati hanga uffanni tokko osoo isaan hunda irra bal'ifamee buufamee isaan ga'utti gariin isaanii garii isaaniitti maxxananii qubataa turani. [20] Ahmadiitu Musnada isaa keessatti, lakkoofsa (17736) irratti gabaase.
21. Imala keessatti yookaan waan biroo keessatti yeroo bakka tokko qubate waan Nabiyyii irraa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- odeeffameen du'aa'ii godhachuun ni jaallatamaaf: «A'uuzu bi Kalimaatillaahi Attaammaati Minsharri maa kalaq) Jechoota Allaahaa guutamtuunin maganfadha hamtuu waan inni uumeerraa» [21]; yoo akkas kan jedhu ta'e hanga bakka sana irraa deemutti homaa isa hin miidhu. [21] Muslimtu lakkoofsa (2708) irratti gabaase.
22. Bakka ol fuudhamaa irratti "Allaahu Akbar" jechuu fi yeroo bakka gadi bu'aatti gadi bu'ee fi dhiibuu keessatti gadi bu'e "Subhaana Allaah" jechuun isaf jaallatamaadha, Sahaabtichi guddaan Jaabir jedhamu -Rabbi isa irraa haa jaallatu- akkana jedhe: "Yeroo ol baane "Allaahu Akbar" jenna ture, yeroo gad buune ammoo "Subhaana Allaah" jenna ture" [22]. Takbiiraa jechuun sagalee isaanii ol hin kaasan, Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedhan: «Yaa namootaa! ofirratti laaffissaa; Gooftaa dhageettii hin qabnee fi isin irraa fagoo ta'ee miti kan isin waamaa jirtanu, Inni isin waliin jira, Inni dhaga'aa dhihoodha» [23]. [22] Bukhaariitu lakkoofsa (2994) irratti gabaase. [23] Bukhaariitu lakkoofsa (2993) irratti gabaase.
23. Imala keessatti halkan imaluutu isaaf jaallatama keessattuu jalqaba halkaniitti; Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waan akkana jedhaniif: «Adaraa keessan imala hlkanii imalaa; halkan keessa lafti waan maramtuuf jecha» [24]. [24] Abuu Daawuudiitu lakkoofsa (2571) irratti gabaase.
24. Imala keessatti kadhannaa baay'isuun isaaf jaallatamaadha; Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waan akkana jedhaniif jecha: «Kadhannaan sadii qeebalamoo kan shakkiin isaan keessa hin jirredha: Kadhannaa nama miidhamee, Kadhannaa imaltuu fi Kadhannaa haadhaa fi abbaan ilmoo isaanii irratti kadhataniidha» [25]. [25] Ahmadiitu Musnada isaa keessatti, lakkoofsa (10771) irratti gabaase.
***
Inni lammaffaa: Imala keessatti waa'ee qulqullina eeggachuuti:
Imaltoota irratti qulqullina ofii eeggachuun dirqama, xurii isa xiqqaaf wuduu'a godhata, Janaabaaf ammoo ni dhiqata.
yoo bishaan hin arganne, yookaan bishaan xiqqo kan nyaata fi dhugaatii isaatiif itti haajomu qofa kan of biraa qabu ta'e immoo, tayyamuma godhachuu qaba.
Akkaataan tayammumaa immoo: Harka isaa lamaanin lafa rukutee, isaan lamaanin fuula fi ganaa isaa lameen haxaa'uudha.
Qulqullinni tayammumaa qulqullina yeroo yoo ta'u, yeroo bishaan argatetti qulqullinni tayammumaa badee bishaan fayyadamuun isa irratti dirqama ta'a, akkasuma Janaabaaf tayammuma kan godhate ta'ee eegasii bishaan kan argate yoo ta'es dhiqachuun isa irratti dirqama ta'a, akkasuma sagaraaf tayammuma kan godhate ta'ee eegasii bishaan yoo argate wuduu'a godhachuunis isa irratti dirqama ta'a. Hadiisa keesstti akkana jechuutu jira: «Woggaa kudhaniif osoo bishaan hin argannellee Dachiin qulqulluun wuduu'a muslimaati, yeroo bishaan argatetti Allaaha haa sodaatu, qaama isaa bishaan haa tuqsiisu» [26]. [26] Bazzaartu musnada isaa keessatti, lakkoofsa (10068) irratti gabaase.
Khuffii lamaan irra haxaa'uun Qur'aana, Hadiisa fi walii galtee warra sunnaatin mirkanaa'ee jira.
Khuffii lamaani fi kan isa fakkaatan irra haxaa'uf ulaagaatu jira:
1. Khuffiin lamaan yookaan kaalsiin lamaan haalaala qulqulluu ta'uudha.
2. Booda qulqullinaatii(xahaaraatii) isaan uffachudha.
3. Yeroo wuduu'a godhatu bakka bishaan gahuun dirqama ta'u kan dhoksan ta'uudha.
4. Haxaa'uun xurii xiqqaa keessatti ta'uu qaba(kan dhiqannaa dirqama hin taasifne), kanaaf janaabaa fi wantoota dhiqannaa dirqama taasisan keessatti haxaa'uun hin eeyyamamu.
5. Haxaa'uun yeroo shari'aan kaa'ame keessatti ta'u qaba, innis nama biyya jiruuf guyyaa tokkoo fi halkan tokko, nama imala irra jiruuf immoo guyyaa sadii halkan isaa waliini. Akka ilaalcha sirrii ta'eetti Yeroon kun Hadasa booda(booda waduu'a godhatee) haxaawwii jalqabaa irraa eegala, nama biyya jiru tokkoof sa’aatii digdamii afur booda dhumata, imaltootaaf immoo sa’aatii torbaatamii lama booda dhumata.
isaan irra haxaawwachuun wantoota sadi keessaa tokkoon bada:
1. Yeroo wanti akka janaabaa kan dhiqannaa dirqama taasisu argame haxaa'uun badee dhiqannaan dirqama ta'a.
2. Eega isaan irra haxaa'ee yoo of irraa baaseedha.
3. Yeroon shari'aan kaa'ame yeroo dhumetti haxaa'uun ni bada.
***
Inni sadaffaa: seerota salaata imala keessatti gabaabsuu:
imala keessatti salaata gabaabsuutu guutuu irra caala; Garuu namni imala irra jiru salaata raka'aa afurii guutee yoo salaate salaanni isaa sirriidha, garuu immoo waan caalaa faallesse malee.
imaltuun tokko manneen ganda isaa hunda irraa yookaan manneen magaalaa isaa hunda irraa yeroo ba'etti gabaabsa, kun mazhaba ulamoota irra hedduuti.
booda yeroon salaataa seenee yoo imale salaata sana gabaabsuu danda'a; osoo yeroon isaa keessaa hin ba'in imala waan ba'eef jecha.
imaltuun yoo kan itti haajomu ta'e salaata zuhrii fi Asrii akkasuma salaata Maghribaa fi ishaa wolitti qabee salaatuun isaaf sunnaadha, imalli itti ulfaatee kan itti fufu yoo ta'e immoo dursee wolitti qabee salaatuu ta'us yookaan booda aansee wolitti qabee salaatuu ta'us akka irra isaaf laafu filatee salaatuu danda'a.
Imaltuun salaata walitti qabee salaatuun yoo kan isa hin barbaachifne ta'e wolitti qabuu hin qabu, bakka tokko qubatee ka'ee yeroon salaata lammaffaa eega seenee malee achii deemuu kan hin barbaanne yoo ta'e faa, isaaf caalaan salaata walitti qabee salaatuu dhabuudha; wolitti qabuutti haajomaa waan hin taaneef jecha, kanaaf Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Hajjii dhaammannaa keessatti gaafa Minaan qubatan salaata walitti qabanii hin salaanne turani; walitti qabanii salaatuutti waan hin haajomneef jecha.
Salaanni sunnaa ammoo, imaltuun sunnaadhuma namni biyya jiru salaatu salaata, salaata Duhaa, salaata halkanii, salaata witrii fi kan biroo ni salaata, sunnaa salalaata Zuhrii, Maghribaa fi ishaa malee isa keessatti sunnaan salaatuu dhabuudha.
Imala keessatti salaata sunnaa yaabbii akka xiyyaaraa, konkolaataa, doonii fi meeshaalee geejjibaa biroo irratti salaatuun rakkoo hin qabu, Salaanni dirqamaa yoo dadhabbiif ta'e malee yaabbii irraa bu'amee salaatun dirqama ta'a.
salaanni Namni imala irra jiru tokko nama biyya jiru duubaan salaatu sirriidha, garuu akkuma salaata imaama isaatti guuta, imaamaa waliin salaata guutuu qaqqabatus yookaan raka'aa tokko qaqqabatus, yookaan raka'aa tokkoo gadi qaqqabatus imaamuma isaa waliin guuta, salaamataa baafachuun duratti Tashahhuda xumuraa keessatti kan qaqqabate osoo ta'ellee guutuu salaata, jechoota Ulamaa'ii lamaan keessaa isa kanatu sirriidha.
***
Inni afraffaa: Naamusa Hajjii fi umaraa irraa yookaan imala irraa ittiin deebia'an
gara biyya ofiitti deebi'uuf ariifachuu qaba dhimma tokkoon alatti turtii imalaa dheeressuu hin qabu; Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waan akkana jedhaniif jecha: «Imalli cittuu adabbii irraa ta'e, tokkoon keessan nyaata, dhugaatii fi hirriiba isaa irraa kan isa dhoorgudha, kanaafuu tokkoon keessan yeroo dhimma isaa xumuratetti gara maatii isaatti deebi'uutti haa ariifatu» [27]. [27] Bukhaariin lakkoofsa (1804) irratti, Muslim immoo lakkoofsa (1927) irratti gabaase.
Yeroo gara biyya isaatti deebi'uu barbaadee yaabbii isaa yaabbatetti Du'aa'ii yeroo imalaa jedhee, akkana jechuu irratti dabala: «Aayibuuna Taa'ibuuna Aabiduuna Li Rabbinaa Haamiduun», jechuunis: Nuti deebi'oodha, towbatoodha, Rabbii keenya gabbaroodha isaaf faarfatoodhas, jechuudha [28]. [28] Bukhaariin lakkoofsa (1797) irratti, Muslim immoo lakkoofsa (1342) irratti gabaase.
Yeroo imala isaa irraa deebi'u keessatti waan Nabiyyii irraa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- mirkanaa'e jechuun isaaf ni jaallatama, isaanis yeroo duula, yookaan hajjii, yookaan umraa irraa deebi'anitti dachii irraa bakka ol fuudhame irratti Allaahu Akbar yeroo sadii jedhanii, eegasii akkana jedhu ture: «Laa ilaaha illallaahu, wahdahuu Laa shariika lahuu, Lahul mulku, Wa lahul hamdu, Wa huwa alaa kulli shey'in qadiir, Aayibuuna Taa'ibuuna Aabiduuna Li Rabbinaa Haamiduun, Sadaqallaahu wa'adah, Wa nasara abdah, Wa hazamal ahzaaba wahdah», jechuunis: Haqaan gabbaramaan Rabbii tokkicha hiriyaa hin qabne malee hin jiru, mootummaan kan isaati, faarunis kan isaati, inni waan hunda irratti danda'aadha, nuti deebi'oodha, towbatoodha, Rabbii keenya gabbaroodha isaaf sujuudoodha isa faarfatoodhas, Rabbiin waadaa isaa guute, gabrichaa isaatif tumse, kophaa isaa tuuta kaafirootaa cabse, jechuudha.» [29]. [29] Bukhaariitu lakkoofsa (4116) irratti gabaase.
Yeroo biyya isaa argetti akkana jechuun isaaf ni jaallatama: «Aayibuuna Taa'ibuuna Aabiduuna Li Rabbinaa Haamiduun», jechuunis: Nuti deebi'oodha, towbatoodha, Rabbii keenya gabbaroodha isaaf faarfatoodhas, jechuudha [30]. Hanga biyya isaa seenutti sana irra deddeebi'uudhaan jedha; Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waan akkas hojjataniif jecha. [30] Bukhaariin lakkoofsa (1797) irratti, Muslim immoo lakkoofsa (1342) irratti gabaase.
Dhimma tokkoon maletti maatii isaa irraa kan ture yoo ta'e akka dhufaa jiruu fi halkan dhufuu isaa isaan beeksiseera yoo ta'e malee halkaniin gara maatii isaatti hin deebi'in; Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- sana irraa dhoorganii waan jiranuuf jecha, Jaabir bin Abdullaah -Rabbi isaan irraa haa jaallatu- akkana jedhe: «Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namichi maatii isaatti halkan galuu irraa dhoorgani» [31]. Ogummaa(bu'aa) sana keessa jiru keessa tokko waan gabaasni biroo ibse: «Isheen mataa faaggaa[32] akka filattuu fi isheen abbaan manaa irraa fagaate akka rifeensa qaama saalaa ishee haaddattuuf jecha» [33] Gabaasa biroo keessa akkana jechuutu jira: «Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- isa ganuu isaanii qeexuuf, yookaan badii isaanii barbaaduf jecha, namni tokko halkan keessa maatii isaatti galee mana akka itti hin rukunne dhoorganii jiru» [34]. [6] Muslimtu lakkoofsa (715) irratti gabaase. [32] Al-Shu'usah) jechuun: ishee yeroo dheeraaf dhadhaa hin dibatinii fi rifeensa mataa ishee hin filatini, jechuudha. (Al-istihdaad) jechuun: sibiila fayyadamuu jechuudha. (Al-muhgiibah) jechuun: ishee abbaan manaa ishee irraa fagaate, jechuudha. Al-Tahriir fii sharhi sahiihi Muslim - Al-Asbahaanii (Fuula: 292). [33] Nasaa'iitu lakkoofsa (9099) irratti gabaase. [34] Muslimtu lakkoofsa (715) irratti gabaase.
Nama imala irraa dhufuuf masjiida ollaa isaa jiru irraa eegaluun isa keessatti raka’aa lama salaatun isaaf jaallatamaadha; Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waan akkas hojjataniif jecha.
Namni imala irra jiru tokko imala irraa yeroo deebi'etti ijoollee isaatii fi ijoollee ollaa isaatiif garaa laafuu yeroo isaan isa simatanitti isaanitti tola ooluun jaallatamaadha, Ibnu Abbaas -Rabbi isaan lamaan irraa haa jaallatu- ni jedhe: Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- yeroo gara Makkaa dhufanitti ijoolleen ilmaan Abdul Muxxalib isaan simattee jennaan tokko fuulduratti baatanii isa kaan immoo duubaan baatanii deeman. Abdullaah ibinu Ja'afar -Rabbi isa irraa haa jaallatu- akkana jedhe: "Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- imala irraa yeroo dhufanitti nu'iin afaan ba'ama, anaa fi Hasaniin yookaan Huseyniin isaan afaan ba'ama ture, ni jedhe: hanga Madiinaa seennutti tokkoo keenya fuulduratti baatanii isa kaan gara duubaatti baatanii deemu ture" [35]. [35] Muslimtu lakkoofsa (2428) irratti gabaase.
Kennaa kennuun ni jaallatama; qalbii gammachiisee jibbaa balleessuun waan isa keessa jiruuf jecha, Akkasumas kennaa qeebaluu fi isa irratti galata abbaaf galchuun ni jaallatama, dhoorgaan shari'aa isa keessa yoo hin jiraanne kennaa deebisuun ni jibbama; Kanaaf Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedhan: «Kennaa waliif kennaa wal jaallatanii» [36]. Kennaan sababoota gidduu muslimootatti jaalala fidan keessaa isa tokkodha. [36] Beyhaqiitu Sunana kubraa keessatti, lakkoofsa (11946) irratti gabaase.
imaltuun yeroo gara biyya isaatti galetti wol hammatanii wol dubbisuun jaallatamaadha; Nabiyyii irraa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ragga'ee waan jiruuf jecha, Anas -Rabbi isa irraa haa jaallatu- akkana jedhe: "Sahaabonni yeroo walitti dhufan harka wal fuudhan ture, yeroo imala irraa galan immoo wol hammatu ture" [37]. [37] Xabraaniitu owsaxiin keessatti, lakkoofsa (97) irratti gabaase.
Rabbiin Nagaayaa fi rahmata nabiyyii keenya Muhammad irratti haa buusu.