Most Searched
Āóiidaa ykn amantee sirrii ykn fi waan ishii faallessu
Ergaa Tokkoffaa Qopheessaan Kabajamoo Šeykh Faaruun kan Rabbii tokkichaati; raḥmannii fi nageenyi Nabiyyii xumuraa irra haa jiraatu; akkasumas maatii fi sahaabota isaanii irras haa jiraatu. Itti aansuudhaan: Dhugumatti aqiidaan sirriin hundee diinii Islaamaa fi bu'uura amantiitii waan taateef jecha, mata duree kana irratti dubbachuun, akkasumas isa ibsuu fi ifa gochuu keessatti barreessuu fi qindeessuun waan barbaachisaa irraa ta'uu isaa dhugumatti nan arge.
These files are generated automatically from the book's text; their layout may differ from the printed edition.
Ergaa Tokkoffaa
Āóiidaa ykn amantee sirrii ykn fi waan ishii faallessu
Qopheessaan Kabajamoo Šeykh
Ābdul'āziiz bin Ābdallaah bin Baaz
Faaruun kan Rabbii tokkichaati; raḥmannii fi nageenyi Nabiyyii xumuraa irra haa jiraatu; akkasumas maatii fi sahaabota isaanii irras haa jiraatu.
Itti aansuudhaan: Dhugumatti aqiidaan sirriin hundee diinii Islaamaa fi bu'uura amantiitii waan taateef jecha, mata duree kana irratti dubbachuun, akkasumas isa ibsuu fi ifa gochuu keessatti barreessuu fi qindeessuun waan barbaachisaa irraa ta'uu isaa dhugumatti nan arge.
Ragaalee shari'aa Kitaabaa fi Sunnaa irraa ta'aniin wantoota beekamoo ta'an keessaa: Hojiiwwanii fi jechoonni sirrii ta'anii fudhatama kan argatan yoo aqiidaa sirrii irraa maddan qofaadha. aqiidaan sirrii yoo hin ta'in immoo, hojiiwwanii fi jechoonni ishee irraa maddan ni badu, akkuma Rabbiin ol aane jedhe: ﴾...Namni iimaana irraa gara gale, dhugumatti dalagaan isaa bade. Inni Aakhiraatti warra hoonga’an irraa ta’a﴿ [Al-Maaidah: 5].
Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe: ﴾Dhugamatti, gara keetiifi gara warra si dura turaniittis “yoo Rabbii wajjiin waan biraa gabbarte dalagaan kee ni bada; warra hoonga’an irraas taata” jechuun wahyiin buufameera﴿ [Azzumar: 65].
Aayatoonni dhimma kana keessatti hedduudha. Dhugumatti Kitaabni Rabbii ifa ta'ee fi Sunnaan Ergamaa Isaa amanamaa -Gooftaa isaanii irraa raḥmataa fi nageenyi irra caalaan isaan irratti haa jiraatu- aqiidaan sirriin dhimmoota jaha keessatti akka walitti qabamtu agarsiisanii jiru, isaanis: Rabbitti amanuu, Malaa'ikota Isaatti amanuu, Kitaabota Isaatti amanuu, Ergamtoota Isaatti amanuu, Guyyaa Aaƙiraatti amanuu fi Qadaratti: ƙeyrii isaatii fi Šarrii isaatti amanuudha. Dhimmootni jahan kunniin isaanis: bu'uurota aqiidaa sirrii kan Kitaabni Rabbii ol ta'ee ittiin bu'ee fi kan Rabbiin Ergamaa Isaa Muhammad (nagaa fi rahmanni irratti haa jiraatu) ittiin ergeedha,
Dhugumatti bu'uuroota jahan kana irratti ragaaleen baay'een Qur'aana fi Hadiisa sirrii ta'an keessatti dhufaniiru, isaan kana keessaas fakkeenyaaf kanneen armaan gadiiti:
Tokkoffaa: Ragaalee Kitaaba irraa; isaan keessaa: jecha Rabbii guddatee jabaateeti: ﴾Dalagaan gaariin fuulleen keessan gara bahaafi dhihaa naannessuu miti; haa ta’u malee dalagaan gaariin nama Rabbitti amane, Guyyaa Aaƙiraatti, malaa’ikootatti, kitaabattiifi nabiyyootatti (amanee)...﴿ [Al-Baóaraa: 177].
Ammas jecha Rabbii qulqullaa'ee ol ta'eeti: ﴾Ergamaan (kiyya) waan Gooftaa isaa irraa gara isaatti buufametti amaneera; mu’uminoonnis. Hundumtuu Rabbitti, malaa’ikoota Isaa, kitaabota Isaafi ergamtoota Isaatti amananiiru. Nuti ergamtoota Isaa irraa jidduu tokkoos adda hin baafnu...﴿ [Al-Baóarah: 285],
Ammas jecha Rabbii qulqullaa'eeti: ﴾Isin Yaa warra amantan! Rabbitti amanaa, ergamaa Isaattis, kitaaba ergamaa Isaa irratti buufamettis kitaaba Inni sana dura buusettis (amanaa). Namni Rabbitti kafare maleeykota Isaattis, kitaabota Isaattis, ergamtoota Isaattis,ifi Guyyaa Aakhiraatti (kafare), inni dhugumatti jallina fagoo jallateera﴿ [Annisaa'i: 136],
Ammas jecha Rabbii qulqullaa'eeti: ﴾Sila Rabbiin wantoota samiifi dachii keessa jiran hunda akka beeku hin beektuu? kun kitaaba (Lawḥal Maḥfuuź) keessa jira, kun Rabbi irratti laafaadha﴿ [Al-Ḥajji: 70].
Lammaffaa: Ragaalee Hadiisaa irraa; isaan keessaa Ḥadiiśa ṡaḥiiḥa beekamaa kan Muslim Ṡaḥiiḥa isaa keessatti Ḥadiiśa Amiiral-Mu'uminiin Ūmar bin Al-Ƙaṫṫaab (Rabbiin irraa haa jaallatu) irraa gabaaseedha, yeroo Jibriil (nageenyi irra haa jiraatuu) waa'ee Iimaanaa Nabiyyii (Ṡallallaahu aleyhi wa sallam) gaafate keessatti akkana jechuun deebisaniif: «Iimaana jechuun: Ati Rabbitti, Malaa'ikota Isaatti, Kitaabota Isaatti, Ergamtoota Isaatti, Guyyaa Aaƙiraatti, akkasumas Qadara: gaarii fi hamaa isaatti amanuudha»[1]. Hanga Xumura Ḥadiiśa , Šeyƙan lameentu - garaagarummaa xiqqaadhaan - ḥadiiśa Abuu Hureyraa Rabbiin irraa ha jaallatu irraa odeessan. [1] Muslimtu lakkoofsa (8) irratti gabaase.
Bu'uuraalee jahan kana irraas wanti akka dameetti ba'u: waan Rabbiin ol ta'ee fi Ergamaan Isaa -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- himan irraa, wanta Muslima irratti dhugoomsuu fi itti amanuun dirqama ta'e hunda, haqa Rabbii ol ta'ee keessatti, dhimma deebii aakhiraa keessatti, akkasuma dhimmoota waan fagoo kan biroo keessatti.
Ibsi Bu'uuraalee jahan kanaas akka armaan gadiiti:
Bu'uurri tokkoffaan: Rabbii ol ta'etti amanuudha
Innis dhimmoota garaagaraa of keessaa qaba; isaan keessaa: Wanti biraa osoo hafuu Inni gabbaramaa dhugaa, kan gabbartii ḥaóa godhatu akka ta'e amanuudha; kunis inni uumaa gabrootaa, kan isaanitti tola oolu, kan soorata isaanii kennu, kan iccitii fi ifa isaanii beeku, akkasumas kan nama isaaf ajajame mindeessuu fi nama isa irratti fincile adabuu irratti danda'aa waan ta'eefi.
Dhugumatti Rabbiin jinnii fi ilma namaa Ībaadaa tanaaf jecha uume, ittis isaan ajaje, akkuma Rabbiin ol ta'e jedhe: ﴾Jinniifi ilma namaa na ha gabbaraniif malee hin uumne. Soorata homaatuu isaan irraa hin barbaadu fi Akka Ana nyaachisanis jararraa hin barbaadu. Rabbiin Isatu akkaan soorata kennaa, abbaa humna cimaati﴿ [A-Żżariyaat: 56-58].
Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe: ﴾Isin Yaa namootaa! gooftaa keessan isa isiniifi warra isiniin duraa uume qofa gabbaraa! Akka Rabbiin sodaattaniif jecha. [Rabbiin] Isa dachii afata, samii immoo ijaarsa (gubbaa) isiniif taasisee, kan samii irraa bishaan buusee, ergasii isaan fuduraa irraa soorata isiniif baaseedha. Kanaafuu odoo [kan gabbaramuun malu Rabbiin qofa ta’uu] beektanuu Rabbiif šariikota hin godhinaa﴿ [Al-Baóarah: 21-22].
Rabbiin dhugumatti dhugaa kana ibsuuf, gara isaatti waamuu fi waan isa faallessu irraa akeekkachiisuuf ergamtoota ergee kitaabolee buuseera, akkuma Rabbiin ol ra'e jedhe: ﴾Dhugumatti, Nuti ummata hunda keessatti ergamaa erginee jirra “Rabbiin gabbaraa; taabota (gabbaruu) irraas fagaadhaa...﴿ [Al-naḥli: 36].
Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe: ﴾Yaa Muḥammad!) Si dura ergamaa irraa tokkoyyuu “Ana malee dhugaan gabbaramaan hin jiru, Ana (qofa) gabbaraa” jechuun waḥyii gara isaatti buufnu malee hin ergine﴿ [Al-Anbiyaa'i: 25].
Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe: ﴾Alif Laam Raa (Óur’aanni kun) kitaaba keeyyatoonni isaa sirriitti qindeeffamtee, eegasii addaan baafamtee, (Rabbii) ogeessa, keessa beekaa ta’e biraayi. “Rabbiin malee waan biraa hin gabbarinaa” jechuun (addaan baafamte). Ani isiniif Isa irraa akeekkachiisaafi gammachiisaadha﴿ [Huud: 1-2].
Dhugummaan gabbartii kanaa: Rabbii qulqullaa'aa ol ta'e waan gabroonni ittiin gabbaran hundaan adda taasisuudha; kan akka kadhannaa, sodaa, kajeellaa, sagada, sooma, qalma, nażrii fi gosoota gabbartii kan birooti, haala isaaf gad of qabanii, mindaa isaa kajeeluu fi adabbii isaa sodaachuutiin, jaalala guutuu isaaf qabaachuu fi guddummaa isaatiif of xiqqeessuu waliin.
Namni Óur'aana kabajamaa keessatti xiinxale: irra caalaan isaa bu'uura guddaa kana keessatti akka bu'e ni arga; akkuma jecha Isaa qulqullaa'ee ol ta'ee: ﴾Nuti dhugaan kitaaba gara keetti buufneerra. Rabbiin gabbari amantii Isa qofaaf qulqulleessaa ta’i. Dhaga’aa! Amantiin qulqulluun kan Rabbii qofa. Warri Isa malee gargaartota godhatan “gara Rabbiitti akka sirritti nu dhiheessaniif malee isaan hin gabbarru” (jedhu) Rabbiin waan isaan isa keessatti wal dhabaa turan gidduu isaaniitti ni murteessa. Rabbiin nama kijibaa, akkaan kafaraa ta’e hin qajeelchu 3﴿ [Azzumar: 2-3].
Ammas akka jecha Rabbii qulqullaa'ee ol ta'eeti: ﴾Gooftaan kee akka isin Isa malee homaa hin gabbarre murteesseera...﴿ [Al-Israa'i: 23].
Ammas akka jecha Rabbii ol-taheeti: ﴾Rabbiin gabbaraa amantii isaaf qulqulleessoo tahaatii. Odoo kaafirtoonni jibbanillee14﴿ [Ǧaafir:14].
Haaluma kanaan, namni Sunnaa Nabiyyii xiinxale ammas xiyyeeffannaa hundee guddaa kanaaf kenname ni arga, sana keessaa: waan Ṡaḥiiḥoota lamaan keessatti Muāaż irraa -Rabbiin isa irraa ha jaallatu- akka odeeffametti, Nabiyyiin -nagaa fi raḥmanni irra ha jiraatu- akkas jedhan: «Ḥaóni ykn dhugaan Rabbii gabroota irratti, osoo homaa Isatti hin qindeessin Isa gabbaruudha» [2]. [2] Buƙaariin lakkoofsa (2856) irratti, Muslim immoo (30) irratti gabaase.
Akkasumas Rabbitti amanuu jala ni seena: arkaana Islaamaa shanan mul'atan irraa hunda waan Inni gabroota isaa irratti dirqama godhee fi isaan irratti farɗii taasiseetti amanuun.
Isaanis: Rabbiin malee ḥaóaan ykn dhugaan gabbaramaan biraa akka hin jirree fi Muḥammad Ergamaa Rabbii ta’uu ragaa bahuu, Ṡagada yaruma hunda sagadu, zakaa kennuu, Ramaɗaana soomuu, nama karaa gara isaatti geessu danda'eef Mana Rabbii kabajamaa ḥajja'uu fi dirqamoota biroo kan Šariāan qulqulluun ittiin dhufeedha.
Utubaalee kanniin keessaa irra barbaachisaa fi irra guddaan: Ḥaóaan ykn dhugaan gabbaramaan Allaaha malee hin jiru, Muḥammad immoo ergamaa Allaahaati jedhanii ragaa ba'uudha, ragaan kunis kan dirqisiisu: gabbartii Allaaha qofaaf qulqulleessuu fi hunda waan isa alatti gabbaramuu akka hinjirre mirkaneessudha ykn mormuudha, kunis hiikkaa: Laa ilaaha illallaahu ti, hiikkaan isaas -akkuma hayyootni Rabbiin raḥmata isaaniif ha godhu jedhanitti-: ḥaóaan ykn dhugaan gabbaramaan Allaaha malee hin jiru jechuudha, kana irratti hundaa'uun: dhugumatti hundi waan Allaahin malee gabbaramuu -ilma namaa irraa, malaykaa irraa, jinnii irraa yookiin waan kana alaa irraas yoo ta'e- inni dharaan kan gabbaramuudha, ḥaóaan gabbaramaan Allaaha tokkicha Šariika hin qabne qofadha, akkuma Rabbiin qulqullaa'ee fi ol ta'e jedhetti: ﴾Kun waan Rabbiin, Inni (gabbaramaa) dhugaa ta’ee, wantoonni isaan Isaa gaditti gabbaran immoo isa sobaa ta’eefi...﴿ [Al-Ḥajji: 62].
Dhugumatti ibsi akkana jechuu dabree jira: Rabbiin ol ta'e ilma namaatii fi jinnii hundee bu'uuraa hundee kanaaf uumee, ittis isaan ajajee, ergamtoota isaas ittiin ergee, macaafota isaas ittiin buusee jira; kanaafuu gabrichi kana sirriitti xiinxaluu fi baay'isee qalbisuutu irra jira; bu'uura kana ilaalchisee wallaalummaan guddaan irra hedduun muslimootaa keessa kufan akka ifa isaaf galuuf jecha; hanga Rabbii wajjiin waan biraa gabbaranii, ḥaóa isaa qulqulluus waan isaatiin alaatiif dabarsanii kennanitti, Rabbumatu gargaarsifatama.
Rabbii qulqullaa'aa ta'etti amanuu irraayi, Inni uumaa Āalamaa ta'uu, gaggaragalchaa dhimmoota isaanii ta'uu fi Inni beekumsaa fi dandeettii isaatiin akka fedhetti isaan keessatti toohataa ta'uu amanuun, akkasumas inni mootii duniyaa fi aaƙiraa, akkasumas Gooftaa Āalama hundaa kan uumaa fi gooftaan isa malee hin jirre ta'uu amanuun. Akkasumas Inni gabroota sirreessuu fi gara wanta addunyaa fi Aaƙiraatti nagaa bahuu fi sirraahuun isaanii isa keessa jirutti isaan waamuuf jecha kan Ergamtoota ergee, kitaabota buuse ta'uu amanuun, Akkasumas Rabbiin san hunda keessatti kan Šariika hin qabne ta'uu amanuunis, Rabbiin ol ta'e akkana jedhe: ﴾Rabbiin uumaa waan hundaati. Inni waan hunda irrattis bakka buaa ykn tiksaadha﴿ (Az-zumar :62)
Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe: ﴾Dhugumatti, Gooftaan keessan Rabbii Isa samiifi dachii guyyoota jaha keessatti uumee, ergasii Āršii irratti (ol ta’iinsa isaaf malu) ol ta’eedha. Haala ariitiidhaan isa barbaadaa ta'een halkaniin guyyaa haguugsisa. Aduu, ji’aafi urjiiwwan kan ajaja Isaatiin laaffifaman ta'anii (isaan uume). Dhagayaa! Uumuuniifi ajajnis kan Isaati. Rabbiin Gooftaa Āalamaa ta’e barakaan ykn faydaan isaa baayate﴿ [Al-Āáraaf: 54].
Akkasumas Rabbii oltahetti amanuu keessaa: maqaalee isaa toltuuf sifoota isaa ol aantuu taate, tan kitaaba isaa kabajamaa keessatti dhuftee fi tan ergamaa isaa amanamaa irraa mirkanooftetti amanuudha, osoo hin jallisin, osoo hin dhabamsiisin, osoo hin fakkeessinii fi fakkeenya itti hin godhin, ﴾Fakkeenya isaa fakkaataan (Allaah) hin jiru. Inni dhaga’aa, argaadha﴿ [AŠ-Šuurah: 11].
Kanaafuu, dirqama taha (maqaan rabbii fi akkaataan ykn wasfiin) akkuma isheen dhuftetti akkaataa hinmalle itti gochuun waan maletti ishee dabarsuun, hiikaawwan gurguddoo isheen irratti akeektu kan sifaata Rabbii jabaatee guddatee ta'anitti amanuu waliin, fi akka isaaf malutti isaan kanaan Rabbii ol ta'e ibsuun dirqama ta'a, sifaata isaa irraa waan tokko keessattillee uumaa isaa fakkaachuun hinmaltu, akkuma Rabbiin ol ta'e jedhe: Rabbiin ol ta'e ni jedhe ﴾Rabbiif fakkeenyota hin godhinaa. Rabbiin ni beeka; isin hin beektanu﴿ [An-naḥli: 74].
Inni kun: Āóiidah ykn Amantaa ahlussunnaa waljamaaāa kan Ṡaḥaabota Ergamaa Rabbii -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- fi warra toltuun isaan hordofan irraa ta'aniiti; maqoowwanii fi Ṡifaata Rabbii keessatti. Isa kana kan Imaamni: Abul Ḥasan Al-Aš'āriin -Rabbiin raḥmata isaaf ha godhu- kitaaba "Al-Maóaalaat" keessatti warra Ḥadiiśaa fi ahlussunnaa irraa gabaasan, akkasumas warra beekumsaa fi iimaanaa irraa namoonni biroos isa gabaasaniiru.
Awzaaīin Rabbi ha raḥmatuufii akkana jedhe: (Zuhrii fi Makḥuul waa'ee aayatoota ṡifaataa gaafatamanii, isaanis ni jedhan: "Akkuma dhuftetti dabarsaa") ( odoo hika biraa hinkennin)[3]. [3] Laalakaa'iitu 'Šarḥu uṡuul al-i'ītióaad' keessatti gabaase (735), akkasumas Ibnu Abdulbarris "Jaamiūl īlmi wa faɗlihi" keessatti (1801) gabaase, garuu jecha aayatoota ṡifaataa jedhuun osoo hin taane, jecha Ḥadiiśota jedhuuni, jechichi isaas: "Ḥadiiśota kana akkuma dhufetti gabaasaa ishee keessattis wal hin falminaa".
Ammas Awzaaīin Rabbi ha raḥmatuufii akkana jedhe: (Taabi'oonni heddummatanii otoo jiranuu nuti akkana jechaa turre: Dhugumatti Rabbiin -Inni qulqullaa'e- Āršii Isaa irratti ol ta'eera, amaloota irraa waan Ḥadiiśa keessatti dhufettis ni amanna) [4]. [4] Bayḥaóiitu kitaaba "Al-asmaa'u waṡṡifaat" jedhu keessatti lakkoofsa (865) irratti gabaase, Ibnu taymiyyaan immoo kitaaba "Al-ḥamawiyyaa" jedhu (fuula: 269) irratti sanadni isaa ṡaḥiiḥa jedhe, Żahabiinis "Al-ārɗi" lakkoofsa (2/223) irratti akkana jedhe: gabaasonni isaa imaamota amanamoodha.
Waliid ibnu Muslim -Rabbi raḥmata isaaf ha godhu- ni jedhe: (Maalik, Al-Owzaa'iin, Leys bin Sa'ad fi Sufyaan Assowriin -Rabbiin raḥmata isaaniif ha godhu- gabaasaalee sifaata keessatti dhufan irraa gaafatamanii, isaan hundinuu akkana jedhan: Akkuma isheen dhuftetti akkamtaa malee ishee dabarsaa) [5]." [5] Laalakaa'iitu Šarḥu usuul al-i'īītióaad keessatti lakkoofsa (930) irratti gabaase, Bayḥaqiinis Al-asmaa'u waṡṡifaat keessatti lakkoofsa (955) irratti gabaaseera.
Rabiīātu bin Abii Ābdurraḥmaan -Šeyƙa Maaliki, raḥmanni Rabbii isaan lamaan irra ha jiraatu- yeroo waa'ee Istiwaa'ii gaafatamanitti akkana jedhan: (Istiwaa'in wallaalamaa miti, akkaataan isaa sammuudhaan kan dhaqqabamuu miti, ergaan Rabbii irraayi, Ergamaa irra geessuu ifa ta'etu jira, nurra immoo dhugoomsuutu jira)[6], Imaamu Maalikis -Rabbiin isaaf raḥamata ha godhu- waa'ee sanii yeroo gaafatametti akkana jedhe: (Istiwaa'in (ykn ol teinni rabbii) beekamaadha, akkaataan isaa wallaalamaadha, isatti amanuun dirqama, waa'ee isaa gaafachuun bid'āadha), eegasii gaafataadhaan ni jedhe: Ani nama hamaa ta'uu kee malee si hin yaadu! Akka gadi baafamu ajajee, ni baafames [7]. Hiikni kun akkasumas Ummu Salamah Haadha Mu'umintootaa irraa odeeffameera, Rabbiin ishee irraa ha jaallatu [8]. [6] Laalakaa'iitu šarḥii uṡuul al-i'ītióaad keessatti lakkoofsa (665)irratti gabaase, Bayḥaóiinis Al-asmaa'u waṡṡifaat keessatti lakkoofsa (868) irratti gabaaseera. [7] Laalakaa'iitu Šarḥii uṡuul al-i'ītióaad keessatti lakkoofsa (664) irratti gabaase, Abuu Nu'āymis Ḥilyatul awliyaa keessatti lakkoofsa (6/325) irratti, Bayḥaqiin immoo Al-asmaa'u waṡṡifaat keessatti lakkoofsa (867) irratti gabaaseera. [8] Al-muzakkiin Al-muzakkiyyaat keessatti lakkoofsa (29) irratti gabaase, akkasumas Ibnu Baṫṫaan Al-ibaanah keessatti lakkoofsa (120) irratti, Laalakaa'iin immoo šarḥii uṡuul al-i'ītióaad keessatti lakkoofs (663) irratti gabaaseera.
Imaam Abuu Abdurraḥmaan bin Mubaarak -raḥmanni Rabbii irratti ha jiraatu- ni jedhe: (Rabbii keenya qulqullaa'e, Inni samiiwwan isaatii olitti Āršii isaa irratti, uumama isaa irraa adda ta'uu isaatiin ni beekna)[9]. [9] Daarimiin Arraddu ālal-Jahmiyyaa keessatti lakkoofsa (67) irratti, Bayḥaóiin immoo Al-Asmaa'u waṡṡifaat keessatti lakkoofsa (903) irratti gabaasan.
Jechi imaamotaa dhimma kana keessatti baay'ee hedduu waan ta'eef muḥaadaraa kana keessatti isa dabarsuun hin danda'amu, namni kana irraa hedduu isaa irra dhaabbachuu barbaade waan hayyoonni warra sunnaa dhimma kana keessatti barreessanitti ha deebi'u, Fakkeenyaf kitaaba "Sunnaa" kan Abdullaa bin Imaamu Aḥmad, kitaaba "Attowḥiid" kan imaama guddaa Muḥammad bin ƙuzeymaa, kitaaba "Sunnaa" kan Abul Óaasim Allaalakaa'ii Aṫṫabarii, kitaaba "Sunnaa" kan Abuu Bakar bin Abii Āaṡim, fi deebii Šeyƙul Islaam Ibnu Teymiyyaan warra Ḥamaatiif kenne. Innis deebii guddaa faayidaa hedduu qabuudha, isa keessatti -Rabbiin raḥmata isaaf ha godhu- aqiidaa Ahlussunnaa dhugumatti ifa godheera, akkasumas jecha jaraa irraa hedduu isaa, fi ragaalee šariāa fi sammuu kan sirrummaa waan Ahlussunnaan jedhanii fi dhara ta'uu waan mormitoonni jaraa jedhanii agarsiisu isa keessatti dhiyeesseera.
Akkasuma ergaan isaa kan 'Tadmuriyaa' jedhamtu; ishii keessatti dhimma kana bal'isee, āóiidaa Ahlussunnaa ragaalee ishii kan himaa fi sammuutiin ibseera, akkasumas nama warra beekumsaa irraa ta'ee, yaada gaarii fi ḥaóa beekuuf fedhii qabaatee kana qoratee ilaale hundaaf, haala ḥaóa ifa godhuu fi dhara dhabamsiisuun warra faallessan irratti deebisaa gayaa kenneera. Cuunfaan: Āóiidaا ahlussunnaa waljamaaāa dhimma maqaawwanii fi ṡifaataa keessatti; isaan waan inni ofii isaatiif Kitaaba Isaa keessatti mirkaneesse, yookaan waan Ergamaan Isaa Muḥammad -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- Ḥadiiśa isaanii keessatti isaaf mirkaneessan, Rabbi qulqullaa'ee ol ta'eef mirkaneessuu fakkeessuun maletti ta'e kan mirkaneessan ta'uu, akkasumas uumamtoota Isaatti fakkaachuu irraa Rabbii qulqullaa'ee ol ta'e qulqulleessuu onsuu irraa bilisa ta'e kan qulqulleessan ta'uudha; kanaanis wal faalleessuu irraa nagaa ba'uudhaan milkaa'an, Akkasumas qajeelcha Rabbi irraa ta'een ragaalee hundatti hojjataniiru; Sababni isaas nama ḥaóa Inni ergamoota Isaa ittiin erge qabatee, kana keessattis waan danda'u hunda godhee, kan barbaaduu isaa keessatti Rabbiif qulqulleesse, gara ḥaóaatti isa qajeelchuu fi ragaa isaa ifa baasuun, sunnaa Rabbii qulqullaa'ee irraa waan ta'eef jecha, akkuma Rabbiin ol ta'e jedhe: ﴾Lakkii; dhugaa soba irratti darbina (ol taasifna), Sammuu isa dhoosee (isa balleessa); yoosuu inni (sobni) dhabamaadha...﴿ [Al-Anbiyaa'i: 18].
Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe: ﴾Gaaffiidhaan sitti dhufanii hin hafan, Yoo [deebii] dhugaafi kan hiikti isaa gaariif caalaa ta’e siif kennine malee﴿ [Alfuróaan: 33].
Namni dhimma maqoolee fi sifaataa keessatti waan isaan itti amanan irratti Ahlussunnaa faalleesse immoo: inni waan raggaasisuu fi mormu hunda keessatti wal faalleessuu ifa ta'e waliin, ragaalee himaa fi sammuu faalleessuu keessa kufuun isaa dirqama. Ḥaafiź ibnu Kaśiir -Rabbin raḥamata isaaf ha godhu- tafsiira isaa beekamaa keessatti dhimma kana irratti dhugumatti jecha gaarii dubbateera, kunis yeroo inni jecha Rabbii ol ta'e kana irratti irratti dubbatuudha: ﴾Dhugumatti, Gooftaan keessan Rabbii Isa samiifi dachii guyyoota jaha keessatti uumee, ergasii Āršii irratti (ol tauusaa isaaf malu) ol ta’eedha...﴿ [Al-Aáraaf: 54].
Waan faayidaan isaa guddaa ta'eef jecha isa asitti dabarsuun gaariidha, innis -Rabbin raḥamata isaaf ha godhu- waan barreeffamni isaa akka armaan gadii ta'e jedhe:
(Iddoo kana keessatti namootaaf jechoota baay'ee hedduutu jira, kun iddoo isii itti bal'isanii miti, Garuu nuti iddoo kana keessatti adeemsa worra gaarii darbaniiti hordofna: Maalik, Al-Awzaaīi, Aśawrii, Alleyśi bin Saád, Al-šaafi'īi, Aḥmad bin Ḥanbal, Isiḥaaó bin Raahuuyaa fi hayyoota muslimootaa kan duriiti fi kan ammaa irraa namoota biroo, innis: akkuma isiin dhuftetti ḥaala itti gochuu maleetti, fakkeessuu malee fi onsuun maleetti isii dabarsuudha, hiikkaan mul'ataa kan gara sammuu worra fakkeessaniitti dhufu Rabbi irraa haalamaadha, dhugumatti Rabbiin, uumama Isaa irraa wanti tokkos Isatti hin fakkaatu fi Fakkeenyi akka Fakkaataan Isaa (Allaah) hin jiru. Inni dhaga’aa, argaadha. [Al-Šuurah: 11]. Garuu dhimmichi akkuma imaamonni jedhaniidha, -isaan keessaa Nuēymi bin Ḥammaad Al-Ƙuzaaīin šeykni Buƙaarii akkana jedhe: (Namni Rabbiin uumama Isaatti fakkeesse kafareera, namni waan Rabbiin ofii isaa ittiin ibse irraa mormes dhugumatti kafareera) [10], Waan Rabbiin ittiin of ibsee fi Ergamaan isaa ittiin isa ibsan keessa fakkeessuun hin jiru, namni waan aayatoota ifa ta'anii fi ḥadiiśota sirrii ta'an keessatti dhufe irraa, ḥaala guddina Rabbiif maluun Rabbii ol ta'eef mirkaneessee, akkasumas hanqinaalee Rabbii ol ta'e irraa haale; dhugumatti karaa qajeelloo hordofeera[11]. Jechi Ibn Kaśiir -Rabbiin raḥmata ha godhu- xumurame. [10] Żahabiin Al-ūluwwi keessatti lakkoofsa (464) irratti gabaase, Albaaniin immoo Muƙtaṡara Ūluwwii keessatti (fuula: 184) irratti akkas jedhe: sanadni kun ṡaḥiiḥa, rijaalonni isaas amanamoo beekamoodha. [11] Tafsiira Ibni Kaśiir (3/426, 427).
Akkasumas Rabbitti amanuu jala ni gala: Iimaanni jechaa fi hojii yoo ta'u, innis Rabbiif ajajamuun ni dabala, diliidhaan immoo ni hir'ata jedhanii itti amanuun, akkasumas Musliimota irraa nama tokkollee diliiwwan širkii fi kufrii gaditti jiran kan akka sagaggaalummaa, hanna, dhara nyaachuu, waan nama macheessu dhuguu, haadhaa fi abbaatti mataa jajjabaachuu fi diliiwwan gurguddoo irraa kan biroo, irraa waan tokkoonis kafarsiisuun hin danda'amu jedhanii itti amanuun, hanga inni waan sana ḥalaala hin godhatinitti; jecha Rabbii qulqullaa'ee ol ta'eef jecha: ﴾Dhugumatti Rabbiin Isatti waa qindeeffamuuf hin araaramu. Waan sanaa gadii nama fedheef ni araarama...﴿ [An-Nisaai: 48] , Akkasumas Ergamaa Rabbii -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- irraa ḥadiiśota mutawaatira keessatti waan mirkanaa'eef jecha, isaan keessaa: jecha isaaniiti: «Rabbiin nama qalbii isaa keessa iimaana irraa hangi madaallii ija raafuu jiru ibidda irraa ni baasa» [12]. [12] Buƙaariitu ḥadiiśa Abuu Saīid Al-Ƙudrii (Rabbiin isarraa ha jaallatu) irraa lakkoofsa (22) irratti gabaase.
Hundeen lammaffaa: Malaa'ikootatti amanuudha,
Innis waan lama of keessaa qaba: Dhimmi tokkoffaan: Akka walii galatti Malaa'ikaatti amanuudha; sunis Rabbiin malaa'ikoota akka isaaf ajajamaniif isaan uumee, akkana jechuun isaan ibse akka qabu amanuudha: ﴾Isaan “Raḥmaan ilma godhate” jedhu, Inni qulqullaa’eera, Lakkii, isaan (maleykoonni) gabroota (Rabbii) kabajamoodha. Jechaan Isa hin dursanu; isaan ajaja Isaatiin hojjatu. Inni waan isaaniin duraatiifi waan isaaniin duubaas ni beeka, Nama Inni jaalateef malee isaan hin manguddoomanu, Isaan (ofiifuu) sodaa Isaa (Allaah) irraa rifatoodha﴿ [Al-Anbiyaa'i: 26-28].
Isaanis gosoota baay'eedha; isaan irraa warra Āršii baachuutti ramadamantu jira, isaan irraas eegdota jannataa fi ibiddaatu jira, isaan irraas warra dalagaa gabrootaa eeguutti ramadamantu jira. Dhimma lammaffaa: Malaa'ikaatti bal'innaan amanuudha; sunis isaan irraa warra Rabbiifii ergamaan isaa maqaa dhahanitti amanuudhaani; kan akka Jibriil isa wahyiitti ajajamee, kan akka Miikaa'eel isa roobatti ajajamee, kan akka Maalik eegaa ibiddaa fi kan akka Israafiil isa Xurumbaa afuufuutti ajajameeti. Akkuma waa'een isaanii ḥadiiśota ṡaḥiiḥa ta'an keessatti dubbatametti, isaan keessaa: waan Ṡaḥiiḥa keessatti mirkanaa'e, Āaīshaa irraa odeeffamee -Rabbiin isii irraa ha jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- akkana jedhan: «Maleykoonni ifaa irraa uumaman,Jinniin ykn Šeyxaanni immoo boba’aa ibiddaa kan aara hin qabne irraa uumame, Aadamis wanta isiniif ibsame irraa uumame»[13] Muslimtu ṡaḥiiḥa isaa keessatti gabaase. [13] Muslimtu lakkoofsa (2996) irratti, ḥadiiśa Āaishaa (Rabbiin ishee irraa ha jaallatu) gabaase.
Hundeen sadaffaa: Kitaabotatti amanuudha, innis ammas dhimmoota lama of keessatti qabata:
Dhimma tokkoffaa: Akka walii galaatti kitaabotatti amanuudha; kunis Rabbiin nabiyyootaa fi ergamtoota Isaa irratti kitaabota akka buuse amanuudha; ḥaóa Isaa ibsuu fi gara Isaatti waamuuf jecha, akkuma Rabbiin ol tahe jedhe: ﴾Dhugumatti, nuti ergamtoota keenya ragaawwan ifa ta’aniin erginee, kitaabaafi miizaana isaan waliin buufne, akka namoonni ḥaóaan dhaabbataniif jecha...﴿ [Al-Ḥadiid: 25]. Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe: ﴾Ilmi namaa tuuta takka (amantii tokkicha irra) turan; ergasii Rabbiin nabiyyoota gammachiiftotaafi akeekkachiiftota taasisee erge. Isaan waliin kitaaba dhugaan buuse. akka inni waan isaan isa keessatti wal dhaban gidduu namootaatti murteessuuf jecha...﴿ [Al-Baóarah: 213].
Dhimmi lammaffaan: Kitaabotatti ḥaala bal'innaan amanuudha; sunis kitaabota keessaa waan Rabbiin maqaa dhahetti amanuudha; kan akka Towraat, Injiil, Zabuurii fi Óur'aanaa, akkasumas Óur’aanni isaan keessaa irra caalaa, xumuraa isaanii, isaan irratti too'ataa fi isaan mirkaneesaa akka ta'e amanuudha, ammas wanta Ḥadiiśa Ergamaa Rabbii ﷺ irraa sirrii ta'een wajjiin isuma qofa kan isa hordofuun fi isa murteessifachuun ummata hunda irratti dirqama ta'u akka ta'etti amanuudha; sababni isaas Rabbiin qulqullaa'e Ergamaa Isaa Muḥammad ﷺ gara sanyiiwwan lamaanii (jinnii fi ilmaan namaa) hundaatti ergamaa godhee ergee, Óur'aana kanas akka isaan gidduutti ittiin murteessaniif isaan irratti waan buusef jecha, waan qoma keessa jiruuf qoricha, waan hundaaf ibsaa, akkasumas mu'uminootaaf qajeelloo fi raḥmata isa taasise, akkuma Rabbiin ol ta'e jedhe: ﴾Kun kitaaba Nuti buufne kan barakeeffameedha, Kanaafuu isa hordofaa, (Rabbiin) sodaadhaa, Akka raḥmanni isiniif godhamu﴿ [Al-an'āam: 155]. Ammas Inni qulqullaa'e ni jedhe: ﴾...Kitaaba (Óur’aana) sirratti buufne, Waan hunda addeessuuf jecha, Muslimootaaf qajeeluma, raḥmataafi gammachuu goonee﴿ [An-naḥl: 89]. Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe: ﴾Jedhi: "Yaa namootaa! Dhugumatti, ani ergamaa Rabbii Isa mootummaan samiifi dachii kan Isaa ta’e irraa gara hunda keessaniitti (ergamee dha). Isa malee dhugaan gabbaramaan hin jiru, Ni jiraachisa; ni ajjeesas, Rabbiifi ergamaa Isaa nabiyyii hin dubbifneefi hin barreessine ta’eetti amanaa, isa Rabbiifi jechoota Isaatti amanu sanitti, isa hordofaa akka qajeeltaniif jecha﴿ [Al-aáraaf :158]. Aayatoonni hiika kanaan dhufan baay'eedha.
Hundeen afraffaa: Ergamtootatti amanuu
Innis akkasumas dhimmoota lama of keessatti qabata: Dhimmi jalqabaa: walumaa galatti Ergamtootatti amanuu dha; innis Rabbiin qulqullahee oltahe gabroota isaatti isaanuma irraa ergamtoota gammachiiftotaa fi akeekkachiiftota, akkasuma gara ḥaóaatti waamtoota taasisee akka erge amanuu dha; namni isaanif awwaate gammachuudhaan milkaa'eera, namni isaan faallesse immoo hoongoo fi gaabbiitti deebi'eera. Xumurri isaanii fi irra caalaan isaanii Nabiyyii keenya Muḥammad ilma Abdullaa ti (Sallallaahu Āleyhi Wasallam), akkuma Rabbiin oltahe jedhe: ﴾Dhugumatti, Nuti ummata hunda keessatti ergamaa erginee jirra “Rabbiin gabbaraa; taabota (gabbaruu) irraas fagaadhaa (jechuudhaan)...﴿ [Annaḥli: 36]. Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe: ﴾Gammachiisoofi dinniinoo taasifnee ergamtoota (ergine), Akka Ergamtoota booda Rabbi irratti namootaf ragaan hin argamneefi...﴿ [Annisaa'i: 165]. Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe: ﴾Muḥammad dhiirota keessan irraa abbaa nama tokkoos hin taane. Garuu inni ergamaa Rabbiitiifi xumuraa nabiyyootaati...﴿ [Al-Aḥzaab: 40].
Dhimma lammaffaa: Ergamtootatti haala bal'inaatiin amanuudha; kunis isaan keessaa warra Rabbiin maqaa dhaye yookiin warra Ergamaa Rabbii ﷺ irraa maqaan isaanii mirkanaa'etti, haala bal'inaatii fi adda baasuutiin itti amanuudha; kan akka: Nuuḥ, Huud, Saaliḥ, Ibraahiim fi kanneen biroo, Rabbiin raḥmataa fi nageenyi isaan irratti, akkasumas maatii isaanii fi hordoftoota isaanii irratti haa buusu.
Hundeen shanaffaa: Guyyaa Aaƙiraatti amanuudha
Innis waan armaan gadii kana of keessatti qabata:
Waan Rabbiinii fi Ergamaan isaa -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- himan hundatti amanuudha, waan erga du'aatii ta'u irraa; kan akka qormaata qabrii, adabbii isaatii fi qananii isaa, fi waan guyyaa qiyaamaa ta'u irraa kan akka naasuu, dhiphinaa, siraaxii, miizaanaa, herregaa, mindaa, fi galmeewwanii namoota gidduutti raabsamuu; nama kitaaba isaa harka mirgaa isaatiin fudhatuutu jira, kan kitaaba isaa harka bitaa isaatiin yookaan duuba dugda isaatiin fudhatus jira.
Akkasumas isa keessa ni gala: Ḥawɗii itti dhufamu kan Nabiyyii keenya Muḥammad -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- tti amanuun, jannataa fi ibiddatti amanuunis, mu'umintoonni Gooftaa isaanii qulqullaa'ee ol ta'e arguu isaanii fi Inni isaan dubbisutti amanuunis, akkasumas waan Óur'aana kabajamaa fi Ḥadiiśa Ergamaa Rabbii -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- irraa karaa sirrii ta'een gabaafame keessatti dhufe irraa waan birootti amanuunis; kanaafuu kana hundaatti amanuun gabricha irratti dirqama ta'a, akkasumas haala Rabbii fi Ergamaan Isaa -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- itti ibsan irratti isa dhugoomsuunis gabricha irratti dirqama ta'a.
Hundeen jahaffaa: Murtootti amanuudha
Innis dhimmoota afuritti amanuu of keessatti qabata:
Dhimmi jalqabaa: Rabbiin ol ta'e waan ta'ee fi ta'uuf deemu, ḥaala gabroota Isaa, rizqii isaanii, ajala isaanii, gochoota isaanii fi dhimmoota isaanii kan biroos akka beeku amanuudha. Waan kana irraa wanti tokkolleen Rabbii ol ta'e irratti hin dhokatu, akkuma Rabbiin ol ta'e jedhe: ﴾...Akka Rabbiin waan hunda beekaa ta’es beekaa﴿ [Al-baóarah: 231]. Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe: ﴾...(Wanti inni kana uumeefis) akka isin Rabbiin waan hunda irratti danda'aafi Rabbiin dhugumatti beekumsaan wantoota hunda marsee akka jiru akka beektanuufi﴿ [AṪ-Ṫalaaó: 12].
Dhimma lammaffaa: Rabbiin waan qaddaree fi murteesse hunda kan barreesse ta'uu Isaatti amanuudha; akkuma Rabbiin ol ta'e jedhe: ﴾Dhugumatti, waan dachiin isaan irraa hir’iftu beeknee jirra. kitaabni tiksaan nu biratti jira﴿ [Óaaf: 4]. Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe: ﴾...Waan hundayyuu kitaaba ifa bahaa keessatti galmeessinee jirra﴿ [Yaasiin: 12]. Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe: ﴾Sila Rabbiin wantoota samiifi dachii keessa jiran hunda akka beeku hin beektuu? kun kitaaba (Lawhal Maḥfuuz) keessa jira, kun Rabbi irratti laafaadha﴿ [Al-Ḥajji: 70].
Dhimmi sadaffaan: Fedhii Rabbii ol ta'ee kan fullaa'aa ta'etti amanuudha,. Wanni inni fedhe ni ta'a, wanni inni hin fedhin hin ta'u, akkuma Rabbiin ol ta'e jedhe: ﴾...Dhugumatti, Rabbiin waan fedhe hojjata﴿ [Al-Ḥajji: 18]. Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe: ﴾Ajajni Isaa, yoo waan tokko fedhe “tahi” isaan jechuma qofa; yoosuu taha﴿ [Yaasiin: 82]. Ammas Inni qulqullaa'e ni jedhe: ﴾Yoo Rabbiin aalama hundaa fedhe malee isin homaa hin feetanu﴿ [At-takwiir: 29].
Dhimmi arfaffaan: Rabbiin ol ta'e uumamtoota hunda akka uume amanuudha; uumaan isa malee hin jiru, Gooftaanis isa malee hin jiru; akkuma Rabbiin ol ta'e jedhe: ﴾Rabbiin uumaa waan hundaati. Inni waan hunda irrattis tiksaadha﴿ [Az-zumar: 62]. Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe: ﴾Yaa namootaa! Qananii Rabbii kan isin irratti ta'e yaadadhaa. Sila Rabbiin malee uumaan biraa kan samiifi dachii irraa soorata isiniif kennu ni jiraa? Isa malee gabbaramaan haqaa hin jiru. Akkamitti isa (irraa) garagalfamtu?﴿ [Faaṫir: 3].
Kanaafuu Óadaratti amanuun: dhimmoota afran kana hundatti amanuu of keessatti qabata, akkuma inni amantii Ahlussunnaa Wal-Jamaaāa ta'etti; Warra bid'aa irraa nama garii sanaa morme faallessuuf jecha.
Dhimmootii barbaachisoo āóiidah sirrii ta'e keessatti warri sunnaa itti amanan keessaa: Rabbiif jecha jaallachuu fi Rabbiif jecha jibbuu, Rabbiif jecha tumsuu fi Rabbiif jecha diinomfachuudha, kunis: Āóiidah walaa'aa fii Baraa'aati, isiinis Rabbii ol ta'etti amanuu irraayi.
Kanaafuu mu'uminni mu'uminoota ni jaallata, isaan jaalallee ni taasifatas, kaafiroota ni jibba, isaan ni diinomfatas. Mu'uminoota ummata kanaa irraas hunda kan dursan sahaabota Rasuula Rabbiiti -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-, -akkuma Ahlussunnaa wal Jamaa'aa biratti mirkanaa'etti-; isaan ni jaallatu, isaan ni maxxanfatus, isaan erga anbiyootaatii caalaa namootaa ta'uu isaaniitti ni amanu, jecha Nabiyyii -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- kanaaf jecha: «Irra caalaan jaarrootaa jaarraa kiyya, ergasii warra isaanitti aanani, ergasiis warra isaanitti aanani»[14] Ṡaḥiiḥa ta'uu isaa irratti walii galameera, [14] Buƙaariin lakkoofsa (3651) irratti, Muslim immoo (2533) irratti, ḥadiiśa Abdullaa bin Mas'ūud (Rabbiin irraa ha jaallatu) irraa gabaase.
Irra caalaan isaanii: Abuu Bakir AṠ-Ṡiddiió, eegasii Ūmar Al-Faaruuó, eegasii Usmaan zuunnuureyn, eegasii Aliyyii Al-Murtadaa akka ta'an ni amanu, Rabbiin isaan hunda irraa ha jaallatu, eegasii isaan boodaan kurnan irraa warra hafani, eegasii ṡaḥaabota hafan -Rabbiin isaan hunda irraa ha jaallatu-, waan isaan -jechuunis: ṡaḥaabota baana- jidduutti uumame irraas of ni qabu, dhimma kana keessatti isaan akka tattaaffii godhan itti amanu, namni ḥaóa qunname mindaan lama akka isaaf jiruu fi namni dogoggore immoo mindaa tokko akka qabu ni amanu.
Maatii Ergamaa Rabbii -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- kanneen isaanitti amanan ni jaallatu, isaanis ni deeggaru, haadholii manaa Ergamaa Rabbii -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- Haadholee Mu'umintootaas ni deeggaru, hunda isaanitiifis jaalala Rabbii ni kadhatu. Daandii Raafidaa warra Ṡaḥaabota Ergamaa Rabbii -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- jibbanii fi isaan arrabsan, maatii manichaa keessatti daangaa dabranii fi sadarkaa Rabbii guddaan isaan qubachiise irra ol isaan kaasan irraa ni qulqullaa'u, akkuma daandii Nawaasibootaa warra maatii manichaa dubbiidhaan yookiin dalagaadhaan miidhan irraa qulqullaa'anitti.
Wanni nuti eerre kun: hundi isaa āóiidah sirraawaa kan Rabbiin Ergamaa isaa Muḥammad -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- ittiin erge keessa galaadha, isheenis āóiidah itti amanuun, jabeeffatanii qabachuun, irratti gadi dhaabbachuu fi waan ishee faallessu irraa of eeguun dirqama taateedha, isheenis āóiidah tuuta nagaya baatuu ahlussunnaa fi waljamaaāati, kan Nabiyyiin -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- ishee ilaalchisee akkana jedhan: «Gareen tokko ummata kiyya keessaa dhugaa irratti ifa bahuu irraa hin deeman, namni isaan salphise isaan hin miidhu, hanga ajajni Rabbii dhufutti isaan haaluma sana irra jiru»[15], Gabaasa biroo keessatti ammoo: «Gareen tokko ummata kiyya keessaa ḥaóa irratti tumsamoo ta'uu irraa hin deeman»[16], Ammas Nabiyyiin -nagaa fi raḥmanni irra ha jiraatu- akkana jedhan: «Yahuudaan garee torbaatamii tokkotti adda baate, Naṡaaraanis garee torbaatamii lamatti adda baate, ummatattiin kunis (Ummata Muḥammed) garee torbaatamii sadiitti adda ba'uuf teessi, hundi isiituu ibidda keessatti ta'u, tokkittii malee. Ṡaḥaabonnis ni jedhan: Isiin eenyu Yaa Ergamaa Rabbii? Isaanis ni jedhan: Nama waan akka aniifi ṡaḥaabonni kiyya irra jirru irratti ta'eedha»[17] [15] Muslimtu lakkoofsa (1920) irratti, ḥadiiśa Śowbaan irraa (Rabbiin irraa ha jaallatu) gabaase. [16] Ibnu Maajaatu lakkoofsa (3952) irratti, ḥadiiśa Śowbaan irraa (Rabbiin isa irraa ha jaallatu) gabaase, Ibnu Ḥibbaan immoo lakkoofsa (6714) irratti, Ḥaakimis lakkoofsa (8653) irratti ṡaḥiiḥa jedhaniin. [17] Tirmiżiitu lakkoofsa (2641) irratti, ḥadiiśa Abdullaa ibnu Āmrii -Rabbiin isarraa ha jaallatu- irraa gabaase. Munaawiin Feayiɗul óadiir keessatti lakkoofsa (5/347) irratti akkana jedhe: "Isa keessa Abdurraḥmaan ibnu Ziyaad al-afriiqiitu jira, Żahabiin isa ilaalchisee akkana jedhe: isa laaffisaniiru". Albaaniin immoo ṡaḥiiḥa al-jaami'i keessatti lakkoofsa (5343) irratti ṡaḥiiḥa jedheen.
Āóiidaawwan āóiidaa sirrii faallessan
Warri āóiidah tana irraa jallatanii fi warri faallaa isii irra deeman, isaan gosoota baay'eedha; isaan keessaa: warra taabotaa, malaa'ikoota, awliyoota, jinnii, mukkeen, dhagaa fi kan kana fakkaatan gabbaraniidha. Isaan kunniin waamicha ergamtootaatiif hin awwaanne, garuu isaan didanii isaan mormani, akkuma Qureyšiifi gosoonni Ārabaa Nabiyyii keenya Muḥammad -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isa irratti ha buusu- wajjiin dalaganitti; Kanaaf gabbaramoon isaanii akka haajaa isaanif baasan, dhibamaa akka fayyisanii fi diinota irratti akka isaanif tumsan isaan kadhachaa turan, ammas isaanif ni qalu, qodhaas isaanif ni godhu turan, yeroo Rasuulli -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isa irratti ha buusu- waan kana isaan irratti mormanii, gabbartii Rabbii tokkicha qofaaf qulqulleessuutti isaan ajajanitti, kana dinqisiifatanii diduudhaan akkana jedhan: ﴾Sila gabbaramtoota (hunda) gabbaramaa tokko qofa taasisee? Dhugumatti, kun waan dinqisiisaadha﴿ [Ṡaad: 5].
Ergamaanis -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isa irratti ha buusu- gara Rabbiitti isaan waamaa, Širkii irraa isaan akeekkachiisaa, fi dhugaa waan itti isaan waamuu isaaniif ibsuu irraa hin deemne; hanga Rabbiin isaan irraa nama qajeelche qajeelchutti, sana booda tuuta tuutaan amantaa Rabbii keessa seenan, waamicha walitti fufaa fi jihaada dheeraa Ergamaa Rabbii -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isa irratti ha buusu-, ṡaḥaaboota isaanii -Rabbi isaan irraa ha jaalatu- fi warra toltuun isaan hordofan irraa ta'een booda, amantaan Rabbii amantaalee biroo hunda irratti ol aane. Sana booda haalonni ni jijjiiraman, wallaalummaan uumama irra hedduu irratti ni moo'ate; irra hedduun isaanii gara amantii jaahiliyyaatti deebi'an, nabiyyootaa fi waliyyoota keessatti daangaa darbuudhaan, isaan kadhachuu fi isaan birmachisiifachuudhaan, fi kanneen biroo gosoota širkii ta'aniin, hiika: Laa ilaaha illallaahu hin beekne; akkuma kaafiroonni Ārabaa hiika isii beekanitti, Rabbumatu gargaarsifatamaadha.
Širkiin kun ammallee hanga bara keenya kanaatti namoota keessatti babal'achaa jira; sababa wallaalummaan irra aanaa ta'uutiifii bara nabiyyummaa irraa fagaachuutiif jecha.
Šubhaan ykn dogongorsisaan warra boodaa kanaa Šubhaadhuma warra duraaniiti, isheenis jecha isaaniiti: ﴾...Isaan kun Rabbiin biratti manguddoota keenya...﴿ [Yuunus: 18], Ammas akka jecha isaaniiti: ﴾...Gara Rabbiitti akka sirritti nu dhiheessaniif malee isaan hin gabbarru...﴿ [Az-zumar: 3] Rabbiin dhugumatti Šubhaa tana balleesseera, namni Isaa gaditti waan biraa gabbare, eenyu fedhe yoo ta'ellee, dhugumatti Isatti qindeesseera, kafarees jira jechuu ibse, akkuma Rabbiin ol ta'e jedhe: ﴾Rabbii gaditti waan isaan hin miineefi hin fayyadne gabbaranii “Isaan kun Rabbiin biratti manguddoota keenya” jedhu...﴿ [Yuunus: 18]. Rabbiin qulqullaa'e akkas jechuun isaan irratti deebise: ﴾Jedhi: Sila isin waan Inni samiifi dachii keessatti hin beekne Rabbitti himtuu? Inni (Rabbiin) waan isaan Isa waliin gabbaran irraa qulqullaa’e, olis ta’ee jira”﴿ [Yuunus: 18].
Rabbiin ol ta'e aayata kana keessatti ni addeesse: Isaa gaditti nabiyyoota, awliyoota yookaan waan biraa gabbaruun Širkii guddaa ta'uu, osoo warri sana raawwatan maqaa biraatiin isa waamanillee, ammas Rabbiin ol ta'e akkana jedhe: ﴾...Warri Isaa gaditti gargaartota godhatan “gara Rabbiitti akka sirritti nu dhiheessaniif malee isaan hin gabbarru...﴿ [Az-zumar: 3]. Ergasii Rabbiin ol ta'e akkana jechuun isaan irratti deebise: ﴾...Rabbiin waan isaan isa keessatti wal dhabaa turan gidduu isaaniitti ni murteessa. Rabbiin nama kijibaa, akkaan kafaraa ta’e hin qajeelchu﴿ [Az-zumar: 3].
Rabbiin ol ta'e sanaani waan isa malee jiru gosoota gabbartii kan akka kadhannaa, sodaa, kajeellaa fi kan kana fakkaataniin gabbaruun isaanii; Rabbii ol ta'etti kafaruu akka ta'e ifa taasise, akkasumas jecha isaanii kan akkana jedhu keessattis isaan sobsiise: "gabbaramoonni isaanii sirritti gara isaatti isaan dhiheessan".
Āóiidaawwan kufrii kan Āóiidah sirrii taate faallessanii fi waan ergamtoonni (nagaan isaan irratti ha jiraatu) ittin dhufan morman irraayi: Hordoftoota maarkis, leeniinii fi warra gara Rabbiin waakkachuu fi kufritti nama waaman irraa kan biroo irraa wanti warri Rabbiin waakkatan bara kana keessatti itti amanan, sana ishtiraakiyyaa, shuyuu'īyyaa, ba'asiyyaa yookaan maqaalee birootiin waamanis tokkuma. Dhugumatti akkana jechuun hundeelee namoota Rabbiin waakkatan kanneen irraayi: Rabbiin hin jiru, jireenyis meeshaadha.
Akkasumas hundeelee isaanii irraayi: kaafamuu haaluun, jannataa fi ibidda haaluu, fi amantiiwwan hundaatti kafaruun, namni kitaabota isaanii ilaalee waan isaan irra jiran barate kana mirkaneeffatee ni beeka, dhugumatti aqiidaan tun amantiiwwan samii hunda kan faallessitu ta'uu keessatti Šakkiin hin jiru, akkasumas worra isiitti amanan adduniyaafii aaƙiratti kan gara booddee irra hamaatti geessitu ta'uu keessas šakkiin hin jiru.
Āóiidaawwan ḥaóa faallessan sana irraayi: wanti suufiyyoota irraa gariin itti amanan, kan akka namoonni isaan awliyoota jedhanii isaan waaman gariin garagaggalchuu fi dhimmoota addunyaa too'achuu keessatti Rabbii woliin qooddatan jechuu, Aóṫaaba, Awtaada, Aǧwaaśa fi maqoolee gooftolee isaanitiif ishee kalaqan irraa maqaa birootiin isaan waamu. Kunis gooftummaa keessatti Rabbiitti qindeessuudha, innis gosoolee Rabbii ol ta'etti qindeessuu keessaa irra fokkataadha.
Namni širkii warra duraanii kan warra jaahiliyyaa xinxalee, širkii warra boodaa jidduutti tamsa'e waliin walbira qabee laale; Širkiin warra boodaa irra guddaa fi irra hammaataa ta'uu arga, ibsi kanaas akka armaan gadiiti: Dhugumatti, kaafiroonni Ārabaa yeroo wallaalummaa keessa dhimmoota lamaan adda baafaman: Dhimmi jalqabaa: Isaan gooftummaa keessatti kan itti hin qindeessine ta'uu isaaniiti, garuu Širkiin isaanii gabbartii keessatti ture; dhugumatti isaan gooftummaa Rabbii guddaa tokkichaaf ni mirkaneessu ture, akkuma Rabbiin ol ta'e jedhe: ﴾Eenyuutu isaan uumee odoo isaan gaafattee “Allaahdha” jedhu...﴿ [Az-zuƙruf: 87]. Rabbiin ol ta'e akkana jedhe: ﴾Jedhiin “Eenyutu samiifi dachii irraa isin soora? Yookiin dhageettiifi argituulee eenyutu dhuunfata? Ammas eenyutu jiraataa du’aa irraa baasa, du’aa jiraataa irraa baasa? Eenyutu waan hunda gara gaggalchas?” (jedhi). ‘Rabbuma’ jedhu. “Sila Rabbiin hin sodaattanii?” jedhiin﴿ [Yuunus: 31]. Hiikaa kana keessatti aayatoota akkaan hedduu ta'aniitu jiran.
Dhimmi lammaffaan: dhugumatti širkiin isaanii gabbartii keessatti yeroo hundaa hin turre, garuu kan inni uumamu yeroo bal'inaa keessa ture, yeroo rakkoo keessatti immoo dhugumatti isaan gabbartii Rabbiif qulqulleessu turan, akkuma Rabbiin ol ta'e jedhe: ﴾Yeroo doonii yaabbatan, amantii Isaaf qulqulleessuun Allaah qofa kadhatu. Yeroo Inni gara dachiitti nagaan isaan baase immoo yeroma san (Rabbitti) qindeessu﴿ [Al-Ānkabuut: 65].
Mušrikoonni warri boodaa immoo, dhugumatti isaan gama lamaan warra duraa irratti dabalaniiru: Kallattiin tokkoffaan:Širkii gariin isaanii Gooftummaa keessatti raawwataniidha. Kallattiin lammaffaan: yeroo bal'inaa fi rakkoo keessatti Širkii hojjachuu isaaniiti, kana immoo namni isaanitti makamee ḥaala isaanii gadi fageenyaan qoratee, waan isaan misra keessatti qabrii Huseyn, qabrii badawii fi kanneen biroo biratti hojjatan arge ni beeka, akkasumas qabrii Aydaruus kan Adan keessa jiru, qabrii haadii kan yaman keessatti, qabrii ibnu arabii kan shaam keessa jiru, qabrii Šeykh Abdulqaadir jeylaanii kan Īraaq keessa jiruu fi qabriiwwan beekamoo biroo kan ummanni isii keessatti daangaa dabranii, hedduu ḥaóa Rabbii ol ta'ee isheef kennan biratti waan isaan hojjatanis, namni waan kana isaan irratti mormee, dhugaa towhiidaa kan Rabbiin nabiyyii isaa Muḥammad ﷺ, fi ergamtoota isaan dura turan -nagaa fi raḥmanni isaan irratti haa jiraatu- ittiin erge isaaniif ibsu muraasa, dhugumatti nuti kan Rabbiiti, nuti gara Isaattis deebi'oodha.
Āóiidaawwan āóiidaa sirriidhaan wal faalleessan kan dhimma maqoolee fi sifaataa keessatti argaman irraa: āóiidah warra bid'āa Jahmiyyaa, Mu'ūtazilaa, fi sifaata Rabbii ol ta'ee mormuu, sifaata guutummaa irraa waan Rabbii ol ta'eef dubbatame duwwaa taasisuu keessatti, akkasumas Rabbii ol ta'e sifaata wantoota hin jirree, wantoota lubbuu hin qabnee fi wantoota ta'uun isaanii hin malleen ibsuu keessatti aqiidaa warra karaa isaanii qabateeti. Rabbiin waan isaan jedhan irraa ol ta'iinsa guddaa ol ta'eera.
Kana keessa ni seena: warri garii ṡifaataa mormanii garii isaanii mirkaneessan; akkuma inni itti amantii Ašaaīraa ta'etti, isaan kun sifaata isaan mirkaneessan keessatti fakkaataan waan isaan sifaata mormanii, ragaalee ishees ta'awiila ykn waan hintanetti jijjiirama godhan keessatti irraa baqatanii dirqama isaanitti ta'a, kanaanis ragaalee dhageettii fi sammuu faallessan, kana keessattis wal faalleessuu ifa ta'e wal faalleessan.
Warri sunnaa fi jamaaāan immoo: Rabbii ol ta'eef maqaawwanii fi ṡifaata irraa waan Inni ofii Isaatiif mirkaneesse, yookaan waan Ergamaan Isaa Muḥammad -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- Isaaf mirkaneessan ḥaala guutuu ta'een mirkaneessanii jiru, uumamtoota Isaa fakkaachuu irraas Isa qulqulleessan, qulqulleessuu xurii onsuu irraa qulqulluu ta'e, kanaaf isaan ragaalee hundatti hojjetaniiru, hin jallisne, hin onsines, wal faallessuu isa warri isaanin alaa keessa kufan irraas nagaa bahan- akkuma kana dura ibsametti-,
Kun karaa nagaa bahuu, fi gammachuu duuniyaa fi Aaƙiraati, innis karaa qajeelaa kan salafni ummata kanaatii fi imaamonni isaanii irra hiriiraniidha, ummata kana irraa warri boodaa wanta warri duraa ittiin tolan malee hin tolan, innis Kitaabaa fi Sunnaa hordofuu, fi wanta isaan faallesse dhiisuudha. Rabbiin inni qulqullahee ol ta'e ummata gara qajeelluma isaanitti akka deebisu, isaan keessattis warra qajeellumatti nama waaman akka heddummeessu, akkasumas hogganootaa fi ulamaa'ota isaanii shirkii loluuf, dhabamsiisuufi karaalee isatti geessan irraa akeekkachiisuuf akka milkeessu ni kadhanna... Inni dhugumatti dhaga'aa, dhihaataadha. Rabbiin abbaa towfiióaati, Inni nuuf gahaadha, isa irratti hirkachuun waa tolee, humnis, dandeettiinis isaan malee hin jiru. Rabbiin gabricha isaa fi ergamaa isaa, nabiyyii keenya Muḥammad irrattii fi maatii fi Ṡaḥaabota isaanii irratti raḥmataa fi nageenya ha buusu.
Ergaa Lammaffaa: Murtoo Nabiyyii irraa birmannaa barbaaduu -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu
Faaruun hundi kan Rabbitii, raḥmannii fi nageenyi ergamaa Rabbii, waa'illan isaanii fi nama qajeeluma isaaniitiin qajeele irratti ha jiraatu.
Booda kanaatii: Gaazeexaan Al-Mujtamá Al-Kuweetiyyaa jedhamu, maxxansa isaa 15ffaa, kan akka lakkoofsa hijraatti bara19/ 4/ 1390 tti maxxanfameme, mata-duree: (Yaadannoo Mawliida Nabiyyii Kabajamaa) jedhuun walaloo raabsee ture, Walaloon kunis, akka nabiyyiin -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- ummata isaaniitiif tumsanii fi adda facaatii fi wal dhabbii isaan keessatti kufan kana keessaa akka bilisa isaan baasaniif jecha, birmannaa fi tumsa nabiyyii irra barbaaduu of keessatti qabata, Kunis mallattoo dubartii: (Aaminaa) jettee of moggaafteetiin kan dhiyaate yoo ta'u, kunis barreeffama walaloo eeramee sanaati:
Yaa ergamaa Rabbii, addunyaa... waraanaan boba'uu fi balala isaatiin gubatu qaqqabi.
Yaa ergamaa Rabbii ummata qaqqabi... kan dukkana šakkii keessatti deemsi isaanii dhugumatti dheerate.
Yaa ergamaa Rabbii, ummata qaqqabi... kan dhama'iinsa gaddaa keessatti mul'anni isaanii bade.
Hanga akkana jettutti itti fufte:
Tumsa ariifachiisi akkuma ariifachiistetti... guyyaa Badrii yeroo Rabbiin kadhattetti.
Kanaafuu salphinni gara injifannoo ajaa'ibaatti jijjiirame... Dhugumatti, Rabbiif loltoota ati hin arginetu jiru.
Ḥaala kanaan barreessituun tun waamichaa fi birmannaa barbaaduu ishii gara Ergamaatti -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- deebifte, ḥaala tumsa ariifachiisaadhaan akka isaan ummata qaqqaban isaan irraa barbaadduuni, garuu tumsi harka Rabbii qofa akka jiru, harka Nabiyyiifi -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- uumamtoota biroo akka hin jirre dagachuun yookaan wollaaluun kana goote, akkuma Rabbiin qulqullaa'e kitaaba isaa ifa ta'e keessatti jedhetti: {...Tumsi Rabbii injifataa, ogeessa ta’e irraa malee hin jiru.} [Aal Īmraan: 126] Ammas Rabbiin olta'e akkana jedha: {Yoo Rabbiin isin gargaare, wanti isin injifatu hin jiru, Yoo Inni isin xiqqeesse immoo, inni booda isaatii isin gargaaru sun eenyu....} [Aal Īmraan: 160].
Hojiin kadhannaa fi gargaarsa barbaaduu kun: gosoota gabbartii keessaa tokko Rabbiin malee waan jiruuf dabarsanii kennuudha; Kun akka hin taane dhugumatti ragaa fi waliigaltee ulamootaatiin beekamee jira, akkasuma Rabbiin -qulqullaa'e- uumama kana akka isa gabbaraniif jecha uumee, gabbartii kana ifa gochuu fi gara isaatti waamuuf jechas, ergamtoota ergee kitaabotas buuse, akkuma jedhee jirutti: {Jinniifi ilma namaa akka ana qofa gabbaraniif malee hin uumne.} [Aż-żaariyaat: 56]. Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe: {Dhugumatti, nuti “Rabbiin gabbaraa; taabota (gabbaruu) irraas fagaadhaa” (jechuun) ummata hunda keessatti ergamaa erginee jirra } [Al-naḥli: 36], Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe: {Yaa Muḥammad!) Si dura ergamaa irraa tokkoyyuu “Ana malee dhugaan gabbaramaan hin jiru, Ana (qofa) gabbaraa” jechuun wahyii gara isaatti buufnu malee hin ergine.} [Al-Anbiyaai: 25]. Ammas Rabbiin olta'e akkana jedha: {Alif Laam Raa (Qur’aanni kun) kitaaba keeyyatoonni isaa sirriitti qindeeffamtee, eegasii addaan baafamtee, (Rabbii) ogeessa, keessa beekaa ta’e birraa addaan baafamtedha. “Rabbiin malee waan biraa hin gabbarinaa” jechuun (addaan baafamte) dhugumatti Ani isiniif Isa irraa akeekkachiisaafi gammachiisaadha} [Huud: 1, 2]
Rabbiin ol ta'e Aayattoota ifa galoo kana keessatti, jinniifi ilma namaa isuma qofa tokkicha Šariika hin qabne akka gabbaraniif malee waan biraatiif akka isaan hin uumnee fi gabbartii kanatti ajajuufi faallaa isaa irraa dhoorguuf jecha Ergamtoota -Rabbiin raḥmata fi nageenya isaan irratti ha buusu- erguu isaa ifoomse, akkasumas -inni injifate, guddate- isaa gaditti wanti biraa akka hin gabbaramneef jecha, Aayattoota kitaaba isaa ifa galchee adda baasuus hime.
Akkuma beekkamu gabbartiin jechuun: Rabbiin tokkichoomsuu, ajajoota Isaa raawwachuu fi dhoorgaawwan Isaa dhiisuun saaf ajajamuudha, dhugumatti Rabbiin aayattoota hedduu keessatti kana ajajee fi himee jira, isaan keessaa: jecha Isaa akkas jedhu: {Rabbiin qofa gabbaruu, qajeelanii amantii Isa qofaaf qulqulleessuu...tti malee homaatti hin ajajamne} [Al-Bayyinah: 5] Ammas jecha Rabbii ol-ta'eeti: {Gooftaan kee akka isin Isa malee homaa hin gabbarreefi...murtessee jira} [Al-Israa'i: 23], Ammas jecha Rabbii -inni qulqullaa'e- akkas jedhu: {Nuti dhugaan kitaaba gara keetti buufneerra. Rabbiin gabbari amantii Isaaf qulqulleessaa ta’ii. Dharga’aa! Amantiin qulqulluun kan Allaah qofa. Warri Isa malee gargaartota godhatan “gara Rabbiitti akka sirritti nu dhiheessaniif malee isaan hin gabbarru” (jedhu), Rabbiin waan isaan isa keessatti wal dhabaa turan gidduu isaaniitti ni murteessa, Rabbiin nama kijibaa, akkaan kafaraa ta’e hin qajeelchu.} [Az-zumar: 2-3].
Aayatoonni hiika kana keessatti dhufan hedduudha, hundi isaanituu gabbartii Rabbii tokkicha qofaaf qulqulleessuun dirqama ta'uu fi waan isaa gaditti gabbaramu nabiyyootaa fi kanneen biroo gabbaruu dhiisuutti akeeku.
Du'aa'iin gosoota ibaadaa keessaa irra barbaachisaa fi irra walitti qabataa akka ta'e shakkiin hin jiru, kanaafuu Rabbii tokkicha qofaaf qulqulleessuun dirqama, akkuma Rabbiin ol ta'e jedhetti: {Oduma kaafirtoonni jibbaniilllee, amantii isaaf qulqulleessaa, Rabbiin gabbaraa}. [Ǧaafir: 14] Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedha: {Masjiidonni kan Rabbiiti; Rabbii wajjiin homaa hin waammatinaa.} [Al-jinn: 18], Qajeelfamni duāa'iidhaan Rabbiin tokkichoomsuu kun, uumama hunda nabiyyootaafi kanneen biroos ni hammata; jechii Rabbii: {Rabbii gaditti waan si hin fayyadneefi si hin miine hin gabbarin. Yoo (akkas) hojjatte, dhugumatti ati yoos miidhaa hojjattoota irraa taata.} [Yuunus: 106] Kuni dubbii Nabiyyiitti -nagaa fi raḥmanni irra haa jiraatu- haasa'amedha, Rabbiin -qulqullaa'e- širkii irraa akka isaan eege beekamaadha, garuu wanti kana irraa barbaadame namoota biroo akeekkachiisuudha, eegasii Rabbiin akkana jedhe: {Rabbii gaditti waan si hin fayyadneefi si hin miine hin gabbarin. Yoo (akkas) hojjatte, dhugumatti ati yoos miidhaa hojjattoota irraa taata.”} [Yuunus: 106] Kun dubbii Nabiyyiitti -nagaa fi raḥmanni irra ha jiraatu- haas'amedha, wanti irraa barbaadames: warra isaanin alaa akeekkachiisuudha; sababni isaas Rabbiin ol ta'e Ergamaa isaa shirkii irraa akka tiikse beekkamaadha, eegasii Rabbiin ol ta'e akkas jechuun dhoorgaa fi akeekkachiisa keessatti dubbii jabeesse: {...Yoo (akkas) hojjatte, dhugumatti ati yoos miidhaa hojjattoota irraa taata.”} Zulmiin yoo waliigalaan dubbatamu, wanti itti fedhamu: Širkii guddaadha, akkuma Rabbiin ol ta'e jedhetti: {...Kaafiroonni isaanumatu miidhaa raawwattoota.} [Al-Baóarah: 254] Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe: {...dhugumatti širkiin miidhaa guddaadha} [luqmaan: 13] Erga caalaan ilmaan Aadam -raḥmannii fi nageenyi isaan irra ha jiraatu- osoo Rabbiin ala waan biraa kadhatanii, silaa zaalimtoota irraa ta'u ta'ee, eegaa kan isaanin alaa hoo akkam ta'a?!
Aayattoota kanneenii fi kan birootiin Rabbiin malee waan biraa kadhachuun -nama du'aa, mukkeen, taabotaa fi kanneen biroo- Rabbii ol ta'etti qindeessuudha, Rabbiin tokkichoomsuunis kan wal faallessudha, gabbartii isa Rabbiin kaayyoo isaatiif jinnii fi ilmi namaa uumee, ergamoota ergee fi kitaabota buusee, akkasumas hiikkaa: Laa ilaaha illallaah; kan ibaadaa Rabbiin malee waan biraa irraa mormee, Rabbiin qofaaf mirkaneessuunis wol faallessa, akkuma Rabbiin ol ta'e jedhe: {Kun waan Rabbiin, Inni (gabbaramaa) dhugaa ta’ee, wantoonni isaan Isaa gaditti gabbaran immoo isa sobaa ta’ee, ammas Rabbiin Isatu ol ta’aa, guddaa ta'eefi.} [Al-Ḥajji: 62].
Kuni hundee amantiitii fi bu'uura isaati, gabbartiin kamuu booda hundeen kun sirrii ta'ee malee sirrii hin ta'u, akkuma Rabbiin ol ta’e jedhetti: {Dhugamatti, gara keetiifi gara warra si dura turaniittis “yoo Rabbii wajjiin waan biraa gabbarte dalagaan kee ni bada; warra hoonga’an irraas taata” jechuun wahyiin buufameera.} [Al-zumar: 65] Ammas Rabbiin ol ta'e ni jedhe: {...odoo isaan qindeessanii silaa wanti isaan dalagaa turan isaan jalaa bada.} [Al-An'āam: 88].
Waan dabre irraa kan ifa ta'u, amantii Islaamaatii fi (ḥaóaan gabbaramaan Rabbiin malee hin jirru jedhanii) ragaa ba'uudhaaf bu'uuraalee gurguddoo lama akka qabanidha:
Tokkoon isaanii: Rabbii tokkicha šariika hin qabne qofa malee wanti biraa gabbaramuu dhabuudha; nabiyyootaa fi kan biroo irraa warra du'an kadhate, yookaan taabota, yookaan mukkeen, yookaan dhagaa, yookaan uumamtoota biroo kadhate, yookaan birmannaa isaan irraa barbaade, yookaan qalmaa fi nażriidhaan isaanitti dhihaate, yookaan isaaniif sagade, yookaan isaaniif sujuude; dhugumatti Rabbiin gaditti gooftolee isaan godhatee, šariiktota isaan taasifatee, hiikka Laa ilaaha illallaas diigee mormeera.
Lammaffaan: karaa nabiyyii fi ergamaa isaatiin malee -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- Rabbiin ol ta'e gabbaramuu dhabuudha, namni amantii kana keessatti waan Rabbiin hin eeyyamne kalaqe; hiikkaa Muḥammad Rasuula Rabbii ta'uu ragaa ba'uu hin mirkaneessine, hojiin isaas isa hin fayyadu isarraas hin qeebalamu, Rabbiin ol ta'e akkas jedhe: {Nutis gara dalagaa isaan dalaganii feenee (dhufnee) dhukkee faca’aa isa goone.} [Al-furóaan: 23]. Wanti hojiilee Aayaa keessatti dubbatamanitti fedhame: hojii nama Rabbiitti qindeessuu irratti du'eeti,
Akkasumas: Hojiiwwan Ƙalaqaman kan Rabbiin isaan hin eeyyamnes isa keessa seena, Guyyaa Qiyaamaa dhukkee bittinnaa'aa ta'u, sababaa isaan Šariāa isaa qulqulluun wol hin simatiniif jecha, akkuma Nabiyyiin -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- jedhanitti: «Namni Amantii keenya kana keessatti, waan biraa kan isa irraa hin taane argamsiise, inni deebifamaadha (fudhatama hin qabu).» Sirrii ta'uu isaa irratti walii galameedha.
Cuunfaan dubbii: Barreessituun tun birmachiifannaa fi du'aa'ii ishee gara Ergamaatti -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- qajeelchitee, Rabbii aalamaa kan tumsi, miidhaa fi fayidaan harka Isaa jiru irraa garagalteetti, wantoota kanneen keessaa homaa harka nama biraa keessa jiru.
Dhugumatti kun miidhaa guddaa fi hamaa ta'uu isaatiif Šakkiin hin jiru, dhugumatti Rabbiin ol ta'e isa kadhaachuutti ajajee, nama Isa kadhatuufis owwaachuu waadaa seenee jira, akkasuma namni kana irraa boones jahannam akka seenuu isaanitti dhaaddateera, akkuma Rabbiin ol ta'e jedhetti: {Gooftaan keessan ni jedhe: “Na kadhaa; isiniifiin awwaadhaa, Dhugumatti, isaan gabbartii kiyya irraa boonan, salphattoota ta’anii, jahannam seenuuf jiru.”} [Ǧaafir:60] Akkas Jechuunis: salphatoo fi tuffatamoo jechuudha, Aayaan kabajamtuun tun duāa'iin ībaadaa akka ta'ee fi dhugumatti namni isa irraa boone teessoon isaa jahannama akka ta'e agarsiisti, egaa yoo kun haala nama kadhaa Rabbii irraa boonee ta'e, haalli nama kan biraa kadhatee fi Isa irraa gara galee akkam ta'a? Inni dhihoo, wanti hunduu kan isaa ta'ee fi waan hunda irratti danda'aa ta'edha, akkuma Rabbiin ol ta'e jedhetti: {Yeroo gabroonni kiyya Ana irraa si gaafatan “dhugumatti, Ani isaanitti dhihoodha” (jedhiin). Kadhaa kadhataatiif yeroo inni na kadhate nan owwaadha, naaf haa owwaatanu, nattis ha amananu, Akka qajeelaniif jecha.} [Al-baóarah:186]. Dhugumatti Ergamaan -Rabbiin raḥamataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- ḥaadiisa ṡaḥiiḥa ta'e keessatti du'aa'iin ībaadah akka ta'e himanii jiru, ilma wasiila isaanii Abdullaah ibinu Ābbaasiin -Rabbiin isaan lamaan irraa ha jaallatu- akkana jedhaniin: «Rabbiin tiksi si tiksaa, Rabbiin tiksi fuuldura keetti argattaa, yeroo kadhatte Rabbiin kadhu, yeroo gargaarsifattes Rabbiin gargaarsifadhu». Tirmiżii fi kanneen biroos gabaasan.
Ammas akkas Jedhan -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu: "Namni ḥaala Rabbiif šariika waamuun du'e, ibidda seene.'' Buƙaariitu gabaase, Buƙaarii fi muslim keessatti Nabiyyiin -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- diliin kamtu irra guddaadha jedhamanii gaafatamanii, akkana jedhani: «Odoo inni si uumee jiruu Rabbiif qixxaataa taasisuudha.» Niddii jechuun: fakkaataa fi qixxaataadha, kanaafuu namni Rabbiin malee waan biraa kadhate hundi, yookaa isarraa birmannaa barbaade, yookaa isaaf nażrii seene, yookaa isaaf qale, yookaa wantoota dabran kana malees gabbartii irraa waan tokko isaaf godhe; dhugumatti niddii (šariika) isa godhateera, osoma nabiyyii, ykn woliyyii, ykn malaa'ikaa, ykn jinnii, ykn taabota, yookaa uumamtoota biroo ta'ellee.
Asitti namni tokko akkana jechuu danda'a: nama lubbuu qabu, kan nama bira jiru, waan inni irratti danda'u gaafachuu fi dhimmoota qabatamaa kan inni irratti danda'u keessatti isa gargaarsisiifachuun murtiin isaa maali; Deebiin isaas: kun širkii irraa miti, garuu dhimmoota idilee Muslimoota gidduutti eeyyamamoo ta'an irraayyi, akkuma Rabbiin ol ta'e seenaa Muusaa keessatti dubbatee akkana jedhetti: {...Inni lammii isaa irraa ta’e, isa diina isaa irraa ta’e irratti tumsa isa gaafate...} "[Al-Óaṡaṡ: 15]," ammas akkuma Rabbiin ol ta'e seenaa Muusaa keessattis jedhe: {Sodaataafi of eeggataa ta’ee ishee irraa bahe...} [Al-Óaṡaṡ: 21], Akkuma namoonni waraanaa fi dhimmoota biroo isaan mudatan keessatti, hiriyoota isaanii biramchiifatanuu fi walii isaaniitti haajomanutti.
Dhugumatti Rabbiin nabiyyii isaa -Rabbiin raḥmataafi nageenya isaan irratti ha buusu- nama tokkoofuu fayidaa fi miidhaa akka of harka hin qabne ummata isaaniitti akka himanu isaan ajaje, Rabbiin qulqullaa'ee ol ta'e ni jedhe: {(Yaa Muḥammad) jedhi: "wanti ani gabbaru Gooftaa kiyya qofa; Isattii waan tokkollee hin qindeessu. Jedhi: "Ani dhugumatti, miidhaas ta'ee qajelluma isiniif (fiduu) hin danda'u.} [Al-jinn: 21, 22], Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe: {Ani waan Rabbiin fedhe malee lubbuu kiyyaaf faayidaas ta’ee miidhaa fiduu hin danda'u, Odoon kanin fagoo (ǧaybii) beeku ta'ee, silaa toltuu irraan baay'ifadha; hamtuun na hin tuqu ture, Ani namoota amananiif akeekkachiisaafi gammachiisaa malee himaa miti". [Al-Aáraaf: 188].
Aayattoonni hiikkaa kana keessatti hedduudha.
Akkuma beekamutti Nabiyyiin -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- Gooftaa isaanii malee hin kadhatanu, akkuma guyyaa badiriitti Rabbiin birmachiifachaa, diina isaanii irratti tumsa isarraa barbaadaa turuun isaanii isaan irraa mirkanaa'ee jirutti, sana keessattis ciminaan kadhachaa akkas jedhu turan: «Yaa Gooftaa kiyya! Waan waadaa naaf galte naaf raawwadhu». Hanga Ṡiddiióichi guddaan Abubakar -Rabbi isa irraa ha jaalatu- akkas jedhutti: "Si ga'a yaa Ergamaa Rabbii, dhugumatti Rabbiin waan waadaa siif gale siif raawwataadha," Rabbiin qulqullaa'aan dhimma kana keessatti jecha isaa ol ta'e buuse: {Yeroo isin Rabbii keessan irraa birmannaa barbaaddanii isiniif awwaate “Ani malaa'ikoota kumaa wal hordofoo ta’an isiniif gargaarsa godhaadha” (jechuun) [yaadadhu].} [Suurah Al-Anfaal: 9], Rabbiin qulqullaa'e keeyyattoota kana keessatti birmannaa barbaaduu isaanii isaan yaadachiise, akkasuma akka isaaniif owwaatee injifannoodhaa fi tasgabbeessuudhaan isaan gammachiisuudhaaf jecha malaa'ikootaan akka gargaarsa isaaniif godhe isaanitti hime. Rabbiin qulqullaa'es injifannoon malaa'ikoota irraa akka hin taanee fi dhugumatti injifannoon isuma qofa biraa akka ta'e ibse, Rabbiin ol ta'e akkana jedhe: {Injifannoon Rabbiin biraa malee hin taane ykn hindhufu...} [Aal īmraan: 126] Rabbiin olta'e akkana jedha: {Dugumatti haala isin xiqqoo taataniin, (dirree) Badriitti Rabbiin isinii tumseera, Akka galateeffattaniif jecha Rabbiin sodaadhaa.} [Aal Īmraan: 123]. Rabbiin ol ta'e aayata tana keessatti, guyyaa Badriitti akka inni isaaniif tumsaa ta'e ibse, Kanaanis meeshaafi humnni isaaniif kenne, akkasumas malaa'ikaan inni ittiin isaan gargaare, kanneen hundu sababoota injifannoo, gammachiisuufi tasgabbii ta'uun beekame, Injifannoonis isaan kanneen irraa miti, inumaayyuu injifannoon dhuguamatti Rabbiin qofa bitaati. Barreessituun tun yookiin namni biroo, akkamumatti birmannaa fi injifannoo kadhachuu isii gara Nabiyyiitti -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- qajeelchitee Rabbii Āalamootaa, abbaa waan hundaa fi kan waan hundaa irratti danda'aa ta'e irraa garagaluu ija jabaatte?!
Kun irra fokkataa wallaalummaa, darbees irra guddaa širkii ta'uun isaa Šakkiin hin qabu, kanaafuu barreessituun gara Rabbii qulqullaa'eetti towbaa dhugaa tawbachuun ishii irratti dirqama ta'a, towbaan dhugaas dhimmoota hedduu of keessatti hammata, isaanis: Tokkoffaan: Waan irraa argame irratti gaabbuudha. Lammaffaan: badii keessatti kufe irraa buqqa'uudha, sadaffaan: Rabbii guddisuu fi Isaaf qulqulleessuun, waan Inni itti ajaje hojjachuu fi waan Inni irraa dhoorge irraa eeggachuun, badii sanatti deebi'uu dhabuu kutannoo qabaachuudha, tawbaan qulqulluunis isii kanadha, Dhimmi afraffaan addatti kan yoo badiin ḥaóa uumamtootaa keessatti ta'e jirutu jira, innis: Afraffaa: ḥaóa gara abbaa isaatti deebisuu, yookiin isa irraa dhiifama gaafachuu.
Rabbiin dhugumatti gabroota isaa tawbaa akka godhan ajajeera, akka isaan irraa qeebalus waadaa isaaniif galeera, akkuma Rabbiin ol ta'e jedhetti: {Yaa mu’uminootaa! Akka milkooftaniif jecha hundi keessanuu gara Rabbiitti tawbaa deebi'aa.} [An-nuur: 31], Ammas wa'ee kiristaanotaa ilaalchisuun akkas jedhe: {Sila gara Rabbiitti tawbatanii araarama Isa hin kadhatanuu? Rabbiin araaramaa, raḥmata godhaadha.} [Al-Maa'idah: 74] Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe: {Ammas isaan Rabbii wajjin waan biraa hin gabbarre (hin kadhanne), kan lubbuu Rabbiin ajjeesuu ḥaraama godhe ḥaóaan alatti hin ajjeefneefi hin sagaagalleedha. Namni (hojii gadhee) kana hojjate, adabbii qunnama. Guyyaa Óiyaamaa adabbiin (jahannam) dachaa isaaf taasifama. Isa keessa salphifamaa ta’ee yeroo hunda jiraatas. Nama tawbateefi amanee dalagaa gaarii hojjate malee, Isaan sun Rabbiin hamtuu isaanii gaariitti jijjiiraaf. Rabbiin araaramaa, raḥmata godhaa ta’eera.} [Al-Furóaan: 68-70] Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe: {Inni Isa gabroota Isaa irraa tawbaa qeebalu; Kan hamtuus irra dabruufi waan isin dalagdan beekuudha.] [Aš-šuuraa: 25].
Karaa sirrii ta'een Ergamaa Rabbii irraa akka odeeffametti -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- akkana jedhan: "Islaamummaan waan isa dura dabre(badii) ni diiga, Tawbaan waan isii dura dabre ni haqxi."
Jechoonni gabaaboon kunneen kan qophaa'aniif; hammeenyi širkii guddaa waan ta'ee fi inni badiiwwan hunda irra guddaa waan ta'eefi, akkasuma waan barreessituu tana irraa ba'een namoonni gowwoomfamuun waan sodaatamee fi Rabbii fi gabroota Isaatiif gorsuun waan dirqama ta'eef jecha. Barreeffama kanaan namoota akka fayyadu, haala keenyaa fi haala Muslimootaa hunda akka tolchu, amantii hubachuu fi isa irra gadi dhaabachuu hunda keenya akka badhaasuu fi nu'ii fi Muslimoota hamtuu lubbuu keenyaa fi hamtuu dalagaa keenyaa irraa akka tiksu Rabbiinan kadha, isatu sana irratti gargaaraa fi danda'aadha waan ta'eef.
Rabbiin gabricha isaa fi ergamaa isaa nabiyyii keenya Muḥammad, maatii fi sahaabota isaanii irratti raḥmata, nageenyaa fi barakaa ha buusu.
Ergaan Sadaffaa
Murtii jinnii fi Šeyṫaanota birmachisiifachuu fi wareega isaaniif gochuu.
Ābdul Āziiz ilma Abdullaah ilma Baaz irraa, gara Muslimoota isa argu maraatti, Rabbiin anaafi isaanis amantii isaa jabeessanii qabachuu fi isa rratti gadi dhaabbachuutti nu ha qajeelchu, Aamiin.
Assalaamu'ālaykum waraḥmatullaahi wabarakaatuhuu, (nageenyi, raḥmannii fi barakaan Rabbii isin irra ha jiraatu.)
Kana boodaan: Obboleewwan gariin waan wallaaltonni gariin hojjatan; Rabbiin malee waan biraa kadhachuu fi dhimmoota gurguddoo keessatti isa irraa gargaarsa barbaaduu; kan akka jinnii waammachuu, isaan irraa gargaarsa barbaaduu, isaanif nazrii godhuu fi isaaniif gorra'uu irraa na gaafatan. Ammas sana keessaa jecha garii isaanii: "Yaa Sab'aa (Yaa torban)" jechuu, akkas jechuunis: hooggantoota jinnii keessaa torban, isa qabaa, lafee isaa cabsaa, dhiiga isaa dhugaa, qaama isaa kukkutaa, yaa torban akkas isatti godhaa, Yookaan immoo jecha namoota garii: (yaa jinnii waaree, yaa jinnii asrii, isa fudhaa), kunis kallattii kibbaa garii keessatti baay'inaan argama, wantoota dhimma kanatti maxxanan keessaa: warra du'an kan akka anbiyootaa, namoota gaggaarii fi kanneen biroo waammachuu akkasuma malaa'ikoota waammachuu fi isaan irraa gargaarsa barbaaduudha. Kun hundii fi kanneen isa fakkaatan, nama islaamummaa himatu hedduu irraa argama, wallaalummaa isaatii fi warra isa duraa hordofuudhaan, tarii gariin isaanii dhimma kana laaffisuun akkana jechuun ragaa godhatu ta'a: kun waan arrabuma keenya irra dhufudha, itti hin yaannee miti isattis hin amannu.
Ammas na gaafate: murtii fuudhaa fi heeruma namoota hojii kanneeniin beekamanii, gorraasuu isaanii nyaachuu, isaan irratti sagaduu fi duuba isaaniitiin sagaduu irraa na gaafate, akkasuma murtii falfaltootaa fi waa himtuu; akka nama waan qaama dhukkubsataa tuqe wohii, kan akka imaamaa, kofoo, haguuggataa fi kanneen kana fakkaatan biroo arguudhumaan, dhukubaa fi sababa isaa beekuu himatuu.
Deebiin: Faaruun gaggaariin hundi Rabbii tokkicha qofaafi; raḥmannii fi nageenyi Nabiyyii booda isaatiin nabiyyiin hin jirre, maatii isaanii, hiryoota isaanii fi hanga guyyaa mindaatti nama qajeeluma isaaniitiin qajeele irra ha jiraatu.
Booda kanaatii: Rabbiin -qulqullaa'ee olta'e- dhugumatti ulfaatoo lameen (jinnii fi ilma namaa) waan isa malee jiru hunda dhiisanii isuma qofa akka gabbaranii fi kadhaa, birmachiifannaa, qalma, nażrii fi gosoota gabbartii hundaan adda akka isa baasaniif isaan uume, ergamtootas dhugumatti sanaan erguun, isattis isaan ajajee jira, akkasuma kitaabota samii kan irra guddichi isaanii Óur'aana kabajamaa ta'es, sana akka ifa gochu, gara isaatti akka waamuu fi Rabbitti qindeessuu fi waan isaan ala jiru gabbaruu irraa namoota akka akeekkachiisuuf buusee jira. Kun hundee hundeewwanii fi bu'uura amantiiti, innis hiikkaa Šahaadaa "An Laa ilaaha illallaah" (ḥaóaan gabbaramaan Rabbiin malee hin jiru) jedhanii ragaa ba'uuti, dhugaan isaas: ḥaóaan gabbaramaan Rabbiin malee hin jiru jechuudha, innis gabbaramuu fi gabbartii waan Rabbii gaditti jiru irraa mormanuun, uumamyooys isa malee jiruun alatti Rabbii tokkicha qofaaf mirkaneessuudha, Ragaaleen kanarratti kitaaba Rabbii fi sunnaa ergamaa isaa ﷺ irraa bay'ee hedduudha, isaan keessaa: jecha Rabbii ol ta'eeti: {Jinniifi ilma namaa akka ana qofa gabbaraniif malee hin uumne.} [Aż-żaariyaat: 56]. Ammas jacha Rabbii -qulqullaa'ee: {Gooftaan kee akka isin Isa malee homaa hin gabbarree fi haadhaa fi abbaattis tola ooluu murteesse.....} [Al-Israa'i: 23], Akkasumas jecha Rabbii ol ta'ee: {Rabbiin qofa gabbaruu, qajeelanii amantii Isa qofaaf qulqulleessuutti malee hin ajajamne...} [Al-Bayyinah: 5] Akkasumas jecha Rabbii ol ta'ee: {Gooftaan keessan ni jedhe: “Na kadhaa; isiniifiin awwaadhaa. Dhugumatti, isaan gabbartii kiyya irraa boonan, salphattoota ta’anii, jahannam seenuuf jiru.”} [Ǧaafir:60] Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe: {Yeroo gabroonni kiyya Ana irraa si gaafatan “dhugumatti, Ani isaanitti dhihoodha, Kadhaa kadhataatiif yeroo inni na kadhate nan owwaadha" (jedhiin)} [Al-baóaraa: 186].
Rabbiin qulqullaa'e Aayattoota kana keessatti ilmaan namaatii fi jinnii isuma gabbaruudhaaf akka uume ifa galche, akkasumas inni gabroottan isaa Óur'aana ifa galaa ta'e keessattii fi arraba Ergamaa isaa -Rabbiin raḥmata fi nageenya isaan irratti ha buusu- irratti, Gooftaa isaanii malee wanti biroo akka hin gabbaramne murteesse - akkas jechuunis: ajajee fi dhaame.
Akkasuma -Rabbiin guddate ol ta'e- du'āa'iin Ībaadaa guddoo akka ta'ee fi namni isa irraa boone ibidda akka seenu ibse, gabroottan isaas isa qofa akka kadhatanitti ajajee, dhihoo kadhaa isaaniif owwaatu ta'uus hime, kanaafuu gabroottan hunda irratti du'āa'iidhaan Gooftaa isaanii adda baasuutu dirqama ta'a; sababni isaas inni gosa ībaadaa isaan isaaf uumamanii fi isatti ajajajaman irraa waan ta'eefi, Rabbiin guddate ol ta'e akkas jedhe: {Jedhi: "Dhugumatti sagadni kiyya, gorraasuun kiyya, jireenyi kiyyaafi duuti kiyyas Rabbii Gooftaa Āalama qofaafi. Šariikni isaaf hin jiru; isuma kanattin ajajame; ani jalqaba Muslimootati.} [Al-an'āam: 162, 163].
Kanaaf Rabbiin nabiyyii isaa -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- sagadni isaanii fi gorraasuun isaanii, jireenyi isaanii fi duuti isaaniis Rabbii gooftaa Āalamaa, kan isatti waan tokko hin qindeeffamneef ta'uu isaa namootatti akka beeksisisan ajaje, kana irratti hundaa'uun: namni waan Rabbiin malee jiruuf qale dhugumatti Rabbitti qindeesseera, akkuma osoo waan Rabbiin malee jiruuf sagadeeti; sababni isaas Rabbiin -qulqullaa'e- sagadaa fi qaluu wolitti kan hidhaman taasisuun, isaan lamaanuu Rabbii tokkicha isatti waan tokko hin qindeeffamne qofaaf ta'uu akka qabannus beeksiseera, Namni waan Rabbiin malee jiru, jinnii, malaa'ikootaa, warra du'anii fi kanneen birootiif qale, haala qalma sanaan isaanitti dhihaachuu barbaaduun, inni akkuma nama waan Rabbiin malee jiruuf sagadeeti, Ḥadiiśa ṡaḥiiḥa keessatti Nabiyyiin -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- akkas jedhani: «Rabbiin nama waan Rabbiif malee jiruuf gorra'e abaare». Imaamu Aḥmad sanada ḥasan ta'een, karaa Ṫaarió ilama Šihaab irraa odeeffameen -Rabbiin isa irraa ha jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- akkas jedhan: «Namoonni lama ummata taabota qabu, kan namni tokkollee hanga waa tokko isaaf qallutti isa bira hin darbine tokko bira darbani, isaan keessaa nama tokkoon: woreega dhiheessi (qali) jedhaniin. Innis ni jedhe: waan dhiheessu (qalu) homaa hin qabu, isaanis akkas jedhaniin: tisiisa yoo ta'ellee dhiheessi, innis tisiisa dhiheessee jennaan, karaa isaa gadi dhiisaniif, sababa sanaatiif ibidda seene, isa lammataatiinis: dhiheessi, jedhaniin. Innis ni jedhe: ani Rabbii ol ta'een alatti eenyumaafuu waan tokkollee kan dhiheessu hin taane, isaanis morma isaa murani, sababaa sanaan jannata seene.»
Eegaa eega namni tisiisaa fi waan isa fakkaatuun gara taabotaatii fi waan isa fakkaatuutti dhihaate mušrika ta'ee ibidda seenuu kan ḥaóa godhatu ta'ee, namni jinnii, malaa'ikootaa fi woliyyoota kadhatu, akkasuma namni isaan gargaarsifatu, isaaniif nażrii godhuu fi qalmaan isaanitti dhihaatu, kan kanaanis qabeenya isaa eeggachuu, ykn dhibamaa isaa fayyisuu, ykn beeyladoota isaatii fi midhaan isaa nagaa taasisuu kan kajeelu akkamuma ta'a? akkasuma namni sodaa hamtuu jinnii ykn waan kana fakkaatuuf jecha kana dalagu hoo akkamum ta'a?! dhugumatti namni kanaa fi waan kana fakkaatu dalage, nama tisiiisa taabotatti dhiheesse kana caalaatti mušrika ta'uufi ibidda seenuu kan ḥaóa godhatu ta'uun isaa šakkii hin qabu.
Ammas waan kana ilaalchisuun waan dhufe keessaa, jecha Rabbii guddatee kana: {Nuti dhugaan kitaaba gara keetti buufneerra, kanaaf amantii Isaaf qulqulleessaa ta’ii Rabbiin gabbari. Dhaga’aa! Amantiin qulqulluun kan Allaaha qofa. Warri Isa malee gargaartota godhatan “gara Rabbiitti akka sirritti nu dhiheessaniif malee isaan hin gabbarru” (jedhu) Rabbiin waan isaan isa keessatti wal dhabaa turan gidduu isaaniitti ni murteessa. dhugumatti Rabbiin nama kijibaa, akkaan kafaraa ta’e hin qajeelchu. [Al-zumar: 1-3], Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe: {Rabbiin ala waan isaan hin miineefi hin fayyadne gabbaranii “Isaan kun Rabbiin biratti manguddoota keenya” jedhu. “Sila isin waan Inni samiifi dachii keessatti hin beekne Rabbitti himtuu? Inni (Rabbiin) waan isaan Isa waliin gabbaran irraa qulqullaa’e, olis ta’ee jira” jedhi.} [yuunus: 18]
Rabbiin ol ta'e aayattoota lamaan kana keessatti, mušrikoonni Rabbiin gaditti uumamtoota irraa gargaartota, sodaan, kajeellaan, qalmaan, nażriin, kadhaa fi kanneen kana fakkatan biroo kan isaa waliin gabbaran akka godhatan hime, kanas kan godhan gargaartonni kunniin warra isaan gabbaru gara Rabbiitti dhiheessu, Isa birattis magantaa isaaniif dhaabbatu jedhanii sobaan falmuun akka ta;e hime, eegasii Rabbiin ol ta'e isaan kijibsiisee, soba isaaniis ifa godhee, kijibdoota, kaafirtootaa fi mušrikoota jechuun isaan waamee, Širkii isaanii irraas of qulqulleesse, Rabbiin guddaan ol ta'e akkana jedhe: {(Rabbiin) waan isaan Isatti qindeessan irraa qulqullaa’ee ol ta’aardha.} [An-naḥl: 1]. Kanaanis namni malaa'ikaa, yookaan nabiyyii, yookaan jinnii, yookaan muka, yookaan dhagaa, kan Rabbii woliin isa waammatu, gargaarsa isa irra barbaaduu fi kan nażrii fi gorraasuun isatti dhihaatu, haala magantaa isaaf dhaabbachuu fi akka isatti isa dhiheessu barbaaduun yookaan dhukkubsaataa akka isaaf fayyisu kajeeluun, yookaan qabeenya isaa akka isaaf eegu kajeeluun, yookaan namni bade nagaan galuu isa irra kajeeluun yookaan wantootaa sana fakkaatan biroo irra kajeeluun; dhugumatti inni širkii guddaa kana fi balaa hamaa kana keessa bu'eera, kan Rabbiin isa keessatti akkana jedhe: {Dhugumatti Rabbiin Isatti waa qindeeffamuu hin araaramu, Waan sanaa gadii nama fedheef ni araarama. Namni Rabbitti qindeesse dhugumatti cubbuu guddaa kijibaan uumeera.} [An-nisaa'i: 48] , Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe: {Dhugumatti, namni Rabbitti qindeesse, Rabbiin isa irratti jannata haraama taasiseera. Teessoon isaas ibidda, Miidhaa raawwattootaaf tumsitoonni hin jiranu.} [Al-Maa'idah: 72].
Guyyaa qiyaamaatti magantaan dhugumaan kan argamu worra Rabbiin tokkichoomsanii fi qulqulleessaniifi, worra širkiitiifii miti, akkuma Nabiyyiin -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- yeroo: ''Yaa Ergamaa Rabbii! magantaa keetiin irra milkaa'aan namaa eenyu?'' isaaniin jedhametti, akkuma akkas jedhanitti: «Nama onnee isaa irraa qulqulleessee Laa Ilaaha Illallaah (dhugaan gabbaramaan Rabbiin malee hin jiru) jedhe». Ammas Nabiyyiin -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- akkas jedhani: «Nabiyyii hundaafuu kadhaa qeebalamaatu jira, nabiyyiin hundis kadhaa isaa ariifatee argateera, ani garuu kadhaa kiyya guyyaa óiyaamaatti ummata kiyyaaf Šafaa'āa taasisuuf ol kaa'eera, isiinis yoo Rabbiin fedhe, nama ummata kiyya irraa osoo waa tokkollee Rabbiitti hin qindeessin du'e qaqqaba».
Mušrikoonni duraanii akka Rabbiin Gooftaa isaanii, Uumaa isaanii fi Sooraa isaanii ta'e ni amanu ture, garuu nabiyyoota, awliyaawwan, malaa'ikoota, mukkeen, dhagaawwanii fi waan kana fakkaatanitti kan isaan rarra'aniif, Rabbiin biratti magantaa isaan irraa barbaaduu fi gara Isaatti akka isaan dhiheessan kajeeluuni, akkuma aayattoota darban keessatti darbetti. Rabbiin kanaaf ūżrii isaaniif hin goone, inumaayyuu Rabbiin kitaaba isaa guddaa keessatti isaan balaaleffatee, kaafirtootaa fi mušrikoota jechuun isaan waamee, jecha isaanii gooftoleen kunniin Šafaa'āa nuuf ta'u Rabbiinitti nu dhiheessu jedhus kijibsiise, Rasuulli Rabbii -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- kana irratti sababaa isaaniif hin kennine, inumaayyuu hanga isaan gabbartii Rabbii tokkichaaf qulqulleessanitti, širkii kana irratti isaaniin loeelra, jecha Rabbii akkas jedhu hojii irra oolchuun: {Hanga Širkiin hafee amantiin Rabbiif qofa ta’utti isaaniin lolaa...} [Al-Baóarah: 193]. Ergamaan -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- akkana jedhan: «hanga Rabbiin malee dhugaan gabbaramaan biraa akka hin jirre, Muḥammad Ergamaa Rabbii ta'uu ragaa ba'anii, sagadta dhaabanii, zakaa kennanitti namootaan lolutti ajajameen jira, yoo sana hojjatan ḥaóa islaamummaatiin malee dhiiga isaanitii fi qabeenya isaanii narraa tikfataniiru, herregni isaanii immoo Rabbiin irra jira» Hiikni jecha nabiyyii kanaa -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu-: «Hanga Rabbiin malee ḥaóaan gabbaramaan biraa akka hin jirre ragaa ba'anitti» jedhuu: jechuunis: hanga waan isa malee jiru hundaan alatti, Rabbiin gabbartiidhaan adda taasisanitti.
Dhugumatti Mušrikoonni jinnoota ni sodaatu turan, isaanittis ni maganfatu turan, kanaaf Rabbiin ol ta'e waa'ee kana ilaalchisee jecha isaa kana buuse: {Ammas dhiironni nama irraa ta'an dhiirota jinnii irraa ta'anitti maganfatanii boonaaf joonjo hirrina isaaniif (jinnootaaf) dabalaa turan.} [Al-jinn: 6]. Warri Óur'aana hiikan aayaa kabajamtuu kana ilaalchisuun akkas jedhani: {...boona isaaniif (jinnootaaf) dabalaa turan.} Kana jechuun: rifaatuudhaa fi sodaadhaan jechuudha; sababiin isaas jinnoonni yeroo ilmaan namaa isaanitti maganfachuu argan, of guddisuun boonu, Yeroo sanatti dabalanii akka isaan gabbaranuu fi gara isaaniittis akka baqaqtanuuf jecha, sodaa fi rifuu isaanitti dabalu.
Rabbiin muslimootaaf, isaa fi jechootawwan isaa guutuu ta'anitti maganfachuu bakka buuseefii jira, sana ilaalchisuunis jecha isaa akkas jedhu buusee jira: {Yoo garagalchaan šayṫaana irraa ta’e tokko (ajaja Rabbii irraa) si bute Rabbitti maganfadhu, Inni dhagayaa, argaadha.} [Al-Aáraaf: 200], Ammas jecha Rabbii ol ta'ee: {Jedhi: "Gooftaa bariittin maganfadha.} Karaa sirrii ta'een Nabiyyii irraa akka odeeffametti -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- akkana jedhan: «Namni bakka tokko qubatee: (Aūużu bikalimaatillaahi attaammaati Min šarri Maa Ƙalaó) jedhe; qubsuma isaa sana irraa hanga imalutti homaa isa hin miidhu».
Aayaataa fi ḥadiiśa darbe irraa, namni najaa ba'uu barbaadu, amantii isaa eeggachuu fedhuu fi širkii xinnaa fi guddaa irraa nagaa ba'uu fedhu; dhugumatti du'aa, malaa'ikaa, jinnii fi uumamtoota birootti rarra'uun, isaan kadhachuun, isaanitti maganfachuu fi kan kana fakkaatan gochuun; dalagaa warra jaahiliyyaa mušrikootaa irraa akka ta'ee fi širkii fokkattuu Rabbiin irratti raawwatamu irraa akka ta'e beeka, kanaafuu dirqamni namarra jiruu kana dhiisuu, isa irraa eeggachuu, sa dhiisuu waliif dhaamuu fi nama isa dalage irratti mormuudha.
Namni nmoota irraa gochoolee širkii kanaan beekame immoo: isa wajjiin wal fuudhuun, gorraasuu isaa nyaachuun, isa irratti sagaduunii fi isa duubaan sagaduun hin eeyyamamu; hanga inni gocha sana irraa gara Rabbii qulqullaa'etti tawbaa ykn jiile irraa Rabbitti deebiee isaa ifa godhutti, akkasumas kadhannaa/du'āa'ii fi ibaadaa Rabbi tokkichaaf qulqulleessutti. Kadhannaan/du'āa'iin ībaadaadha, inumaa dhuka ishiiti, akkuma Nabiyyiin -nagaa fi raḥmanni irra ha jiraatu- jedhan: ""Du'āa'iin (kadhaan) inni Ībaadaadha"." Akkasumas jecha biraatiin Nabiyyii irraa -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- akkas jechuun isaanii gabaafameera: ""Du'āa'iin dhuka Ībaadaati"." Dhimma fuudha mušrikootaa ilaalchisee immoo: Rabbiin Ol ta'e akkana jedhee jira: {dubartoota mušrikaa hin fuudhinaa hanga isaan amananitti, Odoma isheen isin dinqisiifteeyyuu gabrittii mu’umintittiitu mušriktittirra caalti, dhiira mušrikootaatti hin heerumsiisinaa hanga amananitti, Odoma (inni) isin dinqisiiseeyyuu gabricha mu’uminaatu mušrika irra caala, Warri sun gara ībiddaatti waamu; Rabbiin immoo eeyyama isaatiin gara jannataafi araaramaatti waama, Haa gorfamaniif jecha aayatoota isaa namootaaf ibsa.} [Al-Baóarah: 221], Rabbiin -qulqullaa'e- dubartoota mušrikaa, kanneen taabota, jinnii, malaa'ikootaafi waan biroo gabbaran fuudhuu irraa muslimoota dhorgee jira; hanga isaan gabbartii Rabbi tokkichaaf qulqulleessuun, Ergamaa immoo -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- waan isaan ittiin dhufan dhugoomsanii karaa isaanii hordofuun amananitti, Akkasumas dhiira mušrikootaatti dubartoota muslimaa heerumsiisuu irraa dhorgee jira; hanga isaan gabbartii Rabbi tokkichaaf qulqulleessuun, Ergamaa immoo -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- dhugoomsanii isa hordofuun amananitti.
Rabbiin -qulqullaa'e- gabrittiin mu'uminaa birmaduu mušrika taate irra akka caaltu hime, bareedinaa fi gaarummaa haasaa išeetiin nama ishee ilaaluu fi haasaa ishee dhagahu kan hawwattu yoo taatellee, Akkasumas gabrichi mu'uminaa birmaduu mušrika ta'e irra akka caalu hime, bareedina isaatiin, qulqullina haasaa isaatiin, jagnummaa isaatii fi wantoota kana fakkaatan birootiin nama isa dhagahuu fi isa laalu kan hawwatu yoo ta'ellee, Sanaan booda sababoota caalmaa kanaa akkas jechuun jecha Isaa qulqullaa'een ibse: {...Warri sun gara ibiddaatti waamu...} [Al-Baóarah: 221]. Kana jechuun: mušrikoota dhiiraafi dubartiiti; sababni isaas isaan jechoota isaaniitiin, hojiiwwan isaaniitiin, adeemsa isaaniitiifi amaloota isaaniitiin warra gara ibiddaatti waaman irraayyi, Mu'umintoonni dhiiraafi dubartiin immoo, isaan amaloota isaaniitiin, hojiiwwan isaaniitiifi adeemsa isaaniitiin warra gara Jannataatti waaman irraayyi, egaa akkamitti isaan kunniiniifi isaan sunniin wal qixxaatu!
Mušrikoota irratti salaatuun immoo: Rabbiin guddatee ol ta'e waa'ee munaafiqootaa akkas jedhe: {Isaan irraa nama du’e tokkollee irratti hin sagadin, Qabrii isaa irras hin dhaabbatin, Dhugumatti isaan Rabbiifi ergamaa Isaattis kafaran. finciltoota ta’anii du’aniiru.} [AT-Tawbah: 84], Rabbiin ol ta'e Aayaa kabajamtuu tana keessatti, sababaa Rabbii fi ergamaa isaatti kafaraniif jecha munaafiqaafi kaafira irratti (sagada janaazaa) akka hin sagadamne dhugumatti ifa godhee jira; akkasumas duuba isaaniitti hin sagadamu, muslimootaafis imaama hin godhamanu; kafaruu, amaanaa dhabuu, diinummaa gidduu isaaniitii fi gidduu muslimootaa jiruu fi waan isaan warra salaataa fi gabbartii hin taaneef jecha; kufriifi širkiin hojjii wohiituu waan isaaniif hin hanbifneefi, kana irraa Rabbiin nageenya kadhanna. Gorraasuu mušrikootaa nyaachuun immoo: dhugumatti Rabbiin -ulfinni isaa guddate- baktii fi wanti mušrikoonni gorra'anii ḥaraama ta'uu isaa ibsuun akkas jedhe: {Waan maqaan Rabbii isarratti hin dubbatamin hin nyaatinaa, Dhugumatti, inni fincila, Dhugumatti, šayṫaanonni akka isiniin falmanuuf gara jaalallee isaanii hasaasu, Isin yoo isaaniif ajajamtan dhugumatti isin mušrikoota.} [Al-An'āam: 121], Rabbiin -ulfinni isaa guddate- baktii fi qalma mushrikaa nyaachuu irraa muslimoota dhorgee jira; sababni isaas inni najisa, kanaafuu qalmi isaas odoo maqaa Rabbii irratti dhahees murtii baktii qaba; maqaa Rabbii dhahuun isa irraa argames kijiba dhiibbaa tokkollee hin qabu; gorraasuun gabbartiidha waan ta'ee fi širkiin immoo hanga namni širkii godhu sun irraa deebi'utti gabbartii waan balleessuuf jecha, Rabbiin ol ta'e jecha isaa akkas jedhu keessatti nyaata Abbootii kitaabaa eeyyame malee: {...Nyaanni abbootii kitaabaas isiniif eeyyamamaadha. Nyaanni keessanis isaaniif hayyamamaadha..} [Al-Maa'idah: 5], Sababni isaas isaan gara amantaa samiitti waan of hirkisaniif jecha, kijibdoota yoo ta'anillee hordoftoota Muusaa fi Iisaati jedhu waan ta'eef, Rabbiin Muḥammadiin -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- gara ilmaan namaa cufaatti erguudhaan, amantii isaanii haqee isa balleessee jira, garuu Rabbiin guddate oguma hoonga ga'ee fi iccitii eegame kan worri beekumas qaban ifa galchaniif jecha, nyaata warra kitaabaa fi dubartoota isaanii nuuf eeyyamee jira, faallaa mushrikoota worreen nabiyoota, woliyyootaa fi kanneen biroo irraa taabotootaa fi namoota du’an gabbaranitti; sababni isaas amantaan isaanii bu'uura hin qabu, wol fakkaannaanis isa keessa hin jiru, inumaayyuu inni bu'uuruma isaa irraayyuu kijiba dogongora, kanaaf gorraasuun warra kanaas baktiidha ykn Duaadha, nyaachuunis hin eeyyamamu.
Namni nama isaan haasa'uun: (jinniitu si tuqe), (jinniitu si qabe), (šeeyxaanatu siin barare), fi kan kana fakkaatu biroo jechuun isaa immoo, kun arrabsoo fi salphisuu irrayyi lakkaa'ama, kunis akkuma gosoota arrabsoo fi salphisoo borootti muslimoota giddutti hin eeyyamamu, garuu kun gosa Širkii irraayyi miti, yoo kan namni jecha sana jedhu sun akka jinnin eeyyama Rabbii fi fedha isaatiin alatti namoota irratti ajaja ofii raawwattu amanu ta'e malee, Jinnii yookiin uumamtoonni biroo waan akkasii raawwatu jedhee namni amane, inni amantii kanaan kaafira; sababni isaas Rabbiin isatu Abbaa waan hundaa, kan waan hunda irrattis danda'aa waan ta'eefi, isatu fayyadaa fi miidhaadha, eeyyama isaa, fedhii isaatiifii murtee isaa duraaniitiin malee wanni tokkollee hin argamu, akkuma Rabbiin ol ta'e bu'uura guddaa kana namootatti akka himan Nabiyyii isaa -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- ajajuun akkas jedhetti: {Jedhi "Ani lubbuu kiyyaaf faayidaas ta’ee miidhaa fiduu hin danda'u waan Rabbiin fedhe malee, Odoon kanin fagoo (ghaybii) beeku ta'ee, silaa toltuu irraan baay'ifadha; hamtuunis na hin tuqu ture, Ani ummata amananiif akeekkachiisaafi gammachiisaa malee hintaane".} "[Al-Aáraaf: 188]," Mootiin uumamaa fi irra caalaan isaanii -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- lubbuu ofiitiif waan Rabbiin fedhe malee faaydaas ta'ee miidhaa of harkaa kan hin qabne erga ta'ee, akkamitti uumamni biraa hoo akkam ta'a?! Aayaanni hiika kana keessatti baay'eedha.
Waa himtuu, falfaltoota, worra urjii ilaaluun waa himanii fi kanneen kana fakkaatan biroo, worra oduu waan fagoo fi dhokataa irraa dubbatan gaafachuun immoo, inni badiidha hin eeyyamamu, isaan dhugeessuun immoo irra hamaa fi irra badiidha, inumaayyuu inni damee kufrii irraayyi; jecha nabiyyii -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buus- akkas jedhuuf jecha: «Namni waa himaa bira dhufee waan tokko irraa isa gaafate; sagadni guyyaa afurtamaa isaaf hin qeebalamu». Muslimtu ṡaḥiiḥa isaa keessatti gabaase, Ammas Ṡaḥiiḥa isaa keessatti Mu'aawiyaa ibinu hakam assulamii irraa odeeffamee -Rabbi isarraa haajaalatuu- akkas jedhe: "Nabiyyiin -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- gara raagduu dhufuu fi isaan gaafachuu irraa dhoorgani."
Akkasumas warri Sunanaa Nabiyyii irraa -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- akkas jechuu isaanii gabaasanii jiru: "Namni raagdutti dhaqee waan inni jedhu dhugoomse, dhugumatti waan Rabbin muḥammad irrati buusetti kafaree jira -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu-". Hiikaa kana ilaalchisuun ḥadiiśota hedduutu jiru. Dirqamni musliimota irra jiru: raagdota, waa himtootaa fi falfaltoota hunda worra oduu waan dhokataa fi fagoo dubbachuu fi muslimootatti wol fakkeessuu irratti bobba'an hunda waa gaafachuu irraa of eeguudha, sun maqaa yaalaatiinis ta'ee yookaan kan biraatiinis yoo ta'e, dhoorgaa fi sodaachisa nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- darbeef jecha, wanti namni gariin maqaa yaalaatiin himatu, dhimmoota beekumsa waan fagoo dhokataa ta'e, kan akka yeroo marata dhukkubsataa yookaan Shaashii isaa yookaan waan sana fakkaatu biroo fuunfachuun: dhimmoota fagoo dhokatoo kan marata dhukkubsaa fi kanneen biroo iraa mallattoon homaatuu kan isa irraa hin jirre, dhukkubsataan kun ykn dhukkubsattuun tun waan akkasii dalage yookaan waan akkasii raawwate jedhu, sana hunda irraa wanti barbaadame nomootatti wol fakkeessuun akka isaan: inni yaala, gosoota dhukubaa fi sababa isaas beeka jedhaniif jecha, tarii dawaa wohiis isaaniif kenninaan, dawaan sunis fayyummaa qunnamee jennaan, isaanis sun sababaa dawaa isaati jedhanii yaaduutu mala, Tarii dhukubni sun sababaa garii jinnii fi Šeeyṫana namicha ogeessa yaalaa ta'uu himatu tajaajilanu kan garii waan fgoo dhokatoo itti ga'anii isatti himanii jennaan isa irratti hundaa'uun dubbatuu ta'uutu mala, jinniifi Šeeyṫana gabbartii isaan barbaadan isaaniif dhiheessuun isaan jaalachiisee jennaan, dhukkubsataa sana keessaa ba'uun, miidhaa fi rakkina isatti owwisanis dhiisu, nama isaan tajaajiluuf kana gochuun jinnii fi Šayṫaana irraa beekamaadha.
Ammas dirqamni muslimtootarra jiru: sana irraa of eeggachuu, isa dhiisuu waliif dhaamuu fi dhimma hunda keessatti Rabbii ol ta'e qofa irratti hirkachuudha, ruqaa (yaala) Šari'āa, dawaa eeyyamamaa fi ogeeyyii fayyaa worra dhukkubsataa ilaaluun, sababaa mul'ataa fi sammuun amansiisaa ta'een dhibee isaa mirkaneessan birattis yaalamuun rakkoo hin qabu, nabiyyii irraa -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- akkas jechuun karaa sirrii ta'een dhufee jira: "Rabbiin dhukuba wohii buusee isaaf dawaa busu malee hin hafne, namni beeke beeke kan wallalees wallaale" Ammas nabiyyiin :Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- akkas jedhani: ""Dhukuba hundaaf dawaatu jira, yoo dawaan dhukuba qunname yyama Rabbiitiin ni fayya."" Ammas nabiyyiin -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha busu- akkas Jedhan: «Yaa gabroota Rabbii, dawaa godhadhaa haraamaan dawaa hin godhatinaa». Ergaa kana keessatti ḥadiiśonni hedduun dhufanii jiru.
Haala muslimootaa hundaa akka tolchu, qalbii fi qaama isaanii waan hamtuu hundarraa akka fayyisu, qajeeluma irratti akka walitti isaan qabu, nu'ii fi isaanis fitnaalee nama jallisuu fi šeeṫaanaa fi awliyaa'oota isaatiif ajajamuu irraa akka nu tiksu Rabbiin qofa kadhanna, Inni waan hunda irratti danda'aadha, falliifi humni Rabbii ol aanaa guddaa ta'een malee hin jiru.
Rabbiin gabricha isaa fi ergamaa isaa nabiyyii keenya Muḥammad, firoota isaanii fi ṡaḥaabota isaanii irratti raḥmata, nageenya fi barakaa ha buusu.
Ergaa Afraffaa:
Murtii Żikrii fardeeffatamanii jedhaman kan baasaa fi Širkii ta'niin gabbartii gochuu
Ābdul Āziiz ilma Abdullaah ilma Baaz irraa, gara kabajamaa obboleessa kabajamaa (.........), Rabbiin toltuu hundaaf isa ha qajeelchu, Aamiin.
Nageenyi, raḥmannii fi barkaan Rabbii isin irra ha jiraatu (Assalaamu'alaykum Waraḥmatullaahi Wabarakaatuhuu).
Kana boodaan: kitaabni keessan kabajamaan na qaqqabee jira, Rabbin qajeeluma isaatiin isin ha qaqqabu, faaydaan inni of keessatti qabate, biyya keessan keessa akka namoonni Żikrii Rabbiin ragaa itti hin buusin frdeeffatanii jedhan qabatanii jiran jiranutu isa keessa jira, isa keessaa kan baasa ta'etu jira, akkasuma kan širkii ta'etu jira, waan godhan kana immoo gara Amiira Mu'uminaa: Āliyyii ilma Abii Ṫaalibii fi -Rabbi isa irraaa ha jaallatu- kan birootti hirkisu, Żikriiwwan fardeeffatan sanniin bakka żikriif taa'amutti yookaan sagada magribaa booda masjiida keessatti qara'u, sana kan godha immoo wanti kun Rabbitti nu dhiheessa jechuuni, akka jecha isaanii: "Ḥaóóa Rabbiitiin, yaa namoota Rabbii, gargaarsa Rabbiitiin nu gargaaraa, Rabbiin gargaarsaa keenya nuuf ta'aa." jechuu faa. Akkasuma akka jecha isaanii: “Yaa aqxaabotaa, yaa gooftolii, yaa warra gargaarsaa nu keessa jirtan nuuf owwaadhaa, Rabbi birattis magantaa nuuf godhaa, kunoo gabrichi keessan dhaabatee jira, balbala keessan irrattis taa'ee jira, hanqina isaatiifis sodaatee jira, nu birmadhu yaa ergamaa Rabbii, isin malee qaaman itti deemu hin qabu, wanti barbaadames isinuma irraa argama, isin warra Rabbiiti, Ḥamzaa gooftaa Šahiidotaatiin (isin kadhanna), isin irraas eenyutu birmannaa nuuf ta’a, nuu birmadhu yaa ergamaa Rabbii.” Akkasumas akka jecha isaanii: "Yaa Rabbi! Nama dhodhoo'iinsa iccitiiwwan mootummaa keetiitii fi adda ba'iinsa ifa raḥmata keetiitiif sababa taasite irratti raḥmata buusi, innis hadraa gooftummaa irraa bakka bu'aa fi iccitiiwwan żaatii keetiitiif Ƙaliifaa ta'eera."
Fedhii keessan wanta bid'āa ta'ee fi wanta širkii ta'e ibsuu keessatti qabdan irraa ka'uun, sagadni imaama du'āa'ii kanaan kadhatu duubaan sirrii ta'aa, sun hundi beekamaa ta'edha?
Deebiin: Faaruun kan Rabbii qofa; raḥmannii fi nageenyi nabiyyii nabiyyiin isa boodaan hin jirre irra ha jiraatu; akkasumas maatii, ṡaḥaabota isaanii fi hanaga guyyaa qiyaamaatti nama qajeeluma isaaniitiin qajeele irras ha jiraatu.
Booda kanaatii: beeki - Rabbiin si ha milkeessuu - Rabbiin qulqullaa'aan uumama kan uumee fi ergamtootas - raḥmataa fi nageenyi isaan irratti ha jiraatu - kan ergeef, wanta isaan alaa hunda dhiisuun isa tokkicha šariika hin qabne qofa akka gabbaraniifi; akkuma Rabbiin ol ta'e jedhetti: {Jinniifi ilma namaa akka ana qofa gabbaraniif malee hin uumne.} [Aż-żaariyaat: 56].
Gabbartiin - akkuma duraan ibsametti - : waan Rabbii fi ergamaan isaa -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- itti ajajan hojjachuu fi waan Rabbii fi ergamaan isaa irraa dhoorgan dhiisuun, Rabbiif ajajamuu fi ergamaa isaa Muḥammadiif ajajamuudha, Rabbii fi ergamaa Isaatti amanuudhaan, hojii Rabbiif qulqulleessuudhaan, jaalala ol'aanaa fi gadi of qabiinsa guutuu waan isa malee jiruun alatti isuma qofaaf qabaachuu waliin; akkuma Rabbiin ol ta'e jedhetti: {Gooftaan kee akka isin Isa malee homaa hin gabbarree fi haadhaa fi abbaatti tola akka ooltan murteesse...} [Al-Israai: 23] Kana jechuun: inni qofti akka gabbaramu ajajee dhaammate, Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe: {Faaruun hundi kan Rabbii Gooftaa Āalamaati. Akkaan mararfataa akkaan raḥmata godhaa. Abbaa (mootii) guyyaa murtii. Si qofa gabbarra; Si qofa gargaarsifannas.} [Al-Faatiḥah: 2-5] Rabbiin qulqullaa'ee ol ta'e aayattoota kanneeniin kan ibse: gabbaramuuf kan dhugaan ḥaóa godhatu isuma qofa, gargaarsifatamuuf kan malus isuma qofa akka ta'edha. Rabbiin akkana jedhe: {Nuti dhugaan kitaaba gara keetti buufneerra, kanaf amantii Isaaf qulqulleessaa ta’ii Rabbiin gabbari. Dharga’aa! Amantiin qulqulluun kan Allaah qofa...} "[Az-zumar: 3-2]," Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe: {Oduma kaafirtoonni jibbanuu amantii isaaf qulqulleessaa, Rabbiin gabbaraa}. [Ǧaafir:14] Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe: {Masjiidonni kan Rabbiiti; Rabbii wajjiin homaa hin waammatinaa.} [Al-jinn: 18], Ergaa kana ilaalcjisee aayattoota hedduutu jiru, hundinuu gabbartiidhaan Rabbiin kophaa baasuun dirqama ta'uu agarsiisu.
Du'aa'iin gosoota isaa hundaan ibaadaa irraa ta'uun beekamaadha, kanaafuu aayattoota kabajamoo kanaa fi kan ergaa isaanii qabatanii dhufaniin hojjachuuf jecha, nama tokkoofiyyuu Gooftaa isaa malee kan biraa kadhachuun, isa malee kan biraa gargaarsifachuu fi birmachisiifachuun hin eeyyamamu. Kunis dhimmoota idilee fi sababoota qabatamaa, kan uumamni jiraataan nama bira jiru irratti danda'uun ala waan jiru keessatti, kun dhugumatti gabbartii irraayyii miti, inumaayyuu keeyyattootaa fi waliigaltee ulamootaatiin namni tokko nama lubbuu qabu kan dandeettii qabu, wantoota idilee irratti danda'u irratti gargaarsiifachuun eeyyamamaadha; akka hammeenya ilma isaa, ykn tajaajilaa isaa, ykn saree isaa fi waan kana fakkaatu biroo deebisuu keessatti gargaarsisiifachuu ykn birmachiifachuu. Akkasuma akka namni tokko nama lubbuu qabu kan nama bira jiru kan dandeettii qabu ykn kan fagoo jiru karaa sababoota qabatamaa akka xalayaa barreessuu fi kan kana fakkaatan birootiin, mana isaa ijaaruu, ykn konkolaataa isaa suphuu, ykn waan kana fakkaatu biroo keessatti gargaarsifachuu faa, Sana irraa: Namni tokko jihaada, waraanaa fi kan sana fakkaatan biroo keessatti hiriyoota isaa birmachiifachuu faa. Kan akka kanaa ilaalchisuun jechaa Rabbiin ol ta'ee seenaa Muusaa keessatti -nagaa fi raḥmanni isa irra ha jiraatu- dubbate: {...Inni lammii isaa irraa ta’e isa diina isaa irraa ta’e irratti tumsa isa gaafate...} [Al-Óaṡaṡ: 15].
Du'aa, jinniifi malaa'ikaa, mukaafi dhagaa birmachiifachuun immoo: kun širkii guddoo irraayyi, innis gosa dalagaa mušriktoonni duraanii gabbaramtoota isaanii wajjiin dalaganiiti; akka Ūzzaa, Laatii fi wantoota kana malee jiranu biroos, akkasuma waan Rabbiin malee namni kamuuu hin dandeenye; kan akka dhukkubsataa fayyisuu, qalbii qajeelchuu, jannata seenuu, ibidda irraa bilisa ba'uu fi kan kana fakkaatan biroo irratti, namoota lubbuun jiranu kan waliyyiidha jedhanii amanan irraa birmannaa fi gargaarsa barbaaduu faa.
Aatoowwan dabran, aayatoowwanii fi hadiisotni biroon ergaa kana qabatanii dhufan: hundi isaanii dhimmoota hunda keessatti qalbii gara Rabbii qajeelchuu fi gabbartii Rabbi qofaaf qulqulleessuun dirqama ta'uutti akeeku; akkuma aayattoota darban keessatti eeramaetti, gabroottan isaaf jecha uumaman isattis ajajamani waan ta'eef, akkauma jecha Rabbii ol ta'ee keessatti dubbatametti: {Rabbiin gabbaraa; Isatti homaa hin qindeessinaas...} [An-nisaa'i: 36], Ammas jecha Rabbii qulqullaa ta'ee: {Rabbiin qofa gabbaruu, qajeelanii amantii Isa qofaaf qulqulleessuu...maletti hin ajajamne} [Al-Bayyinah: 5] Akkasuma jecha Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- hadiisa Mu'aaz irraa odeeffameen -Rabbi isa irraa ha jaallatu- akkana jedhan: «Haqni ykn dhugaan dirqamni Rabbi gabroota irraa qabu, osoo waan tokkollee Isatti hin qindeessin Isa gabbaruudha.» Bukhaarii fi Muslimtu sahiiha ta'uu isaa irratti wolii galani, Ammas jecha nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- hadiisa Ibnu Mas'uud odeesse keessatti-Rabbiin isa irraa ha jaallattu- akkas jedhani: "Namni Rabbiin alatti waan biroo Rabbiif hiriyaa godhee osoo kadhatuu du'e ibidda seene." Bukhaariitu gabaase. Bukhaarii fi Muslim keessatti hadiisa Ibnu Abbaas irraa akka odeeffametti -Rabbi isaan irraa ha jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- yeroo Mu'aazin gara yamanitti erganitti akkas jedhaniin: «Dhugumatti, ati gara ummata warra kitaabaa ni dhaqta, wanti jalqaba gara isaatti isaan waamtu Rabbiin malee haqaan gabbaramaan akka hin jirre ragaa ba'uu haa ta'u.» jecha biraatiin: «Gara haqaan gabbaramaan Allaahaa malee akka hin jirree fi ani ergamaa Allaahaa ta'uu ragaa ba'uutti isaan waami»." Gabaas bukhaariitiin: «Wanti duraa kan ati itti isaan waamtu Rabbiin tokkochoomsuu ha ta'u.» Sahiiha Muslim keessatti, Xaariq ibnu Ash-yam Al-Ashja'ii irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa ha jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- akkana jedhan: «Namni Laa Ilaaha Illallaah jedhee, waan Rabbii gaditti gabbaramutti kafare qabeenyi isaatii fi dhiigni isaa haraama ta'a, herregni isaa immoo Rabbiin irra». Ergaa kana ilaalchisuun hadiisota hedduutu jiru.
Towhiidni ykn rabbin qaroo male gabbaruun kun hundee diinii islaamaa, bu'uura amantiiti, i inni mataa dubbii fi irra barbaachisaa dirqamootaati, inni sababaa jinnii fi ilmaan namaa uumuu fi sababaa ergamtoonni hundi ergamuuti -rahmannii fi nageenyi isaan irra ha jiraatu- akkauma aayattoota kanatti akeekan keessatti darbee jirutti, isaan keessaa jecha Rabbii qulqullaa'ee akkas jedhu: {Jinniifi ilma namaa ana qofa akka gabbaraniif malee hin uumne.} [Az-zaariyaat: 56] Ammas Sana irratti ragaalee jiran keessaa: jecha Rabbii ol ta'ee: {Dhugumatti, Nuti “Rabbiin gabbaraa; taabota (gabbaruu) irraas fagaadhaa” (jechuun) ummata hunda keessatti ergamaa erginee jirra..} (An-nahl:90) Akkasumas jecha Rabbii qulqullaa'ee ol ta'ee: {(Yaa Muhammad!) Si dura ergamaa irraa tokkoyyuu “Ana malee dhugaan gabbaramaan hin jiru, Ana (qofa) gabbaraa” jechuun wahyii gara isaatti buufnu malee hin ergine.} {Al-Anbiyaa: 25} Rabbiin -kabajni isaa guddate- Nuuh, Huud, Saalihii fi Shu'ayb -rahmataa fi nageenyi isaan irra haa jiraatu- ummata isaaniitiin maal akka jedhan ilaalchisuu akkas jedhe:: {...Rabbiin qofa gabbaraa Isa malee gabbaramaan biraa isiniif hin jiru...} [Al-A'araaf: 59], Akkuma aayattoonni darban lameen agarsiisanitti Kun waamicha ergamtootaa hundaati, diinonni ergamtootaa akka ergamtoonni gabbartiin Rabbiin kophaa baasuu fi gabbaramtoota Isaa gaditti gabbaraman dhiisuutti isaan ajajan dhugumatti amananii jiru, akkuma Rabbiin -kabajni isaa guddate- seenaa Aad keessatti akka isaan Huudiin -nageenyi isa irra ha jiraatu- akkas jedhan akkuma himee jirutti: {...Akka nuti Rabbiin tokkicha Isaa gabbarruu fi wantoota abbootiin keenya gabbaraa turan dhiifnuuf nutti dhuftee..?} [Al-A'araaf: 70], Rabbiin qulqullaa'ee ol ta'e dhimma Qurayshootaa, yeroo Nabiyyiin keenya Muhammad -Rabbiin rahmataa fi nageenya isa irratti ha buusu- gabbartiin Rabbiin qofa adda baasuu fi waantoota isaa gaditti gabbaran malaa'ikota, awliyaa'oota, taabotoota, mukkeenii fi kanneen biroo dhiisuutti isaan waame ilaalchisuun, akkana jedhe: {Sila gabbaramtoota (hunda) gabbaramaa tokko qofa taasisee? Dhugumatti, kun waan dinqisiisaadha.”} [Saad: 5] Ammas Rabbiin qulqullaa'ee fi ol ta'e dhima isaanii irraa akkana jedhe: {Isaan yeroo “Rabbiin malee gabbaramaan dhugaa hin jiru” isaanin jedhamu ni boonu. “Sila nuti weellisaa maraataa (kanaaf) gabbaramtoota keenya dhiifnaa?” jedhu.} [Assaaffaat: 35-36] Aayattoonni hiikkaa kana argisiisan hedduudha.
Aayattootaa fi hadiisota dubbanneen: Rabbiin anaa fi si'is amantii hubachuu fi haqa Gooftaa Aalamaa beekuuf nu ha qajeelchu ـ kadhaawwanii fi gosoonni gargaarsa barbaaduu kunniin - kan ati gaaffii kee keessatti ifa goote -, hundinuu gosoota shirkii guddo irraa ta'uun isaanii ifa siif gala; sababni isaas isaan kunniin waan Rabbiin malee jiru gabbaruu fi wantoota inni malee eenyullee hin dandeenye, du'aa fi namoota nama bira hin jirra irraa barbaaduudha, kunis shirkii warra duraa irra fokkataadha; sababni isaas warri duraa yeroo qananii keessatti qofa Rabbitti qindeessu waan ta'eef, Yeroo rakkinaa keessatti garuu gabbartii Rabbiif qulqulleessu; sababni isaas rakkina irraa isaan baasuu waan isa malee jiruun alatti isuma qofatu danda'aa akka ta'e waan beekaniif jecha, akkuma Rabbiin ol ta'e Qur'aana isaa ifa galaa ta'e keessatti waa'ee worra isatti qindeessan saniinii ilaachisuun akkas jedhee jirutti: {Yeroo doonii yaabbatan, amantii Isaaf qulqulleessuun Allaah qofa kadhatu, Yeroo Inni gara dachiitti nagaan isaan baase immoo yeroma san (Rabbitti) qindeessu.} [Al-ankabut: 65] Ammas Rabbiin qulqullaa'ee ol ta'e aayaa biraa keessatti isaanitti dubbachuun akkana jedhe: {Yeroo rakkoon wahii galaana keessatti isin tuqe, Isa malee wantoonni isin kadhachaa turtan (hundi) ni badu, Yeroma Inni gara dachiitti isin baase (Isa irraa) gara galtan, Namni akkaan kafaraa ta’eera.} [Al-Israa: 67].
Yoo mushrikoota boodaa kanniin irraa namni wohii tokko akkas jedhe: "Nuti isaan sun ofii isaaniitiin faayidaa ni fidu, ofii isaaniitiin dhukkubsattoota keenya ni fayyisu, yookiin ofii isaaniitiin nu fayyadu, yookiin ofii isaaniitiin nu miidhu jennee hin yaadnu; garuu nuti sana keessatti magantaa Rabbiin biratti akka nuuf ba'an barbaanneeti?
Deebiin: akkana isaan jedhamuudha: dhugumatti kun kaayyoo kaafirtoota duraaniitiifi fedhii isaaniiti, fedhiin isaanii gabbaramtoonni isaanii waa ni uumu, ykn rizqii ni kennu, ykn ofuma isaaniitiin bu'aa fidu ykn miidhaa geessisu jechuuniii miti, kana wanti Rabbiin Qur'aana keessatti isaan ilaalchisuun dubbate dhugumatti ni fashaleessa, isaan kan barbaadan magantaa isaaniitiifi kabaja isaaniitii fi gara Rabbii dhiheenyaan akka isaan dhiheessanidha, akkuma Rabbiin qulqullaa'ee ol ta'e jedhe: {Rabbiin ala waan isaan hin miineefi hin fayyadne gabbaranii “Isaan kun Rabbiin biratti manguddoota keenya” jedhu.} [Yuunus 18] Rabbiinis akkas jechuun isaan irratti deebise: {...“Sila isin waan Inni samiifi dachii keessatti hin beekne Rabbitti himtuu? Inni (Rabbiin) waan isaan Isa waliin gabbaran irraa qulqullaa’e, olis ta’ee jira” jedhi.} [Yuunus: 18] Rabbiin qulqullaa'aan samii keessattis ta’ee dachii keessatti, haala mushriktoonni yaadan saniin magantaa isa biraa akka hin beekne ifoomsee jira, wanti Rabbiin jiraachuu isaa hin beekne immoo hin jiru; sababni isaas homtuu isa jalaa hin dhokatu waan ta'eef. Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe: {Buufamuun kitaabichaa Rabbii injifataa, ogessa ta’e irraayyi. Nuti dhugaan kitaaba gara keetti buufneerra, kanaaf amantii Isaaf qulqulleessaa ta’ii Rabbiin gabbari2. Dhaga’aa! Amantiin qulqulluun kan Allaah qofa. Warri Isa malee gargaartota godhatan “gara Rabbiitti akka sirritti nu dhiheessaniif malee isaan hin gabbarru” (jedhu) Rabbiin waan isaan isa keessatti wal dhabaa turan gidduu isaaniitti ni murteessa. Rabbiin nama kijibaa, akkaan kafaraa ta’e hin qajeelchu.3} [AZ-Zumar: 1-3].
Asitti hiikni diinii jechuu: gabbartiidha, innis: akkuma darbee jirutti Rabbii fi Ergamaa isaatiif -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- ajajamuudha, du'aa'ii fi birmannaa barbaaduun, sodaa fi kajeellaan, gorraasuu fi nazriinis isa keessa seena, akkuma: salaanni fi soomnii fi wantoonni Rabbii fi ergamaan isaa itti ajajan biroos isa keessa seenanitti. Kanaafuu Rabbiin qullqullaa'e gabbartiin Isa qofaaf ta'uu fi gabroottan irratti gabbartii isaanii Isa guddinni Isaa ol ta'eef qulqulleessuun dirqama akka ta'e if galchee jira; sababni isaas ajajni Inni Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gabbartii Isaaf qulqulleessuutti ajaje, ajaja ilmaan ummata kanaa hundaaf ta'e waan ta'eef jecha.
Eegasii Allaahaan ol-ta'ee qulqullaa'e sana booda waa'ee kaafirtootaa ilaalchisuun akkana jedhe: {Warri Isa malee gargaartota godhatan “gara Rabbiitti akka sirritti nu dhiheessaniif malee isaan hin gabbarru” (jedhu)} [Az-zumar: 3]. Rabbiin qulqulluun akkas jechuun isaanitti deebise: {...Rabbiin waan isaan isa keessatti wal dhabaa turan gidduu isaaniitti ni murteessa. Rabbiin nama kijibaa, akkaan kafaraa ta’e hin qajeelchu.} [Az-zumar: 3], Rabbiin qulqulluun Aayaa kabajamaa kana keessatti: kafaroonni akka gara Rabbiitti sirriitti isaan dhiheessaniif malee waan biraatiif waliyyoota hin gabbarre jedhe; Kunis kaayyoo kaafirootaa kan durii fi kan ammaati. Rabbiin ol ta'es jecha Isaa kanaan dhugaan kana soba taasisee jira: {...Rabbiin waan isaan isa keessatti wal dhabaa turan gidduu isaaniitti ni murteessa. Rabbiin nama kijibaa, akkaan kafaraa ta’e hin qajeelchu.} [Az-zumar: 3], Rabbiin qulqulluun kanaafi ifse: kijiba isaanii waan isaan gooftoleen isaanii gara Rabbiitti akka sirritti isaan dhiheessan jedhanii yaadanii fi gabbartii isaaniif kennuu isaaniitiin kafaruu isaanii kufrii isaanii ifa galchee jira, Kanaanis namni hubannoo xiqqoo qabu kamuu; kufriin kaafirtoota duraanii, nabiyyoota, awliyaawwan, mukkeen, dhagaawwanii fi uumamtoota kanneen biroo gidduu isaaniitii fi gidduu Rabbiitti araarsitoota godhachuu isaaniitiin ta'uu isaa beeka. akkuma ministeeronni mootota biratti magantaa dhaabbatanitti, eeyyamaa fi jaalala Isaatiin maletti dhimma isaanii baasu jedhanii yaaduun isaanii, mootolee fi hooggantootatti isa fakkeessuu isaaniiti -inni kabajni isaa guddate, Ammas ni jedhani: "Akkuma namni mootii fi gaggeessaa irraa haajaa qabu tokko, warra isatti dhihaatanii fi ministeerota isaatiin gara isaatti magantaa barbaadu, nutis akkasuma nabiyyoota Isaa fi awliyaawwan Isaa gabbaruun gara Rabbii dhihaanna." Kunis soba hunda irra soba ta'eedha; sababni isaas Inni qulqulluu ol ta'e, wanti akka Isaa hin jiru, uumama Isaattis hin madaalamu, magantaa keessattis eeyyama Isaatiin yoo ta'e malee namni tokko Isa biratti magantaa hin dhaabbatu, warra isa tokkichoomsaniif malees hin eeyyamu. Inni qulqulluu ol ta'e waan hunda irratti danda'aadha, waan hunda beekaadha, Inni warra rahmata godhan hundarra rahmata godhaadha, nama tokkollee hin sodaatu, sodaanis Isa hin qabu; sababni isaas isatu garboota Isaa gubbaatti mo'ataa fi akka fedhetti isaan keessatti dhimma kan raawwatudha. Faallaa moototaa fi gaggeessitootaattti, isaan waan hunda irratti dandeettii hin qaban, kanaafuu ministeerota, worra isaanitti dhihaatanii fi loltoota isaanii irraa waan isaan dadhaban irratti nama isaan gargaarutti haajomu; akkuma haajaa nama haajaa isaa hin beekneef, haajicha nama isaaniin ga'utti haajomanutti, kanaafuu ministeerotaa fi worra isaanitti dhihaatan irraa nama isaan laaffisuu fi isaan jaallchiisu barbaadu, Rabbiin jabaatee ol ta'e qulqulluu immoo, uumama isaa hunda irraa dureessa, Inni haadholii isaanii caalaa isaaniif rahmata godhaadha, Inni Abbaa murtii haqaati, akka ogummaa isaa, beekumsa isaa fi dandeettii isaatti wantoota iddoo isaaniitti kaa'a; kanaafuu karaa kaminuu uumama isaatti isa madaaluun hin eyyamamu. Kanaafuu, Rabbiin -qulaullaa'e- kitaaba Isaa keessatti mushrikoonni dhugumatti Inni Uumaa, sooraa, garaggaggalchaa ta'uu isaa fi nni isa nama rakkateef owwaatu, hamtuu saaqu, isa jiraachisuu fi ajjeesu ta'uu isaa, akkasumas gochoota isaa kanneen biroos akka isaan mirkaneessan dhugumatti ifa godheera. Wal dhabbiin mushrikootaa fi ergamtoota jidduu ture gabbartii Rabbii tokkichaaf qulqulleessuu keessatti, tura, akkuma Rabbiin ol ta'e jedhe: {Eenyuutu isaan uumee odoo isaan gaafattee “Allaahdha” jedhu...} [Az-zukhruf: 87] Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe: {jedhiin “Eenyutu samiifi dachii irraa isin soora? Yookiin dhageettiifi argaa eenyutu dhuunfata? Ammas eenyutu jiraataa du’aarraa baasa, du’aa jiraatarraa baasa? Eenyutu waan hunda gara gaggalchas?” (jedhi). ‘Rabbuma’ jedhu. “Sila Rabbiin hin sodaattanii?” jedhiin.} [Yuunus: 31] Aayattoonni hiikaa kana qaban hedduudha.
Aayaattoonni waldhabbiin ergamtootaafii ummattoota gidduu ture, dhugumatti Rabbii tokkicha qofaaf gabbartii qulqulleessuu keessatti akka ta'e agarsiisan duraan dubbatamanii jiru, akka jecha Rabbii Qulqulluu ol ta'ee: {Dhugumatti, Nuti “Rabbiin gabbaraa; taabota (gabbaruu) irraas fagaadhaa” (jechuun) ummata hunda keessatti ergamaa erginee jirra...} [An-nahli: 36], Kanaa fi aayattoota biroo kanneen hikkaa kana keessatti dhufan. Rabbiin -qulqulluu- kitaaba isaa kabajamaa keessatti bakkeewwan hedduu keessatti dhimma magantaa ibsee jira, Rabbiin olta'e akkas jedhe: {...Inni eeyyama Isaatiin malee Isa biratti araarsu eenyuma?...} [Al-Baqarah: 255], Ammas Rabbiin -injifatee ol ta'e- akkas jedhe: {Maleeykota irraa, warra erga Rabbiin nama fedhuuf hayyamee malee manguddummaan isaanii homaa hin fayyadne baay'eetu samii keessa jiru.} [An-najm: 26].
Waa'ee malaa'ikootaa ibsuu keessatti Rabbiin akkana jedhe: {...Nama Inni jaalateef malee isaan hin manguddoomanu, Isaan (ofiifuu) sodaa Isaa (Allaah) irraa rifatoodha.} [Al-Anbiyaa'i: 28].
Akkasuma Rabbiin -kabajaan Isaa guddate-, gabroota Isaa irraa kufrii akka hin jaallannee fi kan inni isaan irraa jaallatu galata qofa akka ta'e himee jira. Galanni immoo Isa tokkichoomsuu fi ajaja isaatti dalaguudha, Rabbiin ol ta'e akkas jedhe: {Yoo kafartanis, dhugumatti Rabbiin isin irraa dureessa. Garuu gabroota Isaatiif kufrii hin jaallatu, Yoo (Isa) galateeffattan isa isiniif ni jaallata...] [Az-zumar: 7].
Bukhaariin Sahiih isaa keessatti Abuu Hurayraa irraa akka gabaasetti -Rabbi isa irraa ha jaallatu- ni jedhe: "Yaa Ergamaa Rabbii! magantaa keetiin irra milkaa'aan namaa eenyu?" ergamaanis akkas jedhan: «Nama onnee isaa irraa qulqulleessee Laa ilaaha illallaah jedhe». Ammas ni jedhani: "«Lubbuu isaa irraa»."
Sahiih keessatti Anas irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa ha jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- akkas jedhan: «Nabiyyii hundaaf kadhaa fudhatama qabutu jira, nabiyyiin hundis kadhaa isaa ariitiitti fudhateera, ani immoo kadhaa kiyya guyyaa qiyaamaa ummata kiyyaaf magantaa akka ta'uuf ol kaa'adheera, innis yoo Rabbiin fedhe, ummata kiyya irraa nama osoo waan tokkollee Rabbitti hin qindeessin du'eef kan qaqqabudha». Hiikkaa kana keessatti hadiisonni dhufan hedduudha.
Wanti nuti aayattootaa fi hadiisota irraa dubbanne hunduu, gabbartiin haqa Rabbii kan dhuunfaa isaa akka ta'ee fi isa irraa homaa Rabbiin malee waan jiruuf, nabiyyootaafis ta'ee worra birootiif dabarsanii kennuun akka hin taane, akkasumas magantaanis qabeenya Rabbii -kabajaan isaa guddatee- akka ta'etti akeeku, akkuma Rabbiin qulqullaa'e jedhetti: {“Araarri hunduu kanuma Rabbiiti...” jedhiin.} [Az-zumar: 44] Namni tokkoyyuu haqa isa hin godhatu, eega Rabbiin nama magantaa godhuuf eeyyamee fi nama magantaan godhamuuf sana irraas jaalatee booda malee, akkauma darbee jirutti Rabbiin -qulqullaa'e- Tawhiida malee hin jaallatu. Kana irratti hundaa'uudhaan: mushrikoonni manguddummaa keessaa qooda hin qaban, kanas Rabbiin ol ta'e jecha Isaa keessatti ifa godheera: {Jaarsummaan (araarri) warra araarsanii isaan hin fayyadu.} [Al-Muddassir: 48], Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe: {...Miidhaa raawwattootaaf firri yookiin manguddoon fudhatama qabu tokkolleen hin jiru.} (Gaafir:18)
Akkuma beekamu, miidhaan yeroo haala waliigalaatiin dubbatamu, Rabbii ol ta'etti qindeessuudha, akkuma Rabbiin ol ta'e jedhe: {...Kaafiroonni isaanumatu miidhaa raawwattoota.} [Al-Baqarah: 254], Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe: {...dhugumatti shirkiin miidhaa guddaadha} [luqmaan; 13]
Wanti ati gaafii kee keessatti dubbatte immoo: jecha gariin suufiyyootaa masjiidotaafi iddoo biroo keessatti jedhan irraa: Yaa Rabbi nama iccitiiwwan aangoo keetii addaan baqaquuf sababa taasiftee fi ifaawwan kee rahmataas addaan dhoo'uuf sababa taasistee jennaan, kanaan haadaraa rabbanummaa irraa bakka bu'aa ta'ee fi bakka bu'aa iccitiiwwan zaata keetii ta'e irratti salawaata buusi... fi kkf.
Deebiin isaas akkana jedhamuudha: Dhugumatti dubbiin kunii fi kanneen isa fakkaatan gosa of-rakkisuu fi daangaa darbuu kan Nabiyyiin keenya Muhammad -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buuusu- irraa akeekkachiisan irraayyi; hadiisa Muslim sahiha keessatti Abdullaa ibinu Mas'uud irraa gabaaseen -Rabbi isa irraa ha jaallatuu- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- akkana jedhan: «Finxaaleyyoonni badan(worra daangaa darban, kan akka barbaachisuun alatti waa jajjabeessan)» yeroo sadi akkas jedhan.
Imaam Al-Khaxxaabiin -Rabbiin rahamata isaaf haa godhu- akkana jedhe: Mutanaxxi'ini: nama waan tokko keessatti gadi fagaatu, kan isa barbaaduu keessatti of dirqu; akka karaa worra ahlul kalaam, warra waan isaan hin ilaallanne keessa seenanii, waan aqliin isaanii itti hin qaqqabne irraa dubbatanuu.
Abuu Asa'aadaat Ibnu Al-Asiir akkana jedhe: Isaan warra haasawa keessatti garmalee gad fagaatanii fi daangaa dabran, warra irra fagoo qoonqoo isaanii irraa haasa'anidha, kunis 'Naṭa'i' irraa kan fudhatame yoo ta'u, innis goda afaanii gara gubbaati, eegasii nama haasaafi dalagaa keessatti garmalee gad fagaatu hunda keessatti dhimma itti ba'ame.
Waan imaamonni Afaanii lameen kun dubbataniin, si'iifi fi nama hubannoo xiqqoo qabu hundaaf, Nabiyyii fi caalaa keenya Ergamaa Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- irratti rahmataa fi nagaa buusuu keessatti akkaataan kun, of dhiphisuu fi daangaa darbuu irraa dhorgame irraayyi. Dhimma kana ilaalchisuun wanti muslimaaf karaa godhame, akkaataa nagaa fi rahmata isaan irratti buusan kan Ergamaa Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- irraa mirkanaa'e adda baafachuudha, isatti dhimma ba'uu keessa kan biraa irraa of ga'uutu jira.
Sana keessaa: waan Bukhaarii fi Muslim Sahiihaa lameen keessatti gabaasan, Ka’ab bin Ujraa irraa odeeffamee -Rabbi isa irraa haa jaallatu- Sahaabonni -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- akkana jedhan: Yaa Ergamaa Rabbii! Rabbiin rahmata akka sirratti buufnu nu ajajeera; mee akkamitti rahmata sirratti buufna? isaanis akkas jedhan: Jedhaa: «Allaahumma salli alaa Muhammadin, wa alaa aali Muhammadin, kamaa sallayta alaa Ibraahiima wa alaa aali Ibraahiima, Innaka hamiidun majiid, wa baarik alaa Muhammadin, wa alaa aali Muhammadin, kamaa baarakta alaa Ibraahiima wa alaa aali Ibraahiima, Innaka hamiidun majiid» akkas jechuunis: Jedhaa: Yaa Rabbi! Muhammadii fi maatii Muhammad irratti rahmata buusi, akkuma Ibraahiimii fi maatii Ibraahiim irratti rahmata buuftetti, ati faarfamaa, guddaadha, akkasumas Muhammadii fi maatii Muhammad irratti barakaas buusi, akkuma Ibraahiimii fi maatii Ibraahiim irratti barakaa buuftetti, ati faarfamaa, guddaadha, jechuudha.
Bukhaarii fi muslim keessatti Abuu Humeyd Assaa'idii irraa -Rabbi isa irraa haa jaallatuu-: sahaabonni akkana jedhan: Yaa Ergamaa Rabbii! akkamitti rahmata sirratti buufna? isaanis akkas jedhan: Jedhaa: «Allaahumma salli alaa Muhammadin, wa alaa azwaajihii wa zurriyyatihii, kamaa sallayta alaa aali Ibraahiima, wa baarik alaa Muhammadin, wa alaa azwaajihii wa zurriyyatihii, kamaa baarakta alaa aali Ibraahiima, Innaka hamiidun majiid», akkas jechuunis: Akkas jedhaa: Yaa Rabbi! Muhammad, haadholii manaa isaatii fi sanyii isaa irratti rahmata buusi, akkuma maatii Ibraahiim irratti rahmata buuftetti, akkasumas Muhammad, haadholii manaa isaatii fi sanyii isaa irratti barakaas buusi, akkuma maatii Ibraahiim irratti barakaa buuftetti, ati faarfamaa, guddaadha, jechuudha."
Sahiiha Muslim keessatti Abuu Mas'uud Al-Ansaarii irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Bashiir ibnu Sa'ad ni jedhe: Yaa Ergamaa Rabbii! Rabbiin akka rahmata sirratti buufnu nu ajajeera; mee akkamitti rahmata sirratti buufna? Isaanis callisanii ka'anii, sana booda akkana jedhani: Jedhaa «Allaahumma salli alaa Muhammadin, wa alaa aali Muhammadin; kamaa sallayta alaa aali Ibraahiima, wa baarik alaa Muhammadin, wa alaa aali Muhammadin; kamaa baarakta alaa aali Ibraahiima fil aalamiina, Innaka hamiidun majiid wassalaamu kamaa alimtum», akkas jechuunis: Jedhaa: Yaa Rabbi! Muhammadii fi maatii Muhammad irratti rahmata buusi, akkuma maatii Ibraahiim irratti rahmata buuftetti, akkasumas Muhammadii fi maatii Muhammad irratti barakaas buusi, akkuma aalamoota keessatti maatii Ibraahiim irratti barakaa buuftetti, ati faarfamaadha, guddaadha, salaamni immoo akkuma beektan saniidha, jechuudha."
Kanaafuu, jechoonni kunniinii fi fakkaattoonni isaanii kanneen biroo kan Nabiyyii irraa mirkanaa'an -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Muslimni Ergamaa Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- irratti rahmataa fi nagaa buusuu keessatti itti fayyadamuutu isa irra jiraata; sababni isaas Ergamaan -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- haqa isaanii keessatti waan itti fayyadamuun malu namoota hunda irra kan beekan waan ta'aniif, akkuma jechoota haqa Rabbiitii ilaalchisuun dhimma itti ba'aman keessatti namoota hunda irra beekaa ta'anitti.
Jechoonni of rakkisanii dubbatanii fi haaraa uumaman, akkasumas jechoonni hiikkaa sirrii hin taane of keessatti qabachuu danda'an immoo; kan akka jechoota gaaffii keessatti dubbatamanii yoo ta'e, isaanitti fayyadamuun hin barbaachisu; sababni isaas of rakkisuu of keessaa waan qabanii fi hiikkaawwan sirrii hin ta'aniin hiikamuu waan danda'aniif jecha, akkasumas kun faallaa jechoota ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- filatanii fi ummata isaanii itti qajeelchanii ta'uu isaattii waliin, isaan uumama hunda keessaa irra beekaa, irra tola yaadaa fi of rakkisuu irraa irra fagaataadha, Rabbii isaanii irraa irra caalaan rahmataa fi nageenyaa isaan irratti haa jiraatu.
Kanuma, maalummaa Tawhiidaa, maalummaa shirkii, garaagarummaa gidduu waan mushrikoonni duraanii fi boodaa dhimma kana keessatti irra turanii fi akkaataa ergamaa Rabbii irratti rahmata buusuuf karaa godhame ifa gochuu keessatti ragaaleen dubbanne nama haqa barbaaduuf ga'aa fi amansiisaa ta'uun kajeela. Namni haqa beekuuf fedhii hin qabne immoo; inni kun fedhii lubbuu isaa kan hordofuudha, Rabbiin kabajni isaa ol ta'e akkana jedha: {Yoo siif hin owwaatin, fedhiilee isaanii qofa hordofuu isaanii beeki, Nama qajeeluma Rabbi irraa ta’een alatti fedhii ofii hordofe caalaa namni jallate eenyu? (tokkoyyuu hin jiru), Rabbiin ummata miidhaa hojjattoota hin qajeelchu.} [Al-Qasas: 50].
Rabbiin qulqullaa'e Aayaa kabajamtuu tana keessatti: namoonni qajeelfamaa fi amantii haqaa Rabbiin nabiyyii isaa Muhammadiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- ittiin erge ilaalchisee qooda lama akka ta'an ifa galche:
Inni tokkoffaan: nama Rabbii fi ergamaa Isaatiif owwaatu ykn ajajamu.
Lammaffaan: kan fedhii lubbuu isaa hordofeedha; eegasii Rabbiin qulqullaa'e nama qajeeluma Rabbi irraa ta'een ala fedhii lubbuu isaa hordofe caalaa namni jallate akka hin jirre hime.
Rabbiin ol ta'e fedhii lubbuu hordofuu irraa akka nu fayyisu, nu'iifi isinis akkasumas obboloota keenya biroo hundas warra Rabbiifi ergamaa isaatiif -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- owwaatan, shari'aa isaa worra guddisanii fi bid'aa fi fedhii lubbu waan shari'aa isaa faallessu hunda irraa warra dinniinan irraa akka nu taasisun kadha.. isatu arjaa kennaadha waan ta'eef.
Rabbiin gabricha isaa fi ergamaa isaa, nabiyyii keenya Muhammad, maatii isaa, sahaabota isaa fi warra toltuun hanga guyyaa mindaatti isaan hordofan irratti rahmata haa buusu.
Ergaa Shanaffaa:
Murtee dhaloota Nabii fii dhaloota namoota biroo kabajuu
Faaruun hundi kan Rabbiiti, nagaa fi raḥmanni ergamaa Rabbii, maatii isaanii, Ṡaḥaabota isaanii fi nama qajeeluma isaaniitiin qajeele irratti ha jiraatu.
Itti aansuudhaan: Murtii dhaloota Nabiyyii -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- kabajuu yeroo sana keessatti isaaniif dhaabbachuu, nagaa isaan irratti buusuu fi wantoota biroo kan mawliidota keessatti hojjataman ilaalchisee gaaffiin namoota hedduu irraa deddeebi'eera.
Deebiin akkana jedhamuudha: Dhaloota ergamaas ta'ee -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- kan birootis kabajuun hin ta'u; sababni isaas kun kalaqa haarawa amantii keessatti uumame; kan ergamaan -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- bakka buutonni isaanii qajeeloonii fi waahiloonni isaanii biroos -jaalalli Rabbii isaan irra ha jiraatu- hin hojjanne waan ta'eefi, akkasuma jaarraawwan caalmaa qaban keessatti worri toltuudhaan isaan hordofanis hin hojjanne waan ta'eefi, isaan worra isaan boodaan dhufan caalaatti, namoota hunda irra karaa ergamaa Rabbii beekoodha, ergamaa Rabbii -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- jaallachuu fi Šari'aa isaanii hordofuu keessattis namoota hunda irra guutuu worra ta'anidha, Dhugumatti Rabbiin qulqullaa'ee ol ta'e kitaaba isaa ifa ta'e keessatti akkana jedhee jira:
{...Waan Ergamichi (Kiyya) isiniif kenne qabadhaa. Waan inni irraa isin dhowwes dhowwamaa...} [Al-ḥašri: 7]. Ammas Rabbiin olta'e akkana jedhe: {...Isaan ajaja isaa (nabiyyii) faallessan rakkoon wahii isaan tuquu, yookiin adabbiin laalessaan isaan tuquu of irraa ha eeganu} [An-nuur: 63], Ammas Rabbiin qulqullaa'e akkana jedhe: {Dhugumatti, ergamaa Rabbii keessatti hidhannaa gaariitu isiniif tahee jira, nama Rabbiifi Guyyaa Aaƙiraa sodaatee Rabbiin baay’inaan yaadatuuf} [Al-aḥzaab: 21], Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe: {Muhaajirootaafi Anṡaarota irraas dursitoonni jalqabdoota ta’aniifi warri toltuudhaan isaan hordofanis, Rabbiin isaan irraa jaalateera, Isaanis Isa irraa jaalatanii jiru, Jannata ishee jala laggeen yaatu kan ishee keessatti bara baraan hafan isaaniif qopheessee jira. Kun milkii guddaadha} [At-tawbah: 100], Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe: {...Har'a Amantii keessan isiniif guuteera, ni’īmaawwan kiyyas isin irratti guuteera. Amantiis Islaama isiniif jaaladheera...} [Al-maa'īdah:3]. Aayattoonni hiika kana keessatti hedduudha. Karaa sirrii ta'een Nabiyyii irraa akka mirkanaa'etti -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- akkana jedhan: «Namni Amantii keenya kana keessatti, waan biraa kan isa irraa hin taane argamsiise, inni deebifamaadha (fudhatama hin qabu)». Jechuunis: isa irratti deebifamaadha jechuudha ykn hinqeebalamu qixaaxa qaba. Ḥadiiśa biraa keessattis akkana jedhan: «Adaraa karaa kiyya qabadhaa, Ana boodaan karaa Ƙaliifota qajeeloo fi qajeelfamoo ta’anii qabadhaa, isa jabeessaa qabadhaa, qarriffaadhaan irratti ciniinaa, adaraa wantoota haaraa (diinii keessatti) Ƙalaqaman irraa of eeggadhaa, dhugumatti hundi wantoota haaraa Ƙalaqamanii bid'āadha, hundi bid'āatuu jal’ina waan ta’eef». Ḥadiiśota lamaan kana keessa ƙalaqa argamsiisuu fi ittiin hojjachuu irraa sodaachisuu cimaatu jira,
Mawliidota akka kanaa aragamsiisuu irraa wanti hubatamu, akka Rabbiin qulqullaa'e amantii ummata kanaaf hin guutinii fi Ergamaanis -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- waan ummanni itti hojjachuu qabu akka hin geessiniidha, hanga warri boodaa kun dhufanii Šariāa Rabbii keessatti waan Inni hin eeyyamin kalaqanitti; haala wanti sun gara Rabbiitti isaan dhiheessa jedhanii yaadaniin. Kuni šakkii tokko malee balaa guddaa qaba, akkasumas Rabbii fi ergamaa isaa -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- irratti mormuudha, Rabbiin dhugumatti gabroottan isaatiif amantaa guutee, qananiis isaan irratti guutee jira, ergamaanis -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- dhugumatti ergaa ifa ta'e geessanii jiru, karaa gara jannataatti nama geessuu fi ibidda irraa nama fageessu tokkollee ummataaf ibsan malee hin dhiisne, akkuma ḥadiiśa Ṡaḥiiḥa keessatti Abdullaah ibinu Āmrii irraa -Rabbiin isarraa ha jaallatu- mirkanaa'etti, ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- ni jedhani: «Rabbiin Nabiyyii tokkollee hin ergine, ummata isaa gara toltuu waan isaaniif beekuutti isaan qajeelchuufi badii waan isaaniif beekurraa isaan akeekkachiisuun isarratti dirqama ta'u malee». Muslimtu ṡaḥiiḥa isaa keessatti gabaase.
Nabiyyiin keenya -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- irra caalaa Nabiyyootaa, xumura isaaniitii fi ergaa geessuu fi gorsuu keessatti irra guutamaa isaanii ta'uun beekamaadha, Osoo mawliida kabajuun amantii Rabbiin ol ta'e jaallatu irraa ta'ee, silaa Ergamaan -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- ummataaf ni ibsu turan, yookaan jireenya isaanii keessatti ni hojjatu turan, yookaan ṡaḥaabonni isaanii -Rabbiin isaan irraa ha jaallatu- ni hojjatu turan. Kanaafuu wantoota kana irraa wanti tokkollee waan hin argamneef, Islaamummaa irraa waan tokkollee akka hin taane beekame, inumaayyuu inni wantoota haarawa kan Ergamaan -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- ummata isaanii irraa akeekkachiisan irraayyi, akkuma dubbiin isaa hadiisota keessatti dabretti. Dhimma kana ilaalchisuun aayatoonnii fi ḥadiiśonni hedduutu jiru.
Gareen beektolii irraa ta'an ragaalee dubbatamanii fi kanneen birootti dalaguudhaan, mowlidoota balaaleffachuu fi isaan irraa akeekkachiisuu ifa godhaniiru, gariin beektolii booda dhufanii immoo isaan faallessanii: yoo wantoota badii irraa ta'an tokkollee of keessaa hin qabaatin isa eeyyamani; kan akka Ergamaa Rabbii -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- keessatti daangaa darbuu, dubartoonni dhiirota waliin walitti makamuu, meeshaalee taphaa fayyadamuu fi wantoota kanaan alaa biroo kan Šariāan qulqulluun balaaleffatu hin qabaatin, innis akkasitti yoo ta'e kalaqa gaggaarii irraayyi jedhanii yaadani.
Foormulaan šari'āa: waan namoonni irratti wal dhaban gara Kitaaba Rabbiitii fi Sunnaa Ergamaa Isaa Muḥammatti -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- deebisuudha, akkuma Rabbiin ol ta'e jedhetti: {Yaa warra amantan! Rabbiif ajajamaa; ergamichaafi warra isin irraa abbootii taaytaa ta’aniifis ajajamaa, Yoo waan tokko keessatti wal mormitan, gara Rabbiifi ergamaa deebisaa; yoo Rabbiifi Guyyaa Aaƙiraatti kan amantan taatan (gara san deebisaa), Kun caalaafi hiikaafis irra bareedaadha} [An-nisaa'i: 59], Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe: {Wanti isin irratti wal dhabdan hunduu murtiin isaa garuma Rabbiiti ...} [AṠ-Ṡuurah: 10].
Dhugumatti gaaffii kana: innis dhaloota kabajuu, gara Kitaaba Rabbii qulqullaa'eetti deebifnee, waan isaan ittiin dhufan keessatti Ergamaa -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- hordofuutti kan nu ajaju, waan isaan irraa dhoorgan irraa kan nu akeekkachiisuu fi Rabbiin qulqullaa'ee ummata kanaaf amantii isaa dhugumatti akka guute kan nuuf himu ta'uu agarre, mawlida kabajuun kunis waan Ergamaan -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- ittiin dhufan irraayyi miti; kanaafuu amantii Rabbiin nuuf guutee, isa keessatti Ergamaa hordofuutti nu ajaje irraas hin ta'u.
Akkasumas sana gara sunnaa Ergamaatti -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- deebisnee jirra; isa keessattis itti hojjechuu isanii, itti ajajuu isaaniis, ṡaḥaabonni isaaniis -Rabbiin isaan irraa ha jaallatuu- kana hojjechuu isaaniis hin argine; kanaanis amantii irraa akka hin taane beekna, inumaayyuu inni kalaqa haarawa argamsiifamanii fi ayyaana isaanii keessatti warra kitaabaa kan ta'an yahuudotaa fi Kiristaanotatti fakkaachuu irraayyi.
Kanaanis nama hubannoo xiqqoo qabu, ḥaóa fedhuu fi isa barbaaduu keessatti ḥaqummaa qabuuf: mawliidowwan kabajuun amantii Islaamummaa irraa akka hin taane ifa galaaf, inumaayyuu inni kalaqa haaraa argamsiifame, kan Rabbiin qulqullaa'ee fi ergamaan isaa -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- isa dhiisuu fi irraa of eeggachutti ajajan irraayyi. Ammas namni sammuu qabu baay'ina namoota biyyoota hunda keessatti isa dalaganiitiin gowwomsamuun hin barbaachisu, dhugaan baay'ina warra dalaganiitiin hin beekamu waan ta'eef, inni kan beekamu ragaalee šariāatiini, akkuma Rabbiin ol ta'e Yahuudaa fi kiristaanota ilaalchisuun akkana jedhetti: {Nama yahuudaa yookiin kiristaana ta’e malee jannata hin seenu” jedhan, Kun hawwii isaaniiti “Yoo kan dhugaa dubbattan taataniif ragaa keessan fidaa" jedhiin} [Al-baóarah: 111] Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe: {Yoo irra hedduu namoota dachii irraan tole jette, karaa Rabbii irraa si jallisu...} [Al-Anāam: 116],
Eegasii irra jireessi kabajoota dhalootaa kunniin bidaāa ta'uu isaaniitii waliin, badiwwan biroo; kan akka dubartoonnii fi dhiironni walitti makamuu, sirbootaa fi meeshaalee muuziqaatti fayyadamuu, wantoota nama macheessanii fi sammuu adoochan dhuguu fi hamtuuwwan biroos of keessatti qabachuu irraa bilisa hin ta'anu, Yeroo garii wanti sana irra guddaa ta'es isaan keessatti ni raawwatama, innis Širkii guddaadha, kunis ergamaa Rabbii keessatti -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- yookaan worra isaaniin alaa awliyaa'oota keessatti, isaan kadhachuu, isaan birmachiifachuu, gargaarsa isaan gaafachuu, waan fagoo beeku jedhanii amanuu fi dhimmoota kufrii kana fakkaatan kanneen hedduun namaa yeroo mawliida Nabiyyii -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- fi namoota biroo kanneen awliyaa'oota jedhanii waaman kabajanitti raawwatanidha, Dhugumatti ergamaa Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- irraa akkas jechuun dhugoomee jira: «Amantii keessatti daangaa darbuu irraa of eeggadhaa, warra isin dura darban wanti balleesse, amantii keessatti daangaa darbuudha». Ammas Nabiyyiin -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- akkana jedhan: «Akka kiristaanonni ilma Maryam faarsuu keessatti daangaa darabanitti, yeroo na faarsitan daangaa hin darbinaa, ani garbicha qofa, kanaafuu garbicha Rabbii fi ergamaa Isaati jedhaa». Buƙaariitu ṡaḥiiḥa isaa keessatti hadiisa Ūmar irraa -Rabbi isa irra ha jaalatuu- gabaase.
Waan ajaa'iba ta'ee fi adda ta'e irraa: namoonni hedduun kabaja ayyaana bidaāa ta'ee kana irratti argamuuf ni si'aa'u, ni tattaafatu, isa irraas ni falmu, garuu waan Rabbiin isaan irratti dirqama godhe kan akka Jumu'aa fi sagada jamaaāa irratti argamuu irraa immoo ni hafu, isaafis mataa ol hin qaban, akka waan badii guddaa hojjataniittis hin ilaalanu, kun dadhabina iimaanaa, hubannaan xiqqaachuu fi heddummina gosa dilii fi badii qalbii haguugee irraa madduun homaa šakkii hin qabu , nu'ii fi muslimoota hundaafis nagummaa Rabbiin kadhanna.
Sana irraa: gariin isaanii ergamaan Rabbii -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- mowliida irratti ni argaman jedhanii yaaduudha; kanaafis nagaa gaafachaa fi simachaa isaaniif dhaabbatan, kunis soba irra guddaa fi wallaalummaa irra fokkataa irraayyi, ergamaan -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- guyyaa qiyaamaatiin duratti qabrii isaanii irraa hin ba'an, nama tokkoonis wol hin qunnaman, walga'ii isaanii irrattis hin argaman, inumaayyuu hanga guyyaa qiyaamaatti isaan qabrii isaanii keessa turani, lubbuun isaaniis Rabbii isaanii biratti ganda kabajaa keessatti irra olaanaa illiyyiin keessa jirti, akkuma Rabbiin ol ta'e jedhetti: {Eegasii Isin sana booda du’oodha. Eegasii isin Guyyaa Qiyaamaa ni kaafamtu.} [Al-Mu'uminuun: 15, 16].
Nabiyyiin -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- akkana jedhan: «Guyyaa Qiyaamaatti ani nama jalqaba qabriin irraa baqaqudha, akkasumas ani nama jalqaba magantaa dhaabbatuu fi nama jalqabaa magantaan isaa qeebalamuudha». Caalaan nagaa fi raḥmataa Rabbii isaanii irraa isaan rratti ha jiraatu.
Aayatoonni kabajamoon lameen kun, Ḥadiiśni kabajamaan kun, akkasumas Aayatootaa fi Ḥadiiśonni hiikka isaaniitiin dhufan hundi: Nabiyyiin -Rbbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- fi warri du'an biroos, guyyaa Qiyaamaa qabrii isaanii irraa akka ba'an agarsiisu. Kunis ulamaa'ota Islaamaa gidduutti dhimma irratti waliigalamedha; isaan gidduuttis wal dhabbiin tokkollee hin jiru. Kanaafuu, muslimni hundi wantoota kanatti dammaqu qaba, akkasumas bidāawwanii fi wantoota bakka hin qabne kan wallaaltoonnii fi fakkaattonni isaanii isaan uuman, kan Rabbiin ragaa tokkollee irratti hin buusin irraa of eeggachuun muslima maraaf barbaachisaadha; gargaarsi Rabbima qofa irraa barbaadama, hirkoonis isuma qofa irratti, Isaan malee tooftaas ta'ee humanis hin jiru.
Ergamaa Rabbii irratti -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- raḥmataa fi nageenya buusuun immoo: irra caalaa hojiilee ittiin Rabbiitti dhihaatanii fi hojiiwwan gaggaarii irraayyi, akkuma Rabbiin ol ta'e jedhetti: {Rabbiifi maleykonni Isaas nabiyyii irratti raḥmata buusu. Yaa warra amantan! (isinis) raḥmata isa irratti buusaa; nageenyas buusinsa buusaa.} [Al-aḥzaab: 56]. Nabiyyiin -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- akkana jedhan: «Namni ana irratti salawaata tokko buuse Rabbiin isa irratti kudhan buusa». Inni yeroowwan hunda keessatti karaa godhamaadha, dhuma salaata hundaa keessatti immoo jabeeffamaadha, inumaayyuu inni warra beekkumsa hedduu biratti tashahhuda dhumaa kan sagada hundaa keessatti dirqamadha. Sunnaa ta'uun isaa iddoowwan baay'ee keessatti akkaan jabeeffama; isaan keessaa azaana booda, yeroo isaan dubbataman -nagaa fi raḥmanni isaan irratti ha jiraatu-, guyyaa Jumuāa fi halkan isaa keessatti, akkuma ḥadiiśonni baay'een kana agarsiisanitti.
Nu'ii fi Muslimoota hunda amantii isaa keessatti hubannoo fi isa irratti gadi dhaabbachuutti akka nu qajeelchu, akkasumas Sunnaa qabachuu fi kalaqa irraa eeggachuu hunda keenya akka badhaasuuf Rabbiin qofaatu kadhatamaadha, isatu arjaa kabjamaadha waan ta'eef.
Rabbiin nabiyyii keenya Muḥammad, firoota isaanii fi ṡaḥaabota isaanii irratti raḥmataa fi nageenya ha buusu.
Ergaa Jahaffaa:
Murtii halkan Israa fi Mi'īraaj ayyaaneffachuu
Faaruun hundi kan Rabbitii, nagaa fi raḥmanni ergamaa Rabbii, maatii isaanii fi ṡaḥaabota isaanii irratti ha jiraatu.
Itti aansuudhaan: Israa'aa fi mi'iraajni mallattoowwan Rabbii gurguddoo kan dhugummaa Ergamaa isaa Muḥammad -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- agarsiisanuu fi guddina sadarkaa isaan Rabbii ol ta'e biratti qabanu agarsiisan irraayyi, akkuma ragaalee dandeettii Rabbii ajaa'ibsiisoo ta'aniinii fi uumama isaa hunda irratti ol ta'uu isaattis akeekanitti, Rabbiin - qulqullaa'ee ol ta'e - akkas jedhe: {Inni gabricha Isaa halkan masjida kabajamaa (Makkaa) irraa gara masjida fagoo, kan moggaa (naannoo) isaa barakaa gooneetti deemsise qulqullaa’e, mallattoowwan keenya irraa akka itti argisiifnuuf, Dhugumatti, Inni Isumatu dhaga’aa, argaadha.} [Al-Israi: 1].
Ergamaa Rabbii irraa -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- akka isaaniin gara samiiwwaniitti ba'ameefi, balbaloonni isaaniitis saaniif banamuun, hanga samii torbaffaa taranii, waan fedhan Gooftaa isaanii haasofsiisanii, Sagada shanan dirqama isaan irratti godhetti, Rabbiin -qulqullaa'e- jalqaba irratti sagada shantama dirqama godhee ture, Nabiyyiin keenya Muḥammad -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- itti deebi'uun akka laaffisuuf gaafachuu irraa hin dhaabbanne, hanga Rabbiin shan isii taasisutti, isiin dirqamaan shan, mindaadhaan immoo shantama; toltuun tokko fakkaattii isii kudhaniin waan taateef, qananii isaa hunda irratti faaruu fi galanni Rabbiin qofaafi.
Halkanittii isaraa'ii fi mi'īraaj isii keessatti argame tun, ḥadiiśota sahiiha keessatti isii murteessuun ji'a Rajabaa keessattis ta'ee isaan alaa keessatti hin dhufne, wanti isii murteessuu keessatti dhufe marti beektota ḥadiiśaa biratti nabiyyii irraa -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- kan mirkanaa'ee miti, namoota isii irraanfachiisuu keessatti Rabbiif hikmaa guutuutu jira, odoo isii murteessuun mirkanaa'ee iyyuu muslimootaaf ibaadaa irraa waan tokkoon isii adda godhuun hin eeyyamamu ture, akkasumas isiidhaan ayyaaneffachuun isaaniif hin eeyyamamu ture; sababni isaas nabiyyiin -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- fi ṡaḥaabonni isaa -Rabbiin isaan irraa ha jaallatu- isiidhaan hin ayyaaneffanne, waan tokkoonis isii adda hin goone. Odoo isa kabajuun dhimma karaa godhame ta'ee, silaa Ergamaan -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- jechaan yookaan gochaan ummataaf ni addeessu ture; odoo sana irraa wanti tokko argameera ta'ee sila beekamee, babal'ata ture, ṡaḥaabonnis -Rabbi isaan irraa ha jaallatu- nutti dabarsu ture, ṡaḥaabonni dhugaan Nabiyyii isaanii irraa -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- waan ummanni itti haajamu hunda dabarsanii jiru, amantii irraas wanta tokko keessatti hin hanqisne, inumaayyuu isaan gara toltuu hundaatti warreen dursanidha, kanaafuu odoo halkan kana kabajuun waan karaa godhame ta'ee, silaa isaan isa kabajuuttii namoota hunda irra kan dursan ta'u turan. Nabiyyiin -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- namoota hunda irra namootaaf kan toltuu yaadan turan, dhugumatti ergaa geessisiinsa hoonga ga'e geessisaniiru, amaanaas bakkaan ga'aniiru, osoo halkan kana guddifachuu fi isii ayyaaneffachuun amantii Rabbii irraa ta'ee, silaa Nabiyyiin -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- isa hin dagatan turan, isas hin dhoksan turan, kana irraa wanti tokkollee waan hin aragamneef; isii ayyaaneffachuu fi isii guddisuun woma tokkoonuu akka islaamummaa irraa hin taane hubatame. Dhugumatti Rabbiin ummata kanaaf amantii isaanii guutuu godhee jira,qananiis isaan irratti guutee jira, akkasumas nama amantii keessatti waan Rabbiin hin eeyyamin seera godhe irrattis mormee jira, Rabbiin qulqullaa'ee fi ol ta'e kitaaba isaa ifa ta'e keessatti akkana jedhe: {Harra Amantii keessan isiniif guuteera, qananiiwwan kiyyas isin irratti guuteera. Amantiis Islaama isiniif jaaladheera...} [Al-Maaīdah: 3], Ammas Rabbiin olta'e akkana jedha: {Sila šariikota amantii irraa waan Rabbiin isa hin hayyamin karaa isaaniif godhantu jiraa? Odoo jechi murtiin (Guyyaa Qiyaamaati jedhu) jiraachuu baatee gidduu isaaniitti ni murteeffama ture. Miidhaa hojjattoonni, isaaniif adabbii laalessaatu jira [Aš-šuuraa: 21].
Ergamaa Rabbii irraa -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- ḥadiiśota ṡaḥiiḥa ta'an keessatti: bid'aa irraa akeekkachiisuu fi inni jal'ina ta'uu addeessuun ragga'ee jira; balaa isaa guddaa irraa ummata dammaqsuu fi isa dalaguu irraa isaan fageessuuf jecha. sana irraas: waan ṡaḥiiḥota lamaan keessatti Āaīšah irraa -Rabbiin ishii irraa ha jaallatu- ragga'ee, nabiyyiin -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- akkana jedhan: «Namni Amantii keenya kana keessatti, waan biraa kan isa irraa hin taane argamsiise, inni deebifamaadha (fudhatama hin qabu)». Gabaas muslim keessatti: «Namni hojii amantii keenya keessa hin jirre hojjate inni isuma irratti deebifamaadha ( qixaaxa ykn adabbii qaba).» Ṡaḥiiḥa Musliim keessattis Jaabir irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa ha jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- khuxbaa guyyaa Jumu'aa keessatti akkas jedhu turan: "«Kana boodaan: dhugumatti irra caalaan haasawaa Kitaaba Rabbiiti, irra caalaan qajeelfamaa immoo qajeelfama Muḥammadi -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu-, irra hamaan dhimmootaa wantoota haaraa argamsiifamanidha, hundi wantootaa haaraa argamsiifamanii jal'inadha.»" Nasaa'iin sanada bareedaa ta'een akkas jechuu dabale: «Jallinni hundi ibidda keessatti ta'a». Sunana keessatti, Īrbaaɗ ibinu Saariyaa irraa akka odeeffametti –Rabbi isa irraa ha jaallatu- ni jedhe: ergamaan Rabbii –Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- gorsa jabaa qalbiin irraa sodaatte, kan ijji isa irraa imimmaan harcaafte nu gorsanii jennaan: yaa ergamaa Rabbii gorsi kee kun gorsa namni nama gaggeessu dhaammatu fakkaata; mee ammas nu gorsi jenneen, ergamaanis akkas jedhani: «Sodaa Rabbii, dhageettii fi ajajamuun isiniif dhaama, gabrichi isin irratti duree yoo ta’ellee, Namni isin irraa jiraate wol dhabbii hedduu arguuf taa’a, adaraa karaa kiyyaa fi karaa ƙaliifota na boodaa kan qajeeloo fi qajeelfamoo ta’anii qabadhaa, isa jabeeffadhaa qabadhaa, qarriffaadhaan ciniinaa qabadhaa, adaraa wantoota (diinii keessatti) haaraa ƙalaqaman irraa of eeggadhaa, wanti haaraan ƙalaqame hundi bidāadha, hundi bidāa immoo jallina waan ta'eef». Ḥadiiśonni hiikkaa kana keessatti hedduudha.
Ṡaḥaabota Ergamaa Rabbii -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- fi salafoota gaggaarii isaan boodaan dhufan irraa khalaqa amantii keessaa irraa akeekkachiisuu fi isa irraa sodaachisuun dhugumatti mirkanaa'ee jira; kunis waan biraatiif osoo hin taane sababaa inni amantiitti dabaluu, waan Rabbiin hin eeyyamin karaa gochuu fi diinota Rabbii kan ta'an Yahuudotaa fi Kiristaanotatti amantii isaanitti dabaluu fi waan Rabbiin hin eeyyamin amantii keessatti karaa gochuu keessatti isaanitti fakkaachuu waan ta'eefi, akkasumas waan haarawa amantii keessatti argamsiisuun, amantii islaamaa xiqqeessuu, guutuu akka hin taane isa yakkuu dirqamsiisa, badii guddaa fi diliin fokkataan kana keessa jiru immoo beekamaadha, akkasuma jecha Rabbii akkas jedhuun wol faallessuun isaasa beekamaadha: {...Harra Amantii keessan isiniif guuteera...} [Al-Maaidah: 3], Akkasumas ḥadiiśota Rasuulaa -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- kan bidāa irraa akeekkachiisanii fi isii irraa baqachiisan ifatti faallessuudha.
Kana hubadhu, ni barbaada tahu wanni ragaalee irraa dubbanne kun gahaa tahuu fi amansiisaa nama ḥaóa barbaaduuf bid'aa tana mormuu keessatti; jechuunis: bid'aa halkan Israa'ii fi Mi'īraaj kabajuu, fi isii irraa akeekkachisuu, fi ishiin amantii Islaamaa irraa homaa akka hin taane.
Muslimtootaaf naṡiiḥaa godhuu fi waan Rabbiin amantii irraa isaaniif karaa godhe ibsuu waan Rabbiin dirqama taasiseef jecha, akkasumas ilmii dhoksuun waan haraama taheef jecha; waa'ee bida'aa biyyoota baay'ee keessatti baldhatee, namoonni gariin amantii irraa ta'uu isii yaadan tana obboleeyyan kiyya muslimtootaa hubachiisuun barbaachisaa tahuu arge.
Rabbiin kadhatamadhaa haala Muslimootaa hunda akka tolchu, beekumsa amantii akka isaaniif kennu, nuufi isaanis ḥaóa qabachuu fi irratti gadi dhaabachuu, akkasumas waan isa faallessu dhiisuu akka nu waffaqu. Inni abbaa towfiqaati, irrattis danda'aadha.
Rabbiin gabricha isaa fi ergamaa isaa nabiyyii keenya Muḥammad irrattii fi firoota fi sahaabota isaanii irratti raḥmataa, nageenyaa fi barakaa ha buusu.
Ergaa Torbaffaa:
Murtii halkan walakkaa shaábaanaa kabajuu
Galanni kan Rabbii isa amantii nuuf guutee, qananii nurratti xumureeti, nagaa fi raḥmanni nabiyyii isaa fi ergamaa isaa Muḥammad, nabiyyii tawbaa fi raḥmataa kan tahan irratti ha jiraatu.
Itti aansuudhaan: Dhugumatti Rabbiin ol tahe ni jedhe:- ﴾...Har'a Amantii keessan isiniif guuteera, ni’īmaawwan kiyyas isin irratti guuteera. Amantiis Islaama isiniif jaaladheera...﴿ [Al-Maa'idah: 3], Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe: ﴾Sila Šariikota amantii irraa waan Rabbiin isa hin hayyamin karaa isaaniif godhantu jiraa...﴿ [Šuuraa: 21], Ṡaḥiiḥota lamaan keessatti Āa'išah irraa odeeffamee -Rabbiin isii irraa ha jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- ni jedhani: «Namni Amantii keenya kana keessatti waan biraa kan isa irraa hin taane argamsiise; inni fudhatama hin qabu». Ṡahiiha Muslim keessatti Jaabir irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- khuxbaa Jumu'aa keessatti akkana jedhu turan: «Itti aansuudhaan: dhugumatti irra caalaan haasawaa Kitaaba Rabbiiti, irra caalaan qajeelfamaa immoo qajeelfama Muḥammad -nagaa fi rahmanni irra ha jiraatu-, irra hamaan dhimmootaa waan haarawa argamsiifamaniidha, bid'aan hundis jallinadha». Aayatoonnii fi hadiisoonni hiika kana keessatti baay'eedha, isaanis akka Rabbiin qulqullaa'ee ol ta'e dhugumatti ummata kanaaf amantaa isaanii guutee fi qananii isaas isaan irratti guute agarsiisa ifa ta'e ni agarsiisu, lubbuu nabiyyii isaas -nagaa fi rahmanni irra ha jiraatu- erga dhaamsa ifa ta'e qaqqabsiisanii fi waan Rabbiin isaaniif seera godhe hunda jechootaa fi gochoota irraa ummataaf ibsaniin booda malee hin fuune. Nabiyyiin -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- wanti namoonni isaan booda argamsiisanii gara amantii Islaamaatti maxxansan hundi, jecha yookaan hojii irraa ta'ee, niyyaan isaa tolaa ta'ullee, hundumtuu bid'aa ta'uu fi inni abbuma argamsiise san irratti akka deebifamu ibsan. Dhimma kana ṡaḥaabonni Ergamaa Rabbii -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- akkasumas Ūlamaa'onni Islaamaa warri isaan boodaas hubataniiru, kanaafuu bid'āalee balaaleffatanii irraa akeekkachiisan, akkuma namoonni sunnaa guddisuu fi bid'āa balaaleffatuu irratti kitaaba barreessan hundi kana dubbatanitti; kanneen akka Ibnu Waɗɗaaḥ, Xarxuushii, Abuu Šaamaa fi kan biroo.
Dhugumatti, bidāaa namoonni gariin argamsiisan keessaa: bidāah halkan walakkaa Šaábaanaa ayyaaneffachuu fi guyyaa isaa soomaan adda gochuuti, sana irratti ragaan irratti hundaa'uun danda'amu hin jiru, sadarkaa isaa ilaalchisee ḥadiiśonni laafoon isaan irratti hundaa'uun hin eyyamamne dhufaniiru.
Wanti sadarkaa salaataa isaa keessatti dhufe hundi isaa soba tolfameedha, akkuma warra beekumsa irraa baay'een san irratti akeekachiisan, gariin jecha isaaniis Allaah ha jadhu ni dhufa.
Ammas isa keessatti salafota garii warra Šaamii fi kanneen biroo irraa asaronni dhufanii jiru.
Wanni irra hedduun beektotaa irratti wolii galan, akka isa kabajuun bida'aa ta'ee fi ḥadiiśonni sadarkaa isaa keessatti dhufan hunduu laafaa akka ta'eedha, akkasumas gariin isaanii soba toolfamaa akka ta'eedha, warra kana irratti akeekachiisan keessaa: Al-Ḥaafiź Ibnu Rajabi, kitaaba isaa: (Laxaa'iful Ma'aarif) keessattii fi kanneen biroo keessatti, Ḥadiiśonni laafoo ta'an kan itti hojjatamu ibadaa hundeen isii ragaalee sirrii ta'aniin mirkanaa'e keessatti qofa keessatti akka ta'e beekamaadha. Halkan walakkaa Šaábaanaa kabajuun immoo, ḥadiiśota laafoodhaan deeggaramuuf hundee sirrii ta'e hin qabu. Foormulaa guddaa kana Imaam Abul Abbaas Šeyƙul Islaam Ibnu Teymiyyaan -Rabbiin isaan mararfatu- dhugumatti eeraniiru.
Ani siifan dabarsa yaa nama dubbisu waan gariin warra beekumsaa dhimma kana keessatti jedhan, akka kana keessatti hubannaa ifaa irratti taatuuf.
Ūlamaa'iin -Rabbiin isaan ha mararfatu- wanti dirqamaa: dhimmoota namoonni keessatti wal dhaban gara Kitaaba Rabbii ol ta'ee fi gara sunnaa Ergamaa Rabbiitti -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- deebisuu ta'uu irratti walii galaniiru, wanti isaan lamaan yookiin tokkoon isaanii itti murteesse šariāa isa hordofuun dirqama tahuudha, wanti isaan faallesse ammoo gatanii dhiisuun dirqama taha, ībaadaawwan irraa wanti isaan lamaan keessatti hin dhufin inni bidāa itti dalaguun hin eeyyamamneedha, gara isaatti namoota waamuu fi isa jaallachiisuun ha hafuutii, Rabbiin subḥaanahuu wataāalaa ni jedhe: ﴾Yaa warra amantan! Rabbiif ajajamaa; ergamichaafi warra isin irraa abbootii taaytaa ta’aniifis ajajamaa. Yoo waan tokko keessatti wal mormitan, gara Rabbiifi ergamaa (Isaa) deebisaa; yoo Rabbiifi Guyyaa Aaƙiraatti kan amantan taatan (gara san deebisaa). Kun caalaafi hiikaafis bareedaadha﴿ [An-nisaa'i: 59], Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe: ﴾Wanti isin irratti wal dhabdan hunduu murtiin isaa garuma Rabbiiti...﴿ [AŠ-Šuurah: 10] Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe: ﴾Jedhi ”Yoo kan Rabbiin jaallattan taataniif na hordofaa Rabbiin isin jaallata; badii keessan isiniif araarama...﴿ [Aal Īmraan: 31] Rabbiin oltahe akkana jedhe: ﴾Lakki; Rabbii keetiinin kakadhaa! isaan hin amananu hanga waan gidduu isaaniitti irratti wal dhaban keessatti si murteessisaniitti, ergasii waan ati murteessite irratti odoo lubbuulee isaanii keessatti dhiphina hin argin fudhannaa (garaa guutuu ta’een) fudhatanitti﴿ [An-nisaa'i: 65], Hiika kana keessatti aayatoota hedduu ta'aniitu jiran. Isaanis dhimmoota wal dhabdee gara Óur'aanaa fi Ḥadiiśaatti deebisuun dirqama ta'uu fi murtoo isaanii jaallachuun dirqama ta'uu isaa irratti keeyyatoota ifaadha. Akkasumas kun wanta iimaanni gaafatu ta'uu isaa, gabrootaaf addunyaa fi aaƙiraatti irra caalaa ta'uu isaa fi hiikaafis irra bareedaa tahuu isaati: jechuunis: booddee ilaalchisee irra bareedaadha, jechuudha.
Ḥaafiź ibnu Rajab -Rabbin raḥamata isaaf ha godhu- dhimma kana ilaalchisee -erga dubbii isaa kan darbeetii- kitaaba isaa: "Laxaa'iful Ma'aarif" jedhu keessatti waan barreeffamni isaa akkana ta'e jedhe:
«Halkan walakkaa Šaábaanaa, taabi'oonni warra Šaam irraa ta'an; kanneen akka Ƙaalid bin Maádaan, Makḥuul, Luqmaan bin Āamir fi kanneen biroo, isaa kabajachaa, isa keessatti ībaadaa hojjachuu keessatti jajjabaachaa turan, namoonnis sadarkaa isaa fi kabaja isaa isaan irraa fudhatan, Dhugumatti akkana jedhameera: dhimma kana keessatti aasaarri Israa'iiliyyootaa isaan qaqqabee jira, yeroo dubbiin kun isaan irraa biyyoota keessatti beekame, namoonni sana keessatti wal dhaban; gariin namaa isaan irraa ni qeebalan, isii guddisuu irrattis isaan waliigalan, isaan keessaa garee warra ībaadaa warra Baṡraa irraa taatee fi warra biroos. Irra hedduun beektota Ḥijaaz kana balaaleffataniiru, isaan keessaa: Āṫaa'i fi Ibnu Abii Muleykaadha, Abdurraḥmaan ibnu Zeyd ibnu Aslam beektota fióhii warra Madiinaa irraa isa kana dabarseera, inni kun jecha darasoota Maalikii fi warra isaan malee yoo ta'u, isaanis akkas jedhani: kuni hundinu bidāadha.
Beektonni warra Šaam ḥaala isa itti kabajan keessatti jecha lamatti wol dhabanii jiru:
Tokkoon isaanii: masjiidota keessatti jamaāadhaan isa kabajuun ni jaallatamaadha, Ƙaalid bin Maádaan, Luqmaan bin Āamir fi isaan malees kan biroo isa keessatti uffata isaanii irraa uffata irra bareedaa ta'e uffatu ture, ixaana aarsanii, kuula kuulatanii, halkan isaanii san masjiida keessatti sagadu turani, Is'ḥaaó bin Raahuuwayhi kana irratti isaan wajjiin wolii gale, Masjiidota keessatti jamaāadhaan isa keessatti sagaduu ilaalchisee akkana jedhe: Sun bidāa miti, Ḥarb Al-Kirmaaniin masaa'ila isaa keessatti isa kana gabaaseera.
Lammaffaan: Sagada, qiṡaṡa fi duāa'iif isa keessatti masjiida keessatti walitti qabamuun ni jibbamaadha, garuu namni dhuunfaa ofiitiif isa keessatti sagaduun hin jibbamu. Kuni jecha Awzaaīi, imaama, faóiiha fi Āalima warra Šaami, kunis irra dhihoodha Allaahun ol taee ha jadhu». Hanga akkana jedhutti: «Halkan walakkaa Šaábaanaa ilaalchisee Imaamu Aḥmad irraa dubbiin tokkollee hin beekamu, halkan isaa dhaabbachuun jaallatamaa ta'uu isaa keessatti gabaasaalee lamaan halkan iidaa lamaan dhaabbachuu ilaalchisee isa irraa dhufe irraa gabaasaan lama ni baafama, inni (gabaasa tokko keessatti) jamaa'aadhaan isa keessatti dhaabbachuu hin jaallanne; sababni isaas nabiyyii -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- irraa fi ṡaḥaabota isaanii irraa waan hin gabaafamneef jecha, (Gabaasa tokko keessatti) isa jaallateera, sababaa Abdurraḥmaan bin Yaziid bin Al-Aswad kana hojjateef jecha, inni immoo taabi'oota irraayi, ḥaaluma kanaan halkan walakkaa dhaabachuun, Nabiyyii irraa -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu-, akkasumas ṡaḥaabota isaanii irraa isa keessatti homaa hin mirkanoofne, garee taabi'ootaa kan gurguddoo hayyoota warra Šaam ta'an irraa isa keessatti dhaabbachuun mirkanaa'ee jira».
Wanti jecha Ḥaafiź Ibnu Rajab (Rabbiin raḥmata isaaf ha godhu) irraa barbaadame xumurameera, waa'ee halkan walakkaa baatii Shaábaanaa ilaalchisee Nabiyyii -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- irraas ta'ee ṡaḥaabota isaanii -Rabbiin isaan irraa ha jaallatu- irraa wanti tokkollee akka hin mirkanaa'in ifatti ibsuutu isa keessa jira.
Wanti Awzaaīin -Rabbiin raḥmata isaaniif ha godhu- namoota dhuunfaatiif isa dhaabbachuun jaallatamaa ta'uu filatee fi Ḥaafiź Ibnu Rajab yaada kana filachuun isaa immoo, inni jecha addaa, dadhabaa dha; sababni isaas wanti ragaalee Šariāatiin karaa godhamuun isaa hin mirkanaa'in kamiyyuu, dhuunfaan ykn jamaāaa keessatti yoo hojjates, dhoksaatti ykn ifatti yoo hojjates, Muslimaaf amantii Rabbii keessatti isa Ƙalaóuun hin eeyyamamu; Jechi Nabiyyii -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- kun waan sana f jecha: «Namni hojii amantii keenya keessa hin jirre hojjate inni isuma irratti deebifamaadha». Ragaalee bidāa balaaleffachuu fi isii irraa sodaachisuu agarsiisan irr.
Imaamni Abuu Bakir Aṫṫurṫuušiin -Rabbiin isaaf raḥamata ha godhu- kitaaba isaa «Al-Ḥawaadiś wal-Bidaīi» keessatti akkana jedhe:
«Ibnu Waɗɗaaḥ Zeyd bin Aslam irraa odeessee akkas jedhe: Šeeykhota keenyaa fi Āalimoota keenya irraa nam tokkollee kan walakkeessa Šaábaanaatti xiyyeeffatu, akkasumas kan ḥadiiśa Mak-huulitti xiyyeeffatuu fi waan biroo caalaa sadarka qaba jedhee kan yaadu hin argine»
Ibnu Abii Mulaykaan akkana jedhame: Ziyaad Annumayriin akkana jedha: «Dhugumatti mindaan halkan walakkaa Šaábaanaa akka mindaa Halkan murtooti», Innis akkas jedhe: «Uleen harka kiyya keessa jiraatee osoon isa dhaga'ee silaa isan dhaana ture» Ziyaad seenaa himaa ture, wanti barbaadame asitti dhume.
Āalimni guddaan Šawkaaniin -Rabbin raḥamata isaaf ha godhu- kitaaba «Al-fawaa'idul majmuuāah» keessatti waan barreeffamni isaa akka armaan gadii kana jedhe:
«Ḥadiiśni: «Yaa Āliyyi, namni halkan walakkaa Šaábaanaa keessatti rakaāa dhibba tokko sagadee, rakaāa hunda keessatti faatiḥaa fi óul huwallaahu aḥad yeroo kudhan qara'e; Rabbiin haajaa hunda isaaf guuta» hanga xumuratti. Inni ḥadiiśa sobaan kalaqame, jechoota isaa kan mindaa namni isa dalage argatu ifa godhan keessa, wanti namni hubannoo qabu sobaan kalaqamuu isaa irratti hin Šakkine ni argama, namoonni isa gabaasanis kan hin beekamneedha, karaa lammataatiifii sadaffaatiinis gabaafamee jira, hundi isaaniituu sobaan kan kalaqamaniidha, gabaastonni isaas kan hin beekamneedha. «Al-Muƙtaṡar» keessatti akkas jedhe: "Ḥadiiśni sagada walakkaa Šaábaanaa baaxila, ḥadiiśi ibnu Ḥibbaan ḥadiiśa Āliyyii irraa: «Yeroo halkan walakkaa Šaábaanaa ta'e halkan isaa dhaabbadhaa, guyyaa isaas soomaa» gabaases da'iifa. Kitaaba «Alla'aalii» keessatti akkana jedhe: «Walakkaa Šaábaanaa keessatti rakaāa dhibba, (suuraa) Iƙlaaṡ yeroo kudhan (qara'uun salaatuun)» sadarkaan isaa dheerachuun wajjiin, kan Daylamii fi kanneen biroo gabaasan ḥadiiśa sobaan Ƙalaqameedha, irra hedduun gabaastota isaa karaalee sadanuu keessatti warra hin beekamne, dadhaboodha, Ni jedhe: "Rakaāan kudha lama Iƙlaaṡaan yeeroo soddomaa», soba, akkasumas: «Rakaāan kudha afur» soba.
Ḥadiiśicha kanaanis gareen beektota fióhii irraa ta'an dogongorfamaniiru; kan akka barreessaa (Al-Iḥyaa'i) fi kanneen biroo, akkasumas beektota tafsiiraa irraas. Sagadni halkan kanaa — jechuunis: halkan walakkaa Šaábaanaa — karaalee garaa garaatiin gabaafameera, hundi isaaniiyyuu ḥadiiśa cubbuu fi sobaa, Kunis gabaasa Tirmiżii kan ḥadiiśa Āa'ishaa -Rabbiin ishee irraa ha jaallatu- irraa waa'ee isaan -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- gara Baqiīii deemuu isaanii, Rabbiin halkan walakkaa gara samii duuniyaatti bu'uu isaa, akkasumas baay'ina rifeensa hoolota gosa Kalbii irra nama caaluuf akka Inni araaramu dhufe san hin faallessu, dhugumatti dubbichi waa'ee sagada halkan kana keessatti sobaan uumamte tanaa qofa. Ha ta'u malee ḥadiiśni Āa'ishaa kun laafinaa fi adda cituu of keessaa qaba, akkuma ḥadiiśni Āliyyii kan sagada halkanii ilaalchisee duraan dubbatame, laafina inni of keessaa qabu waliin akkuma nuti dubbannetti, sagadni kun soba ta'uu isaa hin faallessu» yaanni barbaadame xumurameera.
Ḥaafiź Al-Īraaóiin akkana jedhe: «Ḥadiiśni sagada halkan walakkaa Ergamaa Rabbii -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- irratti sobaan kan uumamee fi isaan irratti kijibameedha», Āalimni Islaamaa Imaam Annawawiin kitaaba: (Al-Majmuuū) jedhu keessatti akkas jedhe: «Sagadni Ṡalaaturraghaa'ib jedhamuun beekkamu, -inniis salaata marǧibaa fi sagadta īshaa jidduutti, ji'a Rajab irraa halkan jimaataa jalqabaa keessatti rakaāa kudha lama kan sagadamuu dha- fi sagadni halkan walakkaa Šaábaanaa rakaāa dhibba sagadamu, Ṡalaatoonni lameen kunniin bidāawwan fokkatoo dha, kitaaba: (Quut Al-Óuluub), fi (Iḥyaa Ūluum Al-Diin) jedhamuu keessatti dubbatamuu isaaniitiin namni hin gowwoomin, akkasumas ḥadiiśa isaan lamaan keessatti dubbatameenis hin gowwoomin, dhugumatti sun hundi baaxilaadha, akkasumas imaamota irraa garii namoota murtiin isaan lamaanii itti wal fakkaatee jaallatamaa ta'uu isaan lamaanii irratti waraqaalee qopheesseenis namni hin gowwoomin, dhugumatti inni kana keessatti dogoggoraadha».
Dhugumatti Šeyƙni Imaamni Abuu Muḥammad Abduraḥmaan ilma ismaīil almaódisiin kitaaba qaalii isaan lachuu balleessuu keessatti qopheesse, isa keessatti akkaan tolchee miidhagse, dubbiin warra beekumsa qabanii dhimma kana keessatti baayyee hedduudha, osoo waan dhimma kana keessatti dubbii irraa agarre hunda dabarsuutti deemnee, dubbiin nurratti dheerata, tarii waan dubbanne kana keessa nama haqa barbaaduuf gahaafii amansiisaatu jira.
Aayatoota, ḥadiiśotafi dubbii warra beekumsaa darban irraa: halkan walakkaa Šaábaanaa sagadaan yookaan waan birootiin kabajuun, akkasumas guyyaa isaa soomaan adda baasuun; irra hedduu warra beekumsaa biratti bidāa jibbamaa akka ta'ee fi šariāa qulqulluu keessattis hundee akka hin qabne nama haqa barbaaduuf ni ifa, inumaayyuu inni wantoota bara ṡaḥaabotaa -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- booda islaamummaa keessatti haarawa uumaman irraayyi, nama haqa barbaaduuf dhimma kanaafi kan biroo keessattis jechi Rabbii ol ta'ee gahaadha: ﴾...Har'a Amantii keessan isiniif guuteera...﴿ [Al-Maa'idah: 3]. Akkasumas Aayatoota irraa wanti hiikkaa isaa keessatti dhufes, akkasumas jechi Nabiyyii, Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu: «Namni Amantii keenya kana keessatti, waan biraa kan isa irraa hin taane argamsiise, inni deebifamaadha (fudhatama hin qabu)». Fi ḥadiiśota irraa wanti dhimma kana keessatti dhufes.
Ṡaḥiiḥa Muslim keessatti, Abuu Hureyraa irraa akka odeeffametti, Rabbiin isarraa ha jaallatu, Ergamaan Rabbii ﷺ akkana jedhan: «Halkanoota keessaa halkan Jimaataa sagada dhaabbachuun adda hin baasinaa, guyyoota keessaas guyyaa isaa soomaan adda hin baasinaa, garuu sooma tokkoon keessan soomu yoo ta'e malee». Osoo wanti tokko kan halkanoota irraa ta'e waan tokko kan ibaadaa irraa ta'een adda gochuun hayyamamaa ta'ee, silaa halkan Jumuāa kanneen biroo irra ḥaóa qabaata ture; Sababni isaas, guyyaan isaa irra caalaa guyyaa aduun itti baatee waan ta'eef jecha, akka ragaa aḥaadiiśota ṡaḥiiḥa Ergamaa Rabbii -nagaa fi raḥmatni irra ha jiraatu- irraa dhufanitti. Yeroo Nabiyyiin -nagaa fi raḥmanni irra ha jiraatu- halkanoowwan gidduudhaa salgada halkaniitiin isa adda baasuu irraa akeekkachiisan, sun halkanoowwan isaan ala jiran daran ta'uu agarsiise, ragaa sirrii kan adda baasuu kana irratti qajeelchuun malee, ibaadaa irraa waan tokkoon isaan irraa waan tokko adda baasuun hin eeyyamamu.
Waan laylatulóadrii fi halkanoowwan Ramaɗaanaa sagadaan dhaabbachuu fi isaan keessatti tattaaffii godhuun karaa godhameef, Nabiyyiin -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- kana irratti hubachiisan, ummatas sagadaan dhaabbachuu isii irratti kakaasan, ofii isaaniitiifis san ni hojjatan, akkuma Ṡaḥiiḥota lamaan keessatti Nabiyyii irraa -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- akka jechuun dhufetti: «Haala Rabbitti amanee fi mindaa isaa Isa irratti herreggateen namni ji'a Ramaɗaanaa dhaabbate, badii isaa irraa kan darbe isaaf dhiifama, akkasumas ḥaala Rabbitti amanee fi mindaa isaa Isa irratti herreggateen namni halkan laylatulqadrii dhaabbate, badii isaa irraa kan darbe isaaf dhiifama». Osoo halkan walakkaa Šaábaanaa, yookaan ji'a Rajab irraa halkan jumu'aa kan jalqabaa, yookaan halkan Israa fi Mi'iraaj kabajuudhaan yookaan ibaadaa irraa waan tokkoon isii adda baasuun karaa godhamee jira ta'ee, silaa Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gara isaatti ummata ni qajeelchu turan, yookaan ofii isaaniitiif ni hojjatu turan, osoo kana irraa wanti tokko argamee jira ta'ee, silaa sahaabonni -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- gara ummataatti ni dabarsu turan, ummata irraas hin dhoksan turan, isaan caaltuu namootaati, akkasumas isaan erga Nabiyyootaatii -nagaa fi raḥmanni isaan irra ha jiraatu- boodatti irra gorsitoota namootaati, Rabbiin waahillan Ergamaa Rabbii -Rabbiin raḥmatss fi nageenya isaan irratti ha buusu- irraa ha jaallatu, isaanis ha jaallachiisu.
Dubbii ulamaa'otaa irraa akkuma duraan beektetti, ji'a Rajab irraa sadarkaa halkan Jumāa jalqabaa fi halkan walakkaa Šaábaanaa ilaalchisee ergamaa Rabbii -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- irraas ta’ee, ṡaḥaabota isaanii -Rabbiin isaan irraa ha jaallatu- irraa wanti tokkollee hin mirkanoofne; kanaafuu isaan lamaan kabajuun bidāa haaraa islaamummaa keessatti uumame akka ta'e ni beekama, akkasumas ibaadaa irraa waan tokkoon isaan adda taasisuun, bid’āa jibbamaadha. Akkasuma ji'a Rajab irraa halkan digdamii torbaffaa, kan namoonni gariin akka waan inni halkan Israa'ii fi Mi'īraajii ta'etti isa ilaalu, Ībaadaa irraa wanta wohiitiin isa adda godhuun hin eeyyamamu, akkuma isa ayyaanessuun hin eeyyamamnetti; Ragaalee dabraniif jecha, kuni odoo beekamee dha, akkamitti odoo jechoota ulamaa'otaa irraa sirriin akka inni hin beekamne ta'ee jiruu. Jechi nama akkana jedhee: inni ji'a Rajab irraa halkan digdamii torbaffaati, jecha baaxila ḥadiiśota ṡaḥiiḥa ta'an keessatti bu'uura hin qabneedha, dhugumatti namni akkana jedhe tolcheera:
Caaltuun dhimmootaa kanneen karaa qajeelaa irratti darbani... fi hamtuun dhimmootaa immoo bid'āawoota haaraa uumamaniidha.
Nuufi Muslimoota hunda Sunnaa qabachuu fi ishee irratti gadi dhaabbachuu, akkasumas waan ishee faallessu irraa of eeguu akka nu waffaquuf Rabbiin qofaatu kadhatamaadha, isatu arjaa kennaadha.
Rabbiin gabricha isaa fi ergamaa isaa nabiyyii keenya Muḥammad, akkasumas maatii fi ṡaḥaabota isaanii mara irratti raḥmataa fi nageenya ha buusu.
Ergaa sadeetaffaa:
Hubachiisa barbaachisaa dhaamsi itti hirkifame soba ta'uu isaa irratti
Šeyƙ Aḥmad Ƙaadima Ḥarama Nabawii Kabajamaa
Abdul Āziiz bin Abdullaah bin Baaz irraa, gara Muslimoota warra isa argu maraatti, Rabbiin Islaamummaan isaan ha eegu, akkasumas sharrii kijiba wallaaltota jallattootaa irraa nuufi isaanis nu ha baraaru. Aamiin.
Nageenyi isin irratti ha jiraatu, raḥmanni Rabbiitii fi barakaan isaatis.
Itti aansuudhaan: Dhugumatti ani dubbii gara Šeyƙ Aḥmad, Ƙaadima Ḥarama Nabawii kabajamaatti hirkifame tokkoo argeen jira, kan mata dureen isaa: «Kun dhaamsa Madiinaa Munawwaraa irraa dhufe, Šeyƙ Aḥmad Ƙaadima Ḥarama Nabawii kabajamaa irraa» jedhu, kan inni isii keessatti akkana jedhe:
«Halkan Jimaataa tokko dammaqeen Óur'aana Kabajamaa qara'aa ture, eegaan maqaalee Rabbii gaggaarii qara'ee booda, yeroon sanarraa xumure rafuufin qophaa'e, abbaa fuula ifaa bareedaa kan ta'an Ergamaa Rabbii -nagaa fi raḥmanni irra ha jiraatu- kan aayatoota Óur'aanaa fi murteewwan kabajamoodhaan dhufan; aalamaaf raḥmata kan ta'an gooftaa keenya Muḥammad -nagaa fi raḥmanni irra ha jiraatu- nan arge, isaanis ni jedhani: Yaa Šeyƙ Aḥmad, anis nin jedheen: Labbayka yaa Ergamaa Rabbii, yaa irra kabajamaa uumama Rabbii, Akkana naan jedhan: ani gochoota namootaa fokkuu irraa qaana'een jira, Rabbii kootis ta'ee malaa'ikota qunnamuu hin dandeenye; jumu'aa irraa hanga jumu'aatti namoota kuma dhibba tokkoo fi jahaatamaatu diinii Islaamaatiin alatti du'e waan ta'eef jecha -eegasii dilii namoonni keessatti kufan irraa garii isaa dubbatan, Ergasii akkana jedhan: - Dhaamsi kun Rabbii Injifataa fi Jabaa ta'e irraa isaaniif raḥmata gochuuf jecha. Eegasii mallattoolee qiyaamaa irraa garii eeran, hanga akkana jedhanitti: - Yaa Šeyƙ Aḥmad dhaamsa kana isaan beeksisi; ishiin qalama qadariitiin Lawhal Maḥfuuz irraa dabarfamte waan taateef jecha, namni isii barreessee biyyaa gara biyyaatti, akkasumas iddoo gara iddootti erge, jannata keessatti qasriin isaaf ijaarama, nama isii barreessee, hin ergin immoo, guyyaa qiyaamaa shafa'aan kiyya isarratti haraama taateetti, Namni ishee barreesse hiyyeessa yoo ta'e Rabbiin isa duuromsa, yookaan idaan kan irra jiru yoo ta'e Rabbiin idaa isaa irraa kaffala, yookaan badiin yoo irra jiraate barakaa dhaamsa kanaatiin Rabbiin isaafi haadhaafi abbaa isaatiif ni araarama, Namni gabroota Rabbii irraa ishee hin barreessin, fuulli isaa addunyaa fi Aaƙiraa keessatti ni gurraacha'a, Akkana jedhe: Rabbii guddichaan yeroo sadii kakadhaa, kun dhugaadha, yoon sobaa ta'e Islaamummaa malee addunyaa irraa nan baha, namni isii dhugoomse adabbii ibiddaa irraa nagaa ba'a, namni isii sobsiise immoo ni kafare».
Kun cuunfaa waan dhaamsa sobaa Ergamaa Rabbii -nagaa fi rahmanni irra ha jiraatu- irratti kijibame keessa jiruuti, dhugumatti dhaamsa sobaa kana waggoota hedduu as yeroo baay'ee dhageenyeerra, yeroo irraa gara yerootti namoota jidduutti kan tamsaafamuu fi ummata bal'aa hedduu jidduutti kan babal'ifamu dha, jechoota isaa keessattis garaagarummaatu jira, Namichi soba khalaqe sunis ni jedha: Inni hirriiba keessatti Nabiyyii -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- argee, wasiyyaa kana isa baachisaniiru, yaa dubbisaa maxxansa dhumaa kan nuti siif himne kana keessatti namichi soba ƙalaqe sun yeroo hirriibaaf qophaa'etti Nabiyyii -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- arguu isaa himateera, hiikni isaas: inni osoo dammaqee jiruu isaan arge jechuudha!
Namichi waan hin jirre uume kun dhaamsa kana keessatti waan hedduu dubbateera; isaanis soba irra ifaa fi cubbuu irra ifaa ta'e irraayi, yoo Rabbiin fedhe, barruuu kana keessatti dhiyootti isa irratti siin dammaqsa. Waggoottan darbaniis dhugumatti isa irratti dammaqsee ture, namootaafis isaan soba irra ifaa fi cubbuu irra ifaa ta'uu isaanii addeessee ture. Yeroon maxxansa dhumaa kana arge, waa'ee isaa barreessuu irratti nan mamme; Sababa cubbuun isaa ifa ta'eefi, ija jabinni namoonni waan hin jirre uuman kunniin soba irratti qaban guddaa waan ta'eefi, akkasumas cubbuun isaa nama hubannoo xiqqaa yookaan fuumama nagaa qabu irratti fudhatama argata jedhee hin yaadne ture. Garuu obboleeyyan irraa baay'een akka inni namoota baay'ee biratti fudhatama argatee, gidduu isaaniitti kan wal harkaa fuudhan ta'uu, gariin isaaniis isa kan dhugoomse ta'uu natti himaniiru; kanaaf jecha waa'ee isaa barreessuun warra akka kiyyaa irratti dirqama ta'uu isaa arge, soba isa ifa godhuudhaaf, fi akka inni ergamaa Rabbii irratti -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- irratti kijibaan uumame ta'uu ifa gochuuf jecha, akka namni tokkollee isaan hin gowwoomneef. Namni warra beekumsaafi iimaana qaban, yookiin warra uumama qulqulluufi sammuu sirrii qaban irraa ta'ee isa xiinxale, karaa baay'eedhaan inni sobaafi waan of irraa uumame ta'uu isaa ni beeka.
Dhugumatti ani firoota Šeyƙ Aḥmad kan kijibni kuni gara isaatti maxxanfame irraa garii isaanii waa'ee dhaamsa kanaa gaafadhee jira, innis naaf deebise: inni Šeyƙ Aḥmad irratti oduu sobaa yoo ta'u, innis gonkumaa isa hin jenne. Šeyƙ Aḥmad dubbatame kun yeroo dura du'eera, odoo Šeyƙ Aḥmad dubbatame kun, yookiin namni isa irra guddaa, Nabiyyiidhaan -nagaa fi raḥmanni irra ha jiraatu- hirriba keessatti yookiin dammaqaan argee, dhaamsa kana naaf dhaaman jedhee himateellee, inni nama sobaa ta'uu isaa, yookiin kan waan kana isaan jedhe sheyxaana ta'uu isaa, inni Rasuula -nagaa fi raḥmanni irra haa jiraatu- akka hin taane shakkii tokko malee ni beekna ture, kunis sababoota hedduudhaaf, isaan keessaa:
Tokkoffaa: Ergamaan ﷺ erga du'anii booda yeroo dammaqaa kan hin argamne ta'uudha, namni wallaalota Suufiyyaa irraa akka inni Nabiyyii ﷺ yeroo dammaqaa argu, ykn isaan mowliida irratti ni argamu, ykn waan sana fakkaatu jedhee falmu; dhugumatti dogongora fokkuu dogongoreera, garmalee itti wal dhahameera, dogongora guddaa keessa bu'eera, Kitaaba, Sunnaa fi walii galtee worra beekumsaa faallesseera; sababni isaas worri du'an qabrii isaanii irraa guyyaa qiyaamaa bahu malee addunyaa tana keessatti hin baanef jecha. Namni faallaa kanaa jedhe, inni kijiba ifa ta'e kijibeera, yookiin dogoggoraa kan itti wal makeedha, dhugaa Salafni gaggaariin beekan, kan ṡaḥaabonni Ergamaa Rabbii ﷺ fi warri toltuudhaan isaan hordofan irratti deeman hin beekne, Rabbiin ol tahe ni jedhe: ﴾Eegasii Isin sana booda du’oodha,15 Eegasii isin Guyyaa Qiyaamaa ni kaafamtu16﴿ [Al-Mu'uminuun: 15, 16], Nabiyyiin -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- akkana jedhan: «Guyyaa qiyaamaatti ani jalqaba nama dachiin isa irraa baqaqtuuti, akkasumas jalqaba nama magantaa dhaabbatuutii fi jalqaba nama magantaan isaa qeebalamuuti». Aayatoonnifi ḥadiiśonni hiika kana keessatti hedduudha.
Lammaffaan: Ergamaan Rabbii -nagaa fi raḥmanni irra ha jiraatu- jireenya isaanii keessattis ta'ee du'a isaanii keessatti waan haqa faallessu kan hin dubbanne ta'uu isaaniiti, dhaamsi kuni immoo Šariāa isaanii haala ifa ta'een faallessa, sunis karaalee hedduudhaan - akka dhufutti -, isaanis -nagaa fi raḥmanni irra ha jiraatu- hirriba keessatti argamuu danda'u, Namni manaama keessatti suuraa isaanii kabajamaa irratti isaan arge, dhugumatti isaan argeera; Šeyṫaanni suuraa isaaniitiin waan of hin fakkeessineef jecha, akkuma ḥadiiśa ṡaḥiiḥa kabajamaa keessatti dhufetti. Garuu dhimmi hundi iimaana nama manaama argee, dhugummaa isaa, haqummaa isaa, qabannaa isaa, amantii isaatii fi amanamummaa isaa irratti hundaa'a, akkasumas Nabiyyii -nagaa fi raḥmanni irra ha jiraatu- suuraa isaanii irratti argee moo suuraa biraa irratti arge kan jedhu irratti hundaa'a.
Yoo Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra ha jiraatu- irraa ḥadiiśni bara jireenya isaanii keessatti dubbatan tokko dhufe, karaa gabaastota amanamoo, ḥaóaa fi yaadannoon isaanii cimaa ta'aniin ala yoo ta'e, irratti hin hirkatamu, ragaas ittiin hin godhamu. Yookiin karaa gabaastota amanamoo yaadannoon isaanii cimaa ta'aniin yoo dhufee, garuu gabaasa nama yaadannoon isaa isaan caaluu fi irra amanamaa ta'e faallessee, gabaasota lamaan gidduutti walsimsiisuun kan hin danda'amne yoo ta'e, ulaagaalee isaatiin bakka kun danda'ametti isaan lamaan keessaa inni tokko mansuukha (kan haqame) kan ittiin hin hojjatamne ta'a, inni lammaffaan immoo naasiƙa (kan haqu) kan ittiin hojjatamu ta'a. Yoo walsimsiisuus ta'ee haquun kan hin danda'amne yoo ta'e, gabaasa nama yaadannoon isaa xiqqaatuu fi haqummaan isaa gadi aanaa ta'ee kuffisuun dirqama ta'a, akkasumas Šaażżii (kan adda ba'e) kan ittiin hin hojjatamne jechuun irratti murteessuunis dirqama ta'a.
Kana erga barree dhaamsi namni isa Ergamaa Rabbii -nagaa fi raḥmanni irra ha jiraatu- irraa dabarse hin beekamne, akkasumas haqni isaa fi amanamummaan isaa hin beekamne akkamitti fudhatama? Haala kanaan osoo jiru, osuma wanti šariāa faallessu keessa hin jiraanne iyyuu, inni akka gatamuufi gara isaatti hin ilaalamne ta'uun haqadha; silaa yoo dhaamsichi dhimmoota baay'ee soba ta'uu isaa agarsiisan kan of keessatti hammate, Ergamaa Rabbii -nagaa fi raḥmanni irra ha jiraatu- irratti kan sobame, fi seera amantii Rabbiin isa hin hayyamne kan of keessatti qabatu yoo ta'e hoo akkamitti?!
Dhugumattis Nabiyyiin -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- akkana jedhan: «Namni waan ani hin jedhin ana irratti jedhe, ibidda keessatti teessoo isaa ha qopheeffatu». Dhugumatti namni dhaamsa kana Ergamaa Rabbii irratti -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- kijibe waan isaan hin jedhin jedhee jira, soba ifaa fi hamaa isaan irratti sobes jira, doorsisni guddaan kun akka isaaf mala, akkamis haqa isa godhata yoo tawbaatti hin ariifatinii fi dhaamsi kun Ergamaa Rabbii irratti -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- soba ta'uu isaa namootaaf yoo hin tamsaasin; Sababni isaas namni dhara namoota gidduutti tamsaasee, gara amantiitti isa hirkise, tawbaan isaa irraa sirrii hin taatu yoo isii labsee ifa godhe malee; hanga namoonni soba isaa irraa deebi'uu isaatii fi ofii isaa sobsiisuu isaa beekanitti; jecha Rabbii ol ta'ee kanaaf jecha: ﴾Dhugumatti, isaannan waan Nuti buufne -kan ragaawwan ifa ta’aniifi qajeelfama irraa ta’e erga kitaabicha (keenya) keessatti namootaaf addeessinee booda- dhoksan, warra san Rabbiin isaan abaara; warri abaarus isaan abaaru. Warra tawbatanii, hojii gaarii hojjatanii, (dhugaa dhoksan san) ifatti mul’isan malee. Warra san tawbaa isaanii isaan irraan qeebala, Ani akkaan tawba-qeebalaa, akkaan rahmata godhaadha﴿ [Al-Baóarah: 159, 160] Rabbiin -qulqullaa'e ol ta'e- Aayaa kabajamtuu tana keessatti akkana jechuudha ifoomse: namni dhugaa irraa waan tokko dhokse, erga sirreessee fi ifa godheen alatti tawbaan isaa waan sana irraa hin sirrii hin ta'u. Dhugumatti Rabbiin ol ta'e gabroottan isaatiif amantaa guutee jira, ergamuu ergamaa isaa Muḥammadiin -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- qananii isaan irratti guutee jira, akkasumas shari'aa guutuu irraa waan Rabbiin isaanitti wahyii godheen qananii isaas isaan irratti guutee jira, erga guutee fi ifa godheen boodatti malee gara isaatti isaan hin fuune, akkuma Inni ol ta'e jedhe: ﴾Har'a Amantii keessan isiniif guuteera, ni’īmaawwan kiyyas isin irratti guuteera. Amantiis Islaama isiniif jaaladheera﴿ [Al-Maa'idah: 3]
Namni dhaamsa kijibaa kana uume jaarraa kudha arfaffaa keessa kan dhufe yoo ta'u, amantii haaraa namoota irratti makuudhaan isaan dogoggorsiisuu barbaada, kan bu'aan isaas nama Šariāa isaa fudhateef jannata seenuu ta'ee, nama Šariāa isaa hin fudhanneef immoo jannata irraa dhorgamuu fi ibidda seenuu ta'e. Akkasumas dhaamsa inni sobaan uume kana Óur'aana irra guddaa fi caalaa taasisuu barbaada, ishee keessatti akkana jechuun soba uume: namni ishee barreessee biyyaa gara biyyaatti, yookiin iddoo irraa gara iddootti erge; Jannata keessatti masaraan isaaf ijaarama, namni ishee hin barreessinii fi hin ergine ammoo Guyyaa Qiyaamaa šafaaāan Nabiyyii -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- isa irratti haraama taati, Kunis soba irra fokkataa irraayi, akkasumas ragaalee irra ifa ta'an kan sobummaa dhaamsa kanaa, saalfii dhabuu nama soba kana uumee, fi guddina ija-jabina isaa kan soba irratti qabu agarsiisan irraayi; sababni isaas namni Óur'aana kabajamaa katabee biyya irraa gara biyyaatti, yookiin iddoo irraa gara iddootti erge, yoo Óur'aana kabajamaatti dalaguu baate sadarkaan kun isaaf hin argamu; egaa akkamitti nama soba kana katabeefi biyya irraa gara biyyaatti dabarsuuf argama! Namni Qur'aana hin barreessinii fi biyya tokko irraa gara biyya biraatti isa hin ergin, yoo kan isatti amanuu fi shari'aa isaa hordofu ta'e, shafaa'aa Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- irraa hin dhoorgamu, Sobni tokkichi dhaamsa kana keessa jiru kun, dhara ta'uu isaa, sobduu ta'uu nama isa facaasuu, safuu dhabuu isaa, gowwummaa isaa fi wanta Ergamaan ﷺ qajeelfama irraa ittiin dhufan beekuu irraa fagaachuu isaa agarsiisuuf kophaa isaa ni ga'a.
Dhaamsa kana keessatti - waan dubbatameen alatti - dhimmoota birootu jiru, cufti isaanii cubbuu ta'uu ishii fi sobummaa ishii agarsiisu, odoo namni waan hin jirre uume kun sirrummaa ishiitiif jecha kakuu kuma tokko yookaan isaa ol kakatees, akkasumas odoo inni dhugaa dubbataa of gochuun adabbii gurguddaa fi qixaaxa hamaa of irratti kadhatees; inni dhugaa dubbataa hin ta'u, ishiinis sirrii hin taatu, haa ta'u malee ishiin, Rabbiin kakaan ergasii ammas Rabbiin kakaan, cubbuu gurguddoo fi irra fokkattuu irraayyi, nutis Rabbiin qulqullaa'ee fi malaykoota nu biratti argaman ragaa taasifanna, Muslimoota irraa namni barreeffama kana dubbise —ragaa nuti Gooftaa keenya ol tahe ittiin qunnamnuudha—: dhaamsi kun soba Ergamaa Rabbii irratti -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu-, uumameedha, Rabbiin nama isa sobe ha salphisu, waan inni maluunis isatti ha hojjatu.
Waan darbe malees, soba ta'uu dhaamsa kanaatii fi waan bakka hin qabne ta'uu isaa wantoota agarsiisan keessaa: wantoota baay'ee keeyyata isaa kan dubbatame irraa ta'anidha. Isaan keessaa:
Dhimmi tokkoffaan: Jecha isaa kan isii keessatti akkana jedhuudha: (Sababni isaas Jimaata irraa hanga Jimaataatti namni kuma dhibba tokkoo fi kuma jahaatamaa diinii Islaamaatiin ala du'aniiru); Sababni isaas kun beekumsa waan fagoo irraa waan ta'eef jecha, Ergamaa -nagaa fi raḥmanni irra ha jiraatu- irraas waḥyiin booda du'a isaaniitii citeera, isaan jireenya isaanii keessatti waan fagoo hin beekanu, erga du'anii booda hoo akkamitti?; Jecha Rabbii qulqullaa'eetiif jecha: ﴾Jedhi: "Kuusaaleen Rabbii ana bira jira isiniin hin jedhu; fagoos hin beeku...﴿ [Al-An'āam: 50] Akkasumas jecha Rabbii ol ta'eetif jecha: ﴾Wanti samiileefi dachii keessaa hunduu Rabbiin malee wanta fagoo (ǧaybii) hin beeku﴿ [An-namli: 65], Ḥadiiśa ṡaḥiiḥa keessatti Nabiyyiin -Rabbiin raḥmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- akkana jedhan: «Guyyaa qiyaamaatti namootni gariin ḥawɗii koo irraa ni fageeffamu, anis nan jedha: yaa Rabbi! Ṡaḥaabota koo, Ṡaḥaabota koo, eegasii naan jedhama: dhugumatti ati waan isaan booda keetii haarawa fidan hin beektu, anis akkuma gabrichi gaariin jedhe sanan jedha: ﴾Hangan isaan keessa turetti isaan irratti ragaan ture. Erga ol nafuutee booda ati isaan irratti tiksaa taate. Ati waan hunda irratti ragaadha﴿ [Al-Maa'idaa: 117]».
Dhimmi lammaffaan: -dhimmoota sobummaa dhaamsa kanaatii fi kijiba ta'uu isii agarsiisan irraa-: waan inni isii keessatti jedheedha: (namni isii barreesse yoo hiyyeessa ta'e Rabbiin isa duroomsa, yookiin yoo idaa qabaate Rabbiin idaa isaa ni kaffalaaf, yookiin diliin yoo isa irra jiraate barakaa wasiyyaa kanaatiin Rabbiin isaa fi haadhaa abbaa isaatiif ni araaramaaf) hanga dhumaatti. Kun kijiba irra guddaa dha, akkasumas namichi isa uume sobaa ta'uu fi Rabbii fi gabroota isaa irraa saalfii dhabuu isaa irratti irra ifa galaa ragaaleti; sababni isaas dhimmoonni sadan kun Óur'aana Kabajamaa barreessuu qofaan waan hin argamneef jecha, egaa akkamitti nama dhaamsa sobaa kana barreesseef argamu?! Dhugumatti, wanti namichi badaan kun barbaadu namoota dogoggorsuu fi dhaamsa kanatti isaan rarraasuudha; akka isaan isii barreessanii fi tola sobaa kanatti rarra'aniif jecha, akkasumas sababoota Rabbiin gabroota isaatiif karaa godhe, kan duroomuu, idaa kaffaluu fi diliiwwaniif araaramni argamuutti geessan akka dhiisaniif jecha. Sababoota salphinaa, fedhii lubbuu fi šeyṫaanaaf ajajamuu irraa Rabbitti maganfanna.
Dhimmi sadaffaan: -dhimmoota sobummaa dhaamsa kanaa agarsiisan irraa-, jecha isaa kan ishee keessatti akkana jedhudha: (gabroota Rabbii irraa namni ishee hin barreessine; addunyaa fi aaƙiraatti fuulli isaa ni gurraacha'a). Kunis — akkasuma — soba irra fokkisaa fi dhaamsi kun soba ta'uu fi namichi isa uume sobaa ta'uu irratti irra ifa galaa fagaalee keessaa isa tokkoodha. Namni sammuu qabu akkamitti dhaamsa namni hin beekamne tokko jaarraa kudha arfaffaa keessatti fidee dhufe kana barreessuu fudhata? Kan Ergamaa Rabbii, kadhannaa fi nagaan Waaqayyoo isa irratti ha jiraatu, irratti sobaan uumee fi akka namni isa hin barreessine addunyaa fi aakhiraatti fuulli isaa gurraacha'u, namni isa barreesse immoo hiyyummaa booda sooressa akka ta'u, idaan erga irratti tuulamee boodas idaa irraa nagaa akka ba'u, akkasumas cubbuu inni dalage hunda akka araaramamuuf dubbatu!!
Qulqulloofte! Kun kijiba guddaadha!! Dhugumatti, ragaaleenii fi haalli qabatamaa kijibummaa nama kijiba uume kanaa, guddina ija jabina inni Rabbirratti qabuu fi xiqqaachuu saalfii inni Rabbii fi namoota irraa qabu irratti ragaa ba'u. Kunoo ummatootni baay'een ishii hin barreessine, fuulli isaaniis hin gurraachofne. Asittis tuutni baay'een kan Rabbiin malee isaan hin lakkoofne yeroo baay'ee ishii barreessaniiru, garuu liqaan isaanii hin kaffalamne, hiyyummaan isaaniis isaan irraa hin deemne. Kanaafuu, jallina qalbii fi xurii cubbuu irraa Rabbitti maganfanna. Kunniin amaloowwanii fi galatoota shari'aan kabajamaan nama kitaaba irra caalaa fi irra guddaa ta'e, innis Óur'aana kabajamaa, katabeefuu kan hin fidinidha; egaa akkamitti nama dhaamsa kijibaa kan gosoota baaxilaa fi himoota hedduu gosoota kufrii irraa ta'an of keessatti qabate katabeef argama? Ṡubḥaanallaah!! Nama Isa irratti kijiba uumuudhaan ija jabaate irratti obsi Isaa akkam guddaadha.
Dhimmi afraffaan: -dhimmoota dhaamsi kun dhara irra dharaa fi soba ifa bahaa ta'uu isaa agarsiisan keessaa-: jecha inni ishee keessatti akkana jedheedha: (Namni ishee dhugoomse adabbii ibiddaa irraa ni baraarama, namni ishee sobsiise ni kafara), Kuni -ammas-, soba irratti ija jabaachuu irra guddaa fi cubbuu irra fokkataa irraayi, sobduun kuni akka soba inni tolche kana dhugoomsan namoota hunda waama, saniin adabbii ibiddaa irraa akka nagaya bahanii fi namni isii sobsiise immoo akka kafaru ni himata. Wallaahi sobdichi kun Rabbiin irratti kijiba uumuu guddiseera, Wallaahi waan dhugaa hin ta'in jedheera. Dhugumatti, namni ishee dhugoomse, inni kaafira ta'uun kan isaaf maluudha malee nama ishee kijibsiisee miti; sababni isaas isheen kijiba uumamaa, baaxilaa fi soba bakka hin qabneedha. Nutis akka isheen soba taatee fi namni ishee uumes sobaa ta'e akka Rabbiin ragaa taasifna. Inni namootaaf waan Rabbiin itti hin eyyamin seera gochuu fi amantii isaanii keessa waan irraa hin ta'in seensisuu barbaada. Rabbiin immoo kijiba uumamaa kana dura jaarraa kudha afuriin dura ummata kanaaf amantii guutee xumureera. Hubadhaa: Yaa dubbistootaa fi obboleeyyan, adaraa kijiboota akkanaa dhugoomsuu fi isin gidduutti fudhatama akka argatu gochuu irraa of eeggadhaa, dhugaan ifa qaba waan ta'eef nama isa barbaadu irratti wal hin fakkaatu, kanaafuu dhugaa ragaa isaatiin barbaadaa, waan isiniif ifa hin ta'in warra beekumsaa gaafadhaa, kakuu warra sobaniitiinis hin gowwoominaa, Ibliis inni abaaramaan odoo inni irra guddaa warra gananii fi akkaan sobaa warra sobanii ta'ee jiruu, akka inni isaan gorsitoota irraa ta'eetti abbaa fi haadha keessan Aadam fi Hawaadhaaf kakatee ture, akkuma Rabbiin ol ta'e kana isa irraa himuudhaan akkana jedhe: ﴾Dhugumatti, ani isiniif warra toltuu yaadan irraayi" (jechuun) isaan lamaaniif kakate﴿ [Al-Aáraaf: 21]. Kanaafuu isa irraa of eeggannoo godhaa, hordoftoota isaa worra sobdootaa irraas of eeggannoo godhaa, nama gowwoomsuu fi jallisuuf jecha isaa fi isaaniif kakuu sobaa, waadaa gantuu fi jechoota bareechifaman meeqatu jira! Waan kijibaan kun badiin mul'achuu irraa dubbate immoo; inni dhimma qabatamaan argamuudha, Qur'aanni kabajamaan fi Sunnaan qulqulluun isa irraa akeekkachiisa cimaa akeekkachiisaniiru, isaan lamaan keessattis qajeelumaa fi gahaatu jira.
Wanti ulaagaalee qiyaamaa ilaalchisee dubbatame immoo, dhugumatti Ḥadiiśonni Nabiyyii waan mallattoolee qiyaamaa irraa ta'e ifa godhaniiru, Óur'aanni kabajamaanis sana irraa gariitti eereera, namni kana beekuu fedhe kitaabota Sunnaa fi barreeffamoota warra beekumsaa fi iimaanaa irraa iddoo isaatti isa argata, namoonnis ibsa namicha sobaa akka kanaa, dogoggorsuu isaatii fi dhugaa fi soba walitti makuu isaatti haajaa hin qaban. Rabbiin anaafi isin, akkasumas hunda muslimootaa ha tiksu sharrii Šayxaanotaa irraa, fitnaa warra jallisanii, dabinsa warra dabanii, fi fakkeessaa diinota Rabbii warra dhugaa balleessanii irraa, isaan ifa Rabbii afaan isaaniitiin dhaamsuu fi amantii isaanii namoota irratti walxaxuu fedhan, Rabbiin ifa isaa guutaadha, amantii isaas gargaaraadha, diinonni Rabbii šayṫaanotaa fi kaafirootaa fi Rabbi waakkatoo irraa hordoftoonni isaanii odoo jibbanillee. Rabbiin kadhanna akka haala Muslimootaa tolchee, ḥaóa hordofuu fi irratti gadi dhaabbachuu, akkasumas dilii hunda irraa gara Rabbii ol ta'etti towbaa deebi'uun akka isaan irratti tola oolu. Inni dhugumatti towbaa qeebalaa, rahmata godhaa fi waan hunda irratti danda'aadha. Gayaan keenya Allaaha waatolee irkannoon keenya isa tahuun, malaafii dandeettiin Rabbii ol tahe guddaan malee hin jiru.
Galanni hundi kan Rabbii gooftaa aalamaati, Rabbiin raḥmataa fi nageenya gabrichaa fi ergamaa isaa dhugaa dubbataa fi amanamaa ta'an irratti ha buusu, maatii fi saahiboota isaanii, fi warra hanga guyyaa qiyaamaatti toltuudhaan isaan hordofan irrattis haa buusu.
Ergaa sagalaffaa: murtii falfalaa, raagaa fi waan isaan kanaan wal qabatu [1]
[1] Dhaamsi kun maxxansaa lakkoofsa 17 keessatti waajjira waliigalaa bulchiinsa qorannoo ilmii, fatwaa, da'awaafi qajeelchaa irraa bara 1402 H bahe.
Faaruun kan Rabbii tokkichaati; rahmannii fi nageenyi Nabiyyii xumuraa irra ha jiraatu, itti aansuudhaan:
Warra ogumma fayyaa himatan, kan karaa falfalaatiin yookaan raagaatiin yaalan yeroo boodaa kana keessatti baa'achuu warra falfala dalaganiitii fi biyya garii keessatti babal'achuu isaanii ilaaluudhaan, akkasumas hanqina hubannaa dhabuu namoota wallaalummaan isaan injifatetti fayyadamaa jiraachuu isaanii ilaaluudhaan, Rabbii fi gabroota isaatif gaarii yaaduuf jechan, islaamummaa fi muslimoota ilaalchisee balaa guddaa waan sana keessa jiru ibsuu yaade; Waan Rabbii ol ta'e malee jirutti rarra'uu fi ajaja isaa fi ajaja ergamaa isaa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- faallessuun waan isa keessa jiruuf jecha.
Rabbii ol ta'een gargaarsifadhdhee nin jedha: walii galaan yaalamuun ni danda'ama, muslimaaf gara ogeessa fayyaa dhukuba kessaa ykn qalani yaaluu ykn dhukkuba hiddaa yookaan kan kana fakkaatuu deemuun ni danda'ama; Sababni isaas akka dhukkuba isaa adda isaa baasee, qoricha shari'aan eeyyamame irraa waan maluun akka isa yaaluuf jecha, akkaataa beekumsa fayyaa beekamutti; Kun sababoota baraman fudhachuu irraa waan ta'eef jecha, Rabbirratti hirkachuus hin faallessu, Rabbiin ol ta'e, namni isa beeke beekeera, namni isa wallaales wallaaleera, Garuu Rabbiin fayyaa gabroota isaa waan isaani irratti haraama taasise keessatti hin goone.
Dhukkubsataaf gara warra raagdotaa kan beekumsa waan fagoo himatanitti deemuun hin hayyamamu; Akka dhukkuba isaa karaa isaanitiin beekuuf jecha, akkuma waan isaan isatti himan dhugoomsuun isaaf hin hayyamamnetti, isaan shakkiidhaan dubbatan waan ta'eef jecha, yookaan waan barbaadan irratti jinnootaan gargaarsifatan waan ta'eef jecha, warra kana murtiin isaanii kufrii fi jallina, yoo kan beekumsa waan fagoo himatan ta'an.
Muslim Sahiiha isaa keessatti akka odeessetti, Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- akkana jedhan: «Namni waa himaa bira dhufee waan tokko irraa isa gaafate, sagadni guyyaa afurtamaa isaaf hin qeebalamu».
Abuu Hurayraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa ha jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- ni jedhani: «Namni raagdutti dhaqee waan inni jedhu dhugoomse, dhugumatti inni waan Muhammad -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- irratti bu'etti kafareera». Abuu Dawuud fi warra sunana afraniitu gabaase, Haakim immoo kan sahiiha jedheen yoo ta'u, Nabiyyii irraas -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- jecha kanaan gabaafame: «Namni waa himtuu ykn (Raaduu) ykn kaahina bira dhufee waan inni jedhu dhugeesse, dhugaan inni waan Muhammad irratti buufametti kafare, nagaa fi rahamanni irrattin ha jiraatu».
Imraan ibnu Husayn irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani: «Namni milkii ilaallate yookaan ilaalchifate, yookaan raage yookaan raagameef, yookaan falfale yookaan falfalameef nurraayyii miti, namni raagaa bira dhaqee waan inni jedhu isa dhugeesse dhugaatti waan Muhammadiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- irratti bu'etti kafareera», Bazzaartu sanada gaariin gabaase.
Hadiisota kabajamoo kana keessa: warra waan fagoo himan, raagdota, falfaltoota fi warra akka isaanii bira dhaqanii, isaan gaafatanii, isaan dhugeessuu irraa dhoorguutu jira, akkasumas sana irratti doorsisuunis isaan keessa ni jira.
Kanaafuu waan garii keessatti dhugaa dubbachuu isaanitiin gowwoomuun hin danda'amu, akkasumas baay'ina nama gara isaanii dhufuunis; Isaan wallaalaa waan ta'aniif namoonni isaanin gowwoomuu hin qabani; Sababni isaas Ergamaan -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- isaan bra deemanii, isaan gaafachuudhaan isaan dhugeessuu irraa dhoorganiiru waan ta'eef jecha; Badiin guddaan, balaan hamaa fi booddeen hamtuun waan sana keessa jiruuf jecha, akkasumas isaan kijibdoota jallataa waan ta'aniif jecha.
akkuma hadisota kana keessa: kafaruu raagaa fi falfalaa irratti ragaan jirutti; Sababni isaas isaan beekumsa waan fagoo waan himataniif jecha, kuni immoo kufriidha, akkasumas isaan waan barbaadanitti jinnii fayyadamuu fi Rabbii gaditti isaan gabbaruudhaan maleetti waan hin geenyef jecha, kuni immoo Rabbii ol ta'etti kafaruu fi waan biroo itti qindeessuudha, namni beekumsa waan fagoo himachuu isaanii keessatti isaan dhugoomse akkuma isaaniti ta'a. Nama wantoota kanneen nama isaan hojjatu irraa fudhate hunda, dhugumatti ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- isa irraa qulqullaa'aniiru,
Akkuma muslimaaf hin danda'amnetti: waan isaan yaala jedhaniif bitamuun; Xalaasima fayyadamuun yookaan rasaasa dhangalaasuun kan akka falfala gochuu isaanii, akkasumas wantoota bakka hin qabne kan isaan hojjatan irraa waan sana fakkaatuun, inni kun raagaa fi namootatti wal fakkeessuu irraayi. Namni sana jeellate cubbuu fi kufrii isaanii irratti dhugumatti isaan gargaareera.
akkuma muslimoota irraa nama kamuufuu isaan bira dhaquun hin hayyamamnetti; nama fuulduratti ilmi isaa yookaan firri isaa fuuchuuf taa'u irraa isaan gaafachuuf jecha, yookaan jaalalaa fi beellama guutuu irraa, yookaan diinummaa, wal dhabdee fi kan kana fakkaatan irraa isaan gaafachuuf jecha; Inni kuni waan fagoo kan Rabbii ol ta'e malee namni tokkolleen isa hin beekne irraa waan ta'eef jecha.
Warra aangoo qaban, qondaaltotaa fi warra dandeettii fi taaytaa qaban kan biroo irra dirqamni jiru: warra raagdotaa, warra beekumsa waan fagoo himatanii fi kanneen biroo bira dhaquu irraa nama dhoorguudha, akkaammas warra waan akkanaa gabayaa keessattis ta'ee bakkoota keessatti dalagan dhoorguu fi akkaan irratti mormuudha, akkasumas nama gara warra kanaa dhufus dhoorguudha.
Akkasuma falfallis: Innis wantoota haraamaa kufrii irraayi, akkuma Rabbii guddaan dhimma malaa'ikoota lamaanii ilaalchisee akkana jadhe: ﴾...Isaan (malaa’ikoonni) lamaan nama tokkos odoo "Nuti mokkoroof dhufnee hin kafarin" hin jedhin (sihrii) hin barsiisan. (Namoonnis malaa’ikoota) lamaan irraa waan ittiin dhirsaafi niitii addaan baasan baratu. Isaan sun nama tokko hayyama Rabbiitin ala kan isaan miidhan hin taane. Waan isaan miidhuu malee isaan hin fayyadne baratan. Dhugumatti, isaan (yahuudonni) akka warri isa (sihrii) bitate Aakhiraatti qooda homaa hin qabaanne sirritti beekaniiru. wanti isaan lubbuulee isaanii itti gurguran waa fokkate! Odoo kan beekan ta’anii﴿ [Al-Baqarah: 102].
Aayatoonni kabajamoon kunniin falfalli kufrii ta'uu falfaltoonni akka dhirsaa fi niitii adda baasan agarsiisan, akkuma falfalli ofuma isaatiin fayyaduunis ta'ee miidhuudhaan dhiibbaa fiduu akka hin dandeenye akka agarsiisanitti, inni kan dhiibbaa fiduu danda'u fedha Rabbii kan qadaraatiini; Sababni isaas Rabbiin ol ta'e isumaatu kherii fi hamtuu uumama waan ta'eef jecha.
Akkasumas aayaanni kabajamtuun tun: warri falfala baratan waan isaan fayyaduu osoo hin taane, waan isaan miidhu baratanii fi isaan qooda tokkollee akka Rabbiin biraa hin qabne agarsiifte, kuni immoo doorsisa guddaa kasaaraan isaanii duuniyaa fi aakhiraatti cimaa ta'uu agarsiisuudha, akkasumas isaan lubbuulee isaanii gatii akkaan gadi bu'aa ta'etti kan gurguran ta'uu agarsiisa, kanaaf jecha Rabbiin ol ta'e akkana jechuudhaan sana irratti isaan arrabse: ﴾...Wanti isaan lubbuulee isaanii itti gurguran waa fokkate! Odoo kan beekan ta’anii﴿ [Al-Baqarah: 102], Bituun asitti hiika gurgurtaati qaba.
Dhugumaan miidhdhaan guddateera, balaanis warra dhara uuman kanneen beekumsa kana mushrikoota irraa dhaalanii, namoota sammuun dadhaboo ta'an ittiin dogoggorsan irratti cimee jira. Dhugumatti nuti kan Allaah ti, nuti gara isaattis deebi'oodha, Allaah nuuf gahaadha, inni immoo itti hirkachutti waa tolee.
Rabbi kadhanna akka sharrii falfaltootaa, raagdotaa fi warra falfala dalagan hunda irraa akka nagaa nu taasisu, akkasumas muslimoota akka sharrii isaanii irraa isaan tiksuus Rabbii ol ta'e ni kadhanna, akkasumas falfaltoota irraa baqachuu fi seera Rabbii isaan keessatti raawwachuu akka hooggantoota muslimootaa milkeessu Rabbiin kadhanna; Miidhaa fi gochoota isaanii badoo irraa gabroonni boqotaniif jecha.. Inni arjaa kennaadha.
Rabbiin ol ta'e dhugumatti gabroota isaatif karaa godheera: osoo hin mudanne waan ittiin falfala irraa of eegan, akkasumas erga mudates waan ittiin of yaalan; rahmata isaanif godhuuf jecha, akkasumas tola isaanitti ooluuf jecha, qananii kanas isaan isaan guutuuf jecha.
Armaan gaditti wantoota osoo hin argamne ittiin balaa falfalaa irraa ofiin eeganii fi erga argamanii booda wantoota ittiin of yaalan ibsuutu jira, isaanis wantoota shari'aadhaan hayyamaman irraayi, ibsuun isaanitiis akka armaan gadii kanatti ta'a:
Tokkoffaan: wantoota odoo inni hin argamin falfala irraa ofiin eegani, irra barbaachisaa fi irra fayyadaan isaa immoo: zikriiwwan shari'aatiin, du'aaiiwwanii tiksitoota gabaafamaniin of eeguudha. Sana keessaa: eega salaamtaa baafataniin boodattti duuba sagada dirqamaa hundatti aayatul kursii -inni irra guddaa aayatoota Qur'aana kabajamaati- qara'uudha, innis jecha Rabbii ol ta'eeti: ﴾Rabbiin Isa malee haqaan gabbaramaan hin jiru; (Inni) jiraataadha; waan hundaan dhaabbataadha guttataadha. Mugaatiis ta’ee hirribni Isa hin qabu. Wanti samiilee keessa jiruufi wanti dachii keessa jiru (hundi) kan Isaati. Inni hayyama Isaatiin malee Isa biratti araarsu eenyuma? Waan fuuldura isaaniitiifi waan duuba isaaniis ni beeka. Beekumsa Isaa irraa waan Inni fedhetti malee hin marsanu. Kursiin Isaa samiifi dachii irra bal’ateera. Isaan lamaan tiksuun Isa hin dadhabsiisu, Inni ol ta’aa, guddaadha﴿ [Al-Baqarah: 255], Akkasumas Ishee qara'uunis: yeroo bakka hirriibatti, dhugumatti ergamaa Rabbii irraa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- karaa sirrii ta'een akka gabaafametti akkana jedhan: «Namni halkan tokko keessatti aayatal kursii qara'e Rabbiin irraa tiksaan isa irratti ta'uu irraa hin deemu, hanga bariisifatuttis sheyxaanni isatti hin dhihaatu».
Sana keessaa qara'uudha: ﴾Óul Huwallaahu Aḥad﴿، [Al-Iƙlaaṡ: 1], fi ﴾Qul A'ūuzu bi Rabbil Falaó﴿ ، [Al-Falaó: 1], fi ﴾Qul A'ūuzu bi Rabbinnaas﴿ ، [An-naas:1], booda sagada dirqamaa hundatti, akkasumas suuraalee sadeen kanneen jalqaba guyyaa keessatti sagada fajrii boodattii fi jalqaba halkanii keessatti sagada maghriibaa boodatti qara'uudha.
Sana keessaas: jalqaba halkanii irratti aayaa lameen xumura suuraa baqaraa irra jiran qara'uudha, isaanis jecha Rabbii ol ta'eeti: ﴾Ergamaan (kiyya) waan Gooftaa isaa irraa gara isaatti buufametti amaneera; mu’uminoonnis. Hundumtuu Rabbitti, malaa’ikota Isaa, kitaabota Isaafi ergamtoota Isaatti amananiiru. "Nuti ergamtoota Isaa irraa jidduu tokkoos adda hin baafnu" (jedhan). "Nuti dhageenye; ajajamnes. Gooftaa keenya! Araarama kee (barbaanna). Deebiinis garuma keeti" jedhan﴿ hanga xumura suuraatti. [Al-Baqarah: 285].
Karaa sirrii ta'een Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- irraa akka gabaafametti akkana jedhan: «Namni halkan tokko keessatti dhuma suuraa baqarah irraa aayaa lameen qara'e isiin isaaf ni ga'an». hiikni isaas -Rabbiin hunda caalaa beekaadha-: hamtuu hunda irraa ni ga'aniif jechuudha. Sana keessaas jalqaba halkaniitii fi jalqaba guyyaa keessatti jechoota Rabbii kan guutuu ta'aniinin hamtuu waan inni uumee irraa tikfama jechuu baay'isuudha, akkasumas yeroo bakka kamuu qubatan keessatti, ijaarsa yookaan barahaa, qilleensa yookaan galaana keessatti; Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- waan akkana jedhaniif jecha: «Namni bakka tokko qubatee, A'ūużu bikalimaatillaahi at-taammaati Min sharri Maa Khalaq jadhe, qubsuma isaa sana irraa hanga imalutti homaa isa hin miidhu».
Sana keessaas: namani muslimaa tokko jalqab guyyaa fi halkanii keessatti yeroo sadii akkana jechuudha: «Maqaa Rabbii maqaa isaatiin waliin homaa samii fi dachii keessatti nama hin miinenin tikfama. Inni dhaga'aa beekaadha».
Sana irratti kakaasuun karaa sirrii ta'een Ergamaa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- irraa waan gabaafameef jecha, akkasumas inni hamtuu hunda irraa nagaa ta'uuf sababaa akka ta'us.
Lammaffaan: waan falfalli eega argamee booda ittiin yaalamu, kunis ammas wantoota hedduun taha:
Inni jalqabaa: Rabbitti kadhaani cuucumma'uu heddummeessuu fi akka miidhaa kaasu fi rakkoo oofu isa kadhachuudha.
Lammaffaan: Dachii yookaan gaara yookaan waan biroo keessatti ta'us iddoo falfalli jiru beekuudha, yeroo beekamee, baafamee, balleeffame falfalli ni bada, kuni irra bu'a qabeessa yaala falfalaati.
Sadaffaan: Ruqaa azkaaraa fi awraadoota shari'āatiin godhuudha, isheenis baay'eedha; sana keessaa:
Waan jecha Ergamaa Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- kana keessatti mirkanaa'eedha: «Yaa Gooftaa ilma namaa! dhibee deemsisi, Ati fayyisaadhaa fayyisi, fayyaa kee malee fayyaan biraa hin jiru, fayyisiinsa dhukkuba hin dhiifne fayyisi» Yeroo sadii isa jedha,
Sana keessaas: Ruqaa Jibriil Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- ittiin yaaleedha, innis jecha isaa kana: «Maqaa Rabbitiin waan si rakkisu hunda irraa si yaala, akkasumas hamtuu lubbuu hundaa irraas, yookaan ija waanyoo irraas, Rabbiin si fayyisa, maqaa Rabbiitiin si yaala» Kana yeroo sadii irra deddeebi'a.
Sana keessaas - kuni namicha wal qunnamtii saalaa dadhabeef baay'ee fayyadaadha-: Sidrii magariisa irraa baala torba fuudhee, dhugaadhaan yookaan waan biraatiin isa bulleessee, eegasii meeshaa bishaanii keessatti isa godhee, bishaan waan dhiqannaaf isaaf ga'u itti naqa, eegasii kana irratti qara'a:
Aayatul kursii, fi ﴾Qul yaa ayyuhal kaafiruun﴿ [Al-Kaafiruun: 1], fi ﴾ Qul Huwallaahu Aḥad﴿ [Al-Ikhlaaṡ: 1], fi ﴾Óul A'ūużu bi Rabbil falaó﴿ [Al-Falaq: 1], fi ﴾Qul A'ūużu bi Rabbinnaas﴿ [An-naas:1],
Akkasumas Aayatoonni falfalaa kan suuraa Aáraaf keessa jiran qara'uudha, isaanis jecha Rabbii ol ta'eeti: ﴾Gara Muusaatti "ulee kee darbi" (jechuun) beeksisa goone, Achumaan isheen waan isaan kijiban ni liqimsiti. Dhugaan ni mirkanaa’e; wanti isaan hojjataa turan ni badde. Achitti ni injifataman; salphattoota ta’anii deebi’an﴿ [Al-A'áraaf: 117-119],
Akkasumas Aayatoota suuraa Yuunus keessa jiran qara'uudha, isaanis jecha Rabbii ol ta'eeti: ﴾Fir’āwn ni jedhe: “Cufa falfalaa beekaatiin natti koottaa. Yeroo falfaltoonni dhufan, Muusaan isaaniin ni jedhe: “isin Waan darbitan darbaa.” Yeroo isaan darban Muusaan ni jedhe: “Wanti isin isaan dhuftan falfala, dhugumatti, Rabbiin isa balleessuuf jira. Dhugumatti, Rabbiin dalagaa badii hojjattootaa hin tolchu ,hinmilkeessu. Odoo badii raawwattoonni jibbanillee, Rabbiin dhugaa jechoota Isaatiin ni mirkaneessa﴿ [Yuunus: 79-82],
Akkasumas Aayatoota Suuraa Xaahaa keessa jiran: ﴾Yaa Muusaa! Ati darbachuu yookiin jalqaba nama darbuu nuti ta’uu (filadhu)” jedhaniin. (Muusaanis) “Lakkisaa; isinummaan darbadhaa!” jedhe, yoggus haadoowwan, funyooleen isaaniifi uleewwann isaaniis falfala isaanii irraa kan ka'e waan fiigdu (bofa) itti fakkeeffama. Muusaan lubbuu isaa keessatti sodaan itti dhaga’ame. “Hin sodaatin! Dhugumatti, ati sumatu ol'aanaadha” jenneen. Waan mirga kee keessa jiru darbi! Waan isaan dalagan ni liqimsiti, Wanti isaan dalagan (hundi) toftaa nama falfala hojjatuuti, Falfalaan bakkuma dhufe (hunda)ttuu hin milkaa’u﴿ [Xaahaa: 65-69].
Eega waan dubbatame kana bishaanitti qara'ee booda yeroo sadii irraa dhugee, waan hafeen dhiqata, yoo Rabbi jedhe ykn giidoo rabbiin sanaani dhibeen deema, yoo haajamsisee yeroo lamaaf sanii olis itti fayyadamuun ni dandama hanga dhukubni deemutti
Kanaafuu ażkaarri, maganfachuun fi karaaleen kunniin hamtuu falfalaa fi hamtuu waan biraa irraa tikfamuu keessatti irra gurguddoo sababootaa irraayi, Akkasumas isheen eega argamee booda falfala balleessuuf irra guddaa meeshaati; Kunis nama dhugummaa fi iimaanaan irratti tikfateefi, akkasumas Rabbitti of amananii, irratti hirkachuun, akkasumas waan isheen qajeelchitetti qoma bal'achuudhaan.
Kuni wantoota falfala irraa ittiin of eeganii fi ittiinis yaalaman irraa waan ibsuun isaa wan nuu laafeedha. Rabbin abbaa towfiiqaati.
Asitti dhimmi barbaachisaan tokko ni dhufa, innis hojii falfalootaa kan qalmaan, yookaan wantoota ittiin dhihaatan irraa waan biraatiin karaa jinnitti dhihachuutiin ta'uun falfala yaaluudha, kun hindanda'amu ykn hin eeyyamamu; Sababni isaas inni hojii sheyxaanaa irraa waan ta'eef jecha, inumaayyuu inni shirkii guddaa irraayi. Akkuma raagdota, warra beekumsa waan fagoo himatanii fi fakkeessitoota gaafachuu fi waan isaan jedhan fayyadamuun isa yaaluun hin danda'amnetti; Sababni isaas isaan waan hin amanneef jecha, akkasumas sobdoota jallatoo beekumsa waan fagoo himatanii, namoota irratti fakkeessan waan ta'aniif jecha. Ergamaan -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- isaan bira dhaqanii, isaan gaafatanii isaan dhugoomsuu irraa dhugumatti akeekkachiisaniiru, jalqaba ergaa kanaa irratti ibsuun isaa akkuma darbetti. Kanaafuu sana irraa of eeggachuun dirqama, dhugumatti Ergamaa Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- irraa karaa sirrii ta'een akka odeeffametti, isaan falfalaa falfalaan hiikuu irraa gaafatamanii, akkana jedhan: «Isiin dalagaa sheyxaanaa irraayi», Imaamu Ahmad fi Abu Daawuud tu sanada gaariidhaan gabaase.
Nushraa jechuun isiin namicha falfalli itti godhame irraa falfala hiikuu yoo ta'u, jecha isaanii kanatti wanti isaan -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- fedhan: falfala hiikuu warri bara wallaalummaa raawwachaa turan saniidha, innis: namicha falfalaa akka fafalicha hiiku gaafachuudha, yookaan falfalaan biraa falfalicha falfala akka isaatiin hiikuudha ykn kufrii kufriin, cubbuu cubbuun hikuu jachcha.
Ruqaa, tiksitoota shari'aatii fi qorichoota hayyamamaniin isa hiikuun immoo rakkoo hin qabu,dirqamas akkuma asiin dura darbetti. Dhugumatti hayyuun Islaamaa ibnul Qayyim fi sheykh Abdurrahmaan Hasan "Fat-hul Majiid" keessatti kana addeessaniiru, Rabbiin rahmata isaanif ha godhu, akkasumas warra beekumsa qaban irraa namoonni biraatis kana addeessaniiru.
Rabbin kadhatamadhaa, hamtuu hunda irraa nagaa ta'uu akka muslimota waffaquuf, akkasumas amantii isaanii akka isaan irratti tiksuu fi isa keessattis hubannoo fi waan shari'aa isaa faallessu hunda irraa nagaa ta'uu akka isaanif kennuuf.
Rabbiin gabricha isaa fi ergamaa isaa Muhammad irratti, akkasumas firoota fi Ṡaḥaabota isaanii irratti rahmataa fi nageenya ha buusu.
Ergaa Kurnaffaa: Qabrii irratti masjiidoota ijaaruu irraa akeekkachiisuu
Maqaa Rabbiitiin eegala, galanni kan Rabbiiti, Rahmataa fi Nageenyi Ergamaa Rabbii irratti ha jiraatu.
Itti aansuudhaan: Dhugumatti wanta maxxansa sadaffaa barruulee Raabixaa Beekumsa Islaamaa keessatti, kutaa (Oduu Muslimootaa Ji'a Tokkoo) jalatti maxxanfame argeera: Innis, Raabixaan Beekumsa Islaamaa Mootummaa Urdun Haashimiyyaa keessatti, godaa (Al-kahfi) dhiyeenya kana ganda Arruhayb keessatti argame irratti masjiida ijaaruuf yaada akka qabuudha. Innis godaa (Al-kahfi) akkas jedhamu saniidha: Ahlul-Kahfi (warri Al-kahfi) kanneen Qur'aana Kabajamaa keessatti dubbataman isa keessa rafaniiru, jechuun xumurame.
Rabbii fi gabroota Isaatiif gaarii yaaduun dirqama ta'uu ilaaluudhaan; Baruma sana keessatti Dhaabbata Beekumsa Islaamaa kan Mootummaa Urdun Haashimiyyaa keessa jiruuf jecha tokko dabarsuun arge; qabiyyeen isaas: Dhaabbaticha masjida holqa eerame san irratti ijaaruuf waan niyyate raawwachuu irraa gorsuudha; kunis waan biraatiif osoo hin taane, qabrii nabiyyootaa fi namoota gaggaarii, akkasumas aasaara isaanii irratti masjiidoota ijaaruun waan shari'aan Islaamaa guutuun irraa dhorgu, akeekkachiisuu fi nama isa hojjate abaaruun waan ittiin dhufe irraa waan ta'eefi; sababni isaas sun karaawwan gara shirkiitti nama geessan, akkasumas nabiyyootaa fi namoota gaggaarii keessatti daangaa darbuu irraa waan ta’eef jecha. Haalli qabatamaan dhugumaa wanta shari'aan ittiin dhufee ragaa baha, akka inni Rabbii ol ta'e biraa ta'es ragaadha, akkasumas dhugummaa Rasuula Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isa irratti ha buusu- wanta isaan Rabbi biraa ittiin dhufanii fi ummataaf geessan keessatti ragaa ifaa fi akeektuu murteessaadha. Namni haala addunyaa Islaamaa fi waan sababaa qabriiwwan irratti masjiidota ijaaruu, isaan kabajuu, isaan afuu fi bareechuu, akkasumas eegdota isaaf godhachuutiin shirkii fi daangaa darbuu irraa waan isa keessatti argame hunda namni xiinxale, dhugumatti inni karaawwan gara shirkiitti nama geessan irraa akka ta'ee fi isa irraa dhoorguu fi isa ijaaruu irraa akeekkachiisuun bareedina shari'aa Islaamaa irraa ta'uu isaa ni beeka.
Waan dhimma kana keessatti dhufe irraa wanti Sheykhoonni lamaan Bukhaarii fi Muslim -Rabbiin rahmata isaaniif ha godhu- gabaasani, Aa'ishaa irraa odeeffamee -Rabbiin ishee irraa ha jaallatu- ni jette: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- akkas jedhan: «Abaarsi Rabbii Yahuudootaa fi Kiristaanoota irratti ha ta’u, qabrii nabiyyoota isaanii masjiida taasifatan», Aa'ishaan akkana jette: "dalagaa isaanii irraa akeekachiisa kennu" ni jette: "Osoo kun ta'uu baatee silaa qabriin isaanii ifatti mul'ifama ture, garuu akka inni masjiida taasifamu sodaatameeti». Sahiihoota lamaan keessattis: “Ummu Salaamah fi Ummu Habiibaan -Rabbiin isaan irraa ha jaallatu- Ergamaa Rabbiitiif -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- bataskaana biyya Habashaa keessatti argan dubbatan, suuraa adda addaa irraa waan ishee keessa jirus itti himan. Ergamaan Rabbiis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- akkana jedhan: «Isaan sun yeroo namni gaariin isaan gidduutti du’e qabrii isaa irratti masjiida ijaaranii, suuraalee sana isa keessa kaayani, warri sun Rabbiin biratti irra badduu uumamaati».
Sahiiha Muslim keessatti, Jundub ibnu Abdullaah irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa ha jaallatu- akkana jedhe: Ergamaa Rabbii -nagaa fi rahmanni irra ha jiraatu- du’a isaanii dura guyyaa shaniin kan akkas jedhuun dhaga’e: «Ani gara Rabbiittan of qulqulleessa isin irraa jaalalleen anaaf ta'uu irraa, dhugumatti Rabbiin jaalallee na taasifatee jira, akkuma Ibraahiimiin jaalallee taasifatetti, osoon kan ummata koo irraa jaalallee taasifadhu ta'ee silaa Abuu Bakiriinan jaalallee taasifadha, dhagahaa! worroonni isiniin dura turan qabrii nabiyyootaa fi gaggaaroota isaanii masjiidota taasifataa turan, dhagahaa! qabriiwwan masjiidota hin taasifatinaa, dhugumatti ani sana irraan isin dhoorga». Hadiisoonni dhimma kana keessatti dhufan hedduudha.
Dhugumatti imaamoonni hayyoota muslimootaa mazaahiboota afran hundaa fi isaanin alaa irraa ta'an, qabrii irratti masjiidoota taasifachuu irraa dhoorguu irratti ibsanii jiru, kana irraas akeekkachiisanii jiru; sunnaa Rasuulaa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isa irratti ha buusu- ittiin hojjachuuf jecha, ummataaf gorsa taasisuu fi daangaa darbitoota yahuudotaa, kiristaanootaa fi jallatoota ummata kanaa irraa fakkaatoota isaanii irraa waan warri isaan dura darban isa keessatti argaman irraa ummata kana akeekkachiisuuf jecha.
Kanaafuu, Waldaa Beekumsa Islaamaa kan Urduniitiifi Muslimoota biroo irrattis dirqamni jiru: Sunnaa qabachuu, qajeelfama imaamoota hordofuu fi wanta Rabbiifi Ergamaan isaa irraa akeekkachiisan irraa fagaachuudha; sababni isaas tolinni gabrootaa, gammachuun isaanii fi addunyaa fi aakhiraatti nagaya bahuun isaanii kanuma keessa jira waan ta'eef jecha. Dhugumatti, namoonni gariin dhimma kana keessatti jecha Isaa (Guddatee Ol ta'ee) kan seenaa warra holqaa keessatti dubbatame ragaa godhataniiru: ﴾...Warri dhimma isaanii irratti injifatan immoo ni jedhan “Nuti dhugumatti, masjida isaan irratti godhanna﴿ [Al-Kahf: 21].
Deebiin kanaa: akkana jedhamuudha: Dhugumatti, Rabbiin -qulqullaa'ee ol ta'e- dura bu'ootaa fi warra yeroo san keessa angoo qaban ilaalchisee akka isaan dubbii kana jedhan himeera, kunis karaa isaan irraa jaallachuu fi isaaniif raggaasisuutiin miti, garuu inni karaa isaan ceepheessuu, balaaleffachuu fi gocha isaanii irraa fageessuutiini. Kana irratti ragaan: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- kan aayaan tun isaan irratti buute, kan hiika isiitti irra beekaa namootaa ta'an; qabrii irratti masjiidoota taasifachuu irraa ummata isaanii dhoorgan, san irraas isaan sodaachisan, nama san hojjates ni abaaran, akkasumas ni balaaleffatan.
Osoo sun eeyyamamaa ta'ee, silaa Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra ha jiraatu- kana keessatti jabeessuu guddaa kana hin jabeessani ture, hanga nama isa hojjate abaaranittis akkaan hin jabeessani ture, akkasumas inni Rabbii guddatee ol ta'e biratti irra badaa uumamaa keessaa akka ta'e hin himani ture, kunis nama haqa barbaaduuf gahaa fi quubsaadha. Odoo masgiidota qabrii irratti gochuun warra nu dura turaniif eeyyamamaa ta'eeyyuu; dhimma kana keessatti fakkeenya isaan godhachuun nuuf hin eeyyamamu; sababnis shari'aan teenya shari'aalee isa dura turan haqaa waan ta'eef jecha, ergamaan keenyas -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- xumura ergamootaa, shari'aan isaaniis guutuu fi waliigalaa waan ta'eef jecha, dhugumatti masgiidoota qabrii irratti gochuu irraa nu dhoorganii jiru; kanaafuu isaan faallessuun nuuf hin eeyyamamu, isaan hordofuu fi waan isaan ittiin dhufanitti cichuun, akkasumas shari'aalee durii fi aadaawwan warra isaan raawwatan biratti bareedoo ta'an irraa waan kana faallessu dhiisuun dirqama nurratti ta'a; sababnis shari'aa Rabbii caalaa kan guutuu ta'e hin jiru, qajeelfama ergamaa Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- caalaas qajeelfamni irra gaariin hin jiru waan ta'eef jecha.
Rabbi qofatu, nuufi Muslimoota hunda amantii isaa irratti gadi dhaabbachuu, shari'aa ergamaa isaa Muhammad, rahmannii fi nageenyi irratti ha jiraatu, cimsanii qabachuu akka nu waffaqu ykn milkeessu kadhatama; jechaa fi gocha keessatti, waan mul'atuu fi dhokatuu fi dhimmoota hunda keessatti hanga Rabbii guddaa ol ta'een, wol geenyutti. Inni dhugumatti dhaga'aa, dhihaataadha.
Rabbiin gabricha isaa fi ergamaa isaa Muhammad irrattii fi firoota fi sahaaboota isaanii irratti, akkasumas warra hanga guyyaa galataatti qajeelfama isaanii hordofan irratti rahmataa fi nageenya ha buusu.
Ergaa kudha tokkoffaa: Masjiidota keessatti warra du'an awwaaluu
Maqaa Rabbii guddaatiinin jalqaba. Galanni kan Rabbiiti, Rahmataa fii Nageenyi Ergamaa Rabbii irratti ha jiraatu, akkasumas maatii isaaniitii fi nama qajeeluman isaaniin hordofe irrattis ha jiraatu, itti aansuudhaan:
Dhugumatti gaazexaa “Kharxuum” was gaafa 4/17/1415 H bahe ilaaleera; isa keessattis ibsi Sayyid Muhammad Al-Hasan Al-Idriisii cinaa abbaa isaatti masjiida isaanii kan magaalaa Um Durmaan keessatti awwaalamuu isaa ibsu maxxanfamee argeera... hanga xumuratti.
Gorsa muslimootaaf gochuufi munkara ykn hamtuu balaaleffachuu fi addeessuun waan Rabbiin dirqama taasiseef jecha; Masjiidoota keessatti awwaaluun dhimma hin eeyyamamne ta'uu hubachiisuun arge, inumaayyuu inni karaa shirkiitti nama geessu irraayi, akkasumas inni hojiilee Yahuudootaa fi kiristaanootaa kan Rabbiin isaan irratti balaaleffateefi Ergamaan isaas -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- isaanif jecha isaan abaaran irraayyi, akkuma sahiiha lamaan keessatti Aa'ishaa -Rabbiin isii irraa ha jaallatuu- irraa dhufetti, Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isa irratti ha buusu- akkaana jedhan: «Abaarsi Rabbii Yahuudootaa fi Kiristaanota irratti ha ta’u, qabrii nabiyyoota isaanii masjiidoota taasifatan», Sahiiha Muslim keessatti, Jundub bin Abdullaah irraa akka odeeffametti, Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- akkana jedhan: «Dhagahaa! Dhugumatti warri isiniin dura turan qabrii nabiyyoota isaaniitii fi namoota gaggaarii isaanii masjiidoota taasifachaa turan, dhagahaa! Qabriiwwan masjiidoota hin taasifatinaa; dhugumatti ani san irraa isinan dhorga». Hadiisoonni dhimma kana keessatti hedduudha.
Kanaafuu dirqamni muslimtoota bakka hunda keessatti argaman irratti -mootummootaa fi uummatoota-: Rabbiin sodaachuu, waan inni irraa dhoorge irraa of eeguu fi worra isaan keessaa du'an masjiidootaan alatti isaan awwaaluudha, akkuma Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu-, akkasumas sahaaboonni isaanii -Rabbiin isaan irraa ha jaallatu- worra du'an masgiidootaan alatti awwaalaa turanitti, akkasumas worri toltuun isaan hordofanis.
Qabriin Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isa irratti ha buusu- fi waahiloota isaanii lameenii Abuu bakarii fi Umar -Rabbiin jara irraa ha jaallatu- masjiida isaanii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isa irratti ha buusu- keessatti argamuun immoo keessatti; kun masjiidoota keessatti worra du'an awwaaluuf ragaa hin ta'u; sababni isaas isaan -Rabbiin rahmataa fi nageenya isa irratti ha buusu- mana isaanii keessatti awwaalaman -mana Aa'ishaa -Rabbiin isii irraa ha jaallatu- keessatti awwaalaman-, ergasii waa'iloonni isaanii lameen isaan wajjiin awwaalaman, yeroo Waliid bin Abdul-malik masjiidicha bal'isu dhuma jaarraa tokkoffaa hijraa irratti hujuraa (kutaa sana) masjiidicha keessa seensise, worri beekumsaas dhugumatti kana isa irratti balaaleffataniiru, garuu inni kun masjiidicha bal'isuu irraa waan dhoorgu akka hin taanee fi dhimmi kunis ifaa kan namatti wal hin dhoofne ta'uu arge.
Kanaanis hundi muslima hundaaf ifa ta'a: Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- fi waa'iloonni isaanii lameen -Rabbiin isaan irraa ha jaallatu- masjiida keessatti hin awaalamne, sababa bal'isuutiif isaan masjiida keessa galchuunis masjiida keessatti awwaaluun hayyamamaa ta'uu irratti ragaa hin ta'u; isaan masjiida keessa waan hin jirreef jecha, isaan manuma isaanii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- keessa jiru malee, akkasumas hojiin Waliid dhimma kana keessatti nama tokkoofiyyuu ragaa ta'uu waan hin dandeenyeefi, ragaan Kitaabaa fi Sunnaa, akkasumas waliigaltee salafa ummataa -Rabbiin isaan irraa ha jaallatu- keessa qofa jira, nuus worra toltuun isaan hordofan irraa nu ha taasisu.
Gorsaa fi itti gaafatamummaa bahuuf jecha kun barreeffame: 14/ 5/ 1415 H.
Rabbiin abbaa towfiiqaati. Rabbiin Nabiyyii keenya Muhammad irratti rahmataa fi nageenya ha buusu, akkasumas maatii, sahaaboota isaanitii fi warra kheyrii irratti isaan hordofan irratti Rabbiin rahmataa fi nageenya ha buusu.
Ergaa kudha lammaffaa: Kufrii fi jallina nama shari'aa Muhammad -Rabbiin rahamataa fi nageenya isa irratti ha buusu- irraa ba'uun nama tokkoof ni ta'a jedhuu ibsuu
Faaruun kan Rabbii Gooftaa Aalamaati, nagaa fi Rahmanni xumura nabiyyootaa fi ergamtootaa kan ta'an Nabiyyii keenya Muhammad irratti ha jiraatu, akkasumas maatii fi sahaabota isaanii hunda irrattis ha jiraatu.
Itti aansuudhaan: Dhugumatti barruu gazexaa Al-sharqul awsax keessatti, lakkofsa isii (5824) fi akka Hijraatti guyyaa 5/ 6/ 1415 keessatti maxxanfame, kan namichi isa barreesse akka jedhee of waame: Abdul Fattaah Al-haayik, mata duree: (Hubannoo dogongoraa) jedhuun kan maxxanfame irra ga'uun ergeera.
Cuunfaan barreeffamichaa: Waan amantaa Islaamaa irraa ta'uun isaa dirqamaan beekame, akkasumas ragaa (nassii) fi waliigaltee (ijmaa'aa) hayyootaatiin mirkanaa'e mormuu isaati; innis ergaan Muhammadi -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- guutuu gara ilma namaa cufatti ta'uu isaati. Akkasumas namni Muhammadin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- hin hordofnee fi isaanin hin bulle, garuu yahuudaa yookiin nasaaraa ta'ee kan hafe, inni amantaa dhugaa irra jira jedhee falmuu isaati. Eegasii ogummaa (hikmaa) Rabbii Aalamaa -qulqullaa'ee ol ta'e- kan Inni kaafirtootaa fi finciltoota adabuu keessatti qabu irratti daangaa darbuudhaan, sanas akka waan taphaatti (faayidaa dhabeessaatti) gochuu isaati.
Dhugumatti ragoowwan shari'aa jallisee, iddoo isaan hin taanetti kaa'ee, waan fedhiin lubbuu isaa itti himetti hiikeera, akkasumas ragoowwan shari'aa fi ragoowwan ifa ta'an kan ergaan Muhammad -nagaa fi rahmanni irra ha jiraatu- waliigalaa ta'uu agarsiisan, namni waa'ee isaa dhaga'ee isaan hin hordofne kafaruu isaa, fi Rabbiin amantii islaamaa malee amantii tokkollee kan hin qeeballe ta'uu isaa agarsiisan irraa garagaleera, ragoowwan ifa ta'an biroo kan inni irraa garagales dabalatee; kunis akka wallaaltonni haasaa isaatiin gowwoomfamaniifi. Wanti inni hojjate kun kufrii ifa ta'eedha, Islaamummaa irraa deebi'uudha, fi Rabbii qulqullaa'ee ol ta'ee fi ergamaa isaa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isa irratti ha buusu- sobsiisuudha, akkuma namni warra beekumsaa fi Iimaanaa irraa ta'ee barreeffama kana dubbise kana beeku.
Dirqamni hoggana irratti jiru: akka inni toowbatu gaafachuuf gara mana murtiitti isa dabarsuu, fi waan shari'aan qulqulluun barbaaduun isarratti murteessuudha.
Rabbiin -qulqullaa'e ol ta'e- dhugumatti ergaan Muhammad -Rabbiin rahmataa fi nageenya isa irratti ha buusu- guutuu ta'uu isaa fi isa hordofuun jinnii fi ilmaan namaa cufa irratti dirqama ta'uu ibseera, kana muslimtoota irraa namni beekumsa irraa waan xiqqoollee qabu hin wallaalu.
Rabbiin Ol ta'e akkana jedhe: ﴾Jedhi: "Yaa namootaa! Dhugumatti, ani ergamaa Rabbii Isa mootummaan samiifi dachii kan Isaa ta’e irraa gara hunda keessaniitti (ergamee dha). Isa malee dhugaan gabbaramaan hin jiru, Ni jiraachisa; ni ajjeesas, Rabbiifi ergamaa Isaa, kan nabiyyii hin dubbifneefi hin barreessine ta’eetti amanaa, kan Rabbiifi jechoota Isaatti amanu sanitti, isa hordofaa akka qajeeltaniif jecha﴿ [Al-Aáraaf :158], Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe: ﴾...Qur’aanni kuni akkan ittiin isiniifi nama inni bira ga’u dinniinuuf gara kiyyatti beeksifame...﴿ [Al-An'āam: 19]. Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe: ﴾ Jedhi ”Yoo kan Rabbiin jaallattan taataniif na hordofaa Rabbiin isin jaallata yoos; badii keessan isiniif araaramas. Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha﴿ [Aal-Imraan: 31]. Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe: ﴾Namni Islaamaan alatti amantii barbaade isarraa hin qeebalamu. Aakhiraattis inni warra hoonga’an irraayi﴿ [Aal-Imraan: 85]. Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe: ﴾Nuti nama hundaaf walumaagalatti gammachiisaafi akeekkachiisaa goonee malee si hin ergine...﴿ [Saba'i :28]. Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe: ﴾Aalama (hundaaf) rahmata taasifnee malee waa si hin ergine﴿ [Al-Anbiyaa'i: 107]. Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe: ﴾...Warra kitaabni isaaniif kennameefi wallaaltotaanis “sila islaamoftaniittuu?” jedhi. Yoo islaama'aniif dhugumatti qajeelaniiru. Yoo irraa garagalan wanti sirra jiru ergaa geessisuu qofa. Rabbiin gabroota argaadha﴿ [Aal-Imraan: 20]. Ammas Inni qulqullaa'e ni jedhe: ﴾Inni furqaaniin (Qur’aana) akka Aalama hundaaf dinniinaa (sodaachisaa) ta’uuf jecha gabricha Isaa irratti buuse toltuun isaa baay’ate﴿ [Alfurqaan: 1].
Bukhaarii fi Muslim akka gabaasanitti, Jaabir irraa odeeffamee -Rabbiin irraa ha jaallatu- Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra ha jiraatu- akkana jedhan: «Ani wantoota shan kan na dura nama tokkoof hin kennaminin kenname: Imala ji'a tokkoo irraa diinni na sodaachuunin tumsame, dachiin iddoo salaataa fi xaaharaa naaf taasifamte, Kanaaf ummata kiyya irraa namni kamuu kan salaanni itti geesse ha salaatuu, boojuun anaaf halaala ta'e, na dura nama kamiifuu halaala hin turre, shafaa'aan naaf kenname, Nabiyyiin tokko yeroo ergamu ummata isaa qofatti ergama, ani immoo walumaa galatti namootaaf ergame».
Kunis ergaan nabiyyii keenya Muhammad -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- gara ilma namaa cufatti guutuu fi hammataa ta'uu isaa, akkasumas shari'aawwan duraanii cufa kan shaare ta'uu isaa, fi namni Muhammadiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- hin hordofnee fi isaanin hin bulle; inni kafaraadha, faallessaadha, adaba isaatiifis kan malu ta'uu ibsa ifa ta'eedha, Rabbiin ol ta'e ni jedhe: ﴾...Ahzaabota irraas warra isatti kafare ibiddi itti gala isaati...﴿ [Huud: 17]. Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe: ﴾...Isaan ajaja isaa (nabiyyii) faallessan rakkoon wahii isaan tuquu, yookiin adabbiin laalessaan isaan tuquu of irraa ha eeganu﴿ [Anuur: 63]. Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe: ﴾Namni Rabbiifi ergamaa Isaa faallessee, daangaawwan Isaas dabre kan ishee keessatti hafu ta'ee (Rabbiin) ibidda isa seensisa. Isaafis adabbii xiqqeessaa ta’etu jira﴿ [Annisaa'i: 14], Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe: ﴾...Namni kufrii iimaanaan jijjiirrate, dhugumatti karaa sirrii irraa jallateera﴿ [Al-Baqarah: 108], Aayatoonni hiika kana keessatti hedduudha.
Rabbiin qulqullaa'e dhugumatti Ergamaa Isaatiif -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- ajajamuu, Isaaf ajajamuun waliin wal qabsiiseera, akkasumas namni Islaamummaa malee amantaa biraa dhugoomse inni hoonga'aa akka ta'ee fi furaanis ta'ee beenyaan isa irraa akka hin qeebalamne ibseera, Rabbiin ol ta'e ni jedhe: ﴾Namni Islaamaan alatti amantii barbaade isarraa hin qeebalamu. Aakhiraattis inni warra hoonga’an irraayi﴿ [Aal-Imraan: 85]. Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe: ﴾Namni ergamicha tole jedhe dhugaatti Rabbii tole jedhe﴿ [An-nisaa'i: 80]. Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe: ﴾Jedhi: “Rabbiif ajajamaa; ergamaafis ajajamaa, Yoo garagaltan, kan isa irra jiru dirqama isa irra kaa’ame qofa bahachuudha, Isin irras waanuma baachifamtan qofatu jira. Yoo isaaf ajajamtan ni qajeeltu﴿ [An-nuur: 54]. Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe: ﴾Warri abbootii kitaabaafi mushrikoota irraa kafaran ibidda jahannam keessatti hafoo ta’anii jiraatu. Warri sun isaanumatu irra hamtuu uumamaati﴿ [Al-Bayyinah: 6].
Muslim Sahiiha isaa keessatti akka gabaasetti, Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- akkana jedhan: «Isa lubbuun kiyya harka Isaa jirtuunan kakadha, namni tokko ummatattii kana irraa yahuudaas ta'ee kiristaanas waan koo dhaga'ee, ergasii waan ani ittiin ergametti osoo hin amanin kan du'u yoo ta'e worra ibiddaa irraa ta'u malee hin hafu».
Rasuulli -nagaa fi rahmanni isaan irratti ha jiraatu- hojii isaanii fi jecha isaaniitiin dogongora ta'uu amantaa nama amantaa Islaamummaatti hin seeninii dhugumatti ibsaniiru, dhugumatti yahuudaa fi nasaaraa lolaniiru, akkuma kaafiroota irraa warra biroo lolanitti, warra isaan irraa isaaniif kennan irraas jizyaa ykn gibira fudhataniiru; kunis da'awaan warra isaan irraa hafan bira gahuu akka isaan hin dhoorgineefi, akkasumas namni isaan irraa fedhe ummanni isaa amantaa irraa isa deebisuu, isa dhoorguu yookaan isa ajjeesuu osoo hin sodaatin amantaa Islaamummaatti akka seenuufi.
Bukhaarii fi Muslim akka gabaasanitti, Abuu Hurayraa irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa ha jaallatu- ni jedhe: Odoo nuti masjiida keessa jirruu Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- bahanii ni jedhani: «Gara Yahuudaa deemaa, isaan wajjiin baanee hanga mana qo'annoo dhufnutti, Nabiyyiin ﷺ ni dhaabbatan, isaan waamaniis akkana jedhan: Yaa tuuta Yahuudaa, islaamawaa nagaa baatu, isaanis ni jedhan: Dhugumatti ergaa geessisteetta yaa Abal Qaasim, Ergamaan Rabbii ﷺ isaanin ni jedhan: Sanuman barbaada, islaamawaa nagaa baatu, isaanis ni jedhan: Dhugumatti ergaa geessisteetta yaa Abal Qaasim, Ergamaan Rabbii ﷺ isaanin ni jedhan: Sanuman barbaada, eegasii yeroo sadaffaatif ishee jedhan...». Hadiisa itti guuti.
Waanti barbaadames: Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra ha jiraatu- gara warra amantii Yahuudotaa irraa ta'anitti mana madrasaa isaanii keessatti dhaqanii, gara Islaamummaatti isaan waaman, isaaninis: "Islaamawaa nagaa argattu," jedhan, isaan irrattis kana irra deddeebi'an.
Akkasumas: xalayaa isaanii gara Hiraqlaatti erganii, gara Islaamummaatti isa waamaniiru, akkasumas yoo inni dide cubbuun warra sababa diddaa isaatiin Islaamummaa irraa didanii isa irratti akka ta'u itti himani, Bukhaarii fi Muslim Sahiihota isaanii keessatti akka gabaasanitti, Hiraqla xalayaa Ergamaa Rabbii -Rabbiin Rahmataa fi Nageenya isa irratti ha buusu- fidachiisee, ergasii ni dubbise, isa keessattis: «Maqaa Rabbii Akkaan Mararfataa, Akkaan Rahmata Godhaatiin, Muhammad Ergamaa Rabbii irraa gara Hiraqala guddaa Ruumitti, nageenyi nama karaa qajeelaa hordofe irra ha jiraatu, kana booda: Ani waamicha Islaamummaatiin si waama, Islaamawi ni nagoomta, Islaamawi Rabbiin mindaa kee yeroo lama siif kennaa, yoo irraa garagalte garuu, diliin ariisiyyiiwwanii sirra jira, akkasumas ﴾Yaa warra kitaabaa! Gara jecha nuufi isin gidduutti wal qixa taateetti kottaa. [Isheenis] akka Rabbiin malee waan biraa hin gabbarre; Isattis waan biraa akka hin qindeessine, gariin keenyas garii Rabbiin alatti gabbaramaa akka hin taasifanneedha. Yoo isaan [kana] irraa gara galan “akka nuti Muslimoota taane ragaa ba’aa” jedhaa﴿ [Aal-Imraan: 64]».
Eegasii yeroo isaan irraa garagalanii fi Islaamummatti seenuu didan; Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- fi Sahaabonni isaanii -Rabbiin isaan irraa ha jaallatu- isaanin lolanii, gibira isaan irratti dirqama taasisan.
Jallina isaanii fi erga amantaa Muhammad -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- tiin haqamee booda amantaa baaxilaa irra jiraachuu isaanii mirkaneessuuf; guyyaa hunda, sagada hunda keessattii fi raka'aa hunda keessatti, karaa haqaa diriiraa, sirrii fi fudhatama qabu akka isa qajeelchu Rabbiin kadhachuu Rabbiin muslima ajajeera, innis: Islaamummaadha, Karaa warra dallansuun irratti ta'ee irraa akka isa fageessu, isaanis: Yahuudaa fi fakkaattota isaanii, kanneen baaxila irra akka jiran beekanii isarratti cichaniidha. Akkasumas karaa jallatoo warra beekumsa malee gabbaraniifi osoo isaan karaa jal'inaa irra jiranuu karaa qajeelumaa irra akka jiran himatanii irraa isa akka fageessu. Isaanis: Kiristaanotaafi ummatoota biroo irraa warra isaan fakkaatan, kanneen jal'inaafi wallaalummaa irratti gabbaraniidha. Kuni hundinuu: akka Muslimni dhugumatti beekumsa shakkii hin qabneen beekuufi; amantiin islaamaa malee jiru hundinuu baaxila ykn kuftuu akka ta'e, akkasumas namni amantii islaamaa maleen Rabbiin gabbaru hundinuu jallataa akka ta'e, namni kanatti hin amannes Muslimoota irraa miti. Ragaaleen dhimma kana keessatti Qur'aana fi Hadiisa irraa ta'an baay'eedha.
Kanaafuu, dirqamni abbaa barreeffamichaa ـ Abdul fattaah ـ irra jiru: gara tawbaa qulqulluutti ariifachuu fi barreeffama tawbaa isaa isa keessatti ifa godhu barreessuudha, namni tawbaa dhugaa gara Rabbiitti deebi'e; Rabbiin tawbaa isaa irraa qeebala; jecha Rabbii qulqulluu ta'ee kanaaf: ﴾... hundi keessanuu gara Rabbiitti tawbaa deebi’aa Yaa mu’uminootaa! Akka milkooftaniif jecha﴿ [An-nuur: 31], Ammas jecha Isa qulqullaa'etiifi: ﴾Ammas isaan warra Rabbii wajjin waan biraa hin gabbarre (hin kadhanne), kan lubbuu Rabbiin (ajjeesuu) haraama godhe haqaan alatti hin ajjeefneefi hin sagaagalleedha. Namni (hojii gadhee) kana hojjate, adabbii qunnama. Guyyaa Qiyaamaa adabbiin (jahannam) dachaa isaaf taasifama. Isa keessa salphifamaa ta’ee zalaalam jiraata. Nama tawbateefi amanee dalagaa gaarii hojjate malee, Isaan san Rabbiin hamtuuwwan isaanii toltuuwwanitti jijjiiraaf. Rabbiin araaramaa, rahmata godhaa ta’eera﴿ [Alfurqaan: 68-70]. Akkasumas jecha Nabiyyiitiif jecha, Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu: «Islaamummaan waan isa dura dabre ni diiga, Tawbaanis waan isii dura dabre ni diigdi». Akkasumas jecha isaanitiif jecha, Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- akkas jedhu: «Namni dilii irraa tawbate akka nama dilii hin qabneeti».
Aayatoonni fi hadiisonni hiika kana keessatti hedduudha.
Rabbii qulqullqq'ee ol ta'e nan kadhadha akka dhugaan dhugaa tahuu nu agarsiisee hordofus nuu laaffisu, sobas soba tahuu nu agarsiisee irraa fagaachus nuu laaffisu, nuufi barreessaa Abdul fattaah, akkasumas Muslimoota hunda irratti towbaa dhugaatiin akka tola oolu, fitnaalee nama jallisan irraa, akkasumas fedhii lubbuu fi shexaanaaf ajajamuu irraa nu hunda akka tiksu. Inni abbaa towfiqaati, irrattis danda'aadha.
Rabbiin nabiyyii keenya Muhammad irrattii, akkasumas firoota fi sahaabota isaanii irrattii fi warra toltuun hanga guyyaa qiyaamaatti isaan hordofan irratti rahmataa fi nageenya ha buusu.
Related books
All books
Bu'uurawwan Sadanii fii ragaalee isaanii73 languagesBu'uurawwan Sadanii fii ragaalee isaanii
Kitaabichi hundeelee bu'uuraa kan isaan barachuun nama muslimaa irratti dirqama ta'u irraa dubbata: Rabbiin beekuu, amantii Islaamaa beekuu fi Nabiyyii Muhammad -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- beekuu, Akkasumas ragaalee Qur’aanaa fi Hadiisaa irratti hundaa'uun, iimaanaafi dalagaa gaarii gadi dhaabuu keessatti barbaachisummaa hundeelee kanneenii irratti xiyyeeffata.
الدروس المهمة لعامة الأمة78 languagesالدروس المهمة لعامة الأمة
يهدف الكتاب إلى تعليم المسلمين أساسيات دينهم بطريقة مبسطة وشاملة. يتناول مجموعة من الدروس المهمة مثل قراءة الفاتحة وقصار السور، وأركان الإسلام والإيمان، وأقسام التوحيد والشرك، وشروط وأركان وواجبات الصلاة، بالإضافة إلى مبطلاتها، مع بيان مختصر لشروط الوضوء وفروضه ونواقضه. كما يسلط الضوء على التحلي بالأخلاق الإسلامية والآداب الشرعية، ويقدم إرشادات لطيفة حول تجهيز الميت والصلاة عليه ودفنه.
نبذة في العقيدة الإسلامية (شرح أصول الإيمان)75 languagesنبذة في العقيدة الإسلامية (شرح أصول الإيمان)
رسالة لطيفة تتناول أصول العقيدة الإسلامية بأسلوب مبسط وميسر. تبدأ بمقدمة حول أهمية علم التوحيد، كونه أشرف العلوم وأجلّها، ثم تتناول مفهوم الدين الإسلامي وأركانه الخمسة: الشهادتان، والصلاة، والزكاة، والصوم، والحج. كما يشرح الإيمان بالله، وملائكته، وكتبه، ورسله، واليوم الآخر، ويؤكد على أهمية التوحيد في بناء دين المسلم بشكل سليم. الكتاب يهدف إلى تعزيز الفهم الصحيح للعقيدة الإسلامية وتطبيقها في حياة المسلم اليومية.
Islaama89 languagesIslaama
Maqaa Rabbii akkaan mararfataa akkaan rahmata godhaa ta'eetiin Lubbuu tee gaafatteertaa?: Samiiwwan, dachii fi uumamoowwan gurguddoo isaan lameen keessa jiru eenyutu uume? seera wol xaxaa hoonga ga'e kana eenyutu isaan keessatti tolche?