يومي الأول في الإسلام

يومي الأول في الإسلام

Guyyaa kiyya jalqabaa islaamummaa keessatti

Language: lang_om
Prepared by:
Version: 1.0
Translations 20
Amharic Bosnian English Spanish +16
Attachments 7
PDF
Audio
Video
+3

Guyyaa kiyya jalqabaa islaamummaa keessatti

Maqaa Rabbii Rahmata godhaa akkaan mararfataa ta'eenin eegala.

Seensa

Faarun kan Rabbii nabiyyi Isaa muhammadiin (rahmanni Rabbii fi nageenyi isaa isaanirratti haa jiraatu) rahmata aalamaatiif ergeeti, Rabbii tokkicha malee haqaan gabbaramaan akka hin jirre ragaan ba'a, Inni shariika hin qabu, gooftaa warroota jalqabaatii fi warroota boodaa kan tahe, ammas Muhammad gabricha Rabbii fii ergamaa Isaa tahuu ragaan ba'a, iini xumuraa nabiyyootaafi ergamtootati, Rabbiin rahmataa fi nageenya hedduu hanga guyyaa qiyaamaatti isaan irrati haa buusu, booda sanii:

Namni martuu milkii barbaada,isaan irraa nama milkiin qabeeyna walitti qabuun dhufti sehutu jira, ammas nama milkii ifaa beekkamtii jalatti barbaadutu jira, ammas nama aangoo ol-aantuu argachuun dhufti jedhee yaadutu jira, yookan qananii duuniyaa biroo keessatti barbaadutu jira, haa tahu malee ragaan lafarra jiru warri waan kana hunda argatan milkii barbaadan san akka hin argatin mul'isa.

milkin tun nuuf hin argamtu yoo diinii dhugaa kan mootiin aalama hundaa nuuf file sanitti qajeelle malee, yoo isa jala masakamnee akkaataa barsiisa isaatiin bulle malee, kanuma qofaan duuniyaa keessatti gammachuu fi jireenya gaarii fi Aakiraatti immoo gammachuu dhuma hin qabne argatta, Rabbiin ol ta'e ni jedha:

{Dubbiin akka isin jettanii) miti; namni gaarii dalagaa fuula isaa Rabbiif kenne mindaan Rabbii isaa bira isaaf jira; sodaan isaan irra hin jiru; isaan hin gaddanis.}

[Al-baqarah 112]

Rabbiin ammas akkana jedha:

{Dhiiras ta’ee dubartii irraa nama mu’umina ta’ee dalagaa gaarii hojjate, dhugumatti jireenya gaarii isa jiraachifna; mindaa isaaniis irra gaarii waan isaan dalagaa turaniitiin isaan mindeessina}

[An-nahli: 97].

Obboleessa kiyya kabajamaa, ati Islaamummaa tanatti seenudhaan miila kee karaa qajeelumaa, ifaa, milkiifi gammachuu irra keettee jirta, kan sirraa barbaachisu guyyaan Islaamummaa itti seente kun akka guyyaa jiruu kee kan biraatiin adda ta'e ofitti amanamummaa qabaachuu qabda, inni si'iif guyyaa dhalootaa haaraadha.

guyyaa dhaloota keetii dukkanaafii dhiphinna gadaamessa haadha keetii keessaa ifaafi bal'inna duniyaatti kan baate yoo ta'e, ati har'a immoo dukkana kufrii irraa gara ifa iimaanaatti baate, dhiphina jalinnaa irraa gara bal'inna qajeelumaatti baate, Rabbiin guddaan akkana jedha:-

{Sila namni du’aa turee ergasii isa jiraachifnee ifaa nama keessa ittiin deemnu isaaf goone, akka fakkii nama dukkana keessa jiruu, kan ishee irraa hin baanee ta'aa?}

[Al-an'aam:122]

maatii taatee bal'inatti baga nagaan gara bulchiinsa Islaamaatti dhufte, kitaaba wantoota jabduufi bu'uura gurguddoo hammate kana hoodhu, kan guyyaa duraa islaamofte irraa waan beekuu qabdu of keessaa qabu.

Seensa:

Islaamni amantaa haqaati:

Amantaan Islaamaa amantaa dhugaa kan Rabbiin guddaan nama cufaaf jaalate, isa malee Rabbi biratti kan biraa fudhatama kan qabne, Rabbiin guddaan akkana jedha:

{Dhugumatti Amantiin Rabbiin biratti (fudhatamaqabu) Islaama qofa}

[Aali imraan: 19]

Rabbin oltahe akkana jedha:

{Namni Islaamaan alatti amantii barbaade isarraa hin qeebalamu. Aakhiraattis inni warra hoonga’an irraayi}

{Aali imraan:85}

Namni amantii Islaamaa fudhatee irratti ciche, karaa ifaa fi qajeelaa irra deema; karaan sun karaa qajeelaa ifa galaa ta'e kan gara Rabbii guddaa ilma namaa uumee duuniyaa kana irratti isa argamsiiseetti geessudha.

Amantaan Islaamaa haala ilma namaa tolchuu, isa tasgabbeessuu fi jireenya isaa duuniyaa keessatti isa gammachiisuuf dhufe, akkasuma booda du'aatii Aakiraattillee isa milkeessuuf dhufe, sunis wayta Rabbiin guddaan jannata isa seensisee qananii isii keessa jiru kan dhuma hin qabneen qanani'u sani.

Diinii haqaa kan ta'e diinal Islaam barbaaduun, isa baruun, itti amanee isatti seenuun, qajeelfamaa fi murtii isaatti buluun ilma namaa cufa irratti dirqama ta'a, toltuu duuniyaa fi Aakiraa akka argatuuf jecha.

Akkamittin Namni Islaamummaa seenaa?

namni tokko Islaamummatti kan seenu: (Rabbiin tokkicha malee haqqaan gabbaramaan biraa hin jiru, Muhammad ammoo ergamaa isaati) dhugaan, yaqiinaa fi waan isiin itti qajeelchite beekuu waliin yeroo isii jedhe islaamummaatti seena, namni jecha kana dhugaan waan inni itti akeeke dhugoomsuun isaaf masakamuun jedhe, dhugamatti islaamummaatti seenee jiara, eegasii ammoo hojiiwwaan islaamummaa hafan barachuutu isa irra jiraata, hamma dandeettii isaattis itti dalaguutu isa irra jira, hanguma dalagaan isaa eda'aa deemuun iimaanni isaas eda'aa deema, mindaan isaatis Rabbii ol ta'e biratti guddaa ta'a.

Hiikkaan shahaadateeynii( haqqan gabbaramaan Rabbii tokkicha malee akka hin jirre, Muhammad immoo ergamaa Rabbiiti jedheen ragaa ba'a):

haala isatti amantee fi isa dhugeessiteen jecha kee (haqqaan gabbaramaan Rabbii tokkicha malee akka hin jirre, Muhammad immoo ergamaa Rabbiiti jedheen ragaa ba'a) jedhuun dhugumatti islaamummatti seentee jirata, malummaa hiikkaa isaa ni beektaa?

Hiikkaan haqqaan gabbaramaan Rabbii tokkicha malee hin jiru jechuu: Rabbiin gabbaramuu fi isaan buluu haqa godhatu hin jiru isa tokkicha malee jedhanii amanuu fi isa mirkaneessuudha, inni Rabbii qulqullaa'ee fi ol ta'e, uumaa uumama hundaa fi ajajaa isaa kan ta'edha.

Hiikaan muhaammad ergamaa tahuu raga bahuu: Muhaammad gabrichaa fi ergamaa boodaa, kan nama cufatti ergame ta'uu amananii isa mirkaneessuun, waan sun itti akeekutti dalaguudha, waan inni itti ajaje keessatti isaan buluu, waan inni dubbate dhugoomsuu, waan inni irraa dhoorge irraa fagaachuu fi waan inni karaa godheen malee Rabbiin gabbaruu dhabuun.

Ee waa Gammachuu kee Islaamummaan:

Obboleessa kiyya kabajamaa; guyyaan ati islaamummaatti seente guutummaa guutuutti guyyaa irraa caaltuu keetiiti, Nabiyyiin keenna irraa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jechuun mirkanaa'ee jira:

"Islaamummman waan isa dura dabre(badii) ni diiga"

Muslimitu odeesse,

kana jechuun: Islaamummaan dilii islaamummaatti seenuun duratti dalagde; kan akka kufrii, dogongoraa fi cubbuu sirraa haqa, dhiifama Rabbii guddaatti gammadi, ati har'a dilii irraa qulqullooftee, jiruu tee keessatti fuula adii banatta, akka nama garaa haadhaatii amma baheetti qulqullutti akka deebituuf, jiruu haarawa kheyiriin guutamte akka eegaltuuf, karaa ifaa, milkii fi gammachuun guutame keessa akka deemtuuf.

Qananii Islaamummaatti gammaduu:

gammachuun guddoon yeroo Islamummaa seente sitti dhagahamte jiruu kee guutuu si wajji jiraachuu qabdi, ni'imaan (qananiin) qajeelumaa iira guddoo qananiiti, irra guddoo qananii Rabbiin gabroota isaatiin qananiisudha, isiin qananii qilleensaa, Bishaan, nyaataafi dhugaatii caalti, qabeenya, aangoo fi sadarkaa irra caalti, guutummmaa guutuutti isiin qananii irra guddoodha, duuba akkamiin isiin hin gammanne?! Rbbiin ol ta'e akkana jedha:

"Tola Rabbiitiifi rahmata Isaatiin (dhufte) Waan isaan walitti qaban irra isatu caalaa, isa sanitti haa gammadanu jedhi."

{yuunus:58}

tolli Rabbii sirra jiru sitti dhagahamuu qaba, islaamummaatti akka seentuuf nama miliyoonotaan lakka'amu keessa si file waan ta'eef, Rabbiin oltahe akkana jedha:

{Namni Rabbiin isa qajeelchuu fedhe, qoma isaa islaamaaf bal'isa}

{al-an'aam:125}

Qananiin guddoon ulfaattuun tuni Rabbiif galata hedduu galchuu barbaaddi, Rabbiin ol ta'e waan diinii sirriitti si qajeelcheef hedduu faarsuun galateeffachuun sirra jiraata.

Hundee isii beekuun dirqama ta'u:

amantaa Islaamaatti erga seentee booda wantoota baruufi beekuun dirqama sirratti tahutu jira, san keessaa deebii gaaffii sadii akkaan barbaachiftuu kan ilmi namaa hunduu du'a booda irraa gaafatamu, tan jireenya dhuma hin qabne san murteessitu, takkaa gara Jannataa (qananii) takkaa gara azaaba (ibiddaa), sunis:

Rabbiin kee Eenyu?

Amantaan kee maalii?

Nabiyyiin kee eenyu?

Hundeen tokkoffaa: Rabbiin kee Eenyu?

Rabbiin kiyya Allaah

muslimni Rabbiin isaa Allaha Isa waan isa keessa jiru hundaa oliin Yunivarsii uumee fi isa ilma namaa uume jedhee amana.

Nuti yuniiversii guddaa kanaa fi waan isa keessa jiru gaalaaksii gudaa waan isa keessa jiru bakalchaafi urjiiwwan biliyoonotaan jiran yoo yaadne, yoo dachii irra jiraannu tana keessa waan jiru akka diriiraa fi gaaraa, goyiduu, lagaafi bahraa xiinxalle, akkasuma uumamtoota ajaa'ibaa kan isii keessa jiranu, hundee bahraa keessa, barahaa keessa fi bosona keessa kan jiranu yoo xiinxalle, akkasuma raajii uumama ilma nama fi uumama lubbuu qabu biroo yoo xiinxalle, xiinxalli keenya kun galma(dhugaa) irraa dheessuun hindanda'amne takkatti nugeessiti; sunis uumaan (argamsiisaan) guddaan, beekaan, danda'aan, ogeessi uumama kana uumee fi bareeche jiraachuun dirqama ta'a, uumamni kun gooftaan uumaan isa argamsiisee, dhimma isaa toora qabachiise, akka sammuu raajessutti uumaa isaa kan tolche jiraatu malee argamuun hin malu, dhimma kana Rabbiin olaanaan akka namni sammuu qabu cufti hubatutti jecha kanaan ibsee jira

{Sila isaan odoo wanti isaan uume hin jirre uumaman moo isaanumatu uumoo dha}?

(Al-xuur:35)

uumamtoonni kun ofiifis of hin uumne, uumaa tokko males hin argamnes, kun nama sammuun yaadu biratti waan hin yaadamne!

Gabbaramuuf kan dhugaan haqa godhatu Allaha qofa:

Rabbin kun gooftaa isa kophaa gabbaramuuf haqa godhatu, isatu uumaa fi sochoosaa fi razzaqaa cufa waan uumama kana keessa jiruu waan ta'eef; nama hunda isatu uumee dachii tanarratti argamiisee sababa jireenyaa kenneef, Rabbiin ol ta'e akkas jedha:

{Kan akkana hojjate kun Rabbii keessani Isa malee dhugaan gabbaramaan hin jiru (Inni) uumaa waan hundaatii, Isa (qofa) gabbaraa, innis Inni waan hunda tiksaadha)

(Al-An'aam 102)

nama hundarratti Allaaha qofa gabbaruun dirqama, gabbaraa isaatti miltoo takko kan hin goone. Rabbiin ol ta'e akkana jedha:

{Yaa namoota! Akka Rabbiin sodaattaniif jecha gooftaa keessan isa isiniifii warra isin duraa uume qofa gabbaraa!}

{Al-baqarah: 21}

Akkana jedha Rabbiin qulqullaahe:

{Rabbin gabbaraa, isatti homaa hin qindeessinaa}

{An-Nisaa'a:36}

waamicha nabiyyoonni gara Rabbii olta'e tokkichoomsuutti taasisan:

dhimmichii kun ifa galaa tahuu waliin garuu Rabbiin olta'e tola isaatii fi arjummaa isaatiin, akkasuma rahmata nuuf taasisuu isaatiin, akkasumatti nu uumee jiruu irratti akka dhamaanutti nu hin dhiifne, inumaa ergamtoota gara keenyattti macaafota ittiin waan isaa nu barsiisanii fi isatti nu akeekan wajjiin ergee jira, Rabbiin ol ta'e ni jedhe:

{Nuti gammachiisaafi akeekkachiisaa taasifnee dhugaadhaan si erginee jirra. Ummanni tokkollee kan akeekkachiisaan isaan keessatti hin ergamin hin jiru}

{faaxir::24}

Abbaan ilma namaa Aadamii fi -nageenyi isa irratti haa jiratu- cufti anbiyootaa, akka Nuuh, Ibrahim, Muusaa, Iisaa fi kan birootis, hanga nabiyyii keenna Muhammad gahutti -nagahaaf rahmanni rabbi irratti haa jiraatu- hundee guddaa tokko irratti walii galu; sunis ilma namaa Rabbii ol ta'etti akka amanu waamuu, akkasuma isa tokkichoomsuu fi gabbartiin qofaa akka isa baasanitti waamuu, isaan ala gabbaramtoota hunda dhiisuu; kan akka namaa, dhagaa, mukaa, urjootaa, bakkalchootaa fi kan birootis, Rabbiin ol ta'e akkas jedha:

{Dhugumatti ergamaa ummata hunda keessatti erginee jirra "Rabbi qofa gabbaraa waan isaan alatti gabbaramu hunda irraa fagaadhaa}

{Al-nahli 36}

Rabbiin oltahe akkana jedha:

{(Yaa Muhammad!) Si dura ergamaa irraa tokkoyyuu “Ana malee dhugaan gabbaramaan hin jiru; kanaafuu Ana (qofa) gabbaraa” jechuun wahyii gara isaatti buufnu malee hin ergine}

{Al-Anbiyaa: 25}

maqaalee Rabbiitii fi sifaata isaa irraa:

Rabbii oltaheef maqaalee babbareedaa fi sifaata oltaatetu jira, yeeroo isiin wal barre beekumsi Rabbii oltahee qabnus ni dabala, akkasuma jaalalli isaaf qabnus, sodaan isaallee, kajeellaan tola isaatii fi arjummaa isaatiif qabnullee ni dabala. Rabbiin oltahe akkas jedha:

{Rabbiin dhugaan gabbaramaan isa tokkicha malee hin jiru, maqoonni babbareedoon kan isaa qofa}

{xaahaa:8}

maqootiin isaa tan sifaata isaatti akeektu hedduu dha, maqoota Rabbii oltahe keessa:

Arrahmaan Arrahiim (akkaan rahmata godhaa fi akkaan mararfataa), Rabbiin oltahe akkana jedha:

{Gabbaramaan keessan gabbaramaa tokkicha, Isa malee dhugaan gabbaramaan hin jiru, (inni) akkaan mararfataa rahmata godhaadha}

(Al-baqarah:163)

Inni Abbaa Rahmata bal'oo guddoo waa hunda geette, uumamtoota cufa hammatte, Rahmanni Isaa duniyaa irratti uumamtota isaa cufa geette, beelladootaa fi nama amanes kan hin amaninis, Rabbiin ol ta'e ni jedhe:

{Rahmanni kiyya waan hundaaf ballatteetti}

(Al-a'araaf:156)

Inni hunda isaanii kan razzaqu, fayyaa, nyaata, ilmaani fi kan biraas kan kennuuf, Aakhiraa (guyyaa booddee) ammoo Rahmanni Isaa gabroota nabiyyotaa fii ergamtoota Isaatti amanan qofaafi, Isaan kun Rahmanni guutuun kan milkii dhuma hin qabnetti geessitutu kanuma isaanii qofa.

maqoota Rabbii irraa; (Al-Kaaliq) ,Rabbiin oltahe akkana jedha:

{Rabbiin uumaa waan hundaati},

(Az-zumar :62)

Inni isa samiiwwan, dachiiwwanii fi waan isaan lameen gidduu jiru uumee, waan ijji hin argine irraa hanga waan ijji laaltee hin fixneetti kan uume, waan sanii oliillee kan uumedha, uumaan isaalle ogummaan, dandeettii fi tolchuun ture, uumaa isaa keessatti hir'inaa fi jallinna takka hin gartu.

Maqaa Rabbii keessaa ( Al-Gafuur) akkkaan araaramaa): Isa nama dhugaan isatti deebi'ef diliiwwan hunda hanga fedhe guddatus dhiisu, tolummaa isaa irraa nama hedduuf kan araaramu, waan miltoo (shariika) isatti godhuu ta'e malee, san yoo tawbaan gara isaatti deebi'an malee hin dhiisu, Rabbiin uumama isaa hundaaf sababoota ittiin araarama isaa argan baneefii jira, banee jira; sunis gara isaa deebi'uun, araarama gafachuun, amanuun, dalagaa gaarii dalaguun, uumamtoota isaatti tola ooluun, Rabbiin olta'e akkana jedhe:

{dhugumatti nama tawbatee, amanee, gaggaarii hojjatee, sana booda karaa qajeelaa qabateef ani akkaan araaramaadha}

(An-najm:82)

Maqoota Rabbii irraa (Arraaziq) akkaan kan razzaqu): Rabbiin qulqullaahe inni mootii amriin hundi harka isaa jiru, inni dureessa, tolummaa isaatiin inni akkaan kennaadha, uumamaan kamuu rizqiin isaa Rabbi bira jirti, Rabbiin olta'e akkana jedhe:

{Jinnii fi ilma namaa akka Ana qofa gabbaraniif malee hin uumne)

(soorata homaatuu isaan irraa hin fedhu, akka ana nyaachisanis hin fedhu*)

Rabbiin isatu akkaan soorata kenna, abbaa humna cimaati}

(Al-zariyaat:56-58)

maqoota Rabbii keessa (Assalaam) akkaan Nagaha): guddifamaa mudaa fi hir'inna kamuu irraa qulqullaa'e, kan sifoota guutuu, oltahoo fi bareedduu qabu, kan jechaa fii dalagaanis gabroonni isaa akka nagaha labsan jaallatu, Rabbiin ol ta'e akkas jedha:

{Inni Rabbii Isa gabbaramaan dhugaa isa malee hin jirre, mootii hir'ina irraa qulqulluu, abbaa nagayaati}.

(Al-hashri:23}

Maqoota Rabbii irraa (Al-Aliim)akkaan Beekaa):Rabbiin oltahe akkaan dhagahaadha, akkaan argaadha, akkaan beekaadha, beekumsi isaa waan hundatti marseera, inni waan ifa bahee fi dhokates ni beeka, akkasuma waan qoma keessatti dhokates beeka, akkasuma waan tares, waan amma jirus , waan booda dhufus ni beeka, inni to'ataa isa waan gabroonni dalagan hunda argu, ibaadaan warra amanee fi badiin warra didees isa jalaa hi dhokattu, fedhiin dadhabootaa fii sagaleen warra isa kadhatuullee isa jalaa hin dhokattu. Rabbiin ol ta'e akkas jedha:

(Dhugumatti Rabbiin waan hunda beekaadha)

(Al-baqarah:231)

Inni -qulqullaahe- Rabbii Aalamaati, inni isa waan hundaa uumama isaa tolche, wanti hundi bareedaa fii guutuun duniyaa tanarraa, inni faana bu'aa guutummaa isaa irraati -inni qulqullaahe.

Hundeen lammaffaa: Diiiniin kee maali?

Diiniin (amantaan) kiyya Islaama:

Islaamummaa jechuun: Rabbiin tokkichoomsuun harka kennuudha, Ee jechuun isaaf masakamuudhaa, shirkii iraa qulqullaahuudha.

Muslimni isa amantaa Islaamaatti seenee dhimma isaa Rabbii oltahetti kenne, jiraachuu fi tokko tahuu isaatti amanee, ajaja isaa jala deemee, waan inni dhoorke irraa fagaate, Rabbiin ol ta'e qur'aana kabajamaa keessatti kkas jedha:

{Amantii keessattis nama haala bareechaa ta'een fuula isaa Rabbiif bulchee tolchee fi amantii ibraahiim qajeelaa hordofe caalaa namni amantaan isaa irra tole eenyu?}.

[An - nisaa' :125]

Ammas ni jedha:

{Nama gara Rabbiitti waamee fi hojii gaggaarii hojjatee “ani Muslimoota irraayi” jedhe caalaa namni jecha bareedu eenyu?}.

(Fussilat:33)

bareedina amantaa Islaamaa irraa:

Islaamni amantaa haqaati: firaa fi ormaa waliin, diinaa fi hiryaa waliin, mu'uminaafi kaafiraa waliin haqummaatti ajaja, Rabbiin ol'aanaan akkas jedha:

{Dhugumatti Rabbiin haqaatti ajaja}

(An-nahl:90)

Rabbiin kabajame guddate haqaan murteessaa dha, namni tokkolleen isa biratti hin miidhamu, guyyaa booddee sana irra akkana jedha:

{Har’a (Guyyaa Qiyaamaa) lubbuun hundi waan hojjatte mindeeffamti, Har’a miidhaan hin jiru}

(Gaafir:17)

Islaamni amantaa Rahmataati: Rabbiin oltahe akkana jedha:

{Aalama hundaaf rahmata taasifnee malee (waan biraatiif) si hin ergine}

[Al-anbiyaa':107].

Nabiyyiin Muhammad nagahaaf Rahmanni Rabbii irratti haa jiraatu akkana jedhan:

"worra rahmata godhanuuf Arrahmaan)akkaan rahmata godhaan Rahmata godhaaf, yaa warra dachii irraa rahmata woliif godhaa inni samii keessaa rahmata isniif godhaatii"

Abuu daawuud odeesse.

Islaamummaan amantii jaalalaa, walitti qabamiisaa fi tokkummaati, Nabi Muhammad nagahaaf rahamanni Rabbii isaanirratti haa jiraatu akkas jedhan:

"tokkoon keessan hanga waan ofii jaallatu obboleessa isaatiis jaallatutti hin amanu "

bukhaariitu odeesse.

Islaamummaan amanti laafinaati: barsiifni Islaamummaa laafiinsaa fi rakkina kaasuu akka ta'e namni barsiisa isaa kana quba qabu hundi ni beeka, Rabbiin olta'e akkas jedha:

{Rabbiin isinirratti laaffisuu fedha, isinitti jabeessuu hin fedhu} (albaqarah: 185)

Ammas hin jedha:

{Rabbiin cinqii takka isinirratti fe'uu hin barbaadu}

(Al-maa'idah :43),

Ammas hin jedha:

{Rabbiin lubbuu tokkos dandeetti ishii malee hin dirqisiisu}

(Al-baqarah:286)

Islaamumman amantii beekumsaati: Aayaan qur'aanarraa jalqaba buutee; isiin:

{Maqaa gooftaaa keetii Isa (waan hunda) uumeetiin dubbisi}

(Al-Alaq:1)

Islaamummnaan muslimaaf muslimtitti hunda barachuu fi beekkomsa akka dabalatan kakaasa, Rabbiin olta'e akkas jedha:

{(yaa) Rabbii kiyya beekkumsa naaf dabali jedhi}

(xaahaa:114)

barataan sadarkaa ol'aanaa qaba, Rabbiin qulqullahe akkana jedha:

{Rabbiin isinirraa warra amananii fi isaan beekumsi kennameef sadarkaa baay'ee isaan ol fuudha}

(Al-mujaadalah:11)

Adunyaa maraaf tayuu Amantaa Islaamaa:

Islamumman amantii aalamaati, dachii irraa kan bakka takkoo qofa miti, kan gosa takkoo qofas miti, amantaa arabaa qofaatis miti, diinii ilma namaa cufaati, Qur'aana kabajamaa keessatti Rabbiin ol'aanaan nabii Muhaammadiin (nagahaaf rahmanni irra haa jiraatu) akkas jedheen:

{Jedhi: "Yaa namootaa! dhugumaan ani ergamaa Rabbii isa mootummaan samiifi dachii kan isaa ta’e irraa gara hunda keessaniitti(ergame), isa malee dhugaan gabbaramaan hin jiru, ni jiraachisa ni ajjeesas, Rabbii fi ergamaa Isaa kan nabiyyii hin dubbifnee fi hin barreessine ta'ee isa Rabbii fi jechoota isaatti amanutti amanaa, akka qajeeltanif jecha isa hordofaa}

(Al-a'araaf :158)

Akkasuma diiniin kun kan zabana dabree qofaa miti, Inni diinii dhugaa kan yeeroo ergama nabiitii (Sallallaahu Aleeyhi wasallamii) kaasee hamma guyyaa irra booddeeti (qiyaamaati) jiraatuu dha. Rabbiin ol ta'e akkana jedha:

{Namni Islaamaan alatti amantii barbaade isarraa hin qeebalamu, Aakhiraattis inni warra hoonga’an irraayi}

(Ala- imraan: 85)

waa hunda hammataa tayuu amantaa Islaamaa:

Islaamumman muslima tokkoof, hawaasa muslimaatii ummata muslimaatiif karaa jireenyaati, sunis dirree fi moggaa hunda keessatti; kan akka siyaasaa, diinagdee, hawaasummaa fi kan kana fakkaatan.

Islaamumman aqiidaafi (hojii qalbii) fii seera ittiin bulmaataati: inni aqiidaa sirrii, ibaadaa gurguddoo, wal qunnamtii hayyummaa, amala bareedduu fi haala qixawaa ta'e of keessatti qabata.

barsiifni islaamummaa fi murtiin isaa qunnamtii namaa fi Rabbii isaa gidduu jiru, qunnamtii lubbuu isaa gidduu, qunnamtii nama biraa waliin taasisu, inumaahu qunnamtii inni beeyladoota fi lubbu-dhabeessota waliin taasisu isaaf sirreessiti.

barsiifni Islaamaa waan Ruuhii fi Qaama tolchu ykn sirreessu huda of keessaa qaba.

walii galatti: Islaamummaan waan duuniyaa fi Aakiraatti toliinsi namootaa fi gammachuun isaanii keessa jiruun dhufe.

Bu'uura aqiidaa Islaamaa (utubaa Iimaanaa):

Bu'urri aqiidaa Islaama waa jahatti amanuu fi murannoon dhugoomsuu irratti gadi dhaabbata, maqaa (Arkaana iimaanaa) jedhamuun beekamas. isiinis:

1- Rabbii oltahetti amanuu dha: kana jechuun; jiraachuu Rabbiitti, amanuu dha, ammas qophaa isaa uumee kan toohatu , kan aalama fi waan keessa jiru hunda sochoosu, kan shariika male dhugaan gabbartii haqa godhatu isuma qofa, inni kan sifaata bareeddu fi olfuudhamtuun himamu, inni guutuu mudaa fi hir'ina hunda irraa qulqulluudha, inni fakkaataan isaa hin jiru.

2- Malaa'ikaatti amanuu: isaan uumamtoota Rabbiin oltahe uume irraayyi, akka isaa gabbaraniif, ajaja guutuu akka isaaf qabaataniif, dirqama hojii isaan irra ka'ame akka hojii irra oolchaniif uumamani, walii galatti jiraachuu isaaniitti amanna, akkuma maqoowwan, sifaataa fi dalagaawwan malaa'ikoota wahyiin nutti himetti bal'inaan amannutti; kan akka Jibriil isa Rabbiin wahyiin nabiyyootaafi ergamtootatti erge sani, akka Miikaa'eel isa Roobaa fi Biqiltuutti ajajamee, akka Israafiil isa Xurumbaa afuufuutti ajajamee, akka malaa'ikaa du'aa isa lubbuu namaa fuudhuu, akka Maalik eegaa ibiddaa.

3- kitaabotatti amanuu: isaan kitaabota Rabbiin ergamtoota Isaa irratti buuse sani; namaaf mararfannaa fi isaan qajeelchuuf, akka gammachuu duuniyaa fi aakhiraatti gahaniif, akka walii galaatti itti amanna, kan maqaa isaa wahyii irraa barre immoo hala balballomsameen itti amanna; kan akka Qur'aanaa kan Muhammad irratti (Sallallaahu Aleeyhi wasallam) buufamee, akka Injiil kan Iisaa irratti (Aleeyhi Ssalaam) buufamee, akka Tawraat kan Muusaa irratti (Aleeyhi Ssalaam) buufamee, akka Zabuur isa Dawuudiif (Aleeyhi Ssalaam) kenname, Gaazexoota (Barruulee) Rabbiin Ibraahiimiin irratti (Aleeyhi Ssalaam) buusee.

4- Ergamtootatti amanuu: isaan ilma namaati Rabbiin oltahe wahyii qajeeluma isaanitti godhe, akka diinii isaa geessaniif ummatatti erge, jalqabni isaanii Nuuhi (Aleeysi Ssalaam), kan hunda boodaa Muhammad (Sallallaahu Aleeyhi Wasallam), isaan hundi amalaafi diiniidhaan guutuu dha, galmi guddaan Rabbiin isaan ergeef gabbartiidhaan Rabbiin akka adda baasanii fi shirkii fi gabbartii isa malee jiru dhiisuutti namoota akka waamaniif isaan erge, akkasuma toltuu hojjatanii hamtuu akka dhiisaniif.

Rabbiin nama irraa ergamtoota akka ergetti amanna, gabroota irratti waan isaan odeessan akka dhugoomsan, akka isaaniin bulanii fi waan isaan itti ajajan akka hordofan dirqama godhe, isaan keessaa Rabbiin maqaa isaanii fii seenaa isaan ummata isaanii wajjiN qaban akka nuuf hime ni beekna, akka Idriis, Nuuh, Ibraahiim, Muusaa, Iisaa, Huud, Saalih, Shu'ayb, ammas isaan keessa warra Rabbiin maqaa isaanii nuuf hin himintu jira; Rabbiin olta'e akkana jedha:

{Dhugumatti, si dura ergamtoota erginee jirra. Isaan irraa warra seenaa isaanii siif himnetu jiru, Isaan irraas warra seenaa isaanii siif hin himintu jiru, Ergamaan tokko hayyama Rabbiitiin ala keeyyata tokko fiduu hin danda’u, Yeroo ajajni Rabbii dhufe, (dhimmichi) dhugaan murteeffama Kijibdoonni achitti ni hoonga’u}.

(Gaafir:78)

5- Guyyaa xumuraatti amanuu: inni guyyaa qiyaamaa kan Rabbiin waan namni duuniyaa irratti dalage san herregaafi mindeessuuf kaasu sani, namni guyyaa san garee lamatti qoodama, Mu'umintoonni Jannata keessa qubsuma dhuma hinqabne qubatu, worri hin amaninis abidda keessa qubsuma dhuma hin qabne qubatu, mu'umina tahee kan yakka raawwatu takkii rabbiin oltahe dhiifama godhaaf,yokaan haga badii isaa adabeeti booda jannata seensisa.

6- murtii Rabbii toltuu fi hamtuuttis amanuu: Muslimni Rabbiin waan taheefi tahuuf deemullee ni beeka jedhee amana, Rabbiin murtii uumamtootaa hundaa barreessee, isii fedhee argamsiisee jira, dunyaa irratti wanti tokko hinta'u beekkumsa isaa, barreeffama isaa, fedhii isaa fii uumaa isaa malee homaa hin argamu, murtiin sun yoo toltuu taate mararfannaa Rabbii oltahee irraahi, yookaan adabbiidha, ogummaa fi haqa Rabbii oltaheen mudatte, tun tan guddinnaa fii guutuma isiitiif jecha ilmi namaa beekuu hin dandeennedha, gabrichi murtii Rabbii toltus taatee hamtuu yeroo itti amane qalbiin isaa tasgabbii lubbuun isaa boqonnaa argatti, dhimma isaa hunda Rabbitti dhiisa, dhimmi hundi harka Rabbii qofa akka ta'e waan beekuufi, kan inni fedhe nitaha, kan inni hin fedhin hin tahu.

Utubaalee Islaamaa:

Utubaan Islaamaa bu'uura isii inni irratti ijaaramudha, isiin utubaa shan kan isiin dhaabbachuun muslima irratti dirqama ta'u:

1- haqqaan gabbaramaan Rabbiin malee hin jiru, Muhammad ammoo ergamaa Rabbiiti jedhanii ragaa ba'uudha: isiin ragaa arrabaan jedhanii qalbiin mirkaneessudha, Rabbiin isa qofaa isaa gabbaramaa haqaa ta'e kan shariikaan isaaf hin jirre, Muhaammad (Sallallaahu Aleeyhi Ssalaam) immoo isa ergamaa Rabbiin irraa ergaa qaqqabsiisu.

2- Salaata Salaatuu: muslima tokko irratti guyyaaf halkan keessatti salaata shanan saatuun dirqama isa irratti ta'a, salaata dhaabbii, gad jechuu (jilba qabachuu) fi sujuuduu (kallachaan lafa tuquu) of keessaa qabdu, Rabbiin guddisuuf jecha, yeeroo maqaa isiitiin moggaafame qabdi, isiinis: salaata Fajrii, salaata Zuhrii, Salaata Asrii, salaata Maghribaa, salaata Ishaa'ii jedhamu, salaatonni dirqama hin ta'in biroos ni jiru.

3- Zakaa kennuu: muslimni qarshii qabu hanga xiqqoo murtaa'aa ta'e qabeenya isaa irraa baasee, nama haqa godhatu hiyyeessota, rakkattootaa fi warra biroo kan Zakaan keennamtuf kennuu jechuu dha.

4- Ramadaanaa Soomuu: Muslimni nyaata, dhugaatii, qunnamtii saalaafi kanneen biroo kan soomana hiiksisan irraa barii fajrii irraa hanga aduun seentutti ji'a Ramadaanaa keessa Rabbiin gabbartiif jecha of qabuudha.

5- mana Rabbii kabajamaa ta'e hajjuudha: sunis muslimni gara makkaa al-mukarramaa deemuu dha; sirnoota hajjii hojjachuun Rabbiin gabbaruuf jecha, umurii keessa yeroo tokko yoo ta'ellee, nama sana danda'uuf.

Gabbartii Islaamummaa keessatti:

Gabbartiin; Rabbii olta'e tokkichoomsuu fi jechootaa fi hujiiwwan mul'ataa fi dhokataa Rabbiin jaallatu hundaan isatti dhihaatuudha.

-Jechoottan keessaa: Qur'aana qara'uu, Rabbiin kadhachuu, Rabbii olta'e yaadachuu, barumsaa bu'aa qabu barsiisuu, nama birootiif gorsa dhiheessuu fi kan kana fakkaaatan.

hojii irraa: Qulqullinna, Salaata, Hajjii, dhimma namaa baasuu keessatti sochii gochuu fi kanneen biroo.

Hojiin muldhattuun: isiin hojiiwwan muldhattu tan argamtu ykn kan dhagahamtuu fi kan kana fakkaatan: akka Salaataa, Hajjii, Qur'aana qara'uu, gara Rabbiitti nama waamuu, firoottan guduunfuu fufuu.

Tan hin muldhanne: isiin dalagaa qalbii keessaatti taatudha, akka Rabbiin jaallachuu, isa sodaachuu fi isaaf gadi of qabuu, Rabbii olta'e irratti hirkachuu.

Barbaachisummaa Gabbartii Islamummaa keessatti:

Rabbiin olta'e gabbaruun galma guddaa Rabbiin isaaf jecha ilma nama uumeeti, Rabbiin ol ta'e ni jedhe:

{Jinniifi namas ana haa gabbaranuuf malee waan biraatiif hin uumne.}

[Az-zaariyaat: 56]

Gabbartin hikmaa guddoodhaa fi bu'aawwan hedduu lubbuu namootaa fi jireenya isaanii keessatti mirkanooftuuf karaa godhamte, bu'aa gabbrtii keessa; isiin lubbuu qulqulleessiti, gara sadarkaawwan ilma namaa guutuu ta'eetti nama baafti.

Ilmi namaa gabbartii Rabbiitti akkaan haajamaadha, akkuma qaamni isaa nyaataaf dhugaatiitti haajamu akkasuma onneefi lubbuun isaallee gabbartiidhaan gara Rabbiitti deebu'utti haajamti; lubbuun zikrii Rabbiitii fi gabbartii isaatiin malee tasgabbii hin argattu, qalbiin hin gammadu akkasuma qomnis hin bal'atu Rabbitti dhihaachuu fi qunnamtii isaa barechuun malee, gabbartii dhugaa isaantu irra gammadaa namaati, irra qoma bal'ataa isaaniiti, gammachuu namni fedhe gulantaa gabbartii Rabbii haa qabatu.

walitti qabattummaa Gabbartii islaamummaa keessatti:

Gabbartiin Islaamumma keessatti hunda dalagaa gaarii kan Rabbiin jaallatuu kan nuti isii dalaguudhaan Rabbitti ittiin dhihaannudha, isiin of keessatti qabatti:

sirnoowwan gabbartii: kan akka salaataa, zakaa, soomanaa, hajjii, qur'aana qara'uu, kadhannaa, Rabbii ol ta'e zaakkaruu fi kanneen biroo.

akkasuma walitti dhufeenya toluu: akka abbaafi haadhatti tola ooluu, fira fufuu, haadha manaa fi ijoollee wajjiin walitti dhufeenya toluu, bittaa fi gurgurtaa toluu, dalagaa tolchuu, ollaatti tola ooluu, rakkataa qarqaaruu, beelladootattis tola ooluu fi kan kan fakkaatan.

Akkasuma amaloota gaarii hammatti: akka dhugaa dubbachuu, amaanaa geessuu, waadaa guutuu, seequu, jecha gaarii, qaanfachuu fi amaloota kanneen biroo.

Muslimni haala isaa hunda keessatti Rabbii isaa gabbara, masjiida keessatti, mana keessatti, bakka hojiittii fi bakkuma hundattuu Rabbiin gabbara, jiruun isaa guutuun Rabbuma olta'e qofaafi, Rabbiin ol ta'e akkas jedha:

{jedhi: dhugumatti salaanni kiyya, ibaadaan kiyya, jireenyi kiyyaa fi duuti kiyyas Rabbii gooftaa Aalamaa qofaafi}

(AL-an'aam:162)

Hundeen sadaffaa: Nabiyyiin kee Eenyu?

Nabiyyiin kiyya Muhammadi nagayaafi rahmanni Rabbii irratti haa jiraatu.

Nabiyyiin keenna inni: Muhammada ilma Abdullah ilma Abdulmuxxalib ilma Haashim, gosti isaanii nabiyyi Rabbii Ismaa'il ilma nabiyyii Rabbii Ibraahiimtti gala -isaan lameenii fi nabiyyii keenya irratti caalaan rahmtaa fi nageenyaa haa jiraatu.

Makkaa al-mukarramaa keessatti yeroo umriin isaanii waggaa afurtama guututti Rabbiin isaan erge, qur'aana isaan irratti buuse, gara Rabbiin tokkichoomsuu fi amantaa islaamaatti nama waaman, gosti isaanii midhaa cimaa irraan geette, waa'illan isaanii adabanii, hanaga ta'e keessaa ajjeesan, amata kudha sadi booda gara magaalaa Yasribaatti baqatan(booda maqaan isii madiinaa annabawiyyaa taate), achitti biyya islaamaa gad dhaabani, hawaasa islaamaa hundeessani, amata kudhan, qajeelchaa, waamaa, barsiisaa turan, hanga Rabbiin shari'aa guutetti kanuma irratti itti fufani, sanaan islaamummaa guutte, jechi Rabbii ol ta'ees bu'e:

{Amantii keessan har'a isinii guuteera, ni'imaawwan kiyyas isin irratti guuteera qananiise, amantiis islaama isiniif jaalladheera)

(Al-maa'ida:3)

Eegasii nabiyyiin gara aakhiraa deeman nagahaaf rahmanni isaan irratti haa jiratu- sunis eega ijji isaanii namootaa amantaa Rabbiitti jaalalaa fi fedhiin seenan arguun das jetteeti, akkuma Rabbiin ol ta'e jedhe:

{Yeroo tumsi Rabbiitiifi banamiinsi (Makkaa) dhufe,} (1)

(namootas garee gareedhaan diinii Rabbii keessa kan seenan argite) (2)

(gooftaa kee faarsuu wajjin qulqulleessi; araaramas isa irra barbaadi inni akkaan tawbaa qeebalaadha) (3)

(Al-nasri:1-3)

Nabiyyi Rahmataa

Nabiyyiin keenna muhammad nagahaaf Rahmanni irratti haa jiraatu Inni nabiyyii rahmataati, Rahmatummaan jiruu isaanii keessatti, sadarkaa jireenya isaanii fi haala isaanii hunda keessatti isaanii waliin adda hin bane, Rabbiin olta'e akkas jedhe:

(Aalama hundaaf rahmata taasifnee malee (waan biraaf) si hin ergine}

(Al-Anbiyaa'a: 107)

Rahmata isaanii irraa nagahaaf rahmanni irratti haa jiraatu nama hunda qajeelchuuf, dukkanoota kufriifi wallaalaa keessaa gara ifaa Iimaanaa, beekumsaafi qajeellumaatti baasuuf jecha akkaan bololan ture, yeeroo ummanni isaanii hin amannetti amnuu dhabuu isaaniitti gadduu fi gaabbuu irraa lubbuu ofii dhabamsiisuutti dhihaatani, Rabbiin ol ta'e akkas jedha:

{yoo isaan haasawa kanatti amanuu baatan gaddaan faana isaanii irratti lubbuu kee balleesuutu siif sodaatama)

(Al-kahfi: 6)

Akkasuma rahmatummaan isaanii mu'uminootaaf bololuu fi isaan mararfachuu isaanii keessatti mul'ata, Rabbiin ol ta'e akkas jedha:

{Dhugumatti ergamaan isin irraa ta'e, kan rakkinni keessan isa irratti jabaatu, kan isiniif(akka amantanuuf) bololu, mu'umintootaaf immoo mararfataa, rahmata godhaa ta'e isinitti dhufeera)

(At-tawbah: 128)

diinii laaffisuu fi ummata isaanii waan isaanitti ulfaatuu fi waan isaan hin dandeenye isaan ajaju dhabuu bololuu isaanii ialaalchisee akkas jedhan -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu "laaffisaa hin jabeessinaa, gammachiisaa hin ari'inaa" Bukhaariifi Muslimitu odeesse.

Ergamaan arjaan lubbuun isaanii rahmataan guutamte, dubartiifi ijoolleef akkaan mararfataa turani, waa'ila isaanii tokko Anas ilma Maalik Rabbi irraa haa jaalatu akkas jedhe "nama tokkollee kan ergamaa Rabbii caalaa maatiif rahmata godhu hin argine" Muslimitu odeesse.

Rahmanni isaanii ilma namaa biratti hin dhaabbanne; Beelladootattis dabrtee jirti, isiitti tola oolutti waaman, akka isii hin miines akeekkachiisan, dubartiin sagaagalummaan jiraattu takka saree dheebotte waan obaafteef Rabbiin isiif dhiisee jannata akka isii seensise, dubartiin biraa ammoo adurree hiitee nyaata dhoorgattee jennaan akka isiin duute sahaabota isaaniitiif ibsani.

Ergaan Isaanii nama hundaafi:

Nabiyyotaafi ergamtoonni asiin duraa (nagahaaf rahmanni isaanirrati haa jiraatu) gosuma isaanii qofatti ergamu turan, Nabiin keenna Muhammad (nagahaaf rahmanni isaanirratti haa jiraatuu) ergamni isaanii yeroo hundaa fi bakka hundatti guutuu namaatiifi.

Rabbiin ol ta'e akkas jedhe:

{Nuti nama hundaaf walumaa galatti gammachiisaafi akeekkachiisaa goonee malee si hin ergine}

[saba'a :28]

ammas Rabbiin olta'e jedhe:

{jedhi: "yaa namootaa! dhugumatti ani ergamaa Rabbii gara hunda keessaniitti(ergamee dha}

[al-a'araaf :158]

Nabiyyiin (nagahaaf rahmanni isaanirratti haa tahuu) akkas jedhan:

" nabiyyin duraanii gara ummata isaa qofatti ergama ture, ani ammoo gara nama cufaattin ergame"

bukhaariitu odeesse.

Guyyaa nabiyyiin ergaman irraa kaasee yeeroo ammaa keessattii fi hanga qiyaamaan dhaabbattutti, waan isaan ittiin dhufan dhugoomsuun, diinii isaatti seenuun ilma namaa hunda irratti dirqama ta'e, ergaa Samii dhuftu Rabbiin isaaniin xumuree jira, isaaniin buluu dirqama godhe, namni isaaniin bule duuniyaatti gammade, Aakiraatti immoo jannata seene, namni isaan faallesse ammoo duuniyaatti hongaa'e Aakiraatti immoo ibidda seene, Rabbiin ol ta'e ni jedhe:

{Namni qajeeluma kiyya hordofe hin jallatus hin hoonga'us) (123)

Namni yaadannoo (Qur’aana) kiyya irraa garagale dhugumatti isaaf jireenya dhiphoo ta’etu jira; Guyyaa Qiyaamaas jaamaa gooneeti isa kaafna}

[xaahaa:123-124]

Ergamaa Rabbii (nagahaaf rahmanni irratti haa jiraatu) mana isaanii keessattifi warra isaanii waliin:

Manni ilma namaa bakka itti amalli isaa gaariin, namuusni isaa guutuun, waliin jireenyi isaa bareedduun itti ifa galudha, namni wayta haadha manaa, yookaan ijoollee isaa yookaan tajaajiltuu isaa wajjin tahu fakkeessuun alatti akkuma haala isaa uumamaatti jiraata.

Haala ergamaa ummata Islaamaa, hoogganaa fi barsiisaa isaanii (nagahaaf rahmanni irratti haa jiraatu) mana keessattii namni xiinxale, waan namni mana isaa keessatti, haadha manaa isaa waliinii fi ijoollee isaatii waliin ta'uun barbaachisuuf fakkeenya bareedaa akka dhiheessan arga.

Aa'ishaa warra nabiyyiitiin (Rabbiin irraa haa jaalatu ) akkas jedhameen: mana keessatti Nabiyyiin ( nagahaaf rahmanni irratti haa bu'u ) maal godhaa turan? isiinis ni jette:

"Hojii warri isaanii hojjatu ture, (maatii tajaajiluu jechuudha) - yeroo salaanni geesse gara salaataatti ba'u"

Muslimitu odeesse.

Nabiyyiin (nagahaaf rahmanni irratti haa jiraatuu) maatiifi haadha manootii isaaniitiif irraa caalaa namaa turan, waliin jireenya toluu keessatti, haala laafuu keessatti, haadha manaa isaaniitiif fedhii miiraa fi lubbuu beekuufii keessatti fakkii bareedaa dhiheessu, gammachuu isiitti seensisuu fi isii gammachiisuuf jecha taateewwanitti fayyadamu, Aa'ishaan Rabbi irraa haa jaallatu akkas jetti:

"Guyyaa tokko Habashaan otuu Masjiida keessatti taphataa jiranuu ergamaa Rabbii ( nagahaaf rahmanni irratti haa jiraatu) balbala mana kiyyaa biratti arge, ergamaan Rabbii ( nagahaaf rahmanni irratti haa jiraatu) uffata isaaniitiin na dhoksu, ani tapha isaaniin ilaala"

Bukhaariif ii muslimitu odeesse.

Ergamaan Rabbi (nagahaf rahmanni Rabbii irraa haa jiraatu ) intala dubraa isaanii ni jaallatu isaan kabajus; yeroo intalli isaanii faaximaan isaanitti ol seentetti dhaabbatanii isii dhungachuun bakka ofii taa'an isii teessisu turani, intala dubaraa isaanii ziyaaranii haala isaanii to'atu ture.

Dhaamsa isaan (nagahaaf rahmanni Rabbii irratti haa bu'u) ummata isaaniitiif dhaaman keessaa jecha isaanii:

"Dubartiitti tola ooluu waliif dhaamaa"

Bukhaariifii muslimitu odeesse.

Amala Nabi Muhammad (nagayaaf rahmanni Rabbii irratti haa bu'u) keessaa:

Nabiyyiin (SAW) amalaafi namuusaan irra caalaa namaa turani, Rabbiin olta'e akkas jedhee isaan hime:

{Dhugumatti ati amala (naamusa) guddaa irra jirta}

[Al-qalam:4]

haala isaanii keessatti guutummaa isaan malee namni biraa hin gahin qabu ture, hunda waan hir'uu irraa waan tikfamaniif, guutummaa toltuu hundaa waan wolitti qabataniif, haalli isaanii Qur'aana ture, namuusa isaatiin gorfamu, namootas isaan gorsu, haala isaanii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- irraa:

irra obsaa namaa, irra haqa qabeessa namaa, irra of ga'aa namaa, irra arjaa namaa turani.

namoota hunda irra saalfataa turani.

of gadi qabaa, eenyuunuu irraa waamicha qeebaluu fi yoo xinnatelle kenna kan fudhatanii fi isa irratti kan harka deebisan turani.

dhibamaa gaafatu, janaazaa irratti argamu, hiyyeeyyota wajjin taa'u,, rakkattoota wajjin nyaatu ture, akkasuma worra sadarkaa fi haala qabanis kan kabajan, worra kabajaas kan madaqfatan turani.

namni tokko isaanitti dhufee haajaa isaatiif isaa wajjin ka'anu malee hin hafanu, nama haala badaa fi qalbii gogaas hin turre, hamtuu hamtuun kan deebisan hin turre, inumaahuu dhiifama godhu irra darbu ture, daangaan Raabbii yoo sarbame malee; yeros lubbuu isaaniitiif osoo hin taane Rabbiif dallanu.

amala isaanii irraa nama itti dhufan nagaa gaafachuun eegalu ture, yeroo sahaabota isaanii irraa nama tokkotti dhufan harka fuudhuun eegalu ture.

nama isaan bira taa'e fuulaa isaanii, dhageettii isanii, haasawa isaanii, tolinna isaanii bareedduu fi gorsa isaanii irraa qooda isaa isaaf kennu ture.

irra gara laafessa namaa, irra caalaa namaa fi irra namoota fayyadaa namaa turani.

ni qoosu haqa malee hin jedhanu, heddu seeqqatu, qas qas jechuun maletti kolfu, haadha manoota isaanii wajjin fiigicha dorgomu ni taphachiisus.

waan dhihaate nyaatu, waan argame hin deebisan, tasuma mudaa nyaataa hin himanu ture, tamira argatanus ni nyaatu, foon argatanus ni nyaatu, daabboo qamadiis yookaan garbuu argatanus ni nyaatu, waan mi'aawaa yookaan damma argatanus ni nyaatu, daabboon maletti aannan qofa yoo aragatanis isumaan of ga'u, habhabii yookaan ruxaba yoo argatanis ni nyaatu.

waanuma argatan uffataa turani, yeroo takka fooxaa, yeroo biraa ammoo kaabbaa suufaa, halaal irraa waan argatan ni uffatu.

waanuma isaaniif laafe yaabbatu ture, altakka farda, altakka gaala, altaka gaangee, altakka harree yookaan ammoo miilaan deemu.

hojii Rabbiif hojjachuun alatti yookaan toluu dhimma isaaniitii fi dhimma maatii isaanii kan isa dhiisuun hin danda'amne baasuun akatti yeeroon takkalle isaan irra hi dabartu ture.

waan kana malee jirus amaloota caaltuu fi waliin jireenya toluu irraa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-

Xumura

Islaamumman amantaa guddaadha, muslima barsiisa isaa irratti cicheef boqonnaa, jireenya gaarii, duuniyaatti haalli isaa tooluu fi Aakiraatti qananii fi gammachuu zalaalam kan darba hin qabne isaaf argamsiisa, akkasuma hawwaasa muslimaa kan barsiisa isaa irratti cichee irra jiraateef guddina, qarooma, misooma, guddina, wol qabachuu hawaasaa fi nageenyaa fi nageenyummaa isaaf argamsiisa.

yaa kan Islaamummatti qajeelte qananii guddoo kanaan baga gammadde, kan aqiidaafi karaa isaa barate, akkasuma barsiisa isaafi murtii isaas barate, akksuma amaloota isaafi naamusoota isaas barate, ofii isaatiif waan sana qabate, hanga dandeettii isaatiin roga jireenya isaa hunda keessatti irra isa qabte, inni dhugumatti bu'aa Islaamummaa ofirratti arguuf deema, akkamitti ofii isaatii nama gaarii isa godhee, ofii isaatii gammadee hunda namoota naannoo isaa jiranuus akkamitti akka ofiin isaan gammachiisu ni taasisa, abbaaf haadha, hadha manaa, ijoollee, firoottan, ollaa, hiryootaa fi hunda nama muslima Rabbiin amantaa isaatti seenuu fi karaa isatti qaqqabsiisu deemuun isa kabajee kanaa waliin walitti dhufeenya godhatuu akka gammadu taasisa.

kitaabni xiqqaan kun murtoo diinii keetii barachuuf isa jalqabaati, kana booda ammoo beekumsa bu'aa qabu dabalchuu, dalagaa gaarii fi lubbuu qulqulleessuu irratti carraaquutu sirra jira, akkuma beekumsi ati islaamummaaf qabduu fi waan barattetti dalguun kee dabalaa deemuun Rabbii ol'aanaa tahetti dhiheenni kee dabalaa deema, qur'aana kabajamaa barachuu, qara'uu, aayaata isaa xiinxallutti fuula deeffadhu, akkasuma seenaa ergamaa Rabbii fi sunnaa isaanii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- baradhu, isaan jireenya duuniyaa kana keessatti hidhannoo kee ati itti hidhattudha, isaantu tokkicha kan Rabbiin waan isaan ittiin dhufan hunda qeebaluutti si ajajedha, kan nama biraa ammoo sadarkaan isaa hanga fedhellee haa ga'u haasaan isaanii waan qur'aanaa fi hadiisaan wal gale qofatu qeebalama, kan isaan lameen faallesse ni deebifama, amantaa keessatti mormii irraa of eeggadhu, falmii, wol dhabbii fi obboloota kee muslimaa waliin wal dhabuu irraas of eeggadhu.

Nu'iifi si'iifillee tawfiiqaa fi haala inni nurraa jaallateen hanga isaan wol geenyutti amantaa kana irratti gadi dhaabbachuu Rabbiin kadhanna, faaruun gaggaariin kan Rabbii Aalamaati, rahmannii fi nageenyi nabiyyii keenya, maatii isaa, sahaabota isaanii hundaa fi hanga guyyaa qiyaamaatti nama isaan hordofe irratti haa jiraatu.