uumama kana keessatti kun gaaffii irra guddaadha; gaaffii irra yaachisaa, deebii isaa baruun, ilma namaa irratti dirqama ta'eeti.
Rabbiin keenya isatu samii fi dachii uumee, samiidhaa bishaan buusee, nu'ii fi lubbu qabeeyyii isa sooratuuf nyaata akka ta'uuf jecha, fireewwanii fi mukkeewwan ittiin baase.Inni isaa nu uume, abbootii keenyaa illee uume, waan hundaa uume. Inni galgala fi guyyaa uumee; galgala yeroo rafuu fi boqonnaa taasise, guyyaa immoo yeroo soorataa fi jireenyaaf carraaqamuu godhe,inni isa aduu, ji'a, urjii fi galaana nuuf laaffise, akkasumas beyladota irraa nyaannu, aannanii fi suufii isaanii irraa fayyadamnu Isa nuuf laaffise.
Sifaawwan Rabbii Aalamaa maali?
Rabbiin isa uumama uume, isa gara haqaatti isaan qajeelchu, isa dhimma uumamtoota hundaa garagaggalchu, isa isaan sooru, isa waan duuniyaa fi Aakhiraa keessa jiru hunda of harkaa qabudha, abbaan waan hundaa isa, isa malee wanti jiru hundi kan isaati.Inni jiraataa, kan hin duune, hin rafne; Inni Qayyuuama — jireenyi uumamtoota hunda ajaja Isaa irratti kan dhaabbatu. Inni kan rahmanni Isaa wanta hunda hammatte, wanti lafa keessa jiru yookaan samii keessa jiru tokko illee isa irraa hin dhokatu.Fakkaataan isaa hin jiru, inni dhag'aa, argaadha, inni samiiwwan isaa gubbaatti ol ta'aa, uumama isaa irraa of ga'e, kan umamni isaa immoo isatti haajomanudha, uumama isaa keessa hin qubatu, uumama isaa irraas homaa zaata isaa keessa hin qubatu,Rabbiin isa Aalama mul'atu kana sirna madaalawaa ta'een kan wal hin dhabne hundaa waliin uumedha, sirna qaama ilma namas ta'ee kan lubbu qabeeyyii, yookaan sirna uumamaa naannawa keenyaa, kan akka aduu, ji'aa fi wantooota isa keessa jiran hunda isa uumedha.
wanti Rabbii gaditti gabbaramu hundi, lubbuu isaatiif faaydaas ta'ee miidhaas fiduu hin danda'u, akkamitti nama isa gabbareef faaydaa fiduu yookaan miidhaa isa irraa deebisuu danda'a?
Haqni Rabbii keenyaa nurra jiru maali?
Ilma namaa hunda irratti haqni isaa, homaa osoo isatti hin qindeessin isuma qofa gabbaruudha, isaa gaditti yookaan isaa waliin ilma namaas, dhagaas, lagas, wantootas, urijiilees ta'ee wanta kamiyyuu hin gabbaranu, inumaayyuu Rabbii Gooftaa Aalamaatiif qofa gabbartii taasisu.
Haqni ilmaan namaa Rabbii irraa qaban hoo maali?
Haqni ilmaan namaa Rabbiin irraa qabanu, isa qofa yoo gabbaran, jireenya gaarii kan isa keessatti nagaa, nageenyi, tasgabbii fi jaallachuun argamu isaaniif kennuudha, Aakhiraatti immoo jannata qananiin bara baraa keessa jiru isaan seensisuudha, yoo isaan buluu didanii, ajaja isaa faallessan immoo, gammachuu fi boqonnaa keessa jirra jedhanii yaadanullee, jireenya isaanii hoongoo fi rakkina taasisa, Aakhiraatti immoo ibidda keessaa hin baane isaan seensisa, adabbii walitti dhaabbataa fi ibidda keessatti bara baraan jiraachuutu isaaniif jira.
Haqaa fi qajeeluma isaan ittiin dhufan sammuu fi uumamni nagaan isa qeebala, sammuun bareeduma isaa ragaa ba'a, ergamtootaan ala namni biraa waan isaan ittiin dhufan kan fakkaatu fiduu hin danda'u.
Tolinni amantii fi duuniyaa ilma namaa, dhimmoonni isaanii gadi dhaabbachuun, qarooma isaanii ijaaruunii fi amantii, qabeenyaa fi kabajaa isaanii eeguunis wantoota isaan ittiin dhufan keessa jira,
Ergamtoonni -nageenyi isaan irratti haa jiraatu- toltuu fi qajeelumatti akeekuu isaaniitiif ilma namaa irraa mindaa hin barbaadanu, mindaa isaanii Rabbii isaanii irraa qofa eeggatu.
Wanti ergamtoonni ittiin dhufani dhugaa fi mirkana mamiin/shakkiin tokko itti hin seennedha, wol hin faallessus wol hin rukutus, nabiyyiin hunduu nabiyyoota isa duraan darban dhugeessuudhaan waan isaan itti waamaa turan kan fakkaatutti waama.
Rabbiin ergamtoota -nageenyi isaan irra haa jiraatu-mallattoolee ifa galoo fi raajiiwwan injifatoo kan Rabbiin harka isaanii irratti argamsiisuun isaan gargaara; dhugumatti Rabbiin biraa ergamuu isaaniitiif ragaa dhugaa akka ta'uuf jecha, irra guddaan raajii nabiyyootaa, raajii nabiyyii xumuraa Muhammad -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- kan ta'e Qur'aana kabajamaadha.
Qur'aanni kabajamaan maali?
Qur'aanni kabajamaan kitaaba Rabbii Aalamaati, inni haasaa Rabbii kan malaa'ikaan jibriil fidee -nageenyi isa irra haa jiraatu- ergamaa Muhammad irratti buusedha, wanti Rabbiin, lubbuu isaa irraa, malaa'ikaa isaa irraa, kitaabota isaa irraa, ergamtoota isaa irraa, guyyaa Aakhiraa irraa fi murtoo toltuu fi hamtuu irraa ilmi namaa akka isa beekuu dirqama taasise hundi isa keessa jira.Akkasuma gabbartiiwwan dirqama ta'an isa keessa jiru, wantoonni haraama ta'anii irraa of eeggachuun dirqama ta'es isuma keessa jiru, haalli bareedaan nuti qabaachuu qabnuu fi haalli jibbamaan nuti irraa fagaahuu qabnus isa keessa jira, wantoonni dhimma amantii, duuniyaa fi Aakhiraa ilma namaatti rarra'an hundis isa keessa jiru, inni kitaaba raajii Rabbiin kan akka isaa fiduu namootaan ittiin morkatedha, inni hanga guyyaa qiyaamaatti afaan ittiin bu'een osoo qubeen tokko isa irraa hin hir'anne, osoo jechi tokko isa irraa hin jijjiiramne tikfamaadha.
Ragaan kaafamuu fi herregamuu maali?
Sila ati dachii duutuu kan lubbuun isii keessa hin jirre, yeroo bishaan itti roobee, sochootee biqiltuu babbareedoo hunda biqilchitu hin argituu?, inni dachii duutuu kana jiraachise, du'aattis lubbuu horee jiraachisuu irratti danda'aadha.Inni ilma namaa copha bishaan saalaa, bishaan laafaa ta'e irraa uume, guyyaa qiyaamaatti qabrii isaatii isa kaasee, isa herreguu fi mindaa guutuu isaaf kennuu irratti danda'aadha, hojiin isaa toltuu yoo ta'e toltuun, hamtuu yoo ta'e immoo hamtuun isa mindeessa.Inni samiiwwan, dachii fi urjiiwwan uume, uumama ilma namaa deebisuu irrattis danda'adha, uumama ilma namaa yeroo lammaffaaf deebisuun, samiiwwanii fi dachii uumuu irra salphaadha.
Guyyaa qiyaamaa maaltu ta'a?
Rabbiin uumamtoota qabrii isaaniitii kaasee, ergasii hojiiwwan isaanii irratti isaan herrega, nama amanee ergamtoota dhugoomse, jannata isa qananiin isaa dhabbataa ta'e, kan guddina isaa irraa, tasa qalbii ilma namaatti dhufee hin beekne isa seensisa, nama kafare immoo ibidda isa adabbiin isaa walitti dhabbataa ta'e, kan ilmi namaa akkasi jedhee yaaduu hin dandeenye isa seensisa, ilmi nama yeroo jannata yookaan ibidda seene, tasuma hin du'u, qananii keessatti yookaan adabbii keessatti bara baraan jiraata.
Namni tokko Islaamummaatti seenuu yoo barbaade maal hojjata, sirni wohii kan isa hojjachuun dirqama ta'u jiraa, yookaan immoo namoonni wohii kan isaaf eeyyamuun isaanii dirqama ta'u jiraa?
Namni tokko amantiin dhugaa amantii Islaamaati, inni amantii Rabbii Aalamaati jechuu yoo bare, Islaamummaatti seenuutti jarjaruutu isa irra jiraata; namni sammuu qabu haqni yeroo ifa isaaf galu, itti jarjaruutuu isa irra jira waan ta'eef, dhimma kana yeroo biraatti hin dabarsu.Isalaamummaatti seenuu namni barbaade, sirni addaa wohii kan dirqama isa irratti ta'u hin jiru, akkasumas bakka namni wohii argamettiis ta'uun dirqama hin ta'u, garuu yoo bakka muslimni jirutti yookaan wiirtuun Isalaamaa jirutti ta'e gaarii ta'a, yoo ta'uu baates: "Ash-hadu an-Laa ilaaha illallaah, wa Ash-hadu anna Muhammadan Rasuulullaah" (Haqaan gabbaramaan Rabbiin malee akka hin jirre ragaan ba'a, Muhammadis ergamaa isaa akka ta'an ragaan ba'a) jedhee, haala hiikkaa isaa beekuu fi itti amaneen ragaa ba'uun ni ga'a, kanumaan muslima ta'a; ergasii dirqama Rabbiin isa irra kaa'e akka baatuuf jecha, sadarkaa sadarkaan seerotii Isalaamummaa hafan barata.
Islaamummaa jechuun Rabbii uumama uumeefi isa bulchuuf ajajamuudha, akkasumas jaalalaafii kabajaan Isa tole jechuudha. Bu'urri islaamaa Rabbitti amanuu fi Inni uumaa akka ta'ee fi wanni biroo uumama akka ta'e amanuudha, akkasumas Inni kophaa Isaa osoo hiriyaa hin qabaanne gabbartii akka haqa godhatuu fi Isa malee dhugaan gabbaramaan akka hin jirre amanuudha, Isaaf maqaalee gaggaariifii sifaata olaantuu taatetu jira, Isaaf guutamiinsa daangaa hin qabne kan hir'inni itti hin dhaqqabneetu jira. Inni hin dhalle hin dhalannes, wanni tokkolleen fakkaataa Isaaf hin taane, Inni waa tokko kan uumama…