الإسلام دين رب العالمين

الإسلام دين رب العالمين

منشور مختصر مفيد يجيب على عدة أسئلة مهمة لدى غير المسلمين، ومنها: من ربك؟ ما صفات رب العالمين؟ ما حق ربنا علينا؟ ما حق الناس على ربهم؟ كيف نعبد ربنا؟ ما الدين المقبول عند الرب جل جلاله؟ ما أصول هذا الدين (الإسلام) وأركانه؟ هل الإسلام دين لقوم أو جنس؟ إلى أن ختمه بالسؤال: إذا أراد الإنسان الدخول في الإسلام فماذا يعمل، وهل هناك طقوس يجب أن يعملها، أو أشخاص يجب أن يأذنوا له؟ فأجاب عن هذه الأسئلة بجواب جميل مخصر مفيد يقرب الحق إلى الناس ويدعوهم بذلك إلى الإسلام.

Language: lang_om
Prepared by:
Version: 1.0
Translations 79
Akan Amharic Assamese Azerbaijani +75
Attachments 7
PDF
Audio
Video
+3

Maqaa Rabbii Rahmata godhaa akkaan mararfataa ta'een.

Islaamummaan Amantii Rabbii Aalamaati

Rabbiin kee Eenyu?

uumama kana keessatti kun gaaffii irra guddaadha; gaaffii irra yaachisaa, deebii isaa baruun, ilma namaa irratti dirqama ta'eeti.

Rabbiin keenya isatu samii fi dachii uumee, samiidhaa bishaan buusee, nu'ii fi lubbu qabeeyyii isa sooratuuf nyaata akka ta'uuf jecha, fireewwanii fi mukkeewwan ittiin baase. Inni isaa nu uume, abbootii keenyaa illee uume, waan hundaa uume. Inni galgala fi guyyaa uumee; galgala yeroo rafuu fi boqonnaa taasise, guyyaa immoo yeroo soorataa fi jireenyaaf carraaqamuu godhe, inni isa aduu, ji'a, urjii fi galaana nuuf laaffise, akkasumas beyladota irraa nyaannu, aannanii fi suufii isaanii irraa fayyadamnu Isa nuuf laaffise.

Sifaawwan Rabbii Aalamaa maali?

Rabbiin isa uumama uume, isa gara haqaatti isaan qajeelchu, isa dhimma uumamtoota hundaa garagaggalchu, isa isaan sooru, isa waan duuniyaa fi Aakhiraa keessa jiru hunda of harkaa qabudha, abbaan waan hundaa isa, isa malee wanti jiru hundi kan isaati. Inni jiraataa, kan hin duune, hin rafne; Inni Qayyuuama — jireenyi uumamtoota hunda ajaja Isaa irratti kan dhaabbatu. Inni kan rahmanni Isaa wanta hunda hammatte, wanti lafa keessa jiru yookaan samii keessa jiru tokko illee isa irraa hin dhokatu. Fakkaataan isaa hin jiru, inni dhag'aa, argaadha, inni samiiwwan isaa gubbaatti ol ta'aa, uumama isaa irraa of ga'e, kan umamni isaa immoo isatti haajomanudha, uumama isaa keessa hin qubatu, uumama isaa irraas homaa zaata isaa keessa hin qubatu, Rabbiin isa Aalama mul'atu kana sirna madaalawaa ta'een kan wal hin dhabne hundaa waliin uumedha, sirna qaama ilma namas ta'ee kan lubbu qabeeyyii, yookaan sirna uumamaa naannawa keenyaa, kan akka aduu, ji'aa fi wantooota isa keessa jiran hunda isa uumedha.

wanti Rabbii gaditti gabbaramu hundi, lubbuu isaatiif faaydaas ta'ee miidhaas fiduu hin danda'u, akkamitti nama isa gabbareef faaydaa fiduu yookaan miidhaa isa irraa deebisuu danda'a?

Haqni Rabbii keenyaa nurra jiru maali?

Ilma namaa hunda irratti haqni isaa, homaa osoo isatti hin qindeessin isuma qofa gabbaruudha, isaa gaditti yookaan isaa waliin ilma namaas, dhagaas, lagas, wantootas, urijiilees ta'ee wanta kamiyyuu hin gabbaranu, inumaayyuu Rabbii Gooftaa Aalamaatiif qofa gabbartii taasisu.

Haqni ilmaan namaa Rabbii irraa qaban hoo maali?

Haqni ilmaan namaa Rabbiin irraa qabanu, isa qofa yoo gabbaran, jireenya gaarii kan isa keessatti nagaa, nageenyi, tasgabbii fi jaallachuun argamu isaaniif kennuudha, Aakhiraatti immoo jannata qananiin bara baraa keessa jiru isaan seensisuudha, yoo isaan buluu didanii, ajaja isaa faallessan immoo, gammachuu fi boqonnaa keessa jirra jedhanii yaadanullee, jireenya isaanii hoongoo fi rakkina taasisa, Aakhiraatti immoo ibidda keessaa hin baane isaan seensisa, adabbii walitti dhaabbataa fi ibidda keessatti bara baraan jiraachuutu isaaniif jira.

Kaayyoon argamiinsa keenyaa maali? maaliif uumamne?

Rabbiin arjaa ta'e kaayyoo guddaaf akka nu uume nutti hime, innis homaa isatti osoo hin qindeessin, isuma qofa gabbarruudha, khayrii fi toltuudhaan dachii akka ijaarru nurra kaa'e, Rabbii isaatii fi uumaa isaatiin alatti waan biraa namni gabbare, galma isaaf jecha uumame hin barre, inni dirqama uumaa isaa isarra jirus hin ba'anne, namni dachii keessatti badii raawwate, inni hojii itti ramadame hin barre.

Akkamitti Rabbii keenya gabbarra?

Rabbiin guddate nu uumee gadhiisaatti nu hin dhiifne, jireenya keenyas tapha hin taasifne, inumaa ilma namaa irraa ergamtoota gara ummata isaaniitti filatee erge, isaan namoota hunda irra haalaa fi amalaan guutamoodha, luubbuun isaaniis irra bareedduudha, qalbiin isaaniis iraa qulqulluudha, ergaa isaa isaan irratti buusee, Rabbiin wal qabatee waan ilma namaa irratti baruun dirqama ta'e hunda isa keessatti dubbate, akkasumas guyyaa qiyaamaatiif ilmi namaa kaafamuus isa keessatti dubbate, innis guyyaa herregaa fi mindaati. Ergamtoonnis ummattoonni isaanii Rabbiin akkamitti akka gabbaruu qabanu, isaanitti qaqqabsiisanii, akkaataa gabbartii, yeroo isaanii fi mindaa isaan duuniyaa fi Aakhiraatti argatanus isaaniif ibsani, wantoota nyaataman, wantoota dhugamanuu fi dubartoota irraas wantoota Rabbiin isaanirratti haraama taasise irraas isaan sodaachisani, gara haalaa fi amala gaariittis isaan qajeelchanii, haalaa fi amala jibbamaa irraas isaan dhoorgani.

Amantiin Rabbiin biratti qeebalamaa ta'e isa kami?

Amantiin Rabbiin biratti qeebalamaa ta'e isalaamummaadha, inni amantii nabiyyoonni hunduu ummattoota isaaniitti geessani, guyyaa qiyaamaa Rabbiin islaamummaa malee amantaa biraa hin qeebalu, Islaamummaan alatti amantaan ilmi namaa qabate hunduu amantaa sobaati, nama isa qabate hin fayyadu, inumaa duuniyaa fi Aakhiraatti hoongoo isatti ta'a.

Hundeelee fi utubaalee amantaa kanaa (Islaamummaa) maali?

Amantaa kana Rabbiin gabroottan isaa irratti laaffisee jira, irra guddaan ruknii isaa, Rabbiin Rabbuummaa isaa fi gabbaramummaa isaatti amanuudha, malaa'ikota isaatti, kitaabota isaatti, ergamtoota isaatti, guyyaa Aakhiraa fi murtootti amanuudha, akkasumas haqaan gabbaramaan Rabbiin malee hin jiru, Muhammad immoo ergamaa isaati jettee ragaa ba'uudha, salaata dhaabuu, qabeenya zakaan isa keessatti dirqama ta'u yoo qabaatte zakaa kennuu, woggaa keessaa ji'a tokko ramadaana soomuuu fi yoo kan dandeessu ta'e Rabbiif jecha mana Rabbii durii (Ka'abaa) kan Ibraahiim -nageenyi isa irra haa jiraatu- ajaja Rabbii isaatiin ijaare sana hajjuudha. akkasuma wantoota Rabbiin haraama sirratti taasise, kan akka shirkii, lubbuu ajjeesuu, sagaagalummaa, qabeenya haraamaa nyaachuu fi wantoota haraama ta'an biroo irraa fagaaachuudha, Rabbitti amantee, ibaadaawwan kanneen hojjattee, wantoota haraama ta'an kanneen irraas yoo fagaatte, ati duuniyaatti muslima, guyyaa qiyaamaatti immoo Rabbiin qananii itti fufaa fi jannata keessatti jireenya bara baraa siif kenna.

Islaamummaan amantii uummata tokkoo yookaan kan gosa tokkootii?

Islaamummaan amantii Rabbiin ilma namaa hundaaf filatedha, isa keessatti sodaa Rabbiitii fi hojii gaariin malee enyunuu eenyuun caaluu hin danda'u, ilmi namaa isa keesatti wal qixa.

Namoonni akkamitti dhugummaa ergamtootaa -nageenyi isaan irratti haa jiraatu- baruu danda'u?

Namoonni karaa hedduudhaan dhugummaa ergamtootaa baruu danda'u, isaan keessaa:

Haqaa fi qajeeluma isaan ittiin dhufan sammuu fi uumamni nagaan isa qeebala, sammuun bareeduma isaa ragaa ba'a, ergamtootaan ala namni biraa waan isaan ittiin dhufan kan fakkaatu fiduu hin danda'u.

Tolinni amantii fi duuniyaa ilma namaa, dhimmoonni isaanii gadi dhaabbachuun, qarooma isaanii ijaaruunii fi amantii, qabeenyaa fi kabajaa isaanii eeguunis wantoota isaan ittiin dhufan keessa jira,

Ergamtoonni -nageenyi isaan irratti haa jiraatu- toltuu fi qajeelumatti akeekuu isaaniitiif ilma namaa irraa mindaa hin barbaadanu, mindaa isaanii Rabbii isaanii irraa qofa eeggatu.

Wanti ergamtoonni ittiin dhufani dhugaa fi mirkana mamiin/shakkiin tokko itti hin seennedha, wol hin faallessus wol hin rukutus, nabiyyiin hunduu nabiyyoota isa duraan darban dhugeessuudhaan waan isaan itti waamaa turan kan fakkaatutti waama.

Rabbiin ergamtoota -nageenyi isaan irra haa jiraatu-mallattoolee ifa galoo fi raajiiwwan injifatoo kan Rabbiin harka isaanii irratti argamsiisuun isaan gargaara; dhugumatti Rabbiin biraa ergamuu isaaniitiif ragaa dhugaa akka ta'uuf jecha, irra guddaan raajii nabiyyootaa, raajii nabiyyii xumuraa Muhammad -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- kan ta'e Qur'aana kabajamaadha.

Qur'aanni kabajamaan maali?

Qur'aanni kabajamaan kitaaba Rabbii Aalamaati, inni haasaa Rabbii kan malaa'ikaan jibriil fidee -nageenyi isa irra haa jiraatu- ergamaa Muhammad irratti buusedha, wanti Rabbiin, lubbuu isaa irraa, malaa'ikaa isaa irraa, kitaabota isaa irraa, ergamtoota isaa irraa, guyyaa Aakhiraa irraa fi murtoo toltuu fi hamtuu irraa ilmi namaa akka isa beekuu dirqama taasise hundi isa keessa jira. Akkasuma gabbartiiwwan dirqama ta'an isa keessa jiru, wantoonni haraama ta'anii irraa of eeggachuun dirqama ta'es isuma keessa jiru, haalli bareedaan nuti qabaachuu qabnuu fi haalli jibbamaan nuti irraa fagaahuu qabnus isa keessa jira, wantoonni dhimma amantii, duuniyaa fi Aakhiraa ilma namaatti rarra'an hundis isa keessa jiru, inni kitaaba raajii Rabbiin kan akka isaa fiduu namootaan ittiin morkatedha, inni hanga guyyaa qiyaamaatti afaan ittiin bu'een osoo qubeen tokko isa irraa hin hir'anne, osoo jechi tokko isa irraa hin jijjiiramne tikfamaadha.

Ragaan kaafamuu fi herregamuu maali?

Sila ati dachii duutuu kan lubbuun isii keessa hin jirre, yeroo bishaan itti roobee, sochootee biqiltuu babbareedoo hunda biqilchitu hin argituu?, inni dachii duutuu kana jiraachise, du'aattis lubbuu horee jiraachisuu irratti danda'aadha. Inni ilma namaa copha bishaan saalaa, bishaan laafaa ta'e irraa uume, guyyaa qiyaamaatti qabrii isaatii isa kaasee, isa herreguu fi mindaa guutuu isaaf kennuu irratti danda'aadha, hojiin isaa toltuu yoo ta'e toltuun, hamtuu yoo ta'e immoo hamtuun isa mindeessa. Inni samiiwwan, dachii fi urjiiwwan uume, uumama ilma namaa deebisuu irrattis danda'adha, uumama ilma namaa yeroo lammaffaaf deebisuun, samiiwwanii fi dachii uumuu irra salphaadha.

Guyyaa qiyaamaa maaltu ta'a?

Rabbiin uumamtoota qabrii isaaniitii kaasee, ergasii hojiiwwan isaanii irratti isaan herrega, nama amanee ergamtoota dhugoomse, jannata isa qananiin isaa dhabbataa ta'e, kan guddina isaa irraa, tasa qalbii ilma namaatti dhufee hin beekne isa seensisa, nama kafare immoo ibidda isa adabbiin isaa walitti dhabbataa ta'e, kan ilmi namaa akkasi jedhee yaaduu hin dandeenye isa seensisa, ilmi nama yeroo jannata yookaan ibidda seene, tasuma hin du'u, qananii keessatti yookaan adabbii keessatti bara baraan jiraata.

Namni tokko Islaamummaatti seenuu yoo barbaade maal hojjata, sirni wohii kan isa hojjachuun dirqama ta'u jiraa, yookaan immoo namoonni wohii kan isaaf eeyyamuun isaanii dirqama ta'u jiraa?

Namni tokko amantiin dhugaa amantii Islaamaati, inni amantii Rabbii Aalamaati jechuu yoo bare, Islaamummaatti seenuutti jarjaruutu isa irra jiraata; namni sammuu qabu haqni yeroo ifa isaaf galu, itti jarjaruutuu isa irra jira waan ta'eef, dhimma kana yeroo biraatti hin dabarsu. Isalaamummaatti seenuu namni barbaade, sirni addaa wohii kan dirqama isa irratti ta'u hin jiru, akkasumas bakka namni wohii argamettiis ta'uun dirqama hin ta'u, garuu yoo bakka muslimni jirutti yookaan wiirtuun Isalaamaa jirutti ta'e gaarii ta'a, yoo ta'uu baates: "Ash-hadu an-Laa ilaaha illallaah, wa Ash-hadu anna Muhammadan Rasuulullaah" (Haqaan gabbaramaan Rabbiin malee akka hin jirre ragaan ba'a, Muhammadis ergamaa isaa akka ta'an ragaan ba'a) jedhee, haala hiikkaa isaa beekuu fi itti amaneen ragaa ba'uun ni ga'a, kanumaan muslima ta'a; ergasii dirqama Rabbiin isa irra kaa'e akka baatuuf jecha, sadarkaa sadarkaan seerotii Isalaamummaa hafan barata.

Odeeffannoo dabalataatiif: