صفة الوضوء والصلاة (مرئي)
PROJ-187
Akkamittin Wuduu'a Godhadha?
M
sagalee
1
sagalee Azaanaa
2
{Yaa warra Rabbitti amantan yeroo salaataaf dhabbattan; fulaa keessan, harka keessan hanga ciqiletti dhiqadhaa, mataa keessan irraa haxaayaa, mila keessan hanga kiyyootti dhiqadha}
[suraa al-maa'idah :6]
3
Wuduu'aan malee salaanni hin jiru, niyyaan malee wudu'unis hin jiru, iklaasan malee niyyaanis hin jiru, (iklasa jechuu waan dalagan kana Rabbumaaf qofa qulqulleessuun dalaguu jechuu dha), iddoon niyyaadhaa onneedhaa ykn qalbiin yaduudha arrabaan dubachuu miti.
4
Maqaa Rabbiitiin eegala
Maqaa Rabbiitiin eegaluun jalqaba wudu'aa karaa taasifamaadha, kanaan wuduu'a eegalla, Ergasii yoo nuuf mijjaahe rigaa fayyadamna afaan qulqullesuf.
5
Yeroo sadii shanacha dhiqanna, fiixee qubaa irraa jalqabnee hanga manyee (ciqileetti)
6
Shanacha dhiqachuu hanga manyeetti (ciqileetti) yeroo sadi walitti fufuun
7
Harka mirgaatiin jalqabna dhiqaatii yeroo sadi ammas harka bitaa itti aansina akkasuma yeroo sadi
8
Akkuma mirga dhiqataniin ergasii bitaa dhiqatanii ammas mirga dhiqatani eegasii bitaa dhiqatuun ni gaha.
9
mirkanefachuu wajjiin bishaan jidduu qubbiinii sensisuu
10
Eeganaa gara bishaaniin afaan llulluuqachuufii funyaanitti olfudhachuufii gadi basuu ceena
11
'Al madmadaa' sunis lulluqachuun bishaan afaanitti fudhatani afaan kessa sochosanii tufuudhaa
12
'Istinshaaqa' jechuun: Funyanitti bishaan hafuuran ol fudhate eegasii harkaan uf kessaa baasuudha
13
Sunnaan qajellotti olfudhachuu sooma yoon qabaatin ykn dhiibba irra geessaa yoo hin sodaatin
14
Afaanif funyaanitti bishaan fudhachuun karaa lamaan jiraa
15
hidhuu: bishaan hammarrii takka fudhatanii Afaan walakkaa hammarriitiin lulluuqachuun funyaanis walakkaa hafteen olfuudhanii baasuu
Bishaan afaan kessa sochofne ykn lulluuqanne gadi tufna eegasii ammoo bishan finyanitti ol fudhanne harka bitaatin gadi baafna
kana kan goonu Yeroo sadi Hammarrii bishaanii yeroo sadihiitini
16
karaan lammataa addaan baasun: afaaniif fuynaanis hammaarrii adda addaatiin godhuu, afaanif hammarrii takka guutuu lulluqatee tufee funyaanifis hammarri takka guutuu ol fudhatee harka bitaatiin ufkeessaa baasuu
17
Afaan luluuqachuu fi funyaanitti olfudhachuutti Aanee Fulaa dhiqachu;
18
Daandiin fuulaa dherinnatti bakka Rifeensi mataa itti dhaabatu irraa gadii hanga xumura areedaati, bal'innaan ammoo jidduu gurra lamanii
19
Hunda rifeensaa fuula irra jiru hunda dhiquun dirqama kan akka rifeensa areedaa fii nyaaraa akkasuma rifeensa hidhii irra jirus dhiquun dirqama
20
Fula dhiquun karaa lamani
21
Tokkoffaan: Bishaan fudhanne harka lamaaniin walfanaa ykn harka lamaaniin fuula dhiqanna bakka rifeensii itti dhabatu irra jalaqabnee hanga arenni itti dhaabbatutti, gurra mirgaa irra eegalee hanga gurra bitaatti, yoo areenni furdaa ta'e suunnaan bishaan seensiisani hooquudhaa
Yeeroo sadii akkanatti dhiqanna isa kanatuu guutuudhaa, yookiin yeroo lamaa yookin yeroo takka inni tokkoon kun dirqamaa jechuudhaa
22
Lammaffaan: bishaan fudhanne harka mirgaa qofaan fuula irrattin dhangalaafnee harka lamaan walfaana dhiqanna, akkuma asiin dura dubbanne kara duraa keesatti, yeroo sadi akkasitti dhiqanna
23
Tartiibaan qaama wudu'aa dhiqachuun dirqama akkasumaa walitti dhaabunis jidduu isaa dirqama, ammas qaama tokko kan biraa dursuun hin tahu tartiiba isaa malee duba aansunis hin tahu bootaa isaa male, qaama wuduu'aallee walitti aansanii geessuun dirqama.
24
Eega dhiqannaa fuulaa irra banee gara harka lamaan dhiqachutti deemna
25
Hammi harki lameen dhiqamuun dirqamaa: caafii qubootaa irraa jalqabee ciqile lameen waliin dhiqanna
26
Harka mirgaa dhiqachuu jalqabna caafii qubaa irraa eegallee mancee fii qubbiin jidduu isaa keessa walitti dirree jidduu manceellee eegasii bishaan gara ciqilee geessina
27
Eegasii gara harka bitaa dhiqanna akkuma dura dabarsinee quba irraa jalqabnee hanga ciqileetti quba jiddu jigaa waliin geenna
28
Gara mataa irra haxaayuutti ceena: bishaan harka lameen jiifnee kalacha irraa jalqabnee hanga mataan itti dhabatutti irra haxayaa ammas achirra as deebifna bakka irraa eegaletti deebifna garaagarummaa hin qabu moluuf kan rifeensa qabulleen
29
Eegasii Gurra lameen bishaanuma achirraa hafeen yeroo takka irra haxoofnaa
30
Akkaataan gurra lameen irra haxaayan quba Arrabsituu ykn akeektuu gurra keessa keennee quba abgudduu gurra duuba keennee akkanatti kessafii gubba isaalee haxoofnaa,
31
Gara miila dhiqutti ceena: miila lamiin dhiqanna hammi miilli dhiqamuu dirqamaa jalqaba quba miilaa irraa hanga kiyyootti duuba isii waliin
32
Miila mirgaatin jalqabna qubbiin jidduu hin riiynaa ykn hooqnaa, koomeefii miila gubbaa akkaan dhiiyna
33
Eganaa miila bitaa dhiqanna akkuma kan mirgaa jalqaba dhiqanne sanitti, kiyyoo guutuu dhiquufii koomee lameen bishaan qaqqabuu mirkaneeffachuu qabna
34
Ragaa bahaa Haqaan gabbaramaan Allah malee akka hin jirre ragaa baha ammalle Inni tokkicha waahelli isaaf hin taane Muhammad gabrichaafii ergamaa Isaa tahus ragaa baha.
35
Erga waduu'aaf dhiqatanii bodaa du'aa'ii Rabbiin yadatani kadhachuun ykn Rabbiin kadhachuun Sunnaa taha; yoo dabalanis sunnaa irraayi:
36
Yaa Rabbin warra gara kee deebi'u na taasisi, ammalle warra qulqulahu irraa na taasisi.
37
yookiin
waa qulqullofte yaa Rabbi faaruun keeti, ragaan baha simalee Rabbiin dhugaan gabbaramu hin jiruu, dhiifama sirraa barbaadaa gara kee deebi'a.
M
Iskirini irratti kan barraahe
1
Akkamittin Wuduu'a Godhadha?
2
{Yaa warra Rabbitti amantan yeroo salataaf dhaabbattan fuulaa keessan dhiqadhaa, harkaa lameen hanga ciqileetti mataa keessan irraa haxaayaa miila keessanille hanga kiyyotti dhiqadhaa}
[suratu al- maa'idaa: Aayata 6]
3
Harka Dhiqachuu
4
Luluqachufi funyanitti olfudhachufi deebisuu
5
walitti dhaabuu
6
adddaan baasuu
7
Fuula dhiqachuu
8
Tokkoffaa
9
Lammaffaa
10
Niyyachuu fi maqaa Rabbiitiin jalqabuu
11
Harka lamaan dhiqachuu
12
Lulluuqachuu
13
Funyaanitti olfudhachuu
14
Fuulaa dhiqachuu
15
Harka lamaan dhiqachu ciqileen waliin
16
Mataa irra haxaayuu Gurra lamaan waliin
17
miilaa lamieen dhiqachuu kiyyoo waliin
18
Harka lamieen dhiqachuu
19
Mataa haxaayuu
20
Jalqabbiin mataa gadi jedhiinsa kallachaa irraa eegala iddoo Rifeensi itti biqilu akkuma beekamutti
21
Iddoon mataan itti dhaabatu bakka duubaan Rifeensi itti margu
22
Gurra lameen haxaayuu
23
Miila lameen dhiqachuu
24
Nabiyyiin nagaa Rahmanni isarratti haa tahuu akkana jedhan:
"Waa adabbii ibiddaa warra wuduu'a hin tolfannee! wuduu'a tolfadhaa (waliin gahaa dhiqadhaa)"
Abuu daawuud odeesse.
25
"Allaahin malee Rabbiin biraa akka hin jirre kan haqaan gabbaramu hin jiruu Allaahin malee hiriyyaan isaaf hin taane tayuu Ragaa baya, ammas Ragaa baha muhammad gabricha Isaa tahuuf ergamaa tahu"
Muslim odeesse.
26
"Yaa Rabbin na taasisi gara kee debi'aa, ammallee na taasisi warra qulqulahe irraa"
Tirmiziitu odeesse.
27
"Qulqulloftee! yaa Rabbi faaruun keeti, ragaan baha simalee Rabbin dhugaan gabbaramu hin jiru simalee dhiifama sirra barbaada gara keetis deebi'a"
Al-Nasaa'itu odessee "dalagaa guyyaf halkanii" kessatti
Akkamitti Salaata?
Salaanni taakbiiraa irraa hanga salaammata baafataniiti.
lakk.
Sagalee
1
Sagalee Iqaama
2
Sagaleen Iqaama itti fufa
Niyyaa fidachuun waan jalqaba namni salaatu godhuudha, bakkeen isaa qalbitti.
3
Gara qiblaa naannofna, imaamas taatu yookaan adda keelle kan salattu tahus fuuldura kee girduu kaayyadhu.
4
Rabbiin irra guddaadha.
Takbiraa harramannaa ykn jalqabaa isiin salaatatti seenna, isii arrabaan dubbachuun dirqama
5
Yeroo takbiira jennu harka keenna olfuuna hanga gurra afootti, garaa qubbiinii gara qibilaa gara galchina.
yookiin
Hanga gurra lameenii takbira jalqabaa kessatti ol fuuna akkuma asin dura dabarsinetti.
6
Harka keenna eega takbiiraatii qoma irra yokin qoma jala keenna, handhuura irra yookiin jala kun martuu sirridhaa
Harka mirgaa kan bitaa irra keenna
Yookin harka mirgatiin harka bitaa gubbaa isaa qabna
Yookin harka mirgaatiin ciqilee bitaa irratti qabna
7
Yaa Rabbi jidduu kiyyaaf jidduu dogongora kiyyaa adda fageessi akkuma jidduu bahaaf dhihaa addaan fageessitetti, yaa Rabbi na qulqullessi dogongora kiyya irraa akkuma hoccuun adiin xurii irraa qulqullaahutti, yaa Rabbi cabbiidhaan na dhiqi dogongora kiyya irraa, bishaanifii baradoonillen na dhiqi"
kadhaa baninsaa eega takbiiraa harramannati qara'uun dura Du'aa'ii goona, du'aa'in baniinsaa biraatis karaa hedduun dhuftee jirti, hedduummeessuun sunnaadha.
8
Sheyxaana darbamaa taherraa Rabbiinin maganfadha.
baninsatti kan aanu maganfachu, eegasii suraa fatihaa qara'uu
9
Qalbii sodaatiini fi tasgabbiidhaan Aaya takka takkaan Qaraanaa
10
Aamiin.
jecha tana jechuun sunnaadha nama salaatu maraaf imaama tahes ma'amuuma yookaan adda salaatus, isiin Aaya Faatihaa irraa miti, isiin bar kadhannaadha, hikkaan isii yaa rabbi naaf awadhu
11
Eega suuraa faatihaatii waan nuuf lafe Qur'aana irraa qaraana, takkii suura gutu, yookaan hamma tahe issiirra, eega qaraane boda xinnoo hin cal'ifna otuu rukuu'atti hin ceehin.
12
Rabbiin irra guddaadha.
takbiiraa ceehumsaa Allahu akbar jenne dhaabata irra gara jilba qabatutti deemna
kuni iddoo lammaaffaati, salaata keessati isa Nabiin nagahaaf rahamani isaan irratti ha tahu harka isaanii ol fudhan, hanga afoo ceekuu lameenii yookaan gurra lameenii harka kenna ol fudhun sunaadha.
13
Harka lamaan jilba irra keennee diriirsina qubbin keenna mijeessinaaf jilba keennarratti akka waan qabaa jirrutti.
hin tasgabboofna jilba qabachu irratti, hinfageessina harka keenna cinaacha miila irraa, hin jallisnu fula boqo gara tokkotti
14
duugda walqixxeessina hin jalifnu, mataanis duugdan walin qax jedha, ol hin qabnu gadis hin buufnu
15
"Rabbiin guddaan qulqullaaye"
irra deddebina yeeroo sadi, inni kun irra xiqqaa guutuuti, yeroo takkaanis hin gaha, yoo barbaanne nidaballa, tasbiihaa sunnaarraa taate niheddummeessina.
16
wanni yeroo jilba qabatan jedhan heddudha
17
Rabbiin nama isa faarfatu dhagahe
kana kan jennu, yeroo jilba irraa ol jennu yoo kophaa ykn imaama taanee salaannu dha.
18
Hanga ceekuu ykn gurra lameeen keennaatti harka keenna ol fuuna.kuni bakka sadaffa harki keenna lameen itti ol fuudhamudha.
19
Ergasii walqixxoofnee dhaabanna akkas jenna:
"Gooftaa keenya galanni siif haa galu".
20
Ergasii jilba irra ol jennee booda harka keenna gad diriirsuun ykn qomarrati qabachuu dandeenna.
21
Erga jilbarraa ol jedhanii booda dhaabbata dheeressuun sunnatti lakkaa'ama.
22
Rabbiin guddadha...
Sana booda, takbiira ce’umsa jechuudhaan dhaabbachuu irraa gara lafaatti sujuuda gochuuf gad buuna.
Harka jilba dura, ykn jilba harka dura dursina, ykn lamaan keessaa akka nuu laafetti sujuuda goona.
23
Akkuma Ergamaan nagahaf rahmanni isaan irra haa jiraatu nubarsiisanitti, qaamota torbaan sujuuda gochuun dirqama taha.
Kallachaf funyaan waliin, harka lamaan, miila lamaan, jilba lamaan
24
Fiixee quba miila lameenii gara qiblaatti garagalchinee luka ol-dhaabna.
gudeeda lamaan addaan baafna, garaa ammoo irraa ol fuuna.
ciqilee lafa irraa ol kaafne cinaacha irraa fageessina, yoo jama'aan (waloon) salaanne fi warra naannoo keenya jiran miidhuu sodaannee malee.
harka kenna sirrii ceekuu lamaaniin yookan gurra lamaaniin ol fuuna .
25
(Rabbiin kiyya ol'aanaan qulqullaaye).
Rabbiin qulqulleessuu "subhaanallaah" jechuu yeroo sadi irra deddeebina, inni irra xiqqaa guutuuti, yeeroon takkas nitaati, yoo barbanne ammoo ni daballa, jechoota nabirraa (AW) dhufeen qulqulleessuu rabbii ni heddummeessina, toltuu duniyaa fi Aakhiraallee waan barbaane ni kadhanna.
26
Ergamaan Rabbii nagayaa Rahmanni isarratti haa tahuu jedhe. [yeroon caalatti gabrichi Rabbitti dhihaatu yeroo sujuuda keessa jiru waan ta'eef du'aa'ii heddummeessaa]
27
Rabbiin irra guddaa dha.
Allaahu akbar jechuun mataa keenna sujuudarraa ol qabanna.
miila bitaa afannee tasgabbiidhaan irra teenna, tan mirgaa ammoo qubbiin isii qiblattii qajeelchinee dhaabna.
yookiin
miila lameenuu dhaabnee koomee irra teenya.
ciqilee keeenna ni diriirsina; kan mirgaa gudeeda mirgaa irra, kan bitaa ammoo gudeeda bitaa irra keenna, jilba irra yookaan jilba bira kaa'ama.
28
Yaa Rabbi naaf araarami...
sujuuda lameen jiddutti tasgabboofnee, teennee kadhanna.. .
29
Rabbiin irra guddaadha.
Allahu akubar jechaa gara sujuuda lammaffa demna, akkuma sujuda duraati akkaataan isaa wanni jedhamus tokko ta'a.
30
Rabbiin irra guddaadha.
Haluma raka'aa jalqaba keessatti rawwanneen lamaffaa keessattis rawwanna.
harka lamaan kaayuu, faatihaa qara'uu, qur'aanarraa aaya ykn aayaa hedduu qara'uu
Ergasii jilba qabanna
Rabbiin irra guddaadha.
ni dhaabbanna
Nama isa faarfatu Allaahan dhagahe
Ergasii gara sujuudaa deemna (sujuuda goona)
Rabbiin irra guddaadha.
yeroo lama sujuda buunee ergasii tashahudaaf teenna
Rabbiin irra guddaadha.
Rabbiin irra guddaadha.
Rabbiin irra guddaadha.
31
Raka'aa lammaffaa booda tashahudaaf yemmuu teenyu,miila keenya afannee ta'a.
32
Teessoon afannaa raka'aa lammaffaa keessatti , salaata akka subhii,juma'aa fii iida lameeniif ta'a, akkasuma salaata raka'aa sadif afur qabanniif ammoo tashahuda tokkooffaa irratti ta'a, teessoo sujuuda lameen gidduuttilee.
33
nama sababa dhibeetin, furdinaatin ykn dhukkubbii miila isaatin ykn yookin rakkinna garagaraatiin akkuma taa;uu hin dandeenye akka isaa tolutti taa'uun ni danda'ama.
34
yeroo tashahhuda teennu harka mirgaa gudeeda mirgaa irra keenna, qubbiin keenna ni cum'ina quba arrabsituu malee isiidhaan ni akeekna.
35
Abbuudduu fi quba jiddu walitti marree quba arrabsituun akekna..
36
Harka bitaa ammoo takkii gudeeda bitaa irra diriirsina ykn hin cum'ina jilba irratti
hin jaalatama tashahuda kessa laalun gara quba arabsitu harka mirgaa
37
"kabajoonni salaatonni wanti gaggaariin Rabbi qofaafi, nagahaaf rahmanni Rabbii sirra haa jiraatu Yaa Nabiyyii rabbii, nuufii gabroottan Rabbii gaggaarii irrattis nageenyi haa jiraatu, Rabbi malee kan bira hin jiru jedheet raga, Muhammad gabricha rabbiitifii ergamaa isaati jedheet ragaa baha."
yoo salaanni sun tan raka'aa sadihii yookan afurii taate,tashahuda tokkoffaa qaraana.
yoo salata raka'aa lamaa taate akka salaata subhii ykn jum'aa ykn iida lami du'aa'ii ibrahimiyya qara'uudhaan ni guunna.
yaa Rabbi akkuma buufte Ibrahimiifi aalii isaa irratti Muhammad fi aalii isaanii irrattis nagaha buusi, ,ati galatoomfamaa fi ulfaataadha, yaa rabbi barakaa buusi Muhammadiif aalii isaa irratti akkuma buufte Ibraahimfii aalii isaarratti, ati galatoomfamaa fi ulfaataadha.
38
Nageenyaa fi rahmanni Rabbii isinirratti haa taatu
Nageenyaa fi rahmanni Rabbii isinirratti haa taatu
Salamaan erga tashahhuda xumuranii fi kadhannaa Sunnaa Rasuulaa keessatti tuqame dubbisanii booda. garuu kun salaata lamee keessati..
39
sagalee gadi qabanne Allahu akbar dhageesifna
yoo ammoo salanni raka'a sadi akka magriba ykn afur akka zuhri, asriifi ishaa
40
Tashahuda jalqabaa booda, salaata maghriba yoo salaatnu raka’aa tokko salaatuuf dhaabanna. yoo salaata sa’aatii, waaree booda, ykn galgalaa, kan Al-Fatihaa keessatti qara’u, osoo raawwannu raka’aa lama salaatuuf kaane bal’inaan kan kanaan dura sagaduu, sujuuduu, dhaabbachuu fi taa’uu ilaalchisee ibsaman hunda.
41
Rabbiin irra guddaa dha.
42
Ergamaan Rabbii (Nagahaf rahamanni irra haa jiraatu) yemmuu taa'an tahan miila mirgaa dhaabanii tan bitaa ciibsanii jala achi baasuun duuba isaanii lafaan gahanii, kun tashahuda xumura kan salaata tashahuda lama qabdu hunda keesstti taha.
43
teessumti tawaruka (duubaan lafa gahanii taa'uun) kuni tashahuda xumura keessatti ta'a. salata raka'aa sadihifii afur qofa, kunis akkaataa heddu qaba.
44
Miilaa bitaa afachuu, miila mirgaa dhaabuu gara cinaa mirgaatti basuu, duuba lafaan gahani taa'uu
yookiin
koomee lamaan afachuu gara cinaa mirgaatti basuu
yookiin
miila mirgaa afatanii miila bitaa jiddu tafaafii mogolee mirgaa galchuu.
45
teessuma tashahuda xumura keessatti attahiyyaata qaraana. ergasii salawata nabiyyi irratti bufnaa (nagahaf rahamanni isaan irra haa jiratuu)
46
salamataan dura erga tashahuda xumurree booda waa afur irraa rabbitti maganfanna:- azaaba jahannam, azaaba qabrii, qormaata jiruuf du'aa, qormaata masiih-Addajaal
waan barbanne toltuu duniyaaf aakhiraa irraa kadhanna.
47
Nagayaa fi rahmanni Rabbii isinirratti haa jiraatu
Nagayaa fi rahmanni Rabbii isinirratti haa jiraatu
salammata bafatan malee salaanni hin xumuramtu ykn irraa hin bahamtu
48
salamata baafachuun salanni xumurama.
Rabbiin araarama kadhadha, yeroo sadi jedhama
49
yemmuu salamata baafannu yeroo sadi (Astagfurullaah) jechuun ergasi zikrii nabiyyicharra (nagahaf rahmanni irratti haa bu'uu) argamen Rabbii qulqullahe olta'e zakkaruun ykn faarfachuun sunnaa irraayi,
m
fooddaa skiriinii irratti kan barreeffame
1
nama salachisaa taatu kan dubaan salatus taatu
2
takbira harramannaa ( seensaa)
3
hanga sirrii ceekuu keennaa harka ol funa.
4
ykn hanga sirrii gurra lameenitiin akkaatama kana duraatin harka ol kaafna.
5
harka lameen qoma irra kaayanna
6
ykn handhuuraa olitti kaayanna
7
ykn handhuura jala kaayanna
8
harka mirgaa kan bitaa irra keenna
9
yokin harka keenna mirgaan ciqilee bitaa irra qabanna
10
Du'aa'ii baniinsaa
11
yaa Rabbi fageessi jidduu kiyyaaf jidduu dilii kiyyaa akkuma fageessite jiddu bahaf dhihaa, yaa rabbi na qulqulleessi dilii tiyya irra akkuma huccuu adiin xurii irraa qulqulleesitetti , yaa rabbin na dhiqi dilii tiyya irraa cabbidhaan, bishaanin fi cabbiin.
12
du'aa'ii kanneen keessaa yeroo garagaraatti kan garagaraa gochuun gochuun Sunnaa dha.
13
Maganfannaa.
14
Sheyxaana darbamaa taherraa Rabbittiin maganfadhaa
15
Al-faatiha
16
{faaruun kan rabbii aalamaati rahmata walii galaatif rahmata adda kan namaa qoodu, inni abbaa guyyaa boodaa kan ta'e, sima gabbarra simaan gargarsifanna, karaa qajeelaa nu qajeelchi, kara warra qananiiftee, kan itti hin dallanin ammas kara warra jallatee kan hin tahin}
17
Aamiin.
18
kadhaan; hiika naaf awadhu qaba
19
Qur'aanarraa waan nuu laafe qaraana
20
jilba qabachuu
21
Rabbiin irra guddaadha.
22
duyda diriirsuun osoo gadis hin dhooqqeessin ta'uu qaba.
23
Rabbiin guddaan qulqullaaye.
24
jecha yero jilba qabatan jedhemu kan sunnaa keessatti dhufe ta'a.
25
Hirdhina hunda irraa ykn waan isaan hin malle irra ol tahe qulqullahi, Rabbii malaa'ikaati fi Ruhii ykn jibriil
26
Yaa Rabbii keenna ati qulqulloofte galanni keeti, naaf araarami
27
Nama isa faarfatuu Rabbin dhagahe
28
goofta keenna faaruun keeti, faaruu heduuu, gaggaariifii kan barakaa qabu.
29
Harka lameen keenna gadi diriirsina.
30
yookin ni qabanna
31
sujuuda
32
kallacha funyaan wajjiin
33
ganaa lameen
34
jilba lameen
35
koomee lameen
36
Rabbiin kiyya ol'aanaan qulqullaaye.
37
''yeeroon gabrichii akkaan rabbitti kalaayu wayita sujuuda godhu, kanaaf kadhaa baay'isaa'' Muslimtu odeesse
38
teessuma afannaa
39
teessuma mila lami dhabanii teessuma ofii lafaan gahani taa'uu.
40
Yaa Rabbi naaf araarami( yeroo sadi)
41
yaa rabbi naa ararrami, rahmata naf godhi, na qurchi, na qajeechi, naaf hiri
42
subhii
43
Jimaata/Jum'aa
44
Iida lameen
45
Zuhri
46
Asrii
47
Magriba
48
Ishaa
49
(Kabajaa fi nageenyi / salawanni, wanti gaggaarin Rabbiifi,Yaa nabiyyii rabbii nagahaaf rahmannifii barakaan sirratti haa jiraatu, nuufii gabroota isaa gaggaarii irrattis nageenyi haa jiraatu, Rabbiin malee gabbaramaan biraa akka hin jirre ragaa nan baha, Muhaammad gabrichaa fi Ergamaa Isaa ta’uu isaas ragaa nan ba’a.”
50
''yaa Rabbii nagaha buusi Muhammad fi aalii/warra isaa irratti akkuma buufte Ibrahiimii fi aalii/warra isaarrattis, ati faarfamaadha, ulfataadha,Yaa rabbii muhaammad fi aalii/warra isaaniirratti barakaa buusi akkuma barakaa buufte Ibraahimiifii aalii/warra isaarratti, ati faarfamaa dha kabajamaas.''
51
zuhrii- asrii- magriba- ishaa
52
subhii- jimaata - iida lamii
53
''Yaa Rabbii nagaha buusi Muhammad fi aalii/warra isaa irratti akkuma buufte Ibrahiimii fi aalii/warra isaarrattis, ati faarfamaadha, ulfataadha,Yaa rabbii muhaammad fi aalii/warra isaaniirratti barakaa buusi akkuma barakaa buufte Ibraahimiifii aalii/warra isaarratti, ati faarfamaa dha kabajamaas.''
54
Nagahaaf rahmanni Rabbii isinirratti haatahu
55
''yeeroo raka'aa dhumaatiif taa'u luka bitaa dursee tan mirgaa dhaabee teessoo isaatiin lafa taa'a, '' bukhaariitu odeesse.
56
miila bitaa ciibsanii tan mirgaa dhaabanii teessoon lafa gahanii taa'uu
57
''Yaa Rabbi siin maganfadha jahannama fi azaaba qabrii irraa, ammas qormaata duniyaaf aakhiraa, sharrii qormaata masiih Ad-dajjaal irrallee'' Muslimtu odeesse
58
“Yaa Rabbi, ani baay’ee of miidhe, si malee namni dilii dhiifama gochuu danda’u hin jiru, dhiifama kee naaf godhi, naaf araarami.Dhugumatti ati araaramaa, rahmata godhuu dha.” Bukhaaritu Odeesse.
59
yaa allah araarama kee gaafadha ( yeeroo sadi)
60
Abaa hureeyraa irra odeeffame rabbin isarra haa jaalatu akkas jedhe; Ergamaa Rabbii dhagahe (nagahaaf rahmanni isaan irra haa jiraatu) akkas kan jedhu dhagahe; [wanti Gabrichi guyyaa qiyaamaa jalqaba heerregamu dalaga isaa irra salata, yoo isiin tolte milkaaye yoo isiin badde hoongahe kasaares] Abuu daawuud, tirmiziifii Nasa'itu odeessan