المختصر في صفة العمرة وأحكامها

المختصر في صفة العمرة وأحكامها

Ibsa Gabaabaa Akkaataa fi Seerota Umraa

Language: lang_om
Prepared by: Koree Beekumsaa Waldaa Tajaajila Barnoota Islaamaa Afaanota garaagaraatin
Version: 3.0
Translations 56
Amharic Assamese Azerbaijani Bambara +52
Attachments 7
PDF
Audio
Video
+3

Ibsa Gabaabaa Akkaataa fi Seerota Umraa

Faaruun kan Rabbii Gooftaa Aalamaati, nagaa fi Rahmanni Nabiyyii keenya Muhammad irratti haa jiraatu, akkasumas maatii fi sahaabota isaanii hunda irratti haa jiraatu.

Itti aansuudhaan:

Kun ergaa gabaabaa ibsa akkaataa umraa, murtii fi naamusa isaa irratti ta’e dha. Irra caalaa waan namni tokko sirna Umraa ittiin raawwatu ibsuuf yaalii goonee jirra.

Rabbiin hojii kana qulqulluu isaaf jedhee dalagame akka godhuu fi Muslimoota hunda akka isaan fayyadu kadhanna.

Koree Beekumsaa Waldaa Tajaajila Barnoota Islaamaa Afaanota garaagaraatin

Seensa

Tokkoffaa: ulaagaalee ibaadaan fudhatama ittiin argatu

Ibaadaan haalduree lamaan malee Rabbiin biratti fudhatama hin argatu:

Ikhlaasa, jechuunis waan hojjatamu sanatti fuulli Rabbii fi guyyaan Aakhiraa itti fedhamuu jechuudha, Rabbiin ol ta'e akkana jedhe: “Isaan Rabbiin qofa gabbaruu, qajeelanii amantii isa qofaaf qulqulleessuutti malee homaa hin ajajamne” [1] [Suuraa Al-Bayyinah: 5]. Gara Isaa fi ibaadaa Isaatti garagalanii, waan biraa hunda irraa garagaloo haala tahaniin jechuu dha, Tafsiira Sa'adii (fuula 538)

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedhan: "Hojiileen hundi Niyyaadhaan kan murtaa’an yoo ta’u, hundi namaa wahuma niyyate argata". (*) [2] Bukhaariin lakkoofsa (1) irratti, Muslim immoo lakkoofsa (1907) irratti gabaase.

Jechaa fi hojiinis Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hordofuudha, Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedhan: "Namni Amantii keenya kana keessatti waan biraa kan isa irraa hin taane argamsiise inni fudhatama hin qabu". Gabaasa Muslim kan biroo keessatti (1718): "Namni hojii amantii keenya keessa hin jirre hojjate itti fudhatama hin qabu". [3] Bukhaariin lakkoofsa (2697) irratti, Muslim immoo lakkoofsa (1718) irratti gabaase. [4] Muslimtu lakkoofsa (1718) irratti gabaase.

***

Lammaffaa: Murtii akkaataa Umraa fi seerota isaa barachuu.

Namni ibaadaa tokkoon Rabbii ol ta'e gabbaruu barbaade karaa Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- kan ibaadaa sana keessa jiru barachuu qaba; Sababni isaas hojiin isaa sunnaan akka wal simatuuf jecha, Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- isaan hordofuu fi karaa isaanitti hidhachuu irratti namoota kakaasaa turan. Maalik bin Al-Huweyris irraa akka odeeffametti -Rabbiin irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedhan: "Akkuma yemmuu an salaatu na argitanitti salaataa" [5] Bukhaariitu lakkoofsa (6008) irratti gabaase.

Jaabir irraa akka odeeffametti -Rabbiin irraa haa jaallatu- ni jedhe: “Nabiyyiidhaa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- guyyaa qalmaa yaabbii isaanii irra taa'anii darbachaa akkana jedhuu arge: hojiilee hajjii keessan narraa fudhaa; Ani hin beeku, tarii hajjii koo kana booda hajjii hin raawwadhu ta’a” [6] Muslimtu lakkoofsa (1297) gabaase.

***

Sadaffaa: Sadarkaa Umraa gochuu

Umraan sadarkaa lama qaba: sadarkaa waliigalaa fi kan addaa jedhamu.

Sadarkaa waliigalaa:

Abuu Hurayraa irraa akka odeeffametti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahamataa fi nageenya isa irratti haa buusu- ni jedhan: "Umraan hanga umraatti badii irraa waan jidduu isaanitti argamuuf kaffaaraa (haqaa) ta'a, hajjiin qulqulluun Jannata malee mindaa hin qabu". [7] Bukhaariin lakkoofsa (1773) irratti, Muslimtu lakkoofsa (1349) irratti gabaase.

Abdullaah ibnu Mas'uud irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- akkas jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhan: "Hajjii fi Umraa wal hordofsiisaa, akkuma buufaan tumtuu [2] xurii sibiilaa, warqee fi meetii balleessutti, isaan hiyyummaa fi diliiwwan balleessanii. Hajjii qulqulluuf Jannata malee mindaan biraa hin jiru". [8] Bakka ibidda nama sibiila hojjatuu fi nama faaya tolchuuti. Al-Tamhiid kan Ibnu Abdul Barri (15/102). [9] Tirmiziin lakkoofsa (810) irratti, Nasaa’iin immoo lakkoofsa (2631) irratti gabaase.

Sadarkaan addaa kan umraan qabdu immoo ji'a Ramadaanaa keessatti: Ibnu Abbaas irraa akka odeeffametti -Rabbi irra haa jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedhan: “Umraan Ramadaana keessaa Hajjii na waliin raawwatametti qixxaa'a" [3] jechuunis: Hajjii ana wajjiin raawwatametti qixxaa'a jechuudha, akkuma gabaasa biroo keessatti ibsametti.

***

Akkaataa umraa

Tokkoffaa: Seerota bakkoolee umraa irraa hidhataniin wal qabatan

Mawaaqiita jechuun: iddoowwan Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namni hajjii ykn umraa raawwachuu barbaade irraa akka hidhatuuf jecha isaan beeksisaniidha .

Namni Hajjii yookaan Umraa raawwachuuf fedha qabaatee eddoowwan kanneen keessaa tokko irra dhufe achirraa hidhachuun irratti dirqama ta'a, osoo hin hidhanne isa bira darbuun isaaf hin hayyamamu.

Namni eddoolee kanneen caalaa Makkaatti dhiheenya qabu: eddoma jiru san irraa hajjiif ykn umraaf harramachuu qaba.

Warri Makkaa fi namni achirraa niyyachuu barbaade: Hajjii makkuma irraa hidhatu, umraa immoo: isaan Makkaa irraa gara bakka halaal kan akka Tan'iimi fi kan kana fakkaatan bahanii achirraa hidhatu.

Namni xiyyaara keessa jiru immoo: yeroo sirrii miiqaataa ga’e niyyatee hidhata, kanaaf osoo miiqaata hin gahin qophaayee uffata ihraamaa uffachuu qaba, yeroo sirrii miiqaataa gaye yeruma sanatti ihraama niyyachuu qaba, hanga xiyyaara irraa bu'utti isa tursiisuu hin qabu, osoo miiqaata hin gahin of eeggannoo gochuuf jecha Talbiyaa jechuu ni danda'a, saffisa xiyyaarichaa irraa kan ka'een eddoon Taalbiyaa itti jedhan jalaa darbuu sodaachuuf jecha.

Akkaataa itti hidhatanii fi seerota isaa:

Nama hidhachuu barbaaduf wantoonni armaan gadii kunneen barbaachisaadha:

Dhiqachuudha, innis dhiirotaa fi dubartootaf hanga ishee dhiiga laguu fi dayumsaa qabdu gayutti sunnaa jabeeffamaa dha.

waan urgaa'u (shittoo) rifeensaa fi areedaatti dibachuudha, Erga ihraamatti seenee booda urgaan irratti hafuun isa hin miidhu. Dubartootaaf ammoo waan urgaa qabu fayyadamuun isaaniif hin hayyamamu; Akka dhiironni ormaa isa hin urgeeffanneef jecha.

Uffata Ihramaa uffachuudha, innis marxoo fi hansoolaa yoo ta'u, Sunnaan jarri lachuu adii, qulqulluu, fi haarawa ta’uudha. Dubartiin osoo bareeduma ykn faaya isii hin mulisin waan barbaadde uffattee harramachuu dandeessi, garuu niqaabaa fi guwaantii harkaa uffachuu irraa fagaachuu qabdi. Fuulaa fi harka ishee lamaan waan biraatiin dhoksuu ni dandeessi.

Ihraamni kan raawwatamu salaata karaa godhamte booda, salaata dirqamaa ta’ee yookaan kan sunnaa, garuu kun dirqamaa miti.

Akkana jedha: (yaa Rabbi Umraadhaaf awwaadhe), yoo nama biraa irraa umraa gochuu barbaade ammoo (yaa Rabbi ebalu irraa umraa gochuuf awwaadhe), jedha.

Namni ihraama godhatee gufuu umraa akka hin xumurre isa dhoorgu yoo sodaate, yeroo niyyatutti akkas jechuun ulaagaa gochuu qaba: (Labbeyka Allaahumma umratan, yoo gufuun sirna kana akka hin raawwanne na dhoorge, eddoon hiikkanaa kiyyaa bakkuman itti dhoorgame sanatti ta'a) yeroo ulaagaa akkasii san kaawwatee, wanti sirna isaa akka hin xumurre isa dhoorgu isatti argame, inni achitti hiikkata homaa irra hin jiru.

Ergasii akkana jechuun labbeyka jechuu baay'isa: (Labbeyka Allaahumma labbeyka, labbeyka laa shariika laka labbeyk, innal hamda, wanni'imata laka walmulka, laa shariika lak) hiikkaan isaas: siif tole jennee awwaane, siif tole jennee awwaanne, ati hiriyaa hin qabdu siif tole jennee awwaanne, faaruufi qananiin simaafi, mootummaanis keeti, ati shariika hin qabdu jechuudha, jechoota kanneen sagalee ol kaasee jedha, akkasumas dubartiinis yoo dhiironni alagaa (fira hin ta'in) ishee bira hin jiraanne sagalee ol kaasuun akkas jechuu qabdi. Nama ihraama qabuuf labbeyka jechuu baay'isuun barbaachisaadha, keessattuu bakka haalotaa fi yerooleen jijjiiramanitti, kunis akka gaara ol bahuu, yookaan gadi bu'uuti, yookaan akka halkan yookaan guyyaan as gara galuuti. Hiikkaan jecha: (Labbeyka) jedhuu siif awwaadhe yaa Rabbi, yeroo yeroon, hiikkaan isaas: ilmi namaa Rabbii isaatif owwaachuu fi ajaja isaa irra turuudha. "Faaruu fi qananiin keeti, akkasumas mootummaanis keeti" Faaruun: jaalalaa fi kabaja waliin faarfamaa guutumminaan ibsuudha, yoo irra deddeebi’ame sanaa'a ta’a. Qananiin: inni wanni barbaadamu argamuu fi wanni jibbamu nama irraa deebi'uun waan Rabbiin gabroota isaaf kennuudha. Jechi isaa kan: (Mootummaanis) jedhu Mootummaan kan keeti jechuu dha. Rabbiin ol ta'e isuma qofa mootiin. Jechi isaa kan: (Hiriyaa hin qabdu) jedhu mootummaa, uuminsa, garagaggalchuu fi gabbartii dabalatee amaloota Rabbii ol ta'ee tan guutuu taate irraa waan Rabbii ol ta'eef adda ta'u keessatti hiriyaa hin qabdu jechuudha. Walitti qabama Fatwaa fi ergaalee Useymiinii (22/96) irraa cuunfaan kan fudhatameedha.

Talbiyaan (Labbeyka) jechuun umraa keessatti yeroo ihraamatti seenan irraa kaasee hanga Xawaafa jalqabutti itti fufa.

Namni Ihraama qabu tokko hanga ihraama isaa irraa hiikkatutti wantoota haala ihraamaa keessatti dhoorgaman hunda irraa of eeguun irratti dirqama.

Sadaffaa: Akkaataa Xawaafaa

Namni ihraama qabu tokko yeroo Masjiidal haramiin seenu, miila isaa kan mirgaa dursuudhaan du'aa'ii yeroo masjiida seenan jedhamu jechuun isaaf sunnaa ta'a, irra sahiiha waan sana keessatti dhufe keessaa akkana jechuudha: "Allaahumma iftah Lii Abwaaba Rahmatik" jechuunis: yaa Rabbi balbala rahmata keetii naaf bani, jechuudha. Du'aa'ii kana yeroo masjida kamuu seenu isa jechuu ni danda'a, Masjiidal haraama qofa irratti daangeffamaa miti.

Yeroo naanna'uu (xawaafuu) barbaade, talbiyaa (labbeyka) jechuu ni dhaaba, uffata isaa kan gubbaan godhatus bobaa harka mirga isaa jalaan dabarsuun ceekuu harka isaa kan bitaa irra dabarsa, yeroo xawaafa geesse ammoo akkuma dura uffataa turetti deebisa; Sababni isaas bifa kanaan uffachuun xawaafa qofaaf waan ta'eef jecha.

Sana booda gara Dhagaa Gurraachaa deemuun harka isaa mirgaatiin isa tuqee isa dhungata, yoo isa dhungachuu dadhabe harka isaatiin isa tuqee harka isaa sana dhungata, harka isaatiin isa tuquun yoo isaaf hin laafin, waan biroo kan isa bira jiru kan akka ulee fi waan isa fakkaatun isa tuqee isa dhungata, kun hundinuu yoo isaaf hin laafin Dhagichatti garagalee harka isaatin itti akeeka, garuu isa hin dhungatu. Irra caalaan ni dhunganna jedhanii nama cinquu dhabuu dha.

Dhagaa sana yeroo dhungatutti ykn itti akeekutti akkana jedha: (Allaahu Akbar).

Sana booda gara mirgaa qabatee Kaabaa gara bitaa isatti godha, yeroo roga gara Yaman bira gahe isa dhungatuun maletti isa harkaan qabata, Yoo hin danda'amne nama hin dhiibu, harka isaatinis itti hin akeeku.

Ruknii Yamanii fi Dhagaa Gurraacha gidduu yeroo gahe akkas jedha: (Rabbanaa Aatinaa fiddunyaa hasanatan wafil aakhirati hasanatan waqinaa azaabannaar) jechuunis: Yaa Rabbii keenya addunyaa keessatti waan gaarii, aakhirattis waan gaarii nuuf kenni adabbii ibiddaa irraa nu eegi jechuudha.

Yeroo Dhagaa gurraacha bira darbu hunda harka isaatiin itti akeekee akkana jedha: (Allaahu Akbar).

Xawaafa isaa kan hafe keessatti zikrii, du'aa'ii fi Qur'aana qara'uu irraa waan jaallate godha.

Sunnaan marsaalee sadan jalqabaa qofa keessatti sugsuguudha/ saffisaan deemuudha. Ramala jechuun: tarkaanfii walitti dhiheessuu waliin saffisaan deemuudha. Marsaalee afran hafan keessatti ammoo akkuma aadaa isatti suuta jedhee deemudha.

Xawaafa yeroo xumure gara Maqaama Nabi Ibraahiim deemuun akkas jedhee qara’a: ﴾Eddoo dhaabbata Ibraahiim irraa eddoo salaataa taasifadhaa...﴿ [Suuraa Al Baqaraa :125] Ergasii yoo danda’ame duuba dhaabbata Nabi Ibraahiimitti raka’aa lama salaata, yoo kana hin taane masjiida keessatti bakka kamittuu isaan lamaan salaatuu ni danda'a, booda Faatihaatii raka'aa duraa keessatti ni qara'a: “Yaa kaafiroota!” [Suuraa Al-kaafiruun :1] erga faatihaa qara'ee booda raka'aa lammaffaa keessatti ni qara'a: (Qul Huwa Allaahu Ahad). [Suuraa Ikhlaas :1]

Afraffaa: Akkaataa Sa'ayiiti

Yeroo xawaafaa fi raka'aa lamaan xumure booda gara eddoo sa'iyii (Safaa fi Marwaa) baha, gara gaara safaa yeroo dhihaatetti akkas jedhee qara'a: "Inna Al-Safaa wal Marwata min sha'aa'irillaah..." jiechuunis: dhugumatti Safaa fi Marwaan mallattoolee Rabbii irraayi, jechuudha. ([Al-Baqaraa: 158]. Achiis akkana jedha: “Wanta Rabbiin ittiin jalqabeen jalqaba”. «Abda'u bimaa bada'a Allaahu bih» jechuunis: waan Rabbiin Isaan jalqabeenin jalqaba, jechuudha [12]. (12) Muslimtu, lakkoofsa (1218) irratti gabaase.

Sana booda hanga Kaabaa ykn kallattii isaa argutti gaara Safaa irratti ol ba’a, eegasii gara Kaabaa garagalee dhaabbatee Rabbiin tokkichoomsee, Allaahu akbar jechuun akkana jedha: (Laa Ilaaha Illallaahu Wadahuu Laa Shariika Lah, Lahul Mulku Walahu Hamd, Wa Huwa Alaa Kulli Shey'in Qadiir, Laa Ilaaha Wahdah, Anjaza Wa'adahuu, Wanasara Abdah, Wahazamal ahzaaba Wadah) jechuunis: Rabbiin qofa malee haqaan gabbaramaan hin jiru, inni tokkicha hiriyaa hin qabne, Mootummaan kan isaati faarunis kan isaati, Inni waan hundaa danda'aadha, Rabbiin qofa malee haqaan gabbaramaan hin jiru, Inni waadaa isaa raawwatee, garbicha isaatif tumsee, tuuta kaafirtootaa kophaa isaa cabse jechuudha, sana yeroo sadii irra deddeebi'uun jedha, gidduu sanatti du'aa'ii godhata. “Laa Ilaaha Illallaahu Wahdahuu Laa Shariika Lah, Lahul mulku walahul hamd, Wahuwa alaa kulli shey'in qadiir, Laa ilaaha illallaahu wahdah, Anjaza wa'adah, wa nasara abdah, wahazamal ahzaaba wahdah", jechuunis: Haqaan gabbaramaan Rabbii tokkicha hiriyaa hin qabne, Mootummaan kan isaati galatnis kan isaati, inni waan hundaa danda'aa dha. Rabbii tokkicha malee haqaan gabbaramaan biraa hin jiru, waadaa isaa raawwatee, garbicha isaatif tumse , tuuta kaafirootaa kophaa isaa cabse, jechuudha. Eegasii gidduu sanatti Rabbiin kadhata. Yeroo sadii akkana jedha [13]. [13] Muslimtu lakkoofsa (1218) irratti gabaase.

Sana booda Safaa irraa gara Marwaatti miilaan gadi bu'a, yeroo mallattoo magariisa bira gahe fiigicha cimaa fiiga, yeroo Mallattoo magariisa lammaffaa bira gahe akkuma barame suuta deema, Garmalee fiigun dubartootaaf hin hayyamamu.

Yeroo Marwaa gahe waan Safa irratti hojjate hojjachuun isaaf sunnaa taha (keewwata lakk. 2).

Sana booda Marwaa irraa gara Safaatti miilaan gadi bu’a, Mallattoo magariisa bira yeroo gahe fiigicha cimaa fiiga, yeroo Mallattoo magariisa lammaffaa bira gahe akkuma aadaa isaatti deema.

Akkuma kanaan itti fufa hanga marsaalee torban xumurutti, Safaa irraa gara Marwaatti deemuun isaa marsaa tokko, Marwaa irraa gara Safaatti deebi'uun ammoo marsaa biraati.

Sa'ayii isaa keessatti zikrii, du'aa'ii fi Qur'aana qara'uu irraa waan jaalate godha.

Shanaffaa: Akkaataa rifeensa itti haaddatanii fi gabaabsatani:

Namichi sirna umraa raawwatu tokko Xawaafa fi Sa'ayii isaa yeroo xumure, yoo dhiira ta’e rifeensa mataa isaa haaddachuun ykn gabaabsuun isa irratti dirqama, Sunnaan haaduun yookaan gabaabsuun mataa guutuu wal gayuudha.

Rifeensa gabaabsuu caalaa haaddachuutu irra caala, yoo yeroon Hajjii akka malee dhihaatee rifeensi mataa hin biqilu jedhee yoo yaade malee, yeroo san gabaabsachuutu irra caala.

Dubartiin ammoo hamma fiixa qubaa waan tahu tokko qaccee rifeensa ishee irraa gabaabsiti.

Wantoota nama ihraamatti seene irratti Dhoorgamoo ta'an

Wantoonni nama ihraamatti seene irratti Dhoorgamoo ta'an:

Kutaa qaamaa kamuu irraa rifeensa haaddachuu, yookaan isa muruu ykn isa buqqisuudha.

Miila lamaan yookaan harka lamaan irraa qeensa hunda yookaan garii isaa muruudha.

Waan itti maxxanuun mataa haguuguudha, sunis waan akka: koofiyyaa fi marataati, amaamaa, akkasumas uffata mataa irra kaawwachuudha, ykn mandiila, ykn uffata qorraa, ykn kaartoona ykn haguuggiif itti fayyadaman irraa waan biraa mataa irra kaawwachuudha. Kuni namootaa dhiiraa malee dubartoota hin ilaallatu.

Uffata idilee kan likkii qaamaa namaa irratti namaa irratti hodhame bifa isaa isa barameen uffachuudha, Fakkeenyaaf: uffata guututti hodhame, surree, shamizii, kaalsii fi guwaantii lamaani. Kun dubartootaaf osoo hin taane dhiirota qofaafi. Dubartoonni ammoo kan armaan gadii irraa dhoorgamu:

Niqaaba, yookaan waan niqaaba fakkaatu kan fuulli isaan haguugamu kamuu godhachuudha, bakka dhiironni alagaa jiranitti fuula ishee haguuggii fuulaa kan barameen haguuguun ishee irratti dirqama taha, haguuggiin fuula ishee yoo tuqellee bifa sanaan haguuggachu qabdi, Haguuggiin sun akka fuula ishee hin tuqneef jecha mataa ishee irratti shaashii ykn waan sana fakkaatu mataa ishee irra kaa’uun isheef hin hayyamamu; Sababni isaas sun karaa tahuu wanni agarsiisu waan hin jirreef jecha.

Harka ishee lamaan irratti guwaantii lamaan uffachuudha, bakaa dhiironni alagaa jiranitti harka ishee lamaan abayaa ishee keessa kaa’uudhaan harka ishee lamaan haguuggachuun irratti dirqama.

Qaama ykn uffata ihraamaa irratti waan urgaa'u fayyadamuudha.

Bineensa bosonaa ajjeesuudha, ykn adamsuudha, osoo isa ajjeesuu baatellee.

Dubartii fuudhuuf ofii isaatif ta'ee yookaan nama birootif gaafachuudha.

Waliigaltee gaa’elaa raawwachuudha.

Qaama saalaatin alatti dubartii waliin wal qunnamtii raawwachuudha, suni akka dhungachuu fi fedhiidhaan tuquuti.

Walqunnamtii saalaa raawwachuudha, innis qaama saalaa keessa walqunnamtii saalaa raawwachuudha.

Cuunfaa hojiiwwan Umraa (waraqaa haguugduu ykn fuula dhumaa irratti ta'a).

Dhiqachuu

Waan urgaahu dibachuu

Uffata Ihraamaa uffachuu

Hidhachuu, innis hojiilee umraa keessa seenuu niyyachuudha.

Talbiyaa (labbeyka) jechuudha.

Beytiin naanna'uudha.

Salaata Raka'aa lama Maqaama Ibraahiim duubatti salaatuudha.

Jidduu Safaa fi Marwaa deemuudha.

Rifeensa mataa haaddachuu ykn gabaabsuudha. Rabbiin hunda caalaa beekaa dha, Rabbiin Nabiyyii keenya Muhammad irratti rahmataa fi nageenya haa buusu.