كيفية صلاة النبي - صلى الله عليه وسلم -

كيفية صلاة النبي - صلى الله عليه وسلم -

Akkaataa Salaata Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu.

Language: lang_om
Prepared by: Kabajamoo sheek Abdul Aziiz ibnu Baaz
Version: 2.1
Translations 74
Afrikanns Amharic Assamese Azerbaijani +70
Attachments 7
PDF
Audio
Video
+3

Akkaataa Salaata Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu.

Kabajamoo Sheek

Abdul Aziiz ibinu Abdullaah ibinu Baaz

Maqaa Rabbii rahmata godhaa mararfataa ta'eetiin.

Faaruun kan Rabbii tokkichaati -rahmannii fi nageenyi gabrichaa fi ergamaa Isaa nabiyyii keenya Muhammad irratti haa jiraatu- akkasumas maatii fi sahaabota isaanii irrattis haa jiraatu, itti aansuudhaan:

Kun jechoota gabaaboo akkaataa salaata Nabiyyii -Rabbbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ibsuu keessatti ta'aniidha. Namni isaan dubbisu hundi sana keessatti fakkeenya isaan godhachuu keessatti akka tattaafatuuf jecha muslima dhiira fi dubartii hundaaf isaan dhiheessuu barbaade; Jecha isaanitiif jecha -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-: (Akkuma anaa salaatu na agartanitti salaataa) [1]. Nama dubbisuuf akka armaan gadii kanatti ibsameera: [1] Bukhaariitu lakkoofsa (605) irratti gabaase.

1- Wuduu'a guutee godhata, innis akka Rabbiin isa ajajetti wuduu'a godhachuudha, Jecha Rabbii ol ta'eetti hojjachuuf jecha: ﴾Yaa warra amantan! Yeroo salaataaf kaatan, fuulleen keessan dhiqadhaa, harkoowwan keessanis hanga ciqileetti, (dhiqadhaa) Mataawwan keessaniis haxaa'aa; Lukkeen keessanis hanga koronyoo lameeniitti (dhiqaa)...) [Al-Maa'idaa: 6]. Aayaa itti guuti.

Akkasumas jecha Nabiyyitti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hojjachuuf jecha: (Salaanni kamuu qulqullinaan maletti fudhatama hin qabdu) [2]. [2] Muslimtu lakkoofsa (224) irratti gabaase.

Ammas jecha isaanii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- kan namicha salaata isaa balleesseen jedhanitti hojjachuuf jecha: (Yeroo salaataaf kaate, wuduu'a guuttadhu) [3]. [3] Bukhaariitu lakkoofsa (5782) irratti gabaase.

2- Namichi salaatu bakka kamu ta'ee qalbii isaatiin salaata raawwachuu barbaadu sana kan dirqamaas ta'ee yookaan kan sunnaa haala niyyateen qaama isaa guutuudhaan gara Qiblaa Ka'abaatti garagala, Niyyaa arraba isaatin hin dubbatu; Arrabaan dubbachuun karaa kan hin godhamne waan ta'eef jecha, Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- fi Sahaabonni isaanii waan niyyaa hin dubbatiniif jecha, Yoo imaama yookaan nama kophaa salaatu ta'e sutraa itti garagalee salaatu ni godhata, Salaata keessatti Qiblaatti garagaluun haal-duree salaataati, yoo wantoota beekamoo adda ta’an kan kitaabota ulamaa’otaa keessatti ibsaman ta'e malee.

3- ija isaatiin bakka suujuuda isaa ilaalaa Allaahu Akbar(Rabbi guddate) jechuunTakbiiraa ihraamaa jedha.

4- Yeroo Takbiira jedhutti harka isaa lamaan qixa ceekuu yookaan qixa gurra isaa lamaaniitti ol kaasa.

Harka mirgaa kan bitaa irra kaa'uudhaan harka isaa lamaan qoma isaa irra kaa'a; Sun Nabiyyii irraa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waan mirkanaa'ef jecha.

5- Du'aa'ii baniinsaa qara'uun sunnaa ta'a, innis akkana jechuudha: «Allaahumma baa'id beynii wa beyna khaxaayaaya, kamaa baa'adta beynal mashriqi wal maghrib, Allaahumma naqqini minal khaxaayaa kama yunaqqa assowbul abyadu mina addanas, Allaahumma ighsil khaxaayaaya bil maa'i wassalji wal barad, jechuunis: Yaa Rabbi akkuma gidduu bahaa fi dhihaa gargar fageessitetti anaa fi dilii koo gargar fageessi, Yaa Rabbi akkuma uffanni adiin xurii irraa qulqullaa'utti dilii koo irraa na qulqulleessi, Yaa Rabbi dilii koo irraa bishaanin, fixeensaa fi cabbiin na dhiqi, jechuudha». [4] Bukhaariin lakkoofsa (744) irratti, Muslim immoo lakkoofsa (598) irratti gabaase.

Yoo barbaade bakka sanaa akkana jedha: (Subhaanaka Allaahumma wa bihamdika, wa tabaarakasmuka, wa ta'aalaa jadduka, wa laa ilaaha gheyruka", jechuunis: Yaa Rabbi si faarsuun waliinin qulqulleessuu si qulqulleessa, kheyriin maqaan keetii heddummaate, guddinni kee ol ta'e, haqaan gabbaramaan si malee hin jiru" jechuudha) [5]. Du'aa'ii baniinsa salaataa kan nabiyyii irraa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- mirkanaa'an irraa yoo kan biroo fayyadame rakkoo hin qabu, garuu irra caalaan yeroo tokko kana yeroo biroo kaan fayyadamuudha; Suni sunnaa hordofuu keessatti irra guutuu waan ta'eef jecha, eegasii akkana jedha: A'uuzu billaahi min asheyxaanirrajiim, Bismillaahi Al-Ramaani Al-Rahiim, eegasii suuraa Faatihaa ni qara'a, jecha nabiyyii kan akkana jedhuuf jecha: (Nama Faatihaa hin qara’iniif salaanni hin jiru) [6]. Eega faatihaa qara'ee booda salaata sagalee itti ol qabatan keessatti sagalee ol qabachuudhaan, salaata sagalee itti gadi qabatan keessatti immoo sagalee gadi qabachuudhaan Aamiin jedha, eegasii Qur'aana irraa waan isaaf laafe qara'a, garuu caalaan salaata Zuhrii, Asrii fi Ishaa'ii keessatti walakkaa suurota (mufassal) (ammarraa hanga duhaa) gaggabaaboo basmalaan gidduu isaanii adda babaafamanii irraa qara'uudha, Fajrii keessatti immoo dhedheeroo Mufassal irraa qara'uu fi Mghriiba keessatti yeroo tokko dhedheeroo isaa irraa qara'uu fi yeroo kaan iimmoo gaggabaaboo isaa irraa qara'uudha; Hadiisota sana keessatti dhufanitti hojjachuuf jecha. [5] Muslimtu lakkoofsa (399) irratti gabaase. [6] Bukhaariin immoo lakkoofsa (756) irratti gabaase.

7- Allaahu Akbar jechaa harka isaa lamaan qixa ceekuu isaa lamaanitti yookaan qixa gurra isaa lamaaniitti ol kaasee Rukuu'a godha, mataa likkii dugda isaatti godhee, harka isaa lamaan qubbeen isaanii gargar babaasee jilba isaa lamaan irra kaa'uun, Rukuu'a isaa keessatti tasgabbaa'a, yeroo sanatti akkana jedha: Subhaana Rabbiyal Aziim(Rabbiin guddaa ta'e qulqullaa'e). Caalaan yeroo sadii ykn sanaa ol irraa deddeebi'ee jechuudha, sanaan waliin akkana jechuun ni jaallatama: (Subhaanaka Allaahumma wabihamdika, Allaahummaghfilii, jechuunis: Yaa Rabbi qulqullinnii fi faaruunis siif ta'e, Yaa Rabbi naaf dhiisi), jechuudha) [7]. [7] Bukhaariin lakkoofsa (817) irratti, Muslim immoo lakkoofsa (484) irratti gabaase.

8-harka isaa lamaan qixa ceekuu isaa lamaanitti yookaan qixa gurra isaa lamaanitti ol fuudhaa akkas jedhaa mataa isaa rukuu'a irraa ol qabata: (Sami'allaahu liman hamidah, (Rabbiin nama isa faarsef dhaga'e), jechuudha) Yoo imaama yookaan nama kophaa salaatu ta'e akkas jedha-, yeroo dhaabbatu keessatti akkana jedha: (Rabbanaa walakal hamdu hamdan kasiiran xayyiban mubaarakan fiihi mil'assamaawaati wamil'al ardi, wamil'a maa shi'ita min shey'in ba'ad, jechuunis: (Rabbii keenya faaruun keeti, faaruun baay'ee, gaarii, barakeeffamaa ta'e, akkasumas faaruun guutaa samii, dachii fi sana boodas faaruun wantoota ati feete guutaa ta'es keeti) jechuudha [8]. [8] Bukhaariin lakkoofsa (711) irratti, Muslim immoo lakkoofsa (598) irratti gabaase.

Yoo ma'amuuma ta'e immoo yeroo ol jedhutti akkana jedha: Rabbanaa walaka Al-hamdu(Rabbii keenyaa faaruun kanuma keeti), hanga xumura waan darbetti itti fufa, hundi isaanituu -imaamni, ma'amuumni fi namichi kophaa salaatu- akkana jechuu yoo dabalan: (Ahlassanaa’i wa Al-majdi, ahaqqu maa qaala Al-abdu, wa kullunaa laka abdu, Allaahumma laa maani‘a limaa a'axeyta wa laa mu'uxiya limaa mana'ata wa laa yanfa'u zal jaddi minkal jaddu, jechuunis: (Yaa Rabbi ati warra faaruu fi guddinaati, irra dhugaan waan gabrichi jedhee, nuti hundinuu gabroota keeti: Yaa Rabbi! wanta ati kennite kan dhoorguu danda’u hin jiru, wanta ati dhoorgites kan kennuu danda’u hin jiru, nama duruma qabu durumti isaa sun si irraa isa hin fayyadu) jechuudha [9]. kana jechuunid bareedaadha, waan isaan irraa mirkanaa'ee jiruuf jecha. [9] Muslimtu lakkoofsa (477) irratti gabaase.

Hundi isaanituu -imaamni, ma'amuumni fi namichi kophaa salaatu- harka isaanii lamaan qoma isaanii irra kaa'uun ni jaallatama, osoo Rukuu'a hin godhin akkuma haala dhaabbatiinsa isaa keessatti hojjatetti; Wanti sana agarsiisu hadiisa Waa'il bin Hujrii fi Sahl bin Sa'ad -Rabbiin isaan lamaan irraa haa jaallatu- Nabiyyii irraa odeessaniin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waan mirkanaa'ee jiruuf jecha.

9-Yoo isaaf laafe jilba isaa lamaan harka isaa lamaan dura dursee lafa irra kaa'uudhaan Allaahu Akbar jechaa sujuuda godha, yoo kan itti jabaatu ta'e harka isaa lamaan jilba isaa lamaan dura dursa, qubbeen miila isaa lamaani fi harka isaa lamaanitiin Qiblaatti haala garagaleen, akkasumas qubbeen harka isaa lamaanii walitti qabee haala ishee diriirseen, Sujuudnis qaamota torban irratti ta'a: adda funyaan waliin, harka lamaan, jilba lamaani fi keessa qubbeen miila lamaaniiti, yeroo sanatti akkana jedha: Subhaana Rabbiyal A'alaa(Rabbiin ol ta'e qulqullaa'e), kana yeroo sadii yookaan sanaa ol jechuun sunnaa ni ta'a, kanaa waliinis akkana jechuun ni jaallatama: (Subhaanaka Allaahumma Rabbanaa wabihamdika, Allaahummaghfirlii, jechuunis: (Yaa Rabbi qulqullinii fi faaruun siif ta'e, Yaa Rabbi naaf araarami) jechuudha. Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waan akkana jedhanii jiranuuf jecha: du'aa'iis ni baayyisa: (Rukuu'a immoo isa keessatti Rabbiin guddisaa, Sujuuda keessatti immoo du'aa'itti jajjabaadhaa, isiniif qeebalamuun dhugaadha) [10]. [10] Muslimtu lakkoofsa (479) irratti gabaase.

toltuu duuniyaa fi Aakhiraa irraa Rabbii isaa kadhata. Salaanni salaata waajibaa yookaan kan sunnaa ta'us tokkuma, irree isaa lamaan cinaacha isaa lamaan irraa fageessu qaba, garaa isaa sarbaa isaa lamaan irraa fageessu qaba, sarbaa isaa lamaan immoo mogolee isaa lamaan irraa fageessu qaba, dhundhumma isaa lamaan dachii irraa ol kaasu qaba, Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waan akkana jedhanii jiranuuf jecha: (Sujuuda keessatti jiddu galeessa ta'aa, tokkoon keessan akka sareetti dhundhuma isaa lamaan lafa irratti hin diriirsin) [11]. [11] Bukhaariin lakkoofsa (788) irratti, Muslim immoo lakkoofsa (493) irratti gabaase.

10- Allaahu Akbar jechaa mataa isaa ol kaasa, miila isaa kan bitaa afee irra taa'a, miila isaa kan mirgaa immoo ol dhaaba, harka isaa lamaan sarbaa fi jilba isaa lamaan irra kaa'uun, akkana jedha: (Rabbighfir lii, warhamnii, wahdinii, warzuqnii, wa'aafinii, wajburnii, jechuunis: (Yaa Rabbii koo! naaf araarami, rahmata naaf godhi, na qajeelchi, rizqii naaf kenni, nagaa na taasisi, na jabeessi) jechuudha [12]. Teessuma kana keessatti tasgabbaa'uu qaba. [12] Tirmiiziin lakkofsa (284) irratti, Abuu Daawuud lakkoofsa (850) irratti, Ibnu Maajah lakkoofsa (898) irratti gabaase.

11- Allaahu Akbar jechaa sujuuda lammaffaa godha, isa keessatti wahuma sujuuda duraa keessatti hojjate hojjata.

12- Allaahu Akbar jechaa mataa isaa ol kaasa, akkuma teessuma sujuuda lamaan jidduutti teessuma salphaa taa'a, kunis teessuma boqannaa jedhamee waamama, innis jaallatamaadha, yoo isa dhiise diliin irra hin jiru, teessuma kana keessa zikrii fi du;aa'iin hin jiru, eegasii yoo isaaf laafe jilba isaa lamaan irratti hirkatee gara raka'aa lammaffaatti ol ka'a, jilba irratti hirkachuun yoo itti ulfaate dachii irratti hirkatee ka'a, eegasii faatihaa qara'ee, booda sanaatii Qur'aana irraa waan isaaf laafe qara'a, eegasii akkuma rak'aa jalqabaa keessatti hojjate hojjata.

13- Salaanni salaata raka'aa lamaa kan salaata fajrii, jumu'aa fi Iiida lamaanii yoo ta'e eega sujuuda lammaffaa irraa ol jedhee, miila isaa kan mirgaa ol dhaabee, kan bitaa immoo afatee, akkasumas harka isaa kan mirgaa sarbaa isaa kan mirgaa irra kaa'ee, qubbeen isaa hunda walitti qabee taa'a, quba agarsiiftuu malee, isheedhaan immoo tokkichummaaa Rabbiitti akeeka, harka isaa kan mirgaa irraa quba xiqqaa fi kan itti aanu qabee, quba abbudduu immoo kan walakkaa waliin geenggessee, quba agarsiiftuun yoo akeekes gaarii ta'a; Akkaataan lamaanuu Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- irraa waan mirkanaa'ee jiruuf jecha, irra caalaan yeroo tokko kana yeroo biroo immoo kaan fayyadamuudha, harka isaa kan bitaa sarbaa fi jilba isaa kan bitaa irra ni kaa'a, eegasii teessuma kana keessatti tashahhuda qara'a, innis: (Attahiyyaatu lillaahi, wassalawaatu, waxxayyibaatu, Assalaamu aleyka ayyuhannabiyyu warahmatullaahi wabarakaatuh, Assalaamu aleynaa wa alaa ibaadillaahissaalihiin, ashhadu an laailaaha illallaahu wa ashhadu anna Muhammadan abduhuu warasuuluh, jechuunis: (kabajoonni salaatonni wanti gaggaariin Rabbi qofaafi, nageenyi fi rahmanni Rabbii sirra haa jiraatu Yaa Nabiyyicha, nuu fi gabroottan Rabbii gaggaarii irrattis nageenyi haa jiraatu, Rabbi malee haqaan gabbaramaan akka hin jirre ragaa nan baha, akkasumas Muhammad gabricha rabbiiti fi ergamaa isaa ta'uu ragaa nan baha) echuudha. Eegasii akkana jedha: (Allaahumma salli alaa Muhammadin, wa alaa Aali muhammadin, kamaa sallayta alaa Ibraahiima wa alaa Aali Ibraahiima Innaka Hamiidun Majiid, wa baarik alaa Muhammadin, wa alaa Aali Muhammadin, kamaa baarakta alaa Ibraahiima wa alaa aali Ibraamiima innaka hamiidun majiid, jechuunis: (yaa Rabbii Muhammadii fi maatii isaanii irratti nagaha buusi akkuma Ibrahiimiifi maatii isaa irratti buuftetti,ati faarfamaadha, guddaadha, yaa Rabbi Muhammadii fi maatii isaa irratti barakaa buusi akkuma Ibraahiimii fi matii isaa irratti barakaa buuftetti, ati faarfamaadha, guddaadha) jechuudha [13]. [14] Bukhaariin lakkoofsa (797) irratti, Muslim immoo lakkoofsa (402) irratti gabaase.

Akkana jechuudhaan wantoota afur irraa Rabbitti maganfata: (Allaahumma innii A'uuzu bika min azaabi jahannama, wa min azaabil qabri, wa min fitnatil mahyaa wal mamaati, wa min sharri fitnatil masiihddajjaal, jechuunis: (Yaa Rabbi! adabbii jahannamaa, adabbii qabrii irraa akkasuma fitnaa jireenyaa du'aa fi sharrii fitnaa masiihiddajjaal irraa sittin maganfadha) jechuudha [14]. [14] Bukhaariin lakkoofsa (1311) irratti, Muslim immoo lakkoofsa (588) irratti gabaase.

Eegasii kheyrii duuniyaa fi Aakhiraa waan barbaade Rabbiin kadhata, haadhaa fi abbaa isaatif yookaan muslimtoota irraa nama birootifIs yoo du'aa'ii godhe rakkoo hin qabu- salaanni salaatamu salaata dirqamaa yookaan kan sunnaa ta'us tokkuma-; Jecha Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- yeroo ibnu mas'uudiin -Rabbi isa irraa haa jaallatu- tashahhuda barsiisan jedhan keessa waan galuuf jecha: (Eegasii du'aa'ii irraa waan isatti tolu filatee du'aa'ii haa godhatu) [15]. gabaasa biroo keessatti akkana jechuutu jira: (Eegasii kadhaa Rabbii irraa waan barbaade haa filatuu) [16]. [15] Nasaa'iitu lakkoofsa (1298) irratti gabaase. [16] Muslim immoo lakkoofsa (402) irratti gabaase.

Kunis duuniyaa fi aakhiraa keessatti waan gabricha fayyadu hunda hammata. Eegasii gama mirgaa fi bitaa isaatti akkana jechuudhaan salaamataa jedha: Assalaamu aleylum wa rahmatullaah, Assalaamu aleykum wa rahmatullaah.

14- Salaanni salaata raka'aa sadi'ii kan akka maghriibaa yookaan salaata rak'aa afurii kan akka zuhrii, asrii fi ishaa'ii yoo ta'e salawaata Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-irratti buusuu waliin Tashahhuda armaan olitti tuqame qara’uun, eegasii jilba isaa lamaan irratti hirkatee, harka isaa lamaan qixa ceekuu isaa lamaanitti yookaan gurra isaa lamaanitti ol kaasee akkana jechaa ol ka'a: Allaahu Akbar, harka isaa lamaan akkuma darbetti qoma isaa irra kaa'a, eegasii faatihaa qofa qara'a, Rak'aa sadaffaa fi afraffaa Zuhrii keessatti yeroo garii faatihaa irratti dabaluun waan biroo yoo qara'e rakkoo hin qabu; Hadiisa Abuu Sa'iid -Rabbi irraa haa jaallatu- keessatti wanti sana agarsiisu Nabiyyii irraa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- mirkanaa'ee waan jiruuf jecha, booda tashahhuda jalqabaatti salawaata Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- irratti buusuu yoo dhiises rakkoo hin qabu; Sababni isaas inni tashahhuda jalqabaa keessatti jaallatamaadha malee dirqama waan hin ta'iniif jecha, eegasii booda rak'aa sadaffaa maghriibaatii tashahhuda qara'a, akkasumas booda rak'aa afraffaa zuhrii, asrii fi ishaa'iitii tashahhuda qara'a, sun akkuma salaata rak'aa lamaa keessatti darbetti, eegasii gama mirgaa fi bitaa isaatti salaamtaa jechuun, yeroo sadii araarama kadhachuudhaan akkana jedha: (Allaahumma Antassalaamu, Wa minkassalaamu, Tabaarkta Rabbanaa Yaa Zal jalaali wal ikraam, jechuunis: (Yaa Rabbi ati abbaa nagaati, nageenyilleen si irraayi, kheyriin kee baay'atee jira yaa abbaa guddinaa fi kabajaa) jechuudha [17]. yoo imaama ta'e namootatti garagaluun duratti jedha, eegasii akkana jedha: (Laa ilaaha Illallaahu wahdahuu Laa shariika Lahuu, Lahul Mulku, Wa Lahul Hamdu, Wa Huwa Alaa Kulli shey'in Qadiir, Laa Hawla Wa Laa Quwwata Illaa Billaah, Wa Laa Na'abudu Illaa Iyyaahu, Lahunni'imatu Walahul Fadlu, Walassanaa'ul Hasanu, Laa ilaaha Illallaahu Mukhlisiina Lahuddiina Wa Law Karihal Kaafiruun, jedha hiikkaan isaa: (Dhugaan gabbaramaan Rabbii tokkicha hiryaa hin qabne malee hin jiru, mootummaan kan isaati, faarunis kan isaati, inni waan hunda irratti danda'aadha, mallis dandeettinis Rabbiin malee hin jiru, yaa Rabbi! waan ati kennite kan dhoorgu hin jiru, waan ati dhoorgite immoo kan kennu hin jiru, abbaa durummaa durumti isaa si irraa isa hin fayyadu, dhugaan gabbaramaan Rabbi malee hin jiru, isa malee homaa hin gabbarru, qananii, tollii fi faaruun gaarin kan isaati, dhugaan gabbaramaan Rabbi malee hin jiru, gabbartii isaaf qulqulleessoo haala taanen, kaafirtoonni osoo jibbanillee) jechuudha [18]. [17] Muslimtu lakkoofsa (591) irratti gabaase. [18] Muslimtu lakkoofsa (402) irratti gabaase.

Yeroo soddomii fi sadii Rabbiin qulqulleessee, akkuma sana yeroo soddomii sadi isa galateeffata, akkuma sana yeroo soddomii sadi Allaahu Akbar jechuudhaan isa guddisee, dhibba guutuuf jecha akkana jedha: Laa ilaaha Illallaahu wahdahuu Laa shariika Lahuu, Lahul Mulku Wa Lahul Hamdu, Wa huwa Alaa Kulli shey'in Qadiir, jechuunis: Rabbii tokkicha hiriyaa hin qabne malee dhugaan gabbaramaani hin jiru, mootummaan kan isaati, faarunis kan isaati, inni waan hunda irratti danda'aadha, jechuudha, eegasii booda salaata hundaatii Aayatal kursii, Qul Huwallaahu Ahad, Qul A'uuzu biRabbil falaqii fi Qul A'uuzu biRabbinnaas qara'a, salaata fajriitii fi salaata maghribaa boodatti suuraalee sadeen tana yeroo sadii irra deebi'ee qara'uun ni jaallatama; Nabiyyii irraa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hadiisonni sanaan waan dhufaniif jecha, Zikroowwan kunneen hundi sunnaadha malee dirqamaa miti.

Muslima dhiiraa fi dubartii hundaaf salaata zuhrii duratti raka'aa afur, booda isaatti raka'aa lama, salaata maghriibaa boodatti raka'aa lama, salaata ishaa boodatti raka'aa lama, salaata fajrii duratti raka'aa lama, walumaa galatti raka'aa kudha lama salaatuun karaa godhamaadha. Raka’aawwan kunniin rawaatiba jedhamanii waamaman; Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- yeroo biyya jiran keessatti isaan irratti kan tikfatan waan ta'aniif jecha. Imala keessatti immoo sunnaa Fajrii fi witrii malee isaan kaan ni dhiisu turani, nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- biyyaa fi imala keessatti isaan lamaan ni tikfatu ture, irra caalaan rawaatibni kunniinii fi witriin mana keessatti raawwatamuudha, yoo masjiida keessatti isaan salaate rakkoo hin qabu; Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waan akkana jedhaniif jecha: (Irra caalaan salaata namichaa mana isaa keessatti, salaata dirqamaa malee) [19]. [19] Bukhaariitu lakkoofsa (6860) irratti gabaase.

Raka'aawwan kanneen irratti tikfachuun sababoota Jannata itti seenan irraayi; Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waan akkana jedhaniif jecha: (Namni guyyaa fi halkan keessatti raka'aa kudha lama salaate jannata keessatti sababaa isaanitiin manni isaaf ijaarama) [20]. [20] Muslimtu lakkoofsa (728) irratti gabaase.

Asrii duratti raka'aa afur, salaata maghribaatii fi ishaa'ii duratti raka'aa lama yoo salaate gaariidha ta'a; Nabiyyii irraa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- wanti sana agarsiisu waan mirkanaa'ee jiruuf jecha, Zuhrii duraa fi boodatti raka'aa afur afur yoo salaate bareedaadha; Jecha isaanitiif jecha -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu: «Namni salaata zuhrii duraa fi boodatti rak’aa afur salaatuu irratti tikfate Rabbiin ibidda irratti isa haraama taasiseera» [21]. akkana jechuun sunnaa raatibaa zuhrii boodaa irratti raka'aa lama dabala jechuudha; Sababni isaas sunnaan raatibaa zuhriin duratti afuri, isaan boodatti immoo raka'aa lama. Isaan boodatti raka'aa lama yoo dabale wanti Hadiisa Ummu Habiibaa -Rabbiin ishee irraa haa jaallatu- keessatti dubbatame ni argama. [21] Ahmad lakkoofsa (25547) irratti, Tirmiiziin lakkoofsa (393) irratti, Abuu Daawuud lakkoofsa (1077) irratti gabaaseera.

Rabbiin abbaa towfiiqaati, Rabbiin Nabiyyii keenya Muhammad bin Abdullaah irratti rahmataa fi nageenya haa buusu, akkasumas maatii, sahaabota isaanitii fi hanga guyyaa qiyaamaatti warra kheyrii irratti isaan hordofan irratti Rabbiin rahmataa fi nageenya haa buusu,,,