هل سألت نفسك؟ من خلقك؟ ولماذا؟ وماذا بعد الموت؟

هل سألت نفسك؟ من خلقك؟ ولماذا؟ وماذا بعد الموت؟

كتاب: هل سألت نفسك ؟ من خلقك؟ ولماذا ؟ وماذا بعد الموت؟ كتاب مختصر يتحدث عن إجابة أسئلة الإنسان الوجودية ويحرك الفطرة بضرب بعض الأمثلة والحجج العقلية وبيان دلائل الإسلام بأسلوب مختصر.

Language: lang_om
Prepared by: Ofii kee gaafattee beektaa? Eenyutu si uume? Maaliif? Du'a booda maaltu jira?
Version: 2.0
Translations 49
Afrikanns Assamese Azerbaijani Bosnian +45
Attachments 7
PDF
Audio
Video
+3

Of gaafatteettaa? Eenyutu si uume? Maaliif? Du'a boodas maaltu jira?

Waldaa Tajaajila Qabiyyee Islaamaa kan koree barnootaa Afaanota garaagaraa.

Yaa ilma namaa, eenyutu si uume? Yoo qaama kee Maayikrooskoppiidhaan laalte, addunyaa raajii fi dinqii argita. Tokkoon tokkoon xaliyyaan qaama kee keessa jiruu, odeeffannoo dhaalumsaa kan mallattoon isaa walxaxaa ta’e of keessaa qaba. Mee of gaafatteetta, eenyutu koodiiwwan kanneen barreesse? Eenyutu bakka isaanii sirrii ta'etti isaan kaa'es?

Ijaarsi ol dheeraan hundinuu, manni gadi aanaan hundinuu, seenaa abbaa ijaare hima; uniiversiin bal'aan kun bareedina, sirrummaa fi tokkoon tokkoon isaa toora qabiinsa isaa waliin tolchaa malee argamuu isaa sammuun ni fudhataa?

Yaa ilma namaa, akkuma sammuun kee: bilbilli harkaa smaartii ta'e kan sirriitti hojjatame tokko dizaaynaraa fi hojjataa malee tasa mul'ate, yookaan saaphanni walxaxaan meeshaalee elektrooniksii kan walsimannaa fi sirrummaan hojjatu saganteessaa yookiin to'ataa malee hojjatu siin jechuu akkumma hin qeebaletti, akkasumatti sammuun: uniiversiin guddaan kun sirna, kalaqa, seera sirrii fi sirna sirriitti tolchame kan isa keessa jiru hundaa waliin uumaa malee argame isaan jechuus hin qeebalu?.

Wanti umama kana keessa jiru hundi, Atomii ishii xiqqoo irraa kaasee hanga maddalawwan urjii isa guddaatti, guddina Uumaa isaanii irratti akeeku; sirni wal xaxaa ta'e kun akkasumatti argamuun isaa sammuun fudhatama kan qabuu miti. Uumamni kun dhabama irraa argamuu isaa, yookaan sirni toora galaan bareedaan wal xaxaa ta'e kun bu’aa akka tasaa ta'uu isaa sammuun hin qeebalu.

Akkuma sammuun sirrii fi uumamni qajeelaan ilma nama gara uumaan Uumamaf jiraachuu amanuutti qajeelchanutti, akkasuma amaloota uumaa kanaatii fi haqa inni nurraa qabu akka xiinxalluttis nu kakaasu.

Sifaata Uumaa kanaa xiinxaluun, akka guutummaa mudaa hin qabne kan walii galaatiin ibsamuu fi hidhina hunda irraa qulqullaa'uun isaa dirqama Uumama ta'uu isaatiif hubannaa gadi fagoo argachuuf ulaa nuuf bana.

Kana jechuun Uumaan amaloota bareedinaatii fi ulfina hundaan kan ibsamuudha, inni ofumatti -qulqullaa'aa- waan hundaa irratti danda'aa, waan hundaa beekaa, waan uumee fi murteesse hundaa keessattis ogeessadha, guutinni kun se'aa qofa osoo hin taane, dirqama sammuun qabuudha, sababni isaas hirr'inni amaloota isaa kamiyyuu keessatti argamu miti, uumamaa fi too'annaa keessatti hanqinatti geessa waan ta'eef, kunis akkaan tolee hojjatamuu nuti uumama yuniiversii keessatti arginuun kan wal faallessuudha.

Akkuma hanqina irraa qulqullaa'uun isaa, uumaan uumamtoota isaa irraa dureessa ta’uu isaa dirqama taasisutti; kanaaf waan tokkottis hin haajomu, garuu uumamni hunduu jiraachuu fi turuu isaanii keessatti Isatti haajomoodha. Inni hiriyaa fi ilma irraa qulqulluudha, sababni isaas isaan lamaanuu mallattoolee hanqinaatii fi dadhabbiiti waan ta'aniif, Rabbiinis kana hunda irraa qulqulluudha.

Rabbiin Uumaa guddaa kan sifa guutuutii fi guddinaan ibsamu, isa nu'ii fi yuniiversii dhabama irraa uume, isa abbaa waan isa keessa jiru hundaa ta'e, isa nu sooruu fi rahmata isaatiin nu marsu, akkasumas isa waan hunda sochoosuu fi to'atu ergii ta'ee; sila isa galateeffachuu, akka itti jaalala isaa argannu barbaaduun, akkamitti akka haqa isaa nurra jiru geessinuu fi galma inni nu uumeef fiixaan baasuuf hojjachuun dirqama nurratti hin ta'uu ree?

Rabbiin nu uumee eegasii waan nurraa barbaadu osoo nutti hin ibsin dhiisuun isaa ni yaadamaa? nuti maaliif as jirra? Kaayyoo fi galmi argamiinsa keenyaa maali? Du'a booda maaltu ta'a?

Mee na wajjin xiinxali, osoo namni tokko masaraa guddaa miidhagaa ijaaree, meeshaalee teeknoloojii ammayyaa warra sadarkaa olaanaa qabaniin guutee, akkuma ijaaree xumureen sababa tokko malee tasa ka'ee guutummaatti yoo isa diige, sila namicha kana ogeessa jennee isa waamuun ni danda'amaa? Gochi akkanaa kun gocha taphaa kan nama sammuu qabuun hin malle ta'uun isaa ifa galaa dha.

gochaan kun ilma namaa irratti fudhatama kan hin qabne yoo ta'e, akkamitti Rabbiin Ogeessaa fi Beekaa ta'e, yuniiversii bareedaa kana tolchee fi miidhagsee erga uumee booda, kaayyoo yookaan ogummaa tokkoon malee diiga jedhamee yaadama?

Dhugumatti Rabbiin ilma namaa ogummaa guddaadhaaf uume, innis isuma qofa haala shariika hin qabneen gabbaruu fi addunyaa kana keessatti isaan qormaatuuf isaan uume akkasuma Guyyaa Qiyaamaa beellama isa keessatti kaafamanii hojii isaanii irratti itti herregaman isaaniif godhe; namni Rabbiitti amanee waamicha isaatiif owwaate qananii jannataatu isaaf jira, isa keessattis bara baraan jiraataa ta'a, namni dhugaa irraa garagale immoo warra ibiddaa irraa ta'a.

Gabbartiin haqa nurratti dirqama ta'edha, kaayyoo nuti uumamneef waan ta'eef, akkasumas Rabbiin galatoomfachuu, Rabbummaa isaatii fi gooftummaa isaa ragaa bauu keenyaafis akeektuudha.

Akka Rabbiin -qulqullaa'e ol ta'e- isa kan si uumee fii dhageettii fi argaan si kabaje gadi fageenyaan yaadi; akkasuma qananii hin lakkaa'amneenis akka si marse. Inni isa hidda dhiigaa kee keessa dhiiga yaasu akka ta'e fi isa bishaanii fii qilleensa siif badhaasuf akka ta'e yaadi. Ati yeroo hundumaa isatti haajomaadha. Rahmataa fi kunuunsi Isaa osoo hin jiraannee, silaa atis baddee, humni kees dhabama ture. inumaayyuu, Inni -qulqullaa'e- yeroo ati garaa haadha kee keessatti mucaa ulfaa, dadhabaa dhimma kee irraa homaa to'achuu hin dandeenye taatee jirtutti, rizqii keetiif wabii siif galedha.

Sila Uumaan guddaan kun, akka ati feetutti osoo hin taane, akka Inni fedhutti isa gabbaruu kee haqa hin godhatuu?! Mee xiinxali, osoo haadha keetiif kennaa kennuu barbaaddee, waan fedhii kee gammachiisu filatta turte moo, waan isheen jaallattu beekuuf carraaqxee waan isheef maluun ishee gammachiista turte? Akkasuma caalaan gabartiin Rabbii guddatee ol ta’ee, fedhii keenya yookiin aadaa keenya dhaalle irratti hundaa'ee ta'uu hin qabu, garuu kan ta'uu qabu akka inni barbaadee fi haala inni ittiin nu ajajeenidha.

Gabbartiin Rabbuuma ol ta'e qofaaf tokkicha isaa shariika hin qabneef ta'uun dirqama ta'a, Ilma namaatiif gabbartii uumaa isaa kan hin taaneef dabarsuun hin eeyyamamuuf. Diliiwwan keessaa kan ibidda keessatti bara baraan nama taasisu irra guddaan isaa, Rabbitti waan biraa qindeessuudha. Kunis ilmi namaa, uumamtoota Isaa irraa Rabbiin ala waan biraa gabbaruudha, akka taabota, aduu yookaan ji’a gabbaruu, yookaan ilma namaa, bineensa yookaan nama gaarii gabbaruu. Kun hundi gosa shirkii fi kufrii irraayyi. Namni kana irratti du'e, mindaan isaa ibidda jahannam keessatti bara baraan turuudha.

Rabbiin dhugumatti nabiyyootaa fi ergamtoota hedduu kaayyoo jireenya adunyaa keessatti argamuu keenyaa fi galma jireenyaa akka nu beeksisaniif ergee jira, ergamtootni hundi ergaan isaanii tokko ture, innis ergaa Islaamaatii fi waamicha gara Uumaa tokkicha shariika hin qabne gabbaruuti, garu namoota waan ergamtootni duraanii ittiin dhufan xureessanii fi jijjiirantu jiru, kanaaf Rabbiin xumura ergamtootaa kan ta'an Muhammad -Rabbiin rahamataa fi nageenya isa iratti haa buusu- ergee, isaan irrattti ilmaan namaatiif ergaa dhumaa kan ta'e Qur’aana kabajamaa ta'e buuse. Ragaaleen sammuutii fi saayinsaawaa ykn yaada qajeelaa hedduun kan Qur'aanni jecha Rabbii ta'uu mirkaneessan jiru, akkasumas inni kitaaba tokkicha kan hin jallifamnee fi hin jijjiiramne dha, Rabbiin Qur’aana keessatti amantii Islaamaa malee ilma namaarraa kan biraa akka hin qeeballe nu beeksisee jira, akkasumas ergamtoonni hundi ergaan isaanii tokko ta’uu isas nu beeksisee jira: innis gara Uumaa tokkichoomsuu fi Isa qofa shariika malee gabbaruutti waamuudha, Rabbiin Qur'aana keessatti akka jannataa fi qananiin yeroo hundaaf turu mu'mintootaaf jiraatu nu beeksisee jira, akkasumas ibiddaa fi azaabni laalessaan nama Rabbiin ala gabbaru yookaan Islaamummaa keessa seenuu dideef jira.

Islaamummaa amantaalee biroo irraa wanti adda taasisu, Qur'aanni kabajamaan har'a harka muslimootaa jiru dubbii Rabbii Uumaa -qulqullaa'e ol ta'e-, kan jijjiiramaa fi daba irraa tikfame ta'uu isaatiif madda beekumsaa amansiisaa irra dhaabbachuun ragaalee sammuu fi dhugaa saayinsawaa dhiheessuu kan danda'an muslimoota qofa.

Qur'aanni kabajamaan kitaaba Rabbiin nabiyyii isaa Muhammadirratti buusedha -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti ha buusu- , jaarraa kudha afurii oliif ilma namaatiin fakkaataa isaa yookaanis suuraa tokko kan isa fakkaatu akka fidan isaan morkatee, isaan garuu kana gochuu dadhaban. Morkiin kunis hanga har'aatti dhaabbataadha, namni tokkollee bareedina jechaa, ibsa isaa, dinqii isaa fi seera baasuu isaa keessatti wanta isa madalu fiduu hin dandeenye. Sanumaa waliin, baroota darban hunda keessatti namni tokkollee wanta isa fakkaatu yookaan kan isatti dhihaatu fiduu hin dandeenye. Dinqiin Qur'aanaa afaan isaa kan sadarkaa ol'aanaa bareedina jechaa isaa fi ibsa isaa keessa qofa miti, inumaayyuu ragaalee sammuu fi yaada qajeelaa kan jecha Rabbii ta'uu isaa mirkaneessan of keessatti qabachuuttis ni tarkaanfata. egaa erga Qur'aanni kabajamaan ragaalee ifa ta'an kan jecha Rabbii ta'uu isaa mirkaneessan qabaateera ta'ee, gochi sammuun fudhatamaa ta'ee fi sirriin; kitaabota biroo kan harki ilma namaa barreeffama isaanii keessatti itti seene irratti hirkachuu irra, Qur'aanatti amanuu fi waan isa keessatti dhufe hordofuudha.

Sammuun fayyaan haasawni Uumaa, uumama kana uumee sirna isaa tolchee, dhugaa beekuuf madda irra dhugaa akka ta'etti nu qajeelcha. Yeroo Qur'aana keessatti dinqii afaan isaa keessa jiru, dhugaawwan saayinsawaa fi seerota isaa guutuu keessaa jiru arginu, dabalataanis yeroo dheeraa keessatti jijjiirraa irraa tikfamuu isaa yeroo arginu, akka inni haasawa Rabbii ta'e fudhachuu irraa bakki itti dheessan hin jiru.

Kanaafuu, waan Qur'aana keessa jirutti amanuun filannoo iimaanaa qofa osoo hin taane, murtii sammuu kan loojikii wookaan yaada dhugaa barbaaduu wajjin wal simudha.

Rabbiin olta'e Qur'aana kabajamaa keessatti, qoosaaf akka nu hin uumne, gabbartii isaatiif akka nu uume dhugumatti ifa godhee jira.

Rabbiin Qur’aana keessatti, jireenyi addunyaa nuti jiraannu kun, gulanataa yeroon daangeffame kan dhihootti dhumau qofa akka ta'ee fi garuu jireenyi dhugaa kan bara baraa Aakhiraatti yeroo Mu’mintoonni Jannata seenanii fi Kaafiroonni Ibidda seenan akka ta’e nutti himee jira.

Uumaan Inni dhabama irraa nu uume, shakkii tokko malee du’a booda gara jireenyaatti nu deebisuu irrattis danda’aadha. Mallattoowwan Rabbii kan yuuniiversii naannoo keenya jiran keessatti, dandeettii Rabbii kan daangaa hin qabne kan waan du’e jiraachisuu irratti ragaa qabatamaa ta'e argina; Rabbiin muka magariisa irraa akkuma ibidda baasu, dachii gogduu irraa midhaanii fi fireewwan akkuma baasu, akkasuma copha sanyii dhiiraa irraa akkuma da'ima garaa haadha isaa keessatti uumutti, akkasumatti Inni -qulqullaa'e- du’aa jiraachisuu fi Guyyaa Qiyaamaa mindaaluuf qabrii isaanii irraa isaan kaasuu irratti danda’aadha. Rabbiin waan hunda irratti danda’aadha. Jireenyi nama nama miidhee fi miidhamee herrega tokko malee yookiin mindaa tokko malee akkasumatti xumuramunis miidhaa fi zulmiidha.

amantiiwwan biroo osoo jiranuu, Islaamummaan qofti maaliif?! jechuun namni gariin gaafachuutu mala?

wanti irra guddaan ilma namaa uumama biroo hunda irraa adda taasisu Sammuudha, hojiin isaas yaaduu fi dhugaawwan barbaaduudha.

Islaamummaan amantii sammuu fayyaa fi uumama sirrii ta’een wol simatudha; gaaffilee gurguddoo uumamaan wal qabataniif deebii sababa qabeessa kenna: Maaliif as jirra? Kaayyoon jireenya keenyaa maali? Du’a booda hoo hireen keenya maali?

Islaamummaan kan inni irratti gadi dhaabbatu Uumaa gabbartiidhaan adda baasuu fi haqaan gabbaramaan Rabbiin malee akka hin jirra ragaa ba'uu irratti, kanatu islaamummaa keessatti bu'uura jalqabaati, hiikni isaas kan haqaan gabbaramu Rabbii tokkicha malee hin jiru jechuudha.

Ragaa ba'uun kun waan armaan gadii of keessatti qabata:

Tokkoomsu: akkas jechuun Gooftaa tokkicha qofa gabbaramuuf haqa qabu, hiriyaas, ilmas, fakkeenyas kan hin qabne isuma qofatti amanuudha.

Shirkii irraa qulqullaa'uudha: taabotaa fi gabbaramtoota kanneen harka namaatiin tolfaman hunda mormuudha.

Islaamummaan ergamtoota hundatti amanuu dirqama godha, kanaafuu Muslimoonni akka Rabbiin Qur'aana keessatti himetti, nabi Iisaan ilma Rabbii osoo hin taane gabricha Rabbiitiifii ergamaa isaa akka ta'etti amanan; sababni isaas Rabbiin guddaadha, jaartiin ykn ilmoon isaaf ta'uu irraa qulqullaa'e, Inni isaan lammanii fi waan hundaa irraa dureessa, Rabbiin Qur'aana keessatti nabi Iisaan nabiyyii Rabbiin raajii hedduu isaaf kenne ta'uu fi ummata isaa gara gabbartii Rabbii tokkicha shariika hin qabneetti akka waamuuf isa erguu nuuf himeera, akkasumas nabi Iisaan namoonni akka isa gabbaranis isaan irraa hin barbaanne, inumaayyuu inni mataan isaa Rabbii isa uume gabbaraa akka ture nuuf himeera; kanaaf yoo Iisaatti haala dhugaa kan Rabbiin jaallatuun amanuu barbaadde, Islaamummaatti seenuun sirra jira.

Akkasuma Rabbiin Qur'aana keessatti Iisaan ummata isaa gara gabbartii Rabbii tokkichaatti ajajuu fi shirkii irraa isaan akeekkachiisuu isaa nuuf himee jira.

Mee yaada qajeeladha namni sammuu qabu uumama akka isaa kan beela'uu fi dheebotu, kan of irraa du'a yookaan miidhaa deebisuu hin dandeenye gabbaruun?! Yaa ilma namaa Iisaa ilma Maryam osoo inni ilma namaa nyaataa fi dhugaatiitti haajomu ta'ee jiruu akkasuma nama gara uumaa isaa salaataan garagalaa ture akkamitti gabbarta?! Sammuun, Rabbiin ofiif salaata jedhee yaaduu ni danda'aa?! Sila Rabbiin isa guddinnaan himamu, isa guutummaa isaatiin kophaa ta'e, isa fakkii fi hiriyaa irraa qulqullaa'e, kan wanti uumama keessa jiru hundinuu dandeettii fi aangoo isaa jala jiru mitii? Akkamitti sammuun fudhata uumaan samii fi dachii gad of buusee akka daa'imaatti dhalatee, ergeesii akka isa fannisanuuf jecha uumama isaatiif dabarsee of kennuu akkamitti sammuun qeebala?! Dhugumatti, kan fannifamee ajjeefamu ilma namaa du'anidha, Uumaan garuu, inni jiraataa du'a hin qabnedha, isa ofiin dhaabbatu kan mugaatiinis hirribnis isa hin qabnedha, sila waan akkanaa irraa qulqullaa'uun guutummaa guddinaa fi ulfinna isaa irraayyi mitii?

Ergamtoonni hundi ergaa tokkoon akka dhufan, Rabbiin Qur'aana kabajamaa keessatti dhugumatti nutti himee jira, innis ummata isaanii gara Rabbii tokkicha shariika hin qabne gabbaruutti waamuudha. Garuu yeroo keessa namoonni gariin ergaa hafaa kana jal’isanii, ifaa Tokkummaa Rabbii kan nabiyyoonni ittiin dhufanis balleessan, Kanaafuu Rabbiin ergaa tokkummaa Rabbii kan ergamtoonni hundi isaan dura ittiin dhufan san haaromsuuf jecha ergamaa isa dhumaa Muhammad -Rabbiin Nageenyaa fi Rahmata isaan irratti haa buusu- ergee, Qur'aana kabajamaas isaan irratti buuse.

Xumura irratti yaa ilma namaa akkas siin jenna:

Dhugumatti Islaamummaan amantii sammuu fi uumamaati, amantii tokkicha kan Uumaan guddaan ilmaan namaatiif karaa godhedha, Kanaafuu Rabbummaa Rabbiitti, Islaamummaan amantii ta'uu fi Muhammad ergamaa ta'uutti amanuudhaan gara Islaamummaatti seenuutti jarjaruun nama sammuu fayyaa qabu hunda irratti dirqama. Kun dirqama malee filannoo miti; sababni isaas Rabbiin guyyaa qiyaamaa waan namni ergamtootaf deebiserraa nama gaafata waan ta'eef jecha; yoo mu'umina ta'e milkii fi jiruu gaariitu isaaf jira. yoo kaafira ta'e immoo miidhaa hin ciinne guddootu isaaf jira.

Yoo duuniyaatti gammachuu dhugaa fi guyyaa dhumaa milkaa'uu barbaadda ta'e, beeki murtoon guddaan jireenya kee keessatti fudhachuu dandeessu Islaamummaatti seenuu dha, qalbii dhugaa amanteen jechoota kanneen jechuu malee homaa sirra hin jiru: "haqqaan gabbaramaan Rabbiin malee akka hin jirre ragaan ba'a, ammas Muhammadis ergamaa Rabbii akka ta'e ragaan ba'a", sana booda amantii kee barachuu jalqabi, waan Shahaadaan lamaan dirqama godhan kanneen akka Rabbii fi Ergamaa Isaatti amanuu fi utubaawwan Islaamummaa qabachuutti dalagi.

Ammuma akkas jedhi, hin shakkinis; duuti tasa dhufuu danda'aatii, murtoo hangana murteessaa ta'e hin tursin, sheexaanni hoji gaarii irraa akka si deebisu hin eeyyaminiif, goota ta'i, daandii kee gara ifaatii fi qajeelumaa eegali.

Ammuma murtoo kee murteessi, jiruu haaraa kan tasgabbii fi itti jaallachuun guutame eegali.

Haqaan gabbaramaan Allaahaa malee akka hinjirre ragaan ba'a, akkasuma Muhammadis ergamaa Allaahaa ta'uun ragaa ba'a."