من خلقني؟ ولماذا؟

من خلقني؟ ولماذا؟

المطوية تتناول مفهوم الخلق والغرض من الحياة، متسائلة عن منشأ الكون والإنسان والقوانين التي تحكمهما. تشرح وجود خالق واحد مستحق للعبادة، وتبرز الدلائل على عظمة الخالق من خلال الطبيعة وأحكام الكون. كما تستعرض المطوية صفات الله وأهمية الوحي في توجيه البشر لعبادة الله وحده واتباع شرعه. وتؤكد على أن الإسلام هو الدين الحق، وتحث على الدخول فيه واعتناقه للحصول على السعادة الحقيقية في الدنيا والآخرة.

Language: lang_om
Prepared by:
Version: 1.0
Translations 74
Afar Akan Amharic Assamese +70
Attachments 7
PDF
Audio
Video
+3

Wanti hundi Uumaan jiraachuu agarsiisa

Eenyutu na uume? Maaliif?

Samii, Dachii fi uumamtoota gurguddoo isaanin marsuun hin dandayamne irraa wantoota isaan keessa jiran eenyuutu uume?

Sirna ogummaa cimaa bal'aa ta'e kan Samii fi Dachii keessa jiru kana eenyutu hojjete?

Eenyutu ilma namaa uumee gurra, ijaa fi sammuu isaaf kennee beekumsa horatee akka haqa irra gahu danda'aa isa taasise eenyu?

Hojii sirrii dhokataa meeshaalee qaama keeti fi qaamolee uumamtoota lubbu qabeeyyii ta'an keessa jiru kana mee akkamitti ibsita? Eenyutu isii uume?

Uumamni guddaan kun seera waggoota irraa waggootatti haala gaariin isa too’atu kanaan akkamitti karoora qabatee akkanatti tasgabbaa'a laata?

Sirnoota uumama kana hoogganan (jireenyaa fi du’a, wal hormaata, halkanii fi guyyaa, jijjiirama yeroo fi kkf) eenyutu tume?

Uumamni kun ofii isaatii of uumee? Moo homaa irraa dhufe? Moo akka tasaa argame?

ilmi namaa jiraachuu wontoota hin agarreetti maaliif amana? akka: (hubannaa, sammuu, lubbuu, miiraa fi jaalalaa) waan faana isaanii arguufi mitii? ilmi namaa faana uumama isaatii fi faana hojii fi rahmata isaa osoo arguu Aalama guddaa kanaaf uumaan jiraachuu akkamitti morma?!

manichi kun namni tokkoyyuu osoo isa hin ijaarin akkasumatti dhufe! yookaan dhabamatu manicha kana argamsiise isaan jedhamuu eenyunuu hin qeebalu! namni gariin akkamitti nama uumamni guddaan kun uumaa tokko malee dhufe jedhu dhugeessa? namni sammuu qabu toora galiinsi wal xaxaan uumamaa kun akka tasaatti dhufe jedhee akkamitti qeebala?

Rabbiin ol ta'e akkas jedhe: (Sila isaan osoo wonti isaan uume hin jirre uumaman moo isaanumatu uumoodha? moo samii fi dachii uuman? Lakki, isaan hin dhugoosanu). (Axxuur, Aayaa: 35-36: 52)

Rabbiin qulqullaa'ee ol ta'e.

Rabbii uumaa ta'e tokkicha, kan maqoowwanii fi sifaata hedduu gurguddoo ta'an kan guutummaa isaatti akeeku qabuutu jira, maqoowwan isaa irraa: Al-kaaliq(uumaa), Al-rahiim(mararfataa), Al-razzaaq(sooraa) fi Al-kariim(arjaa), "Allaah" n maqoota Rabbii ol ta'ee keessaa maqaa isa beekamaadha, hiikni isaa: qofaa isaa qindii tokko malee ibaadaa haqa kan godhatu jechuudha.

Rabbiin ol ta'e Qur'aana kabajamaa keessatti akkas jedhe: (Jedhi: "Inni Allaaha (gabbaramaa dhugaa) tokkicha. *Allaahaan hirkoo waa hundaati. *Hin dhalle hin dhalannes* *Hiryaan tokkos isaaf hin taane} [1-4: 112]

ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe: {Rabbin isa malee haqaan gabbaramaan hin jiru; (inni) jiraataadha; waan hundaan dhaabbataadha; mugaatiis ta'ee hirribni isa hin qabatu; wanti samii keessa jiruu fi wanti dachii keessa jiru (hundi) kan isaati; kan hayyama isaatiin malee isa biratti araarsu eeenyuma? waan fuuldura isaaniitii fi waan duuba isaanii ni beeka; beekumsa isaa irraas waan inni fedhetti malee hin marsanu; kursiin isaa samii fi dachii irra bal;ateera; isaan lamaan tiksuun isa hin dadhabsiisu; inni ol ta'aa, guddaadha} (Al-baqaraa: 255: 2)

Sifaata Rabbii -inni qulqullaa'e ol ta'e-

Rabbiin isa dachii uumee isii laaffiseedha, uumama isaatiifis mijjattuu kan isii taasiseedha, inni isa samiiwwanii fi waan isii keessa jiru uumamtoota gurguuddoo uumeedha, aduu, ji'a, halkanii fi guyyaadhaaf seera to'annaa wol xaxaa guddina isaatti akeeku kan isaaniif taasiseedha.

Rabbiin isa qilleensa isaan malee jiraachuu hin dandeenye nuuf laaffiseedha, inni isa rooba nuuf roobsu isa bahraa fi laggeen nuuf laaffise, inni isa osoo humni tokko nuuf hin jiraanne yeroo nuti miciree turretti garaa haadholee keenyaa keessatti nu nyaachisaa tureedha, inni isa dhiigni idda keenya keessa akka yaa'u taasiseedha, inni isa gaafa dhalanne irraa eegalee hanga duunutti onneen keenya itti fufiinsaan akka dhahattu taasiseedha.

Rabbiin ol ta'e ni jedhe: {Rabbiin kan homaa hin beekne taatanii garaa haadholee teessanii irraa isin baasee akka isin isa galateeffattaniif jecha dhageettii, agartuu fi onnee isiniif godhe}. {78: 16)

Rabbiin gabbaramu sifaata guutuu qabaachuu irraa hafiinsi hintaane.

Rabbiin keenya sammuu guddina isaa ittiin beeknu nuuf keennee, uumama guutummaa isaatti akeekuu fi gonkumaa inni hirdhinaan himamuun isaa akka hin taanetti akeeku nu keessatti gadi dhaabe.

gabbartiin Rabbuma qofaaf ta'uun dirqama, isaatu guutuu gabbartii haqa godhatuudha, wanti isaa gaditti gabbarame hundi dogongora, hirdhuu fi kan du'aa fi dhabamuuf saaxilameedha.

Gabbaramaan ilma namaa yookaan taabota yookaan muka yookaan bineensa ta'uun hin malu.

Nama sammuu qabuuf guutuu malee gabbbaruun isaaf hin malu, akkamitti uuumama tokko kan isaa gadii gabbara!

Rabbiin ulfa garaa dubartii keessatti akka daa'imni dhalatutti dhalatu ta'uun hintahu.

Raabbiin isa uumamtoota uumeedha, uumamtoonni qabaa isaatii fi aangoo isaa jala jiru; gonkumaa ilmi nama isa miidhuu hin danda'u, gonkumaa isa fannisuu, isa adabuu fi isa xinneessuu hin danda'u.

Rabbiin du'uun gonkuma hin malu!

Rabbiin isa hin daganne, isa hin rafne, isa nyaata hin nyaanne inni guddaa haati manaa yookaan ilmoon isaaf ta'uun hin malle; uumaan sifaata guddinaa kan yoomuu haajamuu fi hirdhinaan himamuu hin dandeenye qaba, hundi keeyyattoota nabiyyootatti hirkifamuu kan wonti guddina uumaa faallessu keessa jiruu isiin keeyyattoota jallifamtuudha, isiin wahyii Muusaa, Iisaa fi nabiyyoonni birooo ittiin dhufan irraayii miti -rahmannii fi nageenyi isaan irraa haa jiraatu.

Rabbiin ol ta'e ni jedhe: {Yaa namootaa! Fakkeenyi taasifamee jiraa isa dhaggeeffadhaa. Dhugumatti, isaan isin Rabbiin alatti kadhattan (gabbartan) odoo isaaf walitti qabamaniillee tiisisa tokko hin uumanu. Yoo tiisisni waan tokko isaan harkaa butes, (waan) san isa irraa buusuu hin danda’anu. Gabbaraa fi gabbaramaan dadhabeera}. (73) Dhugaa guddina Isaa Rabbiin hin guddifne, Dhugumatti, Rabbiin jabaa, injifataadha (74) [74,73:22]

Rabbiin wahyii malee akkasumatti nu dhiisuun isaa ni yaadamaa?

Rabbiin uumamtoota kana hunda galma tokko malee uumuun ni yaadamaa? ogeessaa fi beekaa osoo ta'ee jiruu akkasumaan taphumaaf isaan uumuun ni yaadamaa?

Inni to'annaa fi tolcha isaa keessatti hoonga ga'iinsa kanaan uumee waan samiiwwanii fi dachiiwwan keessa jiru nuuf laaffise, galma tokko malee nu uumuun ni yaadamaa, yookaan gaaffii irra yaachiftuu nu dhiphistu, kan akka: nuti maaliif as jirra? booda du'aatii maaltu jira? uumamuu keenyaaf galmi maali? jedhuuf deebii malee akkasiin nu dhiisuun isaa ni yaadamaa?

inumaa Rabbiin galma nuti argamnee fi maal akka nurraa fedhu nu beeksisuuf jecha ergamtoota nutti erge!

Rabbiin isa qofatu gabbartii akka haqa godhatu akka nutti himaniif, akkamitti akka isa gabbarru akka beeknuuf, ajaja isaatii fi dhoorgaawwan isaa akka nuun ga'aniif, namuusaa fi haala caaltuu kan yoo isii fudhanne jireenyi keenya bareedduu tooltuunii fi barakaan isii wol geessu taatu akka nu barsiisanuuf ergamtoota erge.

Rabbiin dhugumatti ergamtoota hedduu kan akka (Nuuh, Ibraahiim, Muusaa fi Iisaa) ergee jira, Rabbiin ergamtoota kanneeniif mallattoolee fi raajiwwan dhugummaa isaanii fi uumaa biraa akka ergaman akeeku isaaniif kennee jira.

ergamaan xumuraa Muhammadiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ergee Qur'aana kabajamaa dhugumatti isaan irratti buusee jira.

ergamtoonni haala ifa galaa ta'een jireenyi kun qormaata akka ta'ee fi jireenyi dhugaa booda du'aatii akka ta'u nutti himanii jiru.

akkasuma mu'umintoota Rabbiin qofa haala isaatti hin qindeessineen gabbaranii fi ergamtoota hundatti amananiif jannanni akka jiru, kaafirtoota worroota Rabbii woliin gooftaa biraa gabbaraniif yookaan ergamoota Rabbii keessaa eragamaa kamittuu kafaraniif immoo ibiddi Rabbiin qopheesse akka isaanif jiru ifaan ifatti nutti himani jiru.

Rabbiin ol ta'e ni jedhe:

Yaa ilmaan Aadam! Yoo ergamoonni isin irraa ta’an kan keeyyattoota kiyya isin irratti qara’an isinitti dhufan, namni (Rabbiin) sodaatee toltuu hojjate, sodaan isaan irra hin jiru; isaan hin gaddanus. (35) Warri keeyyattoota keenya kijibsiisanii ishee irraa boonan, sunniin warra ibiddaati; isaan ishee keessatti hafoodha. (36) (35,36: 7)

Rabbiin qulqullaa'e ni jedhe: {Sila Nuti taphaaf isin uumne seetuu? Ammas isin gara keenyatti hin deebifamtanu seetuu?} [115: 23]

Qur'aana kabajamaa

Qur'aanni kabajamaan jecha Rabbii ol ta'ee isa Rabbiin ergamaa xumuraa Muhammad irratti buuseedha, inni raajii isa irra guddaa dhugummaa nabiyyumaa Muhammaditti akeekuudha -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- isa murtoo isaa keessatti haqa ta'e oduu isaa keessatti dhugaa ta'eedha, Rabbiin suuraa tokkollee yoo ta'e kan akka Qura'aana kanaa akka fidanuuf worra kijibsiisaniin morkatee jennaan bareedina akkaataa isaatii fi bareedina jechoota isaatiif jecha kan akka isaa fiduu dadhabani, ragaa sammuu fi dhugaa saayinsawaa hedduu kan kitaabni kun tolchaa ilma namaa ta'uu akka hin mallee fi inumaayyuu haasawa Rabbii ilma namaa akka ta'etti akeekutu isa keessa jira.

Ergamtoonni heddummaachuun maaliifi?

Rabbiin jalqaba baraa irraa eegale ilmaan namaa gara Rabbii isaaniitti akka waamanuu fi ajaja isaatii fi dhoorgaa isaa akka isaaniin ga'aniif jecha ergamtoota dhugumatti ergee jira, waamichi hunda isaanii, Rabbiin tokkichoomsanii gabbaruu ture, akkuma ummanni tokko waan ergamaan isaanii ittiin dhufe Rabbiin tokkichoomsuu dhiisuu yookaan xureessuu eegalaniin Rabbiin adeemsa akka sirreessuu fi namoota Rabbiin tokkichoomsuu fi isaan buluun gara uumama sirriitti akka deebisuuf ergamaa biraa erga, hanga Muhammadiin -nagaan isaan irra haa jiraatu- isaanii namoota hundaaf shari'aa wolii galaa kan hanga guyyaa qiyaamaatti hafaa ta'e, kan shari'aa isa duraatiif guutaa fi haqaa ta'een dhufaniin ergamtoota xumureetti, Rabbiin ol ta'e shari'aa kanaaf hanga guyyaa qiyaamaatti turuu fi itti fufuu of qabeera.

kanaaf nuti muslimtoonni akkuma Rabbiin ajajetti ergamtootaa fi kitaabota duraanii hundatti amanna.

Rabbiin ol ta'e ni jedhe: ﴾Ergamaan waan gooftaa isaa irraa gara isaatti buufametti amaneera; mu'uminoonnis hundumtuu Rabbiitti, malaa'ikota isaatti, kitaabota isaatii fi ergamtoota isaatti amananiiru, "nuti ergamtoota isaa irraa tokkos adda hin baafnu" (jedhan), "nuti dhageenye; ajajamnes, gooftaa keenya! araarama kee (barbaanna) deebiin garuma keeti" jedhani﴿. [285: 2]

Namni tokko hanga ergamtoota hundatti amanutti mu'umina hin ta'u.

Ergamtoota kan erge Rabbi, namni ergaa tokkoo isaaniitti kafare dhugaan hundatti kafareera, ilmi namaa Rabbiin irratti wahyii isaa deebisuu caalaa badiin guddaa hin jiru, jannata seenuuf ergamtoota hundatti amanuun dirqama.

Yeroo kana keessatti dirqamni nama hunda irra jiru ergamtoota Rabbii hundatti amanuudha, sun immoo xumura isaanii kan ta'an Muhammaditti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- amanuu fi isaan hordofuudha.

Rabbiin Qur'aana kabajamaa keessatti namni ergamtoota keessaa ergamaa tokkotti amanuu dide inni akka Rabbitti kafaree fi wahyii isaa kijibsiise dubbate.

Aayaa itti aantu kana dubbisi: {isaan Rabbiifi ergamtoota Isaatti kafaran, kan gidduu Rabbiitiifi ergamtoota Isaa adda baasuu fedhan, “garii Isaaniitti ni amanna; garii Isaaniitti ni kafarra” jedhanii, gidduu sanitti karaa godhachuu fedhan Isaan warra dhugaan kafaraniidha. Nutis kaafirootaaf adabbii xiqqeessaa qopheessinee jirra}. [4: 150-151]

islaamummaan maali inni?

islaamummaan tawhiidaan Rabbii ol ta'eef harka kennachuu, ibaadaadhaan isaaf ajajamuu fi jaalalaa fi qeebaltiin shari'aa isaa hojii irra oolchuudha.

Rabbiin dhugumaan ergaa tokkoon ergamtoota ergee jira: innis gara Rabbii tokkicha shariika hin qabne gabbaruutti waamuudha.

Islaamummaan amantaa nabiyyoota hundaati, waamichi isaanii tokkicha, shari'aan isaanii immoo adda adda, muslimoota qofa kan hardha amantaa sirrii isa nabiyyoonni hundi ittiin dhufan qabatanii jiranu, yeroo kana keessatti ergaa islaamummaatu dhugaadha; Rabbii Ibraahim, Muusaa fi Iisaa ergeetu ergamaa dhumaa Muhammadiinis erge, shari'aan islaamummaa shari'oota isa dura turan haqee dhufe.

Islaamummaan ala hundi amantaa namoonni hardha isaan gabbartii raawwatanuu amantaa nam tolcheedha, yookaan immoo amantaa gooftaa kan ture eegasii immoo kan harki namaa isa laaqee caccabaa falfalaa, afoola dhaalamanii fi carraaqqii ilma namaa irraa kan wolitti qabame ta'e. Aqiidaan muslimaa immoo aqiidaa tokkicha ifa galaa hin jiijjiramnedha, Qur'aana kabajamaa ilaali! inni biyya muslimootaa hunda keessatti kitaaba tokkicha.

Rabbiin ol ta'e Qur'aana keessatti akkas jedhe:

{Jedhi (Yaa Muhammad) Rabbitti (amanne), Waan nurratti buufamettis, Waan Ibraahiim, Ismaa’iil, Isihaaq, Ya’aquub, ilmaan Ya’aquub irratti buufametti, waan Muusaa, Iisaafi nabiyyoonni Gooftaa isaanii irraa kennamanittis amannee jirra. Isaan irraa gidduu nama tokkoos addaan hin foonu. Nutis isaaf ajajamtoota jedhi}(84) {Namni Islaamaan alatti amantii barbaade isarraa hin qeebalamu, Aakhiraattis inni warra hoonga’an irraayi} (85). [3: 84, 85]

Muslimoonni Iisaa ilaalchisee -nagaan isa irra haa jiraatu- maal yaadu?

Nabiyyii Rabbbii Iisaatti amanuun, isa jaallachuun, isa kabajuu fi ergaa isaa kan Rabbii tokkicha shariika hin qabne gabbaruutti waamuu ta'etti amanuun muslimoota irratti dirqama akka ta'e beektaa! muslimoonni nabiyyiin Iisaa fi nabiyyiin Muhammad -nagaan isaan irra haa jiraatu- akka nabiyyii turanii fi namoota karaa Rabbii fi karaa jannataatti akka qajeelchaniif akka ergaman amanu.

Iisaan -nageenyi isa irra haa jiraatu- ergamtoota gurguddoo Rabbiin ol ta'e erge irraa akka ta'ee fi akka inni haala raajii ta'een dhalate ni amanna, Rabbiin ol ta'e akkuma Aadamiin abbaa fi haati osoo isaaf hin ta'in uumetti Iisaa abbaan osoo isaaf hin ta'in akka isa uume Qur'aana keessatti nutti himeera, Rabbiin waan hunda irratti danda'aadha.

akkasuma Iisaan akka gooftaa hin taane, ilma Rabbiis akka hin taanee fi akka hin fannifamin ni amanna, inumaa lubbuun jira Rabbiin dhuma yerootti abbaa murtii haqa qabeessa ta'ee akka bu'uuf jecha gara isaatti ol fudhate, muslimootaa woliin ta'uuf jiraata, muslimootatu tawhiida Iisaa fi nabiyyoonni hundi ittiin dhufanitti amanani waan ta'eef.

Rabbiin Qur'aana kabajamaa keessattii kiristaanonni ergaa Iisa akka dabsanii jiranu dhugaan nutti himee jira, akkasuma akka worri karaa irraa daban jallattoonni wongeela dabsanii jijjiiranii keeyyattoota Iisaan hin jenne itti dabalan jiranus nutti himee jira, ragaan kanaa gosti wongeelaa hedduu ta'uu fi wol falleessaan hedduun isa keessa jiraachuu isaati.

Rabbiin Iisaan akka Rabbii isaa gabbaraa turee fi nama tokko irraallee isa gabbaruu akka hin barbaanne dhugaan nutti himee jira, inumaa ummata isaa uumaa isaa akka gabbaranutti ajajaa ture, garuu shayxaanni kiristaanonni akka Iisaa gabbaran taasise, akkasuma Rabbiin Qur'aana keessatti nama Rabbiin malee waan biraa gabbare kamiifuu akka hin dhiifne, guyyaa qiyaamaatti Iisaan akka worra isa gabbaran irraa qulqullaa'u nutti hime, uumaa akka gabbartanun isin ajaje malee ana akka gabbartan isin irraa hin barbaanne isaaniin jedha, ragaalee kanaa keessaa jecha Rabbii ol ta'eeti:

{Yaa warra kitaabaa! amantii teessan keessatti daangaa hin darbinaa; Rabbi irrattis dhugaa malee hin haasa'inaa. ilmi maryam, Masiih, Iisaan ergamaa Rabbiiti, jecha isaa (ta'i jedhu) kan inni gara Maryama darbeedha, ruuhii (uumaa) isaa irraa ta'eedha. Rabbii fi ergamtoota isaattis amanaa "Rabbiin sadihi" hin jedhinaa. isarraa dhoorgamaa isiniif caalaa (ta'a). Rabbiin dhugaan gabbaramaa tokkicha qofa, inni ilmi isaaf ta'uu irraa qulqullaa'e. wantoonni samii keessaa fi wantoonni dachii keessaa isaaf tahe. hirkoodhaaf Rabbiin qofti ga'aadha}. [4: 171]

Rabbiin ol ta'e ni jedhe: {Yeroo Rabbiin "Yaa Iisaa ilma Maryam! sila siitu namootaan anaafi haadha tiyya Rabbii gaditti gabbaramaa lama godhadhaa jedhee?" jedhu [yaadadhu]. [Inni] ni jedhe: "Ati qulqulloofte! Ani waan haqa naaf hin taane jechuun anaaf hin ta'u. Yoo ani isa jedhee ati dhugumatti isa beeyte. Waan lubbuu kiyya keessaa ni beekta. Ani waan nafsii kee keessaa hin beeku. Ati akkaan beekaa waan fagooti} [116:5]

Namni Aakhiraatti bilisa ba'uu barbaade islaamummaatti seenuu fi nabiyyii Muhammadiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hordofuutu isa irra jiraata.

Dhugaalee Nabiyyoonnii fi Ergamtoonni irratti waliigalan keessaa -nagenyi isaan irra haa jiraatu- Aakiraatti muslimoota isaannan Rabbii ol ta'etti amananii, gabbartii isaa keessatti nama tokkoyyuu hin qindeessinee fi isaannan hunda nabiyyootaa fi ergamtootaatti amanan malee kan biraa bilisa akka hin baaneedha. Isaannan yeroo nabiyyii Muusaa keessa jiraatanii isatti amananii barsiisa isaa hordofan isaan muslimootaa fi mu'uminoota gaggaariidha, garuu booda Rabbiin Iisaa ergeetii iisaatti amananii isa hordofuun hordoftoota Muusaa irratti dirqama ta'a, namoonni Iisaatti amanan isaan Muslimoota gaggaariidha, namni Iisaatti amanuu dhiisee amantaa Muusaa irratti hafa jedhe inni Mu'uminaa miti; nabiyyii Rabbiin ergetti amanuu dide waan ta'eef, eegasii immoo booda Rabbiin ergamaa xumuraa Muhammadiin ergeetiii isatti amanuun hunda irratti dirqama ta'a, namni ergaa Muhammaditti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- kafaree Muusaa yookaan Iisaa hordofuu irrattin hafa jedhe inni kun Mu'uminaa miti.

Namini tokko Muslimoota nan kabaja jechuun isaa qofti hin ga'u, Aakhiraatti bilisoomuuf sadaqaa kennachuu fi rakkataa gargaaruun qofti hin ga'u, dirqama Rabbitti, kitaabota isaatti, ergamtoota isaattii fi guyyaa Aakiraatti kan amane ta'uu qaba; akka Rabbiin sana isa irraa qeebaluuf!, badiin shirkii, Rabbitti kafaruu fi wahyii Rabbiin buuse deebisuu yookaan nabiyyummaa nabiyyii isaa xumuraa Muhammadiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- diduu irra guddatu hin jiru. yahuudaa fi kiristaanonni ergamuu ergmaa Rabbii Muhammad dhaga'anii ka'anii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- isaanitti amanuu didanii amantaan islaamaattis seenuu didan ibidda jahannamaa keessatti yeroo hunda hafoo ta'uuf jiru, akkuma Rabbiin ol ta'e jedhe:

{Warri warra kitaabaafi mushrikoota irraa kafaran ibidda jahannam keessatti hafoo ta’anii jiraatu. Warri sun isaanumatu irra hamtuu uumamaati}. [6: 98]

Yeroo ergaan xumuraa Rabbiin irraa gara ilma namaatti bu'e irraa eegalee, nama waan islaamummaa fi nabiyyii xumuraa Muhammadiin dhaga'e hunda irratti, isatti amanee shari'aa isaa hordofee ajaja isaatii fi dhoorgaa isaa keessatti isan buluun dirqama ta'a, kanaaf namni ergaa xumuraa kana dhaga'ee isa dide, Rabbiin isa irraa homaa hin qeebalu, Aakhiraatti immoo isa adabuuf taa'a, Ragaalee waan kanaa irraa jecha Rabbii ol ta'eeti:

{Namni islaamaan alatti amantii barbaade isa irraa hin qeebalamu Aakhiraatti inni worra hoonga'an irraayi} [3: 85}

Rabbiin ol ta'e ni jedhe: {Jedhi: “yaa warra kitaabaa! Gara jecha nuufi isin gidduutti wal qixa ta'ee kottaa. [Innis] akka Rabbiin malee waan biraa hin gabbarre; Isattis waan biraa akka hin qindeessine, gariin keenyas garii Rabbiin alatti gabbaramaa akka hin taasifanneedha. Yoo isaan [kana] irraa gara galan “akka nuti Muslimoota taane ragaa ba’aa” jedhaa} (3: 64)

Muslima ta'uuf maaltu dirqama narratti ta'a?

Islaamummaatti seenuuf ruknii ja'an kanatti amanuun dirqama ta'a:

Rabbii ol ta'etti amanuu, isatu uumaa, sooraa, gaggaragalchaa fi abbaa waan hundaati, fakkaataan isaa hin jiru, haati manaas ilmis isaaf hin jiru, isuma qofatu gabbartii haqa godhata.

Malaa'ikaatti amanuu, isaan gabroota Rabbii ol ta'ee kan inni ifa irraa isaan uumee hojii isaanii keessaa wahyiin nabiyyotatti bu'uu taasise.

Hunda kitaabota Rabbiin nabiyyoota isaa irratti buuseetti amanuu (akka tawraatii fi injiil) akkasuma xumura kitaabotaa kan ta'e Qur'aana kabajamaatti amanuu.

Hunda ergamtootaatti amanuu, akka Nuuh, Ibraahim, Muusaa, Iisaa fi xumura isaanii Muhammaditti amanuu, isaan ilma namaati Rabbitu wahyiin isaan deeggaree mallattoolee fi raajiiwwan dhugummaa isaaniitti akeekan isaaniif kenne.

Guyyaa dhumaatti amanuu yeroo Rabbiin worra jalqabaatii fi worra xumuraa kaasee gidduu uumama isaatti murtii godhee mu'umintoota jannata seensisee kafirtoota immoo ibidda seensisu sanatti amanuu.

Murtootti amanuu Rabbiin waan hunda beeka waan yeroo darbe ta'ee fi waan fuulduratti ta'uuf deemu, Rabbiin dhugumatti waan sana barreessee, isa fedhee fi waan hundaa uumee jira jechuu amanuu.

Islaamummaan karaa milkiiti.

Islaamummaan amantii nabiyyoota hundaati, amantaa araboota qofa irratti gabaabbatuu miti.

Islaamummaan duuniyaatti karaa gammachuu dhugaati Aakhiraatti immoo karaa qananii itti fufaa cita hin qabneeti.

Islaamummaan amantaa tokkicha waan lubbuu fi qaama barbaachisu guutuu danda'uu fi rakkoowwan ilma namaa hunda furuu danda'uudha.

Rabbiin ol ta'e ni jedhe:

(Rabbiin) ni jedhe: “Gariin keessan gariif diina ta’aatii, isin lamaanuu waliin ishee (jannata) irraa (gara dachii) gadi bu’aa. Ergasii yoo Ana irraa qajeelfamni isinitti dhufe, namni qajeelfama kiyya hordofe hin jallatu; hin hoongawu) (Namni Qur’aana kiyya irraa garagale, dhugumatti, isaaf jireenya dhiphoo ta’eetu jira; Guyyaa Qiyaamaa jaamaa gooneeti isa kaafna) [20: 123-124]

Islaamummaatti seenuu irraa bu'aa maaliin buufadha?

islaamummaatti seenuun bu'aawwan guddaa qaba, isaan keessaa:

Duuniyaa keessatti ilmi namaa gabricha Rabbii ta'uun milkaa'inaa fi kabaja argachuudha, akkas yoo hin taane garuu yaada, shayxaanaa fi fedhiiwwaniif gabricha ta'a.

Aakhiraatti milkii irra guddaan adabbii ibiddaa irraa bilisa ba'ee jannata seenuudha akkasuma jaalala Rabbiitii fi jannata keessatti yeroo hunda hafoo ta'uudhaan milkaa'uudha.

worreen Rabbiin jannata isaan seensisu, du'aan maletti yookaan gosa dhukkubaa kamiin maletti yookaan laalaan maletti yookaan gaddaan maletti yookaan dullumaan maletti qananii yeroo hunda cita hin qabne keessa jiraatu, waan barbaadan hunda isaas argatu.

jannata keessa qananii ijji agartee hin beekne, gurri dhageessee hin beeknee fi qalbii namaa irra dhufee hin beeknetu jira.

ragaalee sanaa irraa jecha Rabbii ol ta'eeti: {Dhiiras ta'ee dubartii irraa nama mu'umina ta'ee dalagaa gaarii hojjate, dhugumatti jireenya gaarii isa jiraachifna. mindaa isaaniis irra gaarii waan isaan dalagaa turaniitiin isaan mindeessina}. [16:97]

Islaamummaa yoon dide maalin dhaba?

Ilmi namaa islaamummaa yoo dide irra guddaa barumsaa fi beekumsaa dhaba, inni beekumsa Rabbiin baruuti, akkasuma Rabbii ilma namaatiif duuniyaatti tasgabbii Aakhiraatti immoo qananii hafaa cita hin qabne kennutti amanuu dhaba.

akkasumas irra guddaa kitaaba Rabbiin ilma namaatti buuse hubachuu fi kitaaba guddaa kanatti amanuu dhaba.

akkasumas nabiyyoota gurguddootti amanuus ni dhaba, akkumas guyyaa qiyaamaatti isaan woliin jannata keessatti ta'uu dhabee, ibidda keessatti shayxaana, yakkamtootaa fi xaaghuutotaa woliin kan ta'u ta'a, gandi sunii fi ollummaan sun waa fokkate.

Rabbiin ol ta'e ni jedhe:

{Dhugumatti, warri hoonga'an isaan guyyaa qiyaamaa ofii fi maatii isaaniis hoonga'aniidha. dhugumatti, kun isumatu hoongoo ifa galaadha (15) {Isaaniif gubbaa isaanii irra haguuggaa ibidda irraa ta’eetu jira; jala isaanii irrallee haguuggaa (ibiddaatu jira). Sana Rabbiin gabroota Isaa ittiin sodaachisa. “Yaa gabroota kiyya! Anuma qofa sodaadhaa}. [39: 15, 16]

Murtoo hin tursiisin!

Duuniyaan ganda yeroo hundaa keessatti hafanuu miti...

Bareedinni hunduu isii keessaa dhokachuuf taa'a, fedhiiwwan hunduu isii keessaa dhaamuuf taa'a...

Guyyaan ati hunda waan dabarsite irratti herregamtu dhufuuf taa'a, inni guyyaa qiyaamaati, Rabbiin ol ta'e ni jedhe: {kitaabni kaa’amee, yoma san badii raawwattoota waan isa keessa jiru irraa sodaatoo ta’anii isaan agarta. Ni jedhu: “Yaa badii keenya! Kitaabni kun kan xiqqoofi guddoos ishee walitti qabu malee hin dhiifne maaluma!” Waan hojjatan dhiyaataa ta’ee argu. Gooftaan kee tokkollee hin miidhu}. [18: 49]

Rabbiin dhugumatti ilmi namaa islaamummaatti hin seenne itti galiin isaa ibidda jahannam keessatti yeroo hunda jiraachuu akka ta'e dhugaan himee jira.

Hoongaa'uun laafaa miti inni waan guddaadha: {Namni Islaamaa malee amantii barbaade isarraa hin qeebalamu. Aakhiraattis inni warra hoonga’an irraayi}. [3: 85]

Islaamummaan amantaa Rabbiin isa malee amantaa biraa hin qeeballeedha.

Rabbiin isaatu nu uume gara isaatti deebinas biyyi duuniyaa kun nuuf qormaata.

Mirkana irratti ta'i: jireenyi kun gabaabaadha akka abjuuti...eenyunuu yoom akka du'u hin beeku!

Haqa maaliif hin hordofne? xumuuraa nabiyootaa maaliif hin hordofne? jedhee yeroo uumaan kee guyyaa qiyaamaa si gaafatetti deebiin kee maal ta'uuf jira?

Guyyaa qiyaamaa Rabbii keetiif maal deebista, islaamummaatti kafaruu hordofee waan dhufu irraa si sodaachisee, itti galiin kaafirootaa yeroo hunda ibidda keessatti adabamuu akka ta'e sittis himee jira?

Rabbiin ol ta'e ni jedhe: ﴾Warri kafaranii Aayatoota keenyas kijibsiisan, isaan sun warra ibiddaati. Isaan ishee keessatti hafoodha﴿. [2: 39]

Nama haqa dhiisee abbootii fi akaakilee hordofeef sababni hin jiru.

Rabbiin ol ta'e hedduun ilma namaa nannoo keessa jiraatan sodaaf jecha islaamummaatti seenuu akka didan nutti himee jira.

Hedduun isaanii immoo amantii abbootii isaanii irraa dhaalanii isaan wol baratan jijjiiruuf fedhii dhabuu irraa kan ka'een islaamummaa didu, ammas hedduun isaanii gosummaa fi haaloo sobaa dhaalaniif jecha islaamummaatti seenuu didu.

Isaan kun hundi sana irratti sababa tokkoyyuu hin qabanu, ragaa tokko malee fuuldura Rabbii dhaabbachuuf taa'u.

Jireenya Rabbii nama mormuuf maatii jireenya Rabbii mormu irraan dhaladhe jechuun sababaa isaaf hin ta'u! inumaa sammuu Rabbiin isaaf kennetti fayyadamee guddina samii fi dachii xiinxaluun dirqama isa irratti ta'a, akkasuma uumama kanaaf uumaan akka jirutti ga'uuf sammuu uumaan isaa isaaf kenneen yaaduutu isa irra jiraata, akkasuma namni dhagaa fi taabota gabbarus abboota isaa hordofuuf sababaa hin qabu, inumaa haqa barbaaduu fi akkamittan wonta na hin dhageenye kan na hin agarre gabbara jedhee of gaafachuu qaba?!

akkasuma kiristaanni wantoota uumamaa fi sammuu faalleessutti amanu lubbuu isaa gaafachuun dirqama isa irratti ta'a: Rabbiin akkamitti badii namoota birootiif jecha ilma isaa badii hin raawwatin ajjeesa! kun miidhaa irraayi! namoonni akkamumatti ilma Rabbii fannisanii ajeesu! Rabbiin osoo ilma isaa ajjeesuu hin eeyyaminitti badii ilma namaa akkasumatti dhiisuuf danda'aa mitii? Rabbiin ilma isaa irraa deebisuuf danda'aa mitii?

Kanaaf nama sammuu qabu irratti dirqamni kijiba irratti abbootii fi akaakilee hordofuu dhiisee haqa hordofuudha.

Rabbiin ol ta'e ni jedhe: ﴾Yeroo "gara waan Rabbiin buusee fi gara ergamaa kottaa" isaaniin jedhame "wanti nuti abbootii keenya irratti argine nuuf ga'aadha" jedhu, sila odoo abbootiin isaanii homaa kan hin beeknee fi karaa hin qajeelle ta'anis (isaanuma hordofuu)﴿ [5: 104]

Namni islaamummaatti seenuu barbaadu kan immoo maatii isaa irraa dhiibbaa sodaatu maal godha?

namni islaamummaatti seenuu barbaadee waan naannoo isaa jiru sodaate, islaamummaatti seenee hanga Rabbiin karaa toltuu isaaf laaffisee ofii isaatiif of danda'utti islaamumma isaa dhoksee jiraachuu danda'a.

Battalumatti islaamummaa qeebaluun sirratti dirqama, beeksisuudhaan miidhaan sirra kan ga'u yoo ta'e garuu namoota naannoo kee jiranutti himuun yookaan isaan beeksisuun dirqama sirratti hin ta'u.

Islaamummaatti yoo seente muslimoota biliyoonaan lakkaawamaniif obboleessa akka taate beeki, masjiida yookaan wiirtuu islaamaa biyya kee jiru woliin wol qunnamtee marii fi gargaarsa isaan irraa barbaaduunis siif mala, sun immoo isaan ni gammachiisa.

Rabbiin ol ta'e ni jedhe:

{Nama Rabbiin sodaatu (Rabbiin) bahiinsaa isaaf godha. bakka inni hin yaadin irraayis isa hira} [65: 3,2]

Yaa kabajamoo dubbisaa

Rabbii si uume jaallchiisuun, -isa qananii isaa hundaan si qananiise, yeroo ati miciree taatee garaa haadha keetii keessa turtetti soorata siif kennee amma immoo afuura ati baafattu siif kenne- sun namoonni sirraa jaallachuu irra irra yaachisaa mitii?

Duuniyaa fi Aakhiraatti milkaa'uun waan isaa gadi ta'e hunda qananii jireenya duuniyaa dhabamtuu taate aarsa gochuu kan haqa godhatuu mitii? Eeyyee, Rabbiinan kakadha!

Seenaan kee kan darbe adeemsa kee dogongora ta'e sirreessitee waan sirrii ta'e hojjachuu irraa akka si dhoorgu hin taasisin.

Hardha Mu'umina dhugaa ta'i! sheexaanni haqa hordofuu irraa akka si dhaabu hin eeyyaminiif!

Rabbiin ol ta'e ni jedhe:

{Yaa namootaa! Dhugumatti ragaan Gooftaa keessan irraa ta'e isinitti dhufeera. Ifaa mul’ataa ta'ees gara keessanitti buufnee jirra (174) Isaannan Rabbitti amananii, Isa qabatan immoo, fuulduratti rahmata Isa irraa ta’eefi tola keessa isaan seensisa, Gara isaatti karaa qajeelaa isaan qajeelcha (175)} {4: 174, 175}

Jireenya kee keessatti murtoo jabaa ta'e murteessuuf ati qophaawaadha?

wonti dabre hunduu siif amansiisaa kan ta'u yoo ta'e, onnee kee keessatti dhugaa amantee jirta, gara muslima ta'uutti tarkaanfii jalqabaa tarkaanfachuu qabda, jireenya kee keessatti murtoo caaltuu taate murteeffachuu keessatti akka ani si gargaaru, akkamitti akka muslima taatutti akkan si qajeelchu narraa barbaadda?

Badiiwwan kee islaamummaatti seenuu irraa kan si dhoorgu hin taasisin, Rabbiin Qur'aana keessatti ilmi namaa yoo uumaa isaatti toobatee gara isaatti deebi'e badii isaa hunda akka dhiisuuf nutti himee jira, booda islaamummaa seenteeyyuu badii garii hojjachuun uumamuma irraayi, nuti ilma namaati malee malaa'ikaa badii irraa tikfamoo ta'anii miti, garuu kan nurraa barbaachisu Rabbiin irraa araarama barbaannee gara isaa deebi'uudha, Rabbiin haqa qeebaluu keessatti jarjartee islaamummaatti seenuu fi shahaadaa lameen jechuu kee yoo sirraa arge badiiwwan biroo dhiisuu irratti si gargaaruuf taa'a, nama Rabbitti fuula deeffatee haqa hordofe Rabbiin toltuu dabaltaatti isa qajeelcha waan ta'eef ammuma islaamummaatti seenuu irraa booda hin deebi'in.

Ragaalee sanaa irraa jecha Rabbii ol ta'eeti: {Isaan kafaraniin jedhi, yoo(kufrii irraa) dhoorgamtan wanti dabre isaaniif araarama} [8: 38]

Muslima ta'uuf maalan hojjadha?

Islaamummaatti seenuun dhimmi isaa laafaadh sirna amantii adda ta'e akkasuma wantoota addaa ta'e yookaan bakka namoonni argamanitti ta'uutti hin haajomu, ilma nama irraa haala hiikkaa isaa bekee fi itti amaneen shahaadaa lameen jechuu qofaatu irraa eegama, innis: (Ash-hadu An Laa Ilaaha illallaah wa Ash-hadu anna Muhammadan rasuulullaah (haqaan gabbaramaan Rabbiin malee akka hin jirre Muhammad ergamaa Rabbii akka ta'e ragaan ba'a) jechuu isaati, afaan arabaatiin jechuun kan siif laafu yoo ta'e bareedaadhaa, kan sitti jabaatu yoo ta'e immoo afaanuma keetiin jechuun ga'aadha, sanaan muslima taata, eegasii amantaa kee duuniyaatti madaa gammachuu keetii Aakhiraatti immoo madda bilisa ba'uu keetii ta'e barachuutu sirra jiraata.

Islaamummaa ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf maarsaaritii armaan gadii kana akka ilaaltun siif dhaama.

Akkamitti islaamummaa hojii irra oolchuu akka qabdu barachuuf immoo maarsaaritii armaan gadii kana akka seentun siif dhaama: