Islaamummaa jechuun Rabbii uumama uumeefi isa bulchuuf ajajamuudha, akkasumas jaalalaafii kabajaan Isa tole jechuudha. Bu'urri islaamaa Rabbitti amanuu fi Inni uumaa akka ta'ee fi wanni biroo uumama akka ta'e amanuudha, akkasumas Inni kophaa Isaa osoo hiriyaa hin qabaanne gabbartii akka haqa godhatuu fi Isa malee dhugaan gabbaramaan akka hin jirre amanuudha, Isaaf maqaalee gaggaariifii sifaata olaantuu taatetu jira, Isaaf guutamiinsa daangaa hin qabne kan hir'inni itti hin dhaqqabneetu jira. Inni hin dhalle hin dhalannes, wanni tokkolleen fakkaataa Isaaf hin taane, Inni waa tokko kan uumama Isaa irraa ta'e kamiyyuu keessatti hin qubatu, qaamas hin ta’u.
Islaamummaan amaantaa Rabbiiti kan Rabbiin isa malee amaantaa biroo hin qeeballeedha, akkasumas inni amantaa Nabiyyoonni hundi dhufaniini, nagaan isaan irra haa jiraatu.
Hundeelee islaamaa irraa Ergamtoota Rabbii hundatti amanuudha, akkasumas Rabbiin akka ajaja Isaa ummatatti geessaniif ergamtoota hedduu ergee kitaabban isaanirratti akka buuse amanuudha. Xumurri isaanii nabi Muhammadi -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu-, shari'aa seera Rabbii tan xumuraa tan seera ergamtoota Isaan duraa shaartee bakka buutuun Rabbiin isaan erge, mallattoolee gurguddoon Rabbiin isaanif tumse, irra guddoon isii Qur'aana kabajamaa jecha gooftaa aalamaa ta'eedha, inni irra caalaa kitaaba ilmi namaa beekeeti, inni jechootaa fii hiikkaa isaatiinis dadhabsiisaadha, haqa gara gammachuu duniyaa fi Aakhiraatti nama geessuutti qajeelchuutu isa keessa jira, inni afaan araabaatiin bu'e, hanga arraatti tikfamaadha, qubeen tokkolleen irraa hin jijjiiramne, irraas hin hir'ifamne, ittis hin dabalamne.