الإسلام دين رسل الله

الإسلام دين رسل الله

رسالة لطبفة توضح أن الإسلام هو الاستسلام لله خالق الكون والانقياد له محبة وتعظيماً، وهو دين جميع الأنبياء، يقوم على الإيمان بالله، ورسله، وملائكته، وكتبه، واليوم الآخر، والقدر خيره وشره. ويدعو إلى عبادة الله وحده، ويرى أن عيسى عبد الله ورسوله وليس ابن الله.

Language: lang_om
Prepared by:
Version: 2.0
Translations 80
Afrikanns Akan Amharic Assamese +76
Attachments 7
PDF
Audio
Video
+3

Islaamni amantii Ergamtoota Rabbiiti.

Islaamummaa jechuun Rabbii uumama uumeefi isa bulchuuf ajajamuudha, akkasumas jaalalaafii kabajaan Isa tole jechuudha. Bu'urri islaamaa Rabbitti amanuu fi Inni uumaa akka ta'ee fi wanni biroo uumama akka ta'e amanuudha, akkasumas Inni kophaa Isaa osoo hiriyaa hin qabaanne gabbartii akka haqa godhatuu fi Isa malee dhugaan gabbaramaan akka hin jirre amanuudha, Isaaf maqaalee gaggaariifii sifaata olaantuu taatetu jira, Isaaf guutamiinsa daangaa hin qabne kan hir'inni itti hin dhaqqabneetu jira. Inni hin dhalle hin dhalannes, wanni tokkolleen fakkaataa Isaaf hin taane, Inni waa tokko kan uumama Isaa irraa ta'e kamiyyuu keessatti hin qubatu, qaamas hin ta’u.

Islaamummaan amaantaa Rabbiiti kan Rabbiin isa malee amaantaa biroo hin qeeballeedha, akkasumas inni amantaa Nabiyyoonni hundi dhufaniini, nagaan isaan irra haa jiraatu.

Hundeelee islaamaa irraa Ergamtoota Rabbii hundatti amanuudha, akkasumas Rabbiin akka ajaja Isaa ummatatti geessaniif ergamtoota hedduu ergee kitaabban isaanirratti akka buuse amanuudha. Xumurri isaanii nabi Muhammadi -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu-, shari'aa seera Rabbii tan xumuraa tan seera ergamtoota Isaan duraa shaartee bakka buutuun Rabbiin isaan erge, mallattoolee gurguddoon Rabbiin isaanif tumse, irra guddoon isii Qur'aana kabajamaa jecha gooftaa aalamaa ta'eedha, inni irra caalaa kitaaba ilmi namaa beekeeti, inni jechootaa fii hiikkaa isaatiinis dadhabsiisaadha, haqa gara gammachuu duniyaa fi Aakhiraatti nama geessuutti qajeelchuutu isa keessa jira, inni afaan araabaatiin bu'e, hanga arraatti tikfamaadha, qubeen tokkolleen irraa hin jijjiiramne, irraas hin hir'ifamne, ittis hin dabalamne.

Hundeelee islaamaarraa malaa'ikoota fi guyyaa aakhiraatti amanuudha, guyyaa aakhiraa jechuun guyyaa Rabbiin isa keessatti hojiilee isaanii irratti isaan qorachuuf jecha namoota qabrii isaanii irraa kaasuudha, namni amanee gaarii hojjate jannata qananii zalaalam seena, namni kafaree badiilee hojjate ibidda jahannam keessatti zalaalam adabama. Hundeelee islaamaa irraa kheyrii yookaan sharrii irraa waan Rabbiin murteessetti (Qadaratti) amanuudha.

Muslimtoonni nabi Iisaan ilma Rabbii osoo hin taane gabricha Rabbiitiifii ergamaa isaa akka ta'e ni amanan; sababni isaas Rabbiin guddaadha, jaartiin ykn ilmoon isaaf hin malu, garuu Rabbiin Qur'aana keessatti nabi Iisaan nabiyyii Rabbiin mu'ijizaa hedduu isaaf kenne tahuu fi ummata isaa gara gabbartii Rabbii tokkicha hiriyyaa hin qabnetti akka waamuuf Rabbiin isa erguu nuuf himeera, akkasumas nabi Iisaan namoota irraa isa gabbaruu akka hin barbaadin nuuf himeera, inumaayyuu inni Rabbii isa uume gabbaraa akka tureedha.

Islaamummaan amantii uumamaa fi sammuu fayyaa qabuun walii galu yoo ta'u, amantii qalbiin sirraawaan isa qeebalu, Rabbiin uumaan guddaan uumama isaatif isa karaa godhe. Inni amantii namoota hundaaf kheyrii fi milkii qabuudha. Sabaafii bifaan nama wal hin caalchisu. Namni hundi isa keessatti walqixa. Islaamummaa keessatti namni hojii isaa gaarii qofaan wal caala.

Rabbummaa Rabbii tokkichatti, nabi muhammad ergamaa tahuu fi islaamummaan amantii sirrii tahutti amanuun nama sammuu fayyaa qabu hunda irratti dirqama. kuni dirqama malee filannoo miti; sababni isaas Rabbiin guyyaa qiyaamaa waan inni ergamtootaf deebiserraa isa gaafata waan taheef jecha; yoo mu'umina tahe milkiifii jiruu gaariitu isaaf jira. yoo kaafira tahe ammoo kasaaraa guddootu isa mudatuu taa'a.

Namni islaamummaa seenuu barbaade akkana jechuun isa irratti dirqama: Ash'hadu an laa ilaaha illaallaahu wa Ash'hadu anna muhammadan rasuulullaah), hiika isaa beekee itti amanuudha qaba. kanaan muslima taha. eegasii seera islaamaa xiqqo xiqqoon barataa deema; waan Rabbiin isarratti dirqama godheen akka dhaabbatuuf jecha.

Odeeffannoo dabalataatiif: