المختصر المفيد للمسلم الجديد

المختصر المفيد للمسلم الجديد

الكتاب يعرض مبادئ الدين الإسلامي بشكل مختصر وواضح، يتناول أساسيات العقيدة الإسلامية، وأركان الإسلام والإيمان، والعبادات المفروضة والمنفولة كالصلاة والصيام والزكاة والحج. مع التأكيد على أهمية القرآن الكريم كمصدر إرشادي أساسي، ويوضح دور النبي محمد ﷺ كرسول الرحمة والهداية للعالمين.

Language: lang_om
Prepared by:
Version: 1.0
Translations 31
Amharic Bosnian Dhivehi English +27
Attachments 7
PDF
Audio
Video
+3

Gabaabfamaa bu'a qabeessa Muslima haaraaf

Qopheessaan

Muhammad A-shihrii

2020 - 1441

Maqaa Rabbii rahmata godhaa mararfataa taheetiin.

Duree

Faaruun kan Rabbiiti isa faarsina isaan gargaarsifanna ararama isarra barbaanna, Rabbitti maganfanna hamtuu lubbuu teenyaa irraa hamtuu hojii teenyaa irraahis, Nama Rabbiin qajeelche kan isa jallaisu hin jiru, nama inni jallises kan qajeelchu hin jiru, Haqaan gabbaramaan Allah malee akka hin jirre ragaa nin baha, Inni tokkicha waahelli isaaf hin taane, Muhammad gabrichaafii ergamaa Isaa tahus ragaa nin baha.

Itti aansuudhaan:

Rabbiin ilmaan Aadama kabajee uumamtoota isaa baay'ee irras isaan caalchise, Rabbiin oltahe akkana jedhe: {Dhugumatti, Nuti ilmaan Aadam kabajneerra} [Al-Israa: 70] Kabaja ummata kanaa dabalee irra caalaa anbiyoota isaa Muhammad -Nagaaf rahmanni irra haa jiraatuu- itti erge, Irra caalaa kitaabban isaa Qur'aana isaan irratti buuse, karaa isaa irra caalaa "Islaama" isaaniin jaalate, Rabbiin oltahe akkana jedhe: [Isin caaltuu ummata namaaf mul'ifamtee taataniittuu. Toltutti ajajju; hamtuu irraas ni dhoorgitu; Rabbittis ni amantu. Odoo warroonni abbootii kitaabaa amananii, silaa gaarii isaaniif ta’a ture. Isaan irraa mu'uminoonnis ni jiru; garuu irra hedduun isaanii finciltoota]. [Aali imraan: 110] Qananii Rabbiin namarratti tola oole guddaa keessaa Islaamummarratti isaan qajeelchuun qananiisuudha, irratti cichuu qabaachuu, seeraafii shari'aa isaatti dalaguudha, kitaaba qaamaan xiqqaa qabiyyeen guddaa kana keessatti muslimni haarofni waan wallaaluun isarraa hin malle karaa gabaabaa ifaa taheen bu'ura amantii guddaa kanaa ni barata, kana yoo baree ajaja isaatti dalagee, beekkomsa dabalataa kan rabbii isaatii fi Nabiyyii isaatiin ammas diinii isaa Islaama caalatti barachuuf ni socho'a. Haala hubannoo fi ifaa taheen Rabbii isaa gabbara, Qalbiin isaa tasgabbii argatti, ibaadaadhaan iimaanni isaa dabalee Rabbitti dhihaata, hordoffii sunnaa Nabi Muhammad (nagahaaf rahmanni irratti haa jiraatu) ni dabala.

Tokko tokkoo jecha kitaaba kana keessatti taherratti Rabbi haa barakeessu jedheen kadha, isiidhaan Islaamaafii muslimtoota haa fayyadu, fuula isaatiif qulqulluu haa godhu, galata isii muslimtoota hundaaf kan jiraniifii kan du'aniifis haa godhu.

Rahmataa fi nageenyi Rabbii nabii keenya Muhammadiin, maatii fi saahibban isaanii mara irratti haa jiraatu.

Muhammad binu A-sheybaah A-shihrii.

4/11/1441 hijra

Rabbiin kiyya Allaahi

Rabbiin ol tahe ni jedhe: {Yaa namoota! Akka Rabbiin sodaattaniif jecha gooftaa keessan isa isiniifii warra isin duraa uume qofa gabbaraa!} [Al-Baqarah: 21].

Rabbiin ol tahe ni jedhe: {Inni Allaaha kan gabbaramaan haqaa isa malee hin jirre} [Al-hashri : 22].

Rabbiin ol tahe ni jedhe: {Fakkaataan akka Isaa tokkolleen hin jiru, Inni dhagayaa argaadha.} [Ash-Shuuraa: 11].

Allaahan gooftaa kiyya goofta waan hundaati, mootii dhuunfataa, kan rizqii kennu, ka waa hunda garagaggalchu.

Inni Isa kan ibaadaa haqa godhate, Isa malee Rabbiin hin jiru, gabbaramaan haqaa Isa malee hin jiru.

Maqaan gaggaariifii sifaanni babbaredduun isaaf taate, tan inni ufiif mirkaneesseefii tan nabiyyiin isaa isaaf mirkaneesse hundi, tan bareeduminnaafii guutuminnaan daangaa geette, fakkaataan akka isaa hin jiru inni dhagayaa argaadha.

Maqaalee Isaa gaggaarii irraa:

Kan hiree kennu, Rahmata godhaa, Dandayaa, Mootii, Dhagayaa, Nagaya, Argaa, Irkoo, Uumaa, Suutan hojjataa, gayaa, Araaramaa.

Hiree Qoodaa:- kan hiree fii soorata gabrootaaf kennuuf of qabe, qalbii fi qaamni isaanii isiidhaan kan jiraattu.

Rahmata godhaa:-Abbaa Rahmata bal'oofii guddoo tan waa hunda hammatte.

Dandayaa:- abbaa dandeeytii guddoo kan dadhabbiifii hifanni itti hin dhufne.

Mootii:-kan sifa kabajaa hundaan beekamu injifataa guddaa, toohataa, kan waa hunda dhuunfatee waan fedhe keessatti dalagu.

Dhagayaa:-kan waa hunda dhagayu mul'attuufii dhokattuu isii hunda.

Nagaya:- Hir'innaa fi eeybii hundarraa kan bilisa/nagaya taye.

Argaa: kan argaan isaa waan hunda marsite hamma fedhes xiqqaa ta'ee muldhatu dhiisus, abbaa agartii wantootaa, dhugaan isii beekaa kan tahe, dhoksaa isii argaa kan tahe.

Irkoo: rizqii uumamtoota isaatiif ofqabaa, faayidaalee isaaniitiif dhaabbataa kan tahe, kan jaalalloowwan isaa dhimma isaanii fudhatee isaaniif laaffise dhimmoota isaanii kan toohatu.

Uumaa: argamsiisaa wantootaatii Ammas uumaa isii fakkii isii dura dabarteen maletti.

Gara laafaa: kan gabroottan isaa kabaju, isaaniif mararfatu, gaafii isaaniitis kannuuf.

Gahaa: kan gabroottan isaa waan isaan haajaman hunda gahuuf, kan gargaarsa isaatiin kan biraa irraa if gahan, kan waan isa malee jirurraa Isaan durooman.

Araaramaa: kan gabroottan isaa hamtuu badii isaanii irraa baraaru, kan isirratti isaan hin qixaaxne.

Muslimni ajaa'iba uumaa Rabbiitii fi laafisiinsa isaa ni xiinxala, san irraa too'achuu uumamtootaa xixiqqoo isiitiif isii nyaachisuuf carraaquu toohachuu hanga isiin ifiin if dandeessutti, waa qulqullaawee uumaan isii kan isiif garaa laafe, garaa isiif laafuu irraa waan isii gargaaruu fi haala isiif mijjeesse, kun dadhabii isii guutuu waliin.

Nabiyyiin kiyya Muhammadi nagayaaf rahmanni irratti haabu'u.

Rabbiin ol tahe ni jedhe: {Dhugumatti, isinitti dhufeera ergamaan isin irraa ta’e, kan rakkinni keessan isa irratti jabaatu, kan isiniif akka amantanuuf bololu, mu’uminootaaf immoo mararfataa, rahmata godhaa ta’e}. [Al-tawbah: 128].

Rabbiin ol tahe ni jedhe: {waa sin ergine rahmata aalamaatiif malee} [Al-anbiyaa'a: 107].

Muhammad nagayaaf rahmanni irra haa jiraatuu rahmata kennamaa

inni Muhammad ilma Abdallaah nagayaaf (Ramanni irra haa jiraatuu) dhuma anbiyootaatii fi ergamtootaati, Rabbiin ol tahe diin Islaamaatiin ilma namaa guututti isa erge, gama toltuu akka isaan qaceelchuuf irra guddoon isii tawhiida, hamtuu irraa akka isaan dhoorkuuf irra guddoon isii shirkii dha.

dirqama taha waan inni ajaje keessatti isa tole jachuun waan inni hime keessatti isa dhugoomsuun, waan inni irraa dhoorkee fi dinniine irraa fagaachu, waan inni karaa godheen maletti Rabbi gabbaruu dhabuu.

ergaan isaatii fi ergaan ergamtoota isa duraa hundi gama Rabbii tokkicha shariikni isaaf hin tahinii yaamuudha.

mallattoo isaatirraa- (nagaa rahmanni isarratti haa jiraatuu):-

dhugaa, mararfannaa, garaa bal'achu, obsuu, gootummaa, arjummaa, haala toluu, wal qixxummaa, gadi ufqabuu, dhiifama godhuu.

Qur'aanni kabajamaan jacha Rabbii kiyyaati

Rabbiin ol tahe ni jedhe: {Yaa namootaa! Dhugumatti ragaan Gooftaa keessan irraa ta'e isinitti dhufeera, Ifa mul’ataa taasifnees gara keessanitti buufnee jirra}. [Al-nisaa'a: 174]

Qur'aanni kabajamaan jacha Rabbii ol taheeti kan nabiyyii isaa Muhammad irratti buuse (nagaaf rahmanni isarratti haa jiraatuu) akka ilmaan namaa dukkana irraa gara ifaatti isaan baasuuf gara daandii dhaabbataa akka isaan qajeelchuuf.

namni isa dubbise ajrii guddaatu isaaf argama, namni qajeelfama isatti dalages daandii sirraawaa bobba'a.

hundeelee islaamaa nin baradha

nagayaa rahmanni isarratti haa tahuu ni jedhe: [Islaamummaan shanirratti jaaramte, ragaa bahuu Allaah malee haqaan gabbaramaan biraa akka hin jirree fi Muhammad ergamaa isaa tahuu, salaata dhaabuu, zakaa laachuu, ramadaana soomanuu,hajjii dhaquu].

hundeeleen islaamaa gabbartii Muslima hunda iratti dirqii taatu, islaamummaan namaa hin jirtu dirqamummaa isii amanuu fi hunda isii fiduun maletti; islaamummaan isirratti waan jaaramteef, tanaaf hundeelee islaamummaa jedhamte.

hundeeleen tunis:

hundeen duraa: ragaa bahuu Allaah malee haqaan gabbaramaan biraa akka hin jirreefii Muhaammad ergamaa Rabbii tahuu raguudha

Rabbiin ol tahe ni jedhe: {beeki Allaah malee haqaan gabbaramaan akka hin jirre} [Muhammad: 19].

Rabbiin ol tahe ni jedhe. {Dhugumatti ergamaan isin irraa ta’e, kan rakkinni keessan isa irratti jabaatu, kan isiniif (akka amantaniif) bololu, mu’uminootaaf immoo mararfataa, rahmata godhaa ta’e isinitti dhufeera. [Al-tawbah: 128].

hiikkaan Allaah malee haqaan gabbaramaan biraa akka hin jirre ragaa bahuu: gabbaramaan dhugaa Allaah malee hin jiru.

hiikkaan Muhammad ergamaa isaa tahuu ragaa bahuu: waan inni itti ajaje fudhatu, waan inni namatti himee dhugoomsuu, waan inni irra nama dhowwee irra dhowwamuu, waan rabbin karaa godheen malee isa gabbaruu dhabu.

hundeen lammafaa: salaata dhaabuudha

Rabbiin ol tahe ni jedhe: {salaata dhaabaa} [Al-Baqarah: 110].

salaata dhaabuun isii gaggeessuudha akkaata Rabbiin oltahe karaa itti godhee ergamaan isaa Muhammad [nagahaam rahmanni isaanirra haajiraatu) nu barsiise saniin.

hundeen sadaffaa: zakaa laachuu.

Rabbiin ol tahe ni jedhe: {zakaa kennaa} [Al-Baqarah: 110

Rabbiin ol tahe zakaa dirqama godhe dhugaa iimaana muslimaa qurmaatuuf, Rabii isaa galateeffatuuf qananii maallaqaa waan itti arjoomee, hiyyeessotaaf haajamtoota gargaaruuf.

zakaa laachuun nama isii haqa godhatuuf laachuuni.

isiin haqa dirqamtuudha maallaqa keessatti yeroo inni hanga murteeffame gahe, gosa saddeetiif kennama Rabbiin Qur'aana keessatti isaan dubbate, isaan keessaa hiyyeessaaf miskiina.

rawwachuu isii keessatti mararfannaaaf gara laafummaan beekkamuu, amala Muslimaatiif horii isaa qulqulleessuu, lubbuulee hiyyeessotaaf miskiinotaa jaalachiisuu, walitti dhufeenya jaalalaaf obbolummaa jidduu hawaasa Muslimaatu keessa jira, kanaaf Muslimni gaariin gaarummaadhaan isii baasa isii gaggeessutti lubbuun isaa gammadduudha, nama biraa gammachiisuu isii keessatti jirtuuf.

hangi zakaa dhibbantaa 2.5% maallaqa ol kaahamerraa dahabaa, meetaa, maallaqaa fi meeshaalee daldalaa bittaaf gurgurtaaf qophoyte; yeroo hangi isii hanga murteeffame gahee waggaa irratti naannooyte.

akkasuma zakaan ni dirqamti nama beyladarra hanga murtaawe qabu irratti (Gaala, Horii, Re'eef Hoolaa), caalaa waggaa osoo abbaan hin nyaachifne citaa dachii irraa ka dheeddu yoo tahe.

akkasuma zakaan ni dirqamti waan dachii irraa bahu keessatti firiilee, ashiitaaleef albuudotaaf ziqayoota yeroo hanga murtaawe gahan.

hundeen afraffaa: ramadaana soomanuu.

Rabbiin ol tahe ni jedhe: {Yaa warra amantan! Akka isin Rabbiin sodaattaniif Soomni akkuma warra isin duraa irratti dirqama ta’etti isin irrattis dirqama godhamee jira}. [Al-Baqarah: 110].

Ramadaanni: ji'a sagalaffaa waggaati lakkoofsa hijrarraa, inni ji'a guddifamaadha Muslimoota biratti, iddoo kophaa qaba ji'oota hafan irraa addatti, guutuu isaa soomanuun hundeelee islaamaa shanan keessaa tokko.

soomanni ramadaanaa: Rabbi gabbaruudha nyaata, dhugaatiif walqunnamtii saalaa irraa if qabuun, waan soomana balleessu hundumarraahuu yeroo fajriin baatu irraa hanga aduun seentutti ji'a ramadaanaa kabajamaa guutuu.

hundeen shanaffaa: mana rabbii kabajamaa hajjuudha(hajji godhuu)

Rabbiin ol tahe ni jedhe: {Rabbiif hajjii dhaguun nama dandahe irratti dirqama tahee jira}. [Aali imraan :97].

Hajjiin nama dandeettii itti qabuuf taha, umrii keessatti yeeroo takka, innis: beytal haraamiif mallattoolee qulqulluu fuulleeffachuudha Makkatti ibaadaalee murteeffamtuu gaggeessuuf yeeroo murteeffamtuu keesatti, Nabiyyiin -nagaaf rahmanni isarratti haa jiraatuu- hajjee jira isa males Nabiyyoonni isa dura jiranis hajjanii jiran, Rabbiin Ibraahiim nageenyi isarratti haa jiraatu hajjiif akka nama keessatti yaamu ajaje, akkuma Rabbiin Qur'aana keessatti hime akkana jedhe: {Sirna hajjii akka raawwatan namoota keessatti lallabi. (Namoonnis sirnicha raawwachuuf) miilaafi geejjiba haffallii hunda irra ta’anii, daandiiwwan fagoo irraa sitti dhufu. [Al-Hajji: 27].

Arkaana iimaanaa nin baradha

Ergamaan Rabbii (rahmanni isarratti haa jiraatuu) iimaanarraa gaafatamee akkana jedhe: (Rabbitti amanuu, Malaa'ikaa isaattis, Ergamtoota isaattis, guyyaa boodaattis, qadarattis amanuu toltuus taatee hamtuu).

bu'uraaleen iimaanaa isiin ibaadaalee qalbii tan Muslima hunda irratti dirqamaati, Islaamummaan namaa isitti amanan malee hin sirrooftu, tanaaf bu'uraalee iimaanaa jedhamte, garaagarummaan isiitii fi arkaana islaamaa: arkaanni islaamaa dalagaalee mullattuu namani qaama isaatiin gaggeessu akka shahaadaa dubbachuu salaatuu fi zakaa, arkaanni iimaanaa dalagaalee qalbiin namni gaggeessu akka Rabbitti amanuu kitaabban isaattii fii ergamtootattis.

hubannaan iimaanaatiif hiikkaan isaa: Rabbi dhugoomsuu jala muramtuu qalbiiti, Malaa'ikaa isaa, kitaabban isaa, ergamtoota isaa, guyyaa boodaatiif qadara toltuu fi hamtuu isaatti, waan Ergamaan -nagaaf rahmanni isarratti haa jiraatuu- dhufeen hunda hordofuuf hojirra oolchuu: afaaniin dubbachuun, akka jecha gabbaramaan Rabbi malee hin jiru jachuu, Qur'aana qara'uu, tasbiihaa fi tahliila godhuu, Rabbi faarsuu.

dalagaalee qamaa mullattuun hojjachuun: akka salaataa, hajjii, soomanaa ...qaama dhokattuun tan qalbitti rarraatu akka Rabbi jaalachuuf isa sodaachuu, isarratti irkachuuf isaaf qulqulleessuu.

warroonni isa hubatan gabaabinaan akkanatti beeksisan; qalbiin amanuu, arrabaan jechuu, qaamaan hojjachuu, toltu dalagun hin dabala, hamtuu dalaguun hin hirdhata.

hundeen tokkoffaan: Rabbitti amanuudha

Rabbiin ol tahe ni jedhe: {bar Mu'umintoonni warroota Rabbitti amanani} [Al-nuur: 62].

Rabbitti amanuun rabummaa isaa keessatti isa tokkichoomsuu, gaabbartummaa isaa keessattis maqaaf sifa isa tokkoomsuu hammata, innis wantoota armaa gadii ofkeessaa qaba:

jiraachuu isatti amanuu; inni qulqullaahe oltahe

Rabbummaa isatti amanuu inni qulqullahi inni moti waa hundaatii uumaa hund ammas kan hiree waan uume marafu kennu, kan amri hundaa asi achi gagaragalchuu.

ilaahiyyumma isatti amanuu, inni qulqullahe isuma qofatu gabbartiii haqa godhataa kophaa isaa qindiin takkalle humaa keessatti isaaf hin jiru, isirra akka salataa, kadhaa, qalma, gargaarsifachuu, ittiin maganfachuu fi ibaadaalee biraa cufa.

maqaalee isaa toltuuf sifoota isaa ol aantuu taate tan inni ifiif raggaasise, takkaa ergamaan isaa (rahmataaf nageenyi isarratti haa jiraatuu) isaaf raggaasise, waan inni ofirraa haqe irraa haqu, takkii ergamaan isaa (rahmataaf nageenyi isarratti haa jiraatuu) isarraa haqee maqaaleef sifaatarraa, sifaanni isaa tolinafii gutuma keessatti galma gahanii jiranii, fakkaataan isaa tokkolleen hin jiru inni dhagayaadha argaadha.

hundeen lammaffaa: Malaa'ikatti amanuudha.

Rabbiin ol tahe ni jedhe: {Faaruun hundi kan Rabbii samiileefi dachii uumeeti, kan maleykotas ergamtoota abbootii kooluuwwan lama lamaa, sadi sadiifi afur afurii taasiseef haa ta’u. Uumama keessattis waan fedhe ni dabala. Dhugumatti, Rabbiin waan hunda irratti danda’aadha}. [faaxir: 1]

ni ammanna malaa'ikaan aalama dhokotaa akka taate, ammas isaan gabroottan rabbiiti ifarraa isaan uume, isaan godhe warra tole jedhu isaaf gadi godhattoota.

isaan uumamtoota guddaadha humna isaaniitiif baay'ina isaanii Rabbi malee humaatuu hin dhaqqabu, isaan hundaaf bifoota, maqaaleef hojii rabbiin isaan qofaaf laateetu jira, isaan keessaa Jibriili nageenyi isarratti haa jiraatut kan wahyii buusuu irratti ramadame, Rabbirraa gama ergamtoota isatti buusa.

hundeen sadaffaa: kitaabbanitti amanuudha

Rabbiin ol tahe ni jedhe: {(Mu’uminoonni) jedhaa: “Nuti Rabbitti amannee jirra, waan gara keenyatti buufamettis; waan gara Ibraahiim, Ismaa’iil, Isihaaq, Ya’aquubiifi Asbaaxitti (ilmaan Isra'iil) buufametti amannee jirra. Waan Muusaafi Iisaan kennamanittis. Waan nabiyyootaaf Gooftaa isaanii irraa kennamettis amannee jirra. Isaan irraa gidduu nama tokkoos addaan hin baafnu. Nutis warra Isaaf islaamawaniidha}. [al-baqarah: 136].

jala muranii dhugoomsuudha kitaabban samii cufti jacha Rabbii tahuu.

isiinis buufamtuudha Rabbi ol tahe biraa gabroottan isarratti haqa ifa bahaan.

ammas Rabbiin ol the ergamaa isaa Muhammad (rahmataaf nageenyi isarra haa jiraatuu) erguun gama ilma namaa cufatti, shari'aa isaatiin shari'aalee isa dura jirtu hundaa haqee jira, Qur'aana ni taasise oltahaa kitaabban samii hunda irratti akkasumas ka isii haqu, Rabbiin jijjiiramuu fi haqamuu kamirraa qur'aana tiiysuu ifitti fudhate, Rabbiin ol tahe akkana jedhe: {Dhugumatti, Nuti Zikrii (qur'ana) Numatu buuse. Numatu isaaf tiksoodha}. [al-hijri: 9]. qur'aanni dhuma kitaabban Rabbii gara namaa ergamteeti, nabiyyiin isaa Muhammad (rahmataaf nageenyi isarra haa jiraatuu) ergamaa dhumaati , diin islaamaatis isaatu diin Rabbiin ilmaan namaatiif jaalate hanga guyyaa qiyaamaatti, Rabbiin oltahe akkana jedhe: {amantiin Rabbii biratti fudhatama qabdu islaamumma qofaa} [Aali imraan: 19]

kitabban samii tan Rabbiin oltahe kitaaba isaa keessatti hime isiinis:

Qur'aana kabajamaa: Rabbiin nabi Muhammad -rahmataaf nageenyi isarra haa jiraatuu- irratti buuse.

Al-Towraat: Rabbiin nabi Muusaa nageenyi isarra haa jiraatuu irratti buuse.

Al-Injiil: Rabbiin nabi Iisaa -nageenyi isarra haa jiraatuu- irratti buuse.

Al Zabuur:Rabbiin nabi Daawuud nageenyi isarra haa jiraatuu irratti buuse.

Suhufu Ibraahiim: Rabbiin nabi Ibraahiim nageenyi isarra haa jiraatuu irratti buuse.

hundeen afraffaa: ergamtootatti amanuu

Rabbiin ol tahe ni jedhe: {Dhugumatti erginee jirra ummata hunda keessatti ergamaa, Rabbi qofa gabbaraa waan isaa gaditti gabbaramaa irraa fagaadhaa jechuudhaan} [Al-nahli: 36].

jala muranii amanuudha Rabbiin ol tahe ummata hunda keessatti ergamaa ergee jira akka isaan yaamuuf gama Rabbi qofa gabbaruu qindii takkaan maletti, waan Rabbii gaditti gabbaramuttis akka kafaraniif.

isaan hundi ilmaan namaati gabroottan Rabbiiti, isaan dhuga himtoota dhugoomfamtoota, Rabbi sodaattota amanamtoota, qajeeloodha qajeelchitoota, Rabbiin isaaniif tumse mu'ujizaalee dhugaa dubbachuu isaanii mirkaneessitun, isaan hundinuu dhaqqabsiisanii jiran waan Rabbiin isaaniin erge, isaan hundinuu haqa mullataa fi qajeelloo ifa baatuu irra turan.

yaamichi isaanii jalqabarraa hanga dhumatti hundee amantii keessatti waliif galtee jirti, isiinis Rabbii ol tahe tokkoomsuui isatti qindeessuu dhabuudha

hundeen shanaffa: guyyaa boodatti amanuudha

Rabbiin ol tahe ni jedhe: {Rabbiin dhugaan gabbaramaan isa malee hin jiru, Dhugumatti Guyyaa Qiyaamaa walitti isin qabuu isaa keessa mamiin kan jirre, Eenyutu Rabbiin caalaa haasa’a keessatti irra dhugaa dubbata?} [Al-nisaa'a: 87]

jala muraniii dhugoomsuudha waan guyyaa boodatti rarra'u hunda, waan Rabbiin ol tahe nuuf hime irraa kitaaba isaa keessatti, takkaa tan nuuf hime nabiyyin keenya Muhammad (rahmataafi nageenyi isarra haa jairaatuu) akka du'aatii nama, kaafamuu, walitti qabamuu, magantaa miizaana, jannataaf ibiddaa, kana malee kan jiran wantoota guyyaa boodaatiin wal qabatan.

hundeen jahaffaa: murtee Rabbitti amanuudha toltuu isaatiif hamtuu isaatis

Rabbiin ol tahe ni jedhe: {Nuti waan hunda hamma murtaa’een isa uumne. [al-qamar: 49].

amanuudha akka wanni umamtoota irra gahu taateelee adda addaa irraa jiruu duniyaa tana keessatti beekkumsa Rabbiitiini murtee isaatiini gaggeessa isaatiin kophaa isaa qindiin takkallen kan isaaf hin jirretti, murteeleen tun barreeffamtuudha ilmi namaa uumamuun duratti, ilma namaatiif fedhiif barbaaduutu jira, inni gocha isaa dhugaan raawwataadha; haa tahu malee sun hunduu beekkomsa, fedhiifii dandeettii Rabbiitiin alaa miti.

murtee Rabbitti amanuun sadarkaa afur qabdi isiinis:

takkaffaan: beekkumsa Rabbii kan waan hunda walgahetti amanuudha

lammaffa: amanuudha kitaaba Rabbit waan tahu hundaaf hanga guyyaa qiyaamatti

sadaffaan: amanuudha fedhii Rabbii tan gaggeessituu taateef dandeettii isaa guutuu taate, wanni inni fedhe ni taati wanni inni hin fedhin hin taatu.

afraffaan: amanuudha Rabbiin uumaa waan hundaa tahuu, qindiin kan isaaf hin jirre uumaa isaa keesatti.

wuduu'a nin baradha

Rabbiin ol tahe ni jedhe: {Rabbiin warra gama isaa deebi'uuf warra qulqulleeffatu jaalata} [al-baqarah: 22].

Nabiyyiin nagayaa rahmanni isarratti haa tahuu ni jedhe: (akkaataa wuduu'a kiyyaa kanatti wada'adhu)

guddina haala salaataa irraa Rabbiin qulqulleeffachuu ulaagaa toliinsa isii godhe, isiin furtuu salaataati, caalmaya isii fidachuun qalbiin salaata gaggeessuuf akka yaaddu godha. nagayaa rahmanni isarratti haa tahuu ni jedhe: (qulqullinni damee iimaanaati salaanni ifaadha).

Ni jedhea nagayaaf rahmanni irratti haa bu'uu: (namni wadda'atee, wuduu'a isaa tolfate diliin isaa qaama isaa irraa baati).

gabrichi gama Rabbii isaa ni dhufa qulqulleeffataa ka taheen qulqullina qaamaa ykn gubba wudu'aan tan ma'anaadha ykn keessaa ibaadaa tana gaggeessuu isaatiin, Rabbiif qulqulleessaa haala taheen qajeelloo nabiyyiti -nagaaf rahmanni isarrati ha jiraatuu- hidhataa ka taheen.

waan wudu'uni keessatti dirqamu:

1- salaata fardii tahee sunnaa tahee.

2- ka'abaan xawaafuu

3- Qur'aana qabachuu

nin wudu'adha nin dhiqidha bishaan qulqulluun:

bishaan qulqulluun: bishaan samirraa bu'e hunda takkaa kan dachii bahee akka aslii isaa sanirratti hafe, sifa isaa sadeen keessaa takkalleen kan hin jijjiiramin isiinis: bifa, dhandhamiif fooliidha, waan qulqullina bishaanii balleessuuun kan hin jijjiiramin.

wudu'a godhachuu nin baradha

adeemsa 1: niyachuudha iddoon isiitis qalbiidha: qalbiin murachuudha ibaadaa hojjachuu Rabbitti dhihaachuuf.

adeemsa 2: harka lamaan dhiqachuu.

adeemsa 3: afaan lulluuqachuu.

afaan lulluuqachuun: bishaan gar afaanitti galchanii keessaa naanneessuu, eegasii baasuu.

adeemsa 4: funyaanitti bishaan fudhachuu.

funyaanitti bishaan fudhachuun: hafuuraan bishaan harkisuu gara gararree funyaanitti.

eegasii bishaan funyaanii baasuu: innis waan funyaan keessa jiru hunda hafuuraan baasuudha.

adeemsa 5: fuula dhiqachuu

hangi fuulaa:

fuula: waan ittiin fuulleeffatan.

hangi isaa bal'inatti: gurrarrraa hanga gurratti.

hangi isaa dheerinaan: iddoo rifeensi irraa biqiluu hanga dhuma areedaa jiduudha.

fuula dhiqachuun rifeensa xixiqqaarraa waan fuula irra jiru hunda dhiquu if keessatti qabata, moggaa areedaatiif bikka areenni irran jirres akkasuma.

bikki areenni irra hin jirre: waan moggaa areedaatiif gurra jidduu jirtu.

moggaan areedaa: rifeensa lafee ol kaatuu sirrii uraa gurraa tan gara mataa seentuutiin jirtu, waan isarraa gadi jedhe utubaan gurraa.

akkasuma fuula dhiqachuun if keessatti hammata waan mullatu hunda rifeensa hedduu areedaa waan isarraa gadi dheerate wajjiin.

tarkaanfii 6: harka lamaan dhiqachuu mataa qubbeenii irraa jalqabee hanga ciqilee lamaanitti.

ciqileen lamaan harka lamaan dhiqachuun dirqamaa keessa galti.

adeemsa 7: mataa guttuu haquu harka lameeniin gurra lameen wajjiin yeroo takka.

dura mataa isaatii jalqabee hanga morma gahutti eegasii achii deebisa.

quba deymaa(Arrabsitu) isaa gurrra isaa keessa galcha.

qubba guddaa isaatiin gurra isaa gubbaa fi keessa haqa.

adeemsa 8: miila lamaan dhiqachuu jalqaba qubbeen miilaa irraa jalqabee hanga kiyyoo lameenitti, kiyyoon lameen miila lameenii dhiqachuun dirqamaa keessa galu.

kiyyoon lameen: lafee ol kaatuu miila gama jalatti argamtu.

wudu'uni wantoota kanneeniin bada:

1. waan karaa lameeniin( hudduufii qaama saalaa jechuudha) bahu akka fincaan, udaan, hafuura( dhuufuu), maniyyiif maziyyiiti.

2. sammuun namaa deemuu hirriba nama fudhateen, gaggaabaan, farshaanuu ykn macaayuu takkaa maraatuun.

3. waan qaama dhiqachuu dirqama godhu hundaan kan akka janaabaa ykn bishaan fedhii namarra bahuu, laguufi dhiiga yeroo da'umsa.

namni yeroo haaja bahe ( mana ficaanii deeme) najisa ifirraa deemsisuun isarratti dirqama taha, bishaan qulqulluun innis filatamaadha, waan bishaan qulqulluu malee jiru kan najisni namarraa ittiin deemsifamu kan akka dhagaa, waraqaa, carqiif fakkaataa isaa. haqaan sun yeeroo sadiif achii oliin qulqulleessituun haquu, waan xahaaraaf hayyamamaanis ni taha.

Kopheefii Kaalsii lamaan irra haquu:

yeroo kophee lamaan takkaa shurraaba(Kaalsii) lamaan uffatan isaan irraan haquun ni taha miila dhiqachuun alatti ulaagaalee kanaan:

1. isaan uffachuun xahaaraa guutuu hadasa xiqqaaf(dhuufuu, udaaniif fincaan) guddaa(waan qaama dhiqachuun dirqama ta'u akka maniyyiin bahuu) irraa taate boodaan tahuu, tan miilli isii keessatti dhiqamte.

2. Kopheefii Kaalsiin xahaara tahuu qaban najisa kan hin tahin.

3. haqaan yeroo isaaf godhamte keessatti tahuu.

4. halaal tahuu qabu, fakkeenyaaf waan hatamee waan dirqamaan namarraa fuudhame tahuu hin qaban.

kopheen lamaan: waan miilatti uffatamu kalloof fakkaataa isarraa, akkasuma kopheen miila lamaan haga kiyyoo dhoksitu.

shurraabni lamaan: waan namni miila isatti uffatu carqiif fakkaataa isaa innis waan (Kaalsiin) beekkamu dha.

hayyummaa kophee lamaan haquun karaa godhamteef:

hayyummaan kophee lamaan irra haquun karaa godhamteef muslimtootarratti laaffisuufi, kanneen kophee ykn shurraaba baafachuun iti jabaatu akkasumas miila dhiqachuun, keessumattuu yeroo qabbanaa, akkasumas yeroo imalarra jiran.

yeroo haqiinsaa:

namni ganda jiru: guyyaa takkaaf halkan takka (sa'aa 24).

nama imalarra jiruuf: guyyaa sadiif halkan isii (sa'aa 72).

yeroon haqiinsa lakkawamuu kan jalqabu haqaa duraa erga hadasaatii.

akkaataan haqaa kophee ykn shurraabaa:

1. harki lamin ni jiifama.

2. harki ni oofamti gubbaa faanaa irraa (fiinxa qubbeenii irraa hanga jalqaba miilaa)

3. miilli mirgaa harka mirgaatiin, miilli bitaa harka bitaatiin haqamti.(harkuma mirgaatiin geeffamus rakkinna hin qabu)

waan haqaa balleessu:

1. waan qaama dhiqachuu dirqama godhu.

2. yeroon haqaa dhumuu. 3. waan miila irratti uffatan san baafachuu

qaama dhiqachuu

yoo dhiira ykn dubartii irraa qunnamtiin saalaa gaggeeffame, ykn maniyyiin namarraa bu'uun hirribaa keessa tahee dhageytiin; dhiqachuun isaanirratti dirqama salaata salaatuuf takkaa waan xahaaraa nama gaafatu gaggeessuuf, akkasuma dubartiin yeroo laguu yk dhiiga da'umsaa irraa qulqulleeffatte dhiqachuun isirratti dirqama salaata salaatuu duratti.

akkaataan dhiqannaa akka itti aanu kanatti:

Muslimni qaama isaa hunda bishaaniin waliin gahuu qaba haaaluma taheenuu, isarraahi aafaan lulluuqachuufi funyaanitti bishaan fudhatanii baasuun, qaama isaa hogguu bishaaniin waliin gahe hadasni guddaan irraa fuudhama, xahaaraan isaatis ni guuttamti.

nama janaaba qaburratti wantoota asii gadii hojjachuun ni dhoorkama hanga dhiqatutti isaanis:

01 salaata.

02 ka'abaa xawaafuu.

03 masjida keessa taa'uu, dabruu qofaatu isaaf hayyamama osoon turretti.

04 kitaaba Qur'aana qabachuu.

05 Qur'aana qara'uu.

tayammuma

Muslimni bishaan ittiin xahaaratu yoo hin argatin takkaa bishaan fayyadamuu yoo hin dandahin sababa dhukkubaaf fakkaataa isaatiin ammas yeroon salaataa itti dabruu yoo sodaate. biyyeedhaan tayammuma godhata.

akkaataan isaa harka isaatiin dhahaa takka dhahee eegasii fuula isaatiif shanacha isaa qofa ittiin haxaawa. biyyeen xahaara tahuutu barbaachisa.

tayammumni wantoota asii gadii kanaan bada:

1- tayammumni waan wudu'uni ittiin baduun ni bada.

2- hogguu bishaan argame osoo ibaada tayammumni godhameef san hin eegalin dura.

salaata nin baradha;

Rabbiin muslimarratti guyyaa fii halkan keessatti salaata shan dirqama godhe isiinis: fajrii raka'aa2, zuhrii raka'aa4, asrii raka'aa4, maghriba raka'aa3a fi isha'ii raka'aa4 dha.

salaataaf nin qophaawa

yeroo waqtiin salaataa seente muslimni ni qulqulleeffatta hadasa xiqqaafi( waan wudu'a cabsu ) guddaarraa(waan qaama dhiqachuu dirqisiisu), yoo hadasa guddaa qabaate.

hadasni guddaan: waan muslima irratti dhiqachuu dirqama godhu.

hadasni xiqqaan: waan muslima irratti wudu'a dirqama godhu.

Muslimni ni salaata uffata qulqulluun iddoo najaasaa irraa qulqulluutti awraa ykn qaama isaa dhoyfatee (uffata uffatee).

Muslimni yeeroo Salaataa uffata bareedaan faayama, qaama isaatis ni sattara ykn dhoksaa, yeeroo sallataa Handhuuraafii Jilba jidduu waan jiru tokkollee mullisuun hin eeyyamamu.

dubartirratti dirqama taha qaama isii hunda dhoysuun yeroo salaataa fuulaa fi harka lameen malee.

Muslimni salaata keessatti hin dubbatu jechoota salaataaf kaawwamte malee, callisee imaama dhageeffata, salaata isaa keessatti hin millatu, yoo jachoota salaataa jachuu dadhabe hanga salaata fixutti Rabbi yaadata isa qulqulleessa hanga salaata fixatutti, salaataafii waan isii keessatti ja'amu barachuun isaa dirqama.

salaata nin baradha

adeemsa 1: niyyachuudha dirqaman gaggeessuu deemuuf, iddoon isiitis qalbiidha.

ergan wudu'adhe booda, qiblattin fuula deebi'a, dhaabbadheetin salaata yoonin dandahe.

adeemsa 2: harka kiyya ceekuu lameen afotti qixxeessee akkas ja'a (Allaahu akbar) salaata jalqabuu niyyadhee.

adeemsa 3: kadhaa baniinsaa nin qara'a waan ergamaa irraa (SAW) dhufeen, san irraa jacha: (ati qulqullofte Rabbi faaruun keeti, maqaan kee oltahe, guddinni kee oltahe, Rabbin haqaa hin jiru si malee).

adeemsa 4: Rabbittin maganfadha sheyxaana abaaramaa irraa akkas nin ja'a: (Rabbittin maganfadha sheyxaana darbamarraa).

adeemsa 5: suuraa faatihaa nin qara'a raka'aa hunda keessatti isiinis: {Maqaa Rabbii Akkaan Mararfataa Akkaan Rahmata Godhaa Ta’eetiin (1) Faaruun hundi kan Rabbii Gooftaa aalamaati (2) Rabbii Akkaan Mararfataa Akkaan Rahmata Godhaa (3) Abbaa (mootii) guyyaa murtii (4) Si qofa gabbarra; Si qofa gargaarsifannas (5) Daandii sirrii nu qajeelchi (6) Karaa warra isaan irratti tola ooltee; kan isaan irratti hin dallaniniifi hin jallatinii (nu qajeelchi) (7)}.

faatihaa booda qur'aanarraa waan laafe nin qara'a raka'aa duraatiif lammaffaa qofa keessatti, kun dirqama miti garuu isa dalaguu keessa galata gurguddaatu jira.

adeemsa 6: nin ja'a (Allaahu akbar) eegasii rukuu'an bu'a hanga duuydi kiyya wal qixxaatuu harki kiyya lameen jilba kiyyarra ka jirtu qubbeen kiyya addaan banuun, eegasii nin ja'a rukuu'a keessatti: (subhaana Rabbiyal aziim).

adeemsa 7: rukuu'a irraa olin ja'a akkana jachaa: (sami'allaahu liman hamidah) harka kiyya ol fuudha haga afoo ceekuutti, hogguu qaamni kiyya wal qixxaate dhaabbate ni ja'a: (Rabbanaa walakal hamdu).

adeemsa 8: nin ja'a (Allaahu akbar) ammas nin sujuuda harka lameen irratti, jilba lameen irratti, qubbiin luka lameen irratti, adda irrattiif funyaan iratti, nin ja'a sujuuda kiyyya keessatti: (subhaana Rabbiyal a'alaa).

adeemsa 9: nin ja'a (Allaahu akbar) sujuuda irraa olin ja'a hanga duundi kiyya wal qixxaadhutti faana bitaa irra taa'ee faana mirgaa dhaabee, nin ja'a: (Rabbighfir lii)

adeemsa 10: nin ja'a: (Allaahu akbar) nin sujuuda ammas tanuma akka sujuuda duraa.

adeemsa 11: olin ja'a sujuudarraa (Allaahu akbar) jachaa hangan qax ja'ee dhaabbadhuu, raka'aalee salaataa hafan hunda keessatti fakkaatuma raka'aa duraa keessatti dalage sanin dalaga.

Eega Rakaa lammaffaa salaata zuhrii, asrii, maghribaaf ishaa'ii booda nin taa'a tashahhuda duraa qara'uuf innis: (kabajaan,kadhaanniifi wanti gaggaariin Rabbiif, nageenni, rahmanniifii barakaan Rabbii sirratti haa buutu yaa Nabii keenna,ammas nageenyi nuufii gabroota rabbii irratti haa jiraatu, Rabbii Allah malee kan biraa hin jiru jedheet ragaa baha, Mohammad (SAW) gabrichafii ergamaa isaati jedheet ragaa baha.) eegasii nin ka'a raka'aa sadaffaatiif san booda.

raka'aa dhumaa salaata hundaa booda nin taa'a tashahuda boodaa qara'uuf, innis: (kabajaan,kadhaanniifi wanti gaggaariin Rabbiif, nageenni, rahmanniifii barakaan Rabbii sirratti haa buutu yaa Nabii keenna,ammas nageenyi nuufii gabroota rabbii irratti haa jiraatu, Rabbii Allah malee kan biraa hin jiru jedheet ragaa baha, Mohammad (SAW) gabrichafii ergamaa isaati jedheet ragaa baha. yaa Rabbi nahaga buusi Muhaammadiif maatii isaarratti akuma Ibrahimiifi maatii isaa irratti buufte, ati faarfammadha kabajamaadha, yaa rabbi Muhammadifi(SAW) maatii isaarraatti barakaa busi akkuma ibrahiimiif maaatii isaa irratti barakaa buufte,ati farfammaadha kabajamaadha).

adeemsa 12: san booda nin salaammadha gara mirga kiyyaatti ni ja'a: (assalaamu alaykum wa rahmatullaah) bitaa kiyyattis nin slaammadha nin ja'a: (assalaamu alaykum wa rahmatullaah) niyachaa salaatarraa bahuu, haala kanaan salaata kanin gaggeessen taha.

hijaaba dubartii Muslimaa

Rabbiin ol tahe ni jedhe: {Yaa nabiyyichaa! “Niitolee teetiin, shamarran keetiif dubartoota mu’uminootatiinis, jilbaaba (hijaaba) qaama isaanii irratti gadi buusaa” jedhiin. Akka beekamanii hin rakkifamneef kanatu irra dhihoodha. Rabbiin araaramaa, rahmata godhaa ta’eera} [al-ahzaab: 59].

Rabbin dirqama godhe dubartii Muslimaa irratti hijaabaan qaama isii cufa dhiira ajnabii isiif ta'an hundarraa akka dhokfattu,uffanni kun kan biyya isii keessatti barame ta'a, isiif hin gahu hijaaba isii baasuun abbaa warra isii takkaa nama mahaarimaa duratti malee, isaanis: warra dubartii Muslimaatiif gonkumaa itti heerumuun hin hayyamamneef, isaanis: (abbaafii hidda olii, ilmaafii damee gadii, adeerran, eessumman, obboleessa, ilma obboleesaa, ilma obboleettii, abbaa manaa haadhaa, abbaa abbaa warraa yoo ol ka'es, ilma abbaa warraa yoo bu'es, obboleessa hoosifannaatii fi abbaa warraa hoosiftuu, wanni shanyiin ykn firummaan dhoorkamu hundi hoosifannaanis ni dhoorkam).

dubartiin Muslimaa uffata isii keessatti ulaagaalee hanga takka eeydi:

kan duraa: qaama hunda dhooysuu.

lammaffaa: wanni isiin uffattu faayaaf tahuu dhabuu.

sadaffaa: haphii qaama isii mullisu akka hin taane.

afraffaa: ballaa kan dhiphaa hin tahin kan qaama isiirraa waa garsiisu kan hin tahin.

shanaffaa: urgeeffamaa kan hin tahin.

jahaffaa: uffata dhiiraa kan hin fakkaanne.

torbaffaa: uffata dubartoota Muslima hin tahinii kan ayyaanaaf gabbartii akka hin fakkaanne.

mallattoo mu'uminaa irraa

Rabbiin ol tahe ni jedhe: {Mu’uminoonni (dhugaa) warra yeroo maqaan Rabbii dubbatamu onneen isaanii rifattu, kan yeroo keeyyatoonni Isaa isaan irratti dubbifamtu Iimaana isaaniif dabaltuufi Gooftaa isaanii irratti irkataniidha} [al-anfaal: 2]

-dubbii isaa keessatti dhugaa himaa kan hin kijibne.

.beellamaafii waadaa kan guutu.

-waldhabbii keessatti daangaa hin bahu.

-amaanaa kan geessu.

-obboleessa isaa kan Muslimaatiin waan lubbuu isaatiin jaalatu kan jaalatu.

-arjaa.

-namatti kan tola oolu.

-rahima ykn fira isaa kan maxxansu.

-qadara Rabbii kan fudhatu kan isa galateeffatu yeroo balloo kan obsu yeroo rakkinaa.

-qaanfiin beekkama.

-uumamtootaaf garaa laafa.

.qalbiin isaa nama hassaduu irraa nagaya qaamni isaa nama miidhuu irraa nagaya.

-dhiifama namaaf godha.

-dhala hin nyaatu isaanis hin daldalu.

-gubna ykn zinaa hin dalagu.

-farshoo hin dhugu.

-ollatti tola oola.

-hin miidhu hin dagu.

-hin hatu nama hin gowwoomsu.

-haadhaaf abbatti tola oola, yoo Muslima tahuu baatanis, waan gaarii keesstti isaan tole ja'a.

-ilmaan isaa waan gaarummaa irrati guddisa, dirqama shari'atti isaan ajaja, waan gadi galoo fi haraam irraa isaan dhoorka.

- hin fakkaatu dalagaalee warra Muslima hin tahinitti waan amantii isaanii dhuunfaa keesatti ykn aadaa isaaniitiif beekkamtiif mallattoo taate kessatti.

gammachuun tiyya amantii tiyya islaama keessatti

Rabbiin ol tahe ni jedhe: {Dhiiras ta’ee dubartii irraa nama mu’umina ta’ee dalagaa gaarii hojjate, dhugumatti jireenya gaarii isa jiraachifna; mindaa isaaniis irra gaarii waan isaan dalagaa turaniitiin isaan mindeessina} [an-nahli: 97].

irra guddoon waan gammachuu qoma ballinaf milkii qalbii Muslimaa irratti galchuu hidhannoo kallattii inni Rabbii isaa wajjiin qabu jiddu deemtuu warra jiruufi du'ee ykn sanamaa ykn waani Rabbi asitti gabaramu takka malee, Rabbiin ol tahe kitaaba isa kabajamaa keesstti dubbatee jira akka inni gabroottan isaatti dhiyoo akka jiru yeruma hundaa, isaan dhagaya isaaniif awwaata kadhaa isaanii, akkuma jedhe inni qulqullaawe: {Yeroo gabroonni kiyya Ana irraa si gaafatan “dhugumatti, Ani isaanitti dhihoodha” jedhiin. Kadhaa kadhataatiif yeroo inni na kadhate nan owwaadha. Akka qajeelaniif jecha naaf haa owwaatanu; nattis haa amananu} [al-baqaraa:186]. nu ajaje inni qulqullawe kadhaa isatti, amrii tana ni taasise irra guddoo ibaadaa Muslimni Rabbii isaattiin ittiin dhiyaatu irraa, hoggu jedhu guddate ol tahe: {Gooftaan keessan ni jedhe: “Na kadhaa; isiniifiin awwaadhaa} [Ghaafir:60] Muslimni gaariin yeruma hundaahuu haajamaadha gama Rabbii isaa, yeroo hundaahuu isa yaammataadha, isatti dhiyaataadha gabbartii gaggaariin.

dhugumatti Rabbiin ol tahe nu argamsiise aalama kana keesatti ogummaa guddoof taphaaf nun uumne; isiinis isa gabbaruudha kophaa isaa qindiin takka kan isaaf hin tahin, karaa nuuf godhe amantii Rabbi biraa taate guutuu dhimmoota jiruu teenya dhuunfaaf walii galaa kan sirreessu, shari'aa haqaa tanaan ni tiyse barbaachiftuulee jiruu; isiinis amantii teenya, lubbuu teenya, kabajaa keenya, sammuu teenyaafii horii keenya, namni ajaja shari'aa jala deemaa haraam eeggataa jiraate dhugumatti wantoota barbaachisoo kana tiiyse shakkii takka malee gammachufii tasgabbiin jiruu isaa keessatti jiraata.

hidhannoon cimtuun Muslimaa Rabbii isaa wajjiin qabu tasgabbiif nageenya sammuu, miira hara galfannaa, nageenyaaf gammachuu uumti, wajji jireenya Rabbiin guddaa, tiysuufii gargaaruu isaattu gabricha isaatti dhagahama, Rabbiin ol tahe akkana jedhe: {Rabbin jaalallee warreen isatti amananiiti dukkanoowwan keessa gara ifaatti isaan baasa} [Al-baqarah:257]

hariiroon guddoon tun isii keessooti tan ibaadaa rahmaan akka dhandhaman nama gotu, isa qunnamuuf hawwutti, qalbii isaa bararsiifti samii gammachuu keessa fidachuudhaan mi'aa iimaanaa.

mi'aa san tan isii ibsuun hin dandeenye nama isii dhandhame malee ajaja dalaguun hamtuu eeggachuun, kanaaf nabi Muhamamd -rahmataaaf nageenyi isarratti haa jiraatuu- akkana jedhe: (mi'aa iimaanaa dhandhame namni Allaaha Rabbii isaa islaama amantii isaa Muhammad ergamaa isaa godhee jaalate).

eeyyeen namni hoguu rabbii isaa fuuldura jiraachuun yoo itti dhagahame,yoo maqaalee isaatiif bifoota isaa toltuun isa beeke, akka waan arguutti isa gabbare, gabbartii isaa keessatti Rabbiif qulqulleesse, Rabbi ol tahe malee waan biraa ittiin hin kajeelle ni jiraata jiruu milkii addunyaatiif booddee gaarii aakhiraa.

miidhaan mu'umina tuyxulleen addunyarratti oowwi isii qabbana yaqiinaatiin deema, ammas murtii Rabbii ol tahee jaalachuun, isa faarsuun murtii isaa hundarratti toltuuf hamtuu isii, guutumatti isii fudhachuu.

ammas waan muslimni irratti bololuu qabu keesssa milkiif tasgabbiin isaa akka dabaltuuf Rabbii ol tahe yaadachuu heddummeessuu isaati, Qur'aana kabajamaa qara'uu isaati, akkuma Rabbiin ol tahe jedhe: {Isaan warri amanan sun, onneewwan isaanii zikrii Rabbiitiin tasgabbooftuudha. Dhaga’aa! zikrii (faaruu) Rabbiitiin onneewwan ni tasgabboofti} [al-ra'ad: 28]. akkuma Muslimni dabalee Rabbii isaa yaadatuufii Qur'aana qara'uu Rabbitti rarra'uun( qunnamtiin) isaa dabalti, lubbuun isaa qulqullooyti iimaanni isaa cima.

akkasuma Muslimaaf ni barbaachisa bololuun waan diin isaa barachuuf maddoota sirrii irraa akka Rabbi gabbaru beekkumsaan, nabiyyiin -rahmataaaf nageenyi isarratti haa jiraatuu- akkana jedhe: (beekkumsa barbaaduun dirqama Muslima hundarratti), ajaja rabbii oltahaa isa uumeef kan harka kennatu kan masakamu, hayyummaa isii beekee beekuu baatee, Rabbiin ol tahe akkana jedhe: {Mu’uminaaf mu’umintittiif yeroo Rabbiif ergamaan Isaa dhimma tokko murteessan ajaja isaanii irraa filannoon biraa isaaniif jiraachuun hin taane. Namni Rabbiifi ergamaa Isaa dide, dhugumatti inni jallina ifa ta’e jallateera} [al-ahzaab: 36].

rahmataa fi nageenyi Allaah nabii keenya Muhammadiin, maatii fi saahibban isaanii mara irratti haa jiraatu.

xumuramte.

baafata

lakkoofsa

mata duree

fuula

gama kavar deebi'uu

gara baafataa dabri

muuxannoo kitaabicharraa argatte nuuf qoodi

marsarii keenya daawwadhu

kitaaba hirmaannaa bilbilaa

gara mata duree dabruuf tuqi

gara uwwisuu deebi'uuf suura tuqi

baarkoodii haqi

argisiisni barsiisa kiyyaa (paawar pooyintii)

oomishni piroojektii

kitaaba maxxanfamaa

kitaaba bilbilaa

marsaritii

argisiisa paawar pooyintii

maxxansa bilbila ismaarti foon qofaa