Yaa nama fira yookaan nama sitti jabaa yookaan jaalallee dhabde Ergaan gabaabaan kun siifi, Rabbiin ol ta'e nuu fi sillee akka isaan fayyadu Isa kadhanna. Mata dureen isaas: (Seerota Janaazaa) jechuudha.
Rabbiin ol ta'e mindaa guddaa fi jajjabina akka isiniif kennu ni kadhanna,Akkasumas nama dhabdeef araaramaa fi jaalala ni kadhanna.
Oduuwwan Gammachiisoo Rabbiin biraa ta'an:
Obboleessa koo: Yaa nama balaan du'aa si mudate; jecha Rabbii ol ta'ee yaadadhu:﴾...Warra obsan gammachiisi﴿[Suuraa Baqaraa: 155]
*Dhugumatti du'a Ergamaa Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusi- keessa irra guddaa obsaa fi jajjabinaatu siif jira, Isaan ﷺ dhugumatti akkana jedhaniiru:"Yeroo tokkoo keessan balaan mudate, du'a kootiin balaa isaa sana haa yaadatu; Sababni isaas inni isa biratti irra guddaa balaa waan ta'eef jecha".Xabraanitu gabaase.
*Ati jecha Ergamaa Rabbii ﷺ irratti waan wayyuun bakka buufamuuf waadaa galamaadha; Ummu Salamaa irraa -Rabbiin ishee irraa haa jaalatu- akka odeeffametti, akkana jette: Ani Ergamaa Rabbiitii ﷺ akkana jedhuun dhaga'e:«Gabrichi balaan isa tuqee kan akkana jedhu hin taane: 'Nuti kan Rabbiiti, nuti gara Isaattis deebi'oodha, Yaa Rabbi! balaa koo keessatti na mindeessi, waan isa caaluunis naaf bakka buusi" Rabbiin balaa isaa keessatti isa mindeessee, waan isa caaluun isaaf bakka buusu malee hin hafu».Muslimtu gabaase.
*Dhugumatti, Rabbiin kan si mokkore, badiiwwan kee sirraa haquufi. Abuu Sa'iid Al-Khudrii Abuu Hureyraa irraa akka odeeffametti -Rabbiin isaan lamaanirraa haa jaalatu-, Nabiyyiin ﷺ akkana jedhan:«Cinqii, dhukkuba, gadda, miidhaa fi yaaddoo irraa hanga qoree isa waraanu ga'utti, balaan tokko Mu'umina hin tuqu, sababaa sanaatin Rabbiin badiiwwan isaa irraa haqu malee hin hafu».Bukhaariitu gabaase.
*Dhugumatti, Rabbiin ol ta'e Jannata keessatti mana siif waadaa galeera! Abuu Muusaa Al-Ash'arii irraa akka odeeffametti, -Rabbiin isarraa haa jaallatu-, Ergamaan Rabbii ﷺ akkana jedhan:«Yeroo ilmi gabrichaa du'e Rabbiin maleykota Isaatiin akkana jedha: 'Ilma gabricha kiyyaa ruuhii fuutanii mitii?' Isaanis ni jedhu: Eeyyen. Rabbiinis akkana jedha: Firii onnee isaa ruuhii fuutanii mitii?' Isaanis ni jedhu: Eeyyen. Innis ni jedha: Gabrichi koo maal jedhe? Isaanis ni jedhu: Si faarsee, "Innaa Lillaahi wa innaa ileyhi raaji'uun" jedhe. Rabbiinis akkana jedha: Gabricha kiyyaaf Jannata keessatti mana ijaaraatii, "Mana faaruu" jedhaa isa moggaasaa».Tirmiziitu isa gabaase, Albaaniin immoo "Hasan" jedheen.
*akkasuma Rabbiin ol ta'e Jannata siif waadaa galeera; Abuu Hureyraa akka odeeffametti -Rabbiin isarraa haa jaalatu-, Nabiyyiin ﷺ akkana jedhan:«Rabbiin ol ta'e akkana jedha: Gabricha kiyya Mu'uminaaf, yeroon warra addunyaa irraa nama inni jaallatu du'aan fuudhee, eegasii Rabbiin irratti isa herregatetti jannata malee na biratti mindaan isaaf hin jiru».Bukhaariitu gabaase.
*Hin sodatin, nama dhabdeefis hin gaddin, Rabbii keetti yaada gaarii qabaadhu. Abdullaah ilma Umarirraa akka odeeffametti -Rabbiin isaan irraa haa jaalatu-, Ergamaan Rabbii ﷺ akkana jedhan:
Abuu Hureyraa irraa akka odeeffametti, Rabbiin isarraa haa jaalatu, Ergamaan Rabbii ﷺ akkana jedhan:«Har’a isin keessaa eenyutu soomaa oole?»
Abuu Bakriin ni jedhe: "Ana".
ni jedhan: «Har’a isin keessaa eenyutu janaazaa hordofe?».
Abuu Bakriin ni jedhe: "Ana".
ni jedhan: «Har’a isin keessaa eenyutu hiyyeessa nyaachise?».
Abuu Bakriin ni jedhe: "Ana".
ni jedhan: «Har'a isin keessaa eenyutu dhukkubsataa gaafate?».
Abuu Bakriin ni jedhe: "Ana".
Eegasii Ergamaan Rabbii ﷺ akkana jedhan: «(Amaloonni kunniin) nama tokko keessatti walitti hin qabaman, warra jannataa seenu tahumalee hinhafu».Muslimtu gabaase.
Akkaataa Salaata Janaazaa:
Takbiiraa Jalqabaa: Sheyxaana abaaramaa irraa Rabbitti maganfata, maqaa Rabbii ni dhaha, Faatihaa fi suuraa gabaabaa yookaan aayatoota muraasa ni qara'a.
"Takbiiraa Lammaffaa: Nabiyyii ﷺ irratti salawaata ni buusa (Salawaata Ibraahimiyyaa).
Takbiiraa Sadaffaa: Nama du'eef ni kadhata. Caalaan akkana jechuudha:«Allaahummaghfir lihayyinaa wamayyitinaa, washaahidinaa waghaa'ibinaa, wasaghiirinaa wakabiirinaa, wazakarinaa wa'unsaanaa, Allaahumma man ahyeytahuu minnaa fa'ahyihii alal islaami, wa,man tawaffeytahuu fatawaffahuu alal iimaan, jechuunis: Yaa Rabbi! jiraa fi du'aa keenyaf araarami, asjiraataa fi fagaataa keenyafis araarami, xiqqaa fi guddaa keenyafis araarami, dhiira fi dubartii keenyafis araarami, yaa Rabbi! nama nu keessaa jiraachifte, Islaamummaa irratti isa jiraachisi, nama nu keessaa ajjeefte immoo Iimaana irratti isa ajjeesi» jechuudha."Allaahummaghfir lahuu warhamhu, wa aafihii wa'afu anhu, wa akrim nuzulahuu, wa wassi'i mudkhalahuu, waghsilhu bilmaa'i wassalji wal barad, wanaqqihii minal khaxaayaa kamaa naqqeyta al-sowbal abyada minddanas, wa abdilhu daaran kheyran min daarihii, wa ahlan kheyran min ahlihii, wazowjan kheyran min zowjihii, wa adkhilhul jannata, wa a'izhu min azaabil qabr, jechuunis: Yaa Rabbi! isaaf araarami, isaafis rahmatagodhi, nagaa isa taasisi, isaafis irra darbi, qubsuma isaa kabaji, iddoo seensa isaas bal'isi, bishaanin, fiixessaa fi cabbiin isa dhiqi, badiiwwan irraa isa qulqulleessi, akkuma uffata adii xurii irraa qulqulleessitetti, mana kan mana isaa caalu, maatii kan maatii isaa caaluu fi haadha manaa tan haadha manaa isaa caaltu bakka buusiif, Jannatas isa seensisi, adabbii qabrii irraas isa eegi" jechuudha.Kuni hundi Nabiyyii ﷺ irraa kan gabaafameedha, du'aa'ii biraatiin yoo isaaf kadhate rakkoo hin qabu, akka akkana jechuuti:«Allaahumma in kaana muhsinan, fazad fii ihsaanihii, wa in kaana musii'an fatajaawaz an sayyi'aatih, Allaahummaghfir lahuu, wasabbit-hu bil qowlissaabit, jechuunis: Yaa Rabbi! yoo inni nama gaarii hojjete ta’e, gaarummaa isaa irratti isaaf dabali; yoo inni yakkamaa ta’es, yakka isaa irra darbiif, yaa Rabbi! araaramiif, jecha gadi dhaabbataa ta’eenis isa gadi dhaabi» jechuudha.
Takbiiraa Afarraffaa: xiqqoo turee, eegasii gara mirga isaatti salaamataa tokko qofa akkana jechuudhaan baafata: (Assalaamu aleykum wa rahmatullaah).
Afraffaa: Sagalee ol kaasanii irratti boo’uu dhabuudha;
Kunis sagalee ol fuudhanii amala gaggaarii fi hojiilee nama du'ee lakkaa'uudhaan boo'uudha. Gochi kun amala bara islaamummaa duraati, Abuu Maalik Al-Ash’arii rraa akka odeeffametti, Rabbiin isarraa haa jaalatu, Nabiyyiin ﷺ akkana jedhan:(Ummata koo keessatti amaloonni afur kan isaan hin dhiisne amaloota bara awaamummaa irraayi: Gosaan dhaadachuu, hidda dhalootaa namaa arrabsuu, urjiidhaan rooba barbaaduu fi nama du’e irratti sagalee ol kaasanii boo'uudha).Muslimtu gabaase.
Islaamummaa jechuun Rabbii uumama uumeefi isa bulchuuf ajajamuudha, akkasumas jaalalaafii kabajaan Isa tole jechuudha. Bu'urri islaamaa Rabbitti amanuu fi Inni uumaa akka ta'ee fi wanni biroo uumama akka ta'e amanuudha, akkasumas Inni kophaa Isaa osoo hiriyaa hin qabaanne gabbartii akka haqa godhatuu fi Isa malee dhugaan gabbaramaan akka hin jirre amanuudha, Isaaf maqaalee gaggaariifii sifaata olaantuu taatetu jira, Isaaf guutamiinsa daangaa hin qabne kan hir'inni itti hin dhaqqabneetu jira. Inni hin dhalle hin dhalannes, wanni tokkolleen fakkaataa Isaaf hin taane, Inni waa tokko kan uumama…