المختصر في صفة الحج
Cuunfaa akkaataa Hajjii itti raawwatanii Faaruun hundi kan Allaaha gooftaa Aalama hundaati, rahmataa fi nageenyi Nabiyyii keenya Muhammad irratti haa jiraatu, akkasumas firoota fi sahaabota isaanii hunda irratti haa jiraatu.
Cuunfaa akkaataa Hajjii itti raawwatanii Faaruun hundi kan Allaaha gooftaa Aalama hundaati, rahmataa fi nageenyi Nabiyyii keenya Muhammad irratti haa jiraatu, akkasumas firoota fi sahaabota isaanii hunda irratti haa jiraatu.
Itti aansuudhaan:
Kun ergaa gabaabaa akkaataa Hajjii itti raawwatan ibsuudha, ergaa kana keessatti irra baay'ee waan namicha Hajjii raawwatu barbaachiisuu ibsuuf yaallee jirra.
Rabbiin hojii qulqulluu isaaf jedhamee hojjatame akka isa taasisuu fi Muslimoota hunda akka isaan fayyadu isa kadhanna.
Koree Beekumsaa Waldaa Tajaajila Barnoota Islaamaa Afaanota garaagaraatin
Seensa
Ulaagaalee gabbartiin itti fudhatama argatu:
Gabbartiin kamuu ulaagaalee lama guuttatuu malee Rabbii ol ta'e biratti fudhatama hin argatu:
Inni jalqabaa: Ikhlaasa, jechuunis waan birootif osoo hin taane Rabbii fi Aakhiraa itti fedhanii isaaf hojjachuu jechuudha, Rabbiin ol ta'e akkana jedha: "Rabbiin qofa gabbaruutti, qajeelanii amantii Isa qofaaf qulqulleessuu malee homaa hin ajajamne[1]". [Suuraa Al-Bayyinah: 5]. Hiikni Aayaa Qur'aanaa: gara Isaa fi gara gabbartii isaa deebi'anii, waan biroo irraa gara galoo haala ta'aniin jechuudha. Tafsiira Sa'adii (Fuula:538)
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedhan: "Hojiileen niyyaadhaan kan fudhatama qabaatan yoo ta'u, hundi namaatuu wahuma niyyate qofa argata". (2) Bukhaariin lakkoofsa (1) irratti, Muslim immoo lakkoofsa (1907) irratti gabaase.
Gabbartii keessatti jechaa fi gochaan Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hordofuudha, Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedhan: "Namni Amantii keenya kana keessatti wanta isa irraa hin tahin tokko argamsiise inni isuma irratti deeffama" Gabaasa biroo keessatti ammoo: "Namni hojii tokko kan Amantii keenya keessa hin jirre hojjate inni isuma irratti deeffama" (2) Bukhaariin lakkoofsa (2697) irratti, Muslim immoo lakkoofsa (1718) irratti gabaase. [6] Muslimtu lakkoofsa (1718) irratti gabaase.
***
Tokkoffaa: Seerota bakkoolee Hajjii fi Umraa irraa hidhatanii:
Mawaaqiita jechuun: Isaan eddoowwan Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namni Hajjii yookaan Umraa raawwachuu barbaade akka irraa hidhatuuf jecha isaan murteessaniidha.
Namni Hajjii yookaan Umraa raawwachuu barbaadee eddoowwan kanneen keessaa bakka tokko irra dhufe: isa irraa hidhachuun isa irratta dirqama ta'a, osoo hin hidhanne isa bira darbuun isaaf hin eeyyamamu.
Namni eddoowwan kanneen caalaa gara Makkaatti dhihaate: bakki inni irraa hidhatu bakkuma jiru san yoo ta'u, Hajjii fi Umraa isa irraa hidhachu qaba.
Warri Makkaati fi namoonni ishee keessa jiraatan immoo: Sirna Hajjii raawwachuuf Makkuma irraa hidhatu, Umraa immoo: isaan naannoo haramaa irraa gara Tan'iimi fi kan kana fakkaataniitti ba'anii achi irraa hidhatu.
Namni Xiyyaara keessa jiru immoo: inni bakka irraa hidhatan yeroo gahetti hidhata, garuu bakka irraa hidhatan osoo hin gahin uffata ihraamaa uffachuudhaan qophaa'uu qaba, yeroo achi gahe battalumatti nayyata, Hanga buufata xiyyaaraatti bu’utti tursiisuun isaaf hin eeyyamamu, saffisa Xiyyaarachaatif jecha bakki Talbiyaa isa jalaa darbuu sodaachuun osoo bakka irraa hidhatan hin ga’iin Talbiyaa jechuun of eeggannoo gochuu ni danda’a.
Lammaffaa: Gosoota raawwii Hajjiiti fi seerota isaanii:
Hajjiin gosa sadii qaba: Tamattu'a, Ifraada fi Qiraana.
Nama wareega hin oofiniif irra caalaan Tamattu'a yoo ta'u, innis: ji'oota Hajjii keessatti Umraa hidhatee, yeroo Makkaan gahutti Xawaafa fi Sa'ayii (Safaa fi Marwaa gidduu deemuu) raawwachuun hiikkatee, eegasii baruma sana keessatti Hajjii hidhachuudha.
Ifraada jechuun: Hajjii qofa hidhachuudha, yeroo Makkaan gahetti Xawaafa dhufaatii raawwatee, ergasii Hajjiif sa'ayii gochuun isaaf sunnaa ta'a, rifeensa isaa hin haaddatu hin gabaabsus, akkasumas hidhannaa isaa irraa hin hiikkatu, guyyaa Iidaa eega Boolla Aqbaatti dhagaa darbate booda hanga hiikkatutti hidhannaa isaatin tura. Sa'ayii Hajjii hanga xawaafa Hajjii xumurutti yoo tursiise rakkoo hin qabu.
Qiraana jechuun: Akkana jechuudhaan: (Labbeyka Allaahumma Umratan waHajjaa) Umraa fi Hajjii bakka tokkotti hidhachuudha, jechuunis: Yaa Rabbi Umraa fi Hajjiidhaan irra deddeebiin siif owwaadhe jechuudha.
Hojiin nama Hajjii fi Umraa bakka tokkotti raawwatuu akkuma hojii nama Hajjii kophatti raawwatuuti.
Sadaffaa: Akkaataa itti hidhatanii fi seerota isaati:
Nama hidhannaa barbaadef wantoonni armaan gadii kun barbaachisaadha:
Dhiqachuu, inni dhiirotaa fi dubartootaf ishee dhiiga laguu fi dhiiga dayumsaa keessa jirtu dabalatee sunnaa jabeeyfamaadha.
Dhadhaa Uudis ta'ee yookaan kan biroo irraa irra urgaa'aa waan argatuu mataa fi areeda isaa keessatti fayyadamuudha, sun eega hidhatee booda turuun rakkoo isatti fidu hin qabu. Dubartiif immoo waan foolii qabu fayyadamuun hin eeyyamamu; dhiironni alagaa sana ishee irraa akka hin agarreef jecha.
Uffata ihraamaa uffachuudha, inni marxoo fi hansoolaa yoo ta'u, sunnaan isaan lamaan adii qulqulluu ta'uudha, yookaan haarawa ta'uudha. Dubartiin immoo faaya ishee osoo hin mul'isin uffata irraa waan barbaadde uffattee hidhachuu ni dandeessi, Haa ta'u malee niqaaba fi guwaantii uffachuu irraa fagaachu qabdi, fuula fi harka ishee waan biraatiin haguugti.
Salaata dirqamaas ta'ee yookaan sunnaa booda salaataatii hidhachuudha.
Wayita sana akkana jedha: (Labbeyka Allaahumma Umrah) yoo nama Umraa raawwatu ta'e, yookaan (Labbeyka Allaahumma Hajjan) nama Hajjii qofa raawwatu yoo ta'e, yookaan (Labbeyka Allaahumma Umratan wa Hajjan) nama Hajjii fi Umraa bakka tokkotti raawwatu yoo ta'e.
Namichi hidhachuu barbaadu tokko hojii isaa guutee raawwachuu irraa wanti isa dhoorgu isa mudachuu kan sodaatu yoo ta'e, yeroo hidhatutti akkana jechuun ulaagaa kaa'achuun isaaf ni hayyamama: (...yoo gufachiisan tokko na gufachiise hiikkannaan kiyya bakkuma itti na dhoorgitetti ta'a), ulaagaa kana kaa'atee hojii isaa guutee raawwachuu irraa wanti isa gufachiisu yoo isa mudate inni ni hiikkata, homaa irra hin jiru.
Eegasii Talbiyaa jechuu ni heddummeessa: (Labbeyka Allaahumm Labbeyk, Labbeyka Laa Shariika Laka Labbeyk, Innal Hamda Wanni'imata Laka Wal Mulka Laa Shariika Lak)[2], dhiirri sanaan sagalee isaa ol kaasee jedha, dubartiinis akkasuma sagalee ishee ol kaaftee jechuu ni dandeessi, dhiironni ajnabii ta'an waan ishee bira hin jiraatiniin, nama hidhannaa qabuuf Talbiyaa jechuu baay'isuun barbaachisaadha, keessattuu bakka jijjiirama haala fi yerootti, sun akka yeroo bakka ol ka’aa ol ba’uuti, ykn bakka gadi bu'aa gadi bu’uuti, ykn akka halkan ykn guyyaan as gara galuuti. Hiikni jecha ilma namaa: “Labbeyk” yaa Gooftaa koo irra deddeebi'uudhaan siif owwaadhe jechuu yoo ta’u, Hiikni isaa ilmi namaa Gooftaa isaatiif owwaatee ajaja Isaa irratti gad dhaabbachuudha. “Faaruun, qananii fi mootummaanis keeti" (Al Hamd) jechuun: jaalalaa fi kabajaa waliin guutumminaan Isa faarfamaa ta'e ibsuudha, Yoo irra deddeebi’ame faaruu cimaa ta’a. (Wanni'imah) jechuun: inni bifa waan barbaadamu argachuu fi wanti jibbamaa ta'e nama irraa deebi'uutin wanta Rabbiin isaan gabroota Isaa irratti tola ooluudha. Jechi isaa kan: (Al Mulk) jedhu mootummaan kan kee qofa jechuudha, kanaaf Rabbiin ol ta'e Isuma qofaatu mootii dhugaati. Jechi isaa kan: (Laa Shariika Lak) jedhu, mootummaa, uumuu, bulchiinsa fi gabbartiin adda ta'uu Isaa dabalatee sifaata Isaa tan guutuu taate irraa waan Rabbiin adda itti ta'u keessatti wanti tokkolleen si waliin hin qooddatu jechuudha. Walitti qabama Fatwaa fi Ergaalee Al-Useymiinii (22/96) cuunfaa haala ta'een.
Talbiyaan umraa keessatti yeroo namichi nayyate irraa kaasee hanga Xawaaf jalqabutti karaa godhamaadha, Hajjii keessatti immoo yeroo nayyate irraa kaasee hanga guyyaa Iidaa Jamratal Aqbaatti dhagaa darbatutti karaa godhamaadha.
Namichi hidhannaa qabu hanga hidhannaa isaa irraa hiikkatutti waan tokko kan wantoota sababaa hidhannaatin dhoorgaman irraa ta'e keessatti kufuu irraa of eeggannoo gochuun irratti dirqama ta'a.
Afraffaa: Wantoota sababaa hidhannaatin (Ihraama)tin dhoorgaman:
Wantoonni sababaa hidhannaatin (Ihraama) tin dhoorgaman kunoo kanneeni:
1-Rifeensa kutaa qaama isaa kamuu irraa haaddachuu ykn gabaabsuu ykn isa buqqisuudha.
2-Miila lamaan ykn Harka lamaan irraa qeensa hunda isaa ykn muraasa isaa muruu.
3-Mataa waan itti maxxanu kan akka koofiyyaa fi marata garagaraatin haguuguudha, akkasumas uffata ykn fooxaa ykn wayaa qorraa ykn kaartoona, ykn waan biroo kan mataan ittiin haguugamu mataa irra kaa’uudha. Kun dubartoota osoo hin taane dhiirota qofa ilaallata.
4-Uffata idilee kan bifa barameen likkii qaama namaa irratti hodhame, kan akka mudawwaraa (Jalaabiyaa), kofoo, shamizii, kaalsii fi guwaantii uffachuudha. Kun osoo dubartii hin taane dhiira ilaallata, isheen immoo kana irraa dhoorgamti:
A-Niqaaba ykn waan fuulatti uffatamu kan niqaaba fakkaatu uffachuudha, dhiirota alagaa fuulduratti fuula ishee haguuggii fuulaa barameen haguuggachuun irratti dirqama; Haguuggiin fuula ishee yoo tuqellee, haguuggiin fuula ishee akka hin tuqneef jecha carqii ykn waan kana fakkaatu mataa ishee irra kaa’uun isheef hin hayyamamu; Sababni isaas sun hayyamamaa ta'uu wanti agarsiisu waan hin jirreef jecha.
B-Guwaantii lamaan harka ishee lamaanitti uffachuudha, dhiirota ajnabii (alagaa) ta'an biratti immoo abaayaa ishee keessa harka isii lamaan gochuun harka ishee lamaan haguuguun ishee irratti dirqama.
5-Qaama ykn uffata ihraamaa keessatti waan urgaa qabu (shittoo) fayyadamuudha.
6- Bineensa bosonaa ajjeesuu, ykn yoo ajjeesuu baatellee isa adamsuudha.
7- Ofii isaatif qaadhimachuu ykn nama birootif qaadhimuudha.
8- Nikaaha hidhuu.
9- walqunnamtii gaditti walqaqqabuu akka dhungachuu fi fedhiin waltuttuquu.
10- Wal qunnamtii saalaa raawwachuudha.
***
Shanaffaa: Akkaataa Xawaafati:
Namichi ihraama qabu tokko yeroo Masjiidal Haraam seenutti miila isaa kan mirgaa dursee du'aa'ii yeroo masjiida seenanii jechuun isaaf sunnaa ta'a, irra sahiiha waan sana keessatti dhufee keessaa akkana jechuudha: "Allaahummaftah Lii Abwaaba Rahmatik" jechuunis: Yaa Rabbi balbala rahmata keetii naaf bani jechuudha, Du'aa'ii kana masjiida kamuu yeroo seenutti jechuu ni danda'a, masjiidal Haraam qofaafii miti.
Xawaafa jalqabuu yeroo barbaade uffata isaa uffachuu keessatti idxibaa'i fayyadama, akkaataan idxibaa'ii: walakkaa uffataa isaa bobaa isaa kan mirgaa jalaan baasee qaccee isaa lamaan ceekuu isaa kan bitaa irra gochuudha, yeroo xawaafa xumure uffata isaa gara haala isaa kan xawaafa duratti deebisa; Sababni isaas bakki idxibaa'ii itti fayyadaman xawaafa qofa waan ta'eef jecha.
Eegasii gara dhagaa gurraachaa deemuun harka isaa kan mirgaatin dhagicha qabatee isa dhungata, isa dhungachuuf yoo haalli isaaf hin mijjatin harka isaatin isa qabatee, harkicha sana dhungata, harka isaatin isa qabachuun yoo isaaf hin mijjatin wahuma isa bira jiru kan akka ulee fi waan isa fakkaatutiin isa tuqee isa dhungata, kunis yoo isaaf hin mijjatin fuula isaatin gara dhagichaa garagalee harka isaatin itti akeeka, garuu isa hin dhungatu, sana keessatti caalaan akka namoota miidhee ofii isaatifis hin miidhamne nama dhiibuu dhabuudha.
Yeroo dhagicha tuqu ykn itti akeeku keessatti akkana jedha: (Allaahu Akbar).
Sana booda gara mirgaa qabatee kaabaa gara bitaa isatti godhee naanna'a, yeroo Ruknal Yamaanii bira gahe osoo hin dhunganne isa tuqa, yoo isaaf mijjachuu baate namoota dhiibuun of hin rakkisu, ittillee hin akeeku.
Gidduu Ruknal Yamaani fi Hajalal Aswaditti akkana jedha: (Rabbanaa Aatinaa Fidduyaa Hasanatan Wafil Aakhirati Hasanatan Waqinaa Azaabannaar) jechuunis: Gooftaa keenya! Duuniyaatti toltuu, Aakhirattis toltuu nuuf kenni, adabbii ibiddaa irraa nu baraari jechuudha.
Yeroo dhagaa gurraacha bira darbu hunda harka isaatin itti akeekuun akkana jedha: (Allaahu Akbar).
Xawaafa isaa kan hafe keessatti zikrii du'aa'ii fi Qur'aana qara'uu irraa waan jaallate godha.
Sunnaan marsaa sadeen jalqabaa qofa keessatti saffisaan deemuudha, Saffisaan deemuun: Tarkaanfii walitti dhiheessuu waliin saffisaan deemuu jechuudha. Marsaa afran hafan immoo deemsi saffisaa isaan keessa hin jiru, akkuma aadaa isatti deema.
Xawaafa yeroo xumure gara Maqaama Ibraahiim deemuun akkas jechuun qara'a: ﴾...Maqaama Ibraahiim irraa iddoo salaataa taasifadhaa...﴿. [Baqaraa: 125] Ergasii yoo danda’ame duuba dhaabbata Nabi Ibraahiimitti raka’aa lama salaata, yoo kana hin taane masjiida keessatti bakka kamittuu raka'aa lamaan salaatuu ni danda'a, booda Faatihaatii raka'aa duraa keessatti ni qara'a: ﴾Qul Yaa Ayyuhal Kaafiruun﴿ [Al-Kaafiruun: 1] Booda faatihaatii raka'aa lammaffaa keessatti ni qara'a: ﴾Qul Huwallaahu Ahad﴿. [Al-Ikhlaas: 1]
Jahaffaa: Akkaataa Sa'ayiiti:
Xawaafa fi rak'aa lamaan isaa yeroo xumure gara bakka sa'ayii itti raawwatanitti deema, yeroo Safaatti dhihaate ni qara'a: (Inna Al-Safaa Wal Marwata min sha'aa'irillaah), eegasii akkana jedha: "Abda'u bimaa bada'a Allaahu bihii". ﴾Dhugumatti, Safaa fi Marwaan mallattoolee Rabbii (kan ibaadaan Isaa itti hojjatamu) irraayi﴿ Eegasii akkana jedha: «Abda'u bimaa bada'a Allaahu bih» jechuunis: waan Rabbiin Isaan jalqabeenin jalqaba, jechuudha [6]. [6] Muslimtu lakkoofsa (1218) irratti gabaase.
Sana booda hanga Kaabaa ykn kallattii isaa argutti gaara Safaa irratti ol ba’a, eegasii gara Kaabaa garagalee dhaabbatee, Rabbiin tokkichoomsee, Allaahu akbar jechuun akkana jedha: (Laa Ilaaha Illallaahu Wahdahuu Laa Shariika Lah, Lahul Mulku Walahul Hamd, Wa Huwa Alaa Kulli Shey'in Qadiir, Laa Ilaaha Wahdah, Anjaza Wa'adah, Wanasara Abdah, Wahazamal ahzaaba Wadah) jechuunis: Rabbiin qofa malee haqaan gabbaramaan hin jiru, inni tokkicha hiriyaa hin qabne, Mootummaan kan isaati faarunis kan isaati, Inni waan hundaa danda'aadha, Rabbiin qofa malee haqaan gabbaramaan hin jiru, Inni waadaa isaa guute, garbicha isaatif tumsee, tuuta kaafirtootaa kophaa isaa cabse, jechuudha, sana yeroo sadii irra deddeebi'uun jedha, gidduu sanatti du'aa'ii godhata. “Rabbiin tokkicha hiriyaa hin qabu. isa malee haqaan gabbaramaan hin jiru, Mootummaa fi faaruun kan isaati, inni waan hundumaa irratti danda’aadha, Rabbii tokkicha malee haqaan gabbaramaan hin jiru. Waadaa isaa guutee, gabricha isaatif tumse, tuuta kaafirootaa kophaa isaa cabse”. Eegasii gidduusanatti du'aa'ii godhata. Fakkaataa sanaa yeroo sadii jedha [7]. [7] Muslimtu lakkoofsa (1218) irratti gabaase.
Eegasii Safaa irraa gara Marwaatti miilaan gadi bu'a, yeroo mallattoo magariisa bira gahe fiigicha cimaa fiiga, yeroo Mallattoo magariisa lammaffaa bira gahe immoo akkuma aadaa isatti suuta deema, Garmalee fiigun dubartootaaf hin hayyamamu.
Yeroo Marwaa gahe waan Safaa irratti hojjate hojjachuun isaaf sunnaa taha (keewwata lakk. 2).
Sana booda Marwaa irraa gara Safaatti miilaan gadi bu’ee, Mallattoo magariisa bira yeroo gahe fiigicha cimaa fiiga, yeroo Mallattoo magariisa lammaffaa bira gahe immoo akkuma aadaa isaatti deema.
Akkuma kanaan itti fufa hanga marsaalee torban xumurutti, Safaa irraa gara Marwaatti deemuun isaa marsaa tokko, Marwaa irraa gara Safaatti deebi'uun immoo marsaa biraati.
Sa'ayii isaa keessatti zikrii, du'aa'ii fi Qur'aana qara'uu irraa waan jaallate godha.
Torbaffaa: Rifeensa mataa haaddachuu fi gabaabsuudha:
Namichi sirna umraa raawwatu tokko Xawaafa fi Sa'ayii isaa yeroo xumure, yoo dhiira ta’e rifeensa mataa isaa haaddachuun ykn gabaabsuun isa irratti dirqama, Sunnaan haaduun yookaan gabaabsuun kan mataa guutuu wal gayu ta'uudha.
Rifeensa haaddachuutu gabaabsuu irra caala, yoo yeroon Hajjii akka malee dhihaatee rifeensi mataa hin biqilu jedhee yoo yaade malee, yeroo san gabaabsachuutu irra caala.
Dubartiin ammoo hamma fiixa qubaa waan tahu tokko qaccee rifeensa mataa ishee irraa gabaabsiti.
Namichi Hajjii kophaa isaas ta'ee yookaan Umraa waliin hidhate guyyaa Iidaa erga Jamratal Aqabaatti dhagaa darbate booda malee rifeensa mataa isaa irraa homaa hin fuudhu.
Kanaan Umraa isaa xumura, akkasumas namichi Hajjii keessatti mutamatti'ee ta'ees kanumaani hojii Umraa isaa xumura.
Akkaataa Hajjii
Tokkoffaa: Hajjii hidhachuudha:
Nama Hajjii gochuu barbaaduuf sunnaan guyyaa Tarwiyaa, innis ji'a Zul hijjaa irraa guyyaa saddeettaffaati bakka inni irraa hajjii gochuu yaade irraa waaree irratti hidhachuudha, sun yoo Makkaa keessatti ykn Miiqaataan asitti ta’eedha, Ta'uu baannaan Miiqaata inni bira darbu irraa hidhata.
Yeroo Hajjii hidhatu dhiqachuu, waan urgaa'u dibachuu fi salaata irraa wantuma gaafa Umraa hidhate hojjate sana hojjata, Hidhannaa Hajjii niyyatee Talbiyaa godha, akkaataan Talbiyaa Hajjii akkaatuma Talbiyaa Umraati, garuu asitti bakka (Labbeyka Umrah) jedhu akkana jedha malee: (Labbeyka Hajjaa).
Namtichi hidhachuu barbaadu tokko hojii isaa guutee raawwachuu irraa wanti isa dhoorgu isa mudachuu kan sodaatu yoo ta'e, yeroo hidhatutti akkana jechuun ulaagaa kaa'achuun isaaf ni hayyamama: (...yoo gufachiisan tokko na gufachiise hiikkannaan kiyya bakkuma itti na dhoorgitetti ta'a), ulaagaa kana kaa'atee hojii isaa guutee raawwachuu irraa wanti isa gufachiisu wahii yoo isa mudate inni ni hiikkata, homaa irra hin jiru.
Ergasii akkana jechuun labbeyka jechuu baay'isa: (Labbeyka Allaahumma labbeyka, Labbeyka Laa Shariika Laka labbeyk, Innal hamda, Wanni'imata Laka walmulka, Laa Shariika Lak) hiikkaan isaas: Yaa Rabbi irra deddeebiin siif owwaadhe, ammas irra deddeebiin siif owwaadhe Ati hiriyaa hin qabdu, faaruu fi qananiin simaafi, mootummaanis keeti, Ati hiriyaa hin qabdu, jechuudha, Dhiirri jechoota kanneen sagalee ol kaasee jedha, Dubartiinis akkasuma, waan dhiironni alagaa (fira hin ta'in) ishee bira hin jiraatiniin. Nama ihraama qabuuf Labbeyka jechuu baay'isuun barbaachisaadha, keessattuu bakka haalotaa fi yerooleen jijjiiramanitti, kunis akka gaara ol bahuu, yookaan gadi bu'uuti, yookaan akka halkan yookaan guyyaan as gara galuuti.
Talbiyaan hidhannaa irraa eegalee hanga guyyaa iidaa Jamratal Aqabaatti dhagaa darbachuun jalqabutti sunnaadha.
Namni Ihraama qabu tokko hanga ihraama isaa irraa hiikkatutti wantoota haala ihraamaa keessatti dhoorgaman hunda irraa of eeguun irratti dirqama.
***
lammaffaa: Mina keessa buluu:
Ergasii guyyaa saddeettaffaa gara Minaa ba'uun isaaf sunnaadha; Salaata Zuhhrii, salaata Asrii, salaata Maghriibaa, salaata Ishaa'ii fi salaata Fajrii achitti jechuunis Minaatti gabaabsee osoo walitti hin qabne salaata; Sababni isaas Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Minaatti ni gabaabsu malee kan walitti hin qabne waan turaniif jecha.
Sadaffaa: Arafaa dhaabbachuu fi Muzdalifaa buluu:
Aduun guyyaa sagalaffaa jechuunis aduun guyyaa Arafaa yeroo baate Minaa irraa gara Arafaa deemee, yoo isaaf laafe hanga aduun jallattutti Namiraa qubata, isaaf laafuu bannaan rakkoo hin qabu; Sababni isaas Namiraa qubachuun sunnaa waan ta'eef jecha.
Yeroo aduun walakkaa samii irraa gara lixatti jallattetti salaata Zuhrii fi Asrii walitti qabiinsa dursuu fayyadamuun isaan lamaan bakka tokkotti walitti qabee ra'kaa lama lama akka Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hojjatanitti salaata.
Eegasii salaata booda zikrii, du'aa'ii fi gadi of qabee gara Rabbii ol ta'etti deebi'uuf bilisa ta'a, gara Qiblaatti garagalee harka isaa lamaan ol qabatee waan jaallateen du'aa'ii godhata.
Bakka guddaa sana keessatti irra baay'een du'aa'ii Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jechuudha ture: “Laa Ilaaha Illallaahu Wahdahuu Laa Shariika Lahuu, Lahul Mulku Walahul Hamdu Wahuwa Alaa Kulli Shey'in Qadiir" jechuunis: Haqaan Gabbaramaan Rabbii tokkicha hiriyaa hin qabne malee hin jiru, mootummaan kan isaati, faarunis kan isaati, Inni waan hundumaa irratti danda'aadha, jechuudha.
Yoo dadhabbiin itti dhaga'amee haasaa bu'a qabeessaa hiriyoota isaa waliin haasa'uudhaan ykn kitaabota faayidaa qaban kamiyyuu dubbisuudhaan boqonnaa argachuu yoo barbaade, keessattuu arjummaa Rabbii fi guddina kennaa isaatin waan wal qabatu keessatti; Guyyaa sana keessatti kajeellaan isaa sanaan akka cimuuf jecha bareeda ta'a, eegasii of gadi qabee gara Rabbiin kadhachuutti deebi'a, Du'aa'ii bareechee godhachuun xumura guyyichatti fayyadamuu irratti bololu qaba, Caalaan du'aa'ii du'aa'ii guyyaa Arafaa waan ta'eef jecha.
Guyyaa Arafaa yeroo aduun seente gara Muzdalifaa deema.
Yeroo Muzdalifaa gahetti jam'ii gochuudhaan salaata Maghriibaa rak'aa sadii, salaata ishaa ammoo rak'aa lama salaata.
Booda walakkaa halkaniitii malee Muzdalifaa hin ga'u jechuu yoo sodaate Muzdalifaa osoo hin ga'in durattillee osoo ta'ee salaatuu ni danda'a, hanga booda walakkaa halkanitti salaata tursiisuun isaaf hin hayyamamu.
Muzdalifaa bula, yeroo Fajriin ifa isaaf ta'etti azaana fi iqaamaa tokkoon dafee salaata Fajrii salaatu qaba.
Ergasii hanga ifni bareechee lafa ga'utti gara Mash'aral Haraam deemuun Rabbiin tokkichoosa Allaahu Akbar jechuudhaan Isa guddisa, waan barbaadeen du'aa'ii godhata, gara Mash'aral Haraamitti deemuun yoo isaaf hin laafin bakkuma jirutti du'aa'ii godhata; Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waan akkana jedhaniif jecha: "Ani asin dhaabbadhe, Muzdalifaan hundi bakka dhaabbataati", yeroo zikrii fi du'aa'ii godhatu keessatti Qiblaatti fuulaan garagalee harka isaa lamaan ol qabata. «Ani as dhaabbadhe, Muzdalifaan hundi bakka dhaabbatani». [8] Yeroo zikrii fi du'aa'ii qiblaatti gara galee harka isaa lamaan ol qabata. [8] Abuu Daawuudiitu lakkoofsa (1936) irratti gabaase.
Afraffaa: hojiilee guyyaa Iidaa:
Yeroo bareechee bari'e keessatti osoo aduun hin baane Muzdalifaa irraa gara Minaa deema, Laga Muhassar bakka jedhamu yeroo ga'etti ariitiin deema.
Yemmuu Minaan ga'e Jamratal Aqabaatti wal duraa boodaan dhagaa (cirracha) torba darbata, Jamratul Aqabaa jechuun boolla irraa boodaa kan gara Makkaatti aanuudha, dhagaan hundi tilmaaman hanga firii timiraati, yeroo dhagicha darbatu keessatti dhagaa hunda waliin "Allaahu Akbar" jechu qaba.
Eegasii yoo isaaf laafe wareega isaa ni qala.
Eegasii yoo dhiira ta'e rifeensa mataa isaa ni haaddata yookaan ni gabaabsa, dubartiin ammoo haaduu osoo hin taane gabaabsu qabdi.
Yeroo dhagaa darbatee rifeensa haaddate hikkannaa duraa hiikkateera waan ta'eef dubartii malee wanti hundi isaaf halaala ta'a.
Sana booda gara Makkaa deemuun Xawaafa ifaadaa raawwatee ergasii yoo Mutamatti'a, ykn Hajjii qofa niyyataa ykn Hajjii fi Umraa walitti qabaa ta'ee booda Xawaafa dhufiinsati yoo sa'ayii raawwachuu baate sa'ayii Hajjii ni raawwata, Xawaafa fi sa'ayii hanga halkanitti ykn hanga guyyaa lammaffaatti akka isaaf laafeen tursiisuu ni danda'a.
Shanaffaa: hojiilee Ayyaamuttashriiqi:
Yeroo dhagaa darbatee, rifeensa haaddatee, Xawaafa fi Sa'ayii raawwate dhugumatti hiikkannaa guutuu hiikkatee jira, hanga dubartii gahutti wanti hun isaaf hayyamamaa ta'a.
Eegasii gara Minaa deebi'ee guyyaa kudha tokkoffaa, kudha lammaffaa fi guyyaa kudha sadaffaa achi bula, kun yoo kan turu ta'eedha.
Boolla sadeen yeroo aduun cinaa tokkotti ni darbata.
Guyyaa kudha tokkoffaa boolla duratti -isheenis Makkaa irra fagoo boollatii fi Masjiidal kheyfitti ammoo irra dhihoo boollati- dhagaa torba wal duraa boodaan darbata, dhagaa hunda waliin "Allaahu Akbar" jedha, eegasii xiqqo gara fuulduratti deemuun waan jaallateen du'aa'ii dheeraa godhata, dheerinni dhaabbannaa fi du'aa'ii yoo itti ulfaate osoo xiqqollee ta'ee sunnaan akka argamuuf jecha wahuma isaaf laafeen du'aa'ii godhata.
Sana booda akksumatti boolla giddutti darbatee ergasii du'aa'ii godhata.
Sana booda akkasumatti boolla aqabaatti dhagaa darbata, garuu boolla kanatti erga darbatee booda ni deema malee dhaabbatee du'aa'ii hin godhatu.
Ergasii akkuma guyyaa kudha tokkoffaa dhagaa darbatetti guyyaa kudha lammaffaas boollotatti dhagaa ni darbata, boollotatti dhagaa darbachuu yeroo xumure, yoo barbaade ariifate Minaa irraa gara Makkaa deema.
Yoo barbaade ammoo ni turee guyyaa kudha sadaffaa Minaa bulee, eega aduun jallatte booda akkuma darbetti boollota sadeen darbata, garuu turuutu caala.
Osoo inni Minaa jiruu aduun guyyaa kudha lammaffaa yoo itti lixxe malee guyyaa kudha sadaffaa Minaa turuun irratti dirqama hin ta'u, gaafa sana eega aduun jallattee hanga boollota sadeen darbatutti buluun itti dirqama.
Garuu filannoo isaatin malee aduun guyyaa kudha lammaffaa osoo inni Minaa jiruu yoo itti lixxe, fakkeenyaf meeshaa fudhate eega yaabbatee booda sababaa tiraafikaatii fi kan kana fakkaataniin kan turu yoo ta'e isa akkanaa kana turuun irratti dirqma hin ta'u; Sababni isaas hanga aduun lixxutti turuun isaa filannoo isaatin malee waan ta'eef jecha.
Jahaffaa: Xawaafa dhaammannaa:
Yeroo Makkaa irraa gara biyya isaatti ba'uu barbaade hanga Xawaafa dhaammannaa raawwatutti ba'uu hin qabu.
Dubartii dhiiga laguu fi dayumsaa irra jirtu yoo ta'e malee, isaan lamaan Xawaafni dhaammannaa irra hin jiru, dhaammannaaf jecha balbala Masjiidal Haraama irra dhaabbachuus hin qaban; Sababni isaas sun waan Nabiyyii irraa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hin odeeffamneef jecha.
Yeroo imalaaf fe'achuu barbaade booddee Beytitti dhaammannaa isaa Xawaafa dhaammannaa gochu qaba.
Eega dhaammatee booda waaheloota eeguuf ykn meeshaa fe'achuuf ykn karaa isaa keessatti waa bitachuuf jecha yoo kan turu ta'e rakkoo hin qabu, Xawaafas deebisuun isa irra hin jiru, yoo imala isaa tursiifachuu barbaade malee, sun fakkeenyaf akka dura guyyaa imaluu barbaadee Xawaafa raawwatee, eegasii gara xumura guyyaatti imala isaa tursiisuu barbaaduti, inni Xawaafa deebisu qaba, booddeen dhaammannaa isaa Beytitti akka ta'uuf jecha.
Rabbiin Nagaayaa fi rahmata nabiyyii keenya muhammad irratti haa buusu. ***