Most Searched
Eenyutu Uumama uume? Eenyutu na uume? Maalif?
Ani karaa sirrii irra jiraa? Samii fi dachii akkasumas uumamtoota gurguddoo isaan keessa jiran kan irra gahuu hin dandeenye hunda eenyutu uume? Sirna sirrii ta'ee fi mudaa hin qabne kana samii fi lafa irratti kan uume eenyu? Eenyutu ilma namaa uumee gurra, ijaa fi sammuu isaaf kennee beekumsa horatee akka haqa irra gahuu danda'u isa taasise?
These files are generated automatically from the book's text; their layout may differ from the printed edition.
Eenyutu Uumama uume? Eenyutu na uume? Maalif?
Ani karaa sirrii irra jiraa?
Samii fi dachii akkasumas uumamtoota gurguddoo isaan keessa jiran kan irra gahuu hin dandeenye hunda eenyutu uume?
Sirna sirrii ta'ee fi mudaa hin qabne kana samii fi lafa irratti kan uume eenyu?
Eenyutu ilma namaa uumee gurra, ijaa fi sammuu isaaf kennee beekumsa horatee akka haqa irra gahuu danda'u isa taasise?
Uumama sirrii ta'e kana kutaalee qaama keetii keessatti kan uume, si bocee fi fakkii kee kan bareeche eenyu?
Uumama lubbu qabeeyyii garaagaraa fi adda addummaa isaanii hunda irratti xiinxali, Eenyuutu bifa daangaa hin qabneen isaan uume?
Uumamni guddaan kun seerawwan isaa kan waggoota hedduu kana to'annaa akkaan jabaa ta'een to'atee geggeessuu waliin akkamitti toora qabachuu fi haala tokko irratti tasgabbaa'aa dhaabbataa ta'uu danda'e?
Sirnoota uumama kana hoogganan (jireenyaa fi du’a, wal hormaata, halkanii fi guyyaa, jijjiirama yeroo fi kkf) eenyutu tume?
Uumamni kun ofumaan of uumee? Moo akkasumatti argame? Moo akka tasaa argame? Rabbiin akkana jedhe: ﴾Sila isaan osoo wanti isaan uume hin jirre uumaman moo isaanumatu uumoo dha? (35) Moo samii fi dachii uuman? Lakki isaan hin dhugoomsanuu?﴿ [Suuraa Xuur: 35-36].
Yoo ofii keenyaa of uumuu hin dandeenye, dhabama irraa ykn tasaan dhufuun hin danda'amne, kanaaf dhugaan shakkii hin qabne: Uumama guddaa humna cimaa qabu kana, ofiin uumame ykn dhabama irraa argame ykn tasa argmame jechuun hin danda'amu!
Ilmi namaa tokko bu'aa uumama Isaa fi rahmata Isaa utuu argu akkamitti Uumaa uumama guddaa kanaa jiraachuu isaa haalu (waakkatu)?!
Namni sammuu qabu kamiyyuu akkana isaan jedhamuu abadan hin fudhatu: Manni kun osoo namni tokkooyyuu hin ijaarin dhufe, ykn dhabamaatu isa argamsiise osoo jedhaniinii hin fudhatu! kanaafuu akkamitti namootni tokko tokko nama akkas jedhu amanuu danda'u: uumamni guddaan kun uumaa malee dhufe? Namni sammuu qabu tokko akkamitti uumamni akka gaaritti dalagame kun tasa dhufe yoo jedhameen fudhachuu danda’a?
Kun hundi gara bu'aa tokkootti nu geessa, kunis uumama kanaaf Rabbiin guddaan isa garaggaggalchaa ta'e isaaf akka jiruudha, isumaatu gabbaramuuf haqa godhata, isa malee namni waan biraa gabbaru, gabbartiin isaa sun sirrii miti, gabbaramuun isaaf hin malu.
Rabbii Uumaa guddaa ta'e
Rabbiin uumaa ta'e tokko qofaatu jira, waa hunda dhuunfataa, Hogganaa, kan razzaqu, kan jiraachisu, kan ajjeesu, kan dachii jireenyaaf uumama isaatif mijjataa taasise, isa kan samii fi waan isa keessa jiru uumama gurguddaa uume, aduu, ji'aa, halkanii fi guyyaa kan taasise, hojii sirrii fi xiinxala guddaan dalagame kun guddina isaa agarsiisa.
Inni qilleensa isa malee jiraachuun hin dandayamne kan nuu laaffise, Inni isa rooba nuu roobsu, isa galaana fi laggeen nuu laaffise, kan nu nyaachisu, akkasumas gadameessa haadholii keenyaa keessatti osoo humna hin godhatin, daa'imman taanee osoo jirruu isa nu eegu, dhaloota irraa kaasee hanga du'aatti dhiiga ujummoo dhiigaa keenya keessa isa yaasuudha.
Rabbiin Uumaa fi razzaqaa ta'e kun Rabbii isa allah jedhamuu dha.
Rabbiin ol ta'e akkas jedhe: ﴾Dhugumatti gooftaan keessan Rabbi, isa samii fi dachii guyyoota jaha keessatti uume, ergasii Arshii irratti (ol ta'iisa isaaf malu) ol taheedha, haala ariitidhaan barbaadaa ta'een halkaniin guyyaa haguugsisa. aduu, ji'aa fi urjiiwwanis kan ajaja isaatin laaffifaman ta'aniin (isaan uume) dhagahaa! uumamnii fi ajajnis kan isaati, Rabbiin gooftaa aalamaa ta'e toltuun isaa baay'ate﴿. [Al-A'araaf: 54 ].
Rabbiin Gooftaa fi Uumaa uumama kana keessaati mul’atanis ta’ee kan hin mul’anne hundaati. Wanti Isa malee jiru hundi immoo uumama Uumamtoota isaa keessaa lakkaa'amuudha. Isa qofaatu gabbaramuu haqa godhata. Akkasumas isa malee eenyulleen isa waliin gabbaramu, mootummaa, uumama, bulchiinsa fi ibaadaa isaa keessatti waahela hin qabu.
Mee falmiidhaaf jennee haa fudhannu: Osoo Rabbii ol tahe waliin gabbaramoon biraa osoo jiraatanii uumamni kun silaa bade, Sababni isaas Rabbiin lama yeroo tokkotti uumama kana bulchuun waan hin danda'amneef jecha, Rabbiin ol ta'e akkas jedhe: {Osoo isaan lamaan (samii fi dachii) keessa Rabbiin malee gabbaramtoonni biraa jiraatanii lamaan isaanituu ni badu ture}. (Anbiyaa: 22)
Sifaata Rabbii uumamtoota uumee.
Rabbiin ol ta'e maqaawwan babbareedoo lakkoofsa hin qabne qaba, akkasumas sifaata ol’aanoo, hedduu fi gurguddoo ta’an kan guutummina isaa irratti qajeelan qaba. Maqaawwan isaa keessaa: Al-khaaliq (Uumaa kan tahe), 'Allaah', hiikkaan isaa: gabbaramaa kophaa isaa gabbartii haqa godhate kan hin qabne jechuudha, gabbaramuu haqa godhatu jechuu dha, ammas Al Hayy, (jiraataa hin duune) Al Qayyuum (kan dhimma uumamaatin dhaabbatu), Al-Rahiim (kan rahmata namaa godhu) Al-Razzaaq (sooraa), fi Al-kariim (Arjaa) kan ta'e jechuu dha. Rabbiin ol ta'e Qur’aana kabajamaa keessatti akkana jedhe: ﴾Rabbiin isa malee haqaan gabbaramaan hin jiru. (inni) jiraataa dha, waan hundaan dhaabbataa dha. mugaatiin isa hin qabdu hirribnis, wanti samiilee keessa jiruufii wanti dachii keessa jiru (hundi) kan isaati. inni hayyama isaa malee isa biratti araarsu eenyuma? Inni waan fuuldura isaanitiif waan duuba isaanis ni beeka. beekumsa isaa irras waan inni fedhetti malee hin marsanu, kurisiin isaa samii fi dachirra bal'ateera, isaan lamaan tiksuun isa hin dadhabsiisu, inni ol ta'aa guddaa dha﴿. [Suuraa Al-baqaraa: 225]
Rabbiin ol ta'e akkana jedhe: ﴾(Yaa Muhammad) jedhi inni Allaaha, tokkicha (1) Allaahan uf danda'aa irkoo waa hundaati. (2) hin dhalle, hin dhalannes (3) Hiriyaan tookos isaaf hin taane﴿ [Ikhlaas: 1-4].
Rabbiin gabbaramaan sifaata guutuu ta'aniin ibsama
Sifaata isaa keessaa, Inni Rabbii gabbaramaa dha, wanti isa malee jiru hundinuu uumama dirqamni itti kenname, ajajamaa fi bitamaa dha.
sifaata Isaa keessaa Inni Jiraataa du'a hin qabne, kan waan hundaan dhaabbatuudha, waan uumama keessa jiraatu hundaayyuu Rabbiitu isa jiraachisee dhabama irraa isa argamsiise, uume, Inni Isa isa argamsiisuun, isa sooruu fi isaaf gayuun isa irra dhaabbataa ta'eedha. Kanaafuu Rabbiin jiraataa hin duune, baduunis isaaf hin malu, Inni waan hundaan dhaabbataa ta'e kan hin rafneedha, inumaa mugaatis ta'ee hirribni isa hin qabu.
Sifaata Isaa keessaa inni beekaa dachii fi samii keessatti homaa irratti hin dhokanne.
Amaloota Isaa keessaa tokko Inni dhaga’aa, argaadha, waan hundumaa dhaga’a, uumama hundaas ni arga, waan lubbuun ilmanamaatti hasaastu fi qalbiin maal akka dhoksitus ni beeka. Dachii fi samii keessatti homaa isa irratti hin dhokatu, Inni waan isaaf hin malle irraa qulqullaa'e.
Amaloota isaa keessaa tokko Inni hedduu danda'aa wanti tokko isa hin dadhabsiifnedha, akkasumas namni tokkos fedha isaa deebisuu hin danda'u, waan barbaade hojjata, waan barbaades ni dhoorga, waan fedhe duratti buta, waan fedhe ammoo duubatti hanbisa, inni ogummaa ol'aanaa qaba.
Amaloota Isaa keessaa Inni Uumaa, sooraa, garaggaggalchaa uumama uumee isa garaggaggalcheedha, uumamni harka isaa keessa jira, to’annaa isaa jala jira.
Amaloota Isaa keessaa Inni Isa nama rakkateef owwaatu, kan nama, cinqameef birmatuu fi rakkoolee furuudha, hundi uumamaatuu yeroo rakkatetti dirqamaan gara isaatti deebi'a.
Gabbartiin Rabbii ol taheef malee nama tokkoof hin taatu, Inni Gooftaa guutuu kophaa isaatti gabbartii haqa godhatu kan wanti biraa isa waliin hin qooddanneedha. Wanti Isaa gaditti gabbarame hunduu sobaan gabbaramaa, hanqina qabu, kan du’aa fi badiif saaxilamaa ta'eedha.
Rabbiin -qulqullaa'e- sammuu guddina isaa ittiin hubachuu dandeenyu nuuf kennee, uumama waan gaarii jaallatuu fi waan hamaa jibbu nu keessatti dhaabe, akkasumas yeroo gara Rabbitti deebi'e kan tasgabbii argatu. Uumamni kun inni guutuu ta’uu fi hanqinaan ibsamuu akka hin dandeenya agarsiisa.
Namni sammuu qabu isa mudaa hin qabne malee kan biraa gabbaruun isaaf hin malu, akkamitti uumama hanqina kan akka isaa yookaan isaa gadii gabbara!
Gabbaramaan tokko nama, yookaan taabota yookaan muka yookaan bineensa ta'uu hin danda'u!
Rabbiin samii isaatii olitti Arshii isaa irratti (ol ta'iinsa isaaf malu) ol ta'ee jira, Inni uumamaa isaa irraa adda ta'aadha, Uumama Isaa keessaa wanti zaata isaa keessa jiru hin jiru, zaata isaa irraas wanti uumama isaa keessa jiru hin jiru, uumama isaa irraa waa tokko keessallee hin qubatu.
Wanti Rabbiin fakkaatu hin jiru, Inni dhaga'aa, argaadha, hiriyaa tokkollee hin qabu, inni uumama isaa irraa dureessa, hin rafu, nyaatas hin nyaatu, inni guddaa haati manaa yookaan ilmoon isaaf ta'uun hin malle; Kanaaf uumaan amaloota guddinaa qaba, abaditti waa haajamaa ta'uu fi hanqinaan ibsamuun isaaf hin malu.
Rabbiin ol tahe akkas jedhe: ﴾Yaa namoota , fakkeenyi taasifamee isa dhageeffadhaa, dhugumatti isaan isin Rabbiin gaditti gabbartan taasisa tokko hin uumanu osoo isaaf waliiti qabamanillee. yoo tisiisni waan tokko isaan harkaa buutes waan san isa irraa buusuu hin danda'an, gabbaraa fi gabbaramaan waa dadhabee (73) Dhugaa guddina isaa Rabbiin hin guddifne. Dhugumatti Rabbiin jabaa, injifataa dha﴿ [Al-Hajj: 73-74].
Uumaan (Rabbiin) guddaan kun maaliif nu uume? Maal nurraa barbaada?
Rabbiin uumamtoota kana hunda kaayyoo tokkoon malee uume jechuun ni danda’amaa? Osoo inni ogeessaa fi beekaa ta'ee jiruu taphaaf uumamtoota kanneen uume jechuun ni danda'amaa?
Inni sirna toora qabatee fi akkanatti tolu kanaan nu uume kaayyoo tokkoon maletti nu uume jedhamee ni yaadamaa, yookaan gaafilee barbaachisoo kan shaakalan kan akka nuti maalif as jirra? Du'a booda maaltu ta'a? Kaayyoon uumama keenyaa maali? jechuu irraa deebisaa osoo nuuf hin kennine nu dhiisa jedhamee ni yaadamaa?
Adabbiin nama miidheef, badhaasni ammoo nama gaarii hojjateef hin jiru jechuun ni yaadamaa?
Rabbiin qulqullaa'e akkas jedhe: ﴾Sila nuti taphumaaf isin uumnee yaaddu? Ammas isin gara keenyatti deebifamuu dhabuu yaadduu?﴿ [Al-Mu'uminuun: 115].
Kaayyoo jiraachuu keenyaa akka beeknuuf Rabbiin ergamtoota erge, akkamitti akka isa gabbaruu fi itti dhihaannus nu qajeelche, akkasumas maal akka nurraa barbaadu? akkamitti jaalala Isaa argannaa, du'a boodas hiree keenya irraa nutti himeera?
Rabbiin ergamtoota erge akka inni qofti gabbaramuu haqa godhatuu fi akkamitti akka isa gabbarru nutti himuuf jecha, akkasumas ajajoota fi dhoorgota isaa akka nutti fidaniif jecha, safuu gaggaarii yoo nuti ishee qabanne kan jiruu fi jireenyi keeynya kheyrii fi barakaa adda addaatin guutamu akka nu barsiisaniif jecha.
Rabbiin ergamtoota hedduu kan akka (Nuuh, Ibraahim, Muusaa fi Iisaa) dhugumatti ergee, mallattoo fi raajilee adda addaatin tan dhugummaa isaanitii fi isaan dhugumaan Rabbiin biraa ergamuu isaanii mirkaneessituun isaan jajjabeesseera, xumuurri isaanii Muhaammad ture, nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu.
Ergamtoonnis jireenyi kun qormaata akka ta’ee fi jireenyi dhugaa du’a booda akka ta’u ifaa ifatti dhugumatti nutti himaniiru.
Akkasumas mu'umintoota Rabbii tokkicha hiriyaa hin qabne gabbaranii, ergamtoota hundatti amananiif jannanni akka jiruuf, kaafirtoota Rabbiin waliin gabbaramoo biroo gabbaranii, ergamtoota irraa ergamaa kamittuu kafaraniif ibiddi akka jirus nutti himaniiru.
Rabbiin ol tahe akkas jedhe: ﴾Yaa ilmaan Aadam! Yoo ergamoonni isin irraa ta’an isinitti dhufan kan keeyyattoota kiyya isin irratti qara’an, namni (Rabbiin) sodaatee toltuu hojjate, sodaan isaan irra hin jiru; isaan hin gaddanus (35) Isaan keeyyattoota keenya kijibsiisanii, irraayis boonan, sunniin warra ibiddaati, isaan isii keessatti hafoo dha﴿ [Al-A'araaf: 35-36].
Rabbiin ol ta'e akkas jedhe: ﴾Yaa namoota! akka (Rabbiin) sodaattaniif jecha, gooftaa keessan kan isinii fi warra isiniin duraa uumee gabbaraa (21) (Rabbiin) isa dachii afaa, samii immoo ijaarsa isiniif taasise, kan samii irraa bishaan buusee ergasii isaan fireewwan adda addaa isin sooruf jecha isiniif baaseedha, kanaafuu odoo (kan gabbaramuun malu Rabbiin qofa akka ta'e) beektanuu Rabbiif hiriyaa hin taasisinaa (22) Yoo waan nuti gabricha keenya irratti buufne (Qur'aana) irraa shakkii keessatti taatan, mee suuraa tokko kan akka isaa fidaa, ragoota keessan kan Rabbiin malee jiran waammadhaa, yoo kana dhugaa dubbattan taatan (23) Yoo [amma] hin dalagin; fuuldurattis hin dalagdanu; kanaafuu ibidda qabsiisaan ishee namaafi dhagaa ta’e kan kaafirootaaf qopheeffamte sodaadhaa (24) Isaan amananii, gaggaarii hojjatan, jannatoonni laggeen jala ishee yaatu isaaniif jira jechuun [isaan] gammachiisi. Dhawaatuma firii ishee irraa sooramaniin "kun soorata kana dura sooramneedha" jedhu. Wal fakkaataa ta'ee isaaniif kenname. Isaaniif ishee keessa haadholeen manaa qulqulleeffaman jiru. Isaan ishee keessatti hafoodha﴿ [Al-Baqara: 21-25].
Ergamtoonni maaliif baay'atan?
Rabbiin ergamtoota isaa gara ummatootatti dhugumatti ergee jira, ummata tokkoos osoo ergamaa itti hin ergin hin dhiifne, Gooftaa isaanii akka gabbaraniif, ajaja isaa raawwatanii fi waan inni irraa dhoorge akka dhiisaniif jecha, Rabbiin addatti gabbaruun ammoo kaayyoo waamicha isaanii hunda ture, ummatni tokko waan Ergamaan isaanii ittiin dhufe, kan akka ajaja Tokkummaa Rabbiitti amanuu, dhiisuu ykn maqaa xureessuu yeroo jalqaban hunda, Rabbiin ergamaa biraa kan daandii sirreessuu fi namoota gara uumama sirrii Tokkummaa Rabbiitti amanuu fi Isaaf ajajamuutti deebisu itti erga. Hanga Rabbiin ergamtoota hunda Muhaammadiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- xumuuretti, isaanis amantii guutuu fi shari'aa turaa ta'e kan namoota hundaaf hanga guyyaa qiyaamaatti waliigala ta’e, kan amantiiwwan isa duraa guutaa fi haqaa ta'een dhufan, kana dura jiran hunda guutee fi seerawwan amantii sanaas haqee dhufe, Amantiin kun hanga guyyaa qiyaamaa akka turu Rabbiin ol ta'e wabii of qabeera.
Namni tokko hanga ergamtoota hundatti amanutti mu'umina hin ta'u.
Rabbiin isa Ergamtoota ergee uumamni isaa hundi akka isaaniif ajajaman ajajeedha. Namni isaan keessaa ergaa ergamaa tokkootti kafare hunda isaaniitti dhugumatti kafaree jira. Namni tokko Rabbiin irratti wahyii deebisuu caalaa diliin guddaan hin jiru. Jannata seenuuf ergamtoota hundatti amanuun dirqama.
Yeroo kana keessatti Rabbii fi ergamtoota isaa hundumaatti amanuun, akkasumas Guyyaa Dhumaa (aakhiraa)tti amanuun dirqama nama hundumaati. Kunis kan galma ga’uu danda’u xumuuraa isaanii Muhammaditti -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- amanuudhaan malee hin ta'u, Isaani raajii abad ta'e Qur'aana kabajamaa ta'e, kan Rabbiin hanga lafaa fi nama ishee irra jiru hundumaa dhaalutti akka turuuf of qabeen deeggaramoodha.
Rabbiin Qur'aana kabajamaa keessatti namni ergamtoota isaa keessaa tokkotti amanuu dide inni Rabbitti kafaraa fi wahyii isaa kijibsiisaa akka ta'e dubbateera, Rabbiin ol ta'e akkas jedhe: ﴾(Dhugumatti) isaan Rabbii fi ergamtoota isaatti kafaran, kan gidduu Rabbii fi ergamtoota isaa addaan baasuu barbaadan, "garii isaatti ni amanna, garii isaatti immoo ni kafaraa" jedhanii gidduu sanitti karaa godhachuu barbaadan (150) Isaan warra dhugaan kafaranii dha, nuti kaafirootaaf adaba xiqqeessaa qopheessinee jirra﴿ [Nisaa: 150-151]
Kanaaf nuti Muslimoonni -akkuma Rabbiin nu ajajetti- Rabbii fi Guyyaa Qiyaamaatti ni amanna, Ergamtoota fi kitaabota darban hundattis ni amanna, Rabbiin ol ta'e akkana jedhe: ﴾Ergamaan waan gooftaa isaa irraa gara isaatti buufametti amaneera, Mu'umintoonnis hundumtuu Rabbitti malaa'ikoota isaa kitaabota isaa fi ergamtoota isaatti amananiiru, nuti ergamtoota isaa irraa tokkos adda hin baafnu (jedhan) nuti dhageenye, ajajamnes, gooftaa keenya! araarama kee (barbaanna), deebinis garuma keeti﴿ [Al-Baqaraa: 285].
Qur'aanni kabajamaan maali?
Qur’aanni kabajamaan inni jecha Rabbii ol ta'ee fi wahyii Isaa kan xumuraa ergamtootaa Muhaammad -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- irratti isa buuseedha, inni irra guddaa raajii Nabiyyummaa isaanii dhugaa ta'uu agarsiisuudha, Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu. Qur'aanni kabajamaan inni murtii isaa keessatti dhugaa fi haasaa isaa keessatti amanamaa dha. Rabbiin warra kijibsiisan suuraa tokko kan akka isaa fidaa jechuun morkate, garuu isaan kana gochuu hin dandeenye; wanti isa keessa jiru akka malee guddaa waan ta'ee fi inni waan ilma namaa duuniyaa fi aakhiratti barbaachisu hunda of keessatti waan qabateef jecha, Dhugaawwan amantii irratti hundaa’an kan itti amanuun dirqamaa hunda dhugumatti qabateera. Akkuma ajajoota fi dhoorgaalee namni tokko ofii isaa fi Gooftaa isaa gidduutti, ykn ofii isaa fi ofii isaa gidduutti, ykn ofii isaa fi uumamtoota hafan gidduutti hordofuu qabu of keessatti qabatetti. Sun hundinuu akkaataa dubbii olaanaa fi ifa ta'e keessatti. (Qur'aanni) ragaalee sammuu fi dhugaalee saayinsii tan kitaabni kun akka nam tolchee hin tahinii fi inni akka jecha Rabbii aalamaa ta'e agarsiisan irraa hedduu dhugumatti hammateera.
Islaamummaan maali?
Islaamummaan Rabbiin tokkochoomsuun isumaaf bitamuu, tole jechuun isaaf ajajamuun, akkasumas shari'aa Isaa jaalalaan fudhachuun, waan isaan alatti gabbaramu hundatti kafaruudhaan Rabbiif harka kennuudha.
Rabbiin ergamtoota dhugumatti ergaa tokkoon erge, innis: Gama Rabbii tokkicha hiriyaa hin qabne gabbaruu fi waan isaa gaditti gabbaramu hundatti kafaruudha.
Islaamummaan amantii nabiyyoota hundaati, Shari'aan isaanii haa waldhabuu malee waamichi isaanii tokko. Har’a amantaa dhugaa nabiyyootni hundi ittiin dhufan kan hordofu Muslimoota qofa. Ergaan Islaamaa yeroo kana keessatti ergaa dhugaati, inni ergaa xumuraa uumaa dhala namaa irraa ta'eedha. Rabbiin Ibraahim, Muusaa fi Iisaa -nagaan isaan irratti haa jiraatu- erge, isumaatu Muhammad -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ergamaa xumuuraa taasisee ergeedha, Shari'aan Islaamaa shari'aalee isa dura jiran haquudhaan dhufe.
Amantiiwwan har’a namoonni hordofan hundi -Islaamummaa malee- amantii nam-tolcheedha, Yookiin amantiiwwan Rabbi biraa dhufan ta’anii booda ammoo harka namaatiin jijjiiramanii dha, sababaa sanaan sheekkoo garagaraa dhaalamee fi yaadota dhala namaatin wal makate ta'an.
Amantiin muslimtootaa ammoo inni amantii tokko kan ifa galaa ta'e kan osoo hin jijjiiramin akkuma Rabbiin biraa dhufetti jiruudha, akkkuma gabbartiin isaan Rabbiin gabbaran tokko ta'ee jirutti. Hundi isaanii salaata shanan ni salaatu, qabeenya isaanii irraas zakaa ni baasu, ji'a Ramadaanas ni soomu isaanii irratti zakaa kaffalu, ji’a Ramadaanaa ni soomu. Biyyoota hunda keessatti kitaaba tokko waan ta’eef heera isaanii kan Qur’aana Qulqulluu ta’e mee ilaalaa. Rabbiin ol ta'e akkana jedhe: ﴾Amantii keessan hara'a isiniif guutee jira, qananiiwwaan kiyyas isin irratti guutee jira, amantiif Islaama isiniif jaaladhee jira, namni beela keessatti dhiphifame kan gara badii dabuu hin yaadin (isaaf dhiifama), Rabbiin araaramaa, rahmata godhaa dha﴿ [Suuraa Maa'idaa: 3].
Rabbiin ol ta'e Qur'aana keessatti akkas jedhe: ﴾ jedhi: “Rabbitti amanne, Waan nurratti buufametti, Waan Ibraahiim, Ismaa’iil, Isihaaq, Ya’aquubi fi asbaax(ilmaan Ya’aquub) irratti buufametti amanne, waan Muusaan, Iisaa fi nabiyyoonni Gooftaa isaanii irraa kennamanittis amannee jirra. Isaan irraa gidduu nama tokkoos addaan hin foonu. Nuti isaaf ajajamtoota”(jedhi) (84) Namni islaamaan alatti amantii barbaade, isa irraa hin qeebalamu, inni aakhirattis warra hoongahan irraayi﴿ [Aala Imraan: 84-85].
Islaamummaan akkaataa jireenyaa hunda galeessa, uumamaa fi sammuu waliin wal simata, lubbuun fayyaa qabdu isa ni fudhattu. Uumaa guddaatu uumama Isaatiif karaa godhe, inni duuniyaa fi aakhirattis namoota hundaaf amantii kheyrii fi gammachuuti, Sanyii tokko kan biraa irra hin caalchisu, bifa tokkoos bifa biraa irraa hin caalchisu, Namoonni hunduu isa keessatti wal qixa, hojii gaariin yoo ta'e malee Islaamummaa keessatti namni tokko kan biraa irraa adda hin ta'u.
Rabbiin ol ta'e akkas jedhe: (Dhiiras ta'e dubartii irraa nama mu'umina ta'ee dalagaa gaarii hojjete, dhugumatti jireenya gaarii isa jiraachifna, irra gaarii waan isaan dalagaa turaniitin isaan mindeessina) [Suuraa Nahl: 97]
Islaamummaan karaa gammachuuti
Islaamummaan amantii Anbiyoota hundaati, inni nama hundaaf amantii Rabbiiti, amantii Araboota qofaaf dhufee miti.
Islaamummaan addunyaa tana keessatti karaa gammachuu dhugaati, aakhiratti ammoo qananii yeroo hundaati.
Amantiin Islaamaa amantii tokkicha fedhii lubbuu fi qaamaa, rakkoo dhala namaa hunda furuudha, Rabbiin ol ta'e akkas jedhe: ﴾(Rabbiin) ni jedhe: gariin keessan gariif diina ta'aatii isin lamaanuu waliin ishee (Jannata) irraa (gara dachii) gadi bu'aa, ergasii yoo ana irraa qajeelfamni isinitti dhufe, namni qajeelfama kiyya hordofe, hin jallatu, hin rakkatus (123) Namni Qur'aana kiyya irraa garagale, dhugumatti isaaf jireenya dhiphoo ta'eetu jira, Guyyaa qiyaamaas jaamaa goonee isa kaafna﴿ [Suuraa Xaahaa: 123-124].
Islaamummaa irraa maal fayyadama?
Islaamummaa seenuun faayidaa guddaa qaba, sana keessaa:
- Addunyaa kana irratti Rabbiif gabricha ta'uun milkaa'inaa fi kabajaa argachuudha, yoo kana hin taane gabricha lubbuu, sheyxaanaa fi fedhiilee adda addaa ta'a.
- Aakhiraatti Rabbiin dhiifama isaaf gochuun, jaalala isaa irratti buusuun fi jannata isa seensisuun milkaa'uudha, akkasumas qananii turaa ta'e argatee adabbii ibiddaa irraa nagaa bahuun milkii gonfachuudha.
- Mu’uminni Guyyaa Qiyaamaa nabiyyoota, dhugaa dubbattoota, wareegamtoota fi warra gaggaarii waliin ta’a. Warra akkasii waliin ta'uun ee waa tolee, Namni hin amanin ammoo xaaghuutota, warra hahamoo, yakkamtoota fi warra badii dalagan waliin ta’a.
- Warri Rabbi jannata isaan seensise du’a, dhukkuba, dhukkubbii, dullumaa fi gadda malee gammachuu abad (bara baraa) keessa jiraatu. Fedhiileen isaaniis waan fedhan hunda argachuun ni guutamti. Warri ibidda seenan ammoo cinqii abad ( bara baraa) kan hin dhumne keessa jiraatu.
- Jannata keessatti gammachuu ijji hin argin, gurri hin dhagayin, qalbii ilmi namaa tokkorrallee kan yaa'intu jira, Ragaalee sanaa jecha Rabbii ol ta'eeti: ﴾Dhiiras ta'ee dubartii irraa nama mu'umina ta'ee dalagaa gaarii hojjete, dhugumatti jireenya gaarii isa jiraachifna, mindaa isaanis irra gaarii waan isaan dalagaa turaniitin isaan mindeessina﴿ [Suuraa Nahl: 97]. Rabbiin ol ta'e akkas jedhe: ﴾Waan isaaniif dhokfame lubbuun tokkoyyuu hin beektu gammachuu ijaa irraa. Mindaa waan isaan hojjataa turaniif jecha﴿ [Suuraa Sajdaa: 17].
Osoon Islaamummaa fudhachuu didee maal dhaba?
Namni Islaamummaa dide barnootaa fi beekumsa Rabbiin ittiin beeku dhaba, Addunyaa tana irratti Rabbitti amanuu nageenya fi tasgabbii isaaf kennu dhaba, aakhiratti immoo gammachuu abada (bara baraa) dhaba.
Ammas Namni Islaamummaa dide beekumsa kitaaba guddaa Rabbiin namoota irratti buuse fi kitaabicha guddaa kanatti amanuu dhaba.
Namni Islaamummaa dide Anbiyaa gurguddootti amanuu fi jannata keessatti isaan waliin ta'uu dhabee, Ibidda Jahannam keessatti sheyxaana, yakkamtootaa fi xaaghuutota waliin ta'a. Manaa fi ollaanis akkam hamaadha!
Rabbiin ol ta'e akkana jedhe: ﴾Dhugumatti warri hoongayan isaan guyyaa qiyaamaa lubbuulee isaanitii fi maatii isaanis hoongayanii dha. Dhugumatti isumaatu hoongoo ifa galaa dha (15) Isaanif gubbaa isaanii irraa haguuggaa ibidda irraa ta'eetu jira, jala isaanii irrallee haguuggaa (ibiddaatu jira), sana Rabbiin gabroota isaa ittiin sodaachisa, yaa gabroota kiyya! anuma qofa sodaadhaa﴿ [Suuraa Zumar: 15-16].
Namni Aaakhiratti nagaa bahuu barbaade Islaamummaa seenee Nabi Muhammad -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hordofuu qaba.
Dhugaalee nabiyyitoonni fi ergamtoonni -nagaan irra haa jiraatu- irratti walii galan keessaa tokko Muslimoota Rabbitti amananii fi ibaadaa Isaa keessatti isa waliin eenyuunuu hin qindeessin, akkasumas Anbiyootaa fi ergamtoota hundatti warri amananii dhugoomsan malee ibidda jahannam irraa namni tokkolleen bilisa hin bahuudha.
Warri zamana Nabi Muusaa keessa turanii isatti amananii barsiisa isaa hordofan isaan kun Muslimoota, Mu'umintoota gaggaariidha. Garuu erga Rabbiin Nabi Iisaa ergee booda hordoftoonni Muusaa Iisaatti amanuu fi isa hordofuun dirqama ta'e. Namni Nabi Iisaatti amane isaan Muslimoota gaggaari dha, Namni Nabi Iisaattii amanuu didee ani amantii Nabi Muusaa irra jira jedhe, kuni waan Nabiyyii Rabbiin ergetti amanuu dideef Mu'uminaa miti. Ergasii erga Rabbiin xumuura ergamtootaa Muhammadiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ergee booda isaanitti amanuun nama mararratti dirqama ta'a. Rabbii isa Nabi Muusaa fi Iisaa ergeetu xumura ergamtootaa Nabi Muhammad erge -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-, kanaaf namni ergaa Nabi Muhammaditti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- kafaree "ani Nabi Muusaa hordofa ykan ani Nabi Iisaa hordofa" jedhe, inni mu'uminaa miti.
Namni tokko muslimoota nan kabaja jechuun qofti gahaa miti. Guyyaa aakhiraas nagaa bahuuf sadaqa kennuu fi hiyyeessota gargaaruun qofti gahaa maiti. Rabbitti, kitaabota Isaa, ergamtoota Isaa fi Guyyaa boodatti kan amane ta’uu qaba; akka Rabbiin sana irraa qeebaluuf jecha, shirkii, Rabbitti kafaruu fi wahyii Rabbiin isa buuse deebisuu yookaan nabiyyummaa xumura Nabiyyoota Isaa Muhammad -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- diduu irra badiin guddaa ta'e hin jiru.
Yahuudoonni, Kiristaanonnii fi kanneen biroo kan waa’ee ergamuu Ergamaa Rabbii Muhaammad -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhaga’anii, itti amanuu didan, akkasumas amantii Islaamaa seenuu didan ibidda Jahannam keessatti hafoo kan abaditti irraa hin baane keessatti ta'u, Kun murtii Rabbiiti malee murtii ilma namaa kamiiyyuu miti, Rabbiin ol ta'e akkana jedhe: ﴾Warri abbootii kitaabaa fi mushrikootaa irraa kafaran ibidda jahannam keessatti hafoo ta'anii jiraatu, warri sun isaanumatu irra hamoo uumamaati﴿ [Suuraa Bayyinah: 6].
Ergaan dhumaa Rabbi biraa dhala namaatti eega ergame booda nama waa’ee Islaamaa fi waa'ee ergaa Nabiyyii dhumaa Muhammad -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhaga’e hundi isaanitti amanuu, shari'aa isaanii hordofuun, ajajaa fi dhoorgaa isaanii keessatti isaan tole jechuun irratti dirqama ta'a, kanaafuu nama ergaa xumuraa kan dhaga'ee isa fudhachuu dide Rabbiin homaa isa irraa hin qeebalu, Aakhiratti ammoo isa adabuuf taa'a.
Ragaalee sanaa keessaa jecha Rabbii ol ta'eeti: ﴾Namni Islaamaan alatti amantii barbaade, isarraa hin qeebalamu, inni aakhiraatti ammoo warra hoonga'an irraayi﴿ [Suuraa Aala Imraan :58].
Rabbiin ol tahe akkas jedhe: ﴾Jedhi: Yaa "warra kitaabaa! gara jecha nuu fi isin giddutti wal qixa taatee koottaa, (isheenis) akka Rabbiin malee waan biraa hin gabbarre, isaattis waan biraa akka hin qindeessine, gariin keenyaas garii Rabbiin alatti gabbaramaa akka hin taasifnee dha, yoo isaan (kana) irraa garagalan "akka nuti muslimoota taane ragaa bahaa" jedhaa﴿ [Suuraa Aala Imraan: 64].
Muslima ta'uuf maaltu na barbaachisa?
Islaamummaa seenuuf namni tokko utubaawwan jahan kanatti amanuu qaba:
Rabbii ol ta'etti amanuu fi Inni Uumaa, ksooraa, garagalchaa, mootii akka ta'ee fi wanni akka isaa akka hin jirretti amanuudha, akksumas inni haadha manaa fi ilmoo hin qabuu fi inni qofti gabbartii haqa akka godhatu amananii, isa waliin waan biroo gabbaruu dhabuudha, akkasumas hundi waan Isaa gaditti gabbaramee gabbartiin isaa soba akka ta'e yaaduudha.
Malaa'ikootatti amanuudha, isaan gabroota Rabbii akka ta'anii fi Rabbiin isaan akka ifaa irraa uumee, hojiilee isaanii keessaa wahyiin nabiyyoota isaa irratti bu'uu akka taasisetti amanuudha.
Kitaabota Rabbiin ergamtoota isaatti buuse (kan akka Tawraat, injiil osoo hin jijjiiramin) hundatti amanuudha, kitaabni isa dhumaa ammoo Qur'aana tahutti amanuudha.
Ergamtoota hundatti amanuudha, kan akka Nuuh, Ibraahim, Muusaa fi Iisaa, xumurri isaanii Muhammad -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-, isaan hunduu ilmaan namaati. Rabbiin wahyiin isaan deggeree mallattoo fi raajiilee adda addaa tan dhugaa ta’uu isaanii mirkaneessan isaaniif kenne.
Guyyaa dhumaatti (aakhiraatti) amanuudha, sun yeroo Rabbiin warra jalqabaatii fi warra boodaa kaasee gidduu uumama isaatti murtii godhee mu'umintoota jannata seensisee kafirtoota immoo ibidda seensisu saniidha.
Qadaratti amanuudha, Rabbiin waan yeroo darbe ta'ee fi waan gara fuulduraatti ta'uu taa'u hunda akka beeku, Rabbiin waan hundaa beekee, waan sana akka barreesse, akka isa fedhee ri waan hunda akka inni uume amanuudha.
Murtoo hin tursin!
Duuniyaan ganda yeroo hundaa keessatti hafanuu miti...
Bareedinni hunduu isii keessaa dhokachuuf taa'a, fedhiin hunduu isii keessaa dhaamuuf taa'a...
Guyyaan ilmi namaa isa keessatti waan hojjate hunda irratti herregamu dhufuuf taa'a, inni Guyyaa Qiyaamaati. Rabbiin ol ta'e akkana jedhe: ﴾Kitaabni kaa’amee, badii raawwattoota waan isa keessa jiru irraa sodaatoo ta’anii isaan agarta. Ni jedhus: “Yaa badii keenya! Kitaabni kun maaltu isaaf tahe kan xiqqoofi guddoos isii walitti qabu malee hin dhiifne.” Waan hojjatan dhiyaataa ta’ee argu. Gooftaan kee tokkollee hin miidhu﴿ [Suuraa Al-Kahf: 49].
Namni muslima hin tahin abad akka ibidda keessa turu Rabbiin dhugumatti nuuf himee jira.
Kasaaraan salphaa miti, waan guddaa dha malee, Rabbiin akkas jedha: ﴾Namni Islaamaan alatti amantii barbaade, isarraa hin qeebalamu, inni aakhiraattis warra hoonga'an irraayi﴿ [Aala Imraan: 85].
Islaamummaan amantaa Rabbiin isa qofa malee amantaa biraa hin qeeballeedha.
Rabbiin isaatu nu uume garuma isaatti deebinas biyyi duuniyaa kun nuuf qormaata.
Jireenyi kun akka abjuu gabaabaa taate... yoom akka du'us eenyullee hin beeku! kana ilmi namaa mirkaneeffachuu qaba.
Egaa Guyyaa Qiyaamaa Rabbiin isa uume akkana jedhee yoo isa gaafate: Maaliif dhugaa hin hordofin? Maalif xumuraa nabiyyootaa hin hordofin? Rabbii isaatiif deebiin isaa maal ta’a?
Guyyaa Qiyaamaa akkamitti Rabbii keetif deebista, Dhugumatti rakkina Islaamummaatti kafaruun qabu irraa akeekkachiisee, itti galiin kaafirtoota abaditti ibidda keessatti halaakamuu akka ta'u himeera?
Rabbiin ol tahe akkas jedha: ﴾Isaannan kafaranii keeyyattoota keenyas kijibsiisan, isaan sun warra Ibiddaati. Isaan ishee keessatti hafoo dha﴿ [Suuraa Albaqarah: 39].
Nama haqa dhiisee abbootii fi akaakilee hordofeef sababni hin jiru.
Rabbiin ol tahe hedduun ilma namaa nannoo keessa jiraatan sodaaf jecha Islaamummaatti seenuu akka didan nutti himee jira.
Namoonni baay’een immoo amantaa abbootii isaanii irraa dhaalan ykn amantaa naannoo fi hawaasa isaanii irraa isa argatan jijjiiruu waan hin barbaanneefi aadaa godhataniif qofa Islaamummaa fudhachuu didu. Hedduun isaanii immoo gosummaa fi hinaaffaatu isaan akka amantii islaamaa hin fudhane isaan taasisa, soba isa dhaalaniif jecha.
Isaan kun hundi sana irratti sababa tokkoyyuu hin qaban, ragaa tokko malee fuuldura Rabbii dhaabbachuuf taa'u.
Nama Rabbiin waakkatu tokkoof akkana jechuun sababaa hin ta'uuf: “ani maatii Rabbitti hin amanne keessaa waanan dhaladheef kanuma irratti hafa”, sammuu Rabbi isaaf kennetti fayyadamuun, guddina samii fi dachii xiinxaluun isa irra jiraata. Akkasumas uumamni kun uumaa qaba jechuutti akka qaqqabuuf sammuu Rabbiin isaaf kenneen yaaduutu isa irra jiraata. Akkasumas namni dhagaa fi waaqa taabota gabbaru abboota isaa hordofa jechuun sababaa hin ta'uuf, Dhugaa barbaadee kana of gaafachuu qaba: Meeshaa lubbuu hin qabne kan na hin dhageenye, na hin argine, karaa kamiinuu na hin fayyadne akkamittin gabbara?
Akkasumas Kiristaanni wantoota uumamaan faallaa ta’anitti amanu of gaafachuu qabu: Rabbiin ilma isaa dilii namoota birootiif ofii isaatif kan dilii tokkollee hin hojjenne akkamitti ajjeesa?! kuni miidhaa mitii? ilma namaa tokkoof akkamitti Ilma Rabbii fannisee ajjeesuu danda'ama?! Rabbiin ilma isaa akka ajjeesan osoo hin hayyamiin dilii dhala namaa dhiifama gochuu hin danda'uu? Rabbiin ilma isaa irraa ittisuu hin danda'u turee?
Dhugaa hordofuu fi sobaan abbaa fi akaakayyuu ofii hordofuu dhabuun dirqama nama sammuu qabuuti.
Rabbiin ol tahe akkas jedha: ﴾Yeroo "gara waan Rabbiin buusee fi gara ergamaa koottaa" isaanin jedhame, "wanti nuti abbootii keenya irratti argine nuuf gahaa dha", jedhu, sila osoo abbootin isaanii homaa kan hin beeknee fi karaa hin qajeelle ta'anis (isaanuma hordofuu)?﴿ [Suuraa Maa'idaa: 104].
Namni Islaamummaa fudhachuu barbaadu kan fira isaa irraa of irratti miidhaa sodaatu maal gochuu qaba?
Namni Islaamummaatti seenuu barbaade kan namoota naannoo isaa jiran sodaatu, Islaamummaa erga seene booda hanga Rabbiin karaa inni ittiin of danda’ee Islaamummaa isaa ittiin mul'isu isaaf laaffisutti Islaamummaa isaa san dhoksuu danda’a.
Namni tokko hatattamaan gara Islaamummaa seenuun dirqama, garuu Islaamummaa isaa namoota naannoo isaa jiran beeksisuu ykn ummataaf ifa gochuun irratti dirqamaa miti, yoo sun kan isa miidhu ta’e.
Namni tokko yoo Islaamummaatti seene, Muslimoota miliyoonaan lakkaa’amaniif obboleessa akka ta’u beeki, akkasumas masjiida ykn wiirtuu Islaamaa biyya isaa keessa jiru waliin wal qunnamee gorsaa fi gargaarsa isaan gaafachuu akka danda’u beeki, isaanis sanaan gammadu.
Rabbiin ol tahe akkas jedha: ﴾Namni Rabbiin sodaatu (Rabbiin) karaa bahiinsaa isaaf godha Bakka inni hin yaadin irraayis isa soora﴿ [Suuraa Xalaaq: 2, 3].
Yaa nama waa dubbisu
Rabbii uumaa -qananii isaa hunda nuuf kenne, kan gadameessa haadha keenyaa keessatti daa’imman yeroo turre nyaata nuuf kenne, qilleensa amma hafuura baafannu nuuf mijiisse- jaallachiisuun, namoota jaalachiisuu irra barbaachisaa mitii?
Addunyaa fi aakhirattis milkaa'uun gammachuu jireenyaa darbu hunda aarsaa gochuu hin qabuu? Eeyyee, Rabbitti kakadhe!
Kanaafuu namni tokko seenaan isaa kan darbe daandii isaa kan dogoggoraa sirreessuu fi waan sirrii hojjachuu irraa isa dhoorguu hin qabu.
Ilmi namaa har'a mu'umina dhugaa haa ta'u! Sheyxaanni dhugaa hordofuu irraa akka isa dhoorgu heyyamuufii hin qabu!
Rabbiin ol tahe akkas jedha: ﴾Yaa namootaa! Dhugumatti ragaan gooftaa keessan irraa ta'e isinitti dhufee jira, ifaa mul'ataa gara keessanitti buufnee jirra (174) Isaannan Rabbitti amananii, isa qabatan immoo, Rabbiin rahmata isaa irraa ta'eefii tola keessa isaan seensisuuf taa'a, gara isaatti karaa qajeelaas isaan qajeelcha﴿ [Suuraa Nisaa: 174-175].
Jireenya kee keessatti murtoo jabaa ta'e murteessuuf ati qophaawaadha?
Kan armaan olii hundi loojikii (waan nama amansiisuu danda'u) yoo ta’e, haala dhugumatti ilmi namaa dhugaa onnee isaa keessa jiru beekeen; Muslima ta'uuf tarkaanfii jalqabaa fudhachuu qaba.
Jireenya isaa keessatti murtoo hundarra caalaa ta’e murteeffachuu irratti akkasumas qajeelfama akkamitti akkamitti Muslima tahaa irratti eenyuutu gargaarsa barbaada?
Diliin isaa Islaamummaa seenuu kan isa dhoorgu hin taasisin. Rabbiin yeroo ilmi namaa islaamummaa qabatee gara uumaa isaatti deebi'e keessatti akka badii isaa mara isaaf dhiisu Qur'aana kabajamaa keessatti dhugumatti nutti himeera. Erga Islaamummaa qabate boodas namni tokko dilii tokko tokko raawwachuun isaa waanuma jiruudha, nuti nama, malaa'ikoota dogoggora irraa tikfamoo ta'anii miti. Garuu Rabbiin dhiifama gaafachuu fi gara isaatti deebi'uutu nurraa eegama. Rabbiin nuti dhugaa fudhachuuf ariifannee, Islaamummaatti seenne, shahaadaa lamaan jechuu keenna yoo nurraa arge, dilii biroo dhiisuu irratti nu gargaaruuf taa'a. Nama gara Rabbiitti deebi'ee dhugaa hordofe, Rabbiin kheyrii dabalataatif isa waffaqa, kanaafuu ilmi namaa tokko amma Islaamummaa seenuu irraa akka duubatti hin jenne.
Ragaalee sanaa keessaa jecha Rabbii ol taheeti: ﴾Jidhi: isaannan kafaran, yoo (kufrii irraa) dhoorgaman wanti dhugumatti darbe isaanif dhiifama﴿ [Suuraa Al-Anfaal: 38].
Muslima ta'uuf maalan hojjadha?
Islaamummaatti seenuun waan salphaa dha. sirna, qophii addaa, ykn namni kamuu qophii kana irratti argamuu hin barbaadu. Hiika isaanii beekee, itti amanee Shahaadaa lamaan qofa dubbachuutu isa irraa eegama, Sunis akkas jechuun ta'a: (Ash-hadu Allaa Ilaaha Illallaah, Wa Ash-hadu Anna Muhammadan Rasuulullaah) Haqaan gabbaramaan Rabbiin malee hin jiru, Muhammadis ergamaa Isaati, Afaan Arabaatiin jechuu yoo dandeesse gaariidha,Yoo sun sitti ulfaate afaan keetiin yoo jette gahaadha, bifa kanaan Muslima taata. Sana booda amantii kee kan duuniyaa keessatti madda milkii keetii ta'e, aakhiratti immoo madda nagaa keetii kan ta'e barachuu qabda.
Odeeffannoo dabalataa waa’ee Islaamaa argachuuf marsariitii kana akka daawwattuun si gorsa:
Akkaataa Islaamummaa itti shaakalan baruuf marsariitii kana irra akka galtu si gorsina:
Related books
All books
Eenyutu Uumama uume? Eenyutu na uume? Maalifi?69 languagesEenyutu Uumama uume? Eenyutu na uume? Maalifi?
Kitaabni "Uumama kana eenyutu uume? Ana hoo eenyutu uume, maaliifi?" jedhu, hundee argama uumamaa fi ilma namaa irratti xiyyeeffata. Uumamni kun tasa yookiin homaa irraa kan dhufe osoo hin taane, Uumaa guddaa, jechuunis Rabbiin seerota sirrii tan jireenya fi uumama too'attu kaa'ee kan isa uume ta'uu isaa gad jabeessuun waliin. Akkasumas Kitaabichi amaloota Rabbiiti fi barbaachisummaa Ergamtoota fi Kitaabota samiitti amanuu ni ibsa. Dabalataanis, Islaamummaan amantii dhugaa kan ergaawwan nabiyyoota hundaa walitti qabate ta'uu isaa ni mirkaneessa. Addunyaa kanattii fi Aakhirattis gammachuu…
Eenyutu na uume? Maaliif?75 languagesEenyutu na uume? Maaliif?
Wanti hundi Uumaan jiraachuu agarsiisa Samii, Dachii fi uumamtoota gurguddoo isaanin marsuun hin dandayamne irraa wantoota isaan keessa jiran eenyuutu uume? Sirna ogummaa cimaa bal'aa ta'e kan Samii fi Dachii keessa jiru kana eenyutu hojjete? Eenyutu ilma namaa uumee gurra, ijaa fi sammuu isaaf kennee beekumsa horatee akka haqa irra gahu danda'aa isa taasise eenyu? Hojii sirrii dhokataa meeshaalee qaama keeti fi qaamolee uumamtoota lubbu qabeeyyii ta'an keessa jiru kana mee akkamitti ibsita? Eenyutu isii uume? Uumamni guddaan kun seera waggoota irraa waggootatti haala gaariin isa too’atu…
Islaamni amantii Ergamtoota Rabbiiti.85 languagesIslaamni amantii Ergamtoota Rabbiiti.
Islaamummaa jechuun Rabbii uumama uumeefi isa bulchuuf ajajamuudha, akkasumas jaalalaafii kabajaan Isa tole jechuudha. Bu'urri islaamaa Rabbitti amanuu fi Inni uumaa akka ta'ee fi wanni biroo uumama akka ta'e amanuudha, akkasumas Inni kophaa Isaa osoo hiriyaa hin qabaanne gabbartii akka haqa godhatuu fi Isa malee dhugaan gabbaramaan akka hin jirre amanuudha, Isaaf maqaalee gaggaariifii sifaata olaantuu taatetu jira, Isaaf guutamiinsa daangaa hin qabne kan hir'inni itti hin dhaqqabneetu jira. Inni hin dhalle hin dhalannes, wanni tokkolleen fakkaataa Isaaf hin taane, Inni waa tokko kan uumama…
Islaama89 languagesIslaama
Maqaa Rabbii akkaan mararfataa akkaan rahmata godhaa ta'eetiin Lubbuu tee gaafatteertaa?: Samiiwwan, dachii fi uumamoowwan gurguddoo isaan lameen keessa jiru eenyutu uume? seera wol xaxaa hoonga ga'e kana eenyutu isaan keessatti tolche?