Most Searched
نبذة في العقيدة الإسلامية (شرح أصول الإيمان)
*
These files are generated automatically from the book's text; their layout may differ from the printed edition.
Cuunfaa Aqiidaa Islaamaa
Kan barreesse Sheykha kabajamaa
Muhammad Ibn Saalih Al-Useymiini
Rabbiin isaanif, maatii isaani fi muslimoota hundaaf haa araaramu.
Maqaa Rabbii akkaan mararfataa, akkaan rahmata godhaa ta'eetiin.
Duree
Dhugumatti, faaruun hundi kan Allaahaati. Isa ni faarsina, gargaarsa fi araaramas Isa irraa barbaanna, gara Isaattis tawbaa ni deebina, Hamtuu lubbuu keenyaa fi badii hojiiwwan keenyaa irraa Rabbitti maganfanna, Nama Rabbiin qajeelche kan isa jallisu hin jiru. Nama Inni (Rabbiin) jallise immoo kan isa qajeelchu hin jiru, Rabbii tokkicha hiriyaa hin qabne malee dhugaan gabbaramaan akka hin jirre ragaa nin baha, Akkasumas Muhammad gabrichaa fi Ergamaa Isaa ta'uu ragaa nin baha, Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu, akkasumas maatii isaanii, sahaabota isaanitii fi nama toltuudhaan isaan hordofe hunda rrattis haa buusu.
Itti aansuudhaan: Dhugumatti (Beekumsi Rabbiin tokkichoomsuu) irra kabajamaa, gama sadarkaatii irra guddaa fi gama barbaachaatii irra dirqama beekumsaaleeti; Sababni isaas inni beekumsa Rabbii ol ta'e, maqaawwan Isaa, sifaawwan Isaa fi Inni gabroota isaa irra qabu ittiin beekan waan ta'eef jecha, Kana malees, inni furtuu karaa gara Rabbii ol ta'etti nama geessuu fi bu'uura shari'aa Isaa waan ta'eef jecha.
Kanaaf jecha: Ergamtoonni hundi gara isaatti waamuu irratti walii galaniiru. Rabbiin ol ta'e akkana jedhe: {Yaa Muhammad!) Si dura ergamaa irraa tokkoyyuu “Ana malee dhugaan gabbaramaan hin jiru, Ana (qofa) gabbaraa” jechuun wahyii gara isaatti buufnu malee hin ergine} [Suuraa Al-Anbiyaa'i: 25].
Rabbiin ol ta'e tokkichummaan ofii isaatif ragaa baheera, Malaa'ikoonni Isaatii fi warri beekumsa qabanis tokkichummaan ragaa isaaf bahaniiru. Rabbiin ol ta'e akkana jedhe: {Rabbiin akka Isa malee dhugaan gabbaramaan hin jirre ragaa bahe; maleeykonniifi warri beekumsaas (ragaa ba’aniiru) haqaan dhaabbataa ta’ee, isa malee haqaan gabbaramaan hin jiru. Inni injifataa, ogeessa}. [Aali-Imraan: 18].
Kun dhimmi tokkichummaa Rabbii yeroma ta'e nama muslima ta'e hunda irratti barachuun, barsiisuun, xiinxaluu fi itti amanuun isatti yaadda'uun dirqama ta'e; Sababni isaas amantii isaa bu'uura nagaa, tasgabbii fi fudhachuu irratti ijaarratee, bu'aa isaatiin akka milkaa'uf jecha.
Rabbii abbaa milkaa'inaati.
Qopheessaa
Amantii Islaamaa
Amantiin Islaamaa: Inni amantii Rabbiin Ergamaa Isaa Muhammad -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ittiin ergeedha, akkasumas inni amantii Rabbiin isaan amantiilee biroo ittiin xumuree, isaan gabroota Isaatif qananii guutee, amantiidhaaf isa isaanif jaallateedha, Kanaafuu nama kamuu irraa amantii biroo hin qeebalu. Rabbiin ol ta'e akkana jedhe: {Muhammad dhiirota keessan irraa abbaa nama tokkoos hin taane. Garuu inni Ergamaa Rabbiitii fi xumura Nabiyyootaati. Rabbiin waan hunda beekaa ta'eera}. [Suuraa Al-Ahzaab: 40].
Rabbiin ol ta'e akkana jedhe: {Har'a amantii keessan isiniif guuteera; qananii kiyyas isin irratti guuteera; Islaama amantiif isiniif jaaladheera} [Suuraa Al-Maa'idaa: 3].
Rabbiin Ol ta'e akkas jedhe: {Dhugumatti, amantiin Rabbi biratti (fudhatama qabu) Islaama} [Suuraa Aali-Imraan: 19].
Rabbiin ol ta'e akkas jedhe: {Namni Islaamaan malee amantii biraa barbaade, isa irraa hin fudhatamu, inni Aakiraatti warra hoonga'an irraayi} [Suuraa Aali-Imraan: 85].
Rabbiin ol ta'e namoota hunda irratti amantii kanaan (Islaamaan) akka Rabbii ol ta'eef bulan dhugumatti dirqama taasiseera. Ergamaa Isaa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dubbisuudhaan akkana jedhe: {Jedhi: "Yaa namootaa! Dhugumatti, ani ergamaa Rabbii Isa mootummaan samiifi dachii kan Isaa ta’e irraa gara hunda keessaniitti (ergamee dha). Isa malee dhugaan gabbaramaan hin jiru, Ni jiraachisa; ni ajjeesas, Rabbii fi ergamaa Isaa, kan nabiyyii hin dubbifnee fi hin barreessine ta’eetti amanaa, kan Rabbii fi jechoota Isaatti amanu sanitti, isa hordofaa akka qajeeltaniif jecha} [Suuraa Al-A'araaf: 158].
Sahiiha Muslim keessatti, Abuu Hureyraa irraa akka odeeffametti, Rabbiin isa irraa haa jaallatu, Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedhan: «Isa lubbuun Muhammad harka Isaa jiruun kakadha, Ummata kana irraa Yahuudaas ta'ee Kiristaana, namni tokko waa'ee kiyya dhaga'ee, eegasii waanan ittiin ergameetti osoo hin amanin yoo du'e, warra ibiddaa irraa ta'u malee hin hafu».
Isaatti amanuun: waan inni ittiin dhufe fudhachuu fi ajajamuun waliin dhugoomsuudha, dhugoomsuu qofaa miti; Kanaaf Abuu Xaalib osoo waan Ergamaan -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ittiin dhufan dhugoomsuu fi amantiin isaanii amantiilee hunda irra gaarii ta'uu ragaa bahuun waliin isaanitti amanaa hin taane.
Amantiin Islaamaa: Faayidaalee amantiiwwan duraanii of keessatti qabatan hunda hammataadha, kana malees yeroo, iddoo fi ummata hundaaf tolaa ta'uu isaatiin isaan irraa adda ta'aadha. Rabbiin ol ta'e Ergamaa Isaa dubbisuudhaan akkana jedhe: {Nuti (Yaa Muhammad) Kitaaba (Qur’aana) haqaan gara keetti buufneerra. Kan kitaaba irraa waan isa duraatti bu'e dhugoomsaa fi isa irratti murteessaa ta'e}. [Maa'idaa: 48].
Hiikni (Islaamni) yeroo, eddoo fi ummata hundaaf tolaa ta'uu isaa: Isa qabachuun yeroo fi eddoo kamuu keessatti faaydaalee ummataa hin faallessu jechuudha, inumaatuu inni tolina isheeti, akkana jechuun inni akka namoonni tokko tokko yaadanitti yeroo, eddoo fi ummata maraaf bitamaa jechuu miti.
Amantiin Islaamaa: inni amantii dhugaa kan Rabbiin ol ta'e nama dhugaan isa qabateef tumsee, nama biroo irratti isa ol taasisuuf waadaa isaaf galeedha. Rabbiin ol ta'e akkana jedhe: {Inni (Rabbiin) Isa Ergamaa isaa qajeelumaa fi amantii dhugaatiin ergeedha; Amantii hunda irratti isa ol taasisuuf jecha, odoma mushrikoonni jibbanuu} [Suuraa Al-Saff: 9].
Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe: {Rabbiin isin irraa warra amananii, gaggaarii hojjataniif waadaa seene, akkuma warra isaan duraa (dachii irratti) bakka buuse, dachii irratti bakka isaan buusuuf. Amantii isaaniif jaalate isaaniif mijeessuuf, erga sodaa isaaniitii nagayatti isaaniif jijjiiruuf (waadaa seene). Isaan odoo homaa natti hin qindeessin na gabbaru, Sana booda warri kafare, isaanumatu finciltoota} [Suuraa Annuur: 55].
Amantiin Islaamaa: aqiidaa fi seerowwani, inni aqiidaa isaatii fi seerowwan isaa keessatti guutuudha:
1- Rabbii ol ta'e tokkichoomsuutti ajajee, Shirkii irraa dhoorga.
2- Dhugaa dubbachuutti ajajee, kijiba irraa dhoorga.
3- Haqatti ajajee, cunqursaa irraa dhoorga. Haqa jechuun: inni wantoota wal gitan wal qixxeessuu fi wantoota wal hin gitne immoo gargar baasuudha. Haqni kka namoonni gariin 'Islaamni amantii walqixxummaati' jedhanii waliigalatti himanii miti. Dhugumatti, wantoota garaagaraa wal qixxeessuun cunqursaadha; Islaamummaan isa hin hindhufne, namni isa dalagus itti hin faarfamu.
4- Amaanaatti ajajee, gantuummaa irraa dhoorga.
5- Waadaa guututti ajajee, diiguu irraa dhoorga.
6- Abbaa fi haadhaatti tola ooluutti ajajee, isaanitti mataa jajjabaachuu irraa dhoorga.
7- Firoowwan maxxanffachuutti /fuufutti ajajee, isaan ofirraa kutuu irraa dhoorga.
8- Ollummaa tolutti ajajee, ollummaa badaa irraa dhoorga.
Walumaa galatti: Islaamummaan amala gaarii ta'e hundatti ajajee, amala badaa ta'e hunda irraa dhoorga, akkasumas hojii gaarii ta'e hundatti ajaje, gocha badaa ta'e hunda irraa dhoorga.
Rabbiin Ol ta'e akkana jedhe: {Dhugumatti, Rabbiin haqatti, toltuu hojjachuufi firootaaf (gargaarsa) kennuutti ajaja. Wantoota fokkatoo, waan jibbamaadhaa fi miidhaa irraas ni dhoorga. Akka gorfamtaniif jechas isin gorsa} [Suuraa Al-Nahl: 90].
Ruknoowwan Islaamaa
Ruknoowwan Islaamaa jechuun: Bu'uuroowwan isaa kan inni isaan irratti ijaaramuudha, shani: Hadiisa Ibnu Umar -Rabbiin isaan rraa haa jaalatu- Nabiyyii irraa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- odeesse keessatti ibsamaniiru, akkana jedhan: «Islaamni wantoota shan irratti ijaarame, isaanis: Rabbii tokkicha malee dhugaan gabbaramaan akka hin jirree fi Muhammad gabrichaa fi Ergamaa Isaa akka ta'an ragaa bahuu, salaata dhaabuu, zakaa kennuu, Ramadaana soomuu fi Hajjii gochuudha». Namichi tokko akkana jedhe: ‘Hajjii gochuu fi Ramadaana soomuu? innis (Ibnu Umar) ni jedhe: «Lakki, Ramadaana soomuu fi Hajjii gochuudha. Akkanumattin Ergamaa Rabbii irraa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- isa dhaga'e».
1- Rabbii tokkicha malee haqaan gabbaramaan akka hin jirree fi Muhammad gabrichaa fi ergamaa Isaa akka ta'an ragaa bahuun immoo: Inni amantii mirkanaa'aa arrabaan ragaa kana dubbachuun irraa ibsamuudha. Akkuma waan inni sana mirkaneessuu isaatiin ijaan argee ragaa bahutti. Osoo wanti ragaa bahamuuf baay'ee ta'ee jiruu, shahaadaan kun ruknii tokko wanti taasifamaniif:
Yookaan : Ergamaan -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Rabbii ol ta'e irraa (ergaa) geessaa waan ta'aniif jecha. Kanaaf, gabrummaa fi ergamummaan ragaa isaanif bahuun guutaa Rabbiin malee haqaan gabbaramaan hin jiruu ragaa bahuuti.
Yookaan immoo: Ragaan lamaan kun bu'uura sirrummaa fi fudhatama argachuu dalagaalee waan ta'aniif jecha; Dalagaa tokkoof sirrummaa fi fudhatamni hin jiru waan ta'eef jecha, Rabbii ol ta'eef qulqulleessuu fi Ergamaa Isaa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hordofuudhaan yoo ta'e malee.
Rabbiif qulqulleessuudhaan Rabbiin malee haqaan gabbaramaan hin jiru jedhanii ragaa bahuun mirkanaa'a, Muhammad gabrichaa fi ergamaa Isaati jedhanii ragaan bahuun immoo isaan hordofuudhaan mirkanaa'a.
Bu'aalee ragaa bahuu guddaa kanaa keessaa: onnee fi lubbuu gabrummaa uumamtootaa irraa fi namoota Ergamtoota hin tahin hordofuu irraa bilisoomsuudha.
2- Salaata dhaabuun immoo: Inni karaa irra gad dhaabbachuu fi guutuu ta'een, yeroo isaa keessattii fi akkaataa isaa eeguudhaan isa raawwachuudhaan Rabbii ol ta'e gabbaruudha.
Bu'aalee isaa keessaa: Bal'ina qomaa, gammachuu ijaa fi wantoota fokkatoo ta'anii fi jibbamoo ta'an irraa dhoorgamuudha.
3- Zakaa kennuun immoo: Inni qabeenya zakaan keessatti dirqma ta'u irraa hamma dirqama ta'e sana kennuun Rabbii ol ta'e gabbaruudha.
Bu'aa isaa keessaa: Lubbuu ofii amala fokkataa ta'e kan doyyummaa irraa qulqulleessuu fi haajaa Islaamaa fi Muslimootaa guutuudha.
4- Ramadaana soomuun immoo: Inni guyyaa Ramadaanaa keessa wantoota sooma balleessan irraa of qabuudhaan Rabbii ol ta'e gabbaruudha.
Bu'aalee isaa keessaa: Jaalala Rabbii guddaa argachuuf jecha Fedha Rabbii argachuuf jecha, lubbuu ofii wantoota isheen jaallattu dhiisuu irratti leenjisuudha.
5- Hajjii mana (Rabbii) gochuun immoo: Inni sirnoota hajjii raawwachuuf jecha mana kabajamaa hamiluudhaan Rabbii ol ta'e gabbaruudha.
Bu'aalee isaa keessaa: Ajaja Rabbii ol ta'ee raawwachuu keessatti carraaqqii maallaqaa fi qaamaa gochuu irratti lubbuu ofii leenjisuudha; Kanaaf jecha Hajjiin gosa tokko kan Jihaada karaa Rabbii ol ta'ee irraa ta'e.
Bu'aaleen nuti bu'uuraalee kanneeniif dubbanne kanneeni fi kan nuti isa hin dubbatin, ummaticha irraa ummata Islaamaa qulqulluu Rabbiif amantaa dhugaatiin bulanii fi uumamas haqaa fi dhugaadhaan waliin jiraatan taasisa; Sababni isaas, seerota Islaamaa irraa kan biroo bu'uuraalee kunniin toluudhaan tola waan ta'eef jecha, akkasumas haalli ummataas kan tolu tolina dhimma amantii isaanitiini, hammuma tolina dhimmoota amantii isaanii irraa hir'ateen, haalli tolina isaanis hir'ata.
Namni kana mirkaneeffachuu barbaade, jecha Rabbii ol ta'ee kana haa dubbisu: {Odoo warri magaalattii amananii (Rabbiin) sodaatanii, silaa Dhugumatti, Nuti samiifi dachii irraa barakaawwan isaaniif banna turre, Garuu isaan ni sobsiisan. Kanaafuu waan isaan kan hojjachaa turan tahaniin isaan qabne. Sila jiraattonni magaalattii isaanii rafaa jiranuu adabbiin keenya halkan isaanitti dhufuu (irraa) of amanuu (sodaa dhabanii)? Yookiin jiraattonni magaalattii isaanii odoo isaan taphatanuu adabbiin keenya waaree isaanitti dhufuu of amanuu (sodaa dhabanii)? Sila tooftaa Rabbii amanuu? Tooftaa Rabbii ummata hoonga’aa malee eenyullee hin amanu} [Suuraa Al-A'araaf: 99-96].
Akkasumas eenaa warra darbanii haa ilaalu; Dhugumatti seenaan namoota sammuu qabaniif gorsa ta'a, nama onnee isaa golgaan hin haguugneef immoo barnoota ta'a. Rabbiin gargaarsifatamaadha.
Bu'uuraawwan Aqiidaa Islaamaa
Amantiin Islaamaa: -akkuma dura ibsinee darbetti- aqiidaa fi shari'aadha. Seerota isaa keessaa muraasa dhugumatti tuqneerra; akkasumas ruknoowwan isaa kan seerota isaatiif bu'uura ta'an dubbanneerra.
Bu'uuraaleen aqiidaa islaamaa immoo: Rabbitti amanuu, Malaa'ikota Isaatti amanuu, Kitaabota Isaatti amanuu, Ergamtoota Isaatti amanuu, Guyyaa Aakhiraatti amanuu fi Qadara: kheyrii isaati fi sharrii isaatti amanuudha.
Bu'uuraawwan kanneen irratti Qur'aanni Rabbiiti fi Hadiisni Ergamaa Isaa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhugumatti qajeelchaniiru.
Qur'aana Rabbii ol ta'ee keessatti Rabbiin akkana jedha: {Dalagaan gaariin fuulleen keessan gara bahaafi dhihaa naannessuu miti; haa ta’u malee dalagaan gaariin nama Rabbitti amane, Guyyaa Aakhiraatti, malaa’ikootatti, kitaabattiifi nabiyyootatti (amanee)} [Suuraa Baqaraa: 177], Qadara keessatti akkana jedha: {Nuti waan hunda likki likkiin isa uumne. Ajajni keenya waan taane takka malee akkuma liphsuu ijaa}. [Suuraa Al Qamar: 49-50].
Hadiisa Ergamaa Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- keessatti ammoo, Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- yeroo Jibriil waa'ee Iimaanaa isaan gaafate keessatti akkana jechuun deebisaniif: «Iimaana jechuun: Ati Rabbitti, Malaa'ikota Isaatti, Kitaabota Isaatti, Ergamtoota Isaatti, Guyyaa Aakhiraatti, akkasumas Qadaritti: gaarii fi hamaa isaatti amanuudha».
Rabbii ol ta'etti Amanuu
Rabbiitti amanuu wantoota afur of keessatti hammata:
Inni Jalqabaa: Jiraachuu Rabbii ol ta'etti amanuu dha:
Jiraachuu Rabbii ol ta'ee irratti dhugumatti qajeelcheera: Uumamni, Sammuun, Shari'aa fi ragaan qabatamaan.
Uumamni jiraachuu Rabbii ol ta'ee irratti qajeelchuun immoo: Uumamni hundi osoo dursee itti hin yaadin yookaan osoo hin barnootatti hin haajamin Uumaa isaatti amanuu irratti dhugumatti uumameera. Waan uumamni agarsiisu kana irraa eenuulleen hin jallatu, nama qalbii isaa irra wanti sana irraa isa garagalchu dhufe malee; Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waan akkana jedhaniif jecha: «Da'imni hundi uumama irratti malee hin dhalatu, Garuu abbaa fi haadha isaatu yahuudaa, yookaan kiristaana, yookaan majuusaa (Warra ibiddaa gabbaru) isa taasisa malee».
Sammuun jiraachuu Rabbii ol ta'ee irratti qajeelchuun immoo uumamoonni kunniin hundi: kan duraati fi booda dhufanis uumaan isaan argamsiise isaanif jiraachuun dirqama waan ta'eef jecha; Ofii isaanitii of argamsiisuun waan hin danda'amneef jecha, akkasumas tasa argaman jechuun waan hin malleef jecha.
Ofii isaatiin of uumuun hin danda'amu; Sababni isaas wanti tokko of hin uumu waan ta'eef jecha; Inni argamuu isaatiin duratti dhabamaadha, akkamitti uumaa ta'a?!
Akkasumas tasa uumamuu hin danda'an; Sababni isaas wanti argamu hundinuu argamsiisaa qabaachuun dirqama waan ta'eef jecha. Akkasumas uumamtoonni kunniin sirna fakkaataa hin qabne, walsimiinsa guutuu ta'ee fi walitti hidhamiinsa cimaa kan sababoota fi bu'aa isaanii gidduu jiruu fi kan uumamtoonni walii isaanii wajjiin qaban kana irratti argamuun isaanii argamiinsi isaanii tasa akka hin taane dhoorgaa cimaa waan dhoorguuf jecha; Wanti tasa argame bu'uura argamuu isaa keessatti sirna hin qabu; egaa haala jiraachuu isaati fi fooyya'iinsa isaa keessatti akkamitti sirna qabaachuu danda'a?!
Uumamoonni kunniin ofiin of uumuu, yookaan tasa argamuu yoo kan hin dandeenye ta'an, isaanif argamsiisaan jiraachuun dirqama ta'a, innis Allaah gooftaa aalamaati.
Rabbiin ol ta'e ragaa sammuu kanaa fi ragaa mamii hin qabne kana, Suuraa Axxuur keessatti dhugumatti eereera, achitti akkana jedhe: {Sila isaan odoo wanti isaan uume hin jirre uumaman? moo isaanumatu uumoo dha?} [Suuraa Axxuur: 35]. Kana jechuun: isaan uumaa malee hin uumamne, ofii isaanitiinis of hin uumne; Kanaafuu Uumaan isaanii Rabbii ol ta'e ta'uun dirqama ta'a. Kanaafidha, Jubeyr Ilma Mux'im, Rabbiin isa irraa haa jaallatu, Ergamaa Rabbiitii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Suuraa Axxuur qara'aa aayatoota kana bira ga'an yeruma dhaga'e: {Sila isaan odoo wanti isaan uume hin jirre uumaman? moo isaanumatu uumoo dha? Moo samiifi dachii uuman? Lakki, isaan hin dhugoomsanu. Moo Kuusaa Gooftaa keetiitu isaan bira jira, moo isaantu injifattoota?} [Suuraa Axxuur: 35-37].
Jubeyr yeroo sanatti mushrika ture. akkana jedhe: «Onneen koo (rifaatuun) balali'uuf ka'e. Sunis yeroo jalqabaatiif yeroo Iimaanni onnee koo keessa qubateedha».
Kana ifa gochuuf fakkeenya tokko haa dhiheessinu: Yoo namni tokko waa’ee masaraa guddaa jabeenyaan ijaaramee, kan ashaakiltiiwwan bareedoon gidduu isaanii lagoowwan yaa'an isaan marsan, kan firaashotaa fi sireewwaniin keessi isaa guutamee fi faayota gosa adda addaa kan isa barbaachisuu fi isa guutuu taasisaniin miidhagfamee sitti himee, akkana siin jedhe: Masaraan kunii fi guutummaan isa keessa jiru kun ofiin of uume, yookaan uumaa tokko malee tasa argame; ati daftee kana mormitee sobsiista, haasaa isaas dubbii gowwummaa gootee lakkoofta, Sila erga dubbichi akkas ta'ee, uumamni bal'aan kun: lafa isaa, samii isaa, falakoowwan isaa, haalawwan isaati fi sirna isaa ajaa'ibaa, kan dinqisiisaa ta'e kanaan waliin ofii isaatii kan of uume ta'uun, argamsiisaa tokko malee kan tasa argame ta'uun ni danda'amaa?!
3- Shari’aan jiraachuu Rabbii ol ta’ee agarsiisuun immoo: Kitaabonni Samii hundi kana waan dubbataniifidha. Akkasumas seerota haqaa kan faayidaalee uumamaa of keessatti qabatan irraa wanti kitaabbonni sun dhufaniin isaan akka Rabbii ogeessa, faayidaalee uumama isaa beeku biraa ta'an waan agarsiisuf jecha, Akkasumas Oduuleen waa'ee uumamaa kan haalli qabatamaan dhugummaa isaanii ragaa bahe irraa wanti kitaabonni sun isaan dhufan isaan Gooftaa wanta waa'ee isaa hime sana argamsiisuu danda'u biraa dhufuu waan agarsiisuuf jecha.
4- Ragaalee Miiraa kanneen jiraachuu Rabbii agarsiisan ilaalchisee; gama lamaan ilaalamuu danda'a:
Inni tokkoffaan: Awwaatamuu warra kadhatanii fi gargaaramuu warra rakkatanii irraa wanta nuti dhageenyuu fi arginutu jira; kunis haala shakkii hin qabneen jiraachuu Rabbii ol ta'ee agarsiisa. Rabbiin ol ta'e akkana jedhe: {Nuuhiinis, yeroo inni sana dura (Nutti) lallabee isaaf owwaannee, [yaadadhu]} [Suuraa Al-Anbiyaa'i: 76]. Rabbiin ol ta'e akkas jedhe: {Yeroo isin Gooftaa keessan irraa birmannaa barbaaddanii, isiniif owwaate, [yaadadhu]} [Suuraa Al-Anfaal: 9].
Sahiiha Al-Bukhaarii keessatti Anas Ilma Maalik irraa akka odeeffametti, Rabbiin isarraa haa jaalatu, akkana jedhe: Namni baadiyyaa tokko guyyaa Jum’aa, otoo Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- khuxbaa gochaa jiranuu (masjiida) seenee, akkana jedhe: Yaa Ergamaa Rabbii, qabeenyi barbadaa'e, maatiinis beela'e, kanaafuu Rabbiin nuuf kadhu. Isaanis harka isaanii ol kaasanii kadhatanii jennaan, yeruma sanatti duumessi akka gaaraa ka'ee, otoo isaan minbara isaanii irraa hin bu'in, hangaan rooba areeda isaanii irraan gadi yaa'u argetti (roobni bu'uu jalqabe).
Jum'aa lammaffaa irratti, namichi baadiyyaa sun yookiin namni biraa ka'ee akkana jedhe: Yaa Ergamaa Rabbii, manneen kufan, qabeenyis bishaaniin liqimfame, kanaafuu Rabbiin nuuf kadhu. Achumaan isaanis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- harka isaanii lamaan ol qabanii, akkana jedhan: «Yaa Rabbii, naannoo keenyatti (roobi), nurrattii miti». Kallattii isaan itti akeekan kamittuu (duumessi) saaqamuu malee hin oolle.
Du'aa'iin kadhattootaa owwaatamuun hanga guyyaa keenya kanatti wanta qabatamaan argamu ta'uu irraa hin deemne, kunis nama dhugaan gara Rabbii ol ta’etti deebi'ee, ulaagaalee deebii argachuu guuteefidha.
Gamni lammaffaan: Mallattooleen Anbiyootaa kanneen Dinqiiwwan (Mu’jizaat) jedhamanii waamaman, kan namoonni (ijaan) argan yookaan (seenaa isaanii) dhaga’an, ragaa shakkii hin qabne kan jiraachuu Isa isaan ergee nama agarsiisuudha, innis Rabbii ol ta’eedha; Sababni isaas, isaan kun dhimmoota dandeettii ilma namaatii ol ta’an, kan Rabbiin ol ta’e Ergamtoota Isaa deeggeruu fi isaanif tumsuuf jecha isaan oofu waan ta'aniif jecha.
Fakkeenyi sanaa: Dinqii Muusaati, -nageenyi irra haa jiraatu-, yeroo Rabbiin ol ta’e ulee isaatiin galaana akka rukutu isa ajajetti. Innis (galaanicha) rukutee, (galaanichi) karaalee goggogaa kudha lama ta’ee addaan tarsa’e, bishaan immoo gidduu isaaniitti akka gaarreenitti dhaabbate. Rabbiin ol ta’e akkana jedhe: {Gara Muusaatti beeysisa goone “ulee keetiin galaana rukuti” jechuun. [Yeroma inni dhahu] qoqqoodamee Kutaan qoodama isaa hunduu akka gaara guddaa ta’e} [Suuraa AShu’araa: 63].
Fakkeenyi lammaffaa: Dinqii Nabi Iisaati, -nageenyi irra haa jiraatu-, yeroo inni hayyama Rabbiitiin warra du’an jiraachisee qabrii isaanii keessaa isaan baasaa ture. Rabbiin ol ta’e waa’ee isaa akkana jedhe: {Ani warra du’an hayyama Rabbiitiin nan jiraachisa} [Aali Imraan :49] Ammas Akkas jedhe: {Yeroo heyyama Kiyyaan warra du'an kaaftu [yaadadhu} [Al-Maa'idaa: 110].
Fakkeenyi sadaffaan: kan Nabi Muhammad -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-, yeroo Qureyshiin isaan irraa raajii tokko barbaaddetti, gara Ji'aatti akeekanii, achumaan Ji'ichi bakka lamatti addaan dhoohe, namoonni ija isaaniitiin isa argan. Waa’ee kana ilaalchisee Rabbiin ol ta'e akkana jedhe: {Qiyaamaan kaloofte; jiinis lamatti addaan dhoohe. Yeroo mallattoo argan gara galaniiti “(kun) sihrii ittifufaa” jedhu} [AlQamar :1-2].
Mallattooleen ijaan argaman kan Rabbiin ol ta'e Ergantoota Isaa deeggaruu fi isaanif tumsuuf jecha isaan oofu kunniin haala shakkii hin qabneen jiraachuu Rabbii ol ta'ee nama agarsiisu.
Qabxiin lammaffaan wantoota Rabbitti amanuun of keessatti qabatu keessaa: Gooftummaa Isaatti amanuudha, jechuunis: Inni qofti Gooftaa hiriyaa fi gargaaraa hin qabne ta'uu Isaatti amanuudha.
Rabbi (Gooftaan) jechuun: isa uumuun, mootummaa fi ajajni isaaf ta'e jechuudha, uumaa Allaaha malee hin jiru, mootinis isa malee hin jiru, ajajnis isaaf malee hin jiru. Rabbiin ol ta'e akkana jedhe: {Dhagayaa! Uumuunii fi ajajnis kan Isaati} [Al-A'araaf: 54] Ni jedhe: {Inni (kana hojjate) kun Rabbii keessan Allaahadha. mootummaan isaafi, Isaan isin Rabbii gaditti kadhattan wanta hanga qola haphii ija timiraallee hin qabanu} [Faaxir: 13]
Uumama keessaa namni Gooftummaa Rabbii (subhaanahu) morme tokkollee hin beekamu. Yoo nama of tuulaa waan jedhutti hin amanne ta'e malee. Akkuma Fir'awni irraa argametti, yeroo inni ummata isaatiin akkana jedhe: Ni jedhe:{ "Ani Gooftaa keessan isa ol'aanaadha} [Al-Naazi'aat: 24], ammas ni jedhe: {Yaa qondaaltota! Ana malee gabbaramaa biraa isiniif hin beeku} [Al-Qasas: 38]. Garuu kun amantii dhugaa irraa kan madde hin turre, Rabbiin ol ta'e akkana jedhe: {Ishee morman Odoo lubbuuleen isaanii mirkaneessituu, miidhaa fi boonaaf jecha} [Annaml: 14]. Waan Rabbiin isa irraa hime keessatti, Nabi Muusaan Fir'awniin akkana jedhe: {Ati dhugumatti isaan kana haala ragaa ifa ba’aa ta’aniin Gooftaa samiilee fi dachii malee homtuu akka isaan hin buusin sirritti beektee jirta. Ani yaa Fir’awna! Dhugumatti, ati halaakamaa ta’uun si yaada} [Al-Israa': 102]. Sababaa kanaatiif, mushrikoonni Gooftummaa Rabbii ol ta'ee ni amanu turan, gabbaramummaa keessatti Isaatti qindeessuu isaanii waliin. Rabbiin ol ta'e akkana jedhe: {Jedhi: “dachiiniifi isaan ishee keessa jiran kan eenyuti? Yoo kan beektan taatan. “Kan Rabbiiti” jedhu “Sila isin hin gorfamtanuu?" jedhi. “Gooftaan samii torbanii fi Gooftaan Arshii guddaa eenyu?” jedhi. “Kan Rabbiiti” jedhu “Sila isin Allaah hin sodaattanuu?” jedhiin. “Inni mootummaan waan hundaa harka Isaa jiru eenyu jedhiin? innis kan tiksu; isa irratti kan hin tikfamne, yoo kan bektan taatan. “Kan Allaahiti” jedhu “Akkam (dhugaa) irraa garagalfamtu ree?” jedhiin}. [Al-Mu'uminuun: 84-89].
Rabbiin ol ta'e akkana jedhe: {Odoo samiilee fi dachii eenyutu uume jettee isaan gaafattee “Isa injifataa beekaa ta’etu isaan uume” jedhu} [Azzukhruf: 9]
Ammas Inni qulqullaa'e ni jedhe: {Eenyuutu isaan uumee odoo isaan gaafattee “Allaahadha” jedhu. Akkamumatti irraa garagalfamu ree?} [Azzukhruf: 87].
Ajajni Rabbii ol ta'e Ajaja Uumamaa fi Ajaja Shari'aas hammataadha. Akkuma Inni Uumama gara gaggalchaa, isa keessatti ogummaan Isaa akkuma ajajutti waan fedhu murteessaa ta'etti, Inni akkasuma seerota gabbartiiwwaniiti fi seerota walitti dhufeenyaa ogummaa Isaa irratti hundaa'uun murteessuudhaan isa keessatti Abbaa Seeraati. Kanaafuu, namni Rabbii ol ta'e wajjin seera baasaa biraa gabbartiiwwan keessatti, yookaan walitti dhufeenya hawaasaa keessatti abbaa seeraa taasifate, dhugumatti Isatti waa qindeesseera, Iimaanas hin mirkaneeffanne.
Qabxiin Sadaffaan wantoota Rabbitti amanuun of keessatti qabatu keessaa: Gabbaramummaa Isaatti amanuudha. Kunis: Inni qofti gabbaramaa dhugaa kan hiriyaa hin qabne ta'uu amanuudha. Jechi (Al-Ilaah) jedhu hiikni isaa: (Al-Ma'aluuh), jechuunis: Isa jaalalaa fi guddisuudhaan (gabbaramu) jechuudha.
Rabbiin ol ta'e akkana jedhe: {Gabbaramaan keessan Gabbaramaa Tokkicha. Isa malee dhugaan gabbaramaan hin jiru. (Inni) akkaan mararfataa rahmata godhaadha} [Al-Baqaraa: 163] Rabbiin ol ta'e ni jedhe: {Rabbiin akka Isa malee dhugaan gabbaramaan hin jirre ragaa ba’e; maleeykonnii fi warri beekumsaas (ragaa ba’aniiru) haqaan dhaabbataa ta’ee, isa malee haqaan gabbaramaan hin jiru. injifataa, ogeessa} [Aali Imraan: 18] Namni kamiyyuu kan Rabbii wajjin gabbaramaa biraa kan Isaa gaditti gabbaru godhate, gabbaramummaan isaa soba. Rabbiin ol ta'e akkana jedhe: {Kun waan Rabbiin, Inni (gabbaramaa) dhugaa ta’ee, wantoonni isaan Isaa gaditti gabbaran immoo isa sobaa ta’ee, Rabbiin Isatu ol ta’aa, guddaa ta'eefi} [Al-Hajj: 62] Gabbaramoota jedhanii isaan waamuun dhugaa gabbaramuu isaanif hin kennu, mirga Waaqa ta'anii gabbaramuu isaaniif hin kennu. Rabbiin ol ta'e waa'ee (AlLaat, Al-Uzzaa, fi Manaat) ilaalchisee akkana jedhe: {Isheen maqoota isiniifi abbootiin keessan moggaaftani malee homaa miti. Rabbiin ragaa isheef hin buufne} [Annajm: 23]
Nabi Huud -nageenyi irra haa jiraatu- ummata isaatin akka akkana jedhe irraa himeera: {Sila isin maqaalee keessatti na mormituu kan isinii fi abbootiin keessan ishee moggaaftan, kan Rabbiin isheedhaan ragaa hin buusin?} [Al-A'araaf: 71]
Waan Nabi Yuusuf -nageenya isa irra haa jiraatu- hiriyoota mana hidhaa lamaanin jedhe ilaalchisee akkana jedhe: {Yaa hiriyoota kiyya lamaan kan mana hidhaa! Sila gooftota adda addaa (baay’ee) moo Rabbii tokkicha hunda mo’ataa ta’etu caala? Maqoota isiniifi abbootiin keessan moggaaftan malee Rabbii gaditti waan biraa gabbaraa hin jirtanu. Rabbiin ishee (gabbaruu) tti ragaa tokkos hin buufne} [Yuusuf: 39-40]
Kanaaf jecha, Ergamoonni -rahmataa fi nageenyi isaan irra haa jiraatu- ummata isaanitiin akkana jedhu ture: {Rabbiin gabbaraa; Isa malee gabbaramaan dhugaa biraa isiniif hin jiru} [Al-A'araaf: 59] Haa ta'u malee, mushrikoonni waamicha kana diduudhaan, Rabbii gaditti gabbaramoo biroo taasifatan, kan Rabbii ol ta'e wajjiin isaan gabbaran, tumsas kan isaanin barbaadan, birmannaas kan isaan irraa barbaadan.
Rabbiin ol ta'e, mushrikoonni gabbaramoo kanneen godhachuu isaanii ragaalee sammuu lamaaniin dhugumatti soba taasiseera:
Ragaan Jalqabaa: gabbaramoo isaan godhatan kanneen keessa, amaloota gabbaramummaa keessaa homaa hin jiru. Isaan uumamtoota hin uumne, warra isaan gabbaruufis bu'aa fiduus hin danda'an; miidhaas isaan irraa deebisuu hin danda'an. Jiraachisuus ta'ee ajjeesuu isaaniif hin qaban, Samiilee keessaa homaa tokkollee hin qaban, isa (mootummaa samii) keessattis hirmaannaa hin qaban.
Rabbiin ol ta'e akkana jedhe: {Isaa (Rabbii) gaditti gooftolee godhatan kan homaa hin uumne, kan isaanuu uumamanu, kan of irraa miidhaa deebisuu ta’ee bu’aa fiduu hin dandeenye, ajjeesuu, jiraachisuu fi du’a irraa kaasuus hin dandeenye} [Al-Furqaan: 3].
Rabbiin ol ta'e akkana jedhe: { (Yaa Muhammad!) Jedhi: “mee isaan Rabbiin ala (gooftoleedha) jettan sana waammadhaa, Samiilee fi dachii keessatti waan hanga ulfina atomiillee hin qaban. Isaan lamaan (samii fi dachii) keessattis qoodni isaaniif hin jiru. Isaaf (Rabbiif) gargaaraan isaan irraa ta’e tokkollee hin jiru. Manguddummaan Isa (Rabbiin) biratti nama Inni isaaf hayyame malee hin fayyaddu} [Saba'i: 22-23] Ammas Rabbiin ol ta'e akkana jedhe: {Sila warra waa tokko uumuu hin dandeenye kan ofiifuu uumamoo ta’an Rabbitti qindeessuu? Isaan gargaaruu hin danda’an, lubbuulee isaaniis hingargaaran} [Al-A'araaf: 191-192].
Haalli gooftolee kanneenii yoo akkana ta'e isaan gooftolee taasifachuun irra gowwaa gowwummaati fi irra soba sobaati.
Ragaan Lammaffaa: Mushrikoonni kun, Rabbiin ol ta'e kophaa Isaa Gooftaa Uumaa, isa mootummaan waan hundaa harka Isaa keessa jiru, akkasumas inni ni tiksa isa irratti homaa hin tikfamu akka ta'e ni amanu ture, Kun immoo akkuma isaan gooftummaan Isa tokkichoomsan, gabbaramummaanis Isa tokkichoomsu dirqama taasisa, akkuma Rabbiin ol ta;e jedhe: {Isin Yaa namootaa! gooftaa keessan isa isiniifi warra isiniin duraa uume qofa gabbaraa! Akka Rabbiin sodaattaniif jecha. [Rabbiin] Isa dachii afata, samii immoo ijaarsa (gubbaa) isiniif taasisee, kan samii irraa bishaan buusee (roobsee), ergasii isaan fuduraa irraa soorata isiniif baaseedha. Kanaafuu odoo [kan gabbaramuun malu Rabbiin qofa ta’uu] beektanuu Rabbiif shariikota hin godhinaa} [Al-Baqaraa: 21-22]
Rabbiin ol ta'e ni jedhe: {Eenyuutu isaan uumee odoo isaan gaafattee “Allaahadha” jedhu. Akkamumatti irraa garagalfamu ree?} [Azzukhruf: 87]
Rabbiin ol ta'e ni jedhe: {jedhiin “Eenyutu samiifi dachii irraa isin soora? Yookiin dhageettiifi argituulee eenyutu dhuunfata? Ammas eenyutu jiraataa du’aarraa baasa, du’aa jiraatarraa baasa? Eenyutu waan hunda gara gaggalchas?” (jedhi). ‘Rabbuma’ jedhu. “Sila Rabbiin hin sodaattanii?” jedhiin. Sun Allaah, Gooftaa keessan, kan dhugaati. Dhugaa booda jallina malee maaltu jira? Akkamitti irraa gara galfamtu?} [Yuunus: 31-32].
Qabxiin Afraffaan wantoota Rabbitti amanuun of keessatti qabatu keessaa: Maqaawwanii fi Sifaata Isaatti amanuudha:
jechuunis: Maqaawwanii fi Sifaata irraa waan Rabbiin ofii Isaatiif Kitaaba Isaa keessatti, yookaan Sunnaa Ergamaa Isaa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-, keessatti mirkaneesse, haala Isaaf maluun mirkaneessuudha, jallisuudhaan, onsuudhaan, akkaataa itti gochuu fi fakkeessuudhaan maletti. Rabbiin ol ta'e akkana jedhe: {Rabbiif maqaalee gaggaariitu jiru, Isheedhaan Isa kadhaa, Warra maqaalee Isaa keessatti jallisan dhiisaa, Waan dalagaa turan fuulduratti galata galfamu} [Al-A'araaf: 180] Rabbiin ol ta'e ni jedhe: {Dachiifi samiilee keessa sifaata ol aanaatu Isaaf jira. Inni injifataa ogeessa} [Arruum: 27]. Rabbiin ol ta'e ni jedhe: {Fakkaataan Isaa (Allaah) hin jiru. Inni dhaga’aa, argaadha} [Ashuuraa: 11].
Dhimma kanaan keessatti dhugumatti garee lamaatu jallateera:
Gareen jalqabaa: (Al-Mu'axxilah) isaan warra maqoolee fi sifaata Rabbii guutummaatti, yookaan garii isaanii mormaniidha, ishee Rabbiif mirkaneessuun Isa uumama Isaatiin wal fakkeessuu fida, jedhaniiti kana godhu, Yaanni kun soba; Sababoota hedduudhaaf jecha, isaan keessaa:
Tokkoffaa: Inni badiilee biroo; kan akka wal faalleessuun jecha Rabbii ol ta'ee keessa jiraachuuti fida, Kunis Rabbiin ol ta'e ofii isaatif maqoolee fi sifaata raggaasisee, fakkaataan akka isaaf hin jirres ibseera, Odoo isaan raggaasisuun waan biraatti isa fakkeessuu kan ta'u ta'ee; Silaa jecha Rabbii keessatti wal faalleessuu fi gariin isaa garii kijibsiisuun akka argamu taasisa.
Lammaffaan: Wanti lama maqaa yookaan sifa tokko keessatti wal fakkaachuun isaan lamaan dhugaan wal fakkaachuu dirqama hin taasisu. Fakkeenyaaf, ati namoota lama kan isaan lachuutuu nama kan dhaga'u, kan arguu fi dubbatu ta'uu keessatti wal fakkaatan ni agarta, Sana irraa hiikkaa dhugaa namummaa, dhageettii, argaa fi dubbii keessatti guutummaatti wal fakkaachuun hin hubatamu.
Ammas, bineensonni harka, miillanii fi ija akka qaban ni agarta. Haa ta'u malee, wantoota kanneen keessatti wal fakkaachuu isaanii kana irraa harki isaanii, miilli isaanii fi ijji isaanii guutummaatti wal fakkaachuun hin hubatamu.
Kanaaf, Maqoota yookaan amaloota irraa wantoota isaan keessatti wal fakkaatan keessatti waraagarummaan gidduu uumamtootatti yoo mul'ate; Garaagarummaan Uumaa fi uumamaa gidduu jiru immoo caalaatti ifaa fi guddaadha.
Gareen lammaffaa: (Al-Mushabihah) isaan warra kun waan keeyyattoonni Qur'aana fi Hadiisaa agarsiisan jedhanii uumama Isaatti isa fakkeessuu waliin maqoolee fi sifaata Rabbii ol ta'eef raggaasisaniidha; Sababni isaas Rabbiin ol ta'e gabroottan Isaa waan isaan hubataniin dubbisa waan ta'eef jecha. Yaanni kun soba; Sababoota baay'eef jecha, isaan keessaa:
Inni jalqabaa: Rabbiin ol ta'e uumama Isaatiin wal fakkaachuun, dhimma sammuu fi shari'aan balleessuudha, Wanti keeyyatoonni Qur'aana fi Hadiisaa agarsiisan soba ta'uun hin danda'u.
Sababni lammaffaan: Dhugumatti, Rabbiin ol ta'e gama bu'uura hiikkaatiin gabroottan wahuma isaan hubataniin isaan dubbise, Dhugaan hiikkaan sun irratti argamu immoo inni zaata fi sifaata isaa ilaalchisee waan Rabbiin beekumsa isaa of qofaaf godhe irraayi.
Kanaaf, yeroo Rabbiin ofii Isaatiif Dhagahaa ta'uu Isaa mirkaneesse; Dhageettiin gama hiikkaa bu'uuraatiin beekamaadha (innis sagaleewwan beekuudha). Haa ta'u malee, dhugaan sanaa dhageettii Rabbii ol ta'ee ilaaluudhaan beekamaa miti; Sababni isaas dhugaan dhageettii uumamtoota gidduuttuu waan garaagarummaa qabuuf jecha; Kanaaf, garaagarummaan dhageettii Uumaa fi uumamaa gidduu jiru immoo daran ifaa fi guddaadha.
Yeroo Rabbiin ol ta'e ofii Isaatiif Arshii Isaa irratti akka ol ta'e hime; Al-Istiwaa'in hiikkaa bu'uuraa ilaalchisee beekamaadha. Haa ta'u malee, dhugaan Istiwaa'in irratti jiru nuuf beekamaa miti, Rabbiin Arshii isaa irratti ol ta'uu ilaalchisee; Sababni isaas dhugaan Al-Isiwaa'ii uumamtoota gidduuttuu garaagarummaa qaba waan ta'eef jecha, Teessoo tasgabbaa'aa irratti ol ta'uun akkuma kooraa gaala cimaa didaa irratti ol ta'uutii miti, sana keessatti uumamtoota gidduutti garaagarummaan yoo jiraate, garaagarummaan (isaa) kan Uumaa fi uumama gidduu jiru immoo daran ifaa fi guddaadha.
Akkaataa ibsine kanaan Rabbii ol ta'etti amanuun mu'umintootaaf bu'aalee gurguddoo qaba, sana keessaa:
Tokkoffaa: Tokkichummaa Rabbii ol ta'ee mirkaneeffachuudha; Abdachuunis ta'ee sodaachuudhaan hanga waan birootti hin rarraanne tokkatti, akkasumas Isa malee waan biraa hanga hin gabbarre takkatti.
Lammaffaa: Akkaataa maqooleen Isaa gaggaarii fi sifaanni Isaa ol aanoon agarsiisanitti jaalala Rabbii ol ta'ee fi kabajaa isaa guutuu argachuudha.
Sadaffaa: Ibaadaa Isaa waan Inni itti ajaje hojjachuu fi waan Inni irraa dhoorge irraa fagaachuudhaan gabbartii Isaa mirkaneeffachuudha.
*
Malaa'ikootatti amanuu
Malaa’ikoonni: Aalama ijaan hin argamne yoo ta'an, isaan uumamtoota, Rabbii ol ta'e gabbaraniidha, amaloota gooftummaa fi gabbaramummaa irraa homaa hin qaban. Rabbiin ol ta'e ifaa irraa isaan uumee, ajaja Isaatiif masakamuu guutuu isaanif kenne, akkasumas isa raawwachuu irrattis humna isaanif kenne. Rabbiin ol ta'e akkana jedhe: {Isaan Isa (Allaah) bira jiranis (maleykonnis) Isa gabbaruu irraa hin boonan; hin hifatanis. Halkaniifi guyyaa (Rabbiin) qulqulleessu; hin boqatan} [Al-Anbiyaa: 19-20].
Isaan lakkoofsaan baay'eedha; Rabbii ol ta'e malee eenyuyyuu lakkoofsa isaanii hin beeku. Sahiiha lamaan (Bukhaariifi Muslim) keessatti, Hadiisa Anas -Rabbiin irraa haa jaalatu- irraa seenaa Mi'iraajii keessatti akka gabaafametti, Nabiyyii (Sallallaahu aleyhi wa sallam) samii keessatti "Beytul Ma’amuur" (mana jiraachifamu jechuudha) isaaniif ol fuudhame, isa keessatti guyyaa hundumaa malaa’ikoota kuma torbaatamaatu salaata, isaan yeroo achii ba’an, lammata itti hin deebi’an.
Malaa’ikootatti amanuun dhimmoota afur of keessatti qabata:
Tokkoffaa: Jiraachuu isaaniitti amanuudha.
Lammaffaa: Isaan keessaa warra maqaa isaanii beekne (kan akka Jibriil) maqaa isaanitiin itti amanuudha, warra maqaa isaanii hin beekne immoo akkuma waliigalatti isaanitti amanuudha.
Sadaffaa: Amaloota isaanii irraa waan beekne, kan akka amala (Jibriil) itti amanuudha. Nabiyyiin (Sallallaahu aleyhi wa sallam) bifa tan inni irratti uumame irratti akka isa arganii fi isaaf koolaawwan dhibba ja'a kan moggaa samii guutan akka qabu dhugumatti himaniiru.
Malaa’ikaan ajaja Rabbii ol ta’eetiin gara bifa nama dhiiraatti jijjiiramuu ni danda’a. sun akkuma (Jibriiliif) argametti, yeroo Rabbiin ol ta'e gara Maryamitti isa erge keeaatti, bifa nama guutuutiin isheetti mul’ate, akkasumas yeroo Nabiyyii (Sallallaahu aleyhi wa sallam) bira dhufe keessatti, odoo isaan sahaabota isaanii wajjin taa’aa jiranuu, bifa nama dhiiraa kan uffanni isaa baayyee adii fi rifeensi isaa baayyee gurraacha ta’eetiin itti dhufe, mallattoon imalaa homaatuu irraa hin mul’atu, Sahaabota isaanii keessaas namni tokkoyyuu isa hin beeku. Gara Nabiyyii (Sallallaahu aleyhi wa sallam) taa’ee, jilba isaa lamaan jilba isaanii lamaanitti hirkisee, ganaa isaa lamaanis gudeeda isaanii irra kaa’ate. Achiis Nabiyyii (Sallallaahu aleyhi wa sallam) Islaamummaa, Iimaana, Ihsaana, akkasumas Qiyaamaa fi mallattoolee ishee irraa gaafate. Nabiyyiinis (Sallallaahu aleyhi wa sallam) deebii isaaf kennan, innis ni deeme. Eegasii Nabiyyiin (Sallallaahu aleyhi wa sallam) akkana jedhan: «Kuni Jibriili; amantii keessan isin barsiisuuf isinitti dhufe».
Akkasumas, malaa’ikoonni Rabbiin ol ta’e gara Ibraahimii fi Luuxitti isaan erge, bifa dhiirotaa irra turan.
Wantoota Malaa’ikootatti amanuun of keessatti irraa inni afraffaa: Hojiiwwan isaanii kan isaan ajaja Rabbiin ol ta’ee ittiin raawwatan; kan akka Isa qulqulleessuu fi hifannaa fi boqannaan maletti halkanii fi guyyaa Isa gabbaruu irraa waan beeknetti amanuudha.
Garii isaanitiif hojiiwwan addaa jiraachu danda'u.
Fakkeenyaaf: Jibriil, Amanamaa wahyii Rabbii ol ta'eeti, Rabbiin isa wahyii sanaan gara Nabiyyootaa fi Ergamootatti erga.
Akkasumas akka Miikaa'iil: Inni roobaa fi biqiltuu irratti ramadamaadha.
Akkasumas akka: Israafiil: Inni yeroo Qiyaamaan dhaabbattuu fi yeroo uumamni qabrii irraa kaafamutti Garii keessatti afufuutti ramadamaadha.
Akkasumas akka: Malaa'ikaa Du'aa: Inni yeroo du'aa lubbuuwwan fuudhuutti ramadamaadha.
Akkasumas akka: Maaliki: Inni Ibiddatti ramadamaadha, innis eegduu Ibiddaati.
Akkasumas akka: Malaa’ikoota ulfa gadaamessaa keessa jirutti ramadamaniiti, yeroo ilmi namaa ji'a afur garaa haadha isaa keessatti guute, Rabbiin gara isaatti malaa'ikaa ergee; soorata isaa, yeroo du'a isaa, hojii isaa fi inni hoongayaa ta'uu yookaan milkaa'aa ta'uu isaa akka barreessu isa ajaja.
Ammas akka: Malaa'ikoota hojiilee ilmaan Aadam eeguu fi galmeessutti ramadamaniiti. Nama hundaafuu malaa'ikoota lamatu jira; inni tokko gama mirgaatiin, inni lammaffaan immoo gama bitaatitti argama.
Ammas akka: Malaa'ikoota nama du'e yeroo qabrii isaa keessa kaa'amu gaafachutti ramadamaniiti; Malaa'ikoonni lama itti dhufuudhaan Rabbii isaa, amantii isaa fi Nabiyyii isaa irraa isa gaafatu.
Malaa'ikootatti amanuun bu'aawwan gurguddoo qaba, isaan keessaa:
Tokkoffaa: Guddina, humnaa fi aangoo Rabbii ol ta'ee beekuudha; Sababni isaas, guddinni uumamaa guddina Uumaa agarsiisa waan ta'eef jecha.
Lammaffaa: Kunuunsa inni ilmaan Aadamiif godhe irratti Rabbii ol ta'e galateeffachuudha; Sababni isaas, malaa'ikoota irraa warra isaan eegan, hojii isaanii barreessa fi faayidaawwan isaanii irraa kanneen biroos kan raawwatan isaanif waan ramadeef jecha.
Sadaffaa: Waan isaan Rabbii ol ta'e gabbaraniif jecha, malaa'ikoota jaallachuudha.
Warra karaa irraa jallatan keessaa gareen wahii malaa'ikoonni qaama qabaachuu dhugumatti mormanii, akkana jedhan: "Isaan humna humana kheyrii kan uumamtoota keessatti dhokatee jiruudha". Kun immoo Kitaaba Rabbii ol ta'ee, Sunnaa Ergamaa Isaa (Sallallaahu aleeyhi wa sallam) fi waliigaltee Muslimootaa sobsiisuudha.
Rabbiin ol ta'e akkana jedhe: {Faaruun hundi kan Rabbii uumaa samiileefi dachii ta’eeti, kan maleykota ergamtoota abbootii kooluuwwan lama lamaa, sadi sadiifi afur afurii taasise} [Faaxir: 1].
Rabbiin ol ta'e ni jedhe: {odoo gartee Yeroo maleykonni warra kafaran fuuleen isaaniitiifi duuydoowwan isaanii rukutaa lubbuu fuudhan} [Al-Anfaal: 50].
Rabbiin ol ta'e akkana jedhe: {Odoo yeroo miidhaa hojjattoonni haguuggaa du’aa keessa ta’an argitee, kan maleykonni harkoowwan isaanii diriirsanii "lubbuu keessan baasaa" (jedhaniin)} [Al-An'aam: 93].
Rabbiin ol ta'e ni jedhe: {hanga Yeroo onneewwan isaanii (manguddootaa) irraa sodaan deeme “Rabbiin keessan maal jedhe?” jedhanii (gaafatu). “Dhugaa (jedhe); Innis ol ta’aa, guddaadha” jedhu} [Saba'i: 23].
Rabbiin warra Jannataa ilaalchisee akkana jedhe: {Maleeykonnis balbala hundaan isaanitti seenu. “Waan obsitaniif nageenyi isin irratti haa jiraatu; gandi boodaa waa tole! (jedhu)} [Arra'ad: 23-24].
Sahiiha Bukhaarii keessatti, akka Abuu Hurayraa irraa odeeffametti, Rabbi irraa haa jaallatu, Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedhan: «Rabbiin yeroo gabricha tokko jaallate Jibriiliin waamee akkana jedha: Rabbiin ebeluun ni jaallata, atis isa jaalladhu. Achumaan Jibriilis isa jaallatee, akkana jechuudhaan warra samii keessatti lallaba: Dhugumatti Rabbiin ebeluun ni jaallata, isinis isa jaalladhaa. Yoosuma warri samiitis isa jaallatu. Eegasii lafa irratti fudhatamni isaaf ni kaa'ama».
Ammas isuma keessatti (Sahiiha Bukhaarii keessatti) Abuu Hurayraa irraa akka odeeffametti, Rabbiin isa irraa haa jaallatu, akkana jedhe: Nabiyyiin (Sallallaahu aleeyhi wa sallam) ni jedhan: «Guyyaan Jum'aa yeroo ga'u, balbala masjiidaa hundumaa irra malaa'ikoonni dhaabbatanii, kan dura dhufe, sana booda kan itti aanu tartiibaan galmeessu. Yeroo Imaamni (minbara irra) taa'e galmee dhaabanii, gorsa (khuxbaa) dhaggeeffachuuf dhufu».
Ragaaleen kunniin ifaa ifatti malaa'ikoonni akka warri jallatan jedhan humna keessaa osoo hin taane akka qaama qaban agarsiisu. Muslimoonnis ragaalee kanneen irratti hundaa'uudhaan dhimma kanarratti waliigalan.
*
Kitaaboliitti amanuu
Al-kutub (الكتب) jechuun: Baay'ina jecha 'kitaaba' (كتابٍ) jedhu yoo ta'u, hiikni isaas (مكتوبٍ) barreeffamaa jechuudha.
Kan asitti itti fedhame immoo: Kitaabota Rabbiin ol ta'e rahmataa fi qajeelloo uumamaaf jecha ergamoota Isaa irratti buusedha; Akka sanaan addunyaafi Aakiraatti gammachuu isaanii akka argataniif jecha.
Kitaabotatti amanuun dhimmoota afur of keessatti qabata:
Tokkoffaa: Bu'uun isaanii (kitaabota kanaa) dhugaan Rabbi biraa ta'uu isaatti amanuudha.
Lammaffaa: Kitaabota keessaa kan maqaa isaanii beeknu, kan akka Qur'aana Nabi Muhammad ﷺ irratti buufamee fi Towraat Nabii Muusaa ﷺ irratti buufamtee maqaa isaatiin itti amanuudha. Akkasumas akka Injiil Nabii Iisaa ﷺ irratti buufamee, Akkasumas Zabuur Nabi Daawuudiif ﷺ kennamee maqaa isaanitiin itti amanuudha. Kitaabota maqaa isaanii hin beekne immoo akka waliigalatti itti amanna.
Sadaffaa: Oduuwwan isaanii (kitaabota kanaa) keessaa kan sirrii ta'e, kan oduulee Qur'aanaa fi oduulee kitaabota duraanii kan hin jijjiiramunii fi hin jallifaminii dhugoomsuudha.
Afraffaa: Seerota isaanii keessaa kan hin haqamin hojii irra oolchuu, akkasumas jaallachuu fi isa fudhachuudha, ogummaa isaa hubannus hubachuu baannus. Kitaabonni duraanii hundi Qur'aana Guddaan haqamaniiru. Rabbiin ol ta'e ni jedhe: {Nuti kitaaba (Qur’aana) haqaan gara keetti buufneerra. kan kitaaba irraa waan isa duraatiif dhugoomsaa fi isa irratti murteessaa ta'e} [Al-Maa'idaa: 48].
Kana bu'uura godhachuun: Seerota kitaabota duraanii keessaa seera kamittuu hojjechuun hin hayyamamu; isaan irraa waan sirrii ta'ee, Qura'aanni isa mirkaneesse malee.
Kitaabotatti amanuun bu'aalee gurguddoo qaba, isaan keessaa:
Tokkoffaa: Kunuunsa Rabbiin ol ta'e gabroota Isaatiif godhe buukuudha; Yeroo kitaaba itti isaan qajeelchu ummata hundaaf buuse keessatti.
Lammaffaa: Ogummaa Rabbii ol ta'ee kan shari'aa Isaa keessa jiru beekuudha; Yeroo ummata hundaaf waan haala isaanii waliin deemu isaanif karaa godhe keessatti. Akkuma Rabbiin ol ta'e jedhe: {Nuti hunda keessaniifuu seeraa fi karaa (ifa ta'e) gooneerra} [Al-Maa'idaa: 48].
Sadaffaa: Qananii kanaaf Rabbiin galateeffachuudha.
*
Ergamtootatti Amanuu
Arrusul jechuun: Baay'ina jecha "Rasuul" jedhu yoo ta'u, hiikni isaas (Ergamaa" jechuudha, jechuunis, wanta tokko geessuuf kan ergame jechuu dha.
Asitti kan itti fedhame: Nama ilmaan namaa keessaa Shari'aadhaan wahyiin itti godhamee, isa geessuutti ajajame jechuudha.
Jalqabni ergamtootaa Nuuhi -nageenyi irra haa jiraatu-, xumurri isaanii immoo Muhammadidha ﷺ.
Rabbiin ol ta'e ni jedhe: {Dhugumatti, Nuti gara keetti wahyii buufne, akkuma gara Nuuhii fi Nabiyyoota isa booda turanitti wahyii buufnetti} [Annisaa'i: 163].
Sahiiha Al-Bukhaarii keessatti, Anas bin Maalik -Rabbiin isarraa haa jaalatu- irraa hadiisa Shafaa'aa keessatti akka odeeffametti, Nabiyyiin ﷺ: «Ni dubbatan: Namoonni (Guyyaa Qiyaamaa) gara Aadam dhufanii, akka inni isaaniif manguddummaa seenuf jecha, Innis dhiifama gaafachuudhaan akkana jedha: Gara Nuuhii deemaa; inni ergamaa jalqabaa kan Rabbiin isa ergedha» Hadiisicha guutummaatti dubbate.
Rabbiin ol ta'e Muhammadiin ﷺ ilaalchisee immoo akkana jedhe: {Muhammad dhiirota keessan keessaa abbaa tokkoollee hin taane; garuu inni Ergamaa Rabbiitiifi xumura Nabiyyootaati} [Al-Ahzaab: 40].
Ummanni tokkolleen ergamaa Rabbiin ol ta'e shari'aa mataa ofii danda'een, yookaan Nabiyyii shari'aa nama isa duraatiin akka isa haaromsuuf jecha wahyiin itti godhamu kan Rabbiin ol ta'e gara ummata isaatti ergu irraa qullaa ta'anii hin beekan. Rabbiin ol ta'e ni jedhe: {Dhugumatti, Nuti ummata hunda keessatti ergamaa erganneerra, Rabbiin gabbaraa, Xaaghuuta irraa fagaadhaa jechuudhaan} [Annahl: 36].
Rabbiin ol ta'e ni jedhe: {Ummanni tokkolleen akeekkachiisaan isaan keessa dabru malee hin taane} [Faaxir: 24].
Rabbiin ol ta'e ni jedhe: {Dhugumatti, Nuti Tawraatiin kan ishee keessa qajeelfamaafi ifaan jiru taasifnee buufnee jirra. Nabiyyoonni warri fedha Rabbiitiif bulan warra yahuudomaniif isheedhaan murteessu} [Al-Maa'idaa: 44].
Ergamoonni ilmaan namaa uumamoodha, amaloota Gooftummaa fi Gabbaramummaa irraa homaa hin qaban. Rabbiin ol ta'e waa'ee Nabiyyii Isaa Muhammad, gooftaa ergamootaatii fi Rabbiin biratti sadarkaan irra guddaa isaanii kan ta'an ilaalchisee akkana jedhe: {Jedhi "Ani lubbuu kiyyaaf faayidaas ta’ee miidhaa fiduu hin danda'u waan Rabbiin fedhe malee, Odoon kanin fagoo (ghaybii) beeku ta'ee, silaa toltuu irraan baay'ifadha; hamtuun na hin tuqu ture, Ani ummata amananiif akeekkachiisaafi gammachiisaa malee hin taane} [Al-A'araaf: 188].
Rabbiin ol ta'e ni jedhe: {Jedhi: "Ani dhugumatti, miidhaas ta'ee qajelluma isiniif (fiduu) hin danda'u.(21) Jedhi: "Ani (adabbii) Rabbii irraa wanti tokkollee ana hin baraaru. Isa malees hirkoo hin argadhu}(22) [Aljinni: 21-22].
Amaloonni namummaa kan akka dhukkubaa, du'aa, fedhii nyaataa fi dhugaatii qabaachuu fi kan kana fakkaatan ni dhaqqabu. Rabbiin ol ta'e waa'ee Ibraahiim -rahmataa fi nageenyi irra haa jiraatu- kan yeroo inni Gooftaa isaa ol ta'ee ibsee ilaalchisee akkana jedhe: {Inni Isa na nyaachisuufi na obaasuudha. Yeroo an dhukkubsadhes, Isatu na fayyisa. Isa na ajjeesuufi Sana booda na jiraachisuudha} [Ashu'araa: 79-81].
Nabiyyiin ﷺ akkana jedhan: «Dhugumatti, ani nama akka keessaniiti, akkuma isin dagattan nan dagadha. Yeroon ani dagadhe na yaadachiisaa».
Rabbiin ol ta'e irra ol aanaa sadarkaa keessatti gabrummaan, akkasumas haala isaan irratti faarsuu keessatti isaan ibseera. Rabbiin ol ta'e waa'ee Nuuh ﷺ keessatti akkana jedhe: {Inni gabricha baay'ee galateeffataa ture} [Al-Israa'i: 3]. Waa'ee Muhammad ﷺ ilaalchisee immoo akkana jedhe: {Inni furqaaniin (Qur’aana) akka aalama hundaaf dinniinaa (sodaachisaa) ta’uuf jecha gabricha Isaa irratti buuse toltuun isaa baay’atte} [Alfurqaan: 1].
Ibraahiim, Is-haaqi fi Ya'aquub -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ilaalchisee akkana jedhe: {Gabroota keenya Ibraahiim, Is-haaqiifi Ya’aquubiin kanneen (Ibaadaa irratti) cimoofi ija xiinxaltu qaban san dubbadhu. Dhugumatti, Nuti haala gaariidhaan isaan qulqulleessine. (Isheenis) ganda (Aakhiraa) yaadachuudha. Dhugumatti isaan Nu biratti filatamoo gaggaarii irraayi} [Saad: 45-47].
Iisaa ilma Maryam ilaalchisee akkana jedhe: {Inni (Iisaan) gabricha Nuti isa irratti tola oolle malee waan biraa miti, Ilmaan Israa’iliif fakkeenya isa taasifne} [Azzukhruf: 59].
Ergamootatti amanuun dhimmoota afur of keessatti qabata:
Tokkoffaa: Ergaan isaanii dhugaa Rabbii ol ta'e biraa ta'e akka ta'e amanuudha. Kanaafuu, namni ergaa tokkoo isaanitti kafare dhugumatti inni hunda isaaniitti kafareera. Akkuma Rabbiin ol ta'e jedhe: {Ummanni Nuuh Ergamoota sobsiisan} [Suuraa Ashu'araa: 105], Rabbiin ergamtoota hunda kijibsiisoo isaan taasise, yeroo isaan isa kijibsiisan sanatti isa malee ergamaan biroo jiraachuu dhabuu waliin. Kana irraa ka'uudhaan Kiristaanonni warri Muhammad ﷺ sobsiisanii fi isaan hin hordofne; isaan Masiih ilma Maryam sobsiisoodha, isaas hordofoo miti, Keessattuu inni (Masiih) dhugumatti dhufaatii Muhammadiin ﷺ isaan gammachiiseera, isaanin isaan gammachiisuun hiika hin qabu, isaan ergamaa gara isaanitti ergame kan Rabbiin sababaa isaatin isaan jallina irraa baasee, gara karaa haqatti isaan qajeelchu yoo ta'e malee.
Lammaffaa: Ergamtoota keessaa warra maqaa isaanii beekne, kan akka: Muhammad, Ibraahim, Muusaa, Iisaa fi Nuuh -rahmataa fi nageenyi isaan irra haa jiraatu- maqoota isaanitiin itti amanuudha. Isaan shanan kunniin ergamtoota keessaa warra "Ulul Azmi" warra murannoo qaban jedhamuun beekamu, Rabbiin ol ta'e Qur'aana keessatti iddoo lamaatti dhugumatti isaan dubbateera, jecha Isaa kana keessatti: {Yeroo Nuti nabiyyoota irraa waadaa isaanii fuune: sirraas, Nuuh, Ibraahiim, Muusaafi Iisaa ilma Maryam irraas qabne [yaadadhu]. Isaan irraa waadaa cimaa qabne} [Al-Ahzaab: 7]. Akkasumas jecha Isaa kana keessatti: {Amantii irraa karaa isiniif godhe waan Nuuhiif dhaameefi isa gara keetti wahyii goone, waan Ibraahiimiif dhaamne, Muusaafi Iisaaf (dhaamne). [Inni] amantii sirriitti hojjadhaa, isa keessattiis addaan hin babahinaa (jechuudha). Wanti ati itti waamtu mushrikoota irratti guddateera! Rabbiin nama fedhe gara isaatti filata; nama tawbabate gara Isaatti qajeelcha} [Ashuuraa: 13].
Isaan keessaa warra maqaa isaanii hin beekne immoo akkuma waliigalatti itti amanna. Rabbiin ol ta'e ni jedhe: {Dhugumatti, si dura ergamtoota erginee jirra. Isaan irraa warra seenaa isaanii siif himnetu jira. Isaan irraas warra seenaa isaanii siif hin himintu jiru} [Ghaafir: 78].
Sadaffaa: Oduuwwan isaanii keessaa waan mirkanaaye dhuga'oomsuu.
Afraffaa: Ergamtoota keessaa shari'aa isa gara keenyatti ergametti hojjachuudha, innis xumura isaanii Muhammad, kan gara namoota hundatti ergameedha, Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu. Rabbiin ol ta'e akkana jedhe: {Lakki; Rabbii keetiinin kakadhaa! isaan hin amananu hanga waan gidduu isaaniitti irratti wal dhaban keessatti si murteessisaniitti, ergasii waan ati murteessite irratti odoo lubbuulee isaanii keessatti dhiphina hin argin fudhannaa (garaa guutuu ta’een) fudhatanitti} [Annisaa'i: 65].
Ergamtootatti amanuun bu'aawwan gurguddoo qaba, Isaan keessaa:
Tokkoffaa: Rahmataa fi kunuunsa Rabbiin ol ta'e gabroota Isaatiif godhe beekuudha; Gara Rabbii ol ta'etti isaan qajeelchanii fi akka isaan Rabbiin itti gabbaran isaanif ibsaniif jecha yeroo ergamtoota gara isaanitti erge keessatti; Sababni isaas, sammuun ilma namaa sana beekuudhaan kophaa ba'uu hin danda'u waan ta'eef jecha.
Lammaffaa: Qananii guddoo kanarratti Isa ol ta'e galateeffachuu.
Sadaffaa: Ergamtoota -rahmataa fi nageenyi isaan irratti haa jiraatu- jaallachuu, isaan kabajuu fi waan isaanif maluun faarsuudha; Sababni isaas ergamtoota Rabbii ol ta'ee waan ta'aniif jecha, akkasumas isaan Gabbartii Isaatiin, ergaa Isaa geessuu fi gabroota Isaa gorsuun waan dhaabbataniif jecha.
Warri haqa didan dhugumatti ergamtoota isaanii kijibsiisaniiru, , ergamtoonni Rabbii ol ta'ee ilmaan namaa irraa ta'uu hin danda'an jechuudhaan! Rabbiin ol ta'e jecha sobaa kana dhugumatti dubbatee, jecha Isaa kanaan isa balleesseera: {Ilma namaa amanuu waa hindhoowwine yeroo qajeelfamni (Rabbii) isaanitti dhufe, jechuu isaanii malee “sila Rabbiin nama ergamaa taasisee ergaa?”. “Odoo dachii keessa maleykonni tasgabbaa’anii deeman kan jiraatan ta’ee, silaa maleykaa samii irraa ergamaa taasifnee isaan irratti buufna turre” jedhi} [Al-Israa'i: 94-95]
Rabbiin ol ta'e jecha sobaa kana ergamaan ilma namaa ta'u qaba jechuudhaan balleesse; Sababni isaas inni gara warra lafatti ergamaa waan ta'eef jecha, isaan immoo ilmaan namaatiidha, odoo warri lafaa malaa'ikoota ta'anii, silaa Rabbiin samii irraa malaa'ikaa ergamaa ta'e isaan irratti buusa ture; kunis akka inni isaan fakkaatuuf jecha. Akkasumatti Rabbiin ol ta'e warra Ergamtoota akkana jechuun sobsiisan hime: {Ergamoonni isaanii ni jedhan: “Sila Rabbii uumaa samiifi dachii ta’e, kan badii keessan irraa isiniif araaramuufi hanga yeroo murtaa’ee isin tursiisuuf isin waamu (jiraachuu isaa) keessa shakkiin jiraa?”. [Isaan] “Isin namuma akka keenyaa malee hintaane, waan abbootiin keenya gabbaraa turan irraa nu dhorguu barbaadan. mee ragaa ifa ta’een nutti kottaa” jedhan. Ergamoonni isaanii isaanin ni jedhan: “Nuti nama fakkaataa keessanii malee hin taane. Garuu Rabbiin gabroota Isaa irraa nama fedhe irratti tola oola. Nuti hayyama Rabbiitiin malee taaytaa (ragaa) tokkoonis isinitti dhufuun nuuf hin taane} [Ibraahiim: 10-11]
*
Guyyaa Aakhiraatti Amanuu
Guyyaan Aakhiraa (Guyyaan Dhumaa): Guyyaa Qiyaamaati; kan namoonni isa keessatti hisaabaa fi mindaaf kaafaman.
Sanaan wanti waamameef guyyaan biraa isa booda waan hin jirreefi; warri Jannataa iddoolee jireenyaa isaanii keessatti qubatanii hafu, warri Ibiddaas iddoolee jireenyaa isaanii keessatti qubatanii hafu.
Guyyaa Aakhiraatti amanuun dhimmoota sadii of keessatti hammata:
Tokkoffaa: Kaafamuutti amanuu: Innis yeroo afuuffaan lammaffaa garrii keessatti afuufame warra du'an qabrii irraa jiraachisuudha; Sana booda namoonni Gooftaa aalamaatiif ni dhaabbatu, miila qullaa kan kophee hin kaa'anne, qaama qullaa kan uffata hin qabnee fi dhaqna hin qabaatin ta'anii. Rabbiin ol ta'e akkana jedhe: {Akkuma uumama duraa jalqabnetti isa deebifna. (Kun) waadaa Nu irra jiruudha. Dhugumatti, Nuti raawwattoota taanee jirra} [Al-Anbiyaa'i: 104]
Kaafamuun: Dhugaa mirkanaa'aadha, Qur'aana, Hadiisaa fi walii galtee Muslimootaatiin mirkanaa'ee jira.
Rabbii ol ta'e akkana jedhe: {Isin eegasii dhugumatti du'oodha, Ergasii isin Guyyaa Qiyaamaa dhugumatti ni kaafamtu} [Al-Mu'uminuun: 15-16]
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedhan: «Guyyaa Qiyaamaa namoonni miila qullaa, qaama qullaafi dhaqna kan hin qabatin ta'anii walitti qabamu». Bukhaarii fi Muslimtu gabaase.
Muslimoonni (du'aa ka'uun) mirkanaa'aa ta'uu isaa irratti walii galaniiru. Kun waan ogummaan murteessuudha; Sababni isaas, ogummaan sun akka Rabbiin ol ta'e uumama kanaaf iddoo deebii kan isa keessatti waan Inni karaa Ergamtoota Isaatiin isaaniif seeresse irratti isaan mindeessu taasisu murteessa. Rabbiin ol ta'e akkana jedhe: {Sila Nuti taphaaf isin uumne seetuu? Ammas isin gara keenyatti hin deebifamtanuu seetuu”?} [Al-Mu'uminuun: 115] Nabiyyii Isaatiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya irra haa jiraatu-akkana jedhe: {Dhugumatti, Inni Qur’aana si irratti buuse, gara iddoo deebiitti si deebisa} [Al-Qasas: 85]
Lammaffaa: Herregaa fi Mindaatti Amanuu: Garbichi hojii isaatiif ni qoratama, irrattis ni mindeeffama. Kunis Qur’aana, Hadiisaa fi walii galtee Muslimootaatiin kan mirkanaa’edha.
Rabbiin ol ta'e akkana jedhe: {Deebiin isaanii garuma Keenya. Ergasii qormaanni isaanii Nurra jira} [Alghaashiyah: 25-26]. Rabbiin ol ta'e ni jedhe: {Namni toltuun dhufe, isaaf (toltuu) fakkaattuu ishee kudhantu jira. Namni hamtuun dhufe, inni fakkaattuu ishee malee hin galateeffamu, Isaan hin miidhamanu} [Al-An'aam: 25-26] Rabbiin ol ta'e ni jedhe: {Nuti Guyyaa Qiyaamatiif miizaana haqaa lafa keenya. Lubbuun takkas homaa hin miidhamtu. Yoo (waan) ulfina (hanga) firii (ija) raafuu (takka)(qabu) ta’es Nuti ishee ni fidna. Qormaataaf Nuti ga’oodha} [Al-Anbiyaa'i: 47]
Ibn Umar irraa akka odeeffametti, Rabbiin isaan irraa haa jaallatu, Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedhan: «Dhugumatti, Rabbiin mu'umina ofitti dhiyeessee; girdoo Isaa isa irra kaa'ee, isa dhoksa, eegasii akkana jedhaan: Sila cubbuu akkanaa ni beektaa? Cubbuu akkanaas ni beektaa?' innis ni jedha: 'Eeyyee, yaa Gooftaa koo. Hanga cubbuuwwan isaa hunda isa amansiisee, lubbuu isaa keessatti akka bade of arguutti, eegasii Rabbiin akkana jedha: Addunyaa keessatti ani badii kana siif dhokseera, har'a immoo isa siifan dhiisa. Sana booda kitaabni toltuuwwan isaa ni kennamaaf. Kaafiroonnii fi munaafiqoonni immoo, uumama hunda fuulduratti akkana jechuun isaanitti lallabama: Isaan kun warra Gooftaa isaanii irratti sobaniidha, Dhagayaa! Abaarsi Rabbii miidhaa raawwattoota irratti haa jiraatu» Bukhaarii fi Muslimtu irratti walii gale.
Akkana jechuun Nabiyyii irraa -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- karaa sirrii ta'een gabaafame: «Namni toltuu hojjechuuf yaadee ergasii hojjete; Rabbiin Isa biratti toltuu kudhan irraa eegalee hanga dachaa dhibba torbaatti, hanga dachaawwan baay'eetti isaaf galmeessa. Namni immoo hamtuu hojjechuuf yaadee ergasii hojjete; Rabbiin hamtuu tokkittii qofa isa irratti galmeessa».
Dhugumatti, Muslimoonni hojiiwwaniif herregaa fi mindaa mirkaneessuu irratti walii galaniiru. Kunis waan ogummaan murteessuudha; Sababni isaas, Rabbiin ol ta'e Kitaabota buusee, Ergamtootas ergee, gabroota irratti waan isaan ittiin dhufan fudhachuu fi isa irraa waan itti hojjechuun dirqama ta'etti isa hojjechuu dirqama taasisee, warra isa mormaniin loluu dirqama taasisee, dhiiga isaanii, maatii isaanii, dubartoota isaanii fi qabeenya isaanii muslimootaf halaala taasiseera. Odoo herregnii fi mindaan hin jiraannee kun tapha Gooftaan Ogeesse ta'e irraa qulqulleeffamu irraa ta'a ture, dhugumatti Rabbiin ol ta'e jecha Isaa kanaan dhimma kanatti akeekeer: {Dhugumatti, isaan (ergamaan) gara isaaniitti ergame ni gaafanna; ergamootas ni gaafanna. Dhugumatti, (guutuu seenaa isaanii) beekumsaan isaan irratti odeessina, Nuti (kana irraa) fagoo hin taane.} [Al-A'araaf: 6-7].
Sadaffaa: Jannataa fi Ibiddatti amanuudha, akkasumas isaan uumama kanaaf iddoo qubannaa abad akka ta'an amanuudha.
Jannatni mana qananii kan Rabbiin ol ta'e mu'umintoota Isa sodaatan, kan waan Rabbiin itti amanuu isaan irratti dirqama taasisetti amanan, akkasumas Rabbiif qulqulleessaa, Eragamaa Isaa hordofaa kan ajaja Rabbii fi Ergamaa isaatiin dhaabbataniif qopheesseedha, ishee keessa gosoota qananii irraa «waan ijji hin argin, kan gurri hin dhaga'in, akkasumas kan onnee nama tokkoo irrattis hin yaadamnitu jira». Rabbiin ol ta'e akkana jedhe: {Isaan amananiifi gaggaarii hojjatan, isaan sun isaanumatu irra caalaa uumamaati. Mindaan isaanii Gooftaa isaanii biratti jannata qubsumaa, kan jala ishee laggeen yaatu, zalaalam ishee keessa jiraatu. Rabbiin isaan irraa jaalateera; isaanis Isa irraa jaalataniiru. Kun nama Gooftaa isaa sodaatuuf qofa ta’a} [Al-Bayyinah: 7-8] Rabbiin ol ta'e ni jedhe: {Waan isaaniif dhokfame lubbuun tokkoyyuu hin beektu gammachuu ijaa irraa. Mindaa waan isaan hojjataa turaniif jecha} [Assajdah: 17]
Ibiddi immoo: isheen mana adabbii kan Rabbiin ol ta'e kaafiroota miidhaa raawwattoo ta'an, kan Rabbitti kafaranii Ergamtoota Isaa didaniif qopheessedha. Ishee keessa gosa adabbiifi gidirsaa irraa wanta sammuutti takkaa hin yaadamneetu jira. Rabbiin ol ta'e akkana jedhe: {Ibidda kaafirootaaf qopheeffamte sodaadhaa} [Aali Imraan: 131] Rabbiin ol ta'e ni jedhe: {Jedhi: “Dhugaan Gooftaa keessan irraayi, Namni fedhe haa amanu; namni fedhes haa kafaru, Dhugumatti, Nuti miidhaa hojjattootaaf ibidda dallaan ishee isaanitti marse qopheessinee jirra, Yoo birmachiifatan bishaan akka rajaa (siicoo) zeytii danfeetti fuulleen wadditu isaaniif kennama. Dhugaatichi waa fokkatee! Hirkannaanis akkaan fokkate!} [Al-Kahf: 29] Rabbiin ol ta'e ni jedhe: {Rabbiin kaafiroota abaaree ibidda boba’aa isaaniif qopheessee jira. Rabbiif ajajamnee, Ergamaadhaafis ajajamne ta'ee!" Zalaalam ishee keessa jiraatu, jaalallees ta’ee gargaaraa (isaan baraaru) hin argatan. Guyyaa fuulleen isaanii ibidda keessatti gara gaggalfamtu, “yaa hawwii keenya! Odoo ajaja Rabbiitiifi ajaja ergamaa (Isaa) fudhannee” jedhan} [Al-Ahzaab: 64-66].
Guyyaa Aakhiraatti amanuun bu'aawwan) gurguddoo qaba, isaan keessaa:
Tokkoffaa: Mindaa guyyaa sanaa kajeeluun ajaja Rabbii raawwachuu keessatti fedhii fi bolola qabaachuudha.
Lammaffaa: Adabbii guyyaa sanaa sodaachuun, cubbuu dalaguufi isatti gammaduu irraa sodaachuudha.
Sadaffaa: Mu'umina waan addunyaa irraa isa darbu irratti, qananii Aakhiraafi mindaa ishee kan inni abdatuun jajjabeessuu.
Dhugumatti kaafiroonni erga du'anii kaafamuu mormaniiru; kun danda'amaa miti jechuudhaan.
Jechi kun soba, soba ta'uu isaa Shari'aan, ragaan qabatamaa fi sammuun mirkaneessaniiru.
Shari'aa ilaalchisee Dhugumatti Rabbiin ol ta'e akkana jedhe: {Isaan kafaran (erga du'anii) hin kaafamanii dubbatan jedhiin "Lakkii! Gooftaa kiyyatti kakadhee ni kaafamtu; ergasii wanti dalagdan hunduu isinitti himama. Sun Rabbirratti laafaa dha"} [Attaghaabun: 7] Kitaabonni Samii hundinuu sana irratti walii galaniiru.
Ragaan qabatamaa immoo: Dhugumatti Rabbiin addunyaa tana keessatti warra du'an jiraachisuu gabroota Isaatti agarsiiseera. Suuratu Al-Baqaraa keessatti sana irratti fakkeenyaawwan shantu jiru, isaanis:
Fakkeenya Tokkoffaa: Ummanni Muusaa, yeroo isaan akkana jedhan keessatti: {Hanga Rabbiin ifatti arginutti sitti hin amannu} [Al-Baqaraa: 55] Rabbiin ol ta’e isaan ajjeesee, sana booda isaan jiraachise. Sana keessatti Rabbiin ol ta'e Ilmaan Israa'iil dubbisaa akkana jedha: {Yeroo isin "yaa Muusaa! nuti hanga Rabbiin ifatti arginutti siif hin amannu" jettanii odoo isin argitanuu duuti isin qabattes [yaadadhaa]. Ergasii du’a keessan booda isin kaafne akka isin (Rabbi) galateeffattaniif jecha} [Al-Baqaraa: 55-56]
Fakkeenya lammaffaa: Seenaa namicha ajjeefamaa Ilmaan Israa’iil keessatti wal falmaniiti, Rabbiin ol ta'e sa'aa qalanii, garii isaatiin isa rukututti isaan ajaje; Sababni isaas nama ajjeesee akka isaanif himuuf jecha. Kana ilaalchisee Rabbiin ol ta'e akkana jedha: {Yeroo lubbuu ajjeeftanii [waa’ee] ishee keessatti wal falmitan [yaadadhaa]. Rabbiin waan isin dhoksaa turtan ifa baasaadha. "Garii [qaama] isheetiin isa (reeffa isaa) dhawaa" jenne, akka kanatti Rabbiin du’aa jiraachisee mallattoolee Isaas isinitti agarsiisa Akka isin xiinxaltaniif jecha} [Al-Baqaraa: 72-73]
Fakkeenyi sadaffaa: Seenaa namoota kumaatamaan lakkaa'aman kan du'a jalaa baqachuuf manneen isaanii irraa bahaniiti, Rabbiin ol ta'e isaan ajjeese, ergasii isaan jiraachise. Sana keessatti Rabbiin ol ta'e akkana jedha: {Sila warra manneen isaanii irraa du’a sodaatanii kumaatama ta’anii ba’anii (qalbiin) hin ilaallee? Rabbiin “du’aa!” isaaniin jedhee, sana booda isaan jiraachise. Dhugumatti, Rabbiin namoota irratti abbaa tola (guddaa)ti. Garuu irra hedduun namaa hin galateeffatan} [Al-Baqaraa: 243].
Fakkeenyi afraffaa: Seenaa isa ganda duutuu tokko irra dhufee, Rabbiin ol ta'e (gandattii) deebisee jiraachisuun akka waan danda'amnetti ilaalee jennaan; Rabbiin ol ta'e isa ajjeesee, ergasii isa jiraachiseeti. Sana ilaalchisee Rabbiin ol ta'e akkana jedha: {Yookiin akka isaa ganda irra dhufee haala (manneen ishee) mataa ishee irratti kukkuftee jirtuun "akkamumatti Rabbiin du’a ishee booda ishee kana jiraachisa!" jedhee (gara isaa hin ilaallee?). Rabbiin isa ajjeesee waggaa dhibba (tursiise). ergasii isa kaasee "hangam turte?" jedheen. "Guyyaa tokko, yookiin garii guyyaan ture" jedhe. (Rabbiiniis) ni jedhe: "miti waggaa dhibba turte, Mee gara nyaataafi dhugaatii keetii ilaali; hin jijjiiramne, Gara harree keetiis ilaali! Namootaaf mallattoo si taasisuuf (kana goone). gara lafeelee ilaali Akkamitti akka isii walitti qabnuufi ergasii foon itti uffifnu ." Yeroma ifa isaaf ta’u "Rabbiin waan hunda irratti danda’aa ta’uu nan beeka" jedhe} [Al-Baqaraa: 259].
Fakkeenyi Shanaffaa: Seenaa Ibraahiim Jaalallee Rabbii, kan yeroo Rabbii ol ta'e akkamitti warra du'an akka jiraachisu isa agarsiisuu gaafateeti, Rabbiin ol ta'e allaattii afur qalee, muramuraalee isaanii gaarreen naannoo isaa jiran irratti facaasee, eegasii akka isaanitti lallabu isa ajaje; muramuraaleen sun walitti deebi’anii, daddaffiidhaan gara Ibraahiim dhufan. Waan kana ilaalchisee Rabbiin ol ta'e akkana jedha: {Yeroo Ibraahiim "Gooftaa kiyya! Akkamitti du’aa akka jiraachiftu natti agarsiisi" jedhe [yaadadhaa]. (Rabbiiniis) "Sila ati hin amannee?" jedhe. (Ibraahiimis): "Lakkii (amaneera), Garuu akka onneen kiyya tasgabbaa’uufi" jedhe. "Simbira irraa afur qabi, gara keetti fuudhii (isaan kukkuti), Sana booda muraa isaanirraa tahe gaara hunda irra kaayi, Ergasii isaan waami; daddafanii sitti dhufu.” Rabbiin injifataa, ogeessaa beeki jedhe}[Al-Baqaraa: 260].
Isheen tun fakkeenyota qabatamoo dhugaan raawwataman, kan warra du'an jiraachisuun akka danda'amu agarsiisaniidha. Hayyama Rabbii ol ta'eetiin warra du'an jiraachisuu fi qabrii isaanii irraa isaan baasuu keessatti gara mallattoolee Rabbiin Nabi Iisaa ilma Maryamiif kennetti akeekuun dhugumatti darbeera.
Ragaan sammuu immoo: karaa lamaani:
Tokkoffaa: Rabbiin ol ta'ejalqaba irraa Uumaa Samii, Dachii fi wantoota isaan lamaan keessa jiraniiti. Inni uuminsa jalqabaa irratti danda’aa ta’e isa deebisuu irraa hin dadhabu. Rabbiin ol ta'e akkana jedhe: {Inni (Rabbiin) Isa uumiinsa jalqabu; sana booda kan isa deebisuudha. Inni isa irratti akkaan laafaadha} [Arruum: 27]. Rabbiin ol ta'e ni jedhe: " {Akkuma uumama duraa jalqabnetti isa deebifna. (Kun) waadaa Nu irra jiruudha. Dhugumatti, Nuti raawwattoota taanee jirra} [Al-Anbiyaa'i: 104]. Erga lafeen bututtee ishee jiraachisuu nama mormeef deebii kennutti ajajee akkana jedhe: {Isa yeroo jalqabaa ishee uumetu jiraachisa” jedhi. Inni uumama hunda beekaadha} [Yaasiin: 79].
Inni lammaffaa: Dachiin duutuu gogduu ishee keessa mukni magariisni tokkolleen hin jirre taati; Roobni ishee irratti ni bu'a, sababaa sanaan lubbuu godhattee magariisa taatee sochooti, gosti biqiltuu mimmiidhagaan hundi ishee keessatti argama. Inni (Rabbiin) erga isheen duutee booda ishee jiraachisuu irratti danda'aa ta'e, du'ootas jiraachisuu irratti danda'aadha. Rabbiin ol ta'e akkana jedhe: {Mallattoolee Isaa irraayi Ati dachii gogduu taate arguun. yeroo Nuti ishee irratti bishaan (rooba) buufne ni sochooti, ni tullooftis. Dhugumatti, Inni ishee jiraachise, warra du’e jiraachisaadha. Inni waan hunda irratti danda’aadha} [Fussilat: 39]. Rabbiin ol ta'e ni jedhe: {Samii irraas bishaan barakaa qabu buufne. isaan ashaakiltiiwwaniifi firiiwwan haamamanis biqilchine. Hundee timiraa dhedheeroo, kan daraaraa dachaa (ni magarsine). Gabrootanniitiif soorata haala ta'een. Isaan (bishaan saniin) dachii duutuu jiraachifne. Bahuunis akkuma kana} [Qaaf: 9-11].
Guyyaa Aakhiraatti amanuutti ni qaqqaba: Waan erga du'aatii ta'u hundatti amanuun. Sun kan akka:
(A) Qormaata Qabriiti: Kunis nama du'e erga awwaalamee booda Gooftaa isaa, amantii isaa fi Nabiyyii isaa irraa gaafatuudha. Rabbiin warra amanan jecha dhaabbataadhaan (deebii sirrii irratti) isaan raggaasisa, Innis (mu'uminichi) ni jedha: "Gooftaan kiyya Allaahadha, amantiin kiyya Islaama, Nabiyyiin kiyyas Muhammad (Sallallaahu aleyhi wasallam). Rabbiin zaalimoota ni jallisa, Kanaaf kaafirri akkana jedha: "Haa, haa, hin beeku" Munaafiqni yookiin namni shakkii qabu ni jedha: "Hin beeku, namoota waan tokko jedhu dhaga'een, anis isa jedhe".
(B) Adabbii Qabrii fi Qananii isaati: Adabbiin kun warra zaalimoota kanneen akka munaafiqootaa fi kaafirootaatiif ta'a. Rabbiin ol ta'e akkas jedhe: {Odoo yeroo miidhaa hojjattoonni haguuggaa du’aa keessa ta’an argitee, kan malaykonni harkoowwan isaanii diriirsanii "lubbuu keessan baasaa; har'a isin waan Rabbi irratti dhugaan alaa jedhaa turtaniifi keeyyattoota Isaa irraa boonaa turtaniif, adabbii salphisaa galata galfamtu" (jedhanu argitee dubbii rifachiisaa argita ture} [Al-An'aam: 93].
Rabbiin ol ta'e waa'ee maatii Fir'oonaa keessatti akkana jedhe {Ibidda (jahannam) kan ganamaafi galgala ishee irra fidamantu (isaanitti bu'e). Guyyaa Qiyaamaan dhaabattu “maatii Fir’awni adabbii akkaan cimaa seensisaa} [Ghaafir: 46].
Sahiiha Muslim keessatti, Zeyd Ibnu Saabit irraa akka odeeffametti, Rabbiin isa irraa haa jaalatuu, Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedhan: «Odoo wal awwaalu dhiiftan jechuu sodaachuun argamuu baatee silaa adabbii qabrii kan ani dhaga'aa jiru kana akka Rabbiin isin dhageessisu nan kadha ture». Eegasii fuula isaanitiin (gara sahaabotaatti) as garagalanii akkana jedhan: «Adabbii Ibiddaa irraa Rabbiin maganfadhaa». Isaanis ni jedhan: Adabbii Ibiddaa irraa Rabbiin maganfanna. Ammas ni jedhan: «Adabbii qabrii irraa Rabbiin maganfadhaa». Isaanis ni jedhan: Adabbii qabrii irraa Rabbiin maganfanna. Ammas ni jedhan: «Qormaata irraa waan mul'atee fi kan dhokatee irraa Rabbiin maganfadhaa». Isaanis ni jedhan: Qormaata irraa waan mul'atee fi kan kan dhokate irraa Rabbiin maganfanna. Ammas ni jedhan: «Qormaata dajjaal irraa Rabbiin maganfadhaa». Isaanis ni jedhan: Qormaata dajjaal irraa Rabbiin maganfanna.
Qananiin Qabrii immoo: Inni mu'uminoota dhugoomaniifi. Rabbiin ol ta'e akkana jedhe: {Isaan “gabbaramaan keenya Allaahadha” jedhanii, ergasii achirratti gadi dhaabbatan, (yeroo isaan du’an) malaykonni isaan irratti bubu’aniiti, “hin sodaatinaa; hin gaddinaas; jannata waadaa isiniif galameen gammadaa. (isaaniin jedhan)} [Fussilat: 30].
Rabbiin ol ta'e ni jedhe: {sila Yeroo (lubbuun) kokkee geesse, (maaliif hin deebiftanuu)? Odoo yeroo san isin ilaaltanuu, Nuti isin caalaa gara isaatti dhihoo jirra garuu Isin hin argitan malee. Yoo (kaafamtanii) kan galata hin galfamne taatan (lubbuu san deebisaa). Yoo kan dhugaa dubbattan taatan maaliif hin deebiftanu? Yoo inni (namni du’e sun) namoota Rabbitti dhiyeeffaman irraa ta’e, (Isaaf) haara galfii, gammachuufi jannata qananiitu jira} [Al-Waaqi'ah: 83-89].
Baraa’i Ibnu Aazib irraa akka odeeffametti, Rabbiin isa irraa haa jaalatuu, Nabiyyiin (Sallallaahu aleyhi wasallam) waa'ee Mu’uiminaa yeroo inni qabrii isaa keessatti Malaa’ikoota lamaaniif deebii kennuu keessatti akkana jedhan: «Lallabaan tokko samii irraa ni lallaba: Gabrichi kiyya dhugaa dubbateera. Kanaafuu, Jannata irraa isaaf afaatii, Jannata irraa isa uffisaa, balbala gara Jannataattis isaaf banaa. ni jedhan (Nabiyyiin): Sana booda qilleensi isheetii fi urgaan ishee isatti dhufa. Qabriin isaas hanga ijji isaa fagaatee arguutti isaaf bal’ifama». Ahmadii fi Abuu Daawuud hadiisa dheeraa keessatti gabaasaniiru.
Dhugumatti, ummanni warra jallinaa irraa ta’an tokko jallatanii, adabbii qabrii fi qananii isaas mormaniiru, Sun waan waan qabatamaa faallessuuf jecha hin danda'amu jedhanii, ni jedhan: Dhugumatti, odoo nama du'e kan qabrii isaa keessa jiru irraa haguuggiin banamee akkuma duraan turetti argama, Qabriinis bal'inaan yookiin dhiphinaan hin jijjiiramne.
Jechi kun Shari'aadhaan, ragaa qabatamaatiin, akkasumas sammuudhaan soba:
Shari'aan immoo: Ragaaleen mirkanaa'uu adabbii fi qananii qabrii agarsiisan dhugumatti dhugumatti darbaniiru.
Sahiiha Bukhaarii keessatti, hadiisa Ibnu Abbaas keessatti akka gabaafametti, Rabbiin isaan lamaan irraa haa jaalatuu, akkana jedhe: «Nabiyyiin (Sallallaahu aleyhi wasallam) garii dallaa Madiinaa irraa ba'anii; sagalee namoota lamaa kan qabrii isaanii keessatti adabamaa jiran dhaga’an» Hadiisicha ni dubbate. Isa keessa akkana jechuutu jira: «Isaan lamaan keessaa tokko fincaan irraa of hin eeggatu ture» Gabaasa biraa keessatti: «fincaan isaa irraa» jedha. Inni kaan immoo lukkummaan namoota gidduu deema ture. Gabaasa Muslim keessatti: «Fincaan irraa qulqullina kan hin eegganne ture».
Ragaan qabatamaa immoo: Dhugumatti, namni rafu abjuu isaa keessatti iddoo bal’aa gammachiisaa keessatti ta'ee, isa keessatti qananii arga, yookiin immoo iddoo dhiphaa sodaachisaa keessatti ta'ee, isa keessatti laalaa arga, Tarii yeroo tokko tokko waan arge kana irraa ni dammaqa, sanuma waliin inni firaasha isaa irra, kutaa isaa keessatti akkuma duraan turetti argama. Hirribni obboleessa du'aati; Kanaafuu Rabbiin ol ta'e akkana jedhee isa waame: (isa) (Wafaah) du'a jechuudha. Rabbiin ol ta'e ni jedhe: {Rabbiin lubbuu yeroo du’a isheetti ni ajjeesa; ishee duuti hin ga’inis hirriiba ishee keessatti (ajjeesa). Ergasii ishee du’a itti murteesse ni qaba. Ishee biraa (kan du’a itti hin murteessin) hanga beellama beekamaatti gadi dhiisa} [Azzumar: 42].
Sammuun immoo: Namichi rafu hirriiba isaa keessatti abjuu waan lafa irra jiruun walsimu arga, yeroo tokko tokko Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- sifa isaanii irratti arga, Namni sifa isaanii irratti isaan arge immoo dhugumatti isaan argeera, sanuma waliin namichi rafu mana isaa keessa firaasha irra waan arge irraa fagaatee jira, Kun yoo haalota addunyaa keessatti kan danda'amu ta'e, sila haalota Aakhiraa keessatti hin danda'amuu ree?!
Waan jedhan keessatti akkana jechuu irratti hirkachuun isaanii immoo: Odoo nama du'e kan qabrii isaa keessa jiru irraa haguuggiin saaqamee ilaalamee, inni akkuma duraan turetti argama, qabriinis bal'inaanis ta'ee dhiphinaan hin jijjiiramne, Deebiin jecha kanaa kallattiiwwan hedduun ta'a, isaan keessaa:
Tokkoffaa: Waan Shari'aan fide ragaalee shakkii laafaa akkanaatiin faallessuun hin danda'amu. Osoo namni ragaalee shakkii mormu sun waan Shari'aan fide sirriitti xiinxalee silaa ragaaleen shakkii kunniin soba ta'uu ni hubata ture. Akkanas jedhameera:
Jecha sirrii ta'e kan komatu baay'eedha
Rakkoon isaas hubannaa akka malee irraayi.
Lammaffaa: Haalonni Barzakh (jireenya du'a boodaa) dhimmoota fagoo miiraan hin hubatamne irraayi. Odoo isaan miiraan kan hubataman ta'anii faayidaan waan fagotti amanuu ni bada ture, akkasumas warri waan fagotti amananii fi warri morman tokko ta'u ture.
Sadaffaa: Adabbii, Qananii, bal'ina Qabrii fi dhiphina isaa; nama biroo osoo hin taane namichuma du'e qofaatu beekuu danda'a. Kunis akkuma namni rafu abjuu isaa keessatti iddoo dhiphaa nama sodaachisu, yookiin iddoo bal'aa gammachiisaa keessa akka jiru arguuti, namni naannoo isaa jiru garuu san hin argu, beekus hin danda'u. Dhugumatti Nabiyyiin (Sallallaahu aleyhi wasallam) odoo Sahaabota isaanii gidduu jiruu Wahyiin itti bu'aa ture; Wahyicha ni dhaga'anis, Sahaabonni garuu hin dhaga'an. Yeroo tokko tokko immoo Malaa'ikaan nama fakkaatee isanitti dhufuun isaan dubbisa, Sahaabonni garuu Malaa'ikicha hin argan, isa hin dhaga'anis.
Arfaffaa: Hubannaan uumamtootaa waan Rabbiin ol ta'e akka hubatan isaan dandeessise qofaan daangeffamaadha; waan jiru hunda hubachuu hin danda'an. Dhugumatti, Samiileen torban, Dachii fi wanti isaan keessa jiru, akkasumas wanti hundi Rabbiin faarsaa dhugaan Isa qulqulleessu. Rabbiin ol ta'e sana yeroo tokko tokko nama barbaade dhageessisa, sanuma waliin inni nu irraa dhokfamaadha. kana keessatti Rabbiin ol ta'e akkana jedha: {Samiin torbaniifi Dachiin, wanni isaan keessa jiran hundi Isa faarsu. Wanti tokkos kan odoo faaruu Isaatiin Isa hin qulqulleessin hafu hin jiru. Garuu isin faaruu isaanii hin beektanu} [Al-Israa'i: 44]. Akkanuma Shayxaanonnii fi Jinnoonni lafa keessa olii gadi deemu. Dhugumatti, Jinnoonni gara Ergamaa Rabbiitti (Sallallaahu aleyhi wasallam) dhufanii qiraatii isaanii dhaggeeffatanii, callisaniiru, gara saba isaaniitti akeekkachiisoo ta'anii deebi'aniiru. Haa ta'u malee, isaan nurraa dhokatoodha. Waa'ee kana ilaalchisees Rabbiin ol ta'e ni jedha: {Yaa ilmaan Aadam! akka shayxaanni isin hin mokkorre, Akka abbaafi haadha keessan jannata irraa baasetti, uffata isaanii isaan irraa mulqee qaama saalaa isaanii isaanitti mul’isuuf jecha. Dhugumatti, inniifi gosti isaa iddoo isin isaan hin agarre irraa isin argu. Nuti isaan hin amanneef shayxaanota jaalallee goonee jirra} [Al-A'araaf: 27]. Yoo uumamtoonni waan jiru hunda hubachuu kan hin dandeenye ta'an; Dhimmoota fagoo (Ghaybii) kan ragaadhaan mirkanaa'an ofii isaanitii isa hubachullee baatan isaaniif isa mormuun hin hayyamamu.
*
Murtootti amanuu
Qadar (Daal fat-haadhaan dubbifama): Murtoo Rabbii ol ta'e kan uumamtootaaf ta'eedha, kunis akkuma beekumsi Isaa itti darbee fi ogummaan Isaa barbaachisetti ta'a.
Qadaratti amanuun dhimmoota afur of keessatti qabata:
Tokkoffaa: Rabbiin ol ta'e waan hundumaa akka waliigalaati fi bal'inatti, akkasumas akka durii duriiti fi bara baratti beekaa ta'uu Isaatti amanuudha. Kunis, waan gochoota Isaatiin walqabatu keessattis ta'ee, yookaan waan gochoota gabroota Isaatiin walqabatu ta'us tokkuma.
Lammaffaa: Rabbiin ol ta'e waan murteesse hunda Lawhal Mahfuuz keessatti kan barreesse ta'uu Isaatti amanuudha. Dhimmoota lamaan kana ilaalchisee Rabbiin ol ta'e akkana jedha: {Sila Rabbiin wantoota samiifi dachii keessa jiran hunda akka beeku hin beektuu? kun kitaaba (Lawhal Mahfuuz) keessa jira, kun Rabbi irratti laafaadha} [Al-Hajji: 70].
Sahiiha Muslim keessatti akka Abdallaah ilma Amrii ilma Aas irraa akka odeeffametti, Rabbiin isaan lamaan irraa haa jaalatu, akkana jedhe: Ani Ergamaa Rabbiitii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedhuun dhaga'e: «Rabbiin, samiifi dachii uumuu Isaatiin waggaa kuma shantama dura murtiiwwan uumamtootaa hunda barreesseera».
Sadaffaa: Uumamtoonni hundi fedhii Rabbii ol ta'eetiin malee akka hin hin taane amanuudha. Kunis, waan hojii Isaatiin walqabatu ta'ee, waan hojii uumamtootatiin walqabatus ta'u tokkuma. Waan hojii Isaatiin walqabatu ilaalchisee, Rabbiin ol ta'e akkana jedhe: {Rabbiin kee waan fedhe ni uuma, waan fedhes ni filata} [Al-Qasas: 68] Ammas ni jedhe: {Rabbiinis waan fedhe ni hojjeta} [Ibraahim: 27] Ammas ni jedhe: {Inni Isa gadaamessaa keessatti akka fedhetti isin bocuudha} [Aali Imraan: 6]. Rabbiin ol ta'e hojii uumamtootaa ilaalchisee akkana jedhe: {Rabbiin odoo fedhee isaan isin irratti ol taasisee, isiniin lolu turan} [Annisaa'i: 90]. {Gooftaan kee odoo fedhee silaa san hin raawwatanu ture. Isaaniifi kijiba isaan uumanis dhiisi} [Al-An'aam: 112].
Arfaffaa: Uumamtoonni hundi zaata isaanii, amaloota isaanii fi sochiilee isaaniitiin wajjiin uumamtoota Rabbii ol ta'ee akka ta'an amanuudha. Rabbiin ol ta'e ni jedhe: {Rabbiin uumaa waan hundaati. Inni waan hunda irrattis tiksaadha} [Azzumar: 62]. Rabbiin ol ta'e ni jedhe: {waan hundaa uumee (akka isaaniin maluun) likkeessuu likkeesse} [Al-Furqaan: 2] Nabiyyiin Isaa Ibraahiim -nageenyi isarratti haa jiraatu- ummata isaatin akka akkana jedhe irraa hime: {Rabbiin isiniifi waan isin hojjettanis uume} [Assaaffaat: 96].
Akka ibsine kanatti Qadaratti amanuun gabrichi gochoota isaa kan filannoo ta'an irratti fedhii fi dandeettii qabaachuu isaa hin faallessu; Sababni isaas, Shari'aanii fi qabatamni irra jiru kana isaaf ni mirkaneessu waan ta'aniif jecha.
Shari'aan immoo: Rabbiin ol ta'e waa'ee Fedhii isaa (gabrichaa) ilaalchisee akkana jedhe: {Namni fedhe [hojii gaarii hojjachuun] gara Gooftaa isaatti deebii tolfata} [Annabaa'i: 39] Ammas ni jedhe: {Oyruu keessan akkaataa feetaniin itti dhaqaa} [Al-Baqaraa: 223] Dandeettii keessatti akkana jedhe: {Hanga dandeessan Rabbiin sodaadhaa; dhagayaa; (Isaafis) ajajamaa} [Attaghaabun: 16] ni jedhe: {Rabbiin lubbuu tokkos dandeettii isheetiin malee hin dirqisiisu. (Toltuu irraa) wanti isheen carraaqqate isheedhumaafi; (hamtuu irraa) wanti isheen carraaqqattes ishee irratti (ta’a)} [Al-Baqaraa: 286].
Ragaan lafa irra jiru immoo: Namni hundi fedhii fi dandeettii mataa isaa akka qabu ni beeka, isaan lamaaniin hojjataa jira, isaan lamaanin dhiisaas jira, akkasumas waan fedhii isaatin ta'e kan akka deemuu fi waan fedhii isaatin alatti ta'e kan akka hollannaa adda baasee ni beeka. Haa ta'u malee, fedhiinii fi dandeettiin gabrichaa fedhii fi dandeettii Rabbii ol ta'eetiin ta'an; Jecha Rabbii ol ta'eetif jecha: {Nama isin irraa qajeeluma fedheef (gorsa ta'a). Yoo Rabbiin aalama hundaa fedhe malee isin homaa hin feetanu} [Attakwiir: 28-29] Akkasumas uumamni hundinuu kan Rabbii ol ta'ee waan ta'eef jecha; Kanaafuu mootummaa Isaa keessatti wanti tokkollee beekumsa Isaa fi fedhii Isaatin alatti hin ta'u.
Akka ibsinetti Qadaratti amanuun gabrichaaf wantoota dirqama ta’an kan inni dhiiseef, yookiin diliiwwan inni raawwateef ragaa hin ta'u, kana bu'uureeffachuun raga isa taasifachuun karaa hedduun soba:
Inni duraa: jecha Rabbii ol ta'eeti: {Isaannan qindeessan fuulduratti ni jedhu "odoo Rabbiin fedhee, silaa nutis ta’ee abbootiin keenya hin qindeessinu turre, Wanta tokkos haraama hin taasifnu turre. Akkasuma warri isaan dura turan hanga adabbii keenya dhandhamanitti kijibsiisan. jedhi "Sila beekumsa irraa inni isin nuuf baasuu (fiduu) dandeessan isin bira ni jiraa? Shakkii malee homaa hordofaa hin jirtanu, Isin kijiboo malee hin taane"} [Al-An'aam: 148] Osoo Qadariin isaaniif ragaa ta'ee, Rabbiin adabbii Isaa isaan hin dhandhamsiisu ture.
Lammaffaa: jecha Rabbii ol ta'eeti: {Gammachiisoofi dinniinoo taasifnee ergamtoota (ergine), Akka Ergamtoota booda Rabbi irratti namaaf ragaan hin argamneef jecha. Rabbiin injifataa, ogeesse ta'ee jira} [Annisaa'i: 165] Odoo Qadarri warra ajaja didaniif ragaa kan ta'u ta'ee silaa ergamtoonni ergamuun hin badu ture; Sababni isaas diddaan erga Ergamtoonni ergamanii booda raawwatamu murtoo Rabbii ol ta'eetiin ta'a waan ta'eef jecha.
Sadaffaa : Waan Bukhaariifi Muslim gabaasani – jechi kan Bukhaariiti – Aliyyi ibni Abii Xaalib irraa akka odeeffametti, Rabbiin isarraa haa jaalatu, Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedhan: «Isin keessaa namni tokkolleen hin jiru, iddoon teessuma isaa Ibidda irraa yookiin Jannata irraa ta'uun dursee kan barreeffame ta'u malee». Namtichi tokko ummata keessaa ka’ee akkana jedhe: Yaa Ergamaa Rabbii, sila waan barreeffame kanatti hirkannee hojii dhiisnuu? Isaanis ni jedhan: «Lakki! Hojjedhaa! Hundumtuu waan uumameef laaffifamaadha». Sana booda aayata kana qara'an: {Ammoo Namni kennatee Rabbiin sodaate} [Allayl: 5] Akka gabaasa Muslimitti: «Hundinuu waan uumameef laaffifamaadha» Kanaafuu, Nabiyyiin -Rabbin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hojiitti ajajanii, qadararratti hirkachuu irraa dhoorgan.
Afraffaa: Rabbiin ol ta'e gabricha ajaje, isaas dhoorgeera, garuu waan inni danda'u malee isa hin dirqisiisne. Rabbiin ol ta'e akkana jedhe: {Hanga dandeessan Rabbiin sodaadhaa; dhagayaa; (Isaafis) ajajamaa} [Attaghaabun: 16] ni jedhe: {Rabbiin lubbuu tokkos hamma dandeettii ishee malee hin dirqisiisu} [Al-Baqaraa: 286] Osoo gabrichi gocha tokko raawwachuuf dirqisiifamaa ta'ee silaa waan jalaa gahuu hin dandeenyetti dirqisiifamaa ta'a ture, kun immoo soba; Kanaaf jecha yoo diliin tokko wallaalumaan, yookiin dagannaan, yookiin dirqisiifamuun isa irraa argame diliin isa irra hin jiru; Sababni isaas inni sababaa quubsaa qaba waan ta'eef jcha.
Shanaffaa: Qadarri Rabbii ol ta'ee iccitii dhokataadha; wanti murteeffame sun erga raawwatamee booda malee hin beekamu. Fedhiin gabrichaa kan waan tokko hojjechuuf qabu immoo, gocha isaa dura darbaadha; Kanaafuu, fedhiin isaa kan gocha sana raawwachuuf qabu beekumsa inni waa'ee Qadara Rabbii inni beekuu irratti kan hundaa'ee miti. Yeroo sanatti qadara ragaa taasifachuun isaa ni bada; Namichaaf waan isa hin beekne keessatti ragaan waan hin jirreef jecha.
Jahaffaa: Nuti akka arginutti, namni dhimmoota addunyaa isaa keessatti waan isaaf toluuf ni carraaqa, hanga argatutti, sana irraa gara waan isa waliin hin deemnetti dabee, eegasii qadara ragaa hin taasifatu; Yoos, maaliif dhimma amantii isaa keessatti waan isa fayyadu dhiisee gara waan isa miidhutti dabee, sana booda qadara ragaa taasifata? Sila dhimmi lamaanuu tokkoo mitii?!
Mee fakkeenya tokko kan sana ibsu haa ilaallu:
Mee osoo nama tokko fuuldura karaan lama jiraatee haa jennu: Tokkoon isaanii gara biyya hundi isaatuu sirna hin qabnetti isa geessa: Ajjeechaa, saamicha, kabajaa sarbuu, sodaa fi beelli isa keessatti babal'ata beela. Inni lammaffaan immoo: gara biyya hindi isaatuu sirna qabu, kan nageenyi isa keessatti tasgabbaa'aa, kan jireenyi qananii fi kan lubbuu, naamusaalee fi qabeenyi isa keessatti kabajamutti isa geessa, Sila inni karaa lamaan keessaa isa kam filata?
Inni karaa lammaffaa kan gara biyya sirnaa fi nageenyaatti isa geessu filachuu taa'a, Nama sammuu qabu kamiifuu gonkumaa karaa gara biyya jeequmsaa fi sodaatti geessu filatee, eegasii qadara ragaa taasifachuun hin danda'amu, Yoos, maaliif dhimma Aakiraa keessatti karaa Jannataa dhiisee karaa Ibiddaa filatee, qadara ragaa taasifata?
Fakkeenya biraa: Dhukkubsataa tokko kan qoricha fudhachuuttu ajajamee, osoo hin jaallatin isa dhugu, akkasumas nyaata isa miidhu irraa dhoorgamee, kan osoo lubbuun isaa feetu isa dhiisu agarra, sun hundinuu fayyaa fi nagaa barbaaduuf jecha, qoricha dhuguu irraa didee, yookiin nyaata isa miidhu nyaatee, eegasii qadara ragaa godhachuu, hin danda’u, Yoos, maaliif namni waan Rabbii fi Ergamaan Isaa itti ajajan dhiisee, yookiin waan isaan irraa dhoorgan hojjetee, eegasii qadara ragaa godhata?
Torbaffaa: Namni waan dirqama ta'e dhiisee, yookiin dilii hojjetee ergasii Qadara ragaa godhatu sun, odoo namni biraa isarratti daangaa darbee qabeenya isaa fudhatee, yookiin kabajaa isaa sarbee, eegasii Qadara ragaa taasifachuun, akkana jedhee: "Ana hin ceepha'in, daangaa darbuun kiyya murtoo Rabbiitiin ta'ee" — ragaa isaa kana hin fudhatu ture, Yoos, akkamitti isa irratti daangaa darbuu keessatti Qadara ragaa taasifachuu didee, haqa Rabbii ol ta'ee irratti daangaa darbuu isaa keessatti ofii isaatii qadara ragaa taasifata?!
Akkana jechuutu dubbatama: Amiirri Mu'umintootaa Umar ibni Khaxxaab, Rabbiin isarraa haa jaalatu, dhimmi hattuu harki isaa muramuu qabuu tokko isa bira ga'ee jennaan, harki isaa akka muramu ajaje. Hattuun sunis ni jedhe: "Yaa Amiira Mu'umintootaa, xiqqo naaf turaa! Dhugumatti, ani kanin hate murtoo Rabbiitiini" Umaris akkana jedheen: "Nutiis murtoo Rabbiitiin harka kee murra.
Qadaratti amanuun faayidaawwan gurguddoo qaba. Isaan keessaa:
Tokkoffaa: Yeroo sababootta raawwatanitti, sababicha irratti hirkachuu osoo hin taane, Rabbii ol ta'e irratti hirkachuudha; Sababni isaas wanti hundinuu murtoo Rabbii ol ta'eetiin waan ta'uuf jecha.
Lammaffaa: Namni tokko yeroo waan barbaade argate keessatti of dinqisifachuu dhabuudha; Sababni isaas argamuun isaa qananii Rabbii ol ta'e irraa ta'e waan ta'eef jecha, kan argames sababoota khayrii fi milkaa'inaa Rabbiin murteesseeni, namichi of dinqisiifachuun immoo qananii kana galateeffachuu isa dagachiisa.
Sadaffaa: Wanta murtoo Rabbii ol ta'e irraa isa mudatuun tasgabbii fi boqonnaa lubbuu argachuudha; Kanaafuu, waan jaallatu dhabuun, yookiin wanti inni jibbu itti argamuun hin yaaddawu; Sababni isaas, kun murtoo Rabbii, Isa mootummaan samii fi dachii Isaa ta’eetiin waan ta'eef jecha, innis raawwatamaadha hafiinsa hin qabu. Kana ilaalchisee Rabbiin ol ta'e akkana jedha: {Rakkoo irraa wanti dachiifi lubbuu keessan keessatti isin tuqe kamillee, odoo ishee hin uumin dura kitaaba keessatti (galmeessinu) malee hin hafu. kun Rabbi irratti laafaadha. Akka waan isin jalaa dabre irratti hin yaaddofneefi, waan (Rabbiin) isiniif kennettis (garmalee) hin gammadneefi (kana godhe). Rabbiin nama boonaa, dhaaddataa hunda hin jaallatu} [Al-Hadiid: 22-23] Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedhan: «Dhimmi mu’uminaa ajaa’iba! Dhugumatti, dhimmi isaa hundi isumaaf khayrii ta'a. Kunis mu’uminaaf malee eenyuufiyyuu hin argamu. Yoo toltuun isa tuqe ni galateeffata, sunis isaaf khayrii ta’a. Yoo rakkoon isa mudate immoo ni obsa, sunis isaaf khayrii ta’a».
Dhimma Qadaraa keessatti gareewwan lama dhugumatti jallataniiru:
Tokkoon isaanii: Al-jabariyyaa jedhamani, isaanis warra akkana jedhaniidha: Dhugumatti, gabrichi hojii isaa irratti dirqisiifamaadha, hojii sana keessatti fedhiis ta’ee dandeettii homaatuu hin qabu.
Lammaffaan: Al-qadariyyaa jedhamani, isaanis warra akkana jedhaniidha: Gabrichi fedhii fi dandeettii keessatti hojii isaatiin of danda'aadha, fedhii fi dandeettii Rabbii ol ta'eetif sana keessatti dhiibbaan wahiituu hin jiru.
Shar'i'aa fi ragaa lafa irra jiruun garee jalqabaa (Al-jabariyyaa) irratti deebiin godhama:.
Shar'i'aan immoo: Dhugumatti, Rabbiin ol ta'e gabrichaaf fedhii fi jaalala mirkaneesseera, hojiis gara isaatti hirkiseera. Rabbiin ol ta'e akkana jedhe: {Isin irraa nama addunyaa fedhutu jira, isin irraas nama Aakiraa fedhuutu jira} [Aali Imraan: 152], Rabbiin ol ta'e ni jedhe: {Jedhi: “Dhugaan Gooftaa keessan irraayi, Namni fedhe haa amanu; namni fedhes haa kafaru, Dhugumatti, Nuti miidhaa hojjattootaaf ibidda dallaan ishee isaanitti marse qopheessinee jirra…} [Al-Kahf: 29], Rabbiin ol ta'e ni jedhe: {Namni dalagaa gaarii hojjete, lubbuu isaatiifi. Namni hamtuu hojjete immoo, ishuma irratti. Gooftaan kee gabroota miidhaa miti} [Fussilat: 46].
Ragaan lafa irra jiru immoo: Ilmi namaa hundinuu gochaawwan isaa filannoo kan fedhii isaatiin raawwatu: kan akka nyaachuu, dhuguu, gurguruu fi bitachuu fi waan fedhii isaa malee isa irra gahu: kan akka dhukkuba hoo'aatiin hollachuu fi bantii manaa irraa kufuu garaagarummaa gidduu isaanii jiru ni beeka. Inni isa jalqabaa keessatti dirqisiifamuu tokko malee, fedhii isaatiin raawwataa filataadha, lammaffaa keessatti immoo inni filataa miti, waan irra ga'e sanas fedhaa miti.
Garee lammaffaa (warra Qadaraa) irratti deebisuun Shar'i'aa fi sammuun ta'a:
Shar'i'aan immoo: Rabbiin ol ta'e uumaa waan hundumaati, wanti hundinuu fedhii Isaatiin ta'aadha. Rabbiin ol ta'e Kitaaba Isaa keessatti dalagaaleen gabrootaa fedhii Isaatiin akka raawwataman dhugumatti ibseera, akkana jedhe: {Odoo Rabbiin fedhee, warri booda isaanii erga ragaawwan ifa taate isaanitti dhuftee booda wal hin lolan turan. Garuu isaan wal dhabani. Isaan irraa namni amane ni jira; isaan irraas kan kafare ni jira. Odoo Rabbiin fedhee, wal hin lolan. Garuu Rabbiin waan fedhe hojjata} [Al-Baqarah: 253] Rabbiin ol ta'e ni jedhe: {Odoo feenee lubbuu hundaa qajeeluma ishee isheedhaaf kennina turre. Garuu jechi narraa tahe haqa tahee jira. jinnootaafi namoota walitti qabaman irraa jahannam nan guuta} [Assajdaa: 13]
Sammuun immoo: Uumamni hundinuu qabeenya Rabbii ol ta'eeti, Namnis uumama kana keessaa waan ta'eef, innis qabeenya Rabbii ol ta'eeti. Wanti qabeenya ta'e tokko immoo qabeenya abbaa keessatti hayyamaa fi fedhii isaatiin maletti akka barbaade gochuu hin danda'u.
*
Kaayyoowwan Aqiidaa Islaamaa
Kaayyoon (akka hiikkaa afaanitti): Hiikkaawwan hedduu irratti dubbifama, isaan keessaa: (Galma darbatamuuf dhaabamuu fi waan barbaadamu hunda).
Kaayyoowwan Aqiidaa islaamaa: Kaayyoolee fi galmoolee ishee ol aantuu, ishee cimsanii qabachuu irraa argamaniidha, isheenis baay'ee gosa adda addaa qabduudha, Isaan keessaa:
Tokkoffaa: Niyyaa fi ibaadaa Rabbii ol ta'e qofaaf qulqulleessuudha; Sababni isaas Inni Uumaa hiriyaa hin qabne waan ta'eef jecha, Kanaafuu, kaayyoo fi ibaadaanis Isa qofaaf ta'uun dirqama ta'e.
Lammaffaa: Sammuu fi yaada, burjaajjii jeequmsaa kan sababa onneen amantii tana irraa duwwaa ta'uun dhufu jalaa bilisa baasuudha; Sababni isaas namni onneen isaa aqiidaa tana irraa duwwaa ta'e: Yookiin onneen isaa aqiidaa hunda irraa duwwaa ta'ee, wantoota qabatamoo qofa kan gabbaru ta'a. Yookiin immoo jallina aqiidaawwanii fi wantoota bakka hin qabne keessatti kan burjaaja'e ta'a.
Sadaffaa: Boqannaa lubbuu fi yaadaa argachuudha, dhiphinni lubbuuti fi hollachuun yaadaa hin jiru; Sababni isaas Aqiidaan tun Mu'umina Uumaa isaatti waan hiituuf jecha; Kanaafuu, Gooftaa waa hunda too'atuu fi mootii seera baasu ta'uu Isaa ni jaallata; Qalbiin isaa murtoo Isaatti tasgabbii argata, qomti isaa immoo islaamummaaf bal'ata; Kanaafuu isa malee waan biroo hin barbaadu.
Afraffaa: Niyyaa fi dalagaan gabbartii Rabbii ol ta'ee, yookiin hariiroo uumamtoota waliin qabu keessatti jallachuu irraa nagaa ta'uudha; Sababni isaas: Bu'uuraalee aqiidaa kanaa keessaa tokko Ergamtootatti amanuu waan ta'eef jecha. Kun immoo karaa isaanii kan niyyaa fi dalagaa keessatti nagaa ta'e hordofuu of keessatti hammata.
Shanaffaa: Dhimmoota keessatti jabaachuu fi cimina qabaachuudha, bakka carraa hojii gaarii tokko fayyadamu malee hin dabarsinetti; Mindaa kajeeluuf jecha, bakka cubbuun jiru yoo arge irraa fagaata; Adabbii sodaaf jecha; Sababni isaas Bu'uuraalee aqiidaa kanaa keessaa tokko erga du'anii kaafamuu fi hojiilee irratti mindeeffamuun akka jiru amanuudha.
Rabbiin ol ta'e ni jedhe: {Hundaafuu waan hojjattan irraa sadarkaaleetu jira. Gooftaan kee waan isaan dalagan irraa dagataa miti} [Al-an'aam: 132] Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jechuudhaan dhugumatti kaayyoo kana irratti kakaasaniiru: «Mu'uminni cimaatu Rabbiin biratti mu'umina laafaa irra caala, irra jaallatamaasi, haa jennuu malee hunduma keessa kheyriin ni jira, waan si fayyadu irratti bololi, Rabbiin gargaarsifadhu malee hin dadhabin, wanti ati hin jaallanne wahii yoo si mudate, osoon akkasii fi akkas godhee silaa akkasii fi akkas ta’a ture hin jedhin, Garuu akkas jedhi: Rabbiin waan fedhe dabarse, wahuma fedhe hojjate, sababni isaas (osoon) hojii sheyxaanaa waan namatti bantuuf jecha». Muslimtu gabaase.
Jahaffaa: Hawaasa cimaa amantii isaa gadi dhaabuu fi utubaawwan isaa cimsuuf jecha waan karaa kana keessatti isa mudatuuf homaa bakka kan hin kennine waan qaalii fi rakasa aarsaa godhu ijaaruudha. Kana keessatti Rabbiin ol ta'e akkana jedha: {Mu’uminoonni isaan Rabbiifi ergamaa Isaatti amananii, ergasii hin shakkini, qabeenyaalee isaanitiifi lubbuulee isaaniitiin karaa Rabbii keessatti qabsaa’aniidha. Isaan isaanumatu warra dhugaati} [Alhujuraat: 15].
Torbaffaa: Jireenya namoota dhuunfaa fi hawaasaa tolchuudhaan gammachuu addunyaa fi Aakhiraa argachuudha, akkasumas mindaa fi kabajaa gonfachuudha. Waa’ee kanaa ilaalchisee Rabbiin ol ta'an akkana jedha: {Dhiiras ta’ee dubartii irraa nama mu’umina ta’ee dalagaa gaarii hojjate, dhugumatti jireenya gaarii isa jiraachifna; mindaa isaaniis irra gaarii waan isaan dalagaa turaniitiin isaan mindeessina} [Annahl: 97].
Kun garii kaayyoolee Aqiidaa Islaamaati. Rabbiin ol ta'e kaayyoolee kanneen nuu fi Muslimoota hundaaf akka mirkaneessu ni abdanna. Dhugumatti, Inni Arjaa kennaadha. Faaruun hundi kan Gooftaa aalama hundaati.
Rabbiin Nabiyyii keenya Muhammad irratti rahmataa fi nageenya haa buusu, akkasumas maatii fi sahaabota isaanii hunduma irrattis haa buusu.
Barreessaa isaatiin xumurameera
Muhammad Saalih Al-Useeymiin
Related books
All books
Gabaabfamaa bu'a qabeessa Muslima haaraaf32 languagesGabaabfamaa bu'a qabeessa Muslima haaraaf
Qopheessaan Muhammad A-shihrii 2020 - 1441 Maqaa Rabbii rahmata godhaa mararfataa taheetiin. Duree
Bu'uurawwan Sadanii fii ragaalee isaanii73 languagesBu'uurawwan Sadanii fii ragaalee isaanii
Kitaabichi hundeelee bu'uuraa kan isaan barachuun nama muslimaa irratti dirqama ta'u irraa dubbata: Rabbiin beekuu, amantii Islaamaa beekuu fi Nabiyyii Muhammad -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- beekuu, Akkasumas ragaalee Qur’aanaa fi Hadiisaa irratti hundaa'uun, iimaanaafi dalagaa gaarii gadi dhaabuu keessatti barbaachisummaa hundeelee kanneenii irratti xiyyeeffata.
Islaamni amantii Ergamtoota Rabbiiti.85 languagesIslaamni amantii Ergamtoota Rabbiiti.
Islaamummaa jechuun Rabbii uumama uumeefi isa bulchuuf ajajamuudha, akkasumas jaalalaafii kabajaan Isa tole jechuudha. Bu'urri islaamaa Rabbitti amanuu fi Inni uumaa akka ta'ee fi wanni biroo uumama akka ta'e amanuudha, akkasumas Inni kophaa Isaa osoo hiriyaa hin qabaanne gabbartii akka haqa godhatuu fi Isa malee dhugaan gabbaramaan akka hin jirre amanuudha, Isaaf maqaalee gaggaariifii sifaata olaantuu taatetu jira, Isaaf guutamiinsa daangaa hin qabne kan hir'inni itti hin dhaqqabneetu jira. Inni hin dhalle hin dhalannes, wanni tokkolleen fakkaataa Isaaf hin taane, Inni waa tokko kan uumama…
الدروس المهمة لعامة الأمة78 languagesالدروس المهمة لعامة الأمة
يهدف الكتاب إلى تعليم المسلمين أساسيات دينهم بطريقة مبسطة وشاملة. يتناول مجموعة من الدروس المهمة مثل قراءة الفاتحة وقصار السور، وأركان الإسلام والإيمان، وأقسام التوحيد والشرك، وشروط وأركان وواجبات الصلاة، بالإضافة إلى مبطلاتها، مع بيان مختصر لشروط الوضوء وفروضه ونواقضه. كما يسلط الضوء على التحلي بالأخلاق الإسلامية والآداب الشرعية، ويقدم إرشادات لطيفة حول تجهيز الميت والصلاة عليه ودفنه.