رسالتان موجزتان في الزكاة والصيام
Ergaa gaggabaabaa lama zakaa fi sooma ilaalchisee
Ergaa gaggabaabaa lama zakaa fi sooma ilaalchisee
Kabajamoo Sheykh
Abdul Aziiz bin Abdullaah bin Baaz
Rabbiin rahmata isaaniif haa godhu.
Ergaa Tokkoffaa
Waa'ee Zakaa ilaalchisee qorannoo barbaachisoo
Maqaa Rabbii Akkaan Mararfataa Akkaan Rahmata Godhaa Ta’eetiin.
Faaruun kan Rabbii tokkichaati; rahmannii fi nageenyi Nabiyyii xumuraa irra haa jiraatu; akkasumas maatii fi sahaabota isaanii irras haa jiraatu, itti aansuudhaan:
Dhugumatti, wanti jechoota kana barreessuutti na kakaase dirqama zakaa kan namoonni hedduun Muslimoota irraa ta'an bakka kennuufii didanii, akka barbaachisutti ishee baasuu dhiisan ilaalchisee gorsuu fi yaadachiisuudha. Dhimmi ishee guddaa ta'uu fi rukniiwwan Islaamaa shanan ijaarsi isaa isheedhaan maleetti kan gadi hin dhaabbanne keessaa tokko ta'uu ishee waliin isii laaffisan. Nabiyyiin immoo (saw) akkana jedhan: «Islaamummaan wantoota shan irratti ijaarame: Rabbiin malee haqaan gabbaramaan biraa akka hin jirree fi Muhammad Ergamaa Rabbii ta’uu ragaa bahuu, salaata sirnaan salaatuu, zakaa kennuu, Ramadaana soomuu fi Mana Rabbii hajja'uudha.»[1] Sa isaa irratti walii galameera. [1] Bukhaariin lakkoofsa (8) irratti, Muslim immoo lakkoofsa (16) irratti gabaasan.
Zakaan Muslimoota irratti dirqama ta'uun bareedina Islaamaa kan baay'ee mul’atuu fi kunuunsa inni dhimmoota warra isa hordofaniif qabu irraayyi; kunis faayidaan isii baay’achuu fi hiyyeesonni Muslimootaa haajaa cimaa isheetti qabaachuudhaa irraa ka'eeti.
Faayidaalee ishee keessaa: dureessaafi hiyyeessa gidduutti hidhaa jaalalaa jabeessuudha; Sababni isaas lubbuun nama isheetti tola oole jaalachuu irratti waan uumamteef.
Isaan keessaa: Lubbuu ofii qulqulleessuu fi fooyyessuu, amala gadadoo fi don'ummaa irraa isheedhaan fagaachuudha. Qur'aanni kabajamaan jecha Rabbii ol ta'ee keessatti dhimma kanatti akeekee jira: ﴾Qabeenya isaanii irraa sadaqaa isheedhaan isaan qulqulleessituufi isaaniif dabaltuun fuudhi.﴿ [At-tawbaa: 103].
Akkasumas amala arjummaa, gaarummaa, nama rakkateef garaa laafuu Muslima aadeffachiiftola ooltummaa, akkasumas nama rakkateef mararfachuu amaleeffachiisuu.
Ammas isaan keessaa: barakaa, dabalataa fi bakka bu'iinsa Rabbi irraa argamsiisuudha. Rabbiin ol ta'e akkanajedhe: ﴾…wanta kamirraayyuu waan isin kennattan Inni bakka isa buusa. Inni irra caalaa warra soorata kennaniiti﴿ [As-Saba'i: 39] Akkasumas Hadiisa sahiiha keessatti Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isa irratti haa buusu- akkana jedhan: Rabbiin ni jedha: «Yaa ilma Aadam! Arjoomi anis siifan kennaa...»[2]، Faayidaalee baay'ee kanaan ala jiranis ni dabalata. [2] Muslim lakkoofsa (993) irratti isa gabaase.
Dhugumatti nama isii doynoome yookiin baasuu isii keessatti hir’ise irratti akeekkachiisni cimaan dhufeera, Rabbiin ol ta’e ni jedhe: ﴾...Warra warqee fi meetii kuusatan, kan karaa Rabbii keessatti ishee hin sadaqanne adabbii laalessaadhaan isaan gammachiisi 34 Guyyaa ibidda jahannam keessatti ishee irratti ho’ifamu, kan addoowwan isaanii, cinaachowwan isaaniitiifi dugdoowwan isaanii isheen gubamu keessatti, “Kun waan isin lubbuulee keessaniif kuufattani; waan kuusaa turtan dhandhamaa (isaanin jedhamu keessatti) 35﴿ [At-Tawbaa: 34 - 35], Qabeenyi zakaan isaa hin kaffalamne hundi kanzii abbaan isaa guyyaa qiyaamaa ittiin adabamuudha. Hadiisni sahiihni Nabiyyii irraa (SAW) gabaafame kana agarsiisa: «Abbaan warqee fi meetii warri waan irraa kaffaluun dirqama ta'e hin kaffalle guyyaa Qiyaamaa gabateen ibiddaa isaaf diriirfamu malee hin hafu; ibidda Jahannam keessatti ishee irratti ho'ifama, cinaachi isaa, addi isaa fi dugdi isaa isheedhaan gubama, dhawaatuma qabbanaa'uun deebi'ee isaaf oo'ifama, guyyaa tilmaamni isaa waggaa kuma shantamatti lakkaa'amu keessatti, hanga jidduu gabrootatti murtiin godhamee, karaa isaa gara Jannataa ykn gara ibiddaa ta'uu argutti»[3]. [3] Muslimtu lakkoofsa (987) irratti gabaase.
Ergasii Nabiyyiin -(saw)- abbaa gaalaa, horii fi re'ee kan zakaa isaanii hin baafne dubbatan, guyyaa qiyaamaa isheedhumaan akka adabamus himaniiru.
Karaa sirrii ta'een Ergamaa Rabbii irraa akka odeeffametti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedhan: «Namni Rabbiin qabeenya isaaf kenne, kan zakaa isaa hin kaffalle, Guyyaa Qiyaamaa bofa mataa dhubbaa (moluu) kan ija isaa gubbaatti tuqaan gurraachi lama qabutti isaaf fakkeeffama. Morma isaatti maramee, sana booda maddii isaa lamaan qabee "Ani qabeenya keeti, ani kuusaa keeti"jedhaan. Ergasii Nabiyyiin ﷺ jecha Rabbii ol ta'ee kana qara’an: ﴾Warri waan Rabbiin tola Isaa irraa isaaniif kenneen don'ooman inni isaaniif gaarii ta'uu hin yaadin. Dhugumatti inni isaaniif hamaadha. Fuulduratti wanti isaan ittiin don’ooman Guyyaa Qiyaamaa isaanitti fannifama.ۗ...﴿ [Aali Imraan: 180] [4]. [4] Bukhaariitu lakkoofsa (1338) irratti gabaase.
Zakaan gosoota afur keessatti dirqama taati: midhaan callaa fi firiiwwan irraa waan dachii irraa bahu, beellladoota irraa sihee deemtee marga dheeddu, warqee, meetii fi meeshaalee daldalaati.
Gosoonni afran kun hundi tokko tokkoon hamma zakaan itti dirqama ta'u qabu. Zakaan waan sanaa gadii irratti dirqama hin taatu. Midhaani fi firiiwwan irraa hangi zakaan itti dirqama ta'u: Wasqii shani, wasqiin tokko: Saa'ii Nabiyyiitiin -(saw)- saa'ii jahaatama, Timira, Zabiiba, Qamadii, Ruuzii, Garbuufi kan kana fakkaatan irraa saa'ii Nabiyyiitiin -(saw)- saa'ii dhibba sadiidha, saa'iin harka lamaan nama dhiiraa kan uumamaan giddu galeessa ta'eetiin hammaarrii afuri, yoo harki isaa lamaan guutuu ta'an.
Yoo timiraa fi midhaan baasii malee, waan akka roobaa, laggeen, burqituuwwan yaa’anii fi wantoota kana fakkaataniin kan obaafaman ta'an dirqamni isa keessa jiru harka kudhan keessaa harka tokko ta'a.
Yoo kan baasiin obaafaman ta'an immoo: waan akka lubbu qabeeyyii bishaan baadhataniin, maashinoota bishaan ol kaasanii fi waan kana fakkaataniin ta'e, wanti isii keessatti dirqama ta'u wolakkaa harka kudhaniiti; hadiisni waa'ee kanaa Ergamaa Rabbii (saw) irraa sahiiha ta'ee odeeffameera.
Gaala, Loonii fi Re'ee irraa hangi zakaan beellada dheedduu irratti dirqama ta'u immoo, Hadiisota sahiiha ta'an kan Ergamaa Rabbii irraa gabaafaman keessatti ibsi bal'aan addeeffamee jira. Namni isa beekuu barbaade waa'ee kanaa warra beekumsaa gaafachuu ni danda'a. Odoo gabaabsuu yaaduu baannee, faayidaan isaa guutuu akka ta'uuf sana ni dubbanna ture.
Hangi zakaan meetii irratti dirqama ta'u immoo misqaala dhibbaa fi afurtama, hangi isaas dirhama Sa'uuditiin riyaala Sa'uudii duraanii shantamii jaha ta'a.
Hangi zakaan warqee irratti dirqama ta'u misqaala digdama, hangi isaas Juneyhii Sa'uudii irraa Juneyhii kudha tokkoo fi harka torba keessaa harka sadii yoo ta'u, giraamaan immoo giraama sagaltamii lama ta'a, Wanti isaan lamaan keessatti dirqama ta'us 1/40 (2.5%) ta'a. nama isaan lamaan ykn tokkoo isaanii irraa hanga zakaan itti dirqama ta'u qabaatee, woggaan tokko isa irra darbe irratti.
Bu'aan qabeenya bu'uraa hordofa, kanaafuu waggaan irra naanna'uu hin barbaachisu. Akkasumas dhaloonni beellada dheedduu bu'uura isaanii hordofu. Bu'uurri isaa hanga zakaan itti dirqama ta'u yoo ga'e bu'aan isaa waggaa irra naanna'uu hin barbaachisu.
Maallaqni waraqaa kan har'a namoonni itti fayyadamaa jiran akkuma warqee fi meetiitti ilaalama. maqaan isaa Dirhama, Diinaara yookaan Doolaara ykn maqaalee birootiin yoo waamamellee murtiin isaa sanuma fakkaata. Yeroo gatiin ishee hanga zakaan itti dirqama ta'u kan meetii ykn warqee ga'ee woggaan irra naanna'e zakaan ishee keessatti dirqama taati.
Faayni dubartootaa kan warqee ykn meetii irraa ta'ee hanga zakaan itti dirqama ta'u ga'ee, waggaan irratti naanna'e maallaqatti dhaqqabsiifama. Zakaan isii keessatti dirqama taati. Odoma itti fayyadamuuf ykn ergisaaf kan qophoo'e ta'ellee, jechoota hayyootaa lamaan keessaa isa filatamaa ta'e keessatti. Sababni isaas jechi Nabiyyii ﷺ kun waan hammatuuf jecha: «Abbaan warqii fi meetii kan zakaa ishee hin kaffalle guyyaa Qiyaamaa gabateen ibiddaa isaaf diriirfamu malee hin hafu»[5]. hanga xumura hadiisa dabreetti itti fufee jira. [5] Muslimtu lakkoofsa (987) irratti gabaase.
Akkasumas Nabiyyiin (saw) harka dubartii tokkoo irratti gumee lama kan worqii irraa ta'an arganii akkas jedhan: «Zakaa isa kanaa ni kennitaa?». Isheenis: "Lakki" jette. Isaanis ni jedhan: «Sababaa isaan lamaanitiin Rabbiin guyyaa qiyaamaa gumee lama kan ibidda irraa ta'e sitti kaa'uun si gammachiisaa!». Isheenis isaan lamaan darbitee akkas jette: «Isaan kun kan Rabbiii fi Ergamaa Isaati» [6]. [6] Abuu Daawuud lakkoofsa (1563) irratti, Nasaa'iin immoo lakkoofsa (2270) irratti sanada gaarii ta'een gabaasani.
Ummu Salamaa irraa akka mirkanaa'etti, Rabbiin ishee irraa haa jaallatu, isheen faaya warqii uffachaa turtee, akkana jette: Yaa ergamaa Rabbii, kun kanziidhaa? Isaanis ni jedhan: «Qabeenyi hamma zakaan itti dirqama ta'u ga'ee, zakaan irraa baafame, kanzii miti»[7] Hadiisota biroo kan dhimma kana keessati dhufanii wajjin. [7] Abuu daawuud lakkoofsa (1564) irratti gabaase.
Meeshaaleen daldalaa immoo, isaan meeshaalee gurgurtaaf qophaa'an yoo ta'u, dhuma waggaa irratti tilmaamamanii, 1/40 (2.5%) gatii isaanii baafama; gatiin isaanii kan ittiin bitame wajjin wal qixa tahuus, sana caalus yookaan irraa hir'atus tokkuma; Hadiisa Samuraatif jecha, Rabbiin irraa haa jaallatu, ni jedhe: «Ergamaan Rabbii (saw) waan gurgurtaaf qopheessinu irraa zakaa akka baafnu nu ajaju turan»[8]. [8] Abuu daawuud lakkoofsa (1562) irratti gabaase.
Lafti, gamoon, konkolaataan, maashinoonni bishaan ol baasanii fi gosoonni meeshaalee biroo kan gurgurtaaf qophaa'an kana keessa galu.
Gamoon osoo gurgurtaaf hin taane kiraadhaaf qophaa'e immoo, zakaan yeroo waggaan tokko irra darbetti waan kiraa isaanii irraa argame keessatti dirqama ta'a malee, mataa isaanii keessattii miti; Gurgurtaaf waan hin qophoofneef jecha. Akkasuma konkolaataawwan dhuunfaatii fi kanneen kiraaf qophaa'an yoo gurgurtaaf kan hin qophoofne ta'an isaan irratti zakaan hin jiru. Sababni isaas abbaan isaanii itti fayyadamuufi isaan bite.
Yeroo abbaa konkolaataa kiraa ykn nama birootiif maallaqni hangi zakaan irratti dirqama ta'u walitti qabameefii waggaan tokko irra darbe, zakaa isaa baasuun isa irratti dirqama ta'a, maallaqicha baasiif, yookaan fuudhaaf, yookaan qabeenya dhaabbataa bituuf, yookaan idaa kaffaluuf, ykn kaayyoolee biroo kan kana fakkaataniif kan isa qopheesse ta'us tokkuma; kunis sababaa ragaaleen shari'aa waliigalaa zakaan waan akkanaa keessatti dirqama ta'uu agarsiisaniifi.
Yaada hayyootaa keessaa kan sirrii ta'e keessatti, sababa dubbatamee dabreef jecha liqiin Zakaa hin dhorgu.
Akkasuma qabeenyi yatiimotaatii fi maraatotaa, yeroo hanga zakaan irraa ba'u geessee, waggaan tokko irra naanna'etti, irra jireessa ulamaa’ii biratti zakaan isii keessatti dirqama ta'a. Yeroo waggaan guutametti, isaan irraa niyyatanii, zakaa irraa baasuun itti gaafatamtoota isaanii irratti dirqama ta'a. Ragaalee waliigalaatif jecha, Kunis kan akka jecha Nabiyyii ﷺ, kan hadiisa Mu’aaz keessatti -Rabbi irraa haa jaalatu-, yeroo gara warra Yamanitti isa erganiiti: «Dhugumatti Rabbiin isaan irratti zakaa dureeyyii isaanii irraa fuudhamtee harka qalleeyyii isaanitiif kennamtu qabeenya isaanii keessatti dirqama taasiseera»[9]. [9] Bukhaariin lakkoofsa (1395) irratti, Muslim immoo lakkoofsa (19) irratti gabaase.
Zakaan haqa Rabbii yoo ta'u; nama isii haqa hin godhanneef isiidhaan looguun hin danda'amu, akkasumas ofiif faayidaa ittiin fiduun yookiin miidhaa ofirraa deebisuun, yookiin qabeenya isaa isiidhaan tiksuun yookiin isiidhaan komii ofirraa ittisuun hin hayyamamu. Dhugumatti Muslimni itti gammadee, gocha sana keessattis Rabbiif qulqulleessee, zakaa isaa kaayyoo biraatiif osoo hin taane, warra isii haqa godhatuuf kennuun isa irratti dirqama ta'a; kunis akka itti gaafatamummaa jalaa ba'ee, mindaa guddaafi bakka buusa haqa godhatuuf jecha.
Rabbiin ol ta'e Qur'aana Isaa kabajamaa keessatti gosoota worroota zakaan kennamuuf dhugumatti ibseera, Rabbiin ol ta'e akkana jedhe: ﴾Zakaan (kan qoodamtu) dhabeeyyiif, hiyyeeyyiif, warra ishee irratti hojjataniif, warra onneewwan isaanii (Islaamummaa) barsiifamtuuf, gabra bilisoomsuuf, warra idaan irra jiruuf, karaa Rabbii keessattiifi kara deemaadhaaf (qofa). Dirqama Rabbirraa ta’e (qabadhaa). Rabbiin beekaa, ogeessa﴿ [At-tawbah: 60].
Aayanni kabajamtuun tun maqaalee gurguddoo lamaan kanaan xumuramuu isii keessa, Rabbii ol ta'e gabroota isaa dhimma kana hubachiisuutu jira: Inni haala gabroota isaa beekaadha: isaan keessaa eenyutu zakaa haqa godhataa fi eenyutu haqa hin godhannee ni beeka. Akkasumas Inni sharii'aa fi qadara isaa keessatti ogeessa, Kanaafuu wantoota bakka isaaniif malu malee bakka biraa hin kaa'u, yoo iccitii ogummaa isaa irraa gariin namoota garii jalaa dhokatellee; kunis gabroonni shari'aa Isaatti akka tasgabbaa'anii fii murtii Isaatiif harka kennaniifi.
Rabbi qofatu, nuufi Muslimootaaf amantii isaa keessatti hubannoo akka nuuf kennuuf kadhatama, akkasumas isaaf dalaguu keessatti dhugummaa qabaachuu, gara waan isa jaallachiisutti wal dorgomuu fi waan isa dallansiisu irraa nagaa ta'uu akka nuuf kennuuf isuma qofatu kadhatama. Inni dhugumatti dhaga'aa, dhihaataadha!
Rabbiin gabricha isaa fi ergamaa isaa Muhammad irrattii fi firoota fi sahaabota isaanii irratti rahmataa fi nageenya haa buusu.
Hogganaa Waliigalaa Waajjira Qorannoo Beekumsaa
Akkasumas fatwaa, da'awaa fi qajeelfamaa
Kabajamoo Sheykh Abdul'aziiz bin Abdallaah bin Baaz
Ergaa Lammaffaa
Sadarkaa sooma Ramadaanaa fi Salaata Laylii isaa ibsuu ta'a, murtiiwwan barbaachisoo kanneen namoota garii irraa dhokachuu malan waliin.
Maqaa Rabbii Akkaan Mararfataa, Akkaan Rahmata Godhaa Ta’eetiin.
Abdul Aziiz bin Abdullaah bin Baaz irraa, gara Muslimoota warra isa argab maraatti, Rabbiin anaafi isaanis karaa warra Iimaanaa nu haa qajeelchu, akkasumas Hadiisaafi Qur’aana keessatti hubannoo anaafi isaaniifis nuuf haa kennu. Aamiin
Nageenyi Rabbii isin irra haa jiraatu, rahmanni Isaatiifi barakaan Isaatis.
Itti aasuudhaan: kuni gorsa gabaabduu sadarkaa sooma Ramadaanaa fi salaata Laylii isaa dhaabbachuun qabu ibsa, akkasumas sadarkaa isa keessatti hojiilee gaggaariin wal dorgomuun qabus, murtiiwwan barbaachisoo kanneen namoota garii irraa dhokachuu danda’an ibsuu waliin.
Ergamaan Rabbii-(saw)- sahaabota isaanii dhufaatii ji'a Ramadaanaatiin gammachiisaa akka turan mirkanaa'eera, akkasumas ji'a kana keessa hulaaleen rahmataa fi jannataa akka banaman, ulaaleen jahannam immoo akka cufaman, sheyxaanonni immoo isa keessatti akka hidhaman himu turan.Akkas jedhan: «Yeroo halkan Ramadaanaa inni jalqabaa seene, hulaaleen jannataa ni banamu, isaan keessaa ulaan tokkollee hin cufamu. Ulaaleen ibiddaa immoo ni cufamu, isaan keessaa ulaan tokkollee hin banamu. Sheyxaanonni ni hidhamu. Lallabaan tokko akkana jechuun lallaba: "Yaa nama khayrii barbaaddu kottu, yaa nama sharrii barbaaddu irraa dhaabbadhu!". Rabbiin gabroota ibidda irraa bilisa ba'an ni qaba. Kunis halkan hunda keessatti»[1]. [1] Tirmiziin lakkoofsa (682) irratti, Ibnu Maajaan immoo lakkoofsa (1642) irratti gabaasan.
Ammas akkana jedhu, rahmanniifi nageenyi irra jiraatu: «Jiini Ramadaanaa, jiini barakaa, isinitti dhufeera. Rabbiin isa keessa isin haguuga: Rahmata ni buusa, dilii ni harcaasa, du'aa'iis ni qeebala. Rabbiin isa keessatti wal dorgommii keessan ilaalee isiniin Malaa’ikoota Isaatti dhaaddata. Kanaafuu, lubbuu keessan irraa toltuu Rabbitti agarsiisaa; dhugumatti, namni hoongaye nama isa keessatti rahmata Rabbii dhabeedha»[2]. [2] Xabaraaniin "musnada isaa" keessatti lakkoofsa (2238) irratti gabaase.
Ammas akkana jedhu, rahmannii fi nagenyi isaan irra haa jiraatu: «Namni dirqamummaa isaa amanee, mindaa isaa Rabbi irratti herreggataa, ji'a Ramadaanaa soome badii isaa irraa kan darbe isaaf dhiifama; akkasumas namni haala Rabbitti amanee fi mindaa isaa Isa irratti herreggataa ta'een ji'a Ramadaanaa dhaabbate, badii isaa irraa kan darbe isaaf dhiifama, akkasumas haala Rabbitti amanee fi mindaa isaa Isa irratti herregataa ta'een namni halkan laylatulqadrii dhaabbate, badii isaa irraa kan darbe isaaf dhiifama»[3]. [3] Bukhaariin lakkoofsa (2014) irratti, Muslim immoo lakkoofsa (760) irratti gabaasan.
Ammas akkana jedhu, rahmanniifi nageenyi isaan irra haa jiraatu: «Rabbiin akkana jedha: Hojiin ilma Aadam hundi kan isaati; toltuun isaa dachaa kudhanii hanga dachaa dhibba torbaatti baay’ifama, Sooma malee; inni anaaf ta'a, anatu ittiin isa mindeessa; fedhii isaa, nyaata isaa fi dhugaatii isaa anaaf jecha dhiise. Nama soomuuf gammachuu lamatu jira: tokko yeroo sooma furutti, gammachuun kaan immoo yeroo Rabbii isaa qunnamutti. Urgaan afaan nama soomuu urgaa miskii caalaa Rabbiin biratti urgaaya»[4]. [4] Ibnu Maajaan lakkoofsa (1638) irratti gabaase.
Hadiisonni sadarkaa sooma Ramadaanaa fi salaata laylii isaa, akkasumas sadarkaa gosa soomaa keessatti dhufan hedduudha.
Kanaafuu Mu'uminni carraa kanatti fayyadamuu isa barbaadhisaadha. Innis waan Rabbiin ji'a Ramadaanaa isa dhaqqabsiisuudhaan tola isa irratti ooleedha; gara hojii gaggaariitti ni ariifata, hamtuu irraa immoo ni baqata, akkasumas waan Rabbiin isa irratti dirqama taasise raawwachuu keessatti tattaafachu qaba, Keessattuu salaata shanan; isaan utubaa Islaamaati, akkasumas isaan booda shahaadaa lamaanitii irra guddoo dirqamootaati. Kanaafuu, Muslima dhiiraafi dubartii hunda irratti isaan eeggatanii, yeroo isaanii keessatti khushuu’aafi tasgabbiin isaan raawwachuun dirqama ta’a.
Dhiirota ilaalchisee irra guddaan dirqamootaa mana Rabbii keessatti ishee salaatuudha. Manneen Rabbiin kabajamuufi maqaan isaa isaan keessatti akka zakkaramu ajaje keessatti jamaa’aadhaan ishee raawwachuudha. Rabbiin akka jedhe: ﴾Salaata seeraan salaataa; zakaas kennaa; warra rukuu’a godhan wajjinis rukuu’a godhaa﴿ [Al-Baqarah: 43]. Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe: ﴾Salaatowwan irratti tikfadhaa, keessattuu salaatattii giddu galeessaa irratti. Haala Rabbiif ajajamoo taataniin dhaabbadhaa﴿ [Al-Baqarah: 238], Ranniin ni jedhe: ﴾Dhugumatti, Mu’uminoonni milkaa’an. Isaan warra salaata isaanii keessatti khushuu’a qabaniidha﴿ [Al-Mu'uminuun: 1-2] Hanga jecha Rabbii armaan gadiitti: ﴾Isaan warra salaatoowwan isaanii irratti tikfatoo tahaniidha. Isaan sun warra dhaaloodha. Isaan warra Firdoawsiin dhaalaniidha; isaan isa keessa hafoodha﴿ [Al-Mu'uminuun: 9-11], Nabiyyiin -(saw)- akkana jedhan: «Daangaan jidduu keenyaafi isaanii jiru salaata, namni isa dhiise dhugumatti kafareera»[5]. [5] Tirmiziin lakkoofsa (2621) irratti, Ibnu Maajaan immoo lakkoofsa (1079) irratti gabaasan.
Booda salaataatii irra guddaan dirqamootaa zakaadha. Rabbiin akkana jedhe: ﴾Rabbiin qofa gabbaruu, qajeelanii amantii Isa qofaaf qulqulleessuu, salaata dhaabuufi zakaa kennuutti malee homaa hin ajajamne. Kun amantii qajeelaadha﴿ [Al-Bayyinah: 5] Ammas Rabbiin ol ta'e akkas jedhe: ﴾Salaata (sirnaan) sagadaa; zakaas kennaa; ergamaafis ajajamaa Akka rahmanni isiniif godhamuuf jecha﴿ [An-nuur: 56].
Dhugumatti Kitaabni Rabbii guddaaniifi Hadiisni ergamaa Rabbii kabajamaan, namni zakaa qabeenya isaa hin kaffalle guyyaa qiyaamaa akka isaan adabamu agarsiisanii jiru.
Booda salaataa fi zakaatii irra guddaan dhimmootaa Sooma, innis utubaalee Islaamaa shanan jecha Nabiyyii -(saw)- kana keessatti ibsaman keessaa isa tokkoodha: «Islaamummaan wantoota shan irratti ijaarame: Rabbiin malee haqaan gabbaramaan biraa akka hin jirree fi Muhammad Ergamaa Rabbii ta’uu ragaa bahuu, salaata dhaabuu, zakaa kennuu, Ramadaana soomuu fi Mana Rabbiitti hajjii gochuudha»[6]. [6] Bukhaariin lakkoofsa (8) irratti, Muslim immoo lakkoofsa (16) irratti gabaasan.
Muslima irratti soomaafi salaata isaa jechootaafi gochoota waan Rabbiin isa irratti haraama godhe irraa eeguun dirqama ta'a; Sababni isaas kaayyoon soomaa Rabbii ol ta'eef ajajamuu, kabajaawwan isaa guddisuu, ajaja gooftaa ishee guutuu keessatti fedhii ishee faallessuun lubbuu irratti qabsaa'uu fi waan Rabbiin haraama godhe irraa obsuu ishee aadeffachiisuudha. Kaayyoon nyaata, dhugaatii fi wantoota sooma balleessan biroo qofa dhiisuu miti. Kanaafuu Ergamaan Rabbii -(saw)- akkana jedhan: «Soomni gaachana. Guyyaan sooma tokkoon keessanii yeroo argame waan hin taane hin haasa'in; hin iyyin; yoo namni tokko isa arrabse ykn isaan lole, ani nin soomaara haa jedhuuni»[7]. Akkasumas Nabiyyiin (saw) akkana jedhaniiru: «Namni jecha sobaa, sobaan dalaguu fi wallaalummaa hin dhiifne, Rabbiin nyaataa fi dhugaatii isaa dhiisuu irraa dhimma hin qabu»[8]. Ragoolee kanneeniifi kan birootin, dirqamni nama soomu irra jiru, waan Rabbiin isa irratti haraama taasise hunda irraa of eeggachuu fi waan Inni isa irratti dirqama taasise hunda irratti tikfachuu akka ta'e beekameera. Kana gochuudhaan araaramni, ibidda jalaa bilisa bahuufi soomaa fi salaanni isaaf qeebalamuun kajeelama. [7] Bukhaariin lakkoofsa (1904) irratti, Nasaa’iin immoo lakkoofsa (2537) irratti gabaasan. [8] Bukhaariin lakkoofsa (1804) irratti, Abuu Daawuud immoo lakkoofsa (2362) irratti gabaasan.
Bakka kanatti wantoota namoota garii irraa dhokachuu danda'antu jiru:
Isaan keessaa: dirqamni Muslima irra jiru dirqamummaa isaa amanee, mindaa isaa Rabbi irratti herreggataa soomuudha malee, na argaa fi na dhaga'aaf, yookiin namoota hordofuuf, yookiin maatii isaa yookiin worra biyya isaa jala deemuufii miti. Garuu, wanti soomaaf isa kakaasuu qabu, Rabbiin isa irratti dirqama taasisuu Isaatti amanuu isaatiifi sana keessatti mindaa isaa Gooftaa isaa biratti herreggachuudha. Akkasuma halkan Ramadaanaa salaatuus Muslimni tokko barbaachisummaa isaatti amanee, mindaa isaa herreggataa isa raawwachuu qaba, malee sababa biraatiif ta'uu hin qabu. Kanaafuu Nabiyyiin -nageenyi fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- akkana jedhan: «Dirqamummaa isaa amanee, mindaa isaa Rabbirratti herreggatee namni Ramadaanaa soome, badii isaa irraa kan darbe isaaf dhiifama, haala Rabbitti amanee fi mindaa Isa irratti herreggateen namni Ramadaana dhaabbates, badii isaa irraa kan darbe isaaf dhiifama, haala Rabbitti amanee fi mindaa Isa irratti herreggateen namni halkan Laylatulqadrii dhaabbates, badii isaa irraa kan darbe isaaf dhiifama»[9]." [9] Bukhaariin lakkoofsa (2014) irratti, Muslim immoo lakkoofsa (760) irratti gabaasan.
Dhimmoota murtiiwwan isaanii namoota garii jalaa dhokatan keessaa: madaa ykn funuuna (funyaan dhiiguu), ykn haqqisaa, ykn bishaan ykn benziinni gara kokkee nama soomaa jiruu fedhiin malee kokkee isaa seenuudha. Wantoonni kun hundi sooma hin balleessan, garuu namni beekaa haqqise soomni isaa ni bada. Nabiyyiin (saw) akkana jedhan: «Namni haqqisaan (oldeebisaan) isa injifate qadaan isa irra hin jiru, namni of haqqisiise immoo qadaan isa irra jira»[10]. [10] Tirmiziin lakkoofsa (720) irratti, Ibnu Maajaanis lakkoofsa (1676) irratti gabaasan.
Sana keessaa: waan nama soomu mudachuu danda'u, kan akka dhiqannaa janaabaa hanga fajriin bahutti tursiisuu, akkasumas waan dubartoota garii mudachuu danda'u, kan akka dhiqannaa laguu ykn dayumsaa hanga fajriin bahutti tursiisuuti. Fajriin bahuun duratti qulqullina yoo agarte, dhugumatti soomni isii irratti dirqama ta'a, dhiqannaa hanga bahiinsa fajrii boodaatti tursiisuun rakkoo hin qabu, garuu hanga aduun baatutti tursiisuun isheedhaaf hin eeyyamamu, inumaayyuu aduun ba'uu duratti dhiqattee salaata fajrii salaatuun isii irratti dirqama ta'a. Akkasuma namni janaabaa qabu, dhiqannaa hanga aduun baatutti tursiisuun isaaf hin tahu, inumaa aduun bahuun duratti dhiqatee salaata fajrii salaatuun isa irratti dirqama. Dhiirri salaata fajrii jama’aan dhaqqabuudhaaf waan kanaaf ariifachuun isa irratti dirqama.
Wantoota sooma hin balleessine keessaa: dhiiga qorachiisuun, akkasumas marfee kan soorataaf hin taane waraannachuudha, garuu yoo mijaa'e kana gara halkanitti dabarsuun irra caalaafi irra filatamaadha. Nabiyyiin (saw) akkana jedhan: «Waan si shakkisiisu dhiisii gara waan si hin shakkisiifnee deemi»[11]. [11] Tirmiziin lakkoofsa (2518) irratti gabaase.
Ammas akkas jedhan: «Namni waan wal fafakkaattu irraa of eeggatte, dhugumatti amantii isaatiifi kabajaa isaatif qulqullina barbaadeera»[12]. [12] Bukhaariin lakkoofsa (52) irratti, Muslim immoo lakkoofsa (1599) irratti gabaasan.
Dhimmoota murtiin isaanii namoota garii irratti dhokatan keessaa tokko: salaata keessatti tasgabbaa'uu dhabuudha, salaanni sun salaata dirqamaa yookaan salaata sunnaa ta'uutu mala. Hadiisonni sahiiha ta'an kanneen Ergamaa Rabbii -(saw) - irraa gabaafaman akka agarsiisanitti, salaata keessatti tasgabbaa'uun ruknii tokko kan rukniiwwan salaataa irraa ta'e, kan salaanni isa malee hin sirroofne ta'uu isaati. Innis salaata keessatti suuta jechuudha, khushuu'a qabaachuu fi hanga lafeen dugdaa hundi bakka isaatti deebi'utti ariifachuu dhabuudha. Namoonni baay'een Ramadaana keessatti salaata Taraawiihaa osoo ishee hin hubannee fi salaata ishee keessatti hin tasgabboofne salaatu, akkuma lukkuun lafa tumattu tuttumatanii salaatu. Salaanni haala kanaan salaatamu kun baaxila, abbaan isaas cubbamaadha, mindeeffamaa miti.
Dhimmoota namoota garii irratti murtiin isaanii dhokachuu danda'an keessaa: Namoonni gariin salaata Taraawiihaa raka'aa digdama irraa hir’isuun hin hayyamamu jechuu yaaduudha, warri kaan immoo raka'aa kudha tokko yookaan kudha sadii irratti dabaluun hin hayyamamu jechuu yaaduudha. Kun hundinuu yaada bakka isaatiin alaati. Inumaatuu inni yaada dogoggoraa kan ragaalee faallessaniidha.
Hadiisonni sahiihni Ergamaa Rabbii irraa -(saw)- gabaafaman akka salaanni halkanii bal’ina qabu mirkaneessaniiru. Daangaan murtaa'e kan isa faallessuun hin danda'amne hin jiru. Nabiyyiin (saw) akka halkan keessatti rak’aa kudha tokko salaataa turan mirkanaa'eera; yeroo tokko tokko immoo rak’aa kudha sadii salaataniiru, yeroo biraas Ramadaana keessattis ta'ee isaan alatti kanaa gadillee salaatan. Yeroo waa'ee salaata halkanii gaafatamanitti akkana jedhan: «Salaanni halkanii raka'aa lama lama, tokkoon keessan yeroo salaanni Subhii gahuu sodaate raka'aa tokko haa salaatu, isheen waan inni duraan salaate witrii isaaf taasifti»[13]. Sahiiha ta'uu isaa irratti walii galameera. [13] Bukhaariin lakkoofsa (946) irratti, Muslim immoo lakkoofsa (749) irratti gabaasan.
Ramadaana keessas ta'ee yeroo biraatti raka'aa murtaa'e tokkollee hin daangessine. Kanaafuu Sahaabonni bara Umar keessa yeroo garii raka’aa digdamii sadii, yeroo kaan ammoo raka’aa kudha tokko salaataa turan. Kun hundi Umarii fi Sahaabota bara isaa turan irraa mirkanaa’eera.
Gariin Salafotaa Ramadaana keessa raka’aa soddomii ja'a salaatu turan, sadiin witrii godhu; gariin isaanii ammoo afurtamii tokko salaatu. Kana Sheykh Al-Islaam Ibnu Taymiyyaa fi warri beekumsaa qaban kanneen biroos isaan irraa dubbataniiru. Ibn Taymiyyaan dhimmichi bal’ina akka qabu eereera. Akkasumas nama qiraatii, rukuu’aa fi sujuuda dheeresseef filatamaan lakkoofsa xiqqeessuu yoo ta'u, namni qiraatii, rukuu’aa fi sujuuda gabaabse immoo lakkoofsa ni dabala. Kun Hiika jecha isaati, Rabbiin isa haa mararfatu.
Namni sunnaa Nabiyyii (saw) xinxale Ramadaana keessattis ta'ee Ramadaanan alatti raka'aa kudha tokko yookiin kudha sadii salaatuun caalaa ta'uu bara. Sababni isaas isa kanatu waan Nabiyyiin (saw) irra baay'ee haalota isaanii keessatti raawwachaa turanii wajjin kan walsimuudha. Akkasumas warra salaataniif irra laafaa fi gara khushuu'aa fi tasgabbiittis irra dhihaataa waan ta'eef jecha. Namni kana irra dabale rakkoo fi jibbaa hin qabu, akkuma asiin duratti darbetti.
Namni salaata taraawiihaa Ramadaana keessa imaamaa waliin salaate filatamaan imaamaa waliin xumuru malee dhiisee deemuu dhabuudha. Nabiyyiin (saw) akkana jedhan: «Namni Imaama waliin salaate hanga inni xumurutti, Rabbiin dhaabbannaa halkan guutuu isaaf barreessa»[14]. [14] Tirmiiziin lakkoofsa (806) irratti, Abuu Daawuud immoo lakkoofsa (1375) irratti gabaasan.
Ji'a kabajamaa kana keessatti Muslimoota hundaaf ibaadaa gosa adda addaa keessatti tattaafachuun karaa godhamaadha. Fkn kanneen akka salaata sunnaa, Qur'aana xiinxaluu fi hubannaa wajjin qara'uu, Subhaanallaah, laa ilaaha illallaah jechuu, Rabbiin faarsuu, Allaahu Akbar jechuuu, araarama kadhachuu heddummeessuu, akkasumas kadhannaawwan sharii'aa keessatti dhufaniin kadhannaa heddummeessuu, toltuutti ajajuu fi hamtuu irraa dhorguu, akkasumas gara Rabbiitti waamuu, hiyyeeyyii fi miskiinota gargaaruu, haadhaa fi abbaaf tola ooluu fi firummaa fufuu keessatti tattaafachuu, ollaa kabajuu, dhukkubsataa gaafachuu fi gosoota kheyrii irraa wantoota kana fakkaatan keessatti tattaaffachuun karaa godhamaadha. Nabiyyiin (saw) Hadiisa darbe keessatti akkana jedhanrahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu: «Rabbiin dorgommii keessan kan isaaf jecha wal dorgomatan ilaala, Maleykota Isaatti isiniin dhaadata; Lubbuu keessan irraa kheyrii Rabbitti agarsiisaa. Dhugumatti namni hongaa'aan nama isa keessatti rahmata Rabbii irraa hongaa'eedha»[15]." [15] Xabaraaniin "musnadi isaa" keessatti, lakkoofsa (2238) irratti gabaase.
Akkasumas Nabiyyiin (SAW) waan isaan irraa odeeffame keessatti akkana jedhan: «Namni isa keessatti toltuu irraa gosa tokkoon rabbitti dhiyaate, akka nama baatii isa malee jiru keessatti fardii (waajiba) tokko raawwateeti, namni isa keessatti fardii tokko raawwate immoo akka nama baatii isa malee jiru keessatti fardii torbaatama raawwateeti»[16]. [16] Ibnu Khuzeymaan "Sahiiha isaa" keessatti lakkoofsa (1887) irratti gabaase.
Akkasumas Nabiyyiin (saw) hadiisa sahiiha keessatti akkas jedhan: «Umraan Ramadaana keessaa Hajjiitti qixxaatti; yookaan akkana jedhan: Hajjii ana waliin raawwatametti qixxaa'a»[17]. [17] Bukhaariin lakkoofsa (1863) irratti gabaase.
Hadiisonniifi jechoonni sahaabotaa kanneen ji'a kabajamaa kana keessatti gosa toltuuwwanii keessatti wal dorgomuun barbaachisaa ta'uu agarsiisan hedduudha.
Nuufi Muslimoota hunda waan jaalala isaa qabu akka nu waffaqu, soomaa fi salaata keenya akka nurraa qeebalu, haala keenya tolchee fitnaalee nama jallisan irraa nu hunda akka tiksu Rabbiin kadhanna. Akkasumas hooggantoota Muslimootaa tolchee, jecha isaanii haqa irratti akka walitti qabu isa kadhanna. Inni abbaa towfiqaati, irrattis danda'aadha.
Nageenyi isin irra haa jiraatu, rahmanni Rabbiitiifi barakaan isaas.