Skip to content

«Namna Rabbiin toltuu isaaf fedhe diinii isa hubachiisa

Mu'aawiyaa irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- nabiyyiidhaa -Rabbiin rahamataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhuun dhaga'e, jedhe:

«Namna Rabbiin toltuu isaaf fedhe diinii isa hubachiisa, ani qodaadha, Rabbi ni kenna, ummanni kun ajaja Rabbii irratti gadi dhaabbachuu irraa hin deeman, namni isaan faallesse isaan hin miidhu, hanga ajajni Rabbii dhufutti».

«مَنْ يُرِدِ اللهُ بِهِ خَيْرًا يُفَقِّهْهُ فِي الدِّينِ، وَإِنَّمَا أَنَا قَاسِمٌ، وَاللهُ يُعْطِي، وَلَنْ تَزَالَ هَذِهِ الْأُمَّةُ قَائِمَةً عَلَى أَمْرِ اللهِ، لَا يَضُرُّهُمْ مَنْ خَالَفَهُمْ، حَتَّى يَأْتِيَ أَمْرُ اللهِ».

Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Sahiiha
Ibsa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmtaa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namni Rabbiin toltuu isaaf fedhe diinii Rabbii hubachuu isaaf akka kennu himani, nabiyyiin immoo -nagaa fi rahmanni irrs haa jiraatu- rizqii, ilmii fi kan biroo waan Rabbiin isaanitti kenne irratti qoodaadha, dhugaatti kan kennu Rabbuma qofa, kan isa malee jiranu isaan sababaa hayyama Rabbiitiin malee fayyaduu hin danda'an, akkasumas uummatni kun haqa Rabbii irratti gadi dhaabbachuu irraa akka hin deemnee fi namni isaan faallesse hanga qiyaamaan dhaabbatutti akka isaan hin miine himaniiru.

Hiika jechchootaa

.....:

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

sadarkaa fi guddina beekumsi shari'aa qabuudha, akkasumas sadarkaa isa barachuu fi isatti kakaasuun qabuudha.

Ummata kana keessatti haqaan dhaabbachuun jiraachuun waan hafiinsa hin qabne akka ta'eedha, gareen tokko yoo isa dhiifte kan biraatu isaan dhaabbata.

Diinii hubachuun Rabbiin garbicha isaatiif toltuu isaaf fedhuu irraati.

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ajaja Rabbiitii fi fedhii isaatiin kennu, ofii isaaniitiif homaa hin qabanu.

Wabiiwwan ykn bu'urawwan

Sahiiha Bukhaarii (1/ 25) (71).

Sahiiha Muslim (2/ 718) (1037).

Dabalata (8)

توضيح الأحكام من بلوغ المرام.

للبسام (7/ 485).

منحة العلام في شرح بلوغ المرام.

لعبد الله الفوزان (10/ 324).

فتح ذي الجلال والإكرام.

لابن عثيمين (6/ 424).

سبل السلام بشرح بلوغ المرام.

للصنعاني (2/ 688).