Skip to content

''Ani shirkii irraa irra dureessa (sooressa) shariikotaati, namni hojii tokko hojjatee isa keessatti Ana waliin waan biraa qindeesse, isaa fi shirkii isaa nin dhiisa

Abuu hurayraa irraa -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahamataa fi nageenya isa irratti haa buusu- ni jedhan:

''Rabbiin ol ta'e ni jedhe: ''Ani shirkii irraa irra dureessa (sooressa) shariikotaati, namni hojii tokko hojjatee isa keessatti Ana waliin waan biraa qindeesse, isaa fi shirkii isaa nin dhiisa".

«قال الله تبارك وتعالى: أنا أغنى الشركاء عن الشرك، من عمل عملًا أشرك فيه معي غيري، تركتُهُ وشركَهُ».

Muslimtu gabaase
Sahiiha
Ibsa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isa irratti haa buusu- Rabbiin ol ta'ee guddate akkana jedhe jechuudha himan: Inni shirkii irraa irra dureessa shariikotaati, inni waan hunda irraa dureessa, ilmi namaa hojiilee kheyrii irraa yeroo hojii tokko Rabbiif jecha hojjatee Isaan (Rabbiin) waliin waan biraa isa keessa galche, Rabbiin isa dhiisa, hojii sana isa irraa hin qeebalu, inumaayyuu hojii sana isarratti deebisa; Hojii Rabbii ol ta'eef qulqulleessuun dirqama ta'a, waan Inni (Rabbiin) -qulqullaa'e- waan fuula Isaa kabajamaaf qulqulluu ta'e malee waan biraa hin qeeballeefi.

Hiika jechchootaa

.....:

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

Gosa shirkii hunda irraa sodaachisuu, waan inni (shirkiin) hojiin qeebalamuu irraa dhoorgaa ta'eef jecha.

Hojii Rabbiif qulqulleessuu irratti wantoota nama gargaaran keessaa, durummaa fi guddina Rabbii yaadachuudha.

Wabiiwwan ykn bu'urawwan

Sahiiha Muslim (4/ 2289) (2985).

Dabalata (5)

شرح النووي على مسلم (18/ 115).

الملخص في شرح كتاب التوحيد.

لصالح الفوزان (ص287).

الجديد في شرح كتاب التوحيد.

لمحمد القرعاوي (ص325).