Skip to content

«Namtichi amantii hiriyaa isaa irratti tahaa, tokkoon keessan nama hiriyaa taasifatu haa ilaalu».

Abuu Hurayraa irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irra haa jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:

«Namtichi amantii hiriyaa isaa irratti tahaa, tokkoon keessan nama hiriyaa taasifatu haa ilaalu».

«الرَّجُلُ عَلَى دِينِ خَلِيلِهِ، فَلْيَنْظُر أَحَدُكُم مَنْ يُخَالِل».

Abuu Daawuud Tirmizii fi Ahmadtu gabaasan
Hasani
Ibsa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ilmi namaa seenaa fi aadaa isaa keessatti hiriyaa fi saahiba isaa akka fakkaatu, hiriyummaan haala, amalaa fi sochiiwwan irratti dhiibbaa akka qabu ibsani, kanaaf filannaa hiriyaa tolchuutti ajajan; waan inni hiriyaa isaa gara iimaanaa, qajeelumaa fi toltuutti qajeelchuu fi hojii gaarii irratti hiriyaa isaatiif gargaaraa waan ta'uuf jecha.

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

Namoota gaggaariitti hidhachuu fi isaan filachuutti ajajuu fi namoota hamootti hidhachuu irraa dhoorguudha.

Fira osoo hin taane hiriyaa addatti baase; hiriyaa kan filatu wan si ta'eef jecha, obboleessii fi firri immoo filannoon kee keessa waan hin jirreef jecha.

Hiriyaa qabaachuun dirqama xiinxalaan ta'uu qabaadha.

Ilmi namaa mu'umintootatti hiriyoomuun amantaa isaa jabeeffatee, balleessitootatti hiriyoomuun immoo amantaa isaa dadhabsiisa.

Wabiiwwan ykn bu'urawwan

Sunana Abbaa Daawuud (7/ 204) (4833).

Sunana Tarmizii (4/ 187) (2378).

Musnada Ahmad (13/ 398) (8028).

Dabalata (10)

بهجة الناظرين شرح رياض الصالحين.

لسليم الهلالي (1/ 433).

تحفة الأحوذي بشرح جامع الترمذي.

للمباركفوري (7/ 51).

تطريز رياض الصالحين.

لفيصل آل مبارك (ص250).

كنوز رياض الصالحين.

لمجموعة من الباحثين (6/ 166).

نزهة المتقين شرح رياض الصالحين.

لمجموعة من الباحثين (1/ 341).