Skip to content
المَائدة /

Ayah 48

5 : 48

Ayah 48 of المَائدة (5 : 48). This page carries the verse in the Uthmani script with a translation of its meaning, at a stable URL that can be cited on its own.

المَائدة Ayahs 120
5 : 48

وَأَنزَلۡنَآ إِلَيۡكَ ٱلۡكِتَٰبَ بِٱلۡحَقِّ مُصَدِّقٗا لِّمَا بَيۡنَ يَدَيۡهِ مِنَ ٱلۡكِتَٰبِ وَمُهَيۡمِنًا عَلَيۡهِۖ فَٱحۡكُم بَيۡنَهُم بِمَآ أَنزَلَ ٱللَّهُۖ وَلَا تَتَّبِعۡ أَهۡوَآءَهُمۡ عَمَّا جَآءَكَ مِنَ ٱلۡحَقِّۚ لِكُلّٖ جَعَلۡنَا مِنكُمۡ شِرۡعَةٗ وَمِنۡهَاجٗاۚ وَلَوۡ شَآءَ ٱللَّهُ لَجَعَلَكُمۡ أُمَّةٗ وَٰحِدَةٗ وَلَٰكِن لِّيَبۡلُوَكُمۡ فِي مَآ ءَاتَىٰكُمۡۖ فَٱسۡتَبِقُواْ ٱلۡخَيۡرَٰتِۚ إِلَى ٱللَّهِ مَرۡجِعُكُمۡ جَمِيعٗا فَيُنَبِّئُكُم بِمَا كُنتُمۡ فِيهِ تَخۡتَلِفُونَ

Nuti kitaaba (Qur’aana) haqaan gara keetti buufneerra. kan kitaaba irraa waan isa duraatiif dhugoomsaafi isa irratti tiksaa ta'ee. Waan Rabbiin buuseen gidduu isaaniitti murteessi. Dhugaa waan sitti dhufe irraa (dabuun) fedha lubbuu isaanii hin hordofin. Hundumaafuu seera shari’aatiifi karaa ifa ta’e taasifnee jirra. Rabbiin odoo fedhee ummata tokko isin taasisa ture. Garuu waan isiniif kenne keessatti isin qormaatuuf (addaan isin baase). Hojii gaarii keessatti wal dorgomaa. Hunda taatanii deebiin keessan gara Rabbiiti, Waan isin isa keessatti wal dhabaa turtan isinitti hima.