islaama jechuun Allaaha malee haqaan gabbaramaan hin jiru, Muhammad immoo ergamaa Allaahaati jettee ragaa ba'uudha, salaata dhaabuudha, zakaa kennachuudha, ramadaana soomuudha, yoo karaa dandeesse mana Rabbii hajja'uudha
Umar ilma Khaxxaab irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe:
Gaafa tokko nuti Ergamaa Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- bira taa'aa osoo jirruu, akka tasaa namichi huccuun isaa haalaan adii ta'e, rifeensi isaa immoo haalaan gurraacha ta'e, kan faanni imalaa isa irratti hin mul'annee fi nurraa namni tokkollee kan isa hin beekne nutti ba'e, dhufee Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaaan irratti haa buusu- bira taa'ee jilba isaa gara jilba isaaniitti hirkisee, ganaa harka isaa lameen sarbaa isaanii irra kaa'atee, yaa Muhammad, islaamummaa irraa natti himi jedheen, Ergamaan Rabbiis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu-: " islaama jechuun Allaaha malee haqaan gabbaramaan hin jiru, Muhammad immoo ergamaa Allaahaati jettee ragaa ba'uudha, salaata dhaabuudha, zakaa kennachuudha, ramadaana soomuudha, yoo karaa dandeesse mana Rabbii hajja'uudha jedhaniin, innis dhugaa dubbatte jedheen, ni jedhe (umar): isa dinqisiifanne, ni gaafataa (deebiin isaa akkka sirrii ta'e) immoo isa dhugoomsee mirkaneessaaf, itti aansuun ni jedhe: Iimaana irraa naaf himi, isaanis ni jedhan: "Allaahaatti, malaa'ikota Isaatti, kitaabbowwan Isaatti, ergamtoota Isaatti, guyyaa dhumaatii fi qadara toltuu fi hamtuu isaatti amanuudha". innis dhugaa dubbatte jedheen, ammas ni jedhe: Ihsaana irraa naaf himi (toltuu hojjachuu), isaanis ni jedhan: "Akka waan Isa agartuutti Allaaha gabbaruudha, ati yoo Isa hin agarrellee Inni si arga waan ta'eef". ammas ni jedhe: qiyaamaa irraa naaf himi, isaanis ni jedhan: "Waan isii irraa gaafatamaan gaafataa caalaa waan beeku hin qabu". innis ni jedhe: mallattoo isii irraa naaf himi, isaanis ni jedhan: "Gabrittiin rabbii isii da'uu fi tiksitoota re'ee kan miila qullaa huccuu irraas qullaa ta'an ijaarsa keessatti kan wol dorgoman arguu keeti". ni jedhe (Umar): eegasii ni deeme, xiqqo nan ture, eegasii akkas naan jedhani: "Yaa Umar hoo gaafataan eeenyu akka ta'e beekataa?", Allaahaa fi Ergamaa Isaatu beekan jedheeni, isaanis ni jedhan: "Inni Jibriil ture amantaa keessan isin barsiisuuf jecha dhufe".
بَيْنَمَا نَحْنُ عِنْدَ رَسُولِ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ ذَاتَ يَوْمٍ إِذْ طَلَعَ عَلَيْنَا رَجُلٌ شَدِيدُ بَيَاضِ الثِّيَابِ، شَدِيدُ سَوَادِ الشَّعَرِ، لَا يُرَى عَلَيْهِ أَثَرُ السَّفَرِ، وَلَا يَعْرِفُهُ مِنَّا أَحَدٌ، حَتَّى جَلَسَ إِلَى النَّبِيِّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ، فَأَسْنَدَ رُكْبَتَيْهِ إِلَى رُكْبَتَيْهِ، وَوَضَعَ كَفَّيْهِ عَلَى فَخِذَيْهِ، وَقَالَ: يَا مُحَمَّدُ، أَخْبِرْنِي عَنِ الْإِسْلَامِ، فَقَالَ رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ: «الْإِسْلَامُ أَنْ تَشْهَدَ أَنْ لَا إِلَهَ إِلَّا اللهُ، وَأَنَّ مُحَمَّدًا رَسُولُ اللهِ، وَتُقِيمَ الصَّلَاةَ، وَتُؤْتِيَ الزَّكَاةَ، وَتَصُومَ رَمَضَانَ، وَتَحُجَّ الْبَيْتَ إِنِ اسْتَطَعْتَ إِلَيْهِ سَبِيلًا» قَالَ: صَدَقْتَ، قَالَ: فَعَجِبْنَا لَهُ، يَسْأَلُهُ وَيُصَدِّقُهُ، قَالَ: فَأَخْبِرْنِي عَنِ الْإِيمَانِ، قَالَ: «أَنْ تُؤْمِنَ بِاللهِ، وَمَلَائِكَتِهِ، وَكُتُبِهِ، وَرُسُلِهِ، وَالْيَوْمِ الْآخِرِ، وَتُؤْمِنَ بِالْقَدَرِ خَيْرِهِ وَشَرِّهِ» قَالَ: صَدَقْتَ، قَالَ: فَأَخْبِرْنِي عَنِ الْإِحْسَانِ، قَالَ: «أَنْ تَعْبُدَ اللهَ كَأَنَّكَ تَرَاهُ، فَإِنْ لَمْ تَكُنْ تَرَاهُ فَإِنَّهُ يَرَاكَ» قَالَ: فَأَخْبِرْنِي عَنِ السَّاعَةِ، قَالَ: «مَا الْمَسْؤُولُ عَنْهَا بِأَعْلَمَ مِنَ السَّائِلِ» قَالَ: فَأَخْبِرْنِي عَنْ أَمَارَتِهَا، قَالَ: «أَنْ تَلِدَ الْأَمَةُ رَبَّتَهَا، وَأَنْ تَرَى الْحُفَاةَ الْعُرَاةَ الْعَالَةَ رِعَاءَ الشَّاءِ يَتَطَاوَلُونَ فِي الْبُنْيَانِ» قَالَ: ثُمَّ انْطَلَقَ، فَلَبِثْتُ مَلِيًّا ثُمَّ قَالَ لِي: «يَا عُمَرُ، أَتَدْرِي مَنِ السَّائِلُ؟» قُلْتُ: اللهُ وَرَسُولُهُ أَعْلَمُ، قَالَ: «فَإِنَّهُ جِبْرِيلُ، أَتَاكُمْ يُعَلِّمُكُمْ دِينَكُمْ».
Umar -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Jibriil -nagaan isa irra haa jiraatu- fakkii nama hin beekamneetiin sahaabotatti -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- akka dhufe hima, haala isaa irraa huccuun isaa hedduu adiidha, rifeensi isaas hedduu gurraacha, dadhabbii, quxxoo, rifeensi isaa adda faca'uu fi huccuun xuraawuu irraa faanni imalaas isa irratti homaa hin mul'atuudha, akkasumas namoota yeroo sana achi turan irraa namni tokko isa hin beeku, osoo isaan Nabiyyii bira -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu -taa'ani jiranuu Nabiyyii fuuldura taa'icha akka barataatti taa'ee, Islaamummaa irraa isaan gaafate, achumaan arkaanattii tana tan shahaadaa lameen raggaasisuu, salaata shanan eeggachuu, nama isii haqa godhatuuf zakaa kennuu, ji'a ramaddaanaa soomuu fi nama danda'u irratti dirqama hajjii geessuu kan taateen isaaf deebisani. Gaafataanis ni jedhe: dhugaa dubbatte, sahaabonnis gaaffii isaa kan akka hin beekne akeekuu fi eegasii immoo akka nama beekuutti deebisee dhugoomsuu isaa irraa dinqisiifatani. Eegasii Iimaana irraa isaan gaafatee, isaanis arkaanattii jahan Allaahaan ol ta'e jiraachuu fi sifoottan Isaatti amanuu, akkasuma hojii Isaa kan akka uumuu faatiin Isa tokkichoomsuu, akkasuma malaa'ikonni kan Rabbiin ifa irraa isaan uume gabroota kabajamoo kan Rabbii ol ta'e hin faallessinee fi ajaja Isaatiin kan hojjatan ta'uu isaaniitti amanuu, akkasuma kitaabowwan Rabbii ol ta'e biraa ergamtoota Isaa irratti bu'an kan akka qur'aanaa, tawraat, injiilii fi kanneen birootti amanuu, akkasuma ergamtoot Rabbiin irraa ergaa geessan, isaan irraa Nuuh, Ibraahiim, Muusaa, Iisaa fi xumura isaanii Muhammaditti amanuu -nageenyi Rabbii cufa isaanii irra haa jiraatu- akkasuma nabiyyootaa fi ergamtoota kan biroottis amanuu, guyyaa dhumaatti amanuu, wanti booda du'aati jiru qabrii fi jireenyi dahoos(jireenya booda du'aatii hanga qiyaamaatti jiru) isa keessa gala, ilmi namaa booda du'aatii ni kaafama akkasumeeti herregama, deebiin isaa gara jannataa yookaan gara ibiddaa ta'a, akkasuma Rabbiin haala beekumsi Isaa dursee, hikmaan isaa akeekteen, akkaataa waan sana barreessee fi isa fedheen wantootii murteessee akka jiru amanuu, isiinis akkaataa Inni itti murteessee fi isaan itti uumeen argamaniitti amanuudha jechuudhaan deebisaniif. Eegasii Ihsaana (tola ooluu) irraa isaan gaafatee jennaan, isaanis akkana jedhanii deebisaniif: ihsaanni akka waan Isa arguutti Rabbiin gabbaruudha, sadarkaa kana ga'uun yoo isaaf hin argamne akka waan Rabbiin isa ilaalaa jiruutti Rabbiin haa gabbaruu, inni jalqaba sadarkaa ilaalchaati, inni sadarkaa olaanaadha, lammaffaan sadarkaa to'annaati. Eegasii qiyaamaan yoomi jedhee gaafate? Nabiyyiinis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- beekumsi qiyaamaa waan Rabbiin beekumsa isaa of qofaa godhate keessaa tokko akka ta'ee fi uumamtoota keessaa tokkoyyuu akka isa hin beekne fi isa irraa gaafatamaan gaafataa irra kan hin beekne akka ta'e ibsaniif. Eegasii mallattoo qiyaamaa irraa isaan gaafate? mallattoo isii irraa gabrittiiwwanii fi ilmaan isii heddummachuu, yookaan ilmaan haadha isaaniitti jallachuu hanga akka gabrittiitti walitti dhufeenya isaanii waliin taasisanutti, akkasumas dhuma yeroo keessatti tiksitoonni re'ee fi rakkattoonni duuniyaan isaanitti gadhiifamtee, ijaarsa ijaaruu fi isa bareechuu keessatti wol dorgomuu akka ta'e ifa galchaniif. Eegasii Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- gaafataan jibriil akka ta'ee fi sahaabota diinii qajeelaa kana barsiisuuf akka dhufe himani.
...:
Haala toluu Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- fi akka isaan sahaabota isaanii waliin taa'anii fi isaanis akka Nabiyyii waliin taa'an mul'isa.
Gaafataaf garaa laafuu fi isa dhiheessuun karaa godhamuudha, osoo wolitti hin galinii fi osoo hin sodaatin gaafachuu akka danda'uuf jecha.
Naamuusa barsiisaa wajjinii akkuma jibriil -nagaan isa irra haa jiraatu- isaan irraa fudhachuuf jecha fuuldura Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- taa'umsa nama namuusa qabuu taa'uudhaan hojjatetti.
Ruknoowwan islaamaa shani, hundeeleen iimaanaa immoo jahaadha.
Islaamnii fi iimaanni yeroo iddoo tokkotti walitti dhufan, islaamni wantoota bakkee kan mul'atoo ta'aniin hiikama, iimaanni immoo wantoota keessoo kan dhokatoo ta'aniin hiikama.
Amantaan sadarkaa waldhabaa akka ta'e ibsuutu keessa jira, sadarkaan jalqabaa: Islaama, kan lammaffaa: Iimaana, kan sadaffaa immoo: Ihsaana, inni olaanaa isiiti.
Gaafataa ilaalchisee bu'uurri gaafataan beekuu dhabuudha, gaaffiitti kan kakaasu wallaaluma, kanaaf sahaabonni gaaffii isaatii fi sana booda immoo dhugoomsuu isaa irraa dinqisiifatani.
Irra yaachisaan irra yaachisaan eegalanii akkasumatti itti fufuudha, waan islaama ibsuu keesstti keessatti shahaadaa lameeniin eegalameef jecha, akkasuma Rabbitti amanuu keessattis iimaana ibsuun waan eegalameef jecha.
Gaafataan waan ofii wollaalle worra beekumsa qabu gaafachuudha, namni biraa akka baruuf jecha.
Beekumsi qiyaamaa waan Rabbiin beekumsa isaa ofii qofaa godhate irraayi.
Sahiiha Muslim (1/ 36) (8).
Dabalata (9)
التحفة الربانية في شرح الأربعين حديثا النووية (ص7).
شرح الأربعين النووية.
لابن عثيمين (ص19).
فتح القوي المتين في شرح الأربعين وتتمة الخمسين.
للعباد (ص15).
الأحاديث الأربعون النووية وعليها الشرح الموجز المفيد.
لعبد الله المحسن (ص7).
تاج العروس من جواهر القاموس.
للزبيدي (2/ 460).
Cited in books
48 BooksDabalata (48)
- الإسلام أصوله ومبادئه(الإسلام أن تشهد أن لا إله إلا الله، وأن محمداً رسول الله، وتقيم الصلاة وتؤتي الزكاة، وتصوم رمضان، وتحج البيت إن استطعت إليه سبيلاً) [197]،
- الإسلام دين كامل«هُوَ أَنْ تَعْبُدَ اللَّهَ كَأَنَّكَ تَرَاهُ، فَإِنْ لَمْ تَكُنْ تَرَاهُ فَإِنَّهُ يَرَاكَ» [1].
- الخطب المنبريةموسوعة الخطب المنبرية (القسم الأول)«الْإِحْسَانَ: أَنْ تَعْبُدَ اللَّهَ كَأَنَّكَ تَرَاهُ، فَإِنْ لَمْ تَكُنْ تَرَاهُ فَإِنَّهُ يَرَاكَ»
- الخطب المنبرية موسوعة الخطب المنبرية (القسم الثاني)«أَنْ تَعْبُدَ اللَّهَ كَأَنَّكَ تَرَاهُ، فَإِنْ لَمْ تَكُنْ تَرَاهُ فَإِنَّهُ يَرَاكَ»"
- الخطب المنبريةموسوعة الخطب المنبرية (القسم الثالث)«الْإِحْسَانُ أَنْ تَعْبُدَ اللَّهَ كَأَنَّكَ تَرَاهُ، فَإِنْ لَمْ تَكُنْ تَرَاهُ فَإِنَّهُ يَرَاكَ»
- العقيدة الصحيحةدروس العقيدة الصحيحة«فَأَخْبِرْنِي عَنِ الْإِيمَانِ، قَالَ: أَنْ تُؤْمِنَ بِاللهِ، وَمَلَائِكَتِهِ، وَكُتُبِهِ، وَرُسُلِهِ، وَاليَوْمِ الْآخِرِ، وَتُؤْمِنَ بِالْقَدَرِ خَيْرِهِ وَشَرِّهِ»
- العلم الواجب بدون فقه وبدون زيادات1(أَن تُؤْمِنَ بِاللهِ، وَمَلَائِكَتِهِ، وَكُتُبِهِ، وَرُسُلِهِ، وَالْيَوْمِ الآخِرِ، وَتُؤْمِنَ بِالْقَدَرِ خَيْرِهِ وَشَرِّهِ).
- العلم الواجب بدون فقه وبدون زيادات1(أَن تَعْبُدَ اللهَ كَأَنَّكَ تَرَاهُ، فَإِن لَّمْ تَكُن تَرَاهُ فَإِنَّهُ يَرَاكَ).
- الله -جل جلاله- أنيس المحبين وملاذ القاصدين«أَنْ تَعْبُدَ اللهَ كَأَنَّكَ تَرَاهُ، فَإِنَّ لَمْ تَكُنْ تَرَاهُ فَإِنَّهُ يَرَاكَ»
- الله -جل جلاله- أنيس المحبين وملاذ القاصدين«أَنْ تُؤْمِنَ بِاللهِ، وَمَلَائِكَتِهِ، وَكُتُبِهِ، وَرُسُلِهِ، وَاليَوْمِ الآخِرِ، وَتُؤْمِنَ بِالقَدَرِ خَيْرِهِ وَشَرِّهِ»
- الله -جل جلاله- أنيس المحبين وملاذ القاصدين«أَنْ تَعْبُدَ اللهَ كَأَنَّكَ تَرَاهُ، فَإِنْ لَمْ تَكُنْ تَرَاهُ فَإِنَّهُ يَرَاكَ»
- الله -جل جلاله- أنيس المحبين وملاذ القاصدين«أَنْ تَعْبُدَ اللهَ كَأَنَّكَ تَرَاهُ، فَإِنَّ لَمْ تَكُنْ تَرَاهُ فَإِنَّهُ يَرَاكَ»
- الله -جل جلاله- أنيس المحبين وملاذ القاصدين«أَنْ تَعْبُدَ اللهَ كَأَنَّكَ تَرَاهُ، فَإِنَّ لَمْ تَكُنْ تَرَاهُ فَإِنَّهُ يَرَاكَ»
- المناهج التعليمية - الصف السادسالمناهج الدراسية - الفقه - الصف السادس «الإِسْلَامُ أَنْ تَشْهَدَ أَنْ لَا إِلَهَ إِلَّا اللهُ، وَأَنَّ مُحَمَّدًا رَسُولُ اللهِ، وَتُقِيمَ الصَّلَاةَ، وَتُؤْتِيَ الزَّكَاةَ، وَتَصُومَ رَمَضَانَ، وَتَحُجَّ الْبَيْتَ إِنِ اسْتَطَعْتَ إِلَيْهِ سَبِيلًا»[9].
- المناهج التعليمية - الصف السادسالمناهج الدراسية - الفقه - الصف السادس «الإِسْلَامُ أَنْ تَشْهَدَ أَنْ لَا إِلَهَ إِلَّا اللهُ، وَأَنَّ مُحَمَّدًا رَسُولُ اللهِ، وَتُقِيمَ الصَّلَاةَ، وَتُؤْتِيَ الزَّكَاةَ، وَتَصُومَ رَمَضَانَ، وَتَحُجَّ الْبَيْتَ إِنِ اسْتَطَعْتَ إِلَيْهِ سَبِيلًا»[24].
- ثلاثة الأصول وأدلتهاقَالَ: أَنْ تَعْبُدَ اللَّهَ كَأَنَّكَ تَرَاهُ، فَإِنْ لَمْ تَكُنْ تَرَاهُ فَإِنَّهُ يَرَاكَ.
- ثلاثة الأصول وأدلتهاقَالَ: مَا المَسْؤُولُ عَنْهَا بِأَعْلَمَ مِنَ السَّائِلِ.
- حراسة التوحيدالعقيدة الصحيحة وما يضادها «الإِيمَانُ أَنْ تُؤْمِنَ بِاللَّهِ، وَمَلَائِكَتِهِ، وَكُتُبِهِ، وَرُسُلِهِ، وَاليَوْمِ الآخِرِ، وَتُؤْمِنَ بِالقَدَرِ خَيْرِهِ وَشَرِّهِ»[1].
- خذ عقيدتك من الكتاب والسنة الصحيحة"الإسلام أن تشهد أن لا إله إِلا الله وأن محمدًا رسول الله، وتُقيم الصلاة، وتؤتي الزَّكاة، وتصوم رمضان، وتَحجَّ البيت إن استطعت إليه سبيلًا".
- خذ عقيدتك من الكتاب والسنة الصحيحة"الإيمان: أن تؤمن باللهِ، وملائكتِه وكتبه، ورسلِه، واليوم الآخر، وتؤمن بالقدَر خيره وشره"
- خذ عقيدتك من الكتاب والسنة الصحيحة«الإحسان أن تعبدَ الله كأنك تراه، فإن لم تكن تراهُ فإنه يَرَاك»
- خطبة عرفة(الإِسْلاَمُ أَنْ تَشْهَدَ أَنْ لا إِلَهَ إِلَّا اللهُ وَأَنَّ مُحَمَّدًا رَسُولُ اللهِ، وَتُقِيمَ الصَّلَاةَ، وَتُؤْتِيَ الزَّكَاةَ، وَتَصُومَ رَمَضَانَ، وَتَحُجَّ الْبَيْتَ إِنِ اسْتَطَعْتَ إِلَيْهِ سَبِيلًا).
- رياض الصالحينرياض الصالحين مع فوائد وهدايات - 1 «بَيْنَمَا نَحْنُ جُلُوسٌ عِنْدَ رسولِ الله صلى الله عليه وسلم ، ذَاتَ يَوْمٍ إذْ طَلَعَ عَلَيْنَا رَجُلٌ شَديدُ بَياضِ الثِّيَابِ، شديدُ سَوَادِ الشَّعْرِ، لا يُرَىٰ عَلَيْهِ أَثرُ السَّفَرِ، وَلا يَعْرِفُهُ منَّا أحَدٌ، حَتَّىٰ جَلَسَ إلَ
- سؤال وجواب حول الإسلام«الإِحْسَانُ أَنْ تَعْبُدَ اللَّهَ كَأَنَّكَ تَرَاهُ، فَإِنْ لَمْ تَكُنْ تَرَاهُ فَإِنَّهُ يَرَاكَ»
- شرح الأصول الثلاثة«أَنْ تَعْبُدَ اللَّهَ كَأَنَّكَ تَرَاهُ» [21]
- شرح الأصول الثلاثةقَالَ: فَأَخْبِرْنِي عَنِ الإِيمَانِ؟ قَالَ: «أَنْ تُؤْمِنَ بِاللَّهِ، وَمَلَائِكَتِهِ، وَكُتُبِهِ، وَرُسُلِهِ، وَالْيَوْمِ الآخِرِ، وَتُؤْمِنَ بِالْقَدَرِ خَيْرِهِ وَشَرِّهِ» قَالَ: صَدَقْتَ.
- عقيدة الأئمة الأربعة«أَنْ تُؤْمِنَ بِاللَّهِ، وَمَلَائِكَتِهِ، وَكُتُبِهِ، وَرُسُلِهِ، وَالْيَوْمِ الآخِرِ، وَتُؤْمِنَ بِالْقَدَرِ خَيْرِهِ وَشَرِّهِ»
- فضل الإسلام{ الإسلام أن تشهد أن لا إله إلا الله، وأن محمدا رسول الله، وتقيم الصلاة، وتؤتي الزكاة، وتصوم رمضان، وتحج البيت إن استطعت إليه سبيلا } [8].
- قاموس الكبائر موسوعة الكبائر - المجموعة الأولى«أَنْ تَعْبُدَ اللهَ كَأَنَّكَ تَرَاهُ، فَإِنْ لَمْ تَكُنْ تَرَاهُ، فَإِنَّهُ يَرَاكَ» [50].
- قاموس الكبائر«أَنْ تَعْبُدَ اللهَ كَأَنَّكَ تَرَاهُ، فَإِنْ لَمْ تَكُنْ تَرَاهُ، فَإِنَّهُ يَرَاكَ» [50].
- كيف أكون مسلمًا؟1(الإِسْلاَمُ أَنْ تَشْهَدَ أَنْ لاَ إِلَهَ إِلاَّ اللَّهُ وَأَنَّ مُحَمَّدًا رَسُولُ اللهِ، وَتُقِيمَ الصَّلاَةَ، وَتُؤْتِيَ الزَّكَاةَ، وَتَصُومَ رَمَضَانَ، وَتَحُجَّ الْبَيْتَ إِنِ اسْتَطَعْتَ إِلَيْهِ سَبِيلًا)
- ما لا يسع أطفال المسلمين جهله«فَأَخْبِرْنِي عَنِ الإِيمَانِ، قَالَ: أَنْ تُؤْمِنَ بِاللهِ، وَمَلَائِكَتِهِ، وَكُتُبِهِ، وَرُسُلِهِ، وَاليَوْمِ الآخِرِ، وَتُؤْمِنَ بِالقَدَرِ خَيْرِهِ وَشَرِّهِ»[3].
- مادة العقيدة الإسلامية(أن تؤمن بالله، وملائكته، وكتبه، ورسله، واليوم الآخر، وتؤمن بالقدر خيره وشره).[65]
- مادة العقيدة الإسلامية(قَالَ فأخبرني عَنِ السَّاعَةِ. قَالَ مَا الْمَسْئُولُ عَنْهَا بِأَعْلَمَ مِنَ السَّائِلِ. قَالَ فأخبرني عَنْ أَمَارَتِهَا. قَالَ أَنْ تَلِدَ الأَمَةُ رَبَّتَهَا، وَأَنْ تَرَى الْحُفَاةَ الْعُرَاةَ الْعَالَةَ رِعَاءَ الشَّاءِ يَتَطَاوَلُونَ
- مجموعة زاد التفسير (2)التفسير 2«ما المسْؤُولُ عَنْها بأعْلَمَ من السَّائلِ».
- مجموعة زاد الحديث (1)الحديث 1قَالَ: بَيْنَمَا نَحْنُ عِنْدَ رَسُولِ الله صلى الله عليه وسلم ذَاتَ يَوْمٍ، إِذْ طَلَعَ عَلَيْنَا رَجُلٌ شَدِيدُ بَيَاضِ الثِّيَابِ، شَدِيدُ سَوَادِ الشَّعَرِ، لَا يُرَى عَلَيْهِ أَثَرُ السَّفَرِ، وَلَا يَعْرِفُهُ مِنَّا أَحَدٌ، حَتَّى جَل
- مشروع المنهج التعليميمادة التوحيد مستوى 2«الْإِسْلَامُ أَنْ تَشْهَدَ أَنْ لَا إِلَهَ إِلَّا اللهُ وَأَنَّ مُحَمَّدًا رَسُولُ اللهِ ﷺ وَتُقِيمَ الصَّلَاةَ، وَتُؤْتِيَ الزَّكَاةَ، وَتَصُومَ رَمَضَانَ، وَتَحُجَّ الْبَيْتَ إِنِ اسْتَطَعْتَ إِلَيْهِ سَبِيلًا»، قَالَ: صَدَقْتَ، قَالَ: ف
- مشروع منهاج زادكزادك 1 طالببَيْنَمَا نَحْنُ عِنْدَ رَسُولِ اللهِ صلى الله عليه وسلم ذَاتَ يَوْمٍ، إِذْ طَلَعَ عَلَيْنَا رَجُلٌ شَدِيدُ بَيَاضِ الثِّيَابِ، شَدِيدُ سَوَادِ الشَّعَرِ، لَا يُرَى عَلَيْهِ أَثَرُ السَّفَرِ، وَلَا يَعْرِفُهُ مِنَّا أَحَدٌ، حَتَّى جَلَسَ إِ
- موسوعة الإيمانفعن عمر بن الخطاب رضي الله عنه قال: بَيْنَمَا نَحْنُ عِنْدَ رَسُولِ اللهِ صلى الله عليه وسلم ذَاتَ يَوْمٍ، إِذْ طَلَعَ عَلَيْنَا رَجُلٌ شَدِيدُ بَيَاضِ الثِّيَابِ، شَدِيدُ سَوَادِ الشَّعَرِ، لَا يُرَى عَلَيْهِ أَثَرُ السَّفَرِ، وَلَا يَعْرِ
- موسوعة الإيمان«أَنْ تُؤْمِنَ بِاللهِ، وَمَلَائِكَتِهِ، وَكُتُبِهِ، وَرُسُلِهِ، وَالْيَوْمِ الْآخِرِ، وَتُؤْمِنَ بِالْقَدَرِ خَيْرِهِ وَشَرِّهِ». قَالَ: صَدَقْتَ.
- نبذة في العقيدة الإسلامية (شرح أصول الإيمان)نبذة في العقيدة الإسلامية«الْإِيمَانُ: أَنْ تُؤْمِنَ بِاللَّهِ، وَمَلَائِكَتِهِ، وَكُتُبِهِ، وَرُسُلِهِ، وَالْيَوْمِ الْآخِرِ، وَتُؤْمِنَ بِالْقَدَرِ: خَيْرِهِ وَشَرِّهِ»[3].
- نبراس طالب (1)1«أَنْ تُؤْمِنَ بِاللهِ، وَمَلَائِكَتِهِ، وَكُتُبِهِ، وَرُسُلِهِ، وَالْيَوْمِ الْآخِرِ، وَتُؤْمِنَ بِالْقَدَرِ خَيْرِهِ وَشَرِّهِ»، قَالَ: صَدَقْتَ.
- نبراس طالب (1)1«الْإِسْلَامُ أَنْ تَشْهَدَ أَنْ لَا إِلَهَ إِلَّا اللهُ وأَنَّ مُحَمَّدًا رَسُولُ اللهِ، وَتُقِيمَ الصَّلَاةَ، وَتُؤْتِيَ الزَّكَاةَ، وَتَصُومَ رَمَضَانَ، وَتَحُجَّ الْبَيْتَ إِنِ اسْتَطَعْتَ إِلَيْهِ سَبِيلًا».
- نبراس طالب (1)1«أَنْ تُؤْمِنَ بِاللهِ، وَمَلَائِكَتِهِ، وَكُتُبِهِ، وَرُسُلِهِ، وَالْيَوْمِ الْآخِرِ، وَتُؤْمِنَ بِالْقَدَرِ خَيْرِهِ وَشَرِّهِ».
- نبراس طالب (1)1«أَنْ تَعْبُدَ اللهَ كَأَنَّكَ تَرَاهُ، فَإِنْ لَمْ تَكُنْ تَرَاهُ فَإِنَّهُ يَرَاكَ».
- نبراس طالب (1)1«أَنْ تَعْبُدَ اللهَ كَأَنَّكَ تَرَاهُ، فَإِنْ لَمْ تَكُنْ تَرَاهُ فَإِنَّهُ يَرَاكَ»
- نبراس طالب (2)نبراس طالب (2) «أَنْ تَعْبُدَ اللهَ كَأَنَّكَ تَرَاهُ، فَإِنْ لَمْ تَكُنْ تَرَاهُ فَإِنَّهُ يَرَاكَ»
- نبراس طالب (3)نبراس طالب 3«أَنْ تَعْبُدَ اللهَ كَأَنَّكَ تَرَاهُ، فَإِنْ لَمْ تَكُنْ تَرَاهُ فَإِنَّهُ يَرَاكَ»