Isaan sun ummata yeroo gabrichi gaariin, yookaan namni gaariin isaan gidduutti du’e qabrii isaa irratti masjiida ijaaranii, suuraalee sana isa keessa kaayani
Aa'ishaa Haadha Mu'mintootaa irraa odeeffamee -Rabbiin ishee irraa haa jaalatu-:
Ummu Salaamaan Ergamaa Rabbiitiif -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- bataskaana Maariyah jedhamtu biyya Habashaa keessatti argite dubbatte, suuraa adda addaa irraa waan ishee keessatti argite itti himte. Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedhan: “Isaan sun ummata yeroo gabrichi gaariin, yookaan namni gaariin isaan gidduutti du’e qabrii isaa irratti masjiida ijaaranii, suuraalee sana isa keessa kaayani warri sun Rabbiin biratti irra badoo uumamaati”.
أَنَّ أُمَّ سَلَمَةَ ذَكَرَتْ لِرَسُولِ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ كَنِيسَةً رَأَتْهَا بِأَرْضِ الْحَبَشَةِ، يُقَالُ لَهَا مَارِيَةُ، فَذَكَرَتْ لَهُ مَا رَأَتْ فِيهَا مِنَ الصُّوَرِ، فَقَالَ رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ: «أُولَئِكَ قَوْمٌ إِذَا مَاتَ فِيهِمُ الْعَبْدُ الصَّالِحُ، أَوِ الرَّجُلُ الصَّالِحُ، بَنَوْا عَلَى قَبْرِهِ مَسْجِدًا، وَصَوَّرُوا فِيهِ تِلْكَ الصُّوَرَ، أُولَئِكَ شِرَارُ الْخَلْقِ عِنْدَ اللهِ».
Haati Mu’mintootaa Ummu Salaamaan -Rabbiin ishee irraa haa jaallatu- Rasuulaaf -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni himte isheen yeroo biyya Habashaa turtetti, bataskaana - Maariyah jedhamtu - kan ishee keessatti suuraaleen, faayaa fi fakkiiwwan adda addaa jiran argitee turte isaanii himte; sana baay'ee ajaa'ibsiifatuuf jecha! Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- sababoota fakkiiwwan kanneen kaa’aniif ibsaniiru. Akkas jedhaniin: Isaan sun isaan keessaa namni gaariin tokko yoo du’e qabrii isaa irratti masjiida itti salaatan ijaaru, suuraalee sanas ni tolchu, Namni waan akkasii hojjatu Rabbii ol ta'e biratti irra badaa uumamaa akka ta'ees ibsaniiru; Sababni isaas gochi isaa gara Rabbii ol ta'etti waan biroo qindeessutti nama geessuuf jecha.
...:
Sababoota shirkii ugguruuf jecha qabrii irratti masjiida ijaaruun, yookaan ishee biratti salaatuun, yookaan masjiida keessatti nama du'e awwaaluun haraama ta'uudha.
Masjiidota qabrii irratti ijaaruu fi fakkiiwwan isa keessa kaa’uun hojii yahuudaa fi kiristaanotaa yoo ta’u, namni kana godhu isaanitti fakkaateera.
Fakkii wantoota lubbuu qabanii godhachuun haraama ta'uudha.
Namni qabrii irratti masjiida ijaaree fakkii keessa kaa’e inni irra badaa uumama Rabbii ol ta'eeti.
Karoowwan shirkitti nama geessuu danda'an cufuudhaan eegumsa guutuu ta'e kan shari'aan tawhiidaaf gooteedha.
Namoota gaggaarii keessatti daangaa dabruu irraa dhoorguudha; sababni isaas shirkii keessatti argamutti waan nama geessuuf jecha.
Sahiiha Bukhaarii (1/ 94) (434).
Sahiiha Muslim (1/ 375) (528).
Dabalata (14)
مرقاة المفاتيح.
لعلي القاري (7/ 2857).
توضيح الأحكام مِن بلوغ المرام.
لعبد الله البسام (2/ 115).
فتح ذي الجلال والإكرام شرح بلوغ المرام.
لابن عثيمين (1/ 598).
منحة العلام في شرح بلوغ المرام.
لعبد الله الفوزان (2/ 469).
تيسير العلام شرح عمدة الأحكام.
لعبد الله البسام (ص290).
الجديد في شرح كتاب التوحيد.
لمحمد القرعاوي (ص183).
الملخص في شرح كتاب التوحيد.
لصالح الفوزان (ص168).
Cited in books
6 BooksDabalata (6)
- التوحيد في ضوء عقيدة الإمام الشافعي رحمه الله ونصوصه ومروياته"أولئك إذا مات فيهم الرجل الصالح- أو العبد الصالح - بنوا على قبره مسجدا، وصوروا فيه تلك الصور، أولئك شرار الخلق عند الله".([81])
- الصلاة التي علمها النبي ﷺ الصحابة رضي الله عنهمالصلاة التي علمها النبي ﷺ الصحابة رضي الله عنهم«إِنَّ أُولَئِكَ، إِذَا كَانَ فِيهِمُ الرَّجُلُ الصَّالِحُ، فَمَاتَ، بَنَوْا عَلَى قَبْرِهِ مَسْجِدًا، وَصَوَّرُوا فِيهِ تِلْكِ الصُّوَرَ، أُولَئِكِ شِرَارُ الْخَلْقِ عِنْدَ اللهِ يَوْمَ الْقِيَامَةِ»[344].
- الصلاة التي علمها النبي ﷺ الصحابة رضي الله عنهم«إِنَّ أُولَئِكَ، إِذَا كَانَ فِيهِمُ الرَّجُلُ الصَّالِحُ، فَمَاتَ، بَنَوْا عَلَى قَبْرِهِ مَسْجِدًا، وَصَوَّرُوا فِيهِ تِلْكِ الصُّوَرَ، أُولَئِكِ شِرَارُ الْخَلْقِ عِنْدَ اللهِ يَوْمَ الْقِيَامَةِ»[344].
- حراسة التوحيدالتحذير من بناء المساجد على القبور«أُولَئِكَ إِذَا مَاتَ فِيهِمُ الرَّجُلُ الصَّالِحُ؛ بَنَوْا عَلَى قَبْرِهِ مَسْجِدًا، وَصَوَّرُوا فِيهِ تِلْكَ الصُّوَرَ، أُولَئِكَ شِرَارُ الْخَلْقِ عِنْدَ اللَّهِ».
- شرح الصدور بتحريم رفع القبور«أُولَئِكَ قَوْمٌ إِذَا مَاتَ فِيهِمُ الْعَبْدُ الصَّالِحُ، أَوِ الرَّجُلُ الصَّالِحُ، بَنَوْا عَلَى قَبْرِهِ مَسْجِدًا، وَصَوَّرُوا فِيهِ تِلْكَ الصُّوَرَ، أُولَئِكَ شِرَارُ الْخَلْقِ عِنْدَ اللهِ»[5].
- شرح الصدور بتحريم رفع القبور«أُولَئِكَ قَوْمٌ إِذَا مَاتَ فِيهِمُ الْعَبْدُ الصَّالِحُ، أَوِ الرَّجُلُ الصَّالِحُ، بَنَوْا عَلَى قَبْرِهِ مَسْجِدًا» [27]