Skip to content
البَقَرَة /

Ayah 213

2 : 213

Ayah 213 of البَقَرَة (2 : 213). This page carries the verse in the Uthmani script with a translation of its meaning, at a stable URL that can be cited on its own.

البَقَرَة Ayahs 286
2 : 213

كَانَ ٱلنَّاسُ أُمَّةٗ وَٰحِدَةٗ فَبَعَثَ ٱللَّهُ ٱلنَّبِيِّـۧنَ مُبَشِّرِينَ وَمُنذِرِينَ وَأَنزَلَ مَعَهُمُ ٱلۡكِتَٰبَ بِٱلۡحَقِّ لِيَحۡكُمَ بَيۡنَ ٱلنَّاسِ فِيمَا ٱخۡتَلَفُواْ فِيهِۚ وَمَا ٱخۡتَلَفَ فِيهِ إِلَّا ٱلَّذِينَ أُوتُوهُ مِنۢ بَعۡدِ مَا جَآءَتۡهُمُ ٱلۡبَيِّنَٰتُ بَغۡيَۢا بَيۡنَهُمۡۖ فَهَدَى ٱللَّهُ ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ لِمَا ٱخۡتَلَفُواْ فِيهِ مِنَ ٱلۡحَقِّ بِإِذۡنِهِۦۗ وَٱللَّهُ يَهۡدِي مَن يَشَآءُ إِلَىٰ صِرَٰطٖ مُّسۡتَقِيمٍ

Ilmi namaa tuuta takka (amantii tokkicha irra) turan; ergasii Rabbiin nabiyyoota gammachiiftotaafi akeekkachiiftota taasisee erge. Isaan waliin kitaaba dhugaan buuse. akka inni waan isaan isa keessatti wal dhaban gidduu namootaatti murteessuuf. Warra inni kennameef qofatu erga ragaawwan ifa ta’an isaaniif dhufanii booda wal jibbaa gidduu isaanii jiru irraa kan ka’e wal dhabe. Rabbiin fedha Isaatiin warra amanan gara dhugaa waan isaan irratti wal dhabanii qajeelche. Rabbiin nama fedhe gara karaa sirraawaa qajeelcha.