«Yaa gurbaa! ani jechoota wohiin si barsiisa: Rabbiin tiksi si tiksaa, Rabbiin tiksi fuuldura keetti argattaa, yeroo kadhatte Rabbiin kadhu, yeroo gargaarsifattes Rabbiin gargaarsifadhu
Abuu Abbaas, Abdullaah Ibnu Abbaas irraa akka odeeffametti –Rabbi isaan irraa haa jaallatu- ni jedhe: guyyaa wohii booda nabiyyiitti –Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- uddeelluu yaabbadhee osoon jiruu akkas jedhani:
«Yaa gurbaa! ani jechoota wohiin si barsiisa: Rabbiin tiksi si tiksaa, Rabbiin tiksi fuuldura keetti argattaa, yeroo kadhatte Rabbiin kadhu, yeroo gargaarsifattes Rabbiin gargaarsifadhu, beeki: ummanni hundi waan tokkoon si fayyaduuf osoo walitti qabamanii, waan Rabbiin sila siif katabeen malee waan tokkooniyyuu si hin fayyadanu, akkasumas waan tokkoon si miidhuuf osoo walitti qabamanii, waan sila Rabbiin sitti barreesseen malee waan tokkooniyyuu si hin miidhanu, qalamoonni kaafaman, kitaabonnis qooran». Gabaasa Tirmiziitiin alatti: «Rabbiin tiksi fuuldura keetti argattaa, yeroo bal'inaa keessatti Rabbiin wol bari, yeroo dhiphinaa keessatti si beekaatii, beeki! wanti (qadaratti) si bira darbe tokko kan si mudatu hin taane, wanti si mudate immoo kan si bira darbu hin taane, beeki! tumsi obsaa waliini, furmaannis rakkoo waliini, jabina waliinis laafinaatu jira».
«يَا غُلَامِ! إنِّي أُعَلِّمُك كَلِمَاتٍ: احْفَظِ اللَّهَ يَحْفَظْكَ، احْفَظِ الله تَجِدْهُ تُجَاهَكَ، إذَا سَأَلْتَ فَاسْأَلِ اللهَ، وَإِذَا اسْتَعَنْتَ فَاسْتَعِنْ بِاَللهِ، وَاعْلَمْ أَنَّ الأُمَّةَ لَوْ اجْتَمَعَتْ عَلَى أَنْ يَنْفَعُوكَ بِشَيْءٍ لَمْ يَنْفَعُوكَ إلَّا بِشَيْءٍ قَدْ كَتَبَهُ اللَّهُ لَكَ، وَإِنِ اجْتَمَعُوا عَلَى أَنْ يَضُرُّوكَ بِشَيْءٍ لَمْ يَضُرُّوكَ إلَّا بِشَيْءٍ قَدْ كَتَبَهُ اللَّهُ عَلَيْكَ؛ رُفِعَتِ الأَقْلَامُ، وَجَفَّتِ الصُّحُفُ». وَفِي رِوَايَةِ غَيْرِ التِّرْمِذِيِّ: «احْفَظِ اللهَ تَجِدْهُ أَمَامَكَ، تَعَرَّفْ إلَى اللهِ فِي الرَّخَاءِ يَعْرِفْكَ فِي الشِّدَّةِ، وَاعْلَمْ أَنَّ مَا أَخْطَأَكَ لَمْ يَكُنْ لِيُصِيبَكَ، وَمَا أَصَابَك لَمْ يَكُنْ لِيُخْطِئَكَ، وَاعْلَمْ أَنَّ النَّصْرَ مَعَ الصَّبْرِ، وَأَنْ الفَرَجَ مَعَ الكَرْبِ، وَأَنَّ مَعَ العُسْرِ يُسْرًا».
Ibnu Abbaas -Rabbi isa irraa haa jaallatu- gurbaa xiqqaa nabiyyii waliin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- uddeelluu yaabbatu ture, Nabiyyiin -rahmannii fi nageenyi isaan irra haa jiraatu- ani wantoota Rabbiin ittiin si fayyadun si barsiisa isaan jedhaniin: Isaan buluu fi waan isatti si dhiheessu hojjachuu irratti si argee, badiiwwanii fi diliiwwan irratti akka si hin agarreef, ajajoota isaa tiksuun, dhoorgaawwan isaa irraa fagachuun, Rabbiin tiksi, sana yoo hojjatte, mindaan kee Rabbiin waan jibbamaa duniyaa fi Aakhiraa irraa si eegee, eessattuu yoo bobbaate immoo dirqamoota kee irratti siif tumsuu ta'a. Waan tokko gaafachuu yoo barbaadde, Rabbiin malee hin gaafatin, isuma qofatu gaafattootaaf deebii kenna waan ta'eef. Gargaarsas yoo barbaadde Rabbiin malee hin gargaarsifatin. Worri dachii hundi si fayyaduuf osoo walitti qabamanii, waan Rabbiin sila siif katabe malee faaydaan wohii akka siif hin taane mirkana ta'i, akkasumas worri dachii hundi si miidhuuf osoo walitti qabamanii, waan Rabbiin sila sirratti murteesse malee miidhaan kamuu akka si hin qaqqabnes mirkana ta'i. Dhimma kana Rabbiin akkaataa ogumnii fi beekumsi isaa dirqamsiisuun katabee jira, waan Rabbiin barreesseef immoo jijjiirraan hin jiru. Ajaja isaa tiksuu fi dhoorgaa isaa irraa fagaachuun nama Rabbiin tikse; Rabbiin ol ta'e fuuldura isaatti argama, waan inni irra jiru beeka waan ta'eef, isaaf tumsa isa gargaaras. ilmi namaa bal'ina keessatti Rabbiif yoo ajajame, Rabbiin immoo yeroo rakkinaa fi dhiphinaa keessatti furmaata isaaf taasisa, ilmi namaa hunduu waan Rabbiin isaaf qoode, toltuus ta'ee hamtuu haa jaallatu. gabrichi rakkiinootaa fi qormaatoowwanii waliin obsa qabaachuu qaba, obsi furtuu furmaataati waan ta'eef jecha, rakkinni yeroo jabaate Rabbiin irraa furmaanni dhufa, jabinni wohii yeroo argame Rabbiin isa boodaa laafinti fida.
Barbaachisummaa Xixiqqoowwanii fi ijoollewwan dhimmoota tawhiidaa, naamuusaa fi kan biroo barsiisuun qabuudha.
Mindaan fakkaataadhuma hojiiti.
Waan Isa malee jiru dhiisanii Rabbiin qofa irratti hirkachuu fi Isuma qofa irratti tawakkaluutti ajajuudha, keessa, Inni hirkoof waa tole.
Murtoo, qadaratti amanuu fi isa jaallachuudha, Rabbiin dhugumatti waan hundaa qaddaree jira.
Nama ajaja Rabbii gate Rabbiin isa gata, isas hin tiksu.
Gammachuun guddaan ilmi namaa rakkinni yoo isa mudate laafina haa eeguudha.
Yeroo balaan mudatee fi jaalalleen darbetti bohaarsaan gabrichaa, jecha isaanii kan: "beeki! wanti si mudate si dhabuuf hin turre, wanti si dhabe si mudachuuf hin turre" jedhu keessa jira, himni tokkoffaan wanti jibbamu yeroo nama mudateef bohaarsaadha, himni lammaffaa immoo wanti jaallatamu yeroo nama darbeef bohaarsaadha.
Sunana Tarmizii (4/ 284) (2516).
Dabalata (5)
التحفة الربانية في شرح الأربعين حديثًا النووية (ص42).
شرح الأربعين النووية.
لابن عثيمين (ص200).
فتح القوي المتين في شرح الأربعين وتتمة الخمسين.
للعباد (ص69).
Cited in books
16 BooksDabalata (16)
- الإلحاد - إعلان نجاح أم فشل؟إِذَا سَأَلْتَ فَاسْأَلْ اللَّهَ، وَإِذَا اسْتَعَنْتَ فَاسْتَعِنْ بِاللَّهِ. رواه الترمذي.
- العلم الواجب بدون فقه وبدون زيادات1(احْفَظِ اللهَ تَجِدْهُ أَمَامَكَ، تَعَرَّفْ إِلَى اللَّهِ فِي الرَّخَاءِ يَعْرِفْكَ فِي الشِّدَّةِ، وَاعْلَمْ أَنَّ مَا أَخْطَأَكَ لَمْ يَكُنْ لِيُصِيبَكَ، وَمَا أَصَابَكَ لَمْ يَكُنْ لِيُخْطِئَكَ، وَاعْلَمْ أَنَّ النَّصْرَ مَعَ الصَّبْرِ،
- تجربة 12-10-2025جزء تجريبي«يا غلام، إني أعلمك كلمات: احفظ الله يحفظك، احفظ الله تجده تجاهك، إذا سألت فاسأل الله، وإذا استعنت فاستعن بالله، واعلم: أن الأمة لو اجتمعت على أن ينفعوك بشيء لم ينفعوك إلا بشيء قد كتبه الله لك، وإن اجتمعوا على أن يضروك بشيء لم يضروك إلا بشي
- حراسة التوحيدإقامة البراهين على حكم من استغاث بغير الله«احْفَظِ اللهَ يَحْفَظْكَ، احْفَظِ اللهَ تَجِدْهُ تُجَاهَكَ، إِذَا سَأَلْتَ فَاسْأَلِ اللهَ، وَإِذَا اسْتَعْنَتَ فَاسْتَعِنْ بِاللهِ».
- خذ عقيدتك من الكتاب والسنة الصحيحة«إذا سألت فاسأل الله، وإذا استعنتَ فاستعِنْ بالله»
- رياض الصالحينرياض الصالحين مع فوائد وهدايات - 1 «احْفَظِ اللهَ تَجِدْهُ أمَامَكَ، تَعَرَّفْ إلىٰ الله في الرَّخَاءِ يَعْرِفْكَ في الشِّدَّةِ، وَاعْلَمْ أنَّ مَا أخْطَأكَ لَمْ يَكُنْ لِيُصِيبَكَ، وَمَا أصَابَكَ لَمْ يَكُنْ لِيُخْطِئَكَ، وَاعْلَمْ أنَّ النَّصْرَ مَعَ الصَّبْرِ، وَأنَّ الْف
- شرح الأربعين النووية«يَا غُلَامِ! إنِّي أُعَلِّمُك كَلِمَاتٍ: احْفَظْ اللَّهَ يَحْفَظْك، احْفَظْ اللَّهَ تَجِدْهُ تُجَاهَك، إذَا سَأَلْت فَاسْأَلِ اللَّهَ، وَإِذَا اسْتَعَنْت فَاسْتَعِنْ بِاَللَّهِ، وَاعْلَمْ أَنَّ الْأُمَّةَ لَوْ اجْتَمَعَتْ عَلَى أَنْ يَنْفَ
- شرح الأربعين النووية«احْفَظْ اللَّهَ تَجِدْهُ أَمَامَكَ، تَعَرَّفْ إلَى اللَّهِ فِي الرَّخَاءِ يَعْرِفْكَ فِي الشِّدَّةِ، وَاعْلَمْ أَنَّ مَا أَخْطَأَكَ لَمْ يَكُنْ لِيُصِيبَكَ، وَمَا أَصَابَكَ لَمْ يَكُنْ لِيُخْطِئَكَ، وَاعْلَمْ أَنَّ النَّصْرَ مَعَ الصَّبْرِ
- ما لا يسع أطفال المسلمين جهله«يَا غُلَامُ، إِنِّي أُعَلِّمُكَ كَلِمَاتٍ: احْفَظِ اللَّهَ يَحْفَظْكَ، احْفَظِ اللَّهَ تَجِدْهُ تُجَاهَكَ، إِذَا سَأَلْتَ فَاسْأَلِ اللَّهَ، وَإِذَا اسْتَعَنْتَ فَاسْتَعِنْ بِاللَّهِ، وَاعْلَمْ: أَنَّ الأُمَّةَ لَوِ اجْتَمَعَتْ عَلَى أَنْ
- مجموعة زاد التربية الإسلامية (2)1«واعلمْ أنَّ النَّصْرَ مع الصَّبرِ».
- مجموعة زاد الحديث(3)1(رُفعَت الأَقْلامُ، وَجَفّت الصُّحُفُ)
- مشروع منهاج زادكزادك 2 طالب نهائي«وَاعْلَمْ أَنَّ الأُمَّةَ لَوْ اجْتَمَعَتْ عَلَى أَنْ يَنْفَعُوكَ بِشَيْءٍ لَمْ يَنْفَعُوكَ إِلَّا بِشَيْءٍ قَدْ كَتَبَهُ اللهُ لَكَ، وَلَوْ اجْتَمَعُوا عَلَى أَنْ يَضُرُّوكَ بِشَيْءٍ لَمْ يَضُرُّوكَ إِلَّا بِشَيْءٍ قَدْ كَتَبَهُ اللهُ عَل
- مشروع منهاج زادكزادك 3 طالب نهائي«إِذَا سَأَلْتَ فَاسْأَلِ اللهَ، وَإِذَا اسْتَعَنْتَ فَاسْتَعِنْ بِاللهِ»
- مشروع منهاج زادكزادك 3 طالب نهائي«رُفِعَتِ الأَقْلَامُ، وَجَفَّتِ الصُّحفُ»
- موسوعة الإيمان«يَا غُلَامُ، إِنِّي أُعَلِّمُكَ كَلِمَاتٍ: احْفَظِ اللَّهَ يَحْفَظْكَ، احْفَظِ اللَّهَ تَجِدْهُ تُجَاهَكَ، إِذَا سَأَلْتَ فَاسْأَلِ اللَّهَ، وَإِذَا اسْتَعَنْتَ فَاسْتَعِنْ بِاللَّهِ، وَاعْلَمْ أَنَّ الأُمَّةَ لَوِ اجْتَمَعَتْ عَلَى أَنْ ي
- نبراس طالب (2)نبراس طالب (2) عَن ابنِ عباسٍ رضي الله عنه قَالَ: كنت خلف النَّبيِّ صلى الله عليه وسلم يومًا، فَقَالَ: «يَا غُلامُ، إنِّي أعلِّمُكَ كَلِمَاتٍ: احْفَظِ اللهَ يَحْفَظْكَ، احْفَظِ اللهَ تَجِدْهُ تُجَاهَكَ، إِذَا سَألْتَ فَاسأَلِ اللهَ، وإِذَا اسْتَعَنْتَ فَا