Skip to content

"Rabbiin malee dhugaan gabbaramaan biraa akka hin jirre, Muhammad Ergamaa Rabbii ta’uu isaanii hanga ragaa bahanii, salaata dhaabanii, zakaa kennanitti ani namoota mushrika ta'aniin lolutti ajajameera

Ibnu Umar irraa odeeffamee -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- akkana jedhan:

"Rabbiin malee dhugaan gabbaramaan biraa akka hin jirre, Muhammad Ergamaa Rabbii ta’uu isaanii hanga ragaa bahanii, salaata dhaabanii, zakaa kennanitti ani namoota mushrika ta'aniin lolutti ajajameera, yoo san hojjatan haqa islaamummaatiin malee dhiiga isaanitii fi qabeenya isaanii narraa tikfatan, herregni keessa isaanii Rabbiin bira jira".

«أُمِرْتُ أَنْ أُقَاتِلَ النَّاسَ حَتَّى يَشْهَدُوا أَنْ لاَ إِلَهَ إِلَّا اللَّهُ، وَأَنَّ مُحَمَّدًا رَسُولُ اللَّهِ، وَيُقِيمُوا الصَّلاَةَ، وَيُؤْتُوا الزَّكَاةَ، فَإِذَا فَعَلُوا ذَلِكَ عَصَمُوا مِنِّي دِمَاءَهُمْ وَأَمْوَالَهُمْ إِلَّا بِحَقِّ الإِسْلاَمِ، وَحِسَابُهُمْ عَلَى اللَّهِ».

Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Sahiiha
Ibsa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- mushrikootan lolutti Rabbiin akka isaan ajaje himan, hanga isaan Rabbii tokkicha shariika hin qabne malee dhugaan gabbaramaan hin jiruu fi Muhammadiif -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- ergaan ragaa bahanii, halkanii fi guyyaa keessatti salaata shanan irratti eeggachuu fi zakaa dirqamaa warra isii haqa godhataniif kennuu irraa waan ragaan kun barbaadu irratti hanga hojjatanitti. Wantoota kanneen yoo raawwatan Islaamummaan dhiiga isaanii fi qabeenya isaanii ni tiksa; kanaafuu isaan ajjeesuun hin hayyamumu, yoo yakka ykn badii cimaa akka seera islaamummaatti isa irratti ajjeefamuu haqa godhatan raawwatan malee, eegasii guyyaa qiyaamaatti Rabbii ol ta'e kan iccitii isaanii beekuutu isaan qorata.

Hiika jechchootaa

...:

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

Murtiiwwan namaa kan ilaallatu mul’ata alaa qofa yoo ta’u, iccitiiwwan Rabbii tokkicha qofaatu beekaadha.

Barbaachisummaa gara towhiidatti waamuun qabuu fi towhiidni waamicha keessatti dura waan isaan jalqabamuu qabuudha. ​

Hadiisni kun mushrikoonni dirqiin Islaamummaa keessa akka seenan taasisa jechuu osoo hin taane, inumaayyuu gidduu islaamummaa keessa seenuu ykn gibira kaffaluutti isaan filannoo akka qaban agarsiisa, yoo waamicha islaamaa dhoorguu malee didan, akka seera islaamummaatti isaanin loluu malee falli biraa hin jiru.

Wabiiwwan ykn bu'urawwan

Sahiiha Bukhaarii (1/ 14) (25).

Sahiiha Muslim (1/ 53) (22).

Dabalata (4)

التحفة الربانية في شرح الأربعين حديثًا النووية.

لإسماعيل السعدي (ص23).

شرح الأربعين النووية.

لابن عثيمين (ص125).