Haqni Rabbii kan gabroota Isaa irra jiru Isa gabbaruu fi homaa Isatti qindeessuu dhabuudha, haqni gabroonni Rabbirraa qaban immoo nama Isatti homaa hin qindeessine azzabuu dhabuudha
Mu'aaz irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe:
Booda Nabiyyiitti -Rabbiin rahmata fi nageenya isaan irratti haa buusu- Harree ufayr isaan jedhamu irratti duubaan yaabbadhee osoon jiruu, akkana naan jedhani: "Yaa Mu'aaz! haqa Rabbii kan gabroota Isaa irra jiruu fi haqa gabrootaa kan Rabbirra jiru ni beektaa?", Rabbii fi ergamaa Isaatu beekan jedhe, Ergamaanis ni jedhani: "Haqni Rabbii kan gabroota Isaa irra jiru Isa gabbaruu fi homaa Isatti qindeessuu dhabuudha, haqni gabroonni Rabbirraa qaban immoo nama Isatti homaa hin qindeessine azzabuu dhabuudha", nan jedhe: yaa Ergamaa Rabbii namootaa ittiin gammachiisuu? Ergamaanis ni jedhani: "isaan hin gammachiisin, ni hirkataniitii (kanuma irratti hirkatanii hojii biraa dhiisu waan ta'eef jecha)".
كُنْتُ رِدْفَ النَّبِيِّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ عَلَى حِمَارٍ يُقَالُ لَهُ عُفَيْرٌ، فَقَالَ: «يَا مُعَاذُ، هَلْ تَدْرِي حَقَّ اللَّهِ عَلَى عِبَادِهِ، وَمَا حَقُّ العِبَادِ عَلَى اللَّهِ؟»، قُلْتُ: اللَّهُ وَرَسُولُهُ أَعْلَمُ، قَالَ: «فَإِنَّ حَقَّ اللَّهِ عَلَى العِبَادِ أَنْ يَعْبُدُوهُ وَلا يُشْرِكُوا بِهِ شَيْئًا، وَحَقَّ العِبَادِ عَلَى اللَّهِ أَنْ لا يُعَذِّبَ مَنْ لا يُشْرِكُ بِهِ شَيْئًا»، فَقُلْتُ: يَا رَسُولَ اللَّهِ أَفَلاَ أُبَشِّرُ بِهِ النَّاسَ؟ قَالَ: «لا تُبَشِّرْهُمْ، فَيَتَّكِلُوا».
Nabiyyiin -Rabbiin rahmata fi nageenya isaan irratti haa buusu- haqa Rabbiin gabroottan irraa qabuu fi haqa gabroottan Rabbiirraa qaban if galchan, haqni Rabbiin gabroota irraa qabu Isatti waan tokko osoo hin qindeessin Isa qofa gabbaruudha, Haqni gabroonni Rabbirraa qaban worra Isatti homaa osoo hin qindeessine Isa tokkichoomsan azzabuu dhabuudha. Eegasii Mu'aaz ni jedhe: yaa ergamaa Rabbii, namoonni akka gammadanuuf tola guddaa kanaan isaan gammachiisuu? Nabiyyiinis -Rabbiin rahmata fi nageenya isaan irratti haa buusu- waan namoonni isa irratti hirkatanii hojii dhiisu jedhanii sodaataniif isa dhoorgani.
...:
Haqa Rabbii ol ta'ee kan isa gabroota isaa irratti dirqama taasise ibsuutu keessa jira, inni osoo waan tokkollee Isatti hin qindeessin Isa gabbbaruudha.
Haqa gabroottan Rabbii ol ta'e irraa qaban ibsuudha, haqichi isa Rabbiin tola Isa irraa ta'ee fi qananii Isaatiin lubbuu Isaa irratti dirqama taasiseedha, innis jannata isaan seensisuu fi isaan azzabuu dhabuudha.
Worra Rabbiin tokkichoomsan kan Rabbiitti homaa hin qindeessineef gammachuu guddaatu isa keessa jira, itti galli isaani jannata seenuu ta'uudhaan.
Badii beekumsa dhoksuun qabu keessa bu'uu sodaaf jecha mu'aaz hadiisa kana du'a isaatiin duratti odeesseera.
Namoota garii biratti hadiisa garii facaasuu irraa eeggachuutti dammaqsuudha, sodaa namoota hiika isaa hubachuu hin dandeenyeetiif jecha; sun waan hojiin isa irratti hin hundoofne keessattii fi waan adabbiin shari'aa isa keessa hin jirre keessatti.
Balleessitoonni worra tawhiidaa fedha Rabbii jala jiru, yoo fedhe isaan azzaba yoo fedhe immoo isaaniif dhiisa, eegasii deebiiin isaanii jannata ta'a.
Sahiiha Bukhaarii (4/ 29) (2856).
Sahiiha Muslim (1/ 58) (30).
(1/ 627).
Dabalata (5)
المحكم لابن سيده (10/26).
المفهم لما أشكل من تلخيص كتاب مسلم (1/ 203).
فتح الباري (11/340.
البحر المحيط الثجاج في شرح صحيح الإمام مسلم بن الحجاج (1/ 623).
عمدة القاري شرح صحيح البخاري (14/ 148).
Cited in books
12 BooksDabalata (12)
- العقيدة الصحيحةدروس العقيدة الصحيحة«فَإِنَّ حَقَّ اللَّهِ عَلَى العِبَادِ: أَنْ يَعْبُدُوهُ وَلَا يُشْرِكُوا بِهِ شَيْئًا، وَحَقَّ العِبَادِ عَلَى اللَّهِ: أَنْ لاَ يُعَذِّبَ مَنْ لَا يُشْرِكُ بِهِ شَيْئًا»
- العقيدة الصحيحة وما يضادها«حق الله على العباد أن يعبدوه ولا يشركوا به شيئا»[2].
- العقيدة الصحيحة وما يضادها«أتدري ما حق الله على العباد وحق العباد على الله؟ فقال معاذ: قلت الله ورسوله أعلم، فقال النبي –صلى الله عليه وسلم- حق الله على العباد أن يعبدوه ولا يشركوا به شيئا، وحق العباد على الله أن لا يعذب من لا يشرك به شيئا»[7] الحديث.
- حراسة التوحيدالعقيدة الصحيحة وما يضادها «حَقُّ اللهِ عَلَى العِبَادِ أَن يَعْبُدُوهُ وَلَا يُشْرِكُوا بِهِ شَيْئًا» [2].
- حراسة التوحيدإقامة البراهين على حكم من استغاث بغير الله«حَقُّ اللهِ عَلَى العِبَادِ أَنْ يَعْبُدُوهُ وَلَا يُشْرِكُوا بِهِ شَيْئًا».
- خذ عقيدتك من الكتاب والسنة الصحيحة«حق العباد على الله أن لا يُعذِّبَ مَن لَا يشركُ به شيئًا»
- كتاب التوحيدكتاب التوحيد للشيخ محمد بن عبد الوهاب" حَقُّ اللهِ عَلَى الْعِبَادِ أَنْ يَعْبُدُوهُ وَلاَ يُشْرِكُوا بِهِ شَيْئًا، وَحَقُّ الْعِبَادِ عَلَى اللهِ أَنْ لاَ يُعَذِّبَ مَنْ لاَ يُشْرِكُ بِهِ شَيْئًا "،
- مجموعة زاد التربية الإسلامية (1)، والسيرة النبوبة (1)، والعقيدة (1)، والفقه (1)التربية الأسلامية 1قال: «فإن حق الله على العباد أن يعبدوه ولا يشركوا به شيئًا، وحق العباد على الله ألا يعذب من لا يشرك به شيئًا»
- مجموعة زاد التربية الإسلامية (1)، والسيرة النبوبة (1)، والعقيدة (1)، والفقه (1)التربية الأسلامية 1«حقُّ اللهِ على العِبادِ أنْ يعْبُدُوهُ ولا يُشْرِكُوا بِهِ شيْئًا...»
- مشروع منهاج زادكزادك 2 طالب نهائي«يَا مُعَاذُ، هَلْ تَدْرِي حَقَّ اللهِ عَلَى عِبَادِهِ؟ وَمَا حَقُّ العِبَادِ عَلَى اللهِ؟». قُلْتُ: اللهُ وَرَسُولُهُ أَعْلَمُ. قَالَ: «فَإِنَّ حَقَّ اللهِ عَلَى العِبَادِ أَنْ يَعْبُدُوهُ وَلاَ يُشْرِكُوا بِهِ شَيْئًا، وَحَقَّ العِبَادِ ع
- نبراس طالب (3)نبراس طالب 3«يَا مُعَاذُ، هَلْ تَدْرِي حَقَّ اللهِ عَلَى عِبَادِهِ، وَمَا حَقُّ العِبَادِ عَلَى اللهِ؟»، قُلْتُ: اللهُ وَرَسُولُهُ أَعْلَمُ، قَالَ: «فَإِنَّ حَقَّ اللهِ عَلَى العِبَادِ أَنْ يَعْبُدُوهُ وَلاَ يُشْرِكُوا بِهِ شَيْئًا، وَحَقَّ العِبَادِ ع
- نبراس طالب (3)نبراس طالب 3«فَإِنَّ حَقَّ اللهِ عَلَى العِبَادِ أَنْ يَعْبُدُوهُ وَلاَ يُشْرِكُوا بِهِ شَيْئًا»