Skip to content

"Namicha tokko kan namootaaf waa liqeessutu ture, gurbaa isaatiin akkas jedha ture: yeroo rakkataatti dhufte irra isaaf darbi, Rabbiin irra nuuf darbuutu mala

Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan:

"Namicha tokko kan namootaaf waa liqeessutu ture, gurbaa isaatiin akkas jedha ture: yeroo rakkataatti dhufte irra isaaf darbi, Rabbiin irra nuuf darbuutu mala, eegasii Rabbiin wol gahee jennaan Rabbiinis irra isaaf darbe".

«كان رجلٌ يُدَايِنُ الناسَ، فكان يقول لفتاه: إذا أتيتَ مُعسِرًا فتجاوز عنه، لعل اللهَ يَتجاوزُ عنا، فلقي اللهَ فتجاوز عنه».

Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Sahiiha
Ibsa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namicha liqaan namootaa waliin hojjatu yookaan beellamaan isaanitti gurguru irraa dubbatan, Ilma isaa kan liqaa namoota bira jiru sassaabuun akkas jedha ture: Yeroo nama waa liqeeffatee rakkina isaa irraa waan liqaa ittiin kaffalu hin qabne "irra isaaf darbi" yookaan isaaf tursiisuun, akkasumas gafachuu keessatti isatti jabeessuu dhabuun, Yookaan hirdhuu yoo ta'ellee waan inni qabu qeebaluuni, sun kaka'umsa isa irraa ta'ee fi Rabbiin irra isaaf darbuu fi isaaf dhiisuu kajeeluudhaaf jecha. Yeroo inni du'e Rabbiin isaaf dhiisee badiiwwan isaa irra isaaf darbe.

Hiika jechchootaa

يداين: يكثر من التعامل مع الناس بالدين.

فتاه: غلامه الذي يكلفه بالعمل.

أتيت معسرًا: لمطالبته بما عليه.

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

Namootaa waliin hojjachuu keessatti isaanitti tola ooluun, dhiifama isaani gochuunii fi rakkataa isaanii irra darbuuniif irra guddaa sababaawwan guyyaa qiyaamaa garbicha bilisa baasan irraayi.

Namootatti tola ooluun, Rabbiif qulqulleessuunii fi rahmata isaa kajeeluun sababoowwan badiin itti namaaf dhiifaman irraayi.

Wabiiwwan ykn bu'urawwan

Sahiiha Bukhaarii (4/ 176) (3480).

Sahiiha Muslim (3/ 1196) (1562).

Dabalata (9)

بهجة الناظرين شرح رياض الصالحين.

لسليم الهلالي (2/ 458).

التنوير شرح الجامع الصغير.

للصنعاني (8/ 123).

كنوز رياض الصالحين.

لمجموعة من الباحثين (16/ 402).

مرقاة المفاتيح شرح مشكاة المصابيح.

للقاري (5/ 1953).

نزهة المتقين شرح رياض الصالحين (2/ 945).