Skip to content

«Bishaan isaa qulqulluudha, du'aan isaas halaala».

Abuu Hureyraa irraa odeeffame, Rabbiin irraa haa jaallatu, ni jedhe:

Namichi tokko Ergamaa Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkas jedhee gaafate: Yaa Ergamaa Rabbii, nuti galaana bahraa irra deemna, bishaan xiqqoo of harkatti qabanna, yoo ittiin wuduu’a raawwanne ni dheebonna, bishaan galaanatiin wuduu’a godhachuu ni dandeenyaa? Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan: «Bishaan isaa qulqulluudha, du'aan isaas halaala».

سَأَلَ رَجُلٌ رَسُولَ اللهِ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ، فَقَالَ: يَا رَسُولَ اللهِ، إِنَّا نَرْكَبُ البَحْرَ، وَنَحْمِلُ مَعَنَا القَلِيلَ مِنَ الْمَاءِ، فَإِنْ تَوَضَّأْنَا بِهِ عَطِشْنَا، أَفَنَتَوَضَّأُ مِنَ الْبَحْرِ؟ فَقَالَ رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللَّهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ: «هُوَ الطَّهُورُ مَاؤُهُ، الحِلُّ مَيْتَتُهُ».

Abuu Daawuud, Tirmizii, Nasaa'ii, Ibnu Maajaa fi Ahmadtu gabaasan
Sahiiha
Ibsa

Namichi tokko Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkas jedhee gaafate: nuti qurxummii qabuuf ykn daldalaa fi kan kana fakkaataniif galaana irratti doonii yaabbanna, bishaan dhugaatii xiqqoo of biratti qabannee deemna, yoo wuduu'aa fi dhiqannaaf bishaan dhugaatii fayyadamne ni dhumata waan dhugnu hin argannu. Bishaan galaanaatiin wuduu’a gochuun nuuf ni hayyamamaa? Isaanis, nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu, waa'ee bishaan galaanaa akkas jedhan: Bishaan isaa qulqulluu fi qulqulleessaadha; Wuduu’a godhachuu fi ittiin dhiqachuun ni danda’ama, waan galaana keessaa bahu kan akka qurxummii fi kkf, osoo hin qabamin du’aan isaa gubbaa bishaanitti ol bahee yoo argamellee nyaachuun ni danda’ama.

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

Du'aan bineensa galaanaa halaala, du'aa isatti wanni fedhame: bineensota bishaan galaanaa keessatti du'an kan bishaan keessa malee jiraachuu hin dandeenyeedha.

Faayidaan gaafii sanaa akka guutamuuf jecha, waan gaafataan gaafate caalaa deebsisuudha.

Bishaan yoo mi’aan, halluun ykn fooliin isaa waan qulqulluun yoo jijjiirame, osoo soogiddummaan, ho’i , qorri isaa fi kkf jabaatellee hanga bishaan qulqulluu ta’etti qulqulluuma ta’ee hafa.

Bishaan galaanaa xuriiwwan gurguddoo fi xixiqqoos ni deemsisa, najisa akka tasaa qaama, ykn uffata ykn kkf irratti argame ni balleessa.

Wabiiwwan ykn bu'urawwan

Sunana Abbaa Daawuud (1/ 62) (83).

Sunana Tarmizii (1/ 111) (69).

Sunana Nasaa'ii (1/ 50) (59).

Sunana Ibnu Maajaa (1/ 250) (386).

Musnada Ahmad (12/ 171) (7233).

Dabalata (6)

منحة العلام في شرح بلوغ المرام.

لعبد الله الفوزان (1/ 28).

فتح ذي الجلال والإكرام بشرح بلوغ المرام.

لابن عثيمين (1/ 59).

توضيح الأحكام شرح بلوغ المرام.

لعبد الله البسام (1/ 116).