Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

8 of 559 cards

Clear filters
nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- nazrii irraa dhoorganii akkas jedhani: «nazriin khayrii hin fidu, dogni isaan dirqamee waa baasuu qofa malee».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
yaa ergamaa Rabbii, haati Sa'ad ni duute, sadaqaa kamtu irra caalaadha?, isaanis ni jedhani: «Bishaani», ni jedhe (gabaasaan hadiisachaa): (sa'ad) eela qotee, kun kan haadha sa'adi jedhe.
Hasani walitti qabama karaaleen isaatiin Abuu Daawuud, Nasaa'ii fi Ibnu maajaatu gabaasan
"Jibriil haqa ollaa naaf dhaamuu irraa booda hin jenne, hangan isa ni dhaalchisa jedhee yaadu tokkotti".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Ilmi namaa yeroo du'e waa sadi malee hojiin isaa isa irraa cita: sadaqaa itti fuftuu taate malee, yookaan beekumsa namni itti fayyadamu malee, yookaan ilma gaarii du'aa'ii isaaf godhu malee».
Sahiiha Muslimtu gabaase
«Abbaan warqii fi meetii kan waan irraa kaffaluun dirqama ta'e kan hin kaffalle guyyaa Qiyaamaa gabateen ibiddaa isaaf diriirfamu malee hin hafu, ibidda Jahannam keessatti ishee irratti oo'ifama, cinaachi isaa, addi isaa fi dugdi isaa isheedhaan gubama, yeroo qabbanaa'e hunda deebi'ee isaaf oo'ifama, guyyaa tilmaamni isaa waggaa kuma shantamatti lakkaa'amu keessatti akkasitti tura, hanga jidduu gabrootatti murtiin godhamee, karaa isaa gara Jannataa ykn gara ibiddaa ta'uu argutti».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Meetii warqiidhaan jijjiiruun dhala, yoo hoodhuu as kenniin tahe malee, qamadii qamadiin jijjiiruun dhala, hoodhuu fi as kenniin yoo tahe malee, garbuu garbuun jijiiruun dhala, yoo hoodhuu as kenniin tahe malee, timira timiraan jijjiiruun dhala, yoo hoodhuu as kenniin tahe malee».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
tuuta ash'ariyyoota irraa ta'anii woliin gara jihaadaatti geejjiba akka nuuf godhaniif jecha, gara ergamaa Rabbiitti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhufe, isaanis ni jedhani: «Rabbiinan kakadha isin hin geejjibu, waan ittiin isin geejjibu hin qabu» hanga Rabbiin fedhe eega turree, gaalonni wohii isaaniif fidamee jennaan, gaala sadi nuuf ajajani, erga deemsa eegallee gariin keenya garii keenyan akkas jedhe: Rabbiin barakaa keessa nuuf hin kaa'u, akka nu geejjibaniif jecha ergamaa Rabbiitti dhufnee jennaan -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- isin hin geejjibu jedhanii booda kakataniitii waan nu geejjibaniif, abuu muusaanis ni jedhe: gara nabiyyiitti dhufnee waan sana isaanitti himnee jennaan akkas jedhani: «Anaa miti kan isin geejjibe, Rabbiti isin geejjibe malee, ani Rabbiinan kakadha -yoo Rabbi jedhe- ani waan wohii irratti kakadhee, wanti biraa irra caalaa ta'uun yoo natti mul'ate, kakaa koo irraa kaffaaraa baasee, isa irraa caalaa ta'e raawwadhu malee hin dhiisu».
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
«Namni Rabbiin rakkina guyyaa qiyaamaa jalaa nagaa isa baasuun isa gammachiise, nama rakkina keessa jiru hafuura haa baafachiisu ykn irraa haa baasu».
Sahiiha Muslimtu gabaase