“Islaamummaan waan shan irratti ijaarame
Abuu Abdurrahmaan Abdullaah ibnu Umar ibnu Al-Khaxxaab irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: ergamaa Rabbiitii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhuun dhaga'e:
“Islaamummaan waan shan irratti ijaarame: Rabbiin malee haqaan gabbaramaan biraa akka hin jirree fi Muhammad gabrichaa fi Ergamaa Isaa ta’uu ragaa bahuu, salaata dhaabuu, zakaa kennuu, hajjii gochuu fi ji'a Ramadaanaa soomuudha” .
«بُنِيَ الإِسْلَامُ عَلَى خَمْسٍ: شَهَادَةِ أَنْ لَا إلَهَ إلَّا اللَّهُ وَأَنَّ مُحَمَّدًا عَبْدُهُ وَرَسُولُهُ، وَإِقَامِ الصَّلَاةِ، وَإِيتَاءِ الزَّكَاةِ، وَحَجِّ الْبَيْتِ، وَصَوْمِ رَمَضَانَ».
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- Islaamummaa ijaarsa ruknoowwan isaa shanan ijaarsa sana baattuun jabaa ta'etti fakkeessan, haaloowwan isalaamummaa kanneen hafan immoo akka waan guuttuu ijaarsa sanaa taatetti ilaalamti. Durri Ruknoowwan kanneenii: Shahaadaa lameeni; Rabbiin malee kan haqaan gabbaramu hin jiruu fi Muhammad Ergamaa Rabbii ta'uu ragaa bahuudha, isaan kun lameen ruknii tokko, tokkoon isaanii kaan irraa gargar hin bahu, Garbichi tokkummaa Rabbiitii fi waan Isa malee jiru osoo hin taane Inni qofti ibaadaa akka haqa godhatu amaanaa haala ta'een, qajeelfama isitti hojjataa haala ta'een, ergaa Muhammaditti -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- amanee isaan hordofaa haala ta'een isaan lameen (shahaadaa lameen) dubbata. Rukniin lammaffaa: Salaata dhaabuudha, isiinis Salaatawwan halkanii fi guyyaa keessatti dirqama ta'an shanani: salaata fajrii, zuhrii, asrii, maghribaa fi ishaa'ii yoo ta'an ulaagaa isaanii, ruknoowwan isaaniiti fi dirqamoota isaanii eeggatanii dhaabuudha. Rukniin sadaffaa: zakaa dirqamaa baasuudha, isiin ibaadaa qabeenyaa tan hunda hoorii likkii shari'aan murtaahe keessatti dirqama taatuudha, namoota isii haqa haqa godhataniif kennamti. Rukniin afraffaa: Hajjiidha, inni hojiilee adda addaa raawwachuuf Makkaa hamiluudha, Rabbii ol ta’e gabbaruuf jecha. Rukniin Shanaffaa: Sooma Ramadaanaati, inni barii irraa kaasee hanga aduun lixxutti niyyaa Rabbiin gabbaruutiin nyaata, dhugaatii fi wantoota sooma balleessan kan biroo irraa of qabuudha.
Shahaadaan lameen kan addaan hin baane ta'uu fi tokkoon isaanii kaanin malee fayyaa hin ta'uudha; kanaafuu ruknii tokko isaan godhe.
Shahaadaan lameen bu’uura amantii yoo ta'an isaan lameenin malee jechaas ta'ee hojiin kamuu fudhatama hin qabu.
Sahiiha Bukhaarii (1/ 11) (8).
Sahiiha Muslim (1/ 45) (16).
Dabalata (8)
و(1/ 88) (82).
فتح الباري لابن رجب (1/ 22).
جامع العلوم والحكم (1/147).
شرح الأربعين لابن العطّار (ص 62).
شرح الأربعين النووية لعبد الكريم الخضير (ص 87).
فتح القوي المتين في شرح الأربعين للعباد (ص 29).
شرح الأربعين النووية لصالح آل الشيخ (ص 91 - 95).
التحفة الربانية لإسماعيل الأنصاري (ص 12).
Cited in books
16 Books- Ergaa gaggabaabaa lama Zakaa fi Sooma ilaalchiseeفي بحوث هامة حول الزكاة«Islaamummaan wantoota shan irratti ijaarame: Rabbiin malee haqaan gabbaramaan biraa akka hin jirree fi Muhammad Ergamaa Rabbii ta’uu ragaa bahuu, salaata sirnaan salaatuu, zakaa kennuu, Ramadaana soomuu fi Mana Rabbii hajja'uudha.»[1]
- Ergaa gaggabaabaa lama Zakaa fi Sooma ilaalchiseeفي فضل صيام رمضان وقيامه «Islaamummaan wantoota shan irratti ijaarame: Rabbiin malee haqaan gabbaramaan biraa akka hin jirree fi Muhammad Ergamaa Rabbii ta’uu ragaa bahuu, salaata dhaabuu, zakaa kennuu, Ramadaana soomuu fi Mana Rabbiitti hajjii gochuudha»[6].
Dabalata (14)
- الصلاة التي علمها النبي ﷺ الصحابة رضي الله عنهمالصلاة التي علمها النبي ﷺ الصحابة رضي الله عنهم«بُنِيَ الْإِسْلَامُ عَلَى خَمْسٍ...»،
- الصلاة التي علمها النبي ﷺ الصحابة رضي الله عنهم«بُنِيَ الْإِسْلَامُ عَلَى خَمْسٍ...»،
- خطب تعظيم قدر الصلاة"بُنِيَ الإِسْلاَمُ عَلَى خَمْسٍ: شَهَادَةِ أَنْ لاَ إِلَهَ إِلَّا اللَّهُ وَأَنَّ مُحَمَّدًا رَسُولُ اللَّهِ، وَإِقَامِ الصَّلاَةِ، وَإِيتَاءِ الزَّكَاةِ، وَالحَجِّ، وَصَوْمِ رَمَضَانَ"
- فصول في الصيام والتراويح والزكاة«بُنِيَ الْإِسْلَامُ عَلَى خَمْسٍ: شَهَادَةِ أَنْ لَا إِلَهَ إِلَّا اللهُ وَأَنَّ مُحَمَّدًا عَبْدُهُ وَرَسُولُهُ، وَإِقَامِ الصَّلَاةِ، وَإِيتَاءِ الزَّكَاةِ، وَحَجِّ الْبَيْتِ، وَصَوْمِ رَمَضَانَ»
- قاموس الكبائر موسوعة الكبائر - المجموعة الأولى«بُنِيَ الإِسْلَامُ عَلَى خَمْسٍ: شَهَادَةِ أَنْ لَا إِلَهَ إِلَّا اللَّهُ وَأَنَّ مُحَمَّدًا رَسُولُ اللَّهِ، وَإِقَامِ الصَّلَاةِ، وَإِيتَاءِ الزَّكَاةِ، وَالحَجِّ، وَصَوْمِ رَمَضَانَ» [174].
- قاموس الكبائر«بُنِيَ الإِسْلَامُ عَلَى خَمْسٍ: شَهَادَةِ أَنْ لَا إِلَهَ إِلَّا اللَّهُ وَأَنَّ مُحَمَّدًا رَسُولُ اللَّهِ، وَإِقَامِ الصَّلَاةِ، وَإِيتَاءِ الزَّكَاةِ، وَالحَجِّ، وَصَوْمِ رَمَضَانَ» [174].
- قاموس الكبائرموسوعة الكبائر - المجموعة الرابعة«بُنِيَ الْإِسْلَامُ عَلَى خَمْسٍ: شَهَادَةِ أَنْ لَا إِلَهَ إِلَّا اللَّهُ وَأَنَّ مُحَمَّدًا رَسُولُ اللَّهِ، وَإِقَامِ الصَّلَاةِ، وَإِيتَاءِ الزَّكَاةِ، وَالْحَجِّ، وَصَوْمِ رَمَضَانَ»[57].
- ما لا يسع المسلم جهله«بُنِيَ الإسْلَامُ عَلَى خَمْسٍ: شَهَادَةِ أنْ لَا إلَهَ إلَّا اللَّهُ وأنَّ مُحَمَّدًا رَسُولُ اللَّهِ، وَإقَامِ الصَّلَاةِ، وَإيتَاءِ الزَّكَاةِ، وَحَجِّ البَيْتِ، وصَوْمِ رَمَضَانَ»[1].
- مجموعة زاد الحديث (1)الحديث 1«بني الإسلام على خمس...»
- محاضرات تعظيم قدر الصلاةمحاضرات في تعظيم قدر الصلاة"بُنِيَ الإِسْلاَمُ عَلَى خَمْسٍ: شَهَادَةِ أَنْ لاَ إِلَهَ إِلَّا اللَّهُ وَأَنَّ مُحَمَّدًا رَسُولُ اللَّهِ، وَإِقَامِ الصَّلاَةِ، وَإِيتَاءِ الزَّكَاةِ، وَالحَجِّ، وَصَوْمِ رَمَضَانَ " [21]
- مشروع منهاج زادكزادك 2 طالب نهائي«بُنِيَ الْإِسْلَامُ عَلَى خَمْسٍ: شَهَادَةِ أَنْ لَا إِلَهَ إِلَّا اللهُ وَأَنَّ مُحَمَّدًا عَبْدُهُ وَرَسُولُهُ، وَإِقَامِ الصَّلَاةِ، وَإِيتَاءِ الزَّكَاةِ، وَحَجِّ الْبَيْتِ، وَصَوْمِ رَمَضَانَ»
- منهج إعداد الدعاةالمفردة الرابعة -أركان الإسلام"بني الإسلام على خمس: شهادة أن لا إله إلا الله وأن محمدًا رسول الله..."
- نبراس طالب (1)1«بُنِيَ الإِسْلَامُ عَلَى خَمْسٍ: شَهَادَةِ أَنْ لَا إِلَهَ إِلَّا اللهُ وأَنَّ مُحَمَّدًا رَسُولُ اللهِ، وَإِقَامِ الصَّلاَةِ، وَإِيتَاءِ الزَّكَاةِ، وَالحَجِّ، وَصَوْمِ رَمَضَانَ»
- نبراس طالب (2)نبراس طالب (2) «بُنِيَ الْإِسْلَامُ عَلَى خَمْسٍ: شَهَادَةِ أَنْ لَا إِلَهَ إِلَّا اللهُ وَأَنَّ مُحَمَّدًا رَسُولُ اللهِ، وَإِقَامِ الصَّلَاةِ، وإيتاءِ الزكاةِ، والحجِّ، وصوْمِ رمضانَ»