Skip to content
Surah List /

النَّحل

النَّحل is chapter 16 of the Quran and has 128 verses. This page presents it in full in the Uthmani script, with a verse-by-verse translation of its meaning.

128 Ayahs Surah No. 16
Go to ayah
oromoo · Ababor
بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ

أَتَىٰٓ أَمۡرُ ٱللَّهِ فَلَا تَسۡتَعۡجِلُوهُۚ سُبۡحَٰنَهُۥ وَتَعَٰلَىٰ عَمَّا يُشۡرِكُونَ

Ajajni Rabbii (Guyyaan Qiyaamaa) dhufee, kanaafuu isa hin jarjarfatinaa, (Rabbiin) waan isaan Isatti qindeessan irraa qulqullaa’ee ol ta’eera.

يُنَزِّلُ ٱلۡمَلَٰٓئِكَةَ بِٱلرُّوحِ مِنۡ أَمۡرِهِۦ عَلَىٰ مَن يَشَآءُ مِنۡ عِبَادِهِۦٓ أَنۡ أَنذِرُوٓاْ أَنَّهُۥ لَآ إِلَٰهَ إِلَّآ أَنَا۠ فَٱتَّقُونِ

Maleeykota wahyiidhaan eeyyama Isaatiin gabroota Isaa irraa nama fedhe irratti buusa, “(kaafiroota adabaan) akeekkachiisaa, Dubbiin, Gooftaan dhugaan gabbaramu Ana malee hin jiru; Anuma sodaadhaa” jechuun (malaykaa buusa).

خَلَقَ ٱلسَّمَٰوَٰتِ وَٱلۡأَرۡضَ بِٱلۡحَقِّۚ تَعَٰلَىٰ عَمَّا يُشۡرِكُونَ

Samiifi dachii dhugaadhaan uumeera, Inni waan isaan (Isatti) qindeessan irraa ol ta’eera.

خَلَقَ ٱلۡإِنسَٰنَ مِن نُّطۡفَةٖ فَإِذَا هُوَ خَصِيمٞ مُّبِينٞ

Bishaan hormaataa xiqqoo irraa nama uume, Yoma san inni (Aakiraa sobsiisuun) mormaa ifa bahaadha.

وَٱلۡأَنۡعَٰمَ خَلَقَهَاۖ لَكُمۡ فِيهَا دِفۡءٞ وَمَنَٰفِعُ وَمِنۡهَا تَأۡكُلُونَ

Beyladas isiniif ishee uume. Isaan keessatti isiniif ho’ifannaafi bu’aalee birootu jira. Ishee irraa ni nyaattus.