16 : 7
وَتَحۡمِلُ أَثۡقَالَكُمۡ إِلَىٰ بَلَدٖ لَّمۡ تَكُونُواْ بَٰلِغِيهِ إِلَّا بِشِقِّ ٱلۡأَنفُسِۚ إِنَّ رَبَّكُمۡ لَرَءُوفٞ رَّحِيمٞ
Ba’aa keessan ulfaataa gara biyya isin ifaajee (rakkina) lubbuuleetiin malee isa gahoo hin taaneetti baadhatti. Dhugumatti, Gooftaan keessan mararfataa, rahmata godhaadha.