Saalfiin iimaana irraayi
Abdullaah ilma Umar irraa odeeffamee -Rabbi isaan irraa haa jaallatu- ni jedhe:
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namicha tokko kan saalfii irraa obboleessa isaa gorsuu dhaga'anii, akkas jedhan: "Saalfiin iimaana irraayi".
سَمِعَ النَّبِيُّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ رَجُلًا يَعِظُ أَخَاهُ فِي الْحَيَاءِ، فَقَالَ: «الْحَيَاءُ مِنَ الْإِيمَانِ».
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namicha tokko kan obboleessa isaa saalfii akka dhiisuuf gorsu dhaga'an! eegasii saalfiin iimaana irraa akka ta'e isaaf ifa galchan, inni toltuun malee hin dhufu. Saalfiin waan bareedaa hojjachuu irratti nama kakaaasa, akkasumas waan fokkataa dhiisuu irratti nama kakaasa.
...:
Wanti toltuu hojjachuu irraa si dhoorgu saalfii jedhamee hin waamamu, inumaa sodaa, dadhabbii fi lugnummaa jedhamee waamama.
Rabbiin irraa saalfachuun waantoota itti ajajaman hojjachuu fi wantoota irraa dhoorgaman dhiisuudhaan ta'a.
Ummata irraa saalfachuun isaan kabajuu, iddoo isaaniif malu isaaniif kennuu fi aadaatti waan fokkatu irraa fagaachuun ta'a.
Sahiiha Bukhaarii (1/ 14) (24).
Sahiiha Muslim (1/ 63) (36).
Dabalata (8)
توضيح الأحكام من بلوغ المرام.
للبسام (7/ 489).
منحة العلام في شرح بلوغ المرام.
لعبد الله الفوزان (10/ 330).
فتح ذي الجلال والإكرام.
لابن عثيمين (6/ 427).
سبل السلام بشرح بلوغ المرام.
للصنعاني (2/ 689).