Skip to content

Morma gaalaa kamuu irratti fannoo hidhaa xiyyaa irraa ta'e yookaan fannoon kamuu kutamu malee akka hin hafne».

Abuu Bashiir Al-Ansaarii irraa akka odeeffametti -Rabbi isa irraa haa jaallatu-:

Garii imala isaanii keessatti Ergamaa Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- waliin turee, akkana jedhe: namootaa bakka bultuma isaanii jiranuu ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jechuun ergamaa wohii ergani: «Morma gaalaa kamuu irratti fannoo hidhaa xiyyaa irraa ta'e yookaan fannoon kamuu kutamu malee akka hin hafne».

أَنَّهُ كَانَ مَعَ رَسُولِ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ فِي بَعْضِ أَسْفَارِهِ، قَالَ: فَأَرْسَلَ رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ رَسُولًا -وَالنَّاسُ فِي مَبِيتِهِمْ-: «لَا يَبْقَيَنَّ فِي رَقَبَةِ بَعِيرٍ قِلَادَةٌ مِنْ وَتَرٍ أَوْ قِلَادَةٌ إِلَّا قُطِعَتْ».

Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Sahiiha
Ibsa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- garii imala isaanii irra haala turanitti, namoonni dunkaanaa fi manneen isaanii keessatti bakka hirriba isaanii kan keessa bulan turani, gara namootaatti nama wohii akka fannoowwan morma gaalaa irratti fannifaman, hidhaa xiyyaa irraa ta'us yookaan kan biraa kan akka callee yookaan kophee irraa ta'us waan morma gaalaa irratti fannifame kututti akka isaan ajajuuf eragani, sodaa ijaatiif jecha waan sana fannisu ture, isa kututti ajajamani; homaa deebisuu waan hin dandeenyeef jecha, fayyaduu fi miidhuun harka Rabbii hiriyaa hin qabnee qofa jira.

Hiika jechchootaa

وتر: مفرد أوتار، وهو ما يشد به القوس كانت العرب تعلقه تتقي به العين.

قلادة: ما يعلق في رقبة البعير وغيره، كالجرس والنعل، بنية دفع العين.

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

Faayidaa barbaaduuf yookaan miidhaa deebisuuf jecha haada xiyyaa fi fannoo fannisuun haraama ta'uu isaa; shirkii irraa waan ta'eef jecha.

Haada xiyyaatiin alatti bareedinaaf yookaan horii ittiin qajeelchuuf yookaan ittiin hidhuuf yoo ta'e fannoo mormatti fannisuun rakkoo hin qabu.

Akkaataa dandeettiitiin badii dhoorguun dhirqama ta'uu isaa.

Qalbiin Rabbiin qofatti rarra'uun dirqama ta'uu isaa.

Wabiiwwan ykn bu'urawwan

Sahiiha Bukhaarii (4/ 59) (3005).

Sahiiha Muslim (3/ 1672) (2115).

Dabalata (6)

القول المفيد على كتاب التوحيد.

لابن عثيمين (1/ 179).

الملخص في شرح كتاب التوحيد.

لصالح الفوزان (ص77).

الجديد في شرح كتاب التوحيد.

لمحمد القرعاوي (ص89).