Skip to content
559 Hadiths

Encyclopedia of Prophetic Hadiths

Filter results

62 of 559 cards

Clear filters
“Dhugumatti Rabbiin ni hinaafa, muuminnis ni hinaafa, hinaaffaan Rabbii immoo muuminni waan Rabbiin isa irratti haraama godhe hojjachuudha”.
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Sahaabota Nabiyyii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- irraa namoonni wohii dhufanii akkas jechuun isaan gaafatan: nuti lubbuu keenya keessatti waan isa odeessuun tookkoo keenyatti ulfaatu argina, nabiyyiinis ni jedhani: "dhugumatti isa argitanii jirtuu?" ee arginee jirra jedhani: nabiyyiinis ni jedhani: "inni sun iimaana ifa galaadha".
Sahiiha Muslimtu gabaase
"Shayxaanni tokkoo keessanitti dhufuun akkas jedha: kana eenyutu uume? kanas enyutu uume? hanga Rabbii kee eenyutu uume? jedhutti itti fufa, yeroo bakka gaaffii kanaa ga'etti Rabbitti maganfatee waan sana irraa haa dhaabbatu".
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
''Akka nasaaraan ilma Maryam faarsuu keessatti daangaa dabartetti yeroo na faarsitan daangaa hin darbinaa, ani garbicha Rabbii qofa: kanaafuu garbicha Rabbii fi ergamaa Isaati jedhaa".
Sahiiha Bukhaariitu gabaase
Anas ibnu maalik akka nuuf odeessetti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- namtichi tokko akkana jedhe: yaa nabiyyii Rabbii! kaafirri akkamitti fuula isaatiin kaafama?, nabiyyiinis ni jedhani: «Inni duuniyaa keessatti miila lameeniin isa deemsise guyyaa qiyaamaatti fuula isaatiin isa deemsisuu irratti dandeettii hin qabuu?» qatadaanis ni jedhe: guddinni Rabbii keenyaa natti haa ta'u lakki dandeettii qaba.
Sahiiha Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Ergamaa Rabbiitii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhuun dhaga'e: «Rabbiin ol ta'e ni jedhe: yaa ilma Aadam hanga ati ana kadhattee ana kajeeltetti badii ati qabduu woliinan siif dhiisa homaas bakka itti hin kennu, yaa ilma Aadam badiin kee duumessa samiillee kan qaqqabu ta'ee eegasii araarama narra barbaaddee araaraman siif godha, homaas bakka itti hin kennu, yaa ilma Aadam ati badii dachii guutuu ka'een natti dhuftee eegasii woma tokkollee kan natti hin qindeessine taate na qunnamtee, badii dachii guutuu ka'eef araaraman siif godha».
Hasani Tirmiziitu gabaase
Namichi wohii gara Nabiyyiitti -Rabbiin rahmata fi nageenya isaan irratti haa buusu- dhufuun akkas jedhe: Yaa ergamaa Rabbii! raggaasisoon lameen maali? ergamaanis ni jedhani: "Namni haala homaa Rabbiitti hin qindeessineen du'e jannata seene, namni haala waa tookko Rabbitti qindeessuun du'e immoo ibidda seene".
Sahiiha Muslimtu gabaase
''Finxaaleyyoonni badan(worra daangaa darban, akka barbaachisuun alatti waa jajjabeessan)" yeroo sadi akkas jedhan.
Sahiiha Muslimtu gabaase