Skip to content

«Duuniyaan meeshaa itti fayyadamanu, irra caalaan meeshaa duuniyaa dubartii gaariidha».

Abdullaah ibnu amrii irraa akka odeeffametti -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- ni jedhe: ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:

«Duuniyaan meeshaa itti fayyadamanu, irra caalaan meeshaa duuniyaa dubartii gaariidha».

«الدُّنْيَا مَتَاعٌ، وَخَيْرُ مَتَاعِ الدُّنْيَا الْمَرْأَةُ الصَّالِحَةُ».

Muslimtu gabaase
Sahiiha
Ibsa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- duuniyaan waan isii keessa jiru woliin yeroo hanga ta'eef isiin meeshaa isatti qanani'anii eegasii immoo kan dhabamu akka taate fi irra caalaan meeshaa duuniyaadhaa dubartii gaarii, yeroo inni isii ilaale isa gammachiiftu, yeroo inni isii ajajetti kan isaan bultu, yeroo inni isii irraa fagaatetti lubbuu isiitii fi qabeenya isaas kan tiksituuf akka ta'e himani.

Hiika jechchootaa

...:

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

Bazzaruu fi boonuun maletti gaggaarii duuniyaa Rabbiin gabroota isaatiif halaala godheen qanani'uun eeyyamamaa ta'uu isaati.

Haadha manaa gaarii filachuutti kakaasuutu keessa jira; Rabbii isaatiin buluu keessatti gargaarsa waan isaaf taatuuf jecha.

Irra caalaan meeshaa duuniyaa waan Rabbiin buluu keessatti ta'e yookaan isaan buluu irratti nama gargaaredha.

Wabiiwwan ykn bu'urawwan

Sahiiha Muslim (2/ 1090) (1467).

Dabalata (6)

بهجة الناظرين شرح رياض الصالحين.

لسليم الهلالي (1/ 365).

كشف المشكل من حديث الصحيحين.

لابن الجوزي (4/ 129).

نزهة المتقين شرح رياض الصالحين.

لمصطفى الخن وغيره (1/ 286).