Skip to content

«namni dhageessisee qur'aana qara'u akkuma nama sadaqaa mul'isee keennuuti, akkasumas namni sagalee gadi qabee qur'aana qara'u akkuma nama sadaqaa gadi qabee kennuuti».

Uqbaa bin Aamir al-juhanii irraa akka odeeffametti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhani:

«namni dhageessisee qur'aana qara'u akkuma nama sadaqaa mul'isee keennuuti, akkasumas namni sagalee gadi qabee qur'aana qara'u akkuma nama sadaqaa gadi qabee kennuuti».

«الجاهِرُ بالقرآن كالجاهِرِ بالصَّدَقَةِ، والمُسِرُّ بالقرآن كالمُسِرِّ بالصَّدَقَة».

Abuu Daawuud, Tirmizii fi Nasaa'ii gabaasani
Sahiiha
Ibsa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namni dhageessisee qur'aana qara'u akkuma nama mul'isee sadaqaa kennuu akka ta'e, akkasumas namni gadi qabee qur'aana qara'u akkuma nama dhoksee sadaqaa kennuu akka ta'e ibsani.

Hiika jechchootaa

...:

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

akkuma sadaqaa dhoksanii kennuun irra caalaaa ta'etti, qur'aana dhoksanii qara'uunis irra caalaadha, iklaasni waan isa keessa jiruu fi agarsiifannaa fi of dinqisiifachuu irraa fagaachuun waan isa keessa jiruuf jecha, sagalee ol qabanii qara'uutti haajaan yoo nama waamte malee, akka qur'aana barsiisuufaa.

Wabiiwwan ykn bu'urawwan

Sunana Abbaa Daawuud (2/ 494) (1333).

Sunana Tarmizii (5/ 40) (2919).

Sunana Nasaa'ii (5/ 80) (2561).

Dabalata (4)

الكاشف عن حقائق السُّنن (5/1688).

شرح أبي داود للعيني (5/238).

تحفة الأحوذي (8/ 191).

التنوير في شرح الجامع الصغير (5/286).