Skip to content
Surah List /

النِّسَاء

النِّسَاء is chapter 4 of the Quran and has 176 verses. This page presents it in full in the Uthmani script, with a verse-by-verse translation of its meaning.

176 Ayahs Surah No. 4
Go to ayah
oromoo · Ababor
بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ

يَٰٓأَيُّهَا ٱلنَّاسُ ٱتَّقُواْ رَبَّكُمُ ٱلَّذِي خَلَقَكُم مِّن نَّفۡسٖ وَٰحِدَةٖ وَخَلَقَ مِنۡهَا زَوۡجَهَا وَبَثَّ مِنۡهُمَا رِجَالٗا كَثِيرٗا وَنِسَآءٗۚ وَٱتَّقُواْ ٱللَّهَ ٱلَّذِي تَسَآءَلُونَ بِهِۦ وَٱلۡأَرۡحَامَۚ إِنَّ ٱللَّهَ كَانَ عَلَيۡكُمۡ رَقِيبٗا

Yaa namootaa! Gooftaa keessan sodaadhaa, Isa lubbuu takka (Aadam) irraa isin uumee, ishee irraa cimdii ishee (Hawwaa) uumee, isaan lamaan irraa dhiirotaafi dubartoota baay’ee tamsaase. Rabbii isa ittiin wal kadhattaniifi firummaa (muruu) sodaadhaa. Dhugumatti, Rabbiin isin to’ataadha.

وَءَاتُواْ ٱلۡيَتَٰمَىٰٓ أَمۡوَٰلَهُمۡۖ وَلَا تَتَبَدَّلُواْ ٱلۡخَبِيثَ بِٱلطَّيِّبِۖ وَلَا تَأۡكُلُوٓاْ أَمۡوَٰلَهُمۡ إِلَىٰٓ أَمۡوَٰلِكُمۡۚ إِنَّهُۥ كَانَ حُوبٗا كَبِيرٗا

Yatiimotaaf qabeenyaalee isaanii kennaa. Gaggaarii gadheedhaan hin jijjiiratinaa. Qabeenya isaanii gara qabeenya keessaniitti (makuun) hin nyaatinaa. Dhugumatti inni badii guddaa ta'eera.

وَإِنۡ خِفۡتُمۡ أَلَّا تُقۡسِطُواْ فِي ٱلۡيَتَٰمَىٰ فَٱنكِحُواْ مَا طَابَ لَكُم مِّنَ ٱلنِّسَآءِ مَثۡنَىٰ وَثُلَٰثَ وَرُبَٰعَۖ فَإِنۡ خِفۡتُمۡ أَلَّا تَعۡدِلُواْ فَوَٰحِدَةً أَوۡ مَا مَلَكَتۡ أَيۡمَٰنُكُمۡۚ ذَٰلِكَ أَدۡنَىٰٓ أَلَّا تَعُولُواْ

Yoo yatiimota (fuuchuu) keessatti wal hin qixxeessinuu sodaattan, dubartoota irraa isaan isinitti bareedan lama lama, sadi sadi, afur afur fuudhaa. Yoo wal hin qixxeessinuu sodaattan immoo tokkittii (fuudhaa); yookiin waan (gabrittii) harki keessan horatte (fuudhaa). Haqa dabsuu dhabuuf Kanatu irra dhihoodha.

وَءَاتُواْ ٱلنِّسَآءَ صَدُقَٰتِهِنَّ نِحۡلَةٗۚ فَإِن طِبۡنَ لَكُمۡ عَن شَيۡءٖ مِّنۡهُ نَفۡسٗا فَكُلُوهُ هَنِيٓـٔٗا مَّرِيٓـٔٗا

Dubartootaaf mahriiwwan isaanii kenna jaalalaan ta'e kennaafii. Yoo isaan jaalala lubbuu isaaniitiin isa irraa isiniif kennan, halaala gaarii haala ta'een isa nyaadhaa.

وَلَا تُؤۡتُواْ ٱلسُّفَهَآءَ أَمۡوَٰلَكُمُ ٱلَّتِي جَعَلَ ٱللَّهُ لَكُمۡ قِيَٰمٗا وَٱرۡزُقُوهُمۡ فِيهَا وَٱكۡسُوهُمۡ وَقُولُواْ لَهُمۡ قَوۡلٗا مَّعۡرُوفٗا

Qabeenyaalee keessan kan Rabbiin dhaabbata (jireenyaa) isiniif taasise gowwootatti hin kenninaa. Ishee irraas soorata isaaniif kennaa; isaan uffisaas, jechoota beekamaas isaaniin jedhaa.