Skip to content
النِّسَاء /

Ayah 46

4 : 46

Ayah 46 of النِّسَاء (4 : 46). This page carries the verse in the Uthmani script with a translation of its meaning, at a stable URL that can be cited on its own.

النِّسَاء Ayahs 176
4 : 46

مِّنَ ٱلَّذِينَ هَادُواْ يُحَرِّفُونَ ٱلۡكَلِمَ عَن مَّوَاضِعِهِۦ وَيَقُولُونَ سَمِعۡنَا وَعَصَيۡنَا وَٱسۡمَعۡ غَيۡرَ مُسۡمَعٖ وَرَٰعِنَا لَيَّۢا بِأَلۡسِنَتِهِمۡ وَطَعۡنٗا فِي ٱلدِّينِۚ وَلَوۡ أَنَّهُمۡ قَالُواْ سَمِعۡنَا وَأَطَعۡنَا وَٱسۡمَعۡ وَٱنظُرۡنَا لَكَانَ خَيۡرٗا لَّهُمۡ وَأَقۡوَمَ وَلَٰكِن لَّعَنَهُمُ ٱللَّهُ بِكُفۡرِهِمۡ فَلَا يُؤۡمِنُونَ إِلَّا قَلِيلٗا

Isaan yahuudoman irraa (warra) jechoota iddoo isaanii (kan sirrii) irraa jijjiirantu jira. Ni jedhus: “dhageenye; faallessines. Dhagayamuun maletti dhaga'i." Arraboowwan isaanii micciiruufi amantii arrabsuuf jecha 'raa’inaa' jedhu. Odoo isaan “nuti dhageenye; toles jenne; atis dhagayi; nu mil’adhus (unzurnaa)” jedhanii, silaa santu isaaniif caalaafi sirrii ture. Garuu Rabbiin sababaa kufrii isaanitiin isaan abaare. Kanaaf isaan xiqqoo malee hin amananu.