Skip to content
Surah List /

المَائدة

المَائدة is chapter 5 of the Quran and has 120 verses. This page presents it in full in the Uthmani script, with a verse-by-verse translation of its meaning.

120 Ayahs Surah No. 5
Go to ayah
oromoo · Ababor
بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ

يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوٓاْ أَوۡفُواْ بِٱلۡعُقُودِۚ أُحِلَّتۡ لَكُم بَهِيمَةُ ٱلۡأَنۡعَٰمِ إِلَّا مَا يُتۡلَىٰ عَلَيۡكُمۡ غَيۡرَ مُحِلِّي ٱلصَّيۡدِ وَأَنتُمۡ حُرُمٌۗ إِنَّ ٱللَّهَ يَحۡكُمُ مَا يُرِيدُ

Isin Yaa warra amantan! Waadaa guutaa; beelladoonni isiniif halaala godhamteetti wanti isin irratti dubbifamu qofti odoo hafuu. (Hajjiifi umraa) kan hidhattan taatanii adamsuu halaala haala hin godhatiniin. Rabbiin waan fedhe murteessa.

يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ لَا تُحِلُّواْ شَعَٰٓئِرَ ٱللَّهِ وَلَا ٱلشَّهۡرَ ٱلۡحَرَامَ وَلَا ٱلۡهَدۡيَ وَلَا ٱلۡقَلَٰٓئِدَ وَلَآ ءَآمِّينَ ٱلۡبَيۡتَ ٱلۡحَرَامَ يَبۡتَغُونَ فَضۡلٗا مِّن رَّبِّهِمۡ وَرِضۡوَٰنٗاۚ وَإِذَا حَلَلۡتُمۡ فَٱصۡطَادُواْۚ وَلَا يَجۡرِمَنَّكُمۡ شَنَـَٔانُ قَوۡمٍ أَن صَدُّوكُمۡ عَنِ ٱلۡمَسۡجِدِ ٱلۡحَرَامِ أَن تَعۡتَدُواْۘ وَتَعَاوَنُواْ عَلَى ٱلۡبِرِّ وَٱلتَّقۡوَىٰۖ وَلَا تَعَاوَنُواْ عَلَى ٱلۡإِثۡمِ وَٱلۡعُدۡوَٰنِۚ وَٱتَّقُواْ ٱللَّهَۖ إِنَّ ٱللَّهَ شَدِيدُ ٱلۡعِقَابِ

Yaa warra amantan! Mallattoolee Rabbii,halaala hin godhatinaa, ji'a kabajamos, horii wareegaaf dhufanis, horii (wareega hajjiitiif) morma isaanii irratti mallattoon fannifames,fi warra tolaafi jaalala Gooftaa isaanii barbaacha gara mana kabajamaa fedhanuus (halaala hin godhatinaa). Yeroo ihraama (hajjii yookiin umraa) raawwattan adamsadhaa. Waan masjida kabajamaa irraa isin deebisaniif jibbaan ummata (Makkaa) daangaa dabruutti isin hin kakaasin. Toltuufi sodaa Rabbii irratti wal gargaaraa. Badiifi daangaa dabruu irratti wal hin gargaarinaa. Rabbiin sodaadhaa, Dhugumatti Rabbiin adabbiin isaa akkaan cimaadha.

حُرِّمَتۡ عَلَيۡكُمُ ٱلۡمَيۡتَةُ وَٱلدَّمُ وَلَحۡمُ ٱلۡخِنزِيرِ وَمَآ أُهِلَّ لِغَيۡرِ ٱللَّهِ بِهِۦ وَٱلۡمُنۡخَنِقَةُ وَٱلۡمَوۡقُوذَةُ وَٱلۡمُتَرَدِّيَةُ وَٱلنَّطِيحَةُ وَمَآ أَكَلَ ٱلسَّبُعُ إِلَّا مَا ذَكَّيۡتُمۡ وَمَا ذُبِحَ عَلَى ٱلنُّصُبِ وَأَن تَسۡتَقۡسِمُواْ بِٱلۡأَزۡلَٰمِۚ ذَٰلِكُمۡ فِسۡقٌۗ ٱلۡيَوۡمَ يَئِسَ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ مِن دِينِكُمۡ فَلَا تَخۡشَوۡهُمۡ وَٱخۡشَوۡنِۚ ٱلۡيَوۡمَ أَكۡمَلۡتُ لَكُمۡ دِينَكُمۡ وَأَتۡمَمۡتُ عَلَيۡكُمۡ نِعۡمَتِي وَرَضِيتُ لَكُمُ ٱلۡإِسۡلَٰمَ دِينٗاۚ فَمَنِ ٱضۡطُرَّ فِي مَخۡمَصَةٍ غَيۡرَ مُتَجَانِفٖ لِّإِثۡمٖ فَإِنَّ ٱللَّهَ غَفُورٞ رَّحِيمٞ

Isinirratti haraama godhamte Baktiin, dhiignis, foon booyyees, waan (maqaan) Rabbiin alaa isa irratti ol fuudhames, hudhamtee tan duutes, tumamtee tan duutes, konkolaattee tan duutes, tan gaafaan waraanamtee duutes, wanti bineensi nyaates waan (odoo inni hin du’in dura dhaqqabtanii) gorraatan malee, wanti taabota irratti gorra’ames, xiyyaan carraa ilaallachuunis, (isin irratti haraama godhamteetti). Kuni fincila, Har'a warri kafaran amantii keessan irraa abdii muratanii jiru. Isaan hin sodaatinaa; Anuma (qofa) sodaadhaa. Har'a Amantii keessan isiniif guuteera, ni’imaawwan kiyyas isin irratti guuteera. Amantiis Islaama isiniif jaaladheera. Namni beela keessatti rakkifame, kan gara badii hindabin (isaaf dhiifama). Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha.

يَسۡـَٔلُونَكَ مَاذَآ أُحِلَّ لَهُمۡۖ قُلۡ أُحِلَّ لَكُمُ ٱلطَّيِّبَٰتُ وَمَا عَلَّمۡتُم مِّنَ ٱلۡجَوَارِحِ مُكَلِّبِينَ تُعَلِّمُونَهُنَّ مِمَّا عَلَّمَكُمُ ٱللَّهُۖ فَكُلُواْ مِمَّآ أَمۡسَكۡنَ عَلَيۡكُمۡ وَٱذۡكُرُواْ ٱسۡمَ ٱللَّهِ عَلَيۡهِۖ وَٱتَّقُواْ ٱللَّهَۚ إِنَّ ٱللَّهَ سَرِيعُ ٱلۡحِسَابِ

Maaltu akka isaaniif halaal tahe si gaafatu. "Gaggaariin (hunduu), halaal isiniif tahe, wanti isin leenjiftoota taatanii carraaqxota irraas barsiiftan kan waan Rabbiin isin barsiise irraa barsiiftan,(isiniif hayyamameera). Waan isaan isiniif qaban irraa nyaadhaa. Maqaa Rabbiis isa irratti dubbadhaa. Rabbiin sodaadhaa. Dhugumatti, Rabbiin qormaanni (Isaa) saffisaadha.

ٱلۡيَوۡمَ أُحِلَّ لَكُمُ ٱلطَّيِّبَٰتُۖ وَطَعَامُ ٱلَّذِينَ أُوتُواْ ٱلۡكِتَٰبَ حِلّٞ لَّكُمۡ وَطَعَامُكُمۡ حِلّٞ لَّهُمۡۖ وَٱلۡمُحۡصَنَٰتُ مِنَ ٱلۡمُؤۡمِنَٰتِ وَٱلۡمُحۡصَنَٰتُ مِنَ ٱلَّذِينَ أُوتُواْ ٱلۡكِتَٰبَ مِن قَبۡلِكُمۡ إِذَآ ءَاتَيۡتُمُوهُنَّ أُجُورَهُنَّ مُحۡصِنِينَ غَيۡرَ مُسَٰفِحِينَ وَلَا مُتَّخِذِيٓ أَخۡدَانٖۗ وَمَن يَكۡفُرۡ بِٱلۡإِيمَٰنِ فَقَدۡ حَبِطَ عَمَلُهُۥ وَهُوَ فِي ٱلۡأٓخِرَةِ مِنَ ٱلۡخَٰسِرِينَ

Har'a gaggaariin hundi isiniif eeyyamameera. Nyaanni abbootii kitaabaas isiniif eeyyamamaadha. Nyaanni keessanis isaaniif hayyamamaadha. Tikfattoonni dubartoota mu’uminoota irraa ta’aniifi tikfattoonni dubartoota warra isiniin dura kitaaba kennaman irraa ta'anii fuudhoo, kan sagaagala hin dalagneefi sanyoo (jaalallee dhoksaa) hin qabanne taatanii (isiniif eeyyamama). Namni iimaana irraa gara gale, dhugumatti dalagaan isaa bade. Inni Aakhiraatti warra hoonga’an irraa ta’a