Skip to content
النِّسَاء /

Ayah 6

4 : 6

Ayah 6 of النِّسَاء (4 : 6). This page carries the verse in the Uthmani script with a translation of its meaning, at a stable URL that can be cited on its own.

النِّسَاء Ayahs 176
4 : 6

وَٱبۡتَلُواْ ٱلۡيَتَٰمَىٰ حَتَّىٰٓ إِذَا بَلَغُواْ ٱلنِّكَاحَ فَإِنۡ ءَانَسۡتُم مِّنۡهُمۡ رُشۡدٗا فَٱدۡفَعُوٓاْ إِلَيۡهِمۡ أَمۡوَٰلَهُمۡۖ وَلَا تَأۡكُلُوهَآ إِسۡرَافٗا وَبِدَارًا أَن يَكۡبَرُواْۚ وَمَن كَانَ غَنِيّٗا فَلۡيَسۡتَعۡفِفۡۖ وَمَن كَانَ فَقِيرٗا فَلۡيَأۡكُلۡ بِٱلۡمَعۡرُوفِۚ فَإِذَا دَفَعۡتُمۡ إِلَيۡهِمۡ أَمۡوَٰلَهُمۡ فَأَشۡهِدُواْ عَلَيۡهِمۡۚ وَكَفَىٰ بِٱللَّهِ حَسِيبٗا

Yatiimota hanga isaan umrii gaa'ilaa ga’anitti qoradhaa. Yoo isaan irraa qajeeluma argitan, qabeenyaalee isaanii gara isaaniitti deebisaa. (Sodaa) guddachuu isaanii ariifatoo taatanii balleessuuf jecha ishee hin nyaatinaa. Namni dureessa ta’e, (irraa) of haa qabu. Namni hiyyeessa ta’e immoo beekamaadhaan haa nyaatu.Yeroo qabeenya isaanii gara isaaniitti deebiftan isaan irratti ragaa godhaa. qorataa tahuuf Rabbiinuu gahaadha.