Skip to content
Surah List /

آل عِمران

آل عِمران is chapter 3 of the Quran and has 200 verses. This page presents it in full in the Uthmani script, with a verse-by-verse translation of its meaning.

200 Ayahs Surah No. 3
Go to ayah
oromoo · Ababor
بِسْمِ ٱللَّهِ ٱلرَّحْمَٰنِ ٱلرَّحِيمِ

ٱللَّهُ لَآ إِلَٰهَ إِلَّا هُوَ ٱلۡحَيُّ ٱلۡقَيُّومُ

Rabbiin gabbaramaan dhugg isa malee hin jiru. [Inni] jiraataa, waan hundaan dhaabbataadha.

نَزَّلَ عَلَيۡكَ ٱلۡكِتَٰبَ بِٱلۡحَقِّ مُصَدِّقٗا لِّمَا بَيۡنَ يَدَيۡهِ وَأَنزَلَ ٱلتَّوۡرَىٰةَ وَٱلۡإِنجِيلَ

Kitaaba dhugaadhaan sirratti buuse.Waan isaan duraa kan dhugoomsu haala ta'een. Tawraatiifi Injiiliinis buuse.

مِن قَبۡلُ هُدٗى لِّلنَّاسِ وَأَنزَلَ ٱلۡفُرۡقَانَۗ إِنَّ ٱلَّذِينَ كَفَرُواْ بِـَٔايَٰتِ ٱللَّهِ لَهُمۡ عَذَابٞ شَدِيدٞۗ وَٱللَّهُ عَزِيزٞ ذُو ٱنتِقَامٍ

[Qur’aana] dura namootaaf qajeelfama godhee [isaan buuse]. (Dhugaafi soba) adda baasaas ni buuse. Dhugumatti, warri keeyyattoota Rabbiitti kafaran isaaniif adabbii cimaatu jira. Rabbiin injifataa, abbaa haaloo bayannaati.

إِنَّ ٱللَّهَ لَا يَخۡفَىٰ عَلَيۡهِ شَيۡءٞ فِي ٱلۡأَرۡضِ وَلَا فِي ٱلسَّمَآءِ

Rabbiin dhugumatti homtuu isa jalaa hindhokatu, dachii keessattiifii samii keessattis.