4 : 33
وَلِكُلّٖ جَعَلۡنَا مَوَٰلِيَ مِمَّا تَرَكَ ٱلۡوَٰلِدَانِ وَٱلۡأَقۡرَبُونَۚ وَٱلَّذِينَ عَقَدَتۡ أَيۡمَٰنُكُمۡ فَـَٔاتُوهُمۡ نَصِيبَهُمۡۚ إِنَّ ٱللَّهَ كَانَ عَلَىٰ كُلِّ شَيۡءٖ شَهِيدًا
Hunda isaaniitiif (dhiiraafi dubartiif) waan abbaa haatiniifi firoonni dhiisan irraa dhaala taasifnee jirra. Isaan kakuun keessan (firummaan) hiites qooda isaanii isaaniif kennaa. Dhugumatti Rabbiin waan hunda irratti ragaadha.