Skip to content

"Nama miidhe Rabbiin isa miidha, akkasumas nama rakkise Rabbiin isa rakkisa".

Abuu Sirmaa irraa akka odeeffametti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- ni jedhan:

"Nama miidhe Rabbiin isa miidha, akkasumas nama rakkise Rabbiin isa rakkisa".

«مَنْ ضَارَّ ضَارَّ اللهُ بِهِ، وَمَنْ شَاقَّ شَقَّ اللهُ عَلَيْهِ».

Abuu Daawuud, Tirmizii, Ibnu Maajaa fi Ahmadtu gabaasani
Hasani
Ibsa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu muslimatti miidhaa seensisuu irraa sodaachisan, yookan amrii kamuu keessatti lubbuu isaa yookaan qabeenya isaa yookaan maatii isaa keesattis ta'ee rakkinaa fi dhiphina isatti seensisuu irraa sodaachisan, nama sana hojjate Rabbiin fakkaataa hojii isaatiin mindeessee isa adaba.

Hiika jechchootaa

...:

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

Muslima miidhuu fi rakkina isatti qaqqabsiisuun haraama ta'uudha.

Rabbiin gabroota isaatiif haaloo ba'uu isaati.

Wabiiwwan ykn bu'urawwan

Sunana Abbaa Daawuud (5/ 477) (3635).

Sunana Tarmizii (3/ 495) (1940).

Sunana Ibnu Maajaa (3/ 432) (2342).

Musnada Ahmad (25/ 34) (15755).

Dabalata (8)

مساوئ الأخلاق.

للخرائطي (ص: 274) (583).

توضيح الأحكام مِن بلوغ المرام.

للبسام (7/ 445).

فتح ذي الجلال والإكرام شرح بلوغ المرام.

لابن عثيمين (6/ 396).

منحة العلام في شرح بلوغ المرام.

لعبد الله الفوزان (10/ 261).