Ergamaan Rabbii -nagaa rahmanni irra haa jiraatu- nama murtee keessatti gubboo fudhatuu fi nama gubboo kennus ni abaaran.
Abuu Hureyraa irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe:
Ergamaan Rabbii -nagaa rahmanni irra haa jiraatu- nama murtee keessatti gubboo fudhatuu fi nama gubboo kennus ni abaaran.
لَعَنَ رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ الرَّاشِيَ وَالْمُرْتَشِيَ فِي الْحُكْمِ.
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- warra gubboo kennuu fi fudhatus rahmata Rabbii ol ta'ee irraa akka ari’amanii fageeffaman itti kadhatan. Sana irraa abbootiin murtii murtii kennan keessatti loogii akka godhaniif waan kaffalamuudha; sababni isaas namichi kennu sun haqaan maletti waan barbaade galmaan gahuu akka danda'uuf jecha.
لعن: حقيقة اللعن الدعاء بالطرد والإبعاد عن رحمة الله تعالى.
الراشي: هو دافع الرشوة.
المرتشي: آخذ الرشوة.
في الحكم: في القضاء.
Gubboo kennuun, fudhachuun, gidduu seenuu fi irratti gargaaruun akka haraama ta'eedha; sababni isaas cubbuu irratti wal gargaaruun waan isa keessa jiruuf jecha.
Malaammaltummaan diliiwwan gurguddoo akka ta'eedha; sababni isaas Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- nama gubboo fudhatuu fi kennus waan abaaraniif jecha.
Dirree haqaa fi murtii irratti malaammaltummaan yakka guddaa fi cubbuu cimaadha; Sababni isaas miidhaa fi waan Rabbiin buuseen alatti murteessuun waan isa keessa jiruuf jecha.
Sunana Tarmizii (3/ 15) (1336).
Musnada Ahmad (15/ 8) (9023).
Dabalata (8)
توضيح الأحكام مِن بلوغ المرام.
للبسام (7/ 188).
فتح ذي الجلال والإكرام شرح بلوغ المرام.
لابن عثيمين (6/ 172).
منحة العلام في شرح بلوغ المرام.
لعبد الله الفوزان (9/ 450).
سبل السلام شرح بلوغ المرام.
للصنعاني (2/ 577).