Skip to content

"Du'aa'iin (kadhaan) inni ibaadaadha

Nu'umaan ilma bashiir irraa akka odeeffametti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaa Rabbiitii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhuun dhaga'e:

"Du'aa'iin (kadhaan) inni ibaadaadha", eegasii Aayaa qur'aanaa tan hiikkaan isii akkas jedhu qara'ani: "Rabbiin keessan ni jedhe: na kadhaa isiniifan owwaadhaa, dhugumatti isaan ana gabbaruu irraa boonan, salphattoota ta'anii, jahannam seenuuf jiru".[Gaafir: 60]

«الدُّعَاءُ هُوَ الْعِبَادَةُ»، ثُمَّ قَرَأَ: «{وَقَالَ رَبُّكُمُ ادْعُونِي أَسْتَجِبْ لَكُمْ إِنَّ الَّذِينَ يَسْتَكْبِرُونَ عَنْ عِبَادَتِي سَيَدْخُلُونَ جَهَنَّمَ دَاخِرِينَ} [غافر: 60]».

Abuu Daawuud, Tirmizii, Ibnu Maajaa fi Ahmadtu gabaasani
Sahiiha
Ibsa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- du'aa'iin ibaadaa akka ta'e himani, du'aa'ii gaafannaa fi barbaachaas ta'ee, waan isa fayyaduu fi waan duuniyaa fi aakhiraatti isa miidhu isa irraa deebisu Rabbiin gaafachuufaa yookaan du'aa'ii ibaadaas ta'ee, isiin hunda jechootaa fi hojiiwwan mullataa fi dhokataa Rabbiin jaallatuudha, ibaadaa qalbiis ta'ee yookaan kan qaamaa yookaan kan qabeenyaas dirqamni jiru hundi isaatuu Rabbiif qulqulluu ta'uu qaba. Eegasii Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- sana irratti Rabbiin akkas jedhe jechuun ragaa dhiheeffatani: "Na kadhaa" isiniifan owwaadhaa, dhugumatti isaan ana gabbaruu irraa boonan, salphattoota ta'anii, jahannam seenuuf jiru".

Hiika jechchootaa

...:

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

Du'aa'iin bu'uura ibaadaati, Rabbiin malee waan jiruuf dabarsanii kennuun hin ta'u.

Du'aa'iin gabbarummaa dhugaa fi durummaa Rabbii ol ta'ee, dandeettii Isaatii fi gabrichi Isatti haajamaa ta'uu isaa raggaasisuu of keessatti qabata.

Sodaachisa jabaa mindaa ibaadaa Rabbii irraa boonuu fi Isa kadhachuu dhiisuu qabuudha, akkasumas isaan kadhaa Rabbii irraa boonan salphatoo xinnaatoo ta'anii jahannama akka seenuuf jiranuudha.

Wabiiwwan ykn bu'urawwan

Sunana Abbaa Daawuud (2/ 603) (1479).

Sunana Tarmizii (5/ 292) (3247).

Sunana Ibnu Maajaa (5/ 5) (3828).

Musnada Ahmad (30/ 297) (18352).

Dabalata (8)

توضيح الأحكام من بلوغ المرام.

للبسام (7/ 546).

منحة العلام في شرح بلوغ المرام.

لعبد الله الفوزان (10/ 416).

فتح ذي الجلال والإكرام.

لابن عثيمين (6/ 480).

سبل السلام بشرح بلوغ المرام.

للصنعاني (2/ 707).