Skip to content

"Fakkeenyi mu'umintootaa wal jaallachuu, rahmata waliif gochuu fi garaa waliif laafuu isaanii keessatti akka qaama tokkooti, humni tokko isa irraa yoo dhibame qaamni guutuun hirriiba dhabuu fi leydaa'uudhaan isaan waliin dhibama".

Nu'umaan bin Bashiir irraa odeeffamee -Rabbiin irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- akkana jedhan:

"Fakkeenyi mu'umintootaa wal jaallachuu, rahmata waliif gochuu fi garaa waliif laafuu isaanii keessatti akka qaama tokkooti, humni tokko isa irraa yoo dhibame qaamni guutuun hirriiba dhabuu fi leydaa'uudhaan isaan waliin dhibama".

«مَثَلُ الْمُؤْمِنِينَ فِي تَوَادِّهِمْ وَتَرَاحُمِهِمْ وَتَعَاطُفِهِمْ مَثَلُ الْجَسَدِ، إِذَا اشْتَكَى مِنْهُ عُضْوٌ تَدَاعَى لَهُ سَائِرُ الْجَسَدِ بِالسَّهَرِ وَالْحُمَّى».

Bukhaarii fi muslim irratti waliigalan
Sahiiha
Ibsa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- kheyrii waliif jaallachuu, wal gargaaruu ,waliif tumsuu fi rakkina isaan irra gayuuf rakkachuu irraa ta'ee haalli Muslimoonni waliif qaban akka qaama tokkoo ta'uun dirqama ta'uu akka qabu ibsan, yeroo humna tokko irraa dhukkubsatee qaamni guutuun hirriiba dhabuu fi leydamuudhaan isa waliin dhukkubsata.

Hiika jechchootaa

...:

bu'aa Ḥadiiśichaa irraa

Haqa muslimootaa kabajuun akka barbaachisuudha, akkasumas wal gargaaruu fi gariin isaanii gariif garaa laafuu irratti isaan kakaasuudha.

Warra iimaanaa giddutti wal jaallachuu fi waliif tumsuun jiraachuudha qaba.

Wabiiwwan ykn bu'urawwan

Sahiiha Bukhaarii (8/ 10) (6011).

Sahiiha Muslim (4/ 1999) (2586).

Dabalata (9)

نزهة المتقين شرح رياض الصالحين.

مجموعة من الباحثين (1/ 246).

بهجة الناظرين شرح رياض الصالحين.

لسليم الهلالي (1/ 317).

كنوز رياض الصالحين.

مجموعة من الباحثين (4/ 405).

تطريز رياض الصالحين.

لفيصل آل مبارك (ص173).

المعجم الوسيط (1/ 492).