“Guyyaa Jum’aa, osoo imaamni gorsuu hiriyyaa keetiin callisi (dhageeffadhu) yoo jette, ati dhugumatti taphattee jirta (sadarkaa salaata jum'aa dhabdeerta)".
Abbaa Hureyraa irraa akka gabaafametti -Rabbiin irraa haa jaaمlatu- Ergamaan Rabbii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkana jedhan:
“Guyyaa Jum’aa, osoo imaamni gorsuu hiriyyaa keetiin callisi (dhageeffadhu) yoo jette, ati dhugumatti taphattee jirta (sadarkaa salaata jum'aa dhabdeerta)".
«إذا قُلْتَ لِصَاحِبِكَ: أَنْصِتْ، يومَ الجمعةِ، والْإِمامُ يَخْطُبُ، فَقَدْ لَغَوْتَ».
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- naamusaalee nama gorsa jum'aa dhufe irratti dirqama ta'an keessaa tokko gorsa kennamu dhaggeeffachuu akka ta'e ibsan; gorsa kennamu akka xiinxaluuf jecha, akkasumas osoo imaamni gorsuu namni dubbatee -waan xiqqoo illee osoo ta'ee- nama birootiin akkana jedhee: “Cal’isi” “dhaggeeffadhu” sadarkaan salaata jum'aa akka isa darbuus ibsaniiru.
أَنْصِتْ: اسكت عن الكلام.
لَغَوْتَ: لغا أتى بقول ساقط، ليس فيه فائدة.
Osoo khuxbaa dhagahanii dubbachuun haraama ta'uudha, osoo badii irraa dhoorguu ykn salaamtaa deebisuu fi haxxiffataa gammachiisuun osoo ta'ellee.
Dhoorgaa kana irraa kan hafu nama imaama dubbisu yokaan imaamni isa dubbisu qofa.
Yeroo barbaachisaa ta’etti khuxbaa lamaan gidduutti dubbachuun ni danda’ama.
Nabiyyiin, -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- osoo imaamni gorsaa jiruu yoo maqaan isaanii dubbatame, sagalee gad qabatteeti salaata irratti buusta, akkasuma du'aa'in yeroo godhamu aamiin jechuunis sagalee gad qabachuun ta'a.
Sahiiha Bukhaarii (2/ 13) (934).
Sahiiha Muslim (2/ 583) (851).
Dabalata (10)
تيسير العلام شرح عمدة الأحكام.
للبسام (ص244).
تنبيه الأفهام.
للعثيمين (2/ 307).
الإلمام بشرح عمدة الأحكام.
لإسماعيل الأنصاري (1/ 195).
فتح الباري.
لابن حجر (2/ 409).
تاج العروس من جواهر القاموس.
لمحمّد الحسيني الزَّبيدي (39/ 463).