"Toltuun hunduu sadaqaadha".
Jaabir ilma Abdullaahii irraa odeeffamee -Rabbiin isaan irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhani:
"Toltuun hunduu sadaqaadha".
«كُلُّ مَعْرُوفٍ صَدَقَةٌ».
Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- hundi toltuu fi jechaan yookaan gochaan namoota biroo fayyaduun sadaqaa akka ta'e himani, akkasumas mindaan isa keessa akka jiru himan.
معروف : المعروف اسم جامع لكل ما فيه نفع للآخرين من قول أو فعل.
Sadaqaan qabeenya irraa waan ilmi namaa baasu qofaaan hin daangeffamtu, hunda toltuu ilmi namaa hojjatuu yookaan dubbatee namoota biroof qaqqabsiisuu walitti qabatti.
Toltuu fi hunda waan isa keessa namoota biroof faayidaan jiruu keessatti tattaaffachuutti kakaasuutu isa keessa jira.
Osoma waan xiqqoo ta'ellee toltuu irraa homaa tuffachuu dhabuudha.
Sahiiha Bukhaarii (8/ 11) (6021).
Sahiiha Muslim (2/ 697) (1005).
Dabalata (4)
منحة العلام في شرح بلوغ المرام.
لعبد الله الفوزان (10/ 117).
توضيح الأحكام من بلوغ المرام.
للبسام (7/ 341).